Turullee Dhugatu Mo'ata
12.2K subscribers
546 photos
184 videos
120 files
475 links
Sobni miseensa guddaa qabaatuun yeroo dheerefatun ni malaa, garuu dhugaa hinjifatuu ammoo gonkumaa hin danda'u.
Download Telegram
#Turullee #dhugatuu #irra #aana

🥦🥦🥦🥦🥦🥦
#Kutaa #24ffaa
🥦🥦🥦🥦🥦🥦

#Hojii #manaa
👇👇👇

Ragaa #Yohannis 5:24 dubbisuun, gaafii itti aanee dhufuuf, deebii sirrii ta'e filadhuu deebisi.

🍇🍇🍇🍇🍇🍇

#Yohannis 5:24
" "Dhuguma, dhuguman isinitti hima, dubbii koo dhaga'ee #isa #ana #ergetti #kan #amanu #jireenya #bara #baraa #qaba; inni du'a keessaa gara jireenyaatti darbee malee, gara firdii hin dhaqu.”

John 5:24 Verily, verily, I say unto you, He that heareth my word, and #believeth #on #him that #sent #me, hath #everlasting #life, and shall not come into condemnation; but is passed from death unto life.

Gafii 👇👇👇
Akka ragaa #Yohannis 5:24 keessatti dubbatametti, hima kamtuu sirriidha?

A. Yesuus namni dubbii koo dhaga'ee, anaan Waaqa jedhe, jireenna bara baraa argata jedhe.

B. Yesuus namni dubbii koo dhaga'ee, isa ana ergetti amane (Waaqatti amane), jireenna bara baraa argata jedhe.

C. Yesuus namni dubbii koo dhaga'ee, anaan ilma Waaqaati jedhe, jireenna bara baraa argata jedhe.

D. Yesuus namni dubbii koo dhaga'ee, anaan fayyisaadha jedhe, jireenna bara baraa argata jedhe.


🥦🥦🥦🥦🥦🥦

Worroonni Amantii Kiristaanaa mee waan sammuu keessaa qabdanii fi raga kana wol bira qabaa laalaa.

hawaasni keenna ammoo, worroota Amantii Islaamummaatiin ala jiran, ka dhugaa kitaabuma isaanii keessatti argamtu hubatuu dadhaban, ragaawwan asii olii kana biraan gahaa, haqa jiru hubachiisaa.

Qabxiiwwan ijoon nuti ragaa #Yohannis 5:24 irraa argannu;

1ffaa- Dhugaan Yesuus nama barsiisaa ture, dubbii Yesuus dubbate dhaga'anii, inni jalqabaa Yesuus akka ergame amanuu akka qaban.

2ffaa- Ammas dhugaan Yesuus nama barsiisaa ture, dubbii Yesuus dubbate dhaga'anii, isa Yesuus erge (Waaqatti), akka inni isa ergatee fi inni Waaqa dhugaa ta'uu amanuun akka jireenna bara baraa nama gonfachiiftu beekuu akka qaban isaan barsiisuu isa.
( "Dhuguma, dhuguman isinitti hima, dubbii koo dhaga'ee #isa #ana #ergetti #kan #amanu #jireenya #bara #baraa #qaba yeroo jedhu).

3ffaa- Namni du'a keessaa gara jireennaatti dabruu kan danda'u, akkasumas gara firdii ka hin deemne (gara qixaaxaa ka hin oofamne), yeroo Rabbii Yesuus ergetti amane qofa akka ta'e ( .... #isa #ana #ergetti #kan #amanu ...... #inni #du'a #keessaa #gara #jireenyaatti #darbee #malee, #gara #firdii #hin #dhaqu.” yeroo jedhu), ka gocha kanaan faallaa deemu, Waaqa Yesuusiin erge dhiisee, Yesuus Waaqa ka jedhu hundi, akka jireenna bara baraa hin argannee fi jireenna keessa gara du'aatti worrota dabru, worroota gada firdii (qixaaxaa jechuun Azaabaa oofaman akka ta'e) ifatti barsiisee jechuudha.

Gabaabinnaan, akka ragaa Wangeela kanaatti, namni jiru #bara #baraa #barbaadu, namni #du'a irraa gara #jireenna #dabruu fi gara murtee (#Azaabaa) #oofamuu #hin #barbaadne kamuu, #Waaqa #Yesuus #ergetti (Waaqummaa dhugaa beekee) #amanuu fi #Yesuus kan #Waaqni #ergate (ergamaa Waaqaa) ta'uu amanuun akka ta'e ifa baasaa jechuudha.

Jallataa hunda Rabbiin haa qajeelchu.
♻️♻️♻️♻️By:XR ♻️♻️♻️
Gaafii fi yaada baruumsa kana irratti qabdan kamuu, eddoo #'leave a comment' jedhu tuquun bareessuu hin dagatinaa.
Namoonni miseensa asiin dura hin ta'in, baruumsa fakkata kanaa, ka asiin dura #kennamaa #turanii fi kana boodas #kennaman argachuu yoo barbaaddan, linkii asii gadii tuquun, garee Telegiraamaa seenaa nu hordofaa 👇

https://t.me/Xaalibu6504
#Turullee #dhugatuu #irra #aana

🥦🥦🥦🥦🥦🥦
#Kutaa #33ffaa
🥦🥦🥦🥦🥦🥦

Gilgaala; Hubannoo yaada sammuu keessaa qabnuu fi ragaa jiru wol bira qabuun ittiin madaallu;

Amaloota asii gadii keessaa, amala Waaqa ta'uun isa kan yaaddamu yookaa shakkamu, amala isa kami jettu?

A. #Maatewos 26:67-68
Yommus #fuula #isaatti #tufanii, isa abootan; #warri #kaanis #kakkabalanii, Ati, #Kristos! #Eenyutu #si #rukute? Raajii keetiin nutti himi!" jedhaniin. በዚያን ጊዜ #በፊቱ #ተፉበት#ጐሰሙትም፥ ሌሎችም #በጥፊ #መትተው#ክርስቶስ #ሆይ፥ በጥፊ የመታህ ማን ነው? ትንቢት ተናገርልን አሉ። Kanaafuu, Yesuusitti itti tufame, itti biifame, ni kabalame, garuu Rabbiin amala kana hundaan himamuun gonkumaa hin malu.

B. #Luqaas 4:1-2
Yesus hafuura qulqulluudhaan erga guutamee booddee Yordaanosii deebi'ee, hafuuruma sanaan lafa onaa keessa #guyyaa #afurtama geggeeffame, #Seexanaanis #qoramaa #ture. Guyyaa sana hundaa homaa iyyuu hin nyaanne, dhuma guyyoota sanaattis in #beela'e. #የሉቃስ #ወንጌል 4:1 ኢየሱስም መንፈስ ቅዱስ መልቶበት ከዮርዳኖስ ተመለሰ፥ በመንፈስም ወደ ምድረ በዳ ተመርቶ:#አርባ #ቀን #ከዲያብሎስ #ተፈተነ። በነዚያም ቀኖች ምንም አልበላም፥ ከተጨረሱም በኋላ #ተራበ። Kanaafuu, Yesuus lafa onaa keessa ture, akkasumas seexanaan qorame, garuu kun hunduu amala Rabbiitii miti.

🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦

Qabxiiwwan ijoon nuti argannu:

1ffaa- #Yesuus itti #tufame akkasumas itti #biifamuun, #Yesuus #nama #ta'uu fi aangoo Rabbuma akka #hin #qabne waan beekkamuuf, namootaan tuffatamuu fi aangoo dhuunfaa miidhaa ofi oolchuun waan hin qabneef, #tuftoo fi #biifaan namoota fuula irratti ta'uu isaa.

2ffaa- Yesuus tuftoo fi biifaa bira dabranii yeroo namoonni #kaballaassaniiyyuu,
Waaqummaa mitii, hafuurri Waaqummatuu waan harka isaa keessa hin jirreef, miidhaa isa irratti raawatamu yoo Rabbiin isa tisse malee inni ofi tissuu gonkumaa akka #hin #dandeenne mudhisa. Kun ammoo, amala Waaqumma Yesuus ni qaba jedhamuu mitii, yaaduunuu nama sammuun waa yaaduf akka hin malle, ifatti mirkaneessaa jechuudha.

3ffaa- #Yesuus osoma #hafuura #qulqulluudhaan #guutame jedhamee kitaaba kessatti ibsamu, #Yesuus amala Waaqummaa ni qaba jedhamee namoota tokko tokkoon osoma himamuu, aangoon hafuura qulqulluudhaan guuttamuu fi amalli ni qaba jedhame hundi, #rakkoo #jalaa #baraaruu #hin #dandeenne. Maqaa fi ragaan Yesuus ittin himamaa ture (#worrota #Kiristaanaatiin jechuudhaa) #guutuun isaa (Yesuus #gooftaadha, Yesuus #ilma #Waaqaati, Yesuus #fayyisaadhaa kkf), ragaa foorjidii ta'ee hafuun, akka wonti Yesuusiin hin qabne kamuu, gaafa Rabbiin ifa baasuu, Yesuusiin sobaan faarsuun gonkumaa isaaf aangoo guyyaa takkaallee hin daballe, kitaabuma Yesuus amala Waaqummaalle ni qaba jedhamu keessaatti, oduun biroo ta dhugaa maalummaa Yesuus mudhiftu, #Yesuus #bultii #40 #guutuuf, #lafa #onaa #keessa jiraataa akka turee fi dabrees #seexanaan #akka #qorame, gurraan dhageenne, dhagahuu bira kutnee ragaa isaa kitaaba irraa dubbisnee jechuudha. Kun hundi maal mudhisa yoo jenne, #Yesuus #garbicha #Rabbii, ka Rabbiin isa filate, #Nabiyyii #Rabbiin ummata #Israa'elitti #ergate malee, haasofni amala Waaqumma qoodaa fi gahee isaa #gonkumaa akka #hin #taane, akka aduu samii gubbaa, guyyaa duumessi hin jirre iftutti, dhugaa maalummaa Yesuus ibsu ta'uu mirkaneefanna.

4ffaa- Wolumaa galatti, #mootiin #ofi #danda’aan, #Rabbii #tokko malee akka #hin #jirre, wonti Rabbiin alatti argamu kamuu, Rabbii tokkichatti, Yesuusiinille dabalatee hajamuu ta'uu, #uumamni fedhii Rabbiitin ala #ofi #fayyaduu yookaa #miidhaa #ofi #irraa #dhoorguu #danda'u tokkoo akka #hin #jirre ifatti hubannaa jechuudh.

Worroota Amanti Kiristaanaatiif;
1 #Tasaloniiqee 5:21
" Garuu waan hundumaa qoraa, #isa #gaarii #jabeessaatii #qabadhaa! "
dhaamsa jedhu isinii dhaamaa.

Hawaasni keenna ammoo, "sababa keetiin namni "tokko "qajeeluun, #gaala #diddiimaa karaa Rabbii keessatti kennatu siif caala, ka Nabiyyiin Rabbii (nagahaa fi Rahmanni Rabbii isaan irratti haa jiraatu), jedhanii Aliyyiif dhaaman siif dhaama. Sheer taasisuun sin kafalchiisu, lammiiwwan keenna beektu hundaa ergii, toltuu guyyaa boruutti si fayyaddu guduunfadhu.

♻️♻️♻️♻️By:XR ♻️♻️♻️

https://t.me/Xaaliburidallah
#Turullee #dhugatuu #irra #aana

🥦🥦🥦🥦🥦🥦
#Kutaa #36ffaa
🥦🥦🥦🥦🥦🥦

#Gilgaala: Hubannoo duraan sammuu keessaa qabnuu fi ragaawwan dubbisnu wol bira qabuun, kallattii dhugaa ittiin madaallu:

Yesuus hojii mataa isaa yookaa waan karoora isaatiin baafate hojjataa ture moo, waan Rabbiin itti isa ajaje qofa hojjataa ture laata beektuu? Hima kamtuu, Yesuus akka hojii karoora mataa isaatiin baase akka hojjataa ture agarsiisa?

🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦

A. #Yohannis 8:29 “Inni #ana #erge #anaa #wajjin #jira; #ani yeroo #hundumaa kan #isa #gammachiisu waan #ani #hojjedhuuf, #inni #kophaatti #ana #hin #dhiifne" isaaniin jedhe.” #የዮሐንስ ወንጌል 8:29 #የላከኝም #ከእኔ #ጋር ነው፤ እኔ ደስ የሚያሰኘውን ዘወትር አደርጋለሁና #አብ #ብቻዬን #አይተወኝም አላቸው።

B. #Yohannis 5:36 “Isa Yohannis cuuphaan dhugaa ba'e irra caalaa kan dhugaa anaaf ba'u qaba; #hojiin #abbaan #koo akkan raawwadhuuf dabarsee #anatti #kenne baay'eedha; hojiin ani hojjedhu kunis #abbaan #akka #ana #erge dhugaa anaaf in ba'a.” #የዮሐንስ #ወንጌል 5:36 እኔ ግን ከዮሐንስ ምስክር የሚበልጥ ምስክር አለኝ፤ #አብ ልፈጽመው #የሰጠኝ #ሥራ፥ ይህ የማደርገው ሥራ፥ #አብ #እንደ #ላከኝ ስለ እኔ ይመሰክራልና።

C. #Yohannis 10:37 ❝Egaa #ani #hojii #abbaa #koo hin hojjedhu yoon ta'e, anatti hin amaninaa.❞ #የዮሐንስ #ወንጌል 10:37 እኔ #የአባቴን #ሥራ ባላደርግ አትመኑኝ፤

D. Deebiin hin jiru.

🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦

Qabxiiwwan ijoon nuti ragaawwan asii olii irraa argannu:

1ffaa- Yesuus dandeettii fi aangoo isaatiin tankaarfii takkaa socho'uu waan hin dandeenneef, Rabbiin hojii fi sochii isaa kamuu keessatti isa wojjiin jiraachuu (tumsa isaa akka ta'e) ifatti ragaa bahe (“#Inni #ana #erge #anaa #wajjin #jira; .... #inni #kophaatti #ana #hin #dhiifne" yeroo jedhu)

2ffaa. Yesuus yeroo kamuu hojiin inni hojjatu waan ofii fedhee fi isa gammachiisu osoo hin taane, ka Rabbiin isa filatee isa ergate gammachiisu qofa akka ta'e mirkaneesse (“#ani yeroo #hundumaa kan #isa #gammachiisu waan #ani #hojjedhuuf" yeroo jedhu).

3ffaa- Hojiin Yesuus hojjatu kamuu, akkuma karoora fi fedhii Yesuus hin taane, akkasumas Yesuus Waaqaa osoo hin taane, #ergamaa #Rabbiin #isa #ergate akka ta'e, ragaa isaaf akka bahu dubbate (#hojiin #abbaan #koo akkan raawwadhuuf dabarsee #anatti #kenne baay'eedha; hojiin ani hojjedhu kunis #abbaan #akka #ana #erge dhugaa anaaf in ba'a.” yeroo jedhu).

4ffaa- Namni tokko gaafni Yesuusitti amanuu qabu, gaafa inni hojii Waaqaa (ajaja Rabbii) qofa raawwate akka ta'e fi gaafa inni ergaa Rabbii hin geessine taate akka isatti amanuu hin qabne, ifatti barsiisaa akka ture (❝Egaa #ani #hojii #abbaa #koo hin hojjedhu yoon ta'e, #anatti #hin #amaninaa.❞ yeroo jedhu)

🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦

#Worroota #Amanti Kiristaanaatiif;
1 #Tasaloniiqee 5:21
" Garuu waan hundumaa qoraa, #isa #gaarii #jabeessaatii #qabadhaa! "
1ኛ ወደ ተሰሎንቄ ሰዎች 5:21 ሁሉን ፈትኑ #መልካሙንም #ያዙ👆👆👆dhaamsa jedhu isinii dhaamaa.

hawaasni keenna ammoo, "#sababa #keetiin #namni "tokko "qajeeluun, #gaala #diddiimaa #karaa #Rabbii #keessatti #kennatu #siif #caala, ka Nabiyyiin Rabbii (nagahaa fi Rahmanni Rabbii isaan irratti haa jiraatu), jedhanii Aliyyiif dhaaman siif dhaama. Sheer taasisuun sin kafalchiisu, lammiiwwan keenna beektu hundaa ergii, toltuu guyyaa boruutti si fayyaddu guduunfadhu.

Jallataa hunda Rabbiin haa qajeelchu.
♻️♻️♻️♻️By:XR ♻️♻️♻️
Gaafii fi yaada baruumsa kana irratti qabdan kamuu, eddoo #'leave a comment' jedhu tuquun bareessuu hin dagatinaa.
Namoonni miseensa asiin dura hin ta'in, baruumsa fakkata kanaa, ka asiin dura #kennamaa #turanii fi kana boodas #kennaman argachuu yoo barbaaddan, linkii asii gadii tuquun, garee Telegiraamaa seenaa nu hordofaa 👇

https://t.me/Xaaliburidallah
#Turullee #dhugatuu #irra #aana

🥦🥦🥦🥦🥦🥦
#Kutaa #38ffaa
🥦🥦🥦🥦🥦🥦

#Gilgaala: Hubannoo duraan sammuu keessaa qabnuu fi ragaawwan dubbisnu wol bira qabuun, kallattii dhugaa ittiin madaallu:

Gaafiiwwan armaan gadii deebii sirrii ta'e filadhuu;

1- Raajiin Yesuus hojjate, Yesuusimatu dandeettii isaatiin hojjate moo Waaqatu hojjate?
A. Yesuus B. Waaqa

2- Waaqni raajii gara Yesuusiin wonti hojjateef, akka namni isaan gooftaa jedhuu fi moo akka namni inni Nabiyyi dhugaa ta’uu beekuuf?
A. Akka Yesuusiin gooftaa jedhaniif.
B. Yesuus Nabiyyi dhugaa ta'u akka namni ragaa bahuuf.

3- Namoonni raajii Yesuus hojjate argan, Yesuusiin maal jedhanii ragaa bahaniif?
A. Nabiyyi (raajii) jedhanii.
B. Waaqa yookaa Gooftaa jedhanii.

Deebii keessan booda, mee ragaawwan asii gadii xiinxallaan dubbisaa.

🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦

1ffaa. #Hojii #Ergamootaa 2:22 "Isin yaa warra Israa'el, dubbii kana dhaggeeffadhaa, #Waaqayyo #harka #Yesus nama Naazireet kanaan, hojii aangoo isaa, dinqiidhaa fi milikkita garaa garaa kan isin beektan, isin gidduutti hojjechuu isaatiin #fudhatamaa #isa #godhe."
#የሐዋርያት #ሥራ 2:22 የእስራኤል ሰዎች ሆይ፥ ይህን ቃል ስሙ፤ ራሳችሁ እንደምታውቁ፥ የናዝሬቱ ኢየሱስ #እግዚአብሔር በመካከላችሁ #በእርሱ #በኩል ባደረገው ተአምራትና በድንቆች በምልክቶችም ከእግዚአብሔር ዘንድ ለእናንተ የተገለጠ ሰው ነበረ፤

2ffaa. #Yohannis 9:17 "Kana booddee warri Fariisotaa namicha isa jaamaa ture sanaan, "Waa'ee isa ija kee siif bane kanaa maal jetta?" jedhan; yommus namichi, "Inni #raajiidha (Nabiyyi) ” jedhee deebiseef."
#የዮሐንስ #ወንጌል 9:17 በመካከላቸውም መለያየት ሆነ። ከዚህም የተነሣ ዕውሩን። አንተ ዓይኖችህን ስለ ከፈተ ስለ እርሱ ምን ትላለህ? ደግሞ አሉት። እርሱም። #ነቢይ ነው አለ።
They say unto the blind man again, What sayest thou of him, that he hath opened thine eyes? He said, He is a #prophet.

3ffaa. Maatewos 21:11 "Tuuti isaa wajjin adeemus, "Kun #raajicha (Nabiyyi) Yesus nama Naazireet kutaa biyya Galiilaa ti" jedhee deebise."
ሕዝቡም። ይህ ከገሊላ ናዝሬት የመጣ #ነቢዩ #ኢየሱስ ነው አሉ።
And the multitude said, This is #Jesus the #prophet of Nazareth of Galilee.

4ffaa. #Luqaas 24:19 "Inni, "Waan attamii ti?" isaaniin jennaan, isaan immoo, "Waa'ee Yesus nama Naazireet, isa gochatti dubbiittis Waaqayyoo fi namoota duratti #raajii (Nabiyyi) aango-qabeessa ture sana,"
እርሱም። ይህ ምንድር ነው? አላቸው። እነርሱም እንዲህ አሉት። በእግዚአብሔርና በሕዝቡ ሁሉ ፊት በሥራና በቃል #ብርቱ #ነቢይ ስለ ነበረው ስለ #ናዝሬቱ ስለ #ኢየሱስ

🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦

Qabxiiwwan ijoon nuti ragaawwan asii olii irraa argannu:

1ffaa- hojii aangoo, dinqiiwwaanii fi milikkita gara garaa (#raajiiwwaan) kan hojjate #Waaqa #malee #Yesuusii #miti. Kanaafuu, Waaqni harka Yesuusiin jechuun #gara #isaatiin yookaa #harka #isaa #irrattii fi #kadhaa #isaa sanii raajiiwwaan gara garaa hojjatee jechuudha malee, Yesuusitu dandeettii isaatiin hojjate jechuu miti.

2ffaa- Sababni Waaqni harka Yesuusiin milikkita gara garaa hojjateef ammoo, akka #Yesuus #fudhatama #nama #biratti #argatuuf. Yesuus fudhatama argatuu Yeroo jennu, Waaqumman yookaa ilma Waaqaa ta’uun osoo hin taane, #Nabiyyii #Rabbii #ta’uu #akka #namni #beekuuf #qofa jechuudha.

3ffaa- Yesuus milikkita gara garaa yookaa raajiiwwaan inni hojjateen fudhatama argatuun, akka worroonni raajii inni hojjate ijaan arganii, #maqaa fi #aangoo #inni #qabu #qofaan #isa #waaman #san, akkasumas worroonni Yesuusiin ijaan hin arganille dhugaa isaan ragaa bahan dhagahuun, Yesuus #Nabiyyi #Rabbiin #isa #ergate qofa jedhanii waamuun, dhugaa eennuu mormuu hin dandeenne akka taate, worroota booda isaaniitii dhufuullee dhaamanii jechuudha.

4ffaa- Worroonni dhugaa akka aduutti iftu fudhachuu hin feene garuu, Yesuusii Afaan Amaariffatiin #ነቢይ, Afaan Ingliffaatiin #prophet jedhamee ibsame, Afaan Oromootiin #raajii⁉️ jedhanii hiikuun isaanii, hiikkaa qajeela hin taanetti akka hiikani namni waa barate ni hubata. Sababni wonti kun hojjatameef, #Nabiyyi #ta’uu #Yesuus #waakkatuuf #jecha, tooftaa diriirfame fi shira xaxame ta’u isaa ifatti mirkaneessa. Yesuusiin waan inni qabu irraa mulquu fi waan inni hin qabne isaa kennuun, tooftaa worra haqa Rabbii dhoksuu ta’uu isaa, namaaf muldhisaa jechuudha.

Jallataa hunda Rabbiin haa qajeelchu.
♻️♻️♻️♻️By:XR ♻️♻️♻️
Garee Telegiraamaa seenaa nu hordofaa 👇

https://t.me/Xaaliburidallah