Turullee Dhugatu Mo'ata
11.6K subscribers
537 photos
141 videos
118 files
432 links
Sobni miseensa guddaa qabaatuun yeroo dheerefatun ni malaa, garuu dhugaa hinjifatuu ammoo gonkumaa hin danda'u.
Download Telegram
#Turullee #dhugatuu #irra #aana

🥦🥦🥦🥦🥦🥦
#Kutaa #38ffaa
🥦🥦🥦🥦🥦🥦

#Gilgaala: Hubannoo duraan sammuu keessaa qabnuu fi ragaawwan dubbisnu wol bira qabuun, kallattii dhugaa ittiin madaallu:

Gaafiiwwan armaan gadii deebii sirrii ta'e filadhuu;

1- Raajiin Yesuus hojjate, Yesuusimatu dandeettii isaatiin hojjate moo Waaqatu hojjate?
A. Yesuus B. Waaqa

2- Waaqni raajii gara Yesuusiin wonti hojjateef, akka namni isaan gooftaa jedhuu fi moo akka namni inni Nabiyyi dhugaa ta’uu beekuuf?
A. Akka Yesuusiin gooftaa jedhaniif.
B. Yesuus Nabiyyi dhugaa ta'u akka namni ragaa bahuuf.

3- Namoonni raajii Yesuus hojjate argan, Yesuusiin maal jedhanii ragaa bahaniif?
A. Nabiyyi (raajii) jedhanii.
B. Waaqa yookaa Gooftaa jedhanii.

Deebii keessan booda, mee ragaawwan asii gadii xiinxallaan dubbisaa.

🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦

1ffaa. #Hojii #Ergamootaa 2:22 "Isin yaa warra Israa'el, dubbii kana dhaggeeffadhaa, #Waaqayyo #harka #Yesus nama Naazireet kanaan, hojii aangoo isaa, dinqiidhaa fi milikkita garaa garaa kan isin beektan, isin gidduutti hojjechuu isaatiin #fudhatamaa #isa #godhe."
#የሐዋርያት #ሥራ 2:22 የእስራኤል ሰዎች ሆይ፥ ይህን ቃል ስሙ፤ ራሳችሁ እንደምታውቁ፥ የናዝሬቱ ኢየሱስ #እግዚአብሔር በመካከላችሁ #በእርሱ #በኩል ባደረገው ተአምራትና በድንቆች በምልክቶችም ከእግዚአብሔር ዘንድ ለእናንተ የተገለጠ ሰው ነበረ፤

2ffaa. #Yohannis 9:17 "Kana booddee warri Fariisotaa namicha isa jaamaa ture sanaan, "Waa'ee isa ija kee siif bane kanaa maal jetta?" jedhan; yommus namichi, "Inni #raajiidha (Nabiyyi) ” jedhee deebiseef."
#የዮሐንስ #ወንጌል 9:17 በመካከላቸውም መለያየት ሆነ። ከዚህም የተነሣ ዕውሩን። አንተ ዓይኖችህን ስለ ከፈተ ስለ እርሱ ምን ትላለህ? ደግሞ አሉት። እርሱም። #ነቢይ ነው አለ።
They say unto the blind man again, What sayest thou of him, that he hath opened thine eyes? He said, He is a #prophet.

3ffaa. Maatewos 21:11 "Tuuti isaa wajjin adeemus, "Kun #raajicha (Nabiyyi) Yesus nama Naazireet kutaa biyya Galiilaa ti" jedhee deebise."
ሕዝቡም። ይህ ከገሊላ ናዝሬት የመጣ #ነቢዩ #ኢየሱስ ነው አሉ።
And the multitude said, This is #Jesus the #prophet of Nazareth of Galilee.

4ffaa. #Luqaas 24:19 "Inni, "Waan attamii ti?" isaaniin jennaan, isaan immoo, "Waa'ee Yesus nama Naazireet, isa gochatti dubbiittis Waaqayyoo fi namoota duratti #raajii (Nabiyyi) aango-qabeessa ture sana,"
እርሱም። ይህ ምንድር ነው? አላቸው። እነርሱም እንዲህ አሉት። በእግዚአብሔርና በሕዝቡ ሁሉ ፊት በሥራና በቃል #ብርቱ #ነቢይ ስለ ነበረው ስለ #ናዝሬቱ ስለ #ኢየሱስ

🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦

Qabxiiwwan ijoon nuti ragaawwan asii olii irraa argannu:

1ffaa- hojii aangoo, dinqiiwwaanii fi milikkita gara garaa (#raajiiwwaan) kan hojjate #Waaqa #malee #Yesuusii #miti. Kanaafuu, Waaqni harka Yesuusiin jechuun #gara #isaatiin yookaa #harka #isaa #irrattii fi #kadhaa #isaa sanii raajiiwwaan gara garaa hojjatee jechuudha malee, Yesuusitu dandeettii isaatiin hojjate jechuu miti.

2ffaa- Sababni Waaqni harka Yesuusiin milikkita gara garaa hojjateef ammoo, akka #Yesuus #fudhatama #nama #biratti #argatuuf. Yesuus fudhatama argatuu Yeroo jennu, Waaqumman yookaa ilma Waaqaa ta’uun osoo hin taane, #Nabiyyii #Rabbii #ta’uu #akka #namni #beekuuf #qofa jechuudha.

3ffaa- Yesuus milikkita gara garaa yookaa raajiiwwaan inni hojjateen fudhatama argatuun, akka worroonni raajii inni hojjate ijaan arganii, #maqaa fi #aangoo #inni #qabu #qofaan #isa #waaman #san, akkasumas worroonni Yesuusiin ijaan hin arganille dhugaa isaan ragaa bahan dhagahuun, Yesuus #Nabiyyi #Rabbiin #isa #ergate qofa jedhanii waamuun, dhugaa eennuu mormuu hin dandeenne akka taate, worroota booda isaaniitii dhufuullee dhaamanii jechuudha.

4ffaa- Worroonni dhugaa akka aduutti iftu fudhachuu hin feene garuu, Yesuusii Afaan Amaariffatiin #ነቢይ, Afaan Ingliffaatiin #prophet jedhamee ibsame, Afaan Oromootiin #raajii⁉️ jedhanii hiikuun isaanii, hiikkaa qajeela hin taanetti akka hiikani namni waa barate ni hubata. Sababni wonti kun hojjatameef, #Nabiyyi #ta’uu #Yesuus #waakkatuuf #jecha, tooftaa diriirfame fi shira xaxame ta’u isaa ifatti mirkaneessa. Yesuusiin waan inni qabu irraa mulquu fi waan inni hin qabne isaa kennuun, tooftaa worra haqa Rabbii dhoksuu ta’uu isaa, namaaf muldhisaa jechuudha.

Jallataa hunda Rabbiin haa qajeelchu.
♻️♻️♻️♻️By:XR ♻️♻️♻️
Garee Telegiraamaa seenaa nu hordofaa 👇

https://t.me/Xaaliburidallah