Turullee Dhugatu Mo'ata
12K subscribers
537 photos
163 videos
120 files
451 links
Sobni miseensa guddaa qabaatuun yeroo dheerefatun ni malaa, garuu dhugaa hinjifatuu ammoo gonkumaa hin danda'u.
Download Telegram
*Namni #Islaamummaa Amantii #Rabbii, Amantii #Haqaa, Amantii #Qajeelaa fi #Uumaa #Rabbiin irratti nama #uume hordofuu danda'u hoo eennu beektuu?*

Kutaa dabarsine keessatti, Amantii adduniyaa kana irratti argaman keessa Amantiin, Amantii Rabbii ta'uu, Amantii Haqaa, Amantii Qajeelaa fi Uumaa Rabbiin irratti nama uume ta'uu irratti ragaa qabu #Islaamumma #qofa ta'u isii ragaan laalle dabarsinee turre. Amantii bareedaa bareedumti isaa karaa hundaan *#ragaa #qabatamaan #mirkanaahe* (ragaa qabatamaan mirkanaahe ka jedhu xiyyeefanno itti kennaa) kun #eennutu #hordofuu #danda'aa hoo beektuu? Ilma nama hunda moo namoota carraa kana badhaafamantu jiru laata?

Mee ragaawwan asii gadii kana qalbiidhaan dubbisaa 👇

🍇🍇🍇🍇🍇🍇🍇
1ffaa- Namni Islaamummaa Amantii Rabbii, Amantii Haqaa, Amantii Qajeelaa fi Uumaa Rabbiin irratti nama uume hordofuu danda'u #nama #Rabbiin #qoma isaa diin Islaamaatiif #badhise

Suuraa Az-Zumar 39:22 👇
أَفَمَن شَرَحَ ٱللَّهُ صَدۡرَهُۥ لِلۡإِسۡلَٰمِ فَهُوَ عَلَىٰ نُورٖ مِّن رَّبِّهِۦۚ فَوَيۡلٞ لِّلۡقَٰسِيَةِ قُلُوبُهُم مِّن ذِكۡرِ ٱللَّهِۚ أُوْلَٰٓئِكَ فِي ضَلَٰلٖ مُّبِينٍ

Sila namni Rabbiin #qoma #isaa #Islaamaaf #bal’isee, beekumsa Gooftaa isaa irraa ta’erra jiru (akka nama Islaama’uu dideetii)? Yaa badii namoota onneen isaanii zikrii Rabbii irraa gogdee! Isaan sun jallina ifa ta’e keessa jiru
39:22 - አላህ #ደረቱን #ለእስልምና #ያስፋለትና እርሱም ከጌታው ዘንድ በብርሃን ላይ የኾነ ሰው (ልቡ እንደ ደረቀ ሰው ነውን?) ልቦቻቸውም ከአላህ መወሳት ለደረቁ ሰዎች ወዮላቸው፡፡ እነዚያ በግልጽ መሳሳት ውስጥ ናቸው፡፡
🍇🍇🍇🍇🍇🍇🍇
2ffaa- Namni Islaamummaa Amantii Rabbii, Amantii Haqaa, Amantii Qajeelaa fi Uumaa Rabbiin irratti nama uume hordofuu danda'u #nama #Rabbiin #isa #qajeelchu #fedhee #qoma isaa diin Islaamummatiif isa #badhise

Suuraa An’aam 6:125 👇
فَمَن يُرِدِ ٱللَّهُ أَن يَهۡدِيَهُۥ يَشۡرَحۡ صَدۡرَهُۥ لِلۡإِسۡلَٰمِۖ وَمَن يُرِدۡ أَن يُضِلَّهُۥ يَجۡعَلۡ صَدۡرَهُۥ ضَيِّقًا حَرَجٗا كَأَنَّمَا يَصَّعَّدُ فِي ٱلسَّمَآءِۚ كَذَٰلِكَ يَجۡعَلُ ٱللَّهُ ٱلرِّجۡسَ عَلَى ٱلَّذِينَ لَا يُؤۡمِنُونَ
Namni #Rabbiin #isa #qajeelchuu #fedhe, #qoma Isaa #Islaamaaf #bal’isa Nama isa jallisuu fedhe immoo qoma isaa akkaan dhiphaa, akka nama samii keessa ol ba’uu taasisa Akka kanatti Rabbiin adabbii warra hin amanne irratti godha.
6:125 - አላህም ሊመራው የሚሻውን ሰው #ደረቱን (#ልቡን) #ለኢስላም #ይከፍትለታል፡፡ ሊያጠመውም የሚሻውን ሰው ደረቱን ጠባብ ቸጋራ ወደ ሰማይ ለመውጣት አንደሚታገል ያደርገዋል፡፡ እንደዚሁ አላህ በእነዚያ በማያምኑት ላይ ርክሰትን ያደርጋል፡፡
🍇🍇🍇🍇🍇🍇🍇
Islaamummaan Amantii Rabbii, Amantii Haqaa, Amantii Qajeelaa fi Uumaa Rabbiin irratti nama uume kun, carraa ilmi namni hundi argatu osoo hin taane, #hiree #Rabbiin abbaa ufii #fedhee fi #jaalatee yoo qajeelluma isaa fedhee qoma isaa diin islaamummaf badhise qofti argatu ta'u hubanna.

Rabbiin qoma teenna diin bareedaa diin haqaa diin Islaamaatii nuuf badhisee kara qajeelaa san irratti nu haa jiraachisu.

Jallataa hunda Rabbiin haa qajeelchu.

♻️♻️♻️♻️By:XR ♻️♻️♻️
Worronni baruumsa Amantii Islaamaa fi Kiristaanaa wol bira qabuun baratu barbaaddan garee Chaanaala asii gadii tuqaa seenaa 👇

https://t.me/Xaalibu6504
#Turullee #dhugatuu #irra #aana

🥦🥦🥦🥦🥦🥦
#Kutaa #20ffaa
🥦🥦🥦🥦🥦🥦

#Hojii #manaa
👇👇👇

Ragaa #Yohannis #5:30 dubbisuun, gaafii itti aanee dhufuuf, deebii sirrii ta'e filadhuu deebisi.
🍇🍇🍇🍇🍇🍇

Wangeela #Yohannis #5:30
❝Yesus itti dabalee, "#Ani #humna #kootiin #homaa #gochuu #hin #danda'u; abbaa koo irraa akkan dhaga'etti nan farada; firdiin ani faradus qajeelaa dha. #Anoo #yaada #koo #duukaa #bu'uu #hin #barbaadu, 'yaada #isa #ana #ergee #duukaan #bu'a malee.❞
#እኔ #ከራሴ #አንዳች #ላደርግ #አይቻለኝም፤ እንደ ሰማሁ እፈርዳለሁ ፍርዴም ቅን ነው፥ #የላከኝን #ፈቃድ #እንጂ ፈቃዴን አልሻምና።

Gafii 👇👇👇
Akka ragaa Yohannis 5:30 keessatti dubbatametti, hima kamtuu sirriidha?
A. Yesus, ani humna kootiin homaa barbaade gochuu ni danda'aa jedhe.
B. Yesuus akka ufii barbaadutti farada malee akka abbaa koo irraa dhaga'etti hin faraduu jedhe.
C. Yesuus anoo yaada koo duukaa bu'uu barbaadaa malee yaada Waaqa duukaa bu'uu hin barbaadu jedhe.
D. Deebiin hin jiru.

🥦🥦🥦🥦🥦🥦

Worroonni Amantii Kiristaanaa nuuf deebisaa.

hawaasni keenna ammoo worroota Amantii Islaamummaatiin ala jiran biraan gahaa haqa jiru hubachiisaa.

Qabxiiwwan ijoon nuti ragaa #Yohannis 5:30 irraa argannu;

1ffaa- Yesuus akka aangoo waan barbaadeen hojjatu #takkalle hin qabne fi akkasuma Waaqaa hin taanee ifatti nama sammuun isaa waa yaadduu mirkaneesse. (#Ani #humna #kootiin #homaa #gochuu #hin #danda'u gaafa jedhu).

Mee ragaa wa'ee #amala(sifa) #Waaqaa ibsu haa ilaalluu:
#Macaafa #Faarfannaa 135:6
“Bantii waaqaa irratti, lafa irrattis, galaanotaa fi tuujjuba hundumaa keessatti, #Waaqayyo #waanuma #isatti #tole #in #hojjeta.”

2ffaa- Yesuus waan Rabbiin isa #ajaje #qofa irratti murteessa malee waan fedha isaa tokkollee irratti hin murteessu, ajaja Rabbiin isatti kenne irratti murteessu sun ammoo (wontu kun gaarii hojadhaa, wonti kun hamaa irraa fagaadhaa jechuun) murtee qajeelaa akka ta'e (#abbaa #koo #irraa #akkan #dhaga'etti #nan #farada; #firdiin #ani #faradus #qajeelaa #dha yeroo jedhu).

3ffaa- Yesuus fedhii fi yaadaa isaa tokkoo hordofuu hin barbaadu, sababa inni #ergamaa Rabbii ta'eef ajaja #Waaqaa qofa Raawwataa ture (#yaada #koo #duukaa #bu'uu #hin #barbaadu, #'yaada #isa #ana #ergee #duukaan #bu'a #malee yeroo jedhu).

Jallataa hunda Rabbiin haa qajeelchu.
♻️♻️♻️♻️By:XR ♻️♻️♻️
Gaafii fi yaada baruumsa kana irratti qabdan kamuu, eddoo #'leave a comment' jedhu tuquun bareessuu hin dagatinaa.
Namoonni miseensa asiin dura hin ta'in, baruumsa fakkata kanaa, ka asiin dura #kennamaa #turanii fi kana boodas #kennaman argachuu yoo barbaaddan, linkii asii gadii tuquun, garee Telegiraamaa seenaa nu hordofaa 👇

https://t.me/Xaalibu6504