Turullee Dhugatu Mo'ata
12K subscribers
537 photos
163 videos
120 files
451 links
Sobni miseensa guddaa qabaatuun yeroo dheerefatun ni malaa, garuu dhugaa hinjifatuu ammoo gonkumaa hin danda'u.
Download Telegram
Seerrummaan waa'ee dubartii saala dhiira biroo harkaan hiixattee qabde irraa muraa jedhu, dubartii sagaagalumma hojatten hoo maal itti murteessa laata?
Moo saalaa dhiiraa harkaan tuqutuu sagaagalumma irra isaan biratti jabaataadha laata?

👇👇👇
Seera Keessa Deebii 25:11-12
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
❝¹¹ Namoonni lama utuu wal lolanii, haati manaa isa tokkoo namicha isa abbaa manaa ishee miidhu harkaa baafachuudhaaf jettee, hiixattee #saala #namicha isa miidhu sanaa yoo #qabde,
¹² #harka ishee irraa #kuti malee garaa hin laafiniif.❞
፤ ሁለት ሰዎች እርስ በርሳቸው ቢጣሉ፥ የአንደኛውም ሚስት ባልዋን ከሚመታው ሰው እጅ ታድነው ዘንድ ብትቀርብ፥ እጅዋንም ዘርግታ #ብልቱን #ብትይዝ
#እጅዋን #ቍረጥ፥ ዓይንህም አትራራላት።

🍇🍇🍇🍇🍇🍇🍇🍇🍇
Seeraa waan dhoorguu qabu hamaa akka waan hayyamamaatti bira dabre waan biroo haasawu kanaan maal jettu⁉️

Jallataa hunda Rabbiin haa qajeelchu.

♻️♻️♻️♻️By:XR ♻️♻️♻️
Worronni baruumsa Amantii Islaamaa fi Kiristaanaa wol bira qabuun baratu barbaaddan garee Chaanaala asii gadii tuqaa seenaa 👇

https://t.me/Xaaliburidallah
#Turullee #dhugatuu #irra #aana

🥦🥦🥦🥦🥦🥦
#Kutaa #17ffaa
🥦🥦🥦🥦🥦🥦

#Hojii #manaa
👇👇👇

Ragaa #Hojii #Ergamootaa #2:22 dubbisuun, gaafii itti aanee dhufuuf, deebii sirrii ta'e filadhuu deebisi.
🍇🍇🍇🍇🍇🍇

#Hojii #Ergamootaa #2:22

“"Isin yaa warra Israa'el, dubbii kana dhaggeeffadhaa, #Waaqayyo #harka #Yesus nama Naazireet kanaan, hojii #aangoo #isaa, #dinqiidhaa fi #milikkita garaa garaa kan isin beektan, isin gidduutti hojjechuu isaatiin #fudhatamaa #isa #godhe.”

Gafii 👇👇👇
Akka ragaa #Hojii #Ergamootaa #2:22 keessatti dubbatametti, hima kamtuu sirriidha?
A. Isin yaa warra Adunyaa dubbii kana dhaggeeffadhaa jechuun, waan raawwatame boqqnnaan kun ilma namaa hundaa ifa taasise.
B. Yesuus harka isaatiin yookaa dandeetti isaatiin hojii aangoo isaa, dinqiidhaa fi milikkita garaa garaa hojjate.
C. Yesuus hojii dandeetti yookaa aangoo isaa mudhisu hojjechuu isaatiin fudhatamaa argate.
D. Deebiin hin jiru.

🥦🥦🥦🥦🥦

Worroonni Amantii Kiristaanaa nuuf deebisaa.

hawaasni keenna ammoo worroota Amantii Islaamummaatiin ala jiran biraan gahaa haqa jiru hubachiisaa.

Qabxiiwwan ijoon nuti ragaa #Hojii #Ergamootaa #2:22 irraa argannu:

1ffaa- Isin yaa warra Israa'el, dubbii kana dhaggeeffadhaa wonti jedhameef, #Yesuus #ummata #Israa'el #qofaaf #ergamuu ifa baasuudhaaf.

2ffaa- #Waaqayyo #harka #Yesus nama Naazireet kanaan yeroo jedhu, hojiin hojjatame hundi kan #aangoo #Waaqaa #qofaan kallattii Yesuusiin hojjatame ta'uu argisiisuuf akka ta'e.

3ffaa- #Dinqiidhaa fi #milikkitni garaa garaa kan Yesuus hojjataa ture ka aangoo yookaa dandeetti Yesuusiin hojjatame #akka #hin #taane.

4ffaa- #Dinqiidhaa fi #milikkitni garaa garaa kan Worroonni Israa'el arguudhaan hubatan, isaan gidduutti hojjatamuu isaatiin, #Yesuus #fudhatamaa #argate. Maal irratti fudhatama argate yoo jedhame? #Ergamaa, #Nabiyyii fi #gabricha Rabbii kan shakkii hin qabne ta'uu irratti.

Jallataa hunda Rabbiin haa qajeelchu.
♻️♻️♻️♻️By:XR ♻️♻️♻️
Gaafii fi yaada baruumsa kana irratti qabdan kamuu, eddoo #'leave a comment' jedhu tuquun bareessuu hin dagatinaa.
Namoonni miseensa asiin dura hin ta'in, baruumsa fakkata kanaa, ka asiin dura #kennamaa #turanii fi kana boodas #kennaman argachuu yoo barbaaddan, linkii asii gadii tuquun, garee Telegiraamaa seenaa nu hordofaa 👇

https://t.me/Xaalibu6504
#Turullee #dhugatuu #irra #aana

🥦🥦🥦🥦🥦🥦
#Kutaa #38ffaa
🥦🥦🥦🥦🥦🥦

#Gilgaala: Hubannoo duraan sammuu keessaa qabnuu fi ragaawwan dubbisnu wol bira qabuun, kallattii dhugaa ittiin madaallu:

Gaafiiwwan armaan gadii deebii sirrii ta'e filadhuu;

1- Raajiin Yesuus hojjate, Yesuusimatu dandeettii isaatiin hojjate moo Waaqatu hojjate?
A. Yesuus B. Waaqa

2- Waaqni raajii gara Yesuusiin wonti hojjateef, akka namni isaan gooftaa jedhuu fi moo akka namni inni Nabiyyi dhugaa ta’uu beekuuf?
A. Akka Yesuusiin gooftaa jedhaniif.
B. Yesuus Nabiyyi dhugaa ta'u akka namni ragaa bahuuf.

3- Namoonni raajii Yesuus hojjate argan, Yesuusiin maal jedhanii ragaa bahaniif?
A. Nabiyyi (raajii) jedhanii.
B. Waaqa yookaa Gooftaa jedhanii.

Deebii keessan booda, mee ragaawwan asii gadii xiinxallaan dubbisaa.

🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦

1ffaa. #Hojii #Ergamootaa 2:22 "Isin yaa warra Israa'el, dubbii kana dhaggeeffadhaa, #Waaqayyo #harka #Yesus nama Naazireet kanaan, hojii aangoo isaa, dinqiidhaa fi milikkita garaa garaa kan isin beektan, isin gidduutti hojjechuu isaatiin #fudhatamaa #isa #godhe."
#የሐዋርያት #ሥራ 2:22 የእስራኤል ሰዎች ሆይ፥ ይህን ቃል ስሙ፤ ራሳችሁ እንደምታውቁ፥ የናዝሬቱ ኢየሱስ #እግዚአብሔር በመካከላችሁ #በእርሱ #በኩል ባደረገው ተአምራትና በድንቆች በምልክቶችም ከእግዚአብሔር ዘንድ ለእናንተ የተገለጠ ሰው ነበረ፤

2ffaa. #Yohannis 9:17 "Kana booddee warri Fariisotaa namicha isa jaamaa ture sanaan, "Waa'ee isa ija kee siif bane kanaa maal jetta?" jedhan; yommus namichi, "Inni #raajiidha (Nabiyyi) ” jedhee deebiseef."
#የዮሐንስ #ወንጌል 9:17 በመካከላቸውም መለያየት ሆነ። ከዚህም የተነሣ ዕውሩን። አንተ ዓይኖችህን ስለ ከፈተ ስለ እርሱ ምን ትላለህ? ደግሞ አሉት። እርሱም። #ነቢይ ነው አለ።
They say unto the blind man again, What sayest thou of him, that he hath opened thine eyes? He said, He is a #prophet.

3ffaa. Maatewos 21:11 "Tuuti isaa wajjin adeemus, "Kun #raajicha (Nabiyyi) Yesus nama Naazireet kutaa biyya Galiilaa ti" jedhee deebise."
ሕዝቡም። ይህ ከገሊላ ናዝሬት የመጣ #ነቢዩ #ኢየሱስ ነው አሉ።
And the multitude said, This is #Jesus the #prophet of Nazareth of Galilee.

4ffaa. #Luqaas 24:19 "Inni, "Waan attamii ti?" isaaniin jennaan, isaan immoo, "Waa'ee Yesus nama Naazireet, isa gochatti dubbiittis Waaqayyoo fi namoota duratti #raajii (Nabiyyi) aango-qabeessa ture sana,"
እርሱም። ይህ ምንድር ነው? አላቸው። እነርሱም እንዲህ አሉት። በእግዚአብሔርና በሕዝቡ ሁሉ ፊት በሥራና በቃል #ብርቱ #ነቢይ ስለ ነበረው ስለ #ናዝሬቱ ስለ #ኢየሱስ

🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦

Qabxiiwwan ijoon nuti ragaawwan asii olii irraa argannu:

1ffaa- hojii aangoo, dinqiiwwaanii fi milikkita gara garaa (#raajiiwwaan) kan hojjate #Waaqa #malee #Yesuusii #miti. Kanaafuu, Waaqni harka Yesuusiin jechuun #gara #isaatiin yookaa #harka #isaa #irrattii fi #kadhaa #isaa sanii raajiiwwaan gara garaa hojjatee jechuudha malee, Yesuusitu dandeettii isaatiin hojjate jechuu miti.

2ffaa- Sababni Waaqni harka Yesuusiin milikkita gara garaa hojjateef ammoo, akka #Yesuus #fudhatama #nama #biratti #argatuuf. Yesuus fudhatama argatuu Yeroo jennu, Waaqumman yookaa ilma Waaqaa ta’uun osoo hin taane, #Nabiyyii #Rabbii #ta’uu #akka #namni #beekuuf #qofa jechuudha.

3ffaa- Yesuus milikkita gara garaa yookaa raajiiwwaan inni hojjateen fudhatama argatuun, akka worroonni raajii inni hojjate ijaan arganii, #maqaa fi #aangoo #inni #qabu #qofaan #isa #waaman #san, akkasumas worroonni Yesuusiin ijaan hin arganille dhugaa isaan ragaa bahan dhagahuun, Yesuus #Nabiyyi #Rabbiin #isa #ergate qofa jedhanii waamuun, dhugaa eennuu mormuu hin dandeenne akka taate, worroota booda isaaniitii dhufuullee dhaamanii jechuudha.

4ffaa- Worroonni dhugaa akka aduutti iftu fudhachuu hin feene garuu, Yesuusii Afaan Amaariffatiin #ነቢይ, Afaan Ingliffaatiin #prophet jedhamee ibsame, Afaan Oromootiin #raajii⁉️ jedhanii hiikuun isaanii, hiikkaa qajeela hin taanetti akka hiikani namni waa barate ni hubata. Sababni wonti kun hojjatameef, #Nabiyyi #ta’uu #Yesuus #waakkatuuf #jecha, tooftaa diriirfame fi shira xaxame ta’u isaa ifatti mirkaneessa. Yesuusiin waan inni qabu irraa mulquu fi waan inni hin qabne isaa kennuun, tooftaa worra haqa Rabbii dhoksuu ta’uu isaa, namaaf muldhisaa jechuudha.

Jallataa hunda Rabbiin haa qajeelchu.
♻️♻️♻️♻️By:XR ♻️♻️♻️
Garee Telegiraamaa seenaa nu hordofaa 👇

https://t.me/Xaaliburidallah
#Turullee #dhugatuu #irra #aana

🥦🥦🥦🥦🥦🥦
#Kutaa #44ffaa
🥦🥦🥦🥦🥦🥦

#Gilgaala: Hubannoo duraan sammuu keessaa qabnuu fi ragaawwan dubbisnu wol bira qabuun, kallattii dhugaa  ittiin madaallu:


🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦

Wal dhabbii fi shakkiin worroonni Yesuus nuuf jecha du'ee jedhan keessa jiran inni Sadaffaan;

3ffaa-  Sa'aan Yesuus itti fannifame jedhamu (akka worra Kiristaanaatti), sa'aa meeqa⁉️

3🅰️. Yesuusiin yeroo fannisan bari'ee sa'aatii sadii (3) ture ka jedhu ka #Maarqos 15:25 ttu sirriidha moo?

3🅱️. Yeroo Philaaxos Yesuusiin gad baasee barcuma firdii irra taa'e murteessuuf jedhu yeroon gara sa'aa ja'affatti ture. Sana booda (sa'aa jaha booda), akka inni fannifamuuf dabarsee kennee jedha. Kun ammoo yeroo murteen akka fannifamuuf kennamu, sa'aa 6 booda (jechuun ka fannifame jedhamu gara sa'aa 9) ttu sirriidha?

Isa kamtuu sirriidha?

🅰️. #Maarqos 15:24-25
Yommus jarri isa in fannisan; uffata isaa immoo hiranii eenyu isa kam akka fudhatu baruudhaaf muka itti buufatan. Yeroon #isa #fannisanis #bari'ee #sa'aatii #sadiitti tore.   
#የማርቆስ #ወንጌል 15:25 ሰቀሉትም፥ ልብሱንም ማን ማን እንዲወስድ ዕጣ ተጣጥለው ተካፈሉ።#በሰቀሉትም #ጊዜ #ሦስት #ሰዓት ነበረ።

     VS (#contradict #with)

🅱️. #Yohannis 19:13-16
Philaaxos dubbii kana dhaga'ee Yesusin gad baasee, iddoo dhagaa buufamaa isa afaan Ibraayisxiitti "Gabataa" jedhamutti, barcuma firdii irra taa'e.Kunis guyyaa qophee Faasiikaa #gara #sa'aatii #ja'affaatti ture. Philaaxos yommus Yihudqotaan, "Ilaa mootii keessan" jedhe. Isaanis iyyanii, "Balleessi, balleessi, isa #fannisi!" jedhan. Philaaxos immoo, mootii keessan #fannisuu #ree?" ittiin jedhe. Luboonni warri angafoonni immoo deebisanii, "Nuyi Qeesaar mootii warra, Roomaa malee mootii hin qabnu" jedhan. Yommus #akka #inni #fannifamuuf #dabarsee #isaanitti isa #kenne; isaan akkasitti #Yesusin #fuudhanii #adeeman.
የዮሐንስ ወንጌል 19:13-16 ጲላጦስም ይህን ነገር ሰምቶ ኢየሱስን ወደ ውጭ አወጣው፥ በዕብራይስጥም ገበታ በተባለው ጸፍጸፍ በሚሉት ስፍራ በፍርድ ወንበር ተቀመጠ። ለፋሲካም የማዘጋጀት ቀን ነበረ፤ #ስድስት #ሰዓትም የሚያህል ነበረ፤ አይሁድንም። እነሆ ንጉሣችሁ አላቸው። እነርሱ ግን። አስወግደው፥ አስወግደው፥ ስቀለው እያሉ ጮኹ። ጲላጦስም። ንጉሣችሁን ልስቀለውን? አላቸው። የካህናት አለቆችም። ከቄሣር በቀር ሌላ ንጉሥ የለንም ብለው መለሱለት። ስለዚህ በዚያን ጊዜ እንዲሰቀል አሳልፎ ሰጣቸው።

🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦

Wal dhabbii fi shakkiin worroonni Yesuus nuuf jecha du'ee jedhan keessa jiran inni afraffaan;

4ffaa- Jechi xumuraa kan Yesuus ajjeefamuun dura dubbate jedhamu isa kami⁉️

4🅰️. Yesus, "Yaa abbaa ko, hafuura koo harka keettan kennadha!" jedhe, kan jedhutu sirriidha moo⁉️

4🅱️. Yesuus, "Fiixaan ba'eera" jedhe; kan jedhutuu sirriidha⁉️

Isa kamtuu sirriidha?

🅰️. #Luqaas 13:46 “Yesus yommus sagalee guddaadhaan iyyee, "#Yaa #abbaa #ko, #hafuura #koo #harka #keettan #kennadha!" jedhe. Utuu inni kana dubbatuus hafuurri isaa keessaa yaa'e.”
#የሉቃስ #ወንጌል 23:46 ኢየሱስም በታላቅ ድምፅ ጮኾ። #አባት #ሆይ#ነፍሴን #በእጅህ #አደራ #እሰጣለሁ #አለ። ይህንም ብሎ ነፍሱን ሰጠ።

VS (#contradict #with)

🅱️. Yohannis 19:30
“Yesus daadhii dhangaggaa'aa sana erga afaaniin qabee booddee, "#Fiixaan #ba'eera" jedhe; mataa isaa jal'isee hafuura isaa kenne.”
#የዮሐንስ #ወንጌል 19:30 ኢየሱስም ሆምጣጤውን ከተቀበለ በኋላ። #ተፈጸመ #አለ፥ ራሱንም አዘንብሎ ነፍሱን አሳልፎ ሰጠ።

🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦

Qabxiiwwan ijoon nuti ragaawwan asii olii irraa argannu:

1ffaa- Kitaabuma worroonni Yesuus cubbuu keennaaf du'ee, nuuf fannifamee jedhan keessatti, eddoo tokkotti #Yesuus #bari'ee #sa'aa #saditti #fannifame jedhaa, eddoo birootti #murteen #akka #fannifamu #yeroo #itti #kennamu, #sa'aa 6 booda (#gara #sa'aa 9) jechuun, #akkasumas #jechi #xumuraa kan #Yesuus #dubbate #jedhamu, eddoo tokkotti #yaa #abbaa #koo #hafuura #koo #harka #keettan #kennadha, gara birootti ammoo #fiixaan #ba'eera #jedhe jechuun isaa, dubbiin Rabbiin suuraa 4:157 keessatti dubbate (wol dhabbii fi shakkii worra dubbatuu) dhugaa ta'uu agarsiisa.

2ffaa- #Wol #dhabbiin (#contradiction), kitaaba Macaafa Qulqulluu jedhamu keessatti, dhimma Yesuus du'e jedhu irratti argamuun, worroonni dubbatan ragaa qabatamaa akka hin qabne fi shakkiin akka haasawaa turan, ragaawwan asii olitti laalle, ragaa ifa baasaa haasofni Yesuus du'ee jedhu dubbii fudhatama hin qabne ta'uu mirkaneessan hedduu keessaa, tokko ta'uu qabatamaan mirkaneessaa jechuudha.

♻️♻️♻️♻️By:XR ♻️♻️♻️

https://t.me/Xaaliburidallah
Media is too big
VIEW IN TELEGRAM
#Tuun #tanaa, #Tuun #ganaa

Faaruun kan Rabbii dhugaa isaa suutuma suutaan Addunyaaf ifa galchaa jiruutii.

Osoo worri haqa qabate, haga waan faayidaa isaa hin qabne sheer taasisuuf woreegama kafaluu, dhugaa arge nama biraanu gahuuf gahee ofii bahee, silaa Islaamummaan ganda mara yeroo gabaabaa keessatti wol gahee.

#Sheeyxaanaa #waan #keeyrii #sheeri #taasisuu #harka #nu #qabu Rabbiin nurraa haa qabuu. Amiiiin

እባኮትን የዚ ግሩፕ ሊንክ ለጓደኞቻችሁ በማጋራት ሁሉም ሰው የዚህ ግሩፕ ትምህርት ተጠቃሚ እንዲሆን ግዴታችሁን ተወጡ።

Mee link garee kanaa hiriyoota keessanii sheeri taasiisaa, baruumsa garee kanaa akka namni irraa fayyadamu dirqama keessan bahaa. Rabbiin duniyaa fi aakeratille isin haa qananiisuu. Amiiiin

https://t.me/Xaaliburidallah