Turullee Dhugatu Mo'ata
11.6K subscribers
537 photos
141 videos
118 files
432 links
Sobni miseensa guddaa qabaatuun yeroo dheerefatun ni malaa, garuu dhugaa hinjifatuu ammoo gonkumaa hin danda'u.
Download Telegram
#Worroonni #dhagna #qabsiifatan (#kittaanatan) #hundaa (worra Kiristaanaa jechu) #Yesuus #isaan #hin #fayyaduu jedhe #Phaawuloos

Yaa salphinna worrota nuti Kiristaanaa ufiin jedhaa, dubbii Phaawuloos dhugoomsaa ammoo dhagna qabsiifate

Worroonni Amantii Kiristaana hordofaa ammoo dhagna qabatan (kittaanatan) #Kiristoos #isaan #hin #fayyaduu isaan worra #hoongootii jedhaa jiraa #Phaawuloos maaltu isaanii #furmaata duuba⁉️

Dubbiin Phaawuloos kijibaa hin fudhannuu jedhanii bira kutanii Yesuus nu fayyada jedhu moo Yesuus nun fayyaduu duraa osoma beeknu hordofna jechuu hedu laata⁉️

Ka dura dhagna hin qabsiifanelle tarii carraa ni qabaa worroonni cinaan dubbii Phaawuloos dhugoomsaa ufii dhagna qabsiifatanii jiran furmaanummaan isaanii maal ta'a laata⁉️

Ragaa worrota barbaaddan kunoo dubbisaa 👇

Galaatiyaa 5:2
❝Ani #Phaawulos, #isin #dhagna yoo of #qabsiiftan #Kristos homaa waa'ee akka isiniif hin baafne isinitti nan hima.❞
እነሆ፥ እኔ #ጳውሎስ እላችኋለሁ። #ብትገረዙ #ክርስቶስ #ምንም #አይጠቅማችሁም
Behold, I Paul say unto you, that if ye be circumcised, Christ shall profit you nothing.

Gama tokkoon ammas Phaawuloos seera Waaqaallee waan faallessu dubbataa beektuu 👇

Seera Uumamaa 17:14
❝Dhiirri tokko illee #dhagna #kan #hin #qabamin, inni gogaa isa foon isaa haguuge dhagna hin qabatin, #kakuu #koo #waan #cabseef #saba #isaa #keessaa baafamee jireenyi isaa in #balleeffama" jedhe.❞
፤ የቍልፈቱን ሥጋ #ያልተገረዘ ቈላፍ #ሰው #ሁሉ፥ ያች ነፍስ ከወገንዋ ተለይታ #ትጥፋ፤ ቃል ኪዳኔን አፍርሳለችና።

Namni Islaamummaa bareedduu hin hordofne xurreen inni irra deemu hunduu tama dukkanaati.

Jallataa hunda Rabbiin haa qajeelchu.

♻️♻️♻️♻️By:XR ♻️♻️♻️
Worronni baruumsa Amantii Islaamaa fi Kiristaanaa wol bira qabuun baratu barbaaddan garee Chaanaala asii gadii tuqaa seenaa 👇

@Xaalibu6504
*Namni #Islaamummaa Amantii #Rabbii, Amantii #Haqaa, Amantii #Qajeelaa fi #Uumaa #Rabbiin irratti nama #uume hordofuu danda'u hoo eennu beektuu?*

Kutaa dabarsine keessatti, Amantii adduniyaa kana irratti argaman keessa Amantiin, Amantii Rabbii ta'uu, Amantii Haqaa, Amantii Qajeelaa fi Uumaa Rabbiin irratti nama uume ta'uu irratti ragaa qabu #Islaamumma #qofa ta'u isii ragaan laalle dabarsinee turre. Amantii bareedaa bareedumti isaa karaa hundaan *#ragaa #qabatamaan #mirkanaahe* (ragaa qabatamaan mirkanaahe ka jedhu xiyyeefanno itti kennaa) kun #eennutu #hordofuu #danda'aa hoo beektuu? Ilma nama hunda moo namoota carraa kana badhaafamantu jiru laata?

Mee ragaawwan asii gadii kana qalbiidhaan dubbisaa 👇

🍇🍇🍇🍇🍇🍇🍇
1ffaa- Namni Islaamummaa Amantii Rabbii, Amantii Haqaa, Amantii Qajeelaa fi Uumaa Rabbiin irratti nama uume hordofuu danda'u #nama #Rabbiin #qoma isaa diin Islaamaatiif #badhise

Suuraa Az-Zumar 39:22 👇
أَفَمَن شَرَحَ ٱللَّهُ صَدۡرَهُۥ لِلۡإِسۡلَٰمِ فَهُوَ عَلَىٰ نُورٖ مِّن رَّبِّهِۦۚ فَوَيۡلٞ لِّلۡقَٰسِيَةِ قُلُوبُهُم مِّن ذِكۡرِ ٱللَّهِۚ أُوْلَٰٓئِكَ فِي ضَلَٰلٖ مُّبِينٍ

Sila namni Rabbiin #qoma #isaa #Islaamaaf #bal’isee, beekumsa Gooftaa isaa irraa ta’erra jiru (akka nama Islaama’uu dideetii)? Yaa badii namoota onneen isaanii zikrii Rabbii irraa gogdee! Isaan sun jallina ifa ta’e keessa jiru
39:22 - አላህ #ደረቱን #ለእስልምና #ያስፋለትና እርሱም ከጌታው ዘንድ በብርሃን ላይ የኾነ ሰው (ልቡ እንደ ደረቀ ሰው ነውን?) ልቦቻቸውም ከአላህ መወሳት ለደረቁ ሰዎች ወዮላቸው፡፡ እነዚያ በግልጽ መሳሳት ውስጥ ናቸው፡፡
🍇🍇🍇🍇🍇🍇🍇
2ffaa- Namni Islaamummaa Amantii Rabbii, Amantii Haqaa, Amantii Qajeelaa fi Uumaa Rabbiin irratti nama uume hordofuu danda'u #nama #Rabbiin #isa #qajeelchu #fedhee #qoma isaa diin Islaamummatiif isa #badhise

Suuraa An’aam 6:125 👇
فَمَن يُرِدِ ٱللَّهُ أَن يَهۡدِيَهُۥ يَشۡرَحۡ صَدۡرَهُۥ لِلۡإِسۡلَٰمِۖ وَمَن يُرِدۡ أَن يُضِلَّهُۥ يَجۡعَلۡ صَدۡرَهُۥ ضَيِّقًا حَرَجٗا كَأَنَّمَا يَصَّعَّدُ فِي ٱلسَّمَآءِۚ كَذَٰلِكَ يَجۡعَلُ ٱللَّهُ ٱلرِّجۡسَ عَلَى ٱلَّذِينَ لَا يُؤۡمِنُونَ
Namni #Rabbiin #isa #qajeelchuu #fedhe, #qoma Isaa #Islaamaaf #bal’isa Nama isa jallisuu fedhe immoo qoma isaa akkaan dhiphaa, akka nama samii keessa ol ba’uu taasisa Akka kanatti Rabbiin adabbii warra hin amanne irratti godha.
6:125 - አላህም ሊመራው የሚሻውን ሰው #ደረቱን (#ልቡን) #ለኢስላም #ይከፍትለታል፡፡ ሊያጠመውም የሚሻውን ሰው ደረቱን ጠባብ ቸጋራ ወደ ሰማይ ለመውጣት አንደሚታገል ያደርገዋል፡፡ እንደዚሁ አላህ በእነዚያ በማያምኑት ላይ ርክሰትን ያደርጋል፡፡
🍇🍇🍇🍇🍇🍇🍇
Islaamummaan Amantii Rabbii, Amantii Haqaa, Amantii Qajeelaa fi Uumaa Rabbiin irratti nama uume kun, carraa ilmi namni hundi argatu osoo hin taane, #hiree #Rabbiin abbaa ufii #fedhee fi #jaalatee yoo qajeelluma isaa fedhee qoma isaa diin islaamummaf badhise qofti argatu ta'u hubanna.

Rabbiin qoma teenna diin bareedaa diin haqaa diin Islaamaatii nuuf badhisee kara qajeelaa san irratti nu haa jiraachisu.

Jallataa hunda Rabbiin haa qajeelchu.

♻️♻️♻️♻️By:XR ♻️♻️♻️
Worronni baruumsa Amantii Islaamaa fi Kiristaanaa wol bira qabuun baratu barbaaddan garee Chaanaala asii gadii tuqaa seenaa 👇

https://t.me/Xaalibu6504
Kutaa 8ffaa

Waaqni ati waaqeffattu (gabbartu) Waaqa qaba moo hin qabu?

Waaqni Gooftaa yookaa Waaqaa isaa olii ni qabaata jettee yaadda?
Waaqni mootii waa hundaa ta’e Waaqaa isaa olii yooka Gooftaa isaa olii qaba osoo siin jedhanii sammuun kee si fudhataa?

Yesuus Waaqa qabaatuu ammoo namni shakku jiraa?
Yesuus gaafa dachii tana gubbaa turee fi gaafa gara samiitti ol bahellee akka Waaqa (Rabbiin) qabu fi Waaqni ammoo akka Waaqaa (Rabbiin) hin qabne beektuu?
Mee gaafiiwwaan asii olitti argamaniif deebii quubsaa argachuuf ragaawwan asii gadii haa ilaalluu:-

1- Yohannis 20:17👇🏻
" Yesus immoo, "Ana hin qabin! Ani amma iyyuu gara abbaatti ol hin baane; gara obboloota koo dhaqii, 'Ani gara #abbaa #kootii fi #abbaa #keessaniitti, gara #Waaqayyo #kootii fi #Waaqayyo #keessanitti ol nan ba'a' jedhii isaanitti anaaf himi!" jedhee ishee abboome."
የዮሐንስ ወንጌል 20:17 ኢየሱስም። ገና ወደ አባቴ አላረግሁምና አትንኪኝ፤ ነገር ግን ወደ ወንድሞቼ ሄደሽ። እኔ ወደ #አባቴና ወደ #አባታችሁ ወደ #አምላኬና ወደ #አምላካችሁ ዓርጋለሁ ብለሽ ንገሪአቸው አላት።

2- Maarqoos 12:29 👇🏻
" Yesus deebisee, "Inni hundumaa irra caalu, 'Dhaga'i, yaa Israa'el! Gooftichi #Waaqayyo #keenya #kophaa #isaa #gooftaa dha. "
የማርቆስ ወንጌል 12:29 ኢየሱስም መልሶ እንዲህ አለው። ከትእዛዛቱ ሁሉ ፊተኛይቱ። እስራኤል ሆይ፥ ስማ፤ #ጌታአምላካችን #አንድጌታ ነው፥

3- Maatewos 27:46 👇🏻
" Gara sa'aatii salgaffaatti #Yesus sagalee guddaadhaan, "#Elii, #Elii lamaa sabaktanii?" jedhee waammate; kunis, "#Waaqayyoko, #Waaqayyoko maaliif na dhiifte?" jechuutti in hiikama. "
27:46 በዘጠኝ ሰዓትም ኢየሱስ። #ኤሎሄ #ኤሎሄ ላማ ሰበቅታኒ? ብሎ በታላቅ ድምፅ ጮኸ። ይህም። #አምላኬ #አምላኬ፥ ስለ ምን ተውኸኝ? ማለት ነው።

Qabxiiwwan ijoon Yohannis 20:17, Maarqoos 12:29 fi Maatewos 27:46 irraa nuti hubannu:-

1ffaa- Yesuus Waaqayyoo kootii fi Waaqayyoo keessanii Yeroo jedhu ifatti akka Waaqa akkuma namuu qabu innillee qabaachuu mudhisa, keessattuu ‘kootii’ (Waaqayyoo kootii) jecha jettuun adda baasee addeesse. Kanaafuu Yesuus Waaqa qabaatuu fi Waaqni akka Waaqa hin qabne namni sammuun nagahaa kamuu ifatti beekaa jechu.

2ffaa- Keessattuu ragaan Maarqoos 12:29 akka ibsutti, Yesuus afaan isaatiin Waaqayyo keenya kophaa isaa goofta jedhee qabxii 2 ijoo ilma namaatii hime. Ta duraa Waaqayyoo keenya Yeroo jedhu, Waaqni uumaa birootii Waaqaa isaafis akka Waaqa ta’eef kan lammaffaa immoo Waaqni Yesuusiinille dabalate uumaa hundaa Waaqaa akka kophama isaatti (kan Yesuusille isa wojji gooftaa hin taane) goofta akka ta’e ifatti muldhisa jechu.

3ffaa- Yesuus gaafa Yahuudunni isa ajjeesuuf jettu akka Waaqni isaa birmatuuf Waaqayyoo koo jedhaa akka Waaqa isaa tumsuu danda’utti iyyata turee fi Waaqa Waaqefatuu fi gaafa rakkoo tumsa irra barbaadu qabaatuu ifatti mirkaneessa jechuuudha


Eega gara samiitti ol bahee booda hoo Yesuus Waaqa qaba moo hin qabu laata? Mee ragaawwan armaan gadii haa ilaallu:-

4️⃣ Mul’ata Yohannis 3:2
" Ka'i, dammaqaas ta'i! Wanta hafee du'uuf jedhus jabeessi! Ani fuula #Waaqayyo #koo duratti hojiin kee fiixaan ba'uu isaa hin argine. "
የዮሐንስ ራእይ 3:2 ሥራህን #በአምላኬ ፊት ፍጹም ሆኖ አላገኘሁትምና የነቃህ ሁን፥ ሊሞቱም ያላቸውን የቀሩትን ነገሮች አጽና።
🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀
5️⃣ ↪️ Mul’ata Yohannis 3:12👇🏻
" Isa mo'u sana mana qulqullummaa #Waaqayyo #koo keessatti utubaa nan godha; isa keessaas matumaa hin baafamu. Maqaa #Waaqayyo #kootii, maqaa mandara #Waaqayyo #kootii, Yerusaalem ishee haaraa ishee Waagayyo koo biraa waaqa keessaa gad buutu, maqaa koo isa haaraas utubaa kana irratti nan caafa."
የዮሐንስ ራእይ 3:12 ድል የነሣው #በአምላኬ መቅደስ ዓምድ እንዲሆን አደርገዋለሁ፥ ወደ ፊትም ከዚያ ከቶ አይወጣም፤ #የአምላኬን ስምና የአምላኬን ከተማ ስም፥ ማለት ከሰማይ ከአምላኬ ዘንድ የምትወርደውን አዲሲቱን ኢየሩሳሌምን፥ አዲሱንም ስሜን በእርሱ ላይ እጽፋለሁ።

Qabxiin ijoon Mul’ata Yohannis 3:2 fi 3:12 irraa hubannu, Yesuus erga gara samiitti Rabbiin ol isa fuudhee boodalle akka mul’ata kanaatti (mul’ata Yohannis jechuudhaa) akka Waaqa qabuu ifatti nama hubachiisa. Mul’anni Yohannis seenaan inni dubbatu waan eega Yesuus gara samiitti ol bahe ta’uun beekamaadha waan ta’eef.

Jallataa hunda Rabbiin haa qajeelchu.
♻️♻️♻️♻️By:XR ♻️♻️♻️
Worronni baruumsa Amantii Islaamaa fi Kiristaanaa wol bira qabuun baratu barbaaddan garee Chaanaala asii gadii tuqaa seenaa 👇
https://t.me/Xaalibu6504
#Turullee #dhugatuu #irra #aana

🥦🥦🥦🥦🥦🥦
#Kutaa #11ffaa
🥦🥦🥦🥦🥦🥦

#Hojii #manaa
👇👇👇

Ragaa Wangeela Maarqos 12: 29 dubbisuun, gaafii itti aanee dhufuuf, deebii sirrii ta'e filadhuu deebisi.
🍇🍇🍇🍇🍇🍇

Maarqos 12: 29
" #Yesus deebisee, "Inni hundumaa #irra #caalu, 'Dhaga'i, yaa Israa'el! Gooftichi #Waaqayyo #keenya #kophaa #isaa #gooftaa dha. "

Gafii 👇👇👇
Akka ragaa Wangeela #Maarqos #12:29 keessatti dubbatametti, hima kamtuu barsiisaa Yesuus?
A. Inni hundumaa irra caalu Anaan Gooftaa jechuu keessan jedhe.
B. Inni hundumaa irra caalu Waaqayyo Gooftaa keessan jedhe.
C. Inni hundumaa irra caalu Waaqayyo Anaan wojji Gooftaa keessan jedhe.
D. Deebiin hin jiru.

🥦🥦🥦🥦🥦🥦

Worroonni Amantii Kiristaanaa nuuf deebisaa.

hawaasni keenna ammoo worroota Amantii Islaamummaatiin ala jiran biraan gahaa haqa jiru hubachiisaa.

Qabxiiwwan ijoon nuti ragaa Wangeela #Maarqos #12:29 irraa argannu;

1ffaa- Wonti barsiisaa Yesuus barsiisaa ture keessatti hundumaa irra caalaa ilmi nama beekuu qabu, wa'ee Waaqaa irratti akka ture. Sunis:

I. #Waaqni uumaa hundaa, #Waaqa #Yesuusille ta'uu isaa. (#Waaqayyo #Keenya Yeroo Yesuus jedhu).

II. #Waaqni #Waaqa #qabaa jechuun sammuu fayyaa qabdu biratti akkuma #kijibaa, Yesuus ani Waaqa qaba osoo jedhu, dubbii #Yesuus faallessanii #innuu #Waaqaa jechuun dubbii #ololaa akka ta'e ifa taasisa.

III. Ammas Gooftummaan waaqaa, akka afooshaa fi woldaa yookaa sheerii kaampaaniitti kan gamtaan ijaaramte osoo hin taane, Waaqni Gooftaa uumama hundaa #kophama #isaatti #Gooftaa akka ta'e.

IV. Wolumaa galatti, Yesuus Gooftaa jedhamee eddoo gara garaatti (Macaafa Qulqulluu jedhumu keessatti jechuudha) argamuun, Waaqumma Yesuus ibsuuf akka hin taane ifa taasisa jechuudha.

Jallataa hunda Rabbiin haa qajeelchu.
♻️♻️♻️♻️By:XR ♻️♻️♻️
Baruumsa fakkata kanaa, ka asiin dura #kennamaa #turanii fi kana boodas #kennaman argachuu yoo barbaaddan, linkii asii gadii tuquun, garee Telegiraamaa seenaa nu hordofaa 👇

https://t.me/Xaalibu6504
#Turullee #dhugatuu #irra #aana

🥦🥦🥦🥦🥦🥦
#Kutaa #13ffaa
🥦🥦🥦🥦🥦🥦

#Hojii #manaa
👇👇👇

Ragaa #Ibroota #5:7 dubbisuun, gaafii itti aanee dhufuuf, deebii sirrii ta'e filadhuu deebisi.
🍇🍇🍇🍇🍇🍇

#Ibroota #5:7
#Yesus biyya lafaa kana irra yeroo jiraachaa turetti, sagalee guddaadhaan #imimmaaniin, #kadhataa fi #waammata gara isa #du'a isa #oolchuu #danda'uutti dhi'eesse; sababii inni ulfina Waaqayyoof gad of deebisee, isatti of kennateefis, #kadhanni #isaa #in #dhaga'ameef.”


Gafii 👇👇👇
Akka ragaa #Ibroota #5:7 keessatti dubbatametti, hima kamtuu wa'ee Yesuus biyya lafaa kana irra yeroo jiraachaa turetti sirriidha?
A. Namoonni itti booyanii akka du'a isaan oolchuuf kadhataa turan.
B. Namoonni imimmaaniin akka isaan fayyisuuf kadhataa fi waammata gara isaa dhiheessa turani.
C. Sababa Yesuus Waaqa ta'eef, kadhanna namoonni isa kadhatan isaanii dhaga'ameef.
D. Deebiin hin jiru

🥦🥦🥦🥦🥦🥦

Worroonni Amantii Kiristaanaa nuuf deebisaa.

hawaasni keenna ammoo worroota Amantii Islaamummaatiin ala jiran biraan gahaa haqa jiru hubachiisaa.

Qabxiiwwan ijoon nuti ragaa #Ibroota #5:7 irraa argannu;

#I- Yesus biyya lafaa kana irra yeroo jiraachaa turetti:

1ffaa- Rakkoo isa mudatte keessaa bahuuf (akka Yahuudonni isa hin ajjeefneef) jecha, sagalee #guddaadhaa fi #imimmaaniin, Waaqa #kadhataa fi #waammata turuu isaa.

2ffaa- Yesuus dandeetti isaatiin #lubbuu isaa #du'a #irraa oolchuu yookaa hambisuu akka hin #dandeennee hubatee boohuu isaa (ilma namaa biroo aangoo isaatiin fayyisuu yookaa rakkoo wohii irraa baraaruu mitii).

3ffaa- Yesuus boohaa (imimmaaniin) Waaqa kadhatuun isaa, aangoo Waaqummas ta'ee humna rakkoo ittiin furatu #tokkoo #akka #hin #qabne (waan Rabbiin isaa fedhe yoo taate malee) ifatti mirkaneessuu isaa.

4ffaa- Garuu, kan #du'a isa #oolchuu #danda'u yookaa cinqaa keessaa isa baasuu danda'u #Waaqa #qofa ta'uu beekuu isaa. (Kanaafuu, Waaqa waan hundaa irratti dandeettii qabu, ka uumaan hundi isatti hajamu san, innis kadhaa fi waamata dhi'eessuun dandeettiin hunduu ka #Rabbii #qofa ta'uu mirkaneesse jechu).

5ffaa- #Yesuus waan #gabricha Rabbii ta'eef, akka namni hin beeknes hubatuuf gochaan gabricha Rabbii ta'uu mudhisuu isaa. (#Waaqayyoof #gad #of #deebisee akkasuma #isatti #of #kennee yeroo jedhu).

6ffaa- Sababii Yesuus ulfina Waaqayyoof gad of deebisee, isatti of kennateef, bu'aan Yesuus argate, #kadhanni #isaa #isaa #dhaga'amu yookaa awwaatamuu akka ture (#du'a #irraa Rabbiin isa #hambisuu yookaa oolchuu isaa) fi #Yesuus du'ee #du'aa ka'e yaadni jedhu #olola ta'uu isaa mirkaneessaa jechuudha.

Jallataa hunda Rabbiin haa qajeelchu.
♻️♻️♻️♻️By:XR ♻️♻️♻️
Baruumsa fakkata kanaa, ka asiin dura #kennamaa #turanii fi kana boodas #kennaman argachuu yoo barbaaddan, linkii asii gadii tuquun, garee Telegiraamaa seenaa nu hordofaa 👇

https://t.me/Xaalibu6504
#Turullee #dhugatuu #irra #aana

🥦🥦🥦🥦🥦🥦
#Kutaa #15ffaa
🥦🥦🥦🥦🥦🥦

#Hojii #manaa
👇👇👇

Ragaa #Hojii #Ergamootaa #10:38 dubbisuun, gaafii itti aanee dhufuuf, deebii sirrii ta'e filadhuu deebisi.
🍇🍇🍇🍇🍇🍇

#Hojii #Ergamootaa #10:38
" Waaqayyo, #Yesus #nama #Naazireet kana #hafuura #qulqulluudhaan #dibee humnaan akka isa guute, inni naanna'ee hojii gaarii akka hojjete, Seexanaan kan cunqurfaman akka fayyise, #Waaqayyo #isaa #wajjin #akka #tures beekamaa dha."

Gafii 👇👇👇
Akka ragaa #Hojii #Ergamootaa #10:38 keessatti dubbatametti, hima kamtuu sirriidha?
A. Yesus waan Waaqa ta'eef, hafuura qulqulluudhaan ufi dibee.
B. Yesuus waan Waaqa ta'eef, humna guuttachuu nan barbaachisu jedhe.
C. Yeroo Yesuus naanna'ee hojii gaarii hojjataa turee fi Seexanaan kan cunqurfaman fayyisu, Waaqayyo isaan wajjin hin turre.
D. Deebiin hin jiru.

🥦🥦🥦🥦🥦🥦

Worroonni Amantii Kiristaanaa nuuf deebisaa.

hawaasni keenna ammoo worroota Amantii Islaamummaatiin ala jiran biraan gahaa haqa jiru hubachiisaa.

Qabxiiwwan ijoon nuti ragaa #Hojii #Ergamootaa #10:38 irraa argannu:

1ffaa- #Yesus #nama Naazireet akka ture (Yesuus Waaqa jechuun olola dharaa akka ta'e) hubanna.

2ffaa- Yesuus #kophaa #isaatti dandeetti yookaa humna waan #hin #qabneef, Waaqayyo hafuura qulqulluudhaan dibee #humnaan #akka #isa #guute .

3ffaa- #Waaqni, #Yesuus fi #Hafuurri #qulqulluun waan #gara #garaa akka ta'anii fi sadiin Waaqaa tokko jechuun #haasawa #ololaa akka ta'e. (Waaqni ka kajeelamu yookaa tumsaa, Yesuus ka fudhatu yookaa qarqaarsa barbaadaa, Hafuurri qulqulluun ammoo uumama ajaja Waaqaa raawwatu) ta'uu mirkaneeffanna.

4ffaa- #Yesuus hojii gaarii yeroo hojjataa turee fi worroota seexanaan cunqurfaman fayyisaa turetti, #Waaqni #isa #qarqaaraa akka ture hubanna (#Waaqayyo #isaan #wajjin akka tures beekamaadha yeroo jedhu).

Jallataa hunda Rabbiin haa qajeelchu.
♻️♻️♻️♻️By:XR ♻️♻️♻️
Baruumsa fakkata kanaa, ka asiin dura #kennamaa #turanii fi kana boodas #kennaman argachuu yoo barbaaddan, linkii asii gadii tuquun, garee Telegiraamaa seenaa nu hordofaa 👇

https://t.me/Xaalibu6504
#Turullee #dhugatuu #irra #aana

🥦🥦🥦🥦🥦🥦
#Kutaa #17ffaa
🥦🥦🥦🥦🥦🥦

#Hojii #manaa
👇👇👇

Ragaa #Hojii #Ergamootaa #2:22 dubbisuun, gaafii itti aanee dhufuuf, deebii sirrii ta'e filadhuu deebisi.
🍇🍇🍇🍇🍇🍇

#Hojii #Ergamootaa #2:22

“"Isin yaa warra Israa'el, dubbii kana dhaggeeffadhaa, #Waaqayyo #harka #Yesus nama Naazireet kanaan, hojii #aangoo #isaa, #dinqiidhaa fi #milikkita garaa garaa kan isin beektan, isin gidduutti hojjechuu isaatiin #fudhatamaa #isa #godhe.”

Gafii 👇👇👇
Akka ragaa #Hojii #Ergamootaa #2:22 keessatti dubbatametti, hima kamtuu sirriidha?
A. Isin yaa warra Adunyaa dubbii kana dhaggeeffadhaa jechuun, waan raawwatame boqqnnaan kun ilma namaa hundaa ifa taasise.
B. Yesuus harka isaatiin yookaa dandeetti isaatiin hojii aangoo isaa, dinqiidhaa fi milikkita garaa garaa hojjate.
C. Yesuus hojii dandeetti yookaa aangoo isaa mudhisu hojjechuu isaatiin fudhatamaa argate.
D. Deebiin hin jiru.

🥦🥦🥦🥦🥦

Worroonni Amantii Kiristaanaa nuuf deebisaa.

hawaasni keenna ammoo worroota Amantii Islaamummaatiin ala jiran biraan gahaa haqa jiru hubachiisaa.

Qabxiiwwan ijoon nuti ragaa #Hojii #Ergamootaa #2:22 irraa argannu:

1ffaa- Isin yaa warra Israa'el, dubbii kana dhaggeeffadhaa wonti jedhameef, #Yesuus #ummata #Israa'el #qofaaf #ergamuu ifa baasuudhaaf.

2ffaa- #Waaqayyo #harka #Yesus nama Naazireet kanaan yeroo jedhu, hojiin hojjatame hundi kan #aangoo #Waaqaa #qofaan kallattii Yesuusiin hojjatame ta'uu argisiisuuf akka ta'e.

3ffaa- #Dinqiidhaa fi #milikkitni garaa garaa kan Yesuus hojjataa ture ka aangoo yookaa dandeetti Yesuusiin hojjatame #akka #hin #taane.

4ffaa- #Dinqiidhaa fi #milikkitni garaa garaa kan Worroonni Israa'el arguudhaan hubatan, isaan gidduutti hojjatamuu isaatiin, #Yesuus #fudhatamaa #argate. Maal irratti fudhatama argate yoo jedhame? #Ergamaa, #Nabiyyii fi #gabricha Rabbii kan shakkii hin qabne ta'uu irratti.

Jallataa hunda Rabbiin haa qajeelchu.
♻️♻️♻️♻️By:XR ♻️♻️♻️
Gaafii fi yaada baruumsa kana irratti qabdan kamuu, eddoo #'leave a comment' jedhu tuquun bareessuu hin dagatinaa.
Namoonni miseensa asiin dura hin ta'in, baruumsa fakkata kanaa, ka asiin dura #kennamaa #turanii fi kana boodas #kennaman argachuu yoo barbaaddan, linkii asii gadii tuquun, garee Telegiraamaa seenaa nu hordofaa 👇

https://t.me/Xaalibu6504
#Turullee #dhugatuu #irra #aana

🥦🥦🥦🥦🥦🥦
#Kutaa #26ffaa
🥦🥦🥦🥦🥦🥦

#Hojii #manaa
👇👇👇

Ragaa #Luqaas 1:31-32 dubbisuun, gaafii itti aanee dhufuuf, deebii sirrii ta'e filadhuu deebisi.
🍇🍇🍇🍇🍇🍇

#Luqaas 1:31-32
Kunoo, in ulfoofta #ilmas in deessa, maqaa isaa immoo Yesus jedhii moggaasi. #Inni #guddaa #in #ta'a ilma aabbaas jedhamee in waamama, #Waaqayyo gooftaanis teessoo abaabilii isaa Daawit in kennaaf.
እነሆም፥ ትፀንሻለሽ #ወንድ #ልጅም ትወልጃለሽ፥ ስሙንም ኢየሱስ ትዪዋለሽ።
እርሱ ታላቅ ይሆናል #የልዑል #ልጅም ይባላል፥ #ጌታ #አምላክም #የአባቱን #የዳዊትን ዙፋን ይሰጠዋል፤
And, behold, thou shalt conceive in thy womb, and bring forth a son, and shalt call his name JESUS.
#He #shall #be #great, and shall be called the Son of the Highest: and the Lord God shall give unto him the throne of his father David:

Gafii 👇👇👇
Akka ragaa #Luqaas 1:31-32 keessatti dubbatametti, hima kamtuu sirriidha?

A. Maariyaam ulfooftee Waaqa maqaan isaa Yesuus jedhamu akka deettu itti himamee ture.
B. Maariyaam ulfooftee ilma Waaqa maqaan isaa Yesuus jedhamu akka deettu itti himamee ture.
C. Ilmi Maariyaam (Mariyam) ulfooftee deessu, ka osoo hin dhalatin dura guddaa ta'e akka ture himameefi.
D. Waaqni teessoo Waaqumma osoo hin taane, ka abaabilii isaa (ka Nabiyummaa) Daawit akka kennuuf itti himame.

🥦🥦🥦🥦🥦🥦

Worroonni Amantii Kiristaanaa mee waan sammuu keessaa qabdanii fi raga kana wol bira qabaa laalaa.

hawaasni keenna ammoo, worroota Amantii Islaamummaatiin ala jiran, ka dhugaa kitaabuma isaanii keessatti argamtu hubatuu dadhaban, ragaawwan asii olii kana biraan gahaa, haqa jiru hubachiisaa.

Qabxiiwwan ijoon nuti ragaa #Luqaas 1:31-32 irraa argannu;

1ffaa- Yesuus Waaqumman osoo hin taanee, #nama akka ta'e, Ingilifaan #son, Amaariffaan
#ወንድ #ልጅም, Afaan Oromootiin #ilma jedhamee akka namaa ifa ta'utti ibsamuu isaa.

2ffaa- Yesuus waan osoo hin dhalatin dura Waaqaa turee, akkasumas guddaa ture osoo hin taane, waan osoo hin dhalatin dura, waan hin jirre ta'uun isaa hubatamee, waan #erga #dhalatee #booda #guddatu yookaa #guddaa ta'u akka ta'e (#Inni #guddaa #in #ta'a yeroo jedhu) ifatti mirkaneessa.

3ffaa- Garaa garuummaa kitaabaa Macaafa Qulqulluu jedhumu keessatti jiru isa duraa, Afaan Oromootiin #Ilma #aabbaas #jedhamee, Afaan Amaariffaan ammoo #የልዑል #ልጅም #ይባላል, kan Afaan Ingilifaa yeroo dubbisnu garuu #the #son #of #the #Highest jedha, kun hundi maal dhabamsiisuuf fooyyeffama taasifame yoo jedhame, Yesuus nama dhugaa jettu dhossuu fi Waaqaa yookaa ilma Waaqaati gara jedhu ol guddisuuf (#the #son #of #the #Highest) irraa gara ilma aabbaas jedhameetti jijiiranii jechuudha.

4ffaa- Waaqni #teessoo (#aangoo) Waaqumma osoo hin taane, kan abaabilii isaa, (kan Afaan Amaariffaa irratti #abbaa #isaa), Daawit (jechuun #Nabiyummaa) akka isaa kennu ifatti mudhise.

5ffaa- Garaa garuummaa kitaabaa Macaafa Qulqulluu jedhumu keessatti jiru isa lammaffaa, (Afaan Ingilifaa the throne of #his #father #David), (Afaan Amaariffaan #የአባቱን #የዳዊትን ዙፋን ይሰጠዋል፤), garuu kan Afaan Oromoo yeroo dubbisnu #teessoo #abaabilii #isaa #Daawit in kennaaf jedha. Kun ifatti maal mudhisa yoo jedhame, tooftaa fooyessa kitaabaatiin #dhugaa #awwaaluuf taasifamu (#father- #የአባቱን- irraa gara #abaabiliitti) mirkaneessaa jechuudha.

Jallataa hunda Rabbiin haa qajeelchu.
♻️♻️♻️♻️By:XR ♻️♻️♻️
Gaafii fi yaada baruumsa kana irratti qabdan kamuu, eddoo #'leave a comment' jedhu tuquun bareessuu hin dagatinaa.
Namoonni miseensa asiin dura hin ta'in, baruumsa fakkata kanaa, ka asiin dura #kennamaa #turanii fi kana boodas #kennaman argachuu yoo barbaaddan, linkii asii gadii tuquun, garee Telegiraamaa seenaa nu hordofaa 👇

https://t.me/Xaalibu6504
#Turullee #dhugatuu #irra #aana

🥦🥦🥦🥦🥦🥦
#Kutaa #29ffaa
🥦🥦🥦🥦🥦🥦

#Hojii #manaa
👇👇👇

Ragaa #Maatewos 20:20-23 dubbisuun, gaafii itti aanee dhufuuf, deebii sirrii ta'e filadhuu deebisi.
🍇🍇🍇🍇🍇🍇

#Maatewos 20:20-23
❝Ergasii haati ilmaan Zabdewos ilmaan ishee wajjin, gara Yesus dhuftee, waa kadhachuudhaaf miilla isaatti kufte. Inni immoo, "#Maal #barbaadda?" isheedhaan jedhe. Isheen itti fuftee, "#Ilmaan #koo #kun #lamaan #mootummaa #kee #keessatti #inni #tokko #gara #mirga #kee, #inni #tokko #immoo #gara #bitaa kee akka taa'aniif abboomi!" ittiin jette. #Yesus, garuu #deebisee, "#Waan #kadhattan #hin #beektan! Isin immoo xoofoo dhiphinaa ani keessaa dhuguuf jiru keessaa dhuguu in dandeessuu?" jennaan, isaan immoo, "In dandeenya" jedhaniin. Innis, "Xoofoo koo keessaa illee dhuguuf jirtu #gara #mirga #koo yookiis #gara #bitaa #koo #taa'uu garuu #kennuun #kan #koo #miti; taa'umsi sun warra kanaan dura abbaa kootiin qopheeffameefiif ta'a" isaaniin jedhe.❞
በዚያን ጊዜ የዘብዴዎስ ልጆች እናት ከልጆችዋ ጋር እየሰገደችና አንድ ነገር እየለመነች ወደ እርሱ ቀረበች።
እርሱም። ምን ትፈልጊያለሽ? አላት። እርስዋም። #እነዚህ #ሁለቱ #ልጆቼ #አንዱ #በቀኝህ #አንዱም #በግራህ #በመንግሥትህ #እንዲቀመጡ #እዘዝ #አለችው#ኢየሱስ ግን መልሶ። #የምትለምኑትን #አታውቁም። እኔ ልጠጣው ያለውን ጽዋ ልትጠጡ እኔም የምጠመቀውን ጥምቀት ልትጠመቁ ትችላላችሁን? አለ። እንችላለን አሉት። ኢየሱስ ግን መልሶ። የምትለምኑትን አታውቁም። እኔ ልጠጣው ያለውን ጽዋ ልትጠጡ እኔም የምጠመቀውን ጥምቀት ልትጠመቁ ትችላላችሁን? አለ። እንችላለን አሉት። እርሱም። ጽዋዬንስ ትጠጣላችሁ፤ #በቀኝና #በግራ #መቀመጥ #ግን #ከአባቴ #ዘንድ #ለተዘጋጀላቸው #ነው #እንጂ #እኔ #የምሰጥ #አይደለሁም አላቸው።

Gafii 👇👇👇
Akka ragaa #Maatewos 20:20-23 keessatti dubbatametti, hima kamtuu sirriidha?

A. Haati ilmaan Zabdewos ilmaan ishee wajjin, gara Yesus dhuftee, Ilmaan koo kun lamaan mootummaa kee keessatti inni tokko gara mirga kee, inni tokko immoo gara bitaa kee akka taa'aniif abboomi!" ittiin jette.
B. Yesus, haadha ilmaan Zabdewos deebisee, homa na kadhatuu qabdu na gaafatte jedheen.
C. Yesuus haadha ilmaan Zabdewosiin, mirga koo yookiis gara bitaa koo taa'uu kan kennu anaa jedhe.
D. Yesuus haadha ilmaan Zabdewosiin, mirga koo yookiis gara bitaa koo taa'uu sun warra kanaan dura anaan qophaayee fi worrota akka kee na gaafataniif kenname isiin jedhe.

🥦🥦🥦🥦🥦🥦

Qabxiiwwan ijoon nuti ragaa #Maatewos 20:20-23 irraa argannu;

1ffaa- Dubartiin haati ilmaan Zabdewos jedhamtu, Yesuus #Nabiyyii Rabbii fi #gabricha Rabbii ta'uu hubattee, aakeratti #gaafa #Jannata #seentu ilmaan tiyyalle akka si woliin Jannata naaf seentu naaf taasisii jetteen (Isheen itti fuftee, "#Ilmaan #koo #kun #lamaan #mootummaa #kee #keessatti #inni #tokko #gara #mirga #kee, #inni #tokko #immoo #gara #bitaa kee akka taa'aniif abboomi!" ittiin jette yeroo jedhu).

2ffaa- Yesuus haadha ilmaan Zabdewosii, ta ilmaan tiyya si wojjiin Jannata naaf haa seentuu jettee kadhattee, #Jannata #nama #seensisuun #akka #gahee #isaa #hin #taane #mirkaneessuuf jecha, homa na kadhatuu qabdanuu hin beektanii, kun gahee kiyyaa mitii #kadhaa #dogongora na gaafattee isiin jedheen ("#Waan #kadhattan #hin #beektan! yeroo jedhuun).

3ffaa- Yesuus yeroo haati ilmaan Zabdewos gaafii gaafattu, deebisee akka ani haqa Rabbii irratti jiraadhee haqa irratti du'u hedutti raawwatu dandeettuu? jennaan, ee ni dandeenna jetten (Isin immoo xoofoo dhiphinaa ani keessaa dhuguuf jiru keessaa dhuguu in dandeessuu?" jennaan, isaan immoo, "In dandeenya" jedhaniin yeroo jedhaniin). Kun waan lamaan gurguddaa agarsiisa, atillee haqumaaf jecha rakkattee nullee haqa irratti dhaabbanne rakkannaa fi akkasuma akkuma ati haqa irratti du'uu heddu #nullee #haqa #irratti #ni #duunaa jechuudha. Yesuusille akkuma ani Rabbitti amane yoo amantani akkuma ani rakadhetti rakkatuuf jirtuu jedheen (Innis, "Xoofoo koo keessaa illee dhuguuf jirtu yeroo jedhu).

4ffaa- Yesuus xumura irratti #homa #feetanuu #hojjattan, #Jannata #ka #nama #seensisu #anaa #mitii #Rabbii #tokkicha malee jedhee himeef (#gara #mirga #koo yookiis #gara #bitaa #koo #taa'uu garuu #kennuun #kan #koo #miti; taa'umsi sun warra kanaan dura abbaa kootiin qopheeffameefiif ta'a" isaaniin jedhe.❞ yeroo jedhu).

Jallataa hunda Rabbiin haa qajeelchu.
♻️♻️♻️♻️By:XR ♻️♻️♻️

https://t.me/Xaalibu6504
#Turullee #dhugatuu #irra #aana

🥦🥦🥦🥦🥦🥦
#Kutaa #31ffaa
🥦🥦🥦🥦🥦🥦

#Gilgaala #sammuu #shaakalchiisuu

Ragaawwan boqannaa asii gadii keessaa, hiikkaan sirrii #ilma #Waaqayyo jechuu, #gabricha #Waaqaa ta’uu agarsiisu hima kam?

A. #Maatewos 5:9
" Warri nagaa buusan haa gammadan, #isaan #ijoollee #Waaqayyoo in #jedhamu. የሚያስተራርቁ ብፁዓን ናቸው፥ #የእግዚአብሔር #ልጆች #ይባላሉና። Kanaafuu, ilma namaa keessaa, worroonni nagaha buusan hundi gabroota Waaqaati jechuudha.

B. #Roomaa 8:14
#Warri #hafuura #Waaqayyootiin #geggeeffaman #hundinuu #ilmaan #Waaqayyoo ti.”
#በእግዚአብሔር #መንፈስ #የሚመሩ #ሁሉ እነዚህ #የእግዚአብሔር #ልጆች ናቸውና። ። Kanaafuu, ilma namaa keessaa, Warri hafuura Waaqayyootiin geggeeffaman hundi gabroota Waaqaati jechuudha.

C. #Luqaas 3:38
" ilma Enosh, ilma Sheet, ilma Addaam, #ilma #Waaqayyoo." የመላልኤል ልጅ፥ የቃይናን ልጅ፥ የሄኖስ ልጅ፥ የሴት ልጅ፥ #የአዳም ልጅ፥ #የእግዚአብሔር ልጅ።
( #Addaam ilma #Waaqayyo jechuun, Aadam gabricha Waaqaati jechuudha).

D. #Galaatiyaa 4:4-5
Barri murameef sun yeroo guutetti garuu, Waaqayyo #ilma #isaa erge; innis yeroo ergame dubartii irraa dhalatee, seera jala galfame. Inni warra seera jala jiran furuudhaaf, #nuyis #ilmaan #Waaqayyoo #taanee akka guddifamnuuf kana godhe.
ወደ #ገላትያ #ሰዎች 4:4-5
ነገር ግን የዘመኑ ፍጻሜ በደረሰ ጊዜ እግዚአብሔር ከሴት የተወለደውን ከሕግም በታች የተወለደውን ልጁን ላከ፤#እንደ #ልጆች #እንሆን #ዘንድ፥ ከሕግ በታች ያሉትን ይዋጅ ዘንድ። (Yesuusillee gabricha Rabbiiti, nullee gabroottan Rabbiiti jechuudha).

🥦🥦🥦🥦🥦🥦

Qabxiiwwan ijoon nuti ragaawwan asii olii irraa argannu;

1ffaa - Worroonni nagaha buusan hundi, Warri hafuura Waaqayyootiin geggeeffaman hundi, Addaam ilma Waaqayyo waan jedhameef ilmaan Aadam hundi, warra seera jala jiran Yesuus fi worroonni inni itti ergamee hundi, Wolumaa galatti ilmi namaa hundi ilmaan Waaqaati jedhumuun hiika #tokko fi #tokko #qofa akka qabu, sunis #gabroottan #Rabbii ta'uu isaati. Namni yaada kana mormu yoo jiraate, namoota boqonnaan kitaabaa Macaafa Qulqulluu keessaa ragoonni kun irratti argamu ( #Maatewos 5:9, #Roomaa 8:14, #Luqaas 3:38 fi #Galaatiyaa 4:4-5) guutuun jechoota dogongora, sobaa, ololaa yookaa kijibaa jedhee nama yaaduu fi dhugaan bareeduma Islaamummaa nama hin beekne qofa ta'uu mirkaneessa.

2ffaa - Gabaabinnaan, worroonni Yesuus ilma Waaqa jedhamee dubbatame kitaaba kakuu moofaa yookaa haarawa keessatti yaada jedhuun, #hiika #sirrii #wollaalun #dogongora #hamaa #keessa #seentan, filannoo lamaan keessaa tokko qofa qabuu; yookaa #Macaafa #Qulqulluu #keessatti #jechoonni #sirrii #hin #taane, ka #fudhatama #hin #qabne, ka yaada dogongora qaban waan jiraniif, #kitaaba #cinaa malee #hunda #hin #fudhannuu jechuun Yesuus ilma Waaqaati ka jedhu qofa faarsuu, yookaa ammmo #kitaaba #amantii isaanii #kabajanii, Yesuus ilma Waaqaati jechuun #Yesuus #gabricha #Rabbii ta'uu #amaniin #fudhatu.

#HUB:
Dhaadannoon dharaa, dhugaa akka aduu iftu hin dhossuu, yoo abbaa iyyu qofa dhamaasuu taate malee

Jallataa hunda Rabbiin haa qajeelchu.
♻️♻️♻️♻️By:XR ♻️♻️♻️
Gaafii fi yaada baruumsa kana irratti qabdan kamuu, eddoo #'leave a comment' jedhu tuquun bareessuu hin dagatinaa.
Namoonni miseensa asiin dura hin ta'in, baruumsa fakkata kanaa, ka asiin dura #kennamaa #turanii fi kana boodas #kennaman argachuu yoo barbaaddan, linkii asii gadii tuquun, garee Telegiraamaa seenaa nu hordofaa 👇

https://t.me/Xaalibu6504
#Turullee #dhugatuu #irra #aana

🥦🥦🥦🥦🥦🥦
#Kutaa #32ffaa
🥦🥦🥦🥦🥦🥦

Gilgaala Hubannoo sammuu qabnu madaalu;

Ragaawwan asii gadii keessa, kan #namummaan #Yesuus #lama (tow personality) qabaachuu agarsiisu jiraa?

A. #Maarqoos 12:29
" Yesus deebisee, "Inni hundumaa irra caalu, 'Dhaga'i, yaa Israa'el! Gooftichi #Waaqayyo #keenya #kophaa #isaa #gooftaa dha. " የማርቆስ ወንጌል 12:29 ኢየሱስም መልሶ እንዲህ አለው። ከትእዛዛቱ ሁሉ ፊተኛይቱ። እስራኤል ሆይ፥ ስማ፤ #ጌታአምላካችን #አንድጌታ ነው፥ Kanaafuu, Yesuus Waaqayyo keenya, sunuu tokkicha jedhee, namummama tokko malee lama hin garsiisuu.

B. #Maatewos 27:46
" Gara sa'aatii salgaffaatti #Yesus sagalee guddaadhaan, "#Elii, #Elii lamaa sabaktanii?" jedhee waammate; kunis, "#Waaqayyoko, #Waaqayyoko maaliif na dhiifte?" jechuutti in hiikama. " በዘጠኝ ሰዓትም ኢየሱስ። #ኤሎሄ #ኤሎሄ ላማ ሰበቅታኒ? ብሎ በታላቅ ድምፅ ጮኸ። ይህም። #አምላኬ #አምላኬ፥ ስለ ምን ተውኸኝ? ማለት ነው። Kanaafuu, Yesuus Waaqayyo koo, Waaqayyo koo jedhee, namummama tokko malee lama hin garsiisuu.

🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦

#Eega #gara #samiitti #olbahee #booda #hoo?

🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦

C. #Mul’ata #Yohannis 3:2
" Ka'i, dammaqaas ta'i! Wanta hafee du'uuf jedhus jabeessi! Ani fuula #Waaqayyo #koo duratti hojiin kee fiixaan ba'uu isaa hin argine. " የዮሐንስ ራእይ 3:2 ሥራህን #በአምላኬ ፊት ፍጹም ሆኖ አላገኘሁትምና የነቃህ ሁን፥ ሊሞቱም ያላቸውን የቀሩትን ነገሮች አጽና። Kanaafuu, erga gara samiitti Rabbiin isa ol fudhateelle, #Yesuus #Rabbiin #qabaachuu, namuumman Waaqumma aka gahee isaa hin taane mirkaneessa.

D. #Mul’ata #Yohannis 3:12
" Isa mo'u sana mana qulqullummaa #Waaqayyo #koo keessatti utubaa nan godha; isa keessaas matumaa hin baafamu. Maqaa #Waaqayyo #kootii, maqaa mandara #Waaqayyo #kootii, Yerusaalem ishee haaraa ishee Waagayyo koo biraa waaqa keessaa gad buutu, maqaa koo isa haaraas utubaa kana irratti nan caafa." የዮሐንስ ራእይ 3:12 ድል የነሣው #በአምላኬ መቅደስ ዓምድ እንዲሆን አደርገዋለሁ፥ ወደ ፊትም ከዚያ ከቶ አይወጣም፤ #የአምላኬን ስምና የአምላኬን ከተማ ስም፥ ማለት ከሰማይ ከአምላኬ ዘንድ የምትወርደውን አዲሲቱን ኢየሩሳሌምን፥ አዲሱንም ስሜን በእርሱ ላይ እጽፋለሁ። kunillee ragama cimsuu, Yesuus aangoon Waaqummaa gonkumaa akka isaaf hin taane ifa baasu ta'aa jechuudha.

🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀

#Qabxiiwwan #ijoon nuti argannu;

1ffaa- #Waaqni akka #Waaqa #hin #qabne namuu waan beekuuf, Yesuus akka Waaqa hin taane hubannaa. Sammuu fayyaa qabduu mitii, maraattuun waan biroo hin beekne jedhamuu Waaqni Waaqa ni qabaa osoo jettee, deebiin isaa mitii jechuu ifa. Yesuus Waaqaa qaba jechuun, yoma booda irralle tooftaa birootiin Waaqatti ni jijjiramaan ka dhuftulle taatee, yeroo saniif akka Yesuus Waaqa hin taanee, namuu ni amanaa jechuudha.

2ffaa- Worroonni Rabbiin qajeelluma isaanii hin qoodin, #Yesuus #namummaa #lama #qaba (#two #personality) jedhanii nama gowwoomsan. Wonti rakkoo ta'e ammoo, #Yesuus #namummaa #lama #qabaan, #haasawa #jette #jettee #malaan #haasawamu malee, #eddoo #tokkottu #ragaa #hin #qabne ta'uu isaa.

3ffaa- #Yesuus gaafa dachii tana gubbaa turee qofa namaa (Waaqatu foon uffatee dhufee), worra jedhee yaaduuf, Yesuus gaafa gara samiitti ol bahellee akka #Rabbiin/ #Waaqa qabu fi Yesuus ammoo #Rabbiin/#Waaqaa #hintaane yeroo ragaa qabatamaa argan, Yesuus Waaqa jechuun #dubbii #sobaa/#ololaa ta'uu, namni kamuu ifatti beeka.

4ffaa- Yesuus yeroo tokko yookaa bara wohii nama turee, booda sanii Waaqa ta'ee, kana jechuun ni jijjirama worra jedhee yaaduuf ammoo, ragaa #Ibroota 13:8 👇
#Yesus #Kristos #kaleessa #isuma #ture, #har'as #bara #baraanis #isuma #sana !” #ኢየሱስ #ክርስቶስ #ትናንትና #ዛሬ #እስከ #ለዘላለምም #ያው #ነው
Jesus Christ the same yesterday, and to day, and for ever.
👆👆👆 ka jedhu yeroo argan, haasawa #Yesuus #namalle, akkasumas #Waaqallen #dubbii #fudhatama #hin #qabne, #dubbii #dogongoraa ta'uu ifatti mirkaneessa.

Jallataa hunda Rabbiin haa qajeelchu.
♻️♻️♻️♻️By:XR ♻️♻️♻️
Gaafii fi yaada baruumsa kana irratti qabdan kamuu, eddoo #'leave a comment' jedhu tuquun bareessuu hin dagatinaa.
Namoonni miseensa asiin dura hin ta'in, baruumsa fakkata kanaa, ka asiin dura #kennamaa #turanii fi kana boodas #kennaman argachuu yoo barbaaddan, linkii asii gadii tuquun, garee Telegiraamaa seenaa nu hordofaa 👇

https://t.me/Xaaliburidallah
#Turullee #dhugatuu #irra #aana

🥦🥦🥦🥦🥦🥦
#Kutaa #35ffaa
🥦🥦🥦🥦🥦🥦

#Gilgaala: Hubannoo duraan sammuu keessaa qabnuu fi ragaawwan dubbisnu wol bira qabuun, kallattii dhugaa ittiin madaallu:

Yesuus Waaqaa jedhanii worroota yaadanii fi morman, xurreen deebii isaanii kenninuun keessaa tokko, Waaqni hojii ofii hojjata moo ka qaama birooti? Waaqni guyyaa boruu ni nyaachisee obaasa moo (worroota isaa bule), ofii isaatii nyaatee dhuga laata⁉️ gaafii jedhu gaafatu. Mee ragaawwan asii gadii keessaa kamtuu amala Waaqaa mudhisa?

A. #Yohannis 4:34 " Yesus immoo, "#Nyaanni #kan #koo jaalala isa na #ergee #gochuudhaaf #hojii #isaa #raawwachuu dha. #የዮሐንስ #ወንጌል 4:34 "ኢየሱስም እንዲህ አላቸው። #የእኔስ #መብል #የላከኝን #ፈቃድ #አደርግ #ዘንድ #ሥራውንም #እፈጽም #ዘንድ ነው።" Amaloonni Wangeela kana keessatti argamu hundi, amala Waaqumma hin garsiisu. #Yesuus #kaayoo #Waaqaa #malee ka mataa kootii hin qabu waan jedheef.

B. #Yohannis 5:24 "Dhuguma, dhuguman isinitti hima, dubbii koo dhaga'ee #isa #ana #ergetti kan amanu jireenya bara baraa qaba; inni du'a keessaa gara jireenyaatti darbee malee, gara firdii hin dhaqu.” #የዮሐንስ #ወንጌል 5:24 እውነት እውነት እላችኋለሁ፥ ቃሌን የሚሰማ #የላከኝንም #የሚያምን #የዘላለም #ሕይወት #አለው፥ ከሞትም ወደ ሕይወት ተሻገረ እንጂ ወደ ፍርድ አይመጣም።
Akka ragaan Wangeela kanaatti, #Yesuus #natti #amanaa #hin #jenne waan ta'eef, Yesuus amala Waaqummaa akka hin qabne mirkaneesse.

C. #1 #Qorontos 15:28 "Wanti hundinuu ilma Waaqayyoo jala yommuu galfamu, #ilmi (#Yesuus) immoo ofii isaatii, #Waaqayyo #isa #waan #hundumaa #miilla #isaa #jala #galche #jala #in #gala; akkasitti Waaqayyo karaa hundumaa waan hundumaa irra in ta'a." 1ኛ #ወደ #ቆሮንቶስ #ሰዎች 15:28
ሁሉ ከተገዛለት በኋላ ግን እግዚአብሔር ሁሉ በሁሉ ይሆን ዘንድ በዚያን ጊዜ #ልጁ #ራሱ #ደግሞ #ሁሉን #ላስገዛለት #ይገዛል። Yesuus #miila #Waaqayyo #jala #gala jechuun, Yesuus gonkumaa Waaqumma hin qabu jechuu ibsa.

D. #Maatewos 26:29
“Ammaa jalqabee hamma guyyaa gaafa ani #mootummaa #abbaa #koo #keessatti isa haaraa #isinii #wajjin #dhugutti, deebi'ee daadhii waynii kanaattii akkan hin dhugne isinittan hima" jedhe. #የማቴዎስ #ወንጌል 26:29 ” ነገር ግን እላችኋለሁ፥ #በአባቴ #መንግሥት #ከእናንተ #ጋር #ከዚህ #ከወይን #ፍሬ #አዲሱን #እስከምጠጣበት እስከዚያ ቀን ድረስ ከዛሬ ጀምሬ አልጠጣውም።
Yesuus #mootummaa #Waaqaa #keessatti #ni #dhugaa jechuun, Yesuus kaleessalle fuundurattille Waaqumma hin qabu jechuu addeessa.

🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦

#Qabxiiwwan #ijoon nuti ragaawwan asii olii irraa argannu:

1ffaa- Ragaan Wangeela #Yohannis 4:34 kun wonti inni garsiisu, Yesuus #ajaja fi #fedhii #Waaqaa #qofa geessuu akka jiraata ture, kun ammoo inni(Yesuus) amala Waaqumma akka hin qabne hubanna.

2ffaa- Ragaan Wangeela
#Yohannis 5:24, Yesuus Jannata argatuu yoo barbaaddan, #Waaqatti (#isa #ana #ergetti) #amanaa jedhe malee, ani Waaqaa natti amanaa akka hin jenne hubanna. Ka dubbii kana #faallesu, faalla Jannata (#ibidda) nama seenuu barbaadu ta'uu hubanna.

3ffaa- Akka ragaa 1 #Qorontos 15:28 ammas, Yesuus Waaqa isa waa hundumaa mila isa jala galche jala ni gala jechuun, #Yesuusille ufii isaatiiyyuu Waaqaa ni #waaqeffata jechuudha. Kanaafuu #gabbaramaan #dhugaa (#Waaqni #dhugaa) isa wontu hunduu isaaf abbomu, kan Yesuusille isa waaqeffatu san ta’uu namuu beekuu qaba jechuudha.

4ffaa- Akka ragaa #Maatewos 26:29 Yesuus guyyaa boruu (#Qiyaamaa) #Jannata akka #seenuuf, #dhangaa #Jannata akka #dhugu ifa baase. Kun immoo, Yesuus kaleessalle fuundurattille gabricha Rabbii malee amala Waaqumma akka hin qabne mirkaneessee jechuudha.

Jallataa hunda Rabbiin haa qajeelchu.
♻️♻️♻️♻️By:XR ♻️♻️♻️
Gaafii fi yaada baruumsa kana irratti qabdan kamuu, eddoo #'leave a comment' jedhu tuquun bareessuu hin dagatinaa.
Namoonni miseensa asiin dura hin ta'in, baruumsa fakkata kanaa, ka asiin dura #kennamaa #turanii fi kana boodas #kennaman argachuu yoo barbaaddan, linkii asii gadii tuquun, garee Telegiraamaa seenaa nu hordofaa 👇

https://t.me/Xaaliburidallah
#Turullee #dhugatuu #irra #aana

🥦🥦🥦🥦🥦🥦
#Kutaa #37ffaa
🥦🥦🥦🥦🥦🥦

#Gilgaala: Hubannoo duraan sammuu keessaa qabnuu fi ragaawwan dubbisnu wol bira qabuun, kallattii dhugaa  ittiin madaallu:

Namoonni Yesuus Waaqa jedhanii yaadan, mee amaloota armaan gadii kan Yesuus keessaa, amala isa kamtu, kan Waaqaati osoo jedhamee, sammuun isaanii fudhatti laata⁉️

🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦

A. #Luqaas 1:31 “Kunoo, in ulfoofta ilmas in deessa, maqaa isaa immoo Yesus jedhii moggaasi!”  #የሉቃስ #ወንጌል 1:31 እነሆም፥ #ትፀንሻለሽ #ወንድ #ልጅም #ትወልጃለሽ፥ ስሙንም ኢየሱስ ትዪዋለሽ።
Gaafii: Akka Wangeela kanaatti, Maariyaam Yesuusiin ulfooftee ilma deette jedhaa, garuu Maariyaam Waaqa ulfooftee deette, sanuu Waaqa #ወንድ #ልጅ jedhamu osoo jedhamee, sammuu akkamtu fudhata⁉️

B. #Luqaas 3:23 “Yesus hojii isaa yommuu jalqabe, #dhalatee akka #waggaa #soddomaa ti; #hidda #dhaloota #isaa yeroo lakkaa'anis #ilma #Yoseef jedhaniin; Yoseef ilma Elii,”
Gaafii; Akka ragaa Wangeela kanaatti, Yesuus dhalatee, akkasumas woggaa 30tti hojii eegalee jedha, Waaqni dhalatee ammas woggaa 30tti hojii eegale jechuun taatii⁉️ Hanga saniif hoo, eennutu eddoo Waaqaa bu'ee hojjata ture jedhu laata, worroonni akkas yaadni⁉️ Hiddi dhaloota Yesuus ilma Yoseef, garuu hiddi dhaloota Waaqaa ilma Yoseef yoo jedhame fudhatama qabaa⁉️

C. #Luqaas 2:52 “Yesus immoo #Waaqayyoo fi #namoota #irraa ayyaana argachaa, #namummaadhaa fi #ogummaatti in #guddata ture.”  #የሉቃስ ወንጌል 2:52 ኢየሱስም ደግሞ #በጥበብና #በቁመት #በሞገስም በእግዚአብሔርና በሰው ፊት #ያድግ ነበር።
Gaafii:- Akka Wangeela kanaatti,Yesuus Waaqayyoo fi namoota irraa  ayyaana argachaa guddate, garuu Waaqni Yesuusii fi namoota irraa ayyaana argachaa guddate osoo jedhamee fudhatama qabaa⁉️ Akkasumas, Yesuus namummaa fi ogummaan guddate jedhaa, garuu Waaqni namummaa fi ogumman guddatee jechuun taatii⁉️

🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦

Qabxiiwwan ijoon nuti ragaawwan asii olii irraa argannu:

1ffaa- #Yesuus akkuma ilma namaa kamuu, #garaa #Maariyaam (Mariyam) #ulfaan #ji'oota 9 #oliif turee, akkuma ilma namaa kamiitti #dhalate (#argamee). Garuu amalli kun ka Yesuus malee, ulfaan garaa keessa  turuu fi akkasuma dhalatuun (#argamuun) amala Waaqa akka hin taane, akkasumas #Yesuus akka #Waaqa #hin #taane hubannaa jechuudha.

2ffaa- #Yesuus #dhalatee #woggaa 30 #hojii isaa #jalqabee, akkasumas #hiddi #dhaloota isaa ni beekkama, garuu amalli kun hundi, Waaqaan himuun gonkumaa hin malu.

3ffaa- #Yesuus #Waaqayyo fi #nama irraa ayyaana argachaa #guddate, akkasumas Yesuus #namummaa fi #ogummaan #guddate, garuu amalli kun hundi Waaqaan himuun haala kamuu keessatti hin malu. Kanaafuu, #Yesuus #Waaqa jechuun #gonkumaa #hin #maluu jechuudha.

Akkuma woliigalaatti, Yesuus kaleessa amala numammaa qabaa, amma Waaqummaatti geeddaramuu hin ooluu jedhanii worroota yaadaniif, ragaa #Ibroota 13:8 deebii quubsaa ni ta'a.👇
#Yesus #Kristos #kaleessa #isuma #ture, #har'as #bara #baraanis #isuma #sana !” #ኢየሱስ #ክርስቶስ #ትናንትና #ዛሬ #እስከ #ለዘላለምም #ያው #ነው
Jesus Christ the same yesterday, and to day, and for ever.

🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦

#Worroota #Amanti Kiristaanaatiif;
1 #Tasaloniiqee 5:21
" Garuu waan hundumaa qoraa, #isa #gaarii #jabeessaatii #qabadhaa! "
1ኛ ወደ ተሰሎንቄ ሰዎች 5:21 ሁሉን ፈትኑ #መልካሙንም #ያዙ👆👆👆dhaamsa jedhu isinii dhaamaa.

hawaasni keenna ammoo, "#sababa #keetiin #namni "tokko "qajeeluun, #gaala #diddiimaa #karaa #Rabbii #keessatti #kennatu #siif #caala, ka Nabiyyiin Rabbii (nagahaa fi Rahmanni Rabbii isaan irratti haa jiraatu), jedhanii Aliyyiif dhaaman siif dhaama. Sheer taasisuun sin kafalchiisu, lammiiwwan keenna beektu hundaa ergii, toltuu guyyaa boruutti si fayyaddu guduunfadhu.

Jallataa hunda Rabbiin haa qajeelchu.
♻️♻️♻️♻️By:XR ♻️♻️♻️
Gaafii fi yaada baruumsa kana irratti qabdan kamuu, eddoo #'leave a comment' jedhu tuquun bareessuu hin dagatinaa.
Namoonni miseensa asiin dura hin ta'in, baruumsa fakkata kanaa, ka asiin dura #kennamaa #turanii fi kana boodas #kennaman argachuu yoo barbaaddan, linkii  asii gadii tuquun, garee Telegiraamaa seenaa nu hordofaa 👇

https://t.me/Xaaliburidallah
#Turullee #dhugatuu #irra #aana

🥦🥦🥦🥦🥦🥦
#Kutaa #38ffaa
🥦🥦🥦🥦🥦🥦

#Gilgaala: Hubannoo duraan sammuu keessaa qabnuu fi ragaawwan dubbisnu wol bira qabuun, kallattii dhugaa ittiin madaallu:

Gaafiiwwan armaan gadii deebii sirrii ta'e filadhuu;

1- Raajiin Yesuus hojjate, Yesuusimatu dandeettii isaatiin hojjate moo Waaqatu hojjate?
A. Yesuus B. Waaqa

2- Waaqni raajii gara Yesuusiin wonti hojjateef, akka namni isaan gooftaa jedhuu fi moo akka namni inni Nabiyyi dhugaa ta’uu beekuuf?
A. Akka Yesuusiin gooftaa jedhaniif.
B. Yesuus Nabiyyi dhugaa ta'u akka namni ragaa bahuuf.

3- Namoonni raajii Yesuus hojjate argan, Yesuusiin maal jedhanii ragaa bahaniif?
A. Nabiyyi (raajii) jedhanii.
B. Waaqa yookaa Gooftaa jedhanii.

Deebii keessan booda, mee ragaawwan asii gadii xiinxallaan dubbisaa.

🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦

1ffaa. #Hojii #Ergamootaa 2:22 "Isin yaa warra Israa'el, dubbii kana dhaggeeffadhaa, #Waaqayyo #harka #Yesus nama Naazireet kanaan, hojii aangoo isaa, dinqiidhaa fi milikkita garaa garaa kan isin beektan, isin gidduutti hojjechuu isaatiin #fudhatamaa #isa #godhe."
#የሐዋርያት #ሥራ 2:22 የእስራኤል ሰዎች ሆይ፥ ይህን ቃል ስሙ፤ ራሳችሁ እንደምታውቁ፥ የናዝሬቱ ኢየሱስ #እግዚአብሔር በመካከላችሁ #በእርሱ #በኩል ባደረገው ተአምራትና በድንቆች በምልክቶችም ከእግዚአብሔር ዘንድ ለእናንተ የተገለጠ ሰው ነበረ፤

2ffaa. #Yohannis 9:17 "Kana booddee warri Fariisotaa namicha isa jaamaa ture sanaan, "Waa'ee isa ija kee siif bane kanaa maal jetta?" jedhan; yommus namichi, "Inni #raajiidha (Nabiyyi) ” jedhee deebiseef."
#የዮሐንስ #ወንጌል 9:17 በመካከላቸውም መለያየት ሆነ። ከዚህም የተነሣ ዕውሩን። አንተ ዓይኖችህን ስለ ከፈተ ስለ እርሱ ምን ትላለህ? ደግሞ አሉት። እርሱም። #ነቢይ ነው አለ።
They say unto the blind man again, What sayest thou of him, that he hath opened thine eyes? He said, He is a #prophet.

3ffaa. Maatewos 21:11 "Tuuti isaa wajjin adeemus, "Kun #raajicha (Nabiyyi) Yesus nama Naazireet kutaa biyya Galiilaa ti" jedhee deebise."
ሕዝቡም። ይህ ከገሊላ ናዝሬት የመጣ #ነቢዩ #ኢየሱስ ነው አሉ።
And the multitude said, This is #Jesus the #prophet of Nazareth of Galilee.

4ffaa. #Luqaas 24:19 "Inni, "Waan attamii ti?" isaaniin jennaan, isaan immoo, "Waa'ee Yesus nama Naazireet, isa gochatti dubbiittis Waaqayyoo fi namoota duratti #raajii (Nabiyyi) aango-qabeessa ture sana,"
እርሱም። ይህ ምንድር ነው? አላቸው። እነርሱም እንዲህ አሉት። በእግዚአብሔርና በሕዝቡ ሁሉ ፊት በሥራና በቃል #ብርቱ #ነቢይ ስለ ነበረው ስለ #ናዝሬቱ ስለ #ኢየሱስ

🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦

Qabxiiwwan ijoon nuti ragaawwan asii olii irraa argannu:

1ffaa- hojii aangoo, dinqiiwwaanii fi milikkita gara garaa (#raajiiwwaan) kan hojjate #Waaqa #malee #Yesuusii #miti. Kanaafuu, Waaqni harka Yesuusiin jechuun #gara #isaatiin yookaa #harka #isaa #irrattii fi #kadhaa #isaa sanii raajiiwwaan gara garaa hojjatee jechuudha malee, Yesuusitu dandeettii isaatiin hojjate jechuu miti.

2ffaa- Sababni Waaqni harka Yesuusiin milikkita gara garaa hojjateef ammoo, akka #Yesuus #fudhatama #nama #biratti #argatuuf. Yesuus fudhatama argatuu Yeroo jennu, Waaqumman yookaa ilma Waaqaa ta’uun osoo hin taane, #Nabiyyii #Rabbii #ta’uu #akka #namni #beekuuf #qofa jechuudha.

3ffaa- Yesuus milikkita gara garaa yookaa raajiiwwaan inni hojjateen fudhatama argatuun, akka worroonni raajii inni hojjate ijaan arganii, #maqaa fi #aangoo #inni #qabu #qofaan #isa #waaman #san, akkasumas worroonni Yesuusiin ijaan hin arganille dhugaa isaan ragaa bahan dhagahuun, Yesuus #Nabiyyi #Rabbiin #isa #ergate qofa jedhanii waamuun, dhugaa eennuu mormuu hin dandeenne akka taate, worroota booda isaaniitii dhufuullee dhaamanii jechuudha.

4ffaa- Worroonni dhugaa akka aduutti iftu fudhachuu hin feene garuu, Yesuusii Afaan Amaariffatiin #ነቢይ, Afaan Ingliffaatiin #prophet jedhamee ibsame, Afaan Oromootiin #raajii⁉️ jedhanii hiikuun isaanii, hiikkaa qajeela hin taanetti akka hiikani namni waa barate ni hubata. Sababni wonti kun hojjatameef, #Nabiyyi #ta’uu #Yesuus #waakkatuuf #jecha, tooftaa diriirfame fi shira xaxame ta’u isaa ifatti mirkaneessa. Yesuusiin waan inni qabu irraa mulquu fi waan inni hin qabne isaa kennuun, tooftaa worra haqa Rabbii dhoksuu ta’uu isaa, namaaf muldhisaa jechuudha.

Jallataa hunda Rabbiin haa qajeelchu.
♻️♻️♻️♻️By:XR ♻️♻️♻️
Garee Telegiraamaa seenaa nu hordofaa 👇

https://t.me/Xaaliburidallah