Turullee Dhugatu Mo'ata
12.2K subscribers
546 photos
184 videos
120 files
475 links
Sobni miseensa guddaa qabaatuun yeroo dheerefatun ni malaa, garuu dhugaa hinjifatuu ammoo gonkumaa hin danda'u.
Download Telegram
#Turullee #dhugatuu #irra #aana

πŸ₯¦πŸ₯¦πŸ₯¦πŸ₯¦πŸ₯¦πŸ₯¦
#Kutaa #12ffaa
πŸ₯¦πŸ₯¦πŸ₯¦πŸ₯¦πŸ₯¦πŸ₯¦

#Hojii #manaa
πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡

Ragaa Wangeela #Yohannis #8:40 dubbisuun, gaafii itti aanee dhufuuf, deebii sirrii ta'e filadhuu deebisi.
πŸ‡πŸ‡πŸ‡πŸ‡πŸ‡πŸ‡

Yohannis 8:40
β€œAni #dhugicha isan #Waaqayyo #irraa #dhaga'e isinitti himeera; isin garuu ana #nama #akkasii ajjeesuu barbaaddu; #Abrahaam akka kana hin #hojjenne.”

Gafii πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
Akka ragaa #Yohannis #8:40 keessatti dubbatametti, hima kamtuu sirriidha?
A. Yesuus dhugaa himamuu qabu, ufi irraa burqisiisee namaaf himee ture.
B. Yesuus ani Gooftaa dhugaa jiru isinitti hime maaf na ajjeesuu barbaadduu isaaniin jedhe.
C. Yesuus dhugaa ani isinitti hime kana, Abraaham akka kana hojjachuu hin dandeennee isaaniin jedheen.
D. Deebiin hin jiru.βœ…βœ…βœ…

πŸ₯¦πŸ₯¦πŸ₯¦πŸ₯¦πŸ₯¦πŸ₯¦

β†ͺ Worroonni Amantii Kiristaanaa nuuf deebisaa.

β†ͺ hawaasni keenna ammoo worroota Amantii Islaamummaatiin ala jiran biraan gahaa haqa jiru hubachiisaa.

Qabxiiwwan ijoon nuti ragaa Wangeela Yohannis 8:40 irraa argannu:

1ffaa- #Yesuus #dhugicha isa #Waaqayyo #irraa #dhaga'e isaanitti hime malee, aangoo Waaqumma wohii qabaatee ufi irraa kaasee waan takkaa akka isaanitti hin himne ifa baase.

2ffaa- #Yesuus #aangoo fi #gaheen isaa waan #Waaqni ilma namaatti himi yookaa geessi jedhee #ajaje #qofa geessuudha malee, seerrii yookaa ajajni inni #ufi #irraa #kaasee namaaf hime tokkollee #akka #hin #jirre hubanna.

3ffaa- #Yesuus #ani #nama dhugaa Rabbiin irraa dhagahee isinitti hime ajjeessuu barbaaddan jedhee ilma namaa ta'uu ufi ibse malee, ani #Gooftaa keessanii jedhee ufi hin himne.

4ffaa- #Yesuus dhugaan inni namatti himaa ture, dhugama #Abraahamuu (Nabi Ibraahimuu) #dubbataa #ture akka taatee fi #hojii fi #aangoon #Yesuus qabaataa turellee tan #Abraahamiin (Nabi Ibraahimiin) #wal #fakkattu malee, #aangoo fi #gahee addaa akka #hin #turre mirkaneessee jechuudha.

Jallataa hunda Rabbiin haa qajeelchu.
♻️♻️♻️♻️By:XR ♻️♻️♻️
Baruumsa fakkata kanaa, ka asiin dura #kennamaa #turanii fi kana boodas #kennaman argachuu yoo barbaaddan, linkii asii gadii tuquun, garee Telegiraamaa seenaa nu hordofaa πŸ‘‡

https://t.me/Xaalibu6504
#Turullee #dhugatuu #irra #aana

πŸ₯¦πŸ₯¦πŸ₯¦πŸ₯¦πŸ₯¦πŸ₯¦
#Kutaa #13ffaa
πŸ₯¦πŸ₯¦πŸ₯¦πŸ₯¦πŸ₯¦πŸ₯¦

#Hojii #manaa
πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡

Ragaa #Ibroota #5:7 dubbisuun, gaafii itti aanee dhufuuf, deebii sirrii ta'e filadhuu deebisi.
πŸ‡πŸ‡πŸ‡πŸ‡πŸ‡πŸ‡

#Ibroota #5:7
β€œ#Yesus biyya lafaa kana irra yeroo jiraachaa turetti, sagalee guddaadhaan #imimmaaniin, #kadhataa fi #waammata gara isa #du'a isa #oolchuu #danda'uutti dhi'eesse; sababii inni ulfina Waaqayyoof gad of deebisee, isatti of kennateefis, #kadhanni #isaa #in #dhaga'ameef.”


Gafii πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
Akka ragaa #Ibroota #5:7 keessatti dubbatametti, hima kamtuu wa'ee Yesuus biyya lafaa kana irra yeroo jiraachaa turetti sirriidha?
A. Namoonni itti booyanii akka du'a isaan oolchuuf kadhataa turan.
B. Namoonni imimmaaniin akka isaan fayyisuuf kadhataa fi waammata gara isaa dhiheessa turani.
C. Sababa Yesuus Waaqa ta'eef, kadhanna namoonni isa kadhatan isaanii dhaga'ameef.
D. Deebiin hin jiru βœ…βœ…βœ…

πŸ₯¦πŸ₯¦πŸ₯¦πŸ₯¦πŸ₯¦πŸ₯¦

β†ͺ Worroonni Amantii Kiristaanaa nuuf deebisaa.

β†ͺ hawaasni keenna ammoo worroota Amantii Islaamummaatiin ala jiran biraan gahaa haqa jiru hubachiisaa.

Qabxiiwwan ijoon nuti ragaa #Ibroota #5:7 irraa argannu;

#I- Yesus biyya lafaa kana irra yeroo jiraachaa turetti:

1ffaa- Rakkoo isa mudatte keessaa bahuuf (akka Yahuudonni isa hin ajjeefneef) jecha, sagalee #guddaadhaa fi #imimmaaniin, Waaqa #kadhataa fi #waammata turuu isaa.

2ffaa- Yesuus dandeetti isaatiin #lubbuu isaa #du'a #irraa oolchuu yookaa hambisuu akka hin #dandeennee hubatee boohuu isaa (ilma namaa biroo aangoo isaatiin fayyisuu yookaa rakkoo wohii irraa baraaruu mitii).

3ffaa- Yesuus boohaa (imimmaaniin) Waaqa kadhatuun isaa, aangoo Waaqummas ta'ee humna rakkoo ittiin furatu #tokkoo #akka #hin #qabne (waan Rabbiin isaa fedhe yoo taate malee) ifatti mirkaneessuu isaa.

4ffaa- Garuu, kan #du'a isa #oolchuu #danda'u yookaa cinqaa keessaa isa baasuu danda'u #Waaqa #qofa ta'uu beekuu isaa. (Kanaafuu, Waaqa waan hundaa irratti dandeettii qabu, ka uumaan hundi isatti hajamu san, innis kadhaa fi waamata dhi'eessuun dandeettiin hunduu ka #Rabbii #qofa ta'uu mirkaneesse jechu).

5ffaa- #Yesuus waan #gabricha Rabbii ta'eef, akka namni hin beeknes hubatuuf gochaan gabricha Rabbii ta'uu mudhisuu isaa. (#Waaqayyoof #gad #of #deebisee akkasuma #isatti #of #kennee yeroo jedhu).

6ffaa- Sababii Yesuus ulfina Waaqayyoof gad of deebisee, isatti of kennateef, bu'aan Yesuus argate, #kadhanni #isaa #isaa #dhaga'amu yookaa awwaatamuu akka ture (#du'a #irraa Rabbiin isa #hambisuu yookaa oolchuu isaa) fi #Yesuus du'ee #du'aa ka'e yaadni jedhu #olola ta'uu isaa mirkaneessaa jechuudha.

Jallataa hunda Rabbiin haa qajeelchu.
♻️♻️♻️♻️By:XR ♻️♻️♻️
Baruumsa fakkata kanaa, ka asiin dura #kennamaa #turanii fi kana boodas #kennaman argachuu yoo barbaaddan, linkii asii gadii tuquun, garee Telegiraamaa seenaa nu hordofaa πŸ‘‡

https://t.me/Xaalibu6504
#Turullee #dhugatuu #irra #aana

πŸ₯¦πŸ₯¦πŸ₯¦πŸ₯¦πŸ₯¦πŸ₯¦
#Kutaa #20ffaa
πŸ₯¦πŸ₯¦πŸ₯¦πŸ₯¦πŸ₯¦πŸ₯¦

#Hojii #manaa
πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡

Ragaa #Yohannis #5:30 dubbisuun, gaafii itti aanee dhufuuf, deebii sirrii ta'e filadhuu deebisi.
πŸ‡πŸ‡πŸ‡πŸ‡πŸ‡πŸ‡

Wangeela #Yohannis #5:30
❝Yesus itti dabalee, "#Ani #humna #kootiin #homaa #gochuu #hin #danda'u; abbaa koo irraa akkan dhaga'etti nan farada; firdiin ani faradus qajeelaa dha. #Anoo #yaada #koo #duukaa #bu'uu #hin #barbaadu, 'yaada #isa #ana #ergee #duukaan #bu'a malee.❞
#αŠ₯αŠ” #ከራሴ #αŠ αŠ•α‹³α‰½ #αˆ‹α‹°αˆ­αŒ #αŠ α‹­α‰»αˆˆαŠαˆα€ αŠ₯αŠ•α‹° αˆ°αˆ›αˆ αŠ₯αˆαˆ­α‹³αˆˆαˆ ααˆ­α‹΄αˆ α‰…αŠ• αŠα‹α₯ #α‹¨αˆ‹αŠ¨αŠαŠ• #αˆα‰ƒα‹΅ #αŠ₯αŠ•αŒ‚ αˆα‰ƒα‹΄αŠ• αŠ αˆαˆ»αˆαŠ“α’

Gafii πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
Akka ragaa Yohannis 5:30 keessatti dubbatametti, hima kamtuu sirriidha?
A. Yesus, ani humna kootiin homaa barbaade gochuu ni danda'aa jedhe.
B. Yesuus akka ufii barbaadutti farada malee akka abbaa koo irraa dhaga'etti hin faraduu jedhe.
C. Yesuus anoo yaada koo duukaa bu'uu barbaadaa malee yaada Waaqa duukaa bu'uu hin barbaadu jedhe.
D. Deebiin hin jiru.βœ…βœ…βœ…

πŸ₯¦πŸ₯¦πŸ₯¦πŸ₯¦πŸ₯¦πŸ₯¦

β†ͺ Worroonni Amantii Kiristaanaa nuuf deebisaa.

β†ͺ hawaasni keenna ammoo worroota Amantii Islaamummaatiin ala jiran biraan gahaa haqa jiru hubachiisaa.

Qabxiiwwan ijoon nuti ragaa #Yohannis 5:30 irraa argannu;

1ffaa- Yesuus akka aangoo waan barbaadeen hojjatu #takkalle hin qabne fi akkasuma Waaqaa hin taanee ifatti nama sammuun isaa waa yaadduu mirkaneesse. (#Ani #humna #kootiin #homaa #gochuu #hin #danda'u gaafa jedhu).

Mee ragaa wa'ee #amala(sifa) #Waaqaa ibsu haa ilaalluu:
#Macaafa #Faarfannaa 135:6
β€œBantii waaqaa irratti, lafa irrattis, galaanotaa fi tuujjuba hundumaa keessatti, #Waaqayyo #waanuma #isatti #tole #in #hojjeta.”

2ffaa- Yesuus waan Rabbiin isa #ajaje #qofa irratti murteessa malee waan fedha isaa tokkollee irratti hin murteessu, ajaja Rabbiin isatti kenne irratti murteessu sun ammoo (wontu kun gaarii hojadhaa, wonti kun hamaa irraa fagaadhaa jechuun) murtee qajeelaa akka ta'e (#abbaa #koo #irraa #akkan #dhaga'etti #nan #farada; #firdiin #ani #faradus #qajeelaa #dha yeroo jedhu).

3ffaa- Yesuus fedhii fi yaadaa isaa tokkoo hordofuu hin barbaadu, sababa inni #ergamaa Rabbii ta'eef ajaja #Waaqaa qofa Raawwataa ture (#yaada #koo #duukaa #bu'uu #hin #barbaadu, #'yaada #isa #ana #ergee #duukaan #bu'a #malee yeroo jedhu).

Jallataa hunda Rabbiin haa qajeelchu.
♻️♻️♻️♻️By:XR ♻️♻️♻️
Gaafii fi yaada baruumsa kana irratti qabdan kamuu, eddoo #'leave a comment' jedhu tuquun bareessuu hin dagatinaa.
Namoonni miseensa asiin dura hin ta'in, baruumsa fakkata kanaa, ka asiin dura #kennamaa #turanii fi kana boodas #kennaman argachuu yoo barbaaddan, linkii asii gadii tuquun, garee Telegiraamaa seenaa nu hordofaa πŸ‘‡

https://t.me/Xaalibu6504