Turullee Dhugatu Mo'ata
11K subscribers
514 photos
129 videos
110 files
414 links
Sobni miseensa guddaa qabaatuun yeroo dheerefatun ni malaa, garuu dhugaa hinjifatuu ammoo gonkumaa hin danda'u.
Download Telegram
#Islaamummaan Rabbiin filate yookaa jaalate #maali #isiin beektuu?

🍇🍇🍇🍇🍇🍇🍇

1ffaa- #Amantii #Rabbiiti

Ragaan dubbii kana 👇
Surah Aal- Imraan suura 3 verses: 83

أَفَغَيْرَ دِينِ ٱللَّهِ يَبْغُونَ

وَلَهُۥٓ أَسْلَمَ مَن فِى ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلْأَرْضِ

طَوْعًا وَكَرْهًا

وَإِلَيْهِ يُرْجَعُونَ

Sila odoo wantoonni samiifi dachii keessaa hunduu fedhaan yookiin dirqamaan Rabbiif ajajamaniifi gara isaatti deebi’anii, #amantii kan #Rabbiin alaa barabaaduu?
በሰማያትና በምድር ያሉ ሁሉ፤ በውድም በግድም ለርሱ የታዘዙ ወደርሱም የሚመለሱ ሲኾኑ (#ከሓዲዎች) #ከአላህ #ሃይማኖት ሌላን ይፈልጋሉን?

🍇🍇🍇🍇🍇🍇🍇

2ffaa- #Amantii #Haqaati

Ragaan dubbii kana 👇
Suuraa As-Saf 61:9
هُوَ الَّذِي أَرْسَلَ رَسُولَهُ بِالْهُدَىٰ وَدِينِ الْحَقِّ لِيُظْهِرَهُ عَلَى الدِّينِ كُلِّهِ وَلَوْ كَرِهَ الْمُشْرِكُونَ
Inni Isa odoo mushrikoonni jibbanuu, amantiiwwan biraa hunda irratti ol taasisuuf jecha ergamaa Isaa qajeelfamaafi #amantii #haqaatiin ergeedha
(ሱረቱ አል - ሶፍ - 9)
እርሱ ያ አጋሪዎቹ ቢጠሉም መልክተኛውን በመምሪያ (መጽሐፍ) #በእውነተኛው #ሃይማኖትም (#በኢስላም) ከሃይማኖት ሁሉ በላይ ይፋ ሊያደርገው የላከ ነው፡፡

🍇🍇🍇🍇🍇🍇🍇

3ffaa- #uumaa Rabbiin irratti #nama #uumee fi #Amantii #qajeela

Ragaan dubbii kana 👇
Suuraa Ar-Ruum 30:30
فَأَقِمۡ وَجۡهَكَ لِلدِّينِ حَنِيفٗاۚ

فِطۡرَتَ ٱللَّهِ ٱلَّتِي فَطَرَ ٱلنَّاسَ عَلَيۡهَاۚ

لَا تَبۡدِيلَ لِخَلۡقِ ٱللَّهِۚ

ذَٰلِكَ ٱلدِّينُ ٱلۡقَيِّمُ وَلَٰكِنَّ

أَكۡثَرَ ٱلنَّاسِ لَا يَعۡلَمُونَ


(Yaa Muhammad!) karaa haqaatti dabuun fuula kee diiniif sirreessi #Uumaa #Rabbii #ishee #inni #irratti #nama #uumes (qabadhaa)Uumaa Rabbii jijjiiruun hin jiruSantu #amantii #qajeelaadha garuu irra hedduun namootaa hin beekanu.
30:30 - ወደ እውነት ተዘንባይ ኾነህም ፊትህን ለሃይማኖት ቀጥ አድርግ፡፡ የአላህን ፍጥረት ያችን #አላህ #ሰዎችን #በእርስዋ #ላይ #የፈጠረባትን (ሃይማኖት ያዟት)፡፡ የአላህን ፍጥረት መለወጥ የለም፡፡ ይህ #ቀጥተኛ #ሃይማኖት ነው፡፡ ግን አብዛኛዎቹ ሰዎች አያውቁም፡፡

🍇🍇🍇🍇🍇🍇🍇

#Wolumaa #galatti, Islaamumman Amantiin Rabbii ta Amantii haqaa yookaa Amantii qajelaa ta'uu fi Amantii Rabbiin Ilma nama irratti uume ta'uu Rabbiin ragaa isii bahe, Amantii addunyaa tamiinuun caaluu isii ifatti addeessa. Sababni isaalle Amantimman takkaayyuu ani Amantii Waaqati jettee yoookaa ani Amantii haqaati/ qajeellumati jettee yookaa ani Amantii Rabbiin ilma nama irratti na uume jettee #ragaan #mirkanaahu #hin #dandeenelle, gonkumaa #hin #dandeettulle jechu.

Kanaafuu, namni Islaamumman ala Amantii kamuu hordofu, maaf Islaamumma dhiifte Amantii biroo hordofata osoo jedhan tarii wonti inni deebisu #abbaa #kiyyatu hordofee yoo taate malee yookaa waan ragaa hin qabne irratti afaanuma waan qabuuf yoo waan biroos dubbate malee, Amantii Isalaamumman ala jirtu tamuu, Amantii Waaqaatii raga itti qaba jechuu yookaa Amantii haqaatii ragaa itti qaba jechuu yookaa Waaqatu irratti na uumee #ragaa #itti #qaba jechuu #gonkumaa #hin #danda'uu jechu.

Namni waan ragaa hin qabne irratti sababa kanaafi jedhee dubbatu kamuu ragaa qofa dhabuu mitii #sammuu fi #qalbii #haqaan #hubatulle akka #hin #qabne ta'uu isaa hubattaa jechu.

Gabaabinnan #Muslima #ta'uun badhaasa Rabbiin nama ufii jaalate akka inni #sammuu fi #qalbii wohiin hubatu isaa kenne nama hubachiisaa jechu.

Sammuu waan nyaataa dhugaatii qofa yaaddu, qalbii haqa Rabbii hin hubannee worra baatee deemu Rabbiin nun taasisin.

Namni Islaamummaa bareedaa tana hordofuu danda'u hoo eennu beektuu? Kutaa itti aanu keessatti yoo Rabbiin nuuf fedhe laalla obsaan nu eegadha.

Jallataa hunda Rabbiin haa qajeelchu.

♻️♻️♻️♻️By:XR ♻️♻️♻️
Worronni baruumsa Amantii Islaamaa fi Kiristaanaa wol bira qabuun baratu barbaaddan garee Chaanaala asii gadii tuqaa seenaa 👇

https://t.me/Xaalibu6504
*Namni #Islaamummaa Amantii #Rabbii, Amantii #Haqaa, Amantii #Qajeelaa fi #Uumaa #Rabbiin irratti nama #uume hordofuu danda'u hoo eennu beektuu?*

Kutaa dabarsine keessatti, Amantii adduniyaa kana irratti argaman keessa Amantiin, Amantii Rabbii ta'uu, Amantii Haqaa, Amantii Qajeelaa fi Uumaa Rabbiin irratti nama uume ta'uu irratti ragaa qabu #Islaamumma #qofa ta'u isii ragaan laalle dabarsinee turre. Amantii bareedaa bareedumti isaa karaa hundaan *#ragaa #qabatamaan #mirkanaahe* (ragaa qabatamaan mirkanaahe ka jedhu xiyyeefanno itti kennaa) kun #eennutu #hordofuu #danda'aa hoo beektuu? Ilma nama hunda moo namoota carraa kana badhaafamantu jiru laata?

Mee ragaawwan asii gadii kana qalbiidhaan dubbisaa 👇

🍇🍇🍇🍇🍇🍇🍇
1ffaa- Namni Islaamummaa Amantii Rabbii, Amantii Haqaa, Amantii Qajeelaa fi Uumaa Rabbiin irratti nama uume hordofuu danda'u #nama #Rabbiin #qoma isaa diin Islaamaatiif #badhise

Suuraa Az-Zumar 39:22 👇
أَفَمَن شَرَحَ ٱللَّهُ صَدۡرَهُۥ لِلۡإِسۡلَٰمِ فَهُوَ عَلَىٰ نُورٖ مِّن رَّبِّهِۦۚ فَوَيۡلٞ لِّلۡقَٰسِيَةِ قُلُوبُهُم مِّن ذِكۡرِ ٱللَّهِۚ أُوْلَٰٓئِكَ فِي ضَلَٰلٖ مُّبِينٍ

Sila namni Rabbiin #qoma #isaa #Islaamaaf #bal’isee, beekumsa Gooftaa isaa irraa ta’erra jiru (akka nama Islaama’uu dideetii)? Yaa badii namoota onneen isaanii zikrii Rabbii irraa gogdee! Isaan sun jallina ifa ta’e keessa jiru
39:22 - አላህ #ደረቱን #ለእስልምና #ያስፋለትና እርሱም ከጌታው ዘንድ በብርሃን ላይ የኾነ ሰው (ልቡ እንደ ደረቀ ሰው ነውን?) ልቦቻቸውም ከአላህ መወሳት ለደረቁ ሰዎች ወዮላቸው፡፡ እነዚያ በግልጽ መሳሳት ውስጥ ናቸው፡፡
🍇🍇🍇🍇🍇🍇🍇
2ffaa- Namni Islaamummaa Amantii Rabbii, Amantii Haqaa, Amantii Qajeelaa fi Uumaa Rabbiin irratti nama uume hordofuu danda'u #nama #Rabbiin #isa #qajeelchu #fedhee #qoma isaa diin Islaamummatiif isa #badhise

Suuraa An’aam 6:125 👇
فَمَن يُرِدِ ٱللَّهُ أَن يَهۡدِيَهُۥ يَشۡرَحۡ صَدۡرَهُۥ لِلۡإِسۡلَٰمِۖ وَمَن يُرِدۡ أَن يُضِلَّهُۥ يَجۡعَلۡ صَدۡرَهُۥ ضَيِّقًا حَرَجٗا كَأَنَّمَا يَصَّعَّدُ فِي ٱلسَّمَآءِۚ كَذَٰلِكَ يَجۡعَلُ ٱللَّهُ ٱلرِّجۡسَ عَلَى ٱلَّذِينَ لَا يُؤۡمِنُونَ
Namni #Rabbiin #isa #qajeelchuu #fedhe, #qoma Isaa #Islaamaaf #bal’isa Nama isa jallisuu fedhe immoo qoma isaa akkaan dhiphaa, akka nama samii keessa ol ba’uu taasisa Akka kanatti Rabbiin adabbii warra hin amanne irratti godha.
6:125 - አላህም ሊመራው የሚሻውን ሰው #ደረቱን (#ልቡን) #ለኢስላም #ይከፍትለታል፡፡ ሊያጠመውም የሚሻውን ሰው ደረቱን ጠባብ ቸጋራ ወደ ሰማይ ለመውጣት አንደሚታገል ያደርገዋል፡፡ እንደዚሁ አላህ በእነዚያ በማያምኑት ላይ ርክሰትን ያደርጋል፡፡
🍇🍇🍇🍇🍇🍇🍇
Islaamummaan Amantii Rabbii, Amantii Haqaa, Amantii Qajeelaa fi Uumaa Rabbiin irratti nama uume kun, carraa ilmi namni hundi argatu osoo hin taane, #hiree #Rabbiin abbaa ufii #fedhee fi #jaalatee yoo qajeelluma isaa fedhee qoma isaa diin islaamummaf badhise qofti argatu ta'u hubanna.

Rabbiin qoma teenna diin bareedaa diin haqaa diin Islaamaatii nuuf badhisee kara qajeelaa san irratti nu haa jiraachisu.

Jallataa hunda Rabbiin haa qajeelchu.

♻️♻️♻️♻️By:XR ♻️♻️♻️
Worronni baruumsa Amantii Islaamaa fi Kiristaanaa wol bira qabuun baratu barbaaddan garee Chaanaala asii gadii tuqaa seenaa 👇

https://t.me/Xaalibu6504
#Turullee #dhugatuu #irra #aana

🥦🥦🥦🥦🥦🥦
#Kutaa #16ffaa
🥦🥦🥦🥦🥦🥦

#Hojii #manaa
👇👇👇

Ragaa Wangeela #Yohannis #20:17 dubbisuun, gaafii itti aanee dhufuuf, deebii sirrii ta'e filadhuu deebisi.
🍇🍇🍇🍇🍇🍇

#Yohannis #20:17
" Yesus immoo, "Ana hin qabin! Ani amma iyyuu gara abbaatti ol hin baane; gara #obboloota #koo dhaqii, 'Ani gara #abbaa #kootii fi #abbaa #keessaniitti, gara #Waaqayyo #kootii fi #Waaqayyo #keessanitti ol nan ba'a' jedhii isaanitti anaaf himi!" jedhee ishee abboome."

Gafii 👇👇👇
Akka ragaa #Yohannis #20:17 keessatti dubbatametti, hima kamtuu sirriidha?
A. " Yesus ana hin qabin! Ani amma iyyuu gara eddoo kootti (Waaqa itti turetti) hin deebinee jedhe.
B. Yesuus gara gabroota koo dhaqii, 'Ani gara abbaa keessaniitti
ol nan ba'a' jedhii isaanitti anaaf himi!" jedhee.
C. Yesuus gara gabroota koo dhaqii, 'Ani gara Waaqayyo keessanitti ol nan ba'a' jedhii isaanitti anaaf himi!" jedhee.
D. Deebiin hin jiru.

🥦🥦🥦🥦🥦🥦

Worroonni Amantii Kiristaanaa nuuf deebisaa.

hawaasni keenna ammoo worroota Amantii Islaamummaatiin ala jiran biraan gahaa haqa jiru hubachiisaa.

Qabxiiwwan ijoon nuti ragaa Wangeela #Yohannis #20:17 irraa argannu:

1ffaa- #Yesus #ilma #namaa waan ta'eef, nama dhiiraa birootiin #obboloota #koo jedhee dubbate. (Gara #obboloota #koo dhaqii yeroo jedhu.)

2ffaa- #Uumaan #uumama hundaatuu akkuma #Waaqa ta'e, ka Yesuusiile waan addaa akka hin taane agarsiisuuf, Ani gara abbaa (#uumaa) kootii fi abbaa (#uumaa) keessaniitti ol nan ba'a' jedhe.
HUB:
#'Abbaa' jechi jedhu, hiika gurguddaa sadi(3) qaba.
I. #Uumaa (creater)
II. #Uumataa (begetter)
III. Handhuurfata (#holder/ #founder)

3ffaa- Ammas akkuma #uumamni hunduu #Waaqa qabu, #Yesuusillee #Waaqa #qabaachuu mirkaneessuuf, gara #Waaqayyo #kootii fi Waaqayyo keessanitti ol nan ba'a' jedhe.

4ffaa- Yesuus akka Waaqa hin taanee fi foon uffatee gara dachii dhufeen akka dubbii ololaa taate ifa baasuuf, gara eddoo kootti galaa osoo hin taane, gara isa na #uumee(#abbaa) fi #Waaqaa #koo ta'eetti #ol #nan #ba'aa jedhe.

Jallataa hunda Rabbiin haa qajeelchu.
♻️♻️♻️♻️By:XR ♻️♻️♻️
Gaafii fi yaada baruumsa kana irratti qabdan kamuu, eddoo #'leave a comment' jedhu tuquun bareessuu hin dagatinaa.
Namoonni miseensa asiin dura hin ta'in, baruumsa fakkata kanaa, ka asiin dura #kennamaa #turanii fi kana boodas #kennaman argachuu yoo barbaaddan, linkii asii gadii tuquun, garee Telegiraamaa seenaa nu hordofaa 👇

https://t.me/Xaalibu6504