Turullee Dhugatu Mo'ata
11.6K subscribers
537 photos
141 videos
118 files
432 links
Sobni miseensa guddaa qabaatuun yeroo dheerefatun ni malaa, garuu dhugaa hinjifatuu ammoo gonkumaa hin danda'u.
Download Telegram
#Yesuus (Nabi #Iisaan nageenni Rabbii isa irratti haa jiraatu) du'ee du'aa ka'e jedhaa worroonni amantan akka inni #hin #ajjeefamin fi cubbuu ilmi namaa hojjateef fannifamee worroonni yaaddan ammas akka inni #cubbuu #nama #tokkootiifille #hin #fannifamin #beekuu #yoo #feetan dubbiiwwaan asii gadii xiinxallaa dubbisaa malaan deemuu dhiisaa haqa jiru fudhaa. Sammuu waa yaadduu fi haqa barbaaddu ragaan tokkoo isiidhaaf gahaadha waan taateef 👇
🍇🍇🍇🍇🍇🍇🍇
*#Yohannis 8:21-24*
21 Ammas Yesus, "Ani nan adeema, isin #ana #barbaaduuf jirtu; iddoo ani dhaqus #dhufuu #hin #dandeessan, kanaaf cubbuu keessaniin in duutu" jedhee isaanitti dubbate.
ኢየሱስም ደግሞ። እኔ እሄዳለሁ #ትፈልጉኛላችሁም በኃጢአታችሁም ትሞታላችሁ #እኔ #ወደምሄድበት #እናንተ #ልትመጡ #አትችሉም አላቸው።
22 Kana irratti Yihudoonni warri Yesusiin morman, "Iddoo ani dhaqu dhufuu hin dandeessan erga jedhee, #of #ajjeesinna #laataa?" jedhan.
አይሁድም። እኔ ወደ ምሄድበት እናንተ ልትመጡ አትችሉም ማለቱ ራሱን ይገድላልን? እንጃ አሉ።
23 Inni immoo, "Isin kan goodaa kana ati, ani immoo kan gubbaa sanaa ti; #isin #kan #biyya #lafa #kanaa ti, #ani #garuu kan biyya lafa kanaa #miti.
24 #Cubbuu #keessaniin #akka #duutan isinitti himeera; ani eenyu akkan ta'e beektanii yoo amanuu dhaabaattan, cubbuu keessaniin in duutu" isaaniin jedhe.
🍇🍇🍇🍇🍇🍇🍇
Mee yaa nama sammuun kee fayyaa ni qabaa yaaddu ka ammoo Yesuus du'e jettu yookaa cubbuu ilmi nama hojjateef fannifamee jettu #gaafiiwwan asii gadii, ragaa wangeela Yohannis 8:21-24 irratti hundaahee siif dhihaatuu #deebisuu #dandeettaa? 👇
1ffaa- Yohannis 8:21 irratti Yesuus isin na barbaadduu garuu iddoo ani dhaqu dhufuu hin dandeessan jedhee #akkamitti #Yihuudonni #arganii #ajjeesuu danda'an jettu? Moo dubbii Yesuus jedhetuu soba jettu?
2ffaa- Ammas Yohannis 8:22 irratti Yesuus na barbaadduu garuu iddoo ani dhaqu dhufuu hin dandeettan eega jedhee of ajjeessina laata jedhanii qofa shakkii ibsanii garuu dubbii inni dubbate dhugoomsanii jiru akka isatti gahuu hin dandeenne beekanii jechu (Yihudoonni) garuu worroonni Yesuusitti amanna jettan akkamitti Yihudota hanqattanii dubbii Yesuus kijibsiiftan #namni #isa #qabee #ajjeese #jettu?
3ffaa- Yesuus itti dabalee Yohannis 8:23 irratti akka worroonni isa barbaadan biyya lafaa akka ta'an inni immoo akka biyya lafaa hin taane ifatti himee sila Yihudoonni samii bahanii ajjeesan jettu moo isatu dubbii san sobe jettu moo samii bahee deebi'ee ajjefamee yaaddu laata?
4ffaa- xumuraa irratti Yohannis 8:24 irratti, #hundi #namaatuu #cubbuu #isaatiin #du'aa jedhe Yesuus, kun hoo dubbii sobaa ta'ee Yesuus cubbuu ilma namaatiif ajjeefamee yaadduu?
Sammuun waa xiinxallu dandeettu ragaa kana booda Yesuus du'uu du'aa ka'ee yookaa cubbuu ilma namaatiif fannifamee hin yaaddu jedhee abdii qaba.
🍇🍇🍇🍇🍇🍇🍇
Yesuus Eega hin ajjeefamin akkasumas hin fannifamin akkam ta'e ree worroota jettaniif namni Rabbiin irra dhugaa namatti himu hin jiruu dubbii Rabbii tana dubbisaa deebii quubsaa argattu 👇
🍇🍇🍇🍇🍇🍇🍇
An-Nisaa 4:157-158 👇
وَقَوۡلِهِمۡ إِنَّا قَتَلۡنَا
ٱلۡمَسِيحَ عِيسَى ٱبۡنَ مَرۡيَمَ رَسُولَ ٱللَّهِ
وَمَا قَتَلُوهُ وَمَا صَلَبُوهُ وَلَٰكِن شُبِّهَ لَهُمۡۚ
وَإِنَّ ٱلَّذِينَ ٱخۡتَلَفُواْ فِيهِ لَفِي شَكّٖ مِّنۡهُۚ مَا لَهُم بِهِۦ مِنۡ عِلۡمٍ إِلَّا ٱتِّبَاعَ ٱلظَّنِّۚ وَمَا قَتَلُوهُ يَقِينَۢا
157- Ammas waan isaan “nuti Masiih Iisaa ilma Maryam, ergamaa Rabbii, ajjeefnee jirra” jedhaniif (isaan abaarre) #Isaaniitti #fakkeeffame #malee #isa #hin #ajjeefne; #hin #fannisnes Dhugumatti, isaan isa keessatti wal dhaban isa irraa shakkii keessa jiruYaada hordofuu malee isa irratti beekumsa homaatuu hin qaban Qabatamaatti isaan isa hin ajjeefne.
4:157 - «እኛ የአላህን መልክተኛ የመርየምን ልጅ አልመሲሕ ዒሳን ገደልን» በማለታቸውም (ረገምናቸው)፡፡ #አልገደሉትም #አልሰቀሉትምም፡፡ ግን ለእነሱ (የተገደለው ሰው በዒሳ) ተመሰለ፡፡ እነዚያም በእርሱ ነገር የተለያዩት ከእርሱ (መገደል) በመጠራጠር ውስጥ ናቸው፡፡ ጥርጣሬን ከመከተል በስተቀር በእርሱ ነገር ምንም ዕውቀት የላቸውም፡፡ #በእርግጥም #አልገደሉትም፡፡
بَل رَّفَعَهُ ٱللَّهُ إِلَيۡهِۚ
وَكَانَ ٱللَّهُ عَزِيزًا حَكِيمٗا
158- Dhugumatti #Rabbiin #gara #isaatti #ol #isa #fuudhe Rabbiin injifataa, ogeessa ta'e.
4:158 - ይልቁንስ አላህ (ኢሳን) #ወደርሱ #አነሳው፡፡ አላህም አሸናፊ ጥበበኛ ነው፡፡
♻️♻️♻️♻️By:XR ♻️♻️♻️

https://t.me/Xaaliburidallah
#Turullee #dhugatuu #irra #aana

🥦🥦🥦🥦🥦🥦
#Kutaa #16ffaa
🥦🥦🥦🥦🥦🥦

#Hojii #manaa
👇👇👇

Ragaa Wangeela #Yohannis #20:17 dubbisuun, gaafii itti aanee dhufuuf, deebii sirrii ta'e filadhuu deebisi.
🍇🍇🍇🍇🍇🍇

#Yohannis #20:17
" Yesus immoo, "Ana hin qabin! Ani amma iyyuu gara abbaatti ol hin baane; gara #obboloota #koo dhaqii, 'Ani gara #abbaa #kootii fi #abbaa #keessaniitti, gara #Waaqayyo #kootii fi #Waaqayyo #keessanitti ol nan ba'a' jedhii isaanitti anaaf himi!" jedhee ishee abboome."

Gafii 👇👇👇
Akka ragaa #Yohannis #20:17 keessatti dubbatametti, hima kamtuu sirriidha?
A. " Yesus ana hin qabin! Ani amma iyyuu gara eddoo kootti (Waaqa itti turetti) hin deebinee jedhe.
B. Yesuus gara gabroota koo dhaqii, 'Ani gara abbaa keessaniitti
ol nan ba'a' jedhii isaanitti anaaf himi!" jedhee.
C. Yesuus gara gabroota koo dhaqii, 'Ani gara Waaqayyo keessanitti ol nan ba'a' jedhii isaanitti anaaf himi!" jedhee.
D. Deebiin hin jiru.

🥦🥦🥦🥦🥦🥦

Worroonni Amantii Kiristaanaa nuuf deebisaa.

hawaasni keenna ammoo worroota Amantii Islaamummaatiin ala jiran biraan gahaa haqa jiru hubachiisaa.

Qabxiiwwan ijoon nuti ragaa Wangeela #Yohannis #20:17 irraa argannu:

1ffaa- #Yesus #ilma #namaa waan ta'eef, nama dhiiraa birootiin #obboloota #koo jedhee dubbate. (Gara #obboloota #koo dhaqii yeroo jedhu.)

2ffaa- #Uumaan #uumama hundaatuu akkuma #Waaqa ta'e, ka Yesuusiile waan addaa akka hin taane agarsiisuuf, Ani gara abbaa (#uumaa) kootii fi abbaa (#uumaa) keessaniitti ol nan ba'a' jedhe.
HUB:
#'Abbaa' jechi jedhu, hiika gurguddaa sadi(3) qaba.
I. #Uumaa (creater)
II. #Uumataa (begetter)
III. Handhuurfata (#holder/ #founder)

3ffaa- Ammas akkuma #uumamni hunduu #Waaqa qabu, #Yesuusillee #Waaqa #qabaachuu mirkaneessuuf, gara #Waaqayyo #kootii fi Waaqayyo keessanitti ol nan ba'a' jedhe.

4ffaa- Yesuus akka Waaqa hin taanee fi foon uffatee gara dachii dhufeen akka dubbii ololaa taate ifa baasuuf, gara eddoo kootti galaa osoo hin taane, gara isa na #uumee(#abbaa) fi #Waaqaa #koo ta'eetti #ol #nan #ba'aa jedhe.

Jallataa hunda Rabbiin haa qajeelchu.
♻️♻️♻️♻️By:XR ♻️♻️♻️
Gaafii fi yaada baruumsa kana irratti qabdan kamuu, eddoo #'leave a comment' jedhu tuquun bareessuu hin dagatinaa.
Namoonni miseensa asiin dura hin ta'in, baruumsa fakkata kanaa, ka asiin dura #kennamaa #turanii fi kana boodas #kennaman argachuu yoo barbaaddan, linkii asii gadii tuquun, garee Telegiraamaa seenaa nu hordofaa 👇

https://t.me/Xaalibu6504
#Turullee #dhugatuu #irra #aana

🥦🥦🥦🥦🥦🥦
#Kutaa #42ffaa
🥦🥦🥦🥦🥦🥦

#Gilgaala: Hubannoo duraan sammuu keessaa qabnuu fi ragaawwan dubbisnu wol bira qabuun, kallattii dhugaa  ittiin madaallu:

🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦

#Yesuus (Nabi #Iisaan nageenni Rabbii isa irratti haa jiraatu), akka inni #hin #ajjeefamin fi  #cubbuu #ilma #nama #tokkootiifille #hin #fannifamin #beekuu #yoo #feetan, Maatewos 26:39 dubbisuun, gaafiiwwan itti aanee dhufu deebisaa. 👇

🍇🍇🍇🍇🍇🍇🍇

#Maatewos 26:39
" Xinnoos irraa hiiqee #adda #isaatiin #gombifamee, 'Yaa abbaa, ko! In danda'ama yoo ta'e #xoofoon #dhiphinaa #kun #ana #irra #haa #darbu, garuu akka jaalala koo miti, akka jaalala kee haa ta'u malee" jedhee kadhate. "
ጥቂትም ወደ ፊት እልፍ ብሎ በፊቱ #ወደቀና ሲጸልይ። አባቴ፥ ቢቻልስ፥ #ይህች #ጽዋ #ከእኔ #ትለፍ፤ ነገር ግን አንተ እንደምትወድ ይሁን እንጂ እኔ እንደምወድ አይሁን አለ።

🍇🍇🍇🍇🍇🍇🍇

Akka wangeela #Maatewos 26:39 asii olii keessatti ibsutti, #Yesuus #ajjeefamuu yaadamuun #duratti #Waaqa #waa #hundaa #danda'aa #ta'eef adda isaatiin gombifamee #kadhataa #ture. Eddoo kanatti gaafii gurguddoo 5, ka worroonni Yesuus du'e jedhanii yaadan deebisuu qabantu jira. Sunisi:

1ffaa- Eega akka worroonni Kiristaanaa yaadutti Yesuus cubbuu ilma namaatiif ajjeefamuu fedhii qabaate, #maaf #Waaqaa #adda #isaatiin #gombifamee #kadhate⁉️

2ffaa- Eega #Yesuus homa fedheefuu haa ta'uu #du'a #ooluu #barbaadee #Waaqa #kadhate, Waaqni kadhaa isaa dhagaheef (#awwaateef) moo kadhaa Yesuus #hin #awwanneef⁉️

3ffaa- Yoo kadhaa Yesuus Waaqni dhagaheef ka jedhamu taate, maaf Waaqni Yesuusiin du'a hin oolchin ree⁉️ yoo kadhaa Yesuus Waaqni harkatti ka didu taate, maaf awwaatuufii dide? Moo Waaqni du'a oolchuu dandeetti dhabe⁉️

4ffaa-: Waaqni osoo Yesuus itti boohu isaa birmatuu didee, #kaayoo #diinota #Yesuus (#Yihuudotaa) #galmaan #gaheef #jechuudhaa⁉️

5ffaa- Akka worroonni Kiristaanaa yaaddanitti, osoo Waaqni Yesuusii hin tumsine ka jennu taatee, Yesuusiin caalaa Waaqni Yihuudota jaalata jechuudhaa⁉️ (ka Yesuusi tumsuu dideef⁉️)

🍇🍇🍇🍇🍇🍇🍇

Qabxiiwwan ijoon nuti ragaawwan asii olii irraa argannu:

1ffaa- Rabbiin/ Waaqni Yihuudotaa caalaa Yesuusiin jaalata, kanaafuu kadhaa Ergamaan isaa Yesuus kadhataa ture harkatti hin didu waan taateef isaa awwaatee, diinota Yesuusii (Yihuudotaa) jalaa baraaree du'a isa oolchee, Rabbiin Nabiyyi isaa gara isaatti isa fudhatee jechuudhaa.

2ffaa- Eega hin ajjeefamin akkasumas hin fannifamin akkam ta'e ree worroota jettaniif, namni Rabbiin irra dhugaa namatti himu hin jiruu, dubbii Rabbiin Qura'anaa isaa keessatti nuuf hime irraa, deebii quubsaa argattuu dubbisaa. 👇

🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦

#An-Nisaa 4:157 Ammas waan isaan “nuti Masiih Iisaa ilma Maryam, ergamaa Rabbii, ajjeefnee jirra” jedhaniif (isaan abaarre) #Isaaniitti #fakkeeffame #malee #isa #hin #ajjeefne; #hin #fannisnes Dhugumatti, isaan isa keessatti wal dhaban isa irraa shakkii keessa jiru. Yaada hordofuu malee isa irratti beekumsa homaatuu hin qaban Qabatamaatti isaan isa hin ajjeefne.
4:157 - «እኛ የአላህን መልክተኛ የመርየምን ልጅ አልመሲሕ ዒሳን ገደልን» በማለታቸውም (ረገምናቸው)፡፡ #አልገደሉትም #አልሰቀሉትምም፡፡ ግን ለእነሱ (የተገደለው ሰው በዒሳ) ተመሰለ፡፡ እነዚያም በእርሱ ነገር የተለያዩት ከእርሱ (መገደል) በመጠራጠር ውስጥ ናቸው፡፡ ጥርጣሬን ከመከተል በስተቀር በእርሱ ነገር ምንም ዕውቀት የላቸውም፡፡ #በእርግጥም #አልገደሉትም፡፡
An-Nisaa 4:158 Dhugumatti #Rabbiin #gara #isaatti #ol #isa #fuudhe Rabbiin injifataa, ogeessa ta'e.
4:158 - ይልቁንስ አላህ (ኢሳን) #ወደርሱ #አነሳው፡፡ አላህም አሸናፊ ጥበበኛ ነው፡፡

🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦
👆
Ibsi quubsaan, dubbii Rabbii caalu hin jiruu, qalbiin ragaa asii olii xiinxallaa.

#Worroota #Amanti Kiristaanaatiif;
1 #Tasaloniiqee 5:21
" Garuu waan hundumaa qoraa, #isa #gaarii #jabeessaatii #qabadhaa! "
1ኛ ወደ ተሰሎንቄ ሰዎች 5:21 ሁሉን ፈትኑ #መልካሙንም #ያዙ👆👆👆dhaamsa jedhu isinii dhaamaa.

hawaasni keenna ammoo, "#sababa #keetiin #namni "tokko "qajeeluun, #gaala #diddiimaa #karaa #Rabbii #keessatti #kennatu #siif #caala, ka Nabiyyiin Rabbii (nagahaa fi Rahmanni Rabbii isaan irratti haa jiraatu), jedhanii Aliyyiif dhaaman siif dhaama. Sheer taasisuun sin kafalchiisu, lammiiwwan keenna beektu hundaa ergii, toltuu guyyaa boruutti si fayyaddu guduunfadhu.

Jallataa hunda Rabbiin haa qajeelchu.
♻️♻️♻️♻️By:XR ♻️♻️♻️

Garee Telegiraamaa seenaa nu hordofaa 👇

https://t.me/Xaalibu6504