Turullee Dhugatu Mo'ata
12K subscribers
537 photos
163 videos
120 files
451 links
Sobni miseensa guddaa qabaatuun yeroo dheerefatun ni malaa, garuu dhugaa hinjifatuu ammoo gonkumaa hin danda'u.
Download Telegram
#Yesuus (Nabi #Iisaan nageenni Rabbii isa irratti haa jiraatu) du'ee du'aa ka'e jedhaa worroonni amantan akka inni #hin #ajjeefamin fi cubbuu ilmi namaa hojjateef fannifamee worroonni yaaddan ammas akka inni #cubbuu #nama #tokkootiifille #hin #fannifamin #beekuu #yoo #feetan dubbiiwwaan asii gadii xiinxallaa dubbisaa malaan deemuu dhiisaa haqa jiru fudhaa. Sammuu waa yaadduu fi haqa barbaaddu ragaan tokkoo isiidhaaf gahaadha waan taateef 👇
🍇🍇🍇🍇🍇🍇🍇
*#Yohannis 8:21-24*
21 Ammas Yesus, "Ani nan adeema, isin #ana #barbaaduuf jirtu; iddoo ani dhaqus #dhufuu #hin #dandeessan, kanaaf cubbuu keessaniin in duutu" jedhee isaanitti dubbate.
ኢየሱስም ደግሞ። እኔ እሄዳለሁ #ትፈልጉኛላችሁም በኃጢአታችሁም ትሞታላችሁ #እኔ #ወደምሄድበት #እናንተ #ልትመጡ #አትችሉም አላቸው።
22 Kana irratti Yihudoonni warri Yesusiin morman, "Iddoo ani dhaqu dhufuu hin dandeessan erga jedhee, #of #ajjeesinna #laataa?" jedhan.
አይሁድም። እኔ ወደ ምሄድበት እናንተ ልትመጡ አትችሉም ማለቱ ራሱን ይገድላልን? እንጃ አሉ።
23 Inni immoo, "Isin kan goodaa kana ati, ani immoo kan gubbaa sanaa ti; #isin #kan #biyya #lafa #kanaa ti, #ani #garuu kan biyya lafa kanaa #miti.
24 #Cubbuu #keessaniin #akka #duutan isinitti himeera; ani eenyu akkan ta'e beektanii yoo amanuu dhaabaattan, cubbuu keessaniin in duutu" isaaniin jedhe.
🍇🍇🍇🍇🍇🍇🍇
Mee yaa nama sammuun kee fayyaa ni qabaa yaaddu ka ammoo Yesuus du'e jettu yookaa cubbuu ilmi nama hojjateef fannifamee jettu #gaafiiwwan asii gadii, ragaa wangeela Yohannis 8:21-24 irratti hundaahee siif dhihaatuu #deebisuu #dandeettaa? 👇
1ffaa- Yohannis 8:21 irratti Yesuus isin na barbaadduu garuu iddoo ani dhaqu dhufuu hin dandeessan jedhee #akkamitti #Yihuudonni #arganii #ajjeesuu danda'an jettu? Moo dubbii Yesuus jedhetuu soba jettu?
2ffaa- Ammas Yohannis 8:22 irratti Yesuus na barbaadduu garuu iddoo ani dhaqu dhufuu hin dandeettan eega jedhee of ajjeessina laata jedhanii qofa shakkii ibsanii garuu dubbii inni dubbate dhugoomsanii jiru akka isatti gahuu hin dandeenne beekanii jechu (Yihudoonni) garuu worroonni Yesuusitti amanna jettan akkamitti Yihudota hanqattanii dubbii Yesuus kijibsiiftan #namni #isa #qabee #ajjeese #jettu?
3ffaa- Yesuus itti dabalee Yohannis 8:23 irratti akka worroonni isa barbaadan biyya lafaa akka ta'an inni immoo akka biyya lafaa hin taane ifatti himee sila Yihudoonni samii bahanii ajjeesan jettu moo isatu dubbii san sobe jettu moo samii bahee deebi'ee ajjefamee yaaddu laata?
4ffaa- xumuraa irratti Yohannis 8:24 irratti, #hundi #namaatuu #cubbuu #isaatiin #du'aa jedhe Yesuus, kun hoo dubbii sobaa ta'ee Yesuus cubbuu ilma namaatiif ajjeefamee yaadduu?
Sammuun waa xiinxallu dandeettu ragaa kana booda Yesuus du'uu du'aa ka'ee yookaa cubbuu ilma namaatiif fannifamee hin yaaddu jedhee abdii qaba.
🍇🍇🍇🍇🍇🍇🍇
Yesuus Eega hin ajjeefamin akkasumas hin fannifamin akkam ta'e ree worroota jettaniif namni Rabbiin irra dhugaa namatti himu hin jiruu dubbii Rabbii tana dubbisaa deebii quubsaa argattu 👇
🍇🍇🍇🍇🍇🍇🍇
An-Nisaa 4:157-158 👇
وَقَوۡلِهِمۡ إِنَّا قَتَلۡنَا
ٱلۡمَسِيحَ عِيسَى ٱبۡنَ مَرۡيَمَ رَسُولَ ٱللَّهِ
وَمَا قَتَلُوهُ وَمَا صَلَبُوهُ وَلَٰكِن شُبِّهَ لَهُمۡۚ
وَإِنَّ ٱلَّذِينَ ٱخۡتَلَفُواْ فِيهِ لَفِي شَكّٖ مِّنۡهُۚ مَا لَهُم بِهِۦ مِنۡ عِلۡمٍ إِلَّا ٱتِّبَاعَ ٱلظَّنِّۚ وَمَا قَتَلُوهُ يَقِينَۢا
157- Ammas waan isaan “nuti Masiih Iisaa ilma Maryam, ergamaa Rabbii, ajjeefnee jirra” jedhaniif (isaan abaarre) #Isaaniitti #fakkeeffame #malee #isa #hin #ajjeefne; #hin #fannisnes Dhugumatti, isaan isa keessatti wal dhaban isa irraa shakkii keessa jiruYaada hordofuu malee isa irratti beekumsa homaatuu hin qaban Qabatamaatti isaan isa hin ajjeefne.
4:157 - «እኛ የአላህን መልክተኛ የመርየምን ልጅ አልመሲሕ ዒሳን ገደልን» በማለታቸውም (ረገምናቸው)፡፡ #አልገደሉትም #አልሰቀሉትምም፡፡ ግን ለእነሱ (የተገደለው ሰው በዒሳ) ተመሰለ፡፡ እነዚያም በእርሱ ነገር የተለያዩት ከእርሱ (መገደል) በመጠራጠር ውስጥ ናቸው፡፡ ጥርጣሬን ከመከተል በስተቀር በእርሱ ነገር ምንም ዕውቀት የላቸውም፡፡ #በእርግጥም #አልገደሉትም፡፡
بَل رَّفَعَهُ ٱللَّهُ إِلَيۡهِۚ
وَكَانَ ٱللَّهُ عَزِيزًا حَكِيمٗا
158- Dhugumatti #Rabbiin #gara #isaatti #ol #isa #fuudhe Rabbiin injifataa, ogeessa ta'e.
4:158 - ይልቁንስ አላህ (ኢሳን) #ወደርሱ #አነሳው፡፡ አላህም አሸናፊ ጥበበኛ ነው፡፡
♻️♻️♻️♻️By:XR ♻️♻️♻️

https://t.me/Xaaliburidallah
#Turullee #dhugatuu #irra #aana

🥦🥦🥦🥦🥦🥦
#Kutaa #11ffaa
🥦🥦🥦🥦🥦🥦

#Hojii #manaa
👇👇👇

Ragaa Wangeela Maarqos 12: 29 dubbisuun, gaafii itti aanee dhufuuf, deebii sirrii ta'e filadhuu deebisi.
🍇🍇🍇🍇🍇🍇

Maarqos 12: 29
" #Yesus deebisee, "Inni hundumaa #irra #caalu, 'Dhaga'i, yaa Israa'el! Gooftichi #Waaqayyo #keenya #kophaa #isaa #gooftaa dha. "

Gafii 👇👇👇
Akka ragaa Wangeela #Maarqos #12:29 keessatti dubbatametti, hima kamtuu barsiisaa Yesuus?
A. Inni hundumaa irra caalu Anaan Gooftaa jechuu keessan jedhe.
B. Inni hundumaa irra caalu Waaqayyo Gooftaa keessan jedhe.
C. Inni hundumaa irra caalu Waaqayyo Anaan wojji Gooftaa keessan jedhe.
D. Deebiin hin jiru.

🥦🥦🥦🥦🥦🥦

Worroonni Amantii Kiristaanaa nuuf deebisaa.

hawaasni keenna ammoo worroota Amantii Islaamummaatiin ala jiran biraan gahaa haqa jiru hubachiisaa.

Qabxiiwwan ijoon nuti ragaa Wangeela #Maarqos #12:29 irraa argannu;

1ffaa- Wonti barsiisaa Yesuus barsiisaa ture keessatti hundumaa irra caalaa ilmi nama beekuu qabu, wa'ee Waaqaa irratti akka ture. Sunis:

I. #Waaqni uumaa hundaa, #Waaqa #Yesuusille ta'uu isaa. (#Waaqayyo #Keenya Yeroo Yesuus jedhu).

II. #Waaqni #Waaqa #qabaa jechuun sammuu fayyaa qabdu biratti akkuma #kijibaa, Yesuus ani Waaqa qaba osoo jedhu, dubbii #Yesuus faallessanii #innuu #Waaqaa jechuun dubbii #ololaa akka ta'e ifa taasisa.

III. Ammas Gooftummaan waaqaa, akka afooshaa fi woldaa yookaa sheerii kaampaaniitti kan gamtaan ijaaramte osoo hin taane, Waaqni Gooftaa uumama hundaa #kophama #isaatti #Gooftaa akka ta'e.

IV. Wolumaa galatti, Yesuus Gooftaa jedhamee eddoo gara garaatti (Macaafa Qulqulluu jedhumu keessatti jechuudha) argamuun, Waaqumma Yesuus ibsuuf akka hin taane ifa taasisa jechuudha.

Jallataa hunda Rabbiin haa qajeelchu.
♻️♻️♻️♻️By:XR ♻️♻️♻️
Baruumsa fakkata kanaa, ka asiin dura #kennamaa #turanii fi kana boodas #kennaman argachuu yoo barbaaddan, linkii asii gadii tuquun, garee Telegiraamaa seenaa nu hordofaa 👇

https://t.me/Xaalibu6504
#Turullee #dhugatuu #irra #aana

🥦🥦🥦🥦🥦🥦
#Kutaa #15ffaa
🥦🥦🥦🥦🥦🥦

#Hojii #manaa
👇👇👇

Ragaa #Hojii #Ergamootaa #10:38 dubbisuun, gaafii itti aanee dhufuuf, deebii sirrii ta'e filadhuu deebisi.
🍇🍇🍇🍇🍇🍇

#Hojii #Ergamootaa #10:38
" Waaqayyo, #Yesus #nama #Naazireet kana #hafuura #qulqulluudhaan #dibee humnaan akka isa guute, inni naanna'ee hojii gaarii akka hojjete, Seexanaan kan cunqurfaman akka fayyise, #Waaqayyo #isaa #wajjin #akka #tures beekamaa dha."

Gafii 👇👇👇
Akka ragaa #Hojii #Ergamootaa #10:38 keessatti dubbatametti, hima kamtuu sirriidha?
A. Yesus waan Waaqa ta'eef, hafuura qulqulluudhaan ufi dibee.
B. Yesuus waan Waaqa ta'eef, humna guuttachuu nan barbaachisu jedhe.
C. Yeroo Yesuus naanna'ee hojii gaarii hojjataa turee fi Seexanaan kan cunqurfaman fayyisu, Waaqayyo isaan wajjin hin turre.
D. Deebiin hin jiru.

🥦🥦🥦🥦🥦🥦

Worroonni Amantii Kiristaanaa nuuf deebisaa.

hawaasni keenna ammoo worroota Amantii Islaamummaatiin ala jiran biraan gahaa haqa jiru hubachiisaa.

Qabxiiwwan ijoon nuti ragaa #Hojii #Ergamootaa #10:38 irraa argannu:

1ffaa- #Yesus #nama Naazireet akka ture (Yesuus Waaqa jechuun olola dharaa akka ta'e) hubanna.

2ffaa- Yesuus #kophaa #isaatti dandeetti yookaa humna waan #hin #qabneef, Waaqayyo hafuura qulqulluudhaan dibee #humnaan #akka #isa #guute .

3ffaa- #Waaqni, #Yesuus fi #Hafuurri #qulqulluun waan #gara #garaa akka ta'anii fi sadiin Waaqaa tokko jechuun #haasawa #ololaa akka ta'e. (Waaqni ka kajeelamu yookaa tumsaa, Yesuus ka fudhatu yookaa qarqaarsa barbaadaa, Hafuurri qulqulluun ammoo uumama ajaja Waaqaa raawwatu) ta'uu mirkaneeffanna.

4ffaa- #Yesuus hojii gaarii yeroo hojjataa turee fi worroota seexanaan cunqurfaman fayyisaa turetti, #Waaqni #isa #qarqaaraa akka ture hubanna (#Waaqayyo #isaan #wajjin akka tures beekamaadha yeroo jedhu).

Jallataa hunda Rabbiin haa qajeelchu.
♻️♻️♻️♻️By:XR ♻️♻️♻️
Baruumsa fakkata kanaa, ka asiin dura #kennamaa #turanii fi kana boodas #kennaman argachuu yoo barbaaddan, linkii asii gadii tuquun, garee Telegiraamaa seenaa nu hordofaa 👇

https://t.me/Xaalibu6504
#Turullee #dhugatuu #irra #aana

🥦🥦🥦🥦🥦🥦
#Kutaa #33ffaa
🥦🥦🥦🥦🥦🥦

Gilgaala; Hubannoo yaada sammuu keessaa qabnuu fi ragaa jiru wol bira qabuun ittiin madaallu;

Amaloota asii gadii keessaa, amala Waaqa ta'uun isa kan yaaddamu yookaa shakkamu, amala isa kami jettu?

A. #Maatewos 26:67-68
Yommus #fuula #isaatti #tufanii, isa abootan; #warri #kaanis #kakkabalanii, Ati, #Kristos! #Eenyutu #si #rukute? Raajii keetiin nutti himi!" jedhaniin. በዚያን ጊዜ #በፊቱ #ተፉበት#ጐሰሙትም፥ ሌሎችም #በጥፊ #መትተው#ክርስቶስ #ሆይ፥ በጥፊ የመታህ ማን ነው? ትንቢት ተናገርልን አሉ። Kanaafuu, Yesuusitti itti tufame, itti biifame, ni kabalame, garuu Rabbiin amala kana hundaan himamuun gonkumaa hin malu.

B. #Luqaas 4:1-2
Yesus hafuura qulqulluudhaan erga guutamee booddee Yordaanosii deebi'ee, hafuuruma sanaan lafa onaa keessa #guyyaa #afurtama geggeeffame, #Seexanaanis #qoramaa #ture. Guyyaa sana hundaa homaa iyyuu hin nyaanne, dhuma guyyoota sanaattis in #beela'e. #የሉቃስ #ወንጌል 4:1 ኢየሱስም መንፈስ ቅዱስ መልቶበት ከዮርዳኖስ ተመለሰ፥ በመንፈስም ወደ ምድረ በዳ ተመርቶ:#አርባ #ቀን #ከዲያብሎስ #ተፈተነ። በነዚያም ቀኖች ምንም አልበላም፥ ከተጨረሱም በኋላ #ተራበ። Kanaafuu, Yesuus lafa onaa keessa ture, akkasumas seexanaan qorame, garuu kun hunduu amala Rabbiitii miti.

🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦

Qabxiiwwan ijoon nuti argannu:

1ffaa- #Yesuus itti #tufame akkasumas itti #biifamuun, #Yesuus #nama #ta'uu fi aangoo Rabbuma akka #hin #qabne waan beekkamuuf, namootaan tuffatamuu fi aangoo dhuunfaa miidhaa ofi oolchuun waan hin qabneef, #tuftoo fi #biifaan namoota fuula irratti ta'uu isaa.

2ffaa- Yesuus tuftoo fi biifaa bira dabranii yeroo namoonni #kaballaassaniiyyuu,
Waaqummaa mitii, hafuurri Waaqummatuu waan harka isaa keessa hin jirreef, miidhaa isa irratti raawatamu yoo Rabbiin isa tisse malee inni ofi tissuu gonkumaa akka #hin #dandeenne mudhisa. Kun ammoo, amala Waaqumma Yesuus ni qaba jedhamuu mitii, yaaduunuu nama sammuun waa yaaduf akka hin malle, ifatti mirkaneessaa jechuudha.

3ffaa- #Yesuus osoma #hafuura #qulqulluudhaan #guutame jedhamee kitaaba kessatti ibsamu, #Yesuus amala Waaqummaa ni qaba jedhamee namoota tokko tokkoon osoma himamuu, aangoon hafuura qulqulluudhaan guuttamuu fi amalli ni qaba jedhame hundi, #rakkoo #jalaa #baraaruu #hin #dandeenne. Maqaa fi ragaan Yesuus ittin himamaa ture (#worrota #Kiristaanaatiin jechuudhaa) #guutuun isaa (Yesuus #gooftaadha, Yesuus #ilma #Waaqaati, Yesuus #fayyisaadhaa kkf), ragaa foorjidii ta'ee hafuun, akka wonti Yesuusiin hin qabne kamuu, gaafa Rabbiin ifa baasuu, Yesuusiin sobaan faarsuun gonkumaa isaaf aangoo guyyaa takkaallee hin daballe, kitaabuma Yesuus amala Waaqummaalle ni qaba jedhamu keessaatti, oduun biroo ta dhugaa maalummaa Yesuus mudhiftu, #Yesuus #bultii #40 #guutuuf, #lafa #onaa #keessa jiraataa akka turee fi dabrees #seexanaan #akka #qorame, gurraan dhageenne, dhagahuu bira kutnee ragaa isaa kitaaba irraa dubbisnee jechuudha. Kun hundi maal mudhisa yoo jenne, #Yesuus #garbicha #Rabbii, ka Rabbiin isa filate, #Nabiyyii #Rabbiin ummata #Israa'elitti #ergate malee, haasofni amala Waaqumma qoodaa fi gahee isaa #gonkumaa akka #hin #taane, akka aduu samii gubbaa, guyyaa duumessi hin jirre iftutti, dhugaa maalummaa Yesuus ibsu ta'uu mirkaneefanna.

4ffaa- Wolumaa galatti, #mootiin #ofi #danda’aan, #Rabbii #tokko malee akka #hin #jirre, wonti Rabbiin alatti argamu kamuu, Rabbii tokkichatti, Yesuusiinille dabalatee hajamuu ta'uu, #uumamni fedhii Rabbiitin ala #ofi #fayyaduu yookaa #miidhaa #ofi #irraa #dhoorguu #danda'u tokkoo akka #hin #jirre ifatti hubannaa jechuudh.

Worroota Amanti Kiristaanaatiif;
1 #Tasaloniiqee 5:21
" Garuu waan hundumaa qoraa, #isa #gaarii #jabeessaatii #qabadhaa! "
dhaamsa jedhu isinii dhaamaa.

Hawaasni keenna ammoo, "sababa keetiin namni "tokko "qajeeluun, #gaala #diddiimaa karaa Rabbii keessatti kennatu siif caala, ka Nabiyyiin Rabbii (nagahaa fi Rahmanni Rabbii isaan irratti haa jiraatu), jedhanii Aliyyiif dhaaman siif dhaama. Sheer taasisuun sin kafalchiisu, lammiiwwan keenna beektu hundaa ergii, toltuu guyyaa boruutti si fayyaddu guduunfadhu.

♻️♻️♻️♻️By:XR ♻️♻️♻️

https://t.me/Xaaliburidallah
#Turullee #dhugatuu #irra #aana

🥦🥦🥦🥦🥦🥦
#Kutaa #42ffaa
🥦🥦🥦🥦🥦🥦

#Gilgaala: Hubannoo duraan sammuu keessaa qabnuu fi ragaawwan dubbisnu wol bira qabuun, kallattii dhugaa  ittiin madaallu:

🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦

#Yesuus (Nabi #Iisaan nageenni Rabbii isa irratti haa jiraatu), akka inni #hin #ajjeefamin fi  #cubbuu #ilma #nama #tokkootiifille #hin #fannifamin #beekuu #yoo #feetan, Maatewos 26:39 dubbisuun, gaafiiwwan itti aanee dhufu deebisaa. 👇

🍇🍇🍇🍇🍇🍇🍇

#Maatewos 26:39
" Xinnoos irraa hiiqee #adda #isaatiin #gombifamee, 'Yaa abbaa, ko! In danda'ama yoo ta'e #xoofoon #dhiphinaa #kun #ana #irra #haa #darbu, garuu akka jaalala koo miti, akka jaalala kee haa ta'u malee" jedhee kadhate. "
ጥቂትም ወደ ፊት እልፍ ብሎ በፊቱ #ወደቀና ሲጸልይ። አባቴ፥ ቢቻልስ፥ #ይህች #ጽዋ #ከእኔ #ትለፍ፤ ነገር ግን አንተ እንደምትወድ ይሁን እንጂ እኔ እንደምወድ አይሁን አለ።

🍇🍇🍇🍇🍇🍇🍇

Akka wangeela #Maatewos 26:39 asii olii keessatti ibsutti, #Yesuus #ajjeefamuu yaadamuun #duratti #Waaqa #waa #hundaa #danda'aa #ta'eef adda isaatiin gombifamee #kadhataa #ture. Eddoo kanatti gaafii gurguddoo 5, ka worroonni Yesuus du'e jedhanii yaadan deebisuu qabantu jira. Sunisi:

1ffaa- Eega akka worroonni Kiristaanaa yaadutti Yesuus cubbuu ilma namaatiif ajjeefamuu fedhii qabaate, #maaf #Waaqaa #adda #isaatiin #gombifamee #kadhate⁉️

2ffaa- Eega #Yesuus homa fedheefuu haa ta'uu #du'a #ooluu #barbaadee #Waaqa #kadhate, Waaqni kadhaa isaa dhagaheef (#awwaateef) moo kadhaa Yesuus #hin #awwanneef⁉️

3ffaa- Yoo kadhaa Yesuus Waaqni dhagaheef ka jedhamu taate, maaf Waaqni Yesuusiin du'a hin oolchin ree⁉️ yoo kadhaa Yesuus Waaqni harkatti ka didu taate, maaf awwaatuufii dide? Moo Waaqni du'a oolchuu dandeetti dhabe⁉️

4ffaa-: Waaqni osoo Yesuus itti boohu isaa birmatuu didee, #kaayoo #diinota #Yesuus (#Yihuudotaa) #galmaan #gaheef #jechuudhaa⁉️

5ffaa- Akka worroonni Kiristaanaa yaaddanitti, osoo Waaqni Yesuusii hin tumsine ka jennu taatee, Yesuusiin caalaa Waaqni Yihuudota jaalata jechuudhaa⁉️ (ka Yesuusi tumsuu dideef⁉️)

🍇🍇🍇🍇🍇🍇🍇

Qabxiiwwan ijoon nuti ragaawwan asii olii irraa argannu:

1ffaa- Rabbiin/ Waaqni Yihuudotaa caalaa Yesuusiin jaalata, kanaafuu kadhaa Ergamaan isaa Yesuus kadhataa ture harkatti hin didu waan taateef isaa awwaatee, diinota Yesuusii (Yihuudotaa) jalaa baraaree du'a isa oolchee, Rabbiin Nabiyyi isaa gara isaatti isa fudhatee jechuudhaa.

2ffaa- Eega hin ajjeefamin akkasumas hin fannifamin akkam ta'e ree worroota jettaniif, namni Rabbiin irra dhugaa namatti himu hin jiruu, dubbii Rabbiin Qura'anaa isaa keessatti nuuf hime irraa, deebii quubsaa argattuu dubbisaa. 👇

🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦

#An-Nisaa 4:157 Ammas waan isaan “nuti Masiih Iisaa ilma Maryam, ergamaa Rabbii, ajjeefnee jirra” jedhaniif (isaan abaarre) #Isaaniitti #fakkeeffame #malee #isa #hin #ajjeefne; #hin #fannisnes Dhugumatti, isaan isa keessatti wal dhaban isa irraa shakkii keessa jiru. Yaada hordofuu malee isa irratti beekumsa homaatuu hin qaban Qabatamaatti isaan isa hin ajjeefne.
4:157 - «እኛ የአላህን መልክተኛ የመርየምን ልጅ አልመሲሕ ዒሳን ገደልን» በማለታቸውም (ረገምናቸው)፡፡ #አልገደሉትም #አልሰቀሉትምም፡፡ ግን ለእነሱ (የተገደለው ሰው በዒሳ) ተመሰለ፡፡ እነዚያም በእርሱ ነገር የተለያዩት ከእርሱ (መገደል) በመጠራጠር ውስጥ ናቸው፡፡ ጥርጣሬን ከመከተል በስተቀር በእርሱ ነገር ምንም ዕውቀት የላቸውም፡፡ #በእርግጥም #አልገደሉትም፡፡
An-Nisaa 4:158 Dhugumatti #Rabbiin #gara #isaatti #ol #isa #fuudhe Rabbiin injifataa, ogeessa ta'e.
4:158 - ይልቁንስ አላህ (ኢሳን) #ወደርሱ #አነሳው፡፡ አላህም አሸናፊ ጥበበኛ ነው፡፡

🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦
👆
Ibsi quubsaan, dubbii Rabbii caalu hin jiruu, qalbiin ragaa asii olii xiinxallaa.

#Worroota #Amanti Kiristaanaatiif;
1 #Tasaloniiqee 5:21
" Garuu waan hundumaa qoraa, #isa #gaarii #jabeessaatii #qabadhaa! "
1ኛ ወደ ተሰሎንቄ ሰዎች 5:21 ሁሉን ፈትኑ #መልካሙንም #ያዙ👆👆👆dhaamsa jedhu isinii dhaamaa.

hawaasni keenna ammoo, "#sababa #keetiin #namni "tokko "qajeeluun, #gaala #diddiimaa #karaa #Rabbii #keessatti #kennatu #siif #caala, ka Nabiyyiin Rabbii (nagahaa fi Rahmanni Rabbii isaan irratti haa jiraatu), jedhanii Aliyyiif dhaaman siif dhaama. Sheer taasisuun sin kafalchiisu, lammiiwwan keenna beektu hundaa ergii, toltuu guyyaa boruutti si fayyaddu guduunfadhu.

Jallataa hunda Rabbiin haa qajeelchu.
♻️♻️♻️♻️By:XR ♻️♻️♻️

Garee Telegiraamaa seenaa nu hordofaa 👇

https://t.me/Xaalibu6504