Turullee Dhugatu Mo'ata
11.6K subscribers
537 photos
141 videos
118 files
432 links
Sobni miseensa guddaa qabaatuun yeroo dheerefatun ni malaa, garuu dhugaa hinjifatuu ammoo gonkumaa hin danda'u.
Download Telegram
#Jechoonni #Baayibilii keessaa akka yaadni isaanii #wol #faallessu beektuu ⁉️
KUTAA 2️⃣ffaa 👇🏻
🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀
Mee gaafii kana eennutu uggee deebisa ⁉️
🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀
#Yommuu #Yaayiros #dhufee #Yesuusiin #argetti, #mucaan #Yaayiros jalaa duutee jirti moo dhukkubsattee du'uuf jetti?

A. #Jalaa #duutee #jirti kan jedhu ka (#Maatewos 9:18) sirridha moo?
B. #Dhukkubsattee #du'uuf #jette #malee #hin #duune kan jedhu ka (#Maarqos 5:22-23) sirriidha?
🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀
Maatewos 9:18 👇🏻
" Yesus utuu kana isaanitti dubbachaa jiruu, kunoo, warra geggeessituu keessaa tokko dhufee isaaf sagadee, "#Mucaan #koo #ammuma #na #duraa #duute, ati garuu kottuutii harka kee ishee irra kaa'i, isheenis deebitee in jiraatti" jedhe."

#Maarqos 5:22-23 👇🏻
22 Yommus warra geggeessituu mana sagadaa keessaa tokko, maqaan isaa Yaayiros kan jedhamu dhufee, Yesusin argee, miilla isaa jalatti kufee,
23 "#Mucaan #koo #dhukkubsattee #du'uuf #jetti, akka isheen fayyitee jiraattuuf hadaraa kottuutii harka kee ishee irra kaa'i!" jedhee jabeessee kadhate.

#Qalbiidhaan #dubbisaa 👆

Macaafni Qulqulluun jecha Waaqaati worri jedhu, sanuu maqaa #'Qulqulluu' ka moggaasan, jechi Waaqaa ka Qulqulluu, ka barreesitoonni isaallee hafuura Qulqulluun deeggaraman barreessan #duuba #akkamitti #jechi #isa #keessa jiru #wol #faallessa?jechi Macaafa Qulqulluu wol hin faallessu worri yaaddan mee kamtu sirri jettu?👇

A. Yommuu Yaayiros dhufee Yesuusiin argetti mucaan Yaayiros jalaa duute ka jedhutuu sirri moo?
B. Yommuu Yaayiros dhufee Yesuusiin argetti mucaan Yaayiros dhukkubsattee du'uuf jette ka jedhutuu sirri moo?
C.Ija dunuufadha jechoota wol faallessulle mormii malee rakkoo hin qabu jedhaa bira kutaa ka jedhu (yaada worroonni Kiristaanaa kennantu) sirri laata?

Jechi Waaqaa akka wol hin faallessine namuu ima beekaa, kanaafuu #jechoonni #jecha #Waaqaa #hin #taane #kumaatamaan #Macaafa #Qulqulluu isa jedhamu #keessa #jiraatuu hoo meeqa keennatu beeka?

Jallataa hunda Rabbiin haa qajeelchu.

♻️♻️♻️♻️By:XR ♻️♻️♻️
Worronni baruumsa Amantii Islaamaa fi Kiristaanaa wol bira qabuun baratu barbaaddan garee Chaanaala asii gadii tuqaa seenaa 👇

@Xaalibu6504
Akka worroonni olola haasawutti osoo ta'ee mee isa kamtuu sirriidha? moo yaaduma kitaaba isaanii keessa jiruu isaan quba hin qaban ta'innuu⁉️
Mee gaafiiwwan asii gadii ragaa kitaaba Macaafa Qulqulluu jedhamu keessatti argamu irratti hundaahuun worroonni Yesuus du'e jedhanii amanan haa deebii barbaadatanii biraan nuuf gahaa; Dursa mee dubbii Maatewos 26:39 wojji haa ilaallu koottaa 👇
🍇🍇🍇🍇🍇🍇🍇
#Maatewos 26:39
" Xinnoos irraa hiiqee #adda #isaatiin #gombifamee, 'Yaa abbaa, ko! In danda'ama yoo ta'e #xoofoon #dhiphinaa #kun #ana #irra #haa #darbu, garuu akka jaalala koo miti, akka jaalala kee haa ta'u malee" jedhee kadhate. "
ጥቂትም ወደ ፊት እልፍ ብሎ በፊቱ #ወደቀና ሲጸልይ። አባቴ፥ ቢቻልስ፥ #ይህች #ጽዋ #ከእኔ #ትለፍ፤ ነገር ግን አንተ እንደምትወድ ይሁን እንጂ እኔ እንደምወድ አይሁን አለ።
🍇🍇🍇🍇🍇🍇🍇
Akka wangeela Maatewos 26:39 asii olii keessatti ibsutti Yesuus du'uun duratti Waaqa waa hundaa danda'aa ta'eef adda isaatiin gombifamee kadhataa ture. Eddoo kanatti gaafii gurguddoo 3 ka worroonni Yesuus du'e jedhanii yaadan deebisuu qabantu jira,sunisi;
1ffaa ➡️ Eega akka worroonni Kiristaanaa yaadutti Yesuus cubbuu ilma namaatiif ajjeefamuu fedhii qabaate maaf waaqaa adda isaatiin gombifamee kadhate ree⁉️
2ffaa ➡️ Eega Yesuus homa fedheefuu haa ta'uu du'a ooluu barbaadee Waaqa kadhate, Waaqni kadhaa isaa dhagaheef (awwaateef) moo kadhaa isaa harkatti dide? Yoo kadhaa Yesuus Waaqni dhagaheef ka jedhamu taate maaf du'a hin oolchin ree⁉️ yoo kadhaa Yesuus Waaqni harkatti ka didu taate maaf awwaatuufii dide? Moo Waaqni du'a oolchuu dandeetti dhabe?
3ffaa ➡️ Waaqni osoo Yesuus itti boohu isaa birmatuu didee kaayoo diinota Yesuus (yihuudotaa) galmaan gaheef jechuudha? Akka worroonni Kiristaanaa yaaddanitti (osoo Waaqni Yesuus ka hin tumsine jennu taatee) Yesuusiin caalaa Waaqni Yihuudota jaalata jechuu⁉️ ka Yesuusi tumsuu dideef?
🍇🍇🍇🍇🍇🍇🍇
Haasofni Yesuus du'e jedhu dubbii kijibaa ta'uu ragaan asii olii akkuma jirutti ta'ee mee dabalataanis ragaa biroo ka haasofni isaa wol faallessu haa laalluu koottaa; 👇
🍇🍇🍇🍇🍇🍇🍇
#Maarqos 15:24-25
Yommus jarri isa in fannisan; uffata isaa immoo hiranii eenyu isa kam akka fudhatu baruudhaaf muka itti buufatan. Yeroon #isa #fannisanis #bari'ee #sa'aatii #sadiitti tore.
ሰቀሉትም፥ ልብሱንም ማን ማን እንዲወስድ ዕጣ ተጣጥለው ተካፈሉ።#በሰቀሉትም #ጊዜ #ሦስት #ሰዓት ነበረ።
#VS
#Yohannis 19:13-16
Philaaxos dubbii kana dhaga'ee Yesusin gad baasee, iddoo dhagaa buufamaa isa afaan Ibraayisxiitti "Gabataa" jedhamutti, barcuma firdii irra taa'e.Kunis guyyaa qophee Faasiikaa #gara #sa'aatii #ja'affaatti ture. Philaaxos yommus Yihudqotaan, "Ilaa mootii keessan" jedhe. Isaanis iyyanii, "Balleessi, balleessi, isa #fannisi!" jedhan. Philaaxos immoo, mootii keessan #fannisuu #ree?" ittiin jedhe. Luboonni warri angafoonni immoo deebisanii, "Nuyi Qeesaar mootii warra, Roomaa malee mootii hin qabnu" jedhan.Yommus #akka #inni #fannifamuuf #dabarsee #isaanitti isa #kenne; isaan akkasitti Yesusin fuudhanii adeeman.
🍇🍇🍇🍇🍇🍇🍇
Mee ragaa Maarqos 15:24-25 jiruu fi Yohannis 19:13-16 irratti hundaahuun;
4ffaa ➡️ Sa'aan Yesuus itti fannifame jedhamee yaaddamu keessaa isa kamtu sirriidha?
🅰️. Yesuusiin yeroo fannisan bari'ee sa'aatii sadii (3) ture ka jedhu ka Maarqos 15:25 ttu sirriidha moo?
🅱️. Yeroo Philaaxos Yesuusiin gad baasee barcuma firdii irra taa'e murteessuuf jedhu yeroon gara sa'aa ja'affatti ture. Sana booda sa'aa jaha (6) booda akka inni fannifamuuf dabarsee kennee jedha. Kun ammoo yeroo murteen akka fannifamuuf kennamu sa'aa 6 booda jechuun ka fannifame jedhamu gara sa'aa 9 jedhama. Kanaafuu ka sa'aa 3 Yesuus fannifamee jedhu moo ka sa'aa 6 booda (sa'aa 9) jedhutu sirriidha?

Kun hundi ragaa ifa baasaa haasofni Yesuus du'ee jedhu olola hundee hin qabne ta'uu garsiisan kumaatama keessaa muraasa jechu.

Jallataa hunda Rabbiin haa qajeelchu.
♻️♻️♻️♻️By:XR ♻️♻️♻️
Worronni baruumsa Amantii Islaamaa fi Kiristaanaa wol bira qabuun baratu barbaaddan garee Chaanaala asii gadii tuqaa seenaa 👇

https://t.me/Xaaliburidallah
#Turullee #dhugatuu #irra #aana

🥦🥦🥦🥦🥦🥦
#Kutaa #11ffaa
🥦🥦🥦🥦🥦🥦

#Hojii #manaa
👇👇👇

Ragaa Wangeela Maarqos 12: 29 dubbisuun, gaafii itti aanee dhufuuf, deebii sirrii ta'e filadhuu deebisi.
🍇🍇🍇🍇🍇🍇

Maarqos 12: 29
" #Yesus deebisee, "Inni hundumaa #irra #caalu, 'Dhaga'i, yaa Israa'el! Gooftichi #Waaqayyo #keenya #kophaa #isaa #gooftaa dha. "

Gafii 👇👇👇
Akka ragaa Wangeela #Maarqos #12:29 keessatti dubbatametti, hima kamtuu barsiisaa Yesuus?
A. Inni hundumaa irra caalu Anaan Gooftaa jechuu keessan jedhe.
B. Inni hundumaa irra caalu Waaqayyo Gooftaa keessan jedhe.
C. Inni hundumaa irra caalu Waaqayyo Anaan wojji Gooftaa keessan jedhe.
D. Deebiin hin jiru.

🥦🥦🥦🥦🥦🥦

Worroonni Amantii Kiristaanaa nuuf deebisaa.

hawaasni keenna ammoo worroota Amantii Islaamummaatiin ala jiran biraan gahaa haqa jiru hubachiisaa.

Qabxiiwwan ijoon nuti ragaa Wangeela #Maarqos #12:29 irraa argannu;

1ffaa- Wonti barsiisaa Yesuus barsiisaa ture keessatti hundumaa irra caalaa ilmi nama beekuu qabu, wa'ee Waaqaa irratti akka ture. Sunis:

I. #Waaqni uumaa hundaa, #Waaqa #Yesuusille ta'uu isaa. (#Waaqayyo #Keenya Yeroo Yesuus jedhu).

II. #Waaqni #Waaqa #qabaa jechuun sammuu fayyaa qabdu biratti akkuma #kijibaa, Yesuus ani Waaqa qaba osoo jedhu, dubbii #Yesuus faallessanii #innuu #Waaqaa jechuun dubbii #ololaa akka ta'e ifa taasisa.

III. Ammas Gooftummaan waaqaa, akka afooshaa fi woldaa yookaa sheerii kaampaaniitti kan gamtaan ijaaramte osoo hin taane, Waaqni Gooftaa uumama hundaa #kophama #isaatti #Gooftaa akka ta'e.

IV. Wolumaa galatti, Yesuus Gooftaa jedhamee eddoo gara garaatti (Macaafa Qulqulluu jedhumu keessatti jechuudha) argamuun, Waaqumma Yesuus ibsuuf akka hin taane ifa taasisa jechuudha.

Jallataa hunda Rabbiin haa qajeelchu.
♻️♻️♻️♻️By:XR ♻️♻️♻️
Baruumsa fakkata kanaa, ka asiin dura #kennamaa #turanii fi kana boodas #kennaman argachuu yoo barbaaddan, linkii asii gadii tuquun, garee Telegiraamaa seenaa nu hordofaa 👇

https://t.me/Xaalibu6504
#Turullee #dhugatuu #irra #aana

🥦🥦🥦🥦🥦🥦
#Kutaa #23 ffaa
🥦🥦🥦🥦🥦🥦

#Hojii #manaa
👇👇👇

Ragaa #Maarqos 10:17-18 dubbisuun, gaafii itti aanee dhufuuf, deebii sirrii ta'e filadhuu deebisi.

🍇🍇🍇🍇🍇🍇

#Maarqos 10:17-18
" Yesus adeemuudhaaf karaa irra yommuu bu'utti, namichi tokko itti fiigee, fuula isaa durattis jilbeenfatee, "#Yaa #barsiisaa #gaarii! #ቸር #መምህር #ሆይ/ #Good #Master) Jireenya barabaraatti galuudhaaf maal gochuutu anaaf ta'a?" jedhee gaafate."
" Yesus immoo, "#Maaliif #gaarii #naan #jetta? #Waaqayyo #isa #tokkicha #duwwaa #malee, #namni #gaariin #tokkoillee #hinjiru. "
#የማርቆስ #ወንጌል 10:17 እርሱም በመንገድ ሲወጣ አንድ ሰው ወደ እርሱ ሮጦ ተንበረከከለትና። ቸር መምህር ሆይ፥ የዘላለም ሕይወትን እወርስ ዘንድ ምን ላድርግ? ብሎ ጠየቀው።ኢየሱስም። #ስለ #ምን #ቸር #ትለኛለህ? #ከአንዱ #ከእግዚአብሔር #በቀር #ቸር #ማንም #የለም
And when he was gone forth into the way, there came one running, and kneeled to him, and asked him, #Good #Master, what shall I do that I may inherit eternal life?
And Jesus said unto him, #Why #callest #thou #me #good? there is none good but one, that is, God.

Gafii 👇👇👇
Akka ragaa #Maarqos 10:17-18 keessatti dubbatametti, hima kamtuu sirriidha?

A. Yesuus namticha itti fiigee yaa barsiisaa gaarii isaan jedheen, ani barsiisaa gaarii dhugaa jette jedhee galatooffate.

B. Yesuus Waaqayyo sadi jedhee barsiise.

C. Yesuus Waaqayyo tokkicha duwwaa malee, namni gaariin tokkollee hin jiruu jedhe.

D. Hunduu deebii sirrii ta'e.

🥦🥦🥦🥦🥦🥦

Worroonni Amantii Kiristaanaa mee dhugaa jiru xiinxallaa laalaa.

hawaasni keenna ammoo, worroota Amantii Islaamummaatiin ala jiran biraan gahaa haqa jiru hubachiisaa.

Qabxiiwwan ijoon nuti ragaa #Maarqos 10:17-18 irraa argannu;

1ffaa- Yesuus yeroo namni tokko itti fiigee, fuula isaa duratti jilbeenfatee, jireenna bara baraatti galuudhaaf (#Jannata #argatuuf) maal gochuu qabaa gaafatu, ka jireenna bara baraa kennu eennuu (Waaqaa ta’uu) , inni kana barsiisaa jiru eennuu (#nama #aangoo #homaatuu #hin #qabne ta'uu) dursee himeef. (Maaliif gaarii naan jetta?/#ስለ #ምን #ቸር #ትለኛለህ?/ #Why #callest #thou #me #good?

2ffaa- Yesuus Rabbiin/Waaqni tokko ta'uu (#Waaqayyo #isa #tokkicha yeroo jedhu) akka Rabbiin lamaa fi sadi jechi jedhu olola ta'e, namicha hubachiise.

3ffaa- Rabbiin tokkichi Yesuus jedhaa ture sunillee, Yesuusiin (isa) osoo hin taane, Rabbii mootii waa hunda akka ta'eef, inni ammoo aangoo homaatuu akka hin qabne, aangoon yaa barsiisaa gaarii jettuu, dubbii dogongoraa, ta namichi jireenna bara baraa hajamu sirreeffatu malee, jireenna bara baraa argachuu akka hin dandeenne isa dhoorgitu ta'uu ifatti himeef ("#Maaliif #gaarii #naan #jetta? #Waaqayyo #isa #tokkicha #duwwaa #malee, #namni #gaariin #tokkoillee #hinjiru. " Yeroo jedhu).

4ffaa- Gaariin (arjaan arjaan isaa olii hin jirre), handhurfatan waan hundaa ( #Good #Master) waan hundaa, Rabbii tokkicha qofa ta'uu, Yesuus ammoo kana hundaanuu waamamuun dogongora ta'uu, nama sammuu waa hubatuu danda'u adda baasee hubachiise. (#Waaqayyo #isa #tokkicha #duwwaa #malee, #namni #gaariin #tokkoillee #hinjiru. " Yeroo jedhu).

Jallataa hunda Rabbiin haa qajeelchu.
♻️♻️♻️♻️By:XR ♻️♻️♻️
Gaafii fi yaada baruumsa kana irratti qabdan kamuu, eddoo #'leave a comment' jedhu tuquun bareessuu hin dagatinaa.
Namoonni miseensa asiin dura hin ta'in, baruumsa fakkata kanaa, ka asiin dura #kennamaa #turanii fi kana boodas #kennaman argachuu yoo barbaaddan, linkii asii gadii tuquun, garee Telegiraamaa seenaa nu hordofaa 👇

https://t.me/Xaalibu6504
#Turullee #dhugatuu #irra #aana

🥦🥦🥦🥦🥦🥦
#Kutaa #27ffaa
🥦🥦🥦🥦🥦🥦

#Hojii #manaa
👇👇👇

Ragaa #Maarqos 11:12-14 dubbisuun, gaafii itti aanee dhufuuf, deebii sirrii ta'e filadhuu deebisi.
🍇🍇🍇🍇🍇🍇

#Maarqos 11:12-14
Borumtaas isaan Bitaaniyaadhaa yommuu ba'an, Yesus in #beela'e. Muka harbuu baala qabu tokkos fagootti argee, #ija #irraa #argadha #laataa? jedhee dhaqe. Inni mukicha bira ga'ee #baala #malee #waanuma #tokko #irraa #dhabe; yeroon isaa yeroo harbuun ija itti godhatu hin turre. Yesus yommus mukichaan, "#Homtinuu #deebi'ee #ija #si #irraa #hin #nyaatin bara baraan" jedhe; bartoonni isaas kana jechuu isaa dhaga'an.
በማግሥቱም ከቢታንያ ሲወጡ #ተራበ። ቅጠልም ያላት በለስ ከሩቅ አይቶ #ምናልባት #አንዳች #ይገኝባት እንደ ሆነ ብሎ መጣ፥ ነገር ግን የበለስ ወራት አልነበረምና መጥቶ #ከቅጠል #በቀር #ምንም #አላገኘባትም። መልሶም። #ከአሁን #ጀምሮ #ለዘላለም #ማንም #ከአንቺ #ፍሬ #አይብላ #አላት። ደቀ መዛሙርቱም ሰሙ።

Gafii 👇👇👇
Akka ragaa #Maarqos 11:12-14 keessatti dubbatametti, hima kamtuu sirriidha?

A. Yesuus waan ilma namaa ta'eef ni #beela'e.
B. Yesuus muka harbuu baala qabu tokkos fagootti argee, ana waan taateef ija irraa argadha jedhee dhaqe.
C.Yesuus muka harbuu baala qabu jedhee bira gahee, ija irraa argatee nyaate.
D. Yesuus muka harbuu baala qabu, ija irraa dhabe, ajajee yoma san ija godhattee irraa nyaate.

🥦🥦🥦🥦🥦🥦

Worroonni Amantii Kiristaanaa mee waan sammuu keessaa qabdanii fi raga kana wol bira qabaa laalaa.

hawaasni keenna ammoo, worroota Amantii Islaamummaatiin ala jiran, ka dhugaa kitaabuma isaanii keessatti argamtu hubatuu dadhaban, ragaawwan asii olii kana biraan gahaa, haqa jiru hubachiisaa.

Qabxiiwwan ijoon nuti ragaa #Maarqos 11:12-14 irraa argannu;

1ffaa- Yesus waan ilma namaa ta'eef in #beela'e. Kun ammoo maal mirkaneessa yoo ka jedhamu taate, haga worroonni Kiristaanaa, Yesuus guyyaa kana irraa eegalee guyyaa kanatti Waaqumma isaatti deebi'ee nyaata dhaabe jechuu hin dandeennetti, Yesuus namallee Waaqalle wonti jedhu dubbii ragaa hin qabne jechuu hubachiisa.

2ffaa- Yesuus muka harbuu baala qabu tokkos fagootti argee, waan Waaqummaa mitii, aangoon addaa kan ilma namaa biroo irraa adda isa taasisu (waan Rabbiin isaa kenne malee jechuudhaa), dandeettii ofii isaatiin inni handhuurfatu yookaa qabu waan hin jirreef, muka fagotti arge san irra ija #irraa #argadha #laataa? jedhee shakkiin bira dhaqe. Yesuus waan guyyaa Qiyaamaa ta'uu mitii, waan achi laalee ijaan arguu, firee ni qaba moo hin qabu jechuuyyuu adda hin beeku jechuu argisiisa. Kun ammoo amala (sifa) namaa malee kan Rabbii hin taane namni sammuun nagahaa kamuu ni beeka.

3ffaa- Yesuus mukicha bira shakkiin firee (ija) qabaatuu hin oolu jedhee bira deeme, yeroo bira ga'ee #baala #malee #waanuma #tokko #irraa #dhabe; (eddoo kanatti mukni badii tokkoo hin qabduu, sababa yeroon isaa yeroo harbuun ija itti godhatu waan hin turreef jechuudha). Garuu Yesuus osoo aangoo qabaatee, ammuma tana firii baasi jedhee ajajaa ture. Aangoo Rabbiin isaa kenne malee, aangoo mataa isaa waan hin qabneef jechuudhaa, beela isaa saniif ajajee firee argamsiisuu dadhabnaan, Yesus yommus mukichaan, "#Homtinuu #deebi'ee #ija #si #irraa #hin #nyaatin bara baraan" jedhee abaare. Wolumaa galatti, Yesuus aangoon Rabbummaa waan hin qabneef jecha, beela'e sababa waan nyaatu dhabeef, muka fagoo arge irratti shakkiin firee nyaattamu ufi irraa qabaatu hin ooluu jedhee tilmaame, faallaa tilmaa isaa taanaan, muka badii hin qabne, akkuma ilmi namaa mufatutti mufatee abaaree jechuudha.

Jallataa hunda Rabbiin haa qajeelchu.
♻️♻️♻️♻️By:XR ♻️♻️♻️
Gaafii fi yaada baruumsa kana irratti qabdan kamuu, eddoo #'leave a comment' jedhu tuquun bareessuu hin dagatinaa.
Namoonni miseensa asiin dura hin ta'in, baruumsa fakkata kanaa, ka asiin dura #kennamaa #turanii fi kana boodas #kennaman argachuu yoo barbaaddan, linkii asii gadii tuquun, garee Telegiraamaa seenaa nu hordofaa 👇

https://t.me/Xaalibu6504
#Turullee #dhugatuu #irra #aana

🥦🥦🥦🥦🥦🥦
#Kutaa #30ffaa
🥦🥦🥦🥦🥦🥦

#Gilgaala #sammuu #shaakalchiisuu

Ragaawwan boqannaa asii gadii dubbisuun, hiikkaa sirrii #gooftaa jedhu, hima ibsu filadhu.

A. Seera Ba'uu 32:22
" #Aaron immoo deebisee #Museedhaan, "Ati #gooftaan koo aartee hin boba'in, sabni kun hammeenyatti qabamee akka jiru ati iyyuu beekta; "
#አሮንም እንዲህ አለ፦ #ጌታዬ ሆይ፥ ቍጣህ አይቃጠል፤ ይህ ሕዝብ ክፋትን እንዲወድድ አንተ ታውቃለህ። Kanaafuu #Muuseen #Gooftaa/#ጌታ jedhamuun, inni #Waaqa jechuudha.

B. #1 #Pheexros 3:6
" #Saaraan akkas #Abrahaamiif abboomamaa, #gooftaa #koo jettees isa waamaa turte; ammas isin gaarii yoo gootan, doorsisa tokkos hin sodaattan yoo ta'e, ijoollee ishee ta'uu keessan." እንዲሁም #ሣራ #ለአብርሃም#ጌታ ብላ እየጠራችው ታዘዘችለት፤ እናንተም ከሚያስደነግጥ ነገር አንዳች እንኳ ሳትፈሩ መልካም ብታደርጉ ልጆችዋ ናችሁ። Kanaafuu #Abrahaam #Gooftaa/#ጌታ jedhamuun, inni #Waaqa jechuudha.

C. #Maarqos 2:28
" Egaa #ilmi #namaa Sanbata irratti iyyuu #gooftaa dha" isaaniin jedhe." እንዲሁም #የሰው #ልጅ ለሰንበት እንኳ #ጌታዋ ነው አላቸው። Kanaafuu #ilmi #namaa #Gooftaa/#ጌታ jedhamuun, inni #Waaqa jechuudha.

D. Akkuma Muuseen, Abraaham fi ilmi namaa hundi macaafa keessatti #Gooftaa/ #ጌታ jedhamuun #Waaqaa jechuu #hin #taanetti, Yesuus eddoo gara garaatti #Gooftaa/ #ጌታ jedhamuun #Waaqa #jechuu #akka #hin #taane ifatti mirkaneessa.

🥦🥦🥦🥦🥦🥦

Qabxiiwwan ijoon nuti ragaawwan asii olii irraa argannu;

1ffaa- Hiikni #Gooftaa/#ጌታ jedhu, waan uumama (dhabama irraa argamaa ta'e) hunda irratti, Yesuusillee dabalatee jechu, akka #Waaqa #jechuu #hin #taane mirkaneessa.
Fkn. #Yohannis 5:27
" Inni ilma namaa isa ulfina-qabeessa waan ta'eef, #abbaan isaa firdii akka inni faraduuf #gooftummaa kenneeraaf."

Gooftummaa hiikni isaa eddoo kanatti #Waaqumma jechuu osoo #hin #taane #aangoo jechuudha.
Waaqni Yesuusii Waaqumma kenne jechuudha osoo jenne Waaqa 2 ta'aa jechu, akkasumas waaqumman aangoo ittiin nama shuuman ta'aa jirti jechuu akeeka, kun ammoo sammuu nama waa yaaddu biratti akka hin taane ifa galaadha.

2ffaa- Yesuus Macaafa Qulqulluu keessatti Gooftaa jedhamuun isaa #Yesuus #Waaqaa #jechuu #miti. Sababni isaa '#Gooftaa' jedhame ka waamame kitaaba kana keessatti #Yesuus #qofaa #miti. Yoo Yesuus Gooftaa jechuun Waaqumma isaa argisiisa ka jedhan taate #namoonni #Gooftaa #jedhaman #hundi fkn #Abraham, #Muuseen inumaayyu #ilmi #nama #hundi, akka yaada kanaatti #Waaqa #jedhamuu #qabu jechu, Kun ammo waan fudhatama hin qabne. Kanaafuu Yesuus Gooftaa jedhamuun #aangoo malee Waaqumma akka hin argisiifne, sammuun waan xiinxallituu fi qalbiin waa hubattu ifatti beektii jechu.

3ffaa- Wolumaa galatti, Yesuus Gooftaa jedhamee kitaaba kakuu moofaa yookaa haarawa jedhamu keessatti dubbatamuun, #Yesuus #Waaqa #jechuu #hin #argisiisu. Sababni isaa 'Gooftaa' jechi jedhu Waaqa waa hunda uumeef yoo taate #Waaqumma yoo agarsiisu, garuu wanta #uumamaa kamiifuu hiikni isaa #hoogganaa yookaa #ajaja yookaa #dura #ta'aa kkf jechuu akka ta'e yookaa #waan #aangoon #wol #qabatu #qofa akka ta'e, agarsiisa jechu.

Jallataa hunda Rabbiin haa qajeelchu.
♻️♻️♻️♻️By:XR ♻️♻️♻️
Gaafii fi yaada baruumsa kana irratti qabdan kamuu, eddoo #'leave a comment' jedhu tuquun bareessuu hin dagatinaa.
Namoonni miseensa asiin dura hin ta'in, baruumsa fakkata kanaa, ka asiin dura #kennamaa #turanii fi kana boodas #kennaman argachuu yoo barbaaddan, linkii asii gadii tuquun, garee Telegiraamaa seenaa nu hordofaa 👇

https://t.me/Xaalibu6504
#Turullee #dhugatuu #irra #aana

🥦🥦🥦🥦🥦🥦
#Kutaa #40ffaa
🥦🥦🥦🥦🥦🥦

#Gilgaala: Hubannoo duraan sammuu keessaa qabnuu fi ragaawwan dubbisnu wol bira qabuun, kallattii dhugaa  ittiin madaallu:

#Yesuus (Nabi Iisaan nageenni Rabbii isa irratti haa jiraatu) #du'ee du'aa ka'e dubbiin jedhu, akka #dubbii #dogongoraa ta'e hubatuu yoo barbaaddan, kitaabuma kakuu haarawaa keessaa mee ragaa takka haa ilaalluu koottaa.

🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦

#Maatewos 12:40
" Akkuma Yoonaas garaa qurxummii guddichaa keessa #guyyaa #sadii fi #halkan #sadii ture, ilmi namaas  akkasuma #guyyaa #sadii fi #halkan #sadii garaa lafaa keessa turuuf jira."
#የማቴዎስ #ወንጌል  12:40 ዮናስ በዓሣ አንባሪ ሆድ ሦስት ቀንና ሦስት ሌሊት እንደ ነበረ፥ እንዲሁ #የሰው #ልጅ #በምድር #ልብ #ሦስት #ቀንና #ሦስት #ሌሊት ይኖራል።

🍇🍇🍇🍇🍇🍇🍇

Nama sammuun nagaha ragaan tokkoo ni gahaa waan taateef, mee worrota Yesuus ajjefamee fannifame du'ee du'aa ka'ee jedhan,  ragaa kitaaba isaanii ka wangela #Maatewos 12:40 asii olitti tuqame irratti hundaahuun, gaafilee armaan gadii irratti, namni uggee nuuf deebisu eennu⁉️

1ffaa- Yesuus Yahuudonni ajeesuudhaaf yaaluun duratti, akka Wangeela #Maatewos 12:40tti jechuudha, #guyyaa #sadii fi #halkan #sadi (sa'aa 72 jechuudha) #garaa #dachii keessa tura jedhee dubbate jedhama. Dhugaa jechi kun kama Yesuus dubbatee⁉️
A. Ee Yesuusimatu dubbate.
B. Waa Yesuus hin dubbanne.

2ffaa- Yoo dhugaa dubbiin Wangeela Maatewos 12:40 kun, dubbii Yesuus dubbate taate, dubbii dhugaati moo soba?
A. Dubbii dhugaati.
B. Dubbii sobaati.

3ffaa- Yoo raajii dhugaate ka jedhamu taate, raajiin dubbatame sun guuttame moo hin guuttamne?
A. Guuttamee jira.
B. Hin guuttamne.

4ffaa- Yoo raajii dubbatame raajii dhugaati ka jedhamu taate, raajiin dubbatame qabatamaan guuttamu qaba waan taateef, kanaafuu #guyyaan #3 fi #halkan #3 Yesuus #garaa #dachii keessa akka raajii kanaattii tura jedhe sun, guyyoota fi halkan isaa adda addaan kamiin fa'a⁉️ Namni nuuf himuu danda’u jiraa⁉️

Deebiin gonkumaa namni guyyaa sadii fi halkan sadii (sa'aa 72 jechuudhaa) mirkaneessu hin argamu. Sababni isaa, waan dubbiin Yesuus du'ee du'aa ka'e jettu, dubbii ragaa hin qabne, ta malaan haasawamtu taateef jecha. Akkamitti yoo ka jettanii, qabxii tokko tokkoon isinii mirkaneessa qaama fi qalbiin na hordofaa;

🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦

Akka ragaan Wangeela #Yohannis 19:31-42 ibsutti, guyyaan awwaalaame #Sanbata (Saturday) akka ta'e agarsiisa 👇
A. #Yohannis 19:31 "Guyyaan sun #guyyaa #itti #qophaa'an; guyyaan #Sanbata isatti aanus guyyaa guddaa ture. Kanaaf dhagna warra fannifamanii, guyyaa Sanbataatti fannoo irra akka hin oolle gochuudhaaf, lafeen miillan isaanii cabsamanii fannoo irraa akka gad buufamaniif, warri Yihudootaa Philaaxosin gaafatan".

#Yohannis 19:42 "Guyyaa warri Yihudootaa itti qophaa'an (#Sanbata) ta'e, awwaalichi dhi'ootti waan argameef, #Yesusin #achi #keessa #kaa'an".

🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦

A. #Maarqos 16:9
“Yesus jalqaba torbanii, [#guyyaa #Sanbata #guddaa] #ganama barii #yommuu #du'aa #ka'e, dura Maariyaam ishee Magdalaatti mul'ate; Maariyaam kun ishee inni hafuurota hamoota torba keessaa baasee turee dha.”
 
B. #Yohannis 20:1 “Guyyaa jalqaba torbaniitti, [gaafa #Sanbata #guddaa,] #utuu #dukkanaa'uutti #jiruu #obboroodhaan, Maariyaam isheen Magdalaa gara awwaalichaa dhuftee, dhagichi awwaalicha ittiin cufanii turan, awwaalicha irraa akka fuudhame argite.”

Hubannoo dabalataa yoo barbaaddan, Maarqos 16:2-6 fi Luqaas 24:1-7 dubbisuu dandeettu.

🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦

Qabxiiwwan ijoon nuti ragaawwan asii olii irraa argannu:

1ffaa- #Hubadhaa:  Guyyaan Yesuus du'e jedhamu Jimaata sa'aa 6 booda (naanno sa'aa 9 tti), ka awwalame jedhamu #Sanbata Xinna, guyyaan du'aa ka'e jedhamu Sanbata guddaa ganama (#guyyaa #tokkooo fi #halkan #tokko ta'aa jechuudha). Kanaafuu, guyyaan 3 fi halkan 3 raajiin Yesuus dubbate jedhamu, hin guuttamnee jechuudha.

2ffaa- Akka ragaa kanaatti yookaa Yesuusituu dubbii sobaa dubbate jechuu qabuu yookaa Wangeela kanatu waan Yesuus hin dubbanne, dubbate jedhee sobaan bareesse  jechuuf deemuu jechu. Lameenuu dubbii isaan hin baasne. Kanaafuu, Yesuus du’ee du'aa ka'eenille dubbii isaan hin baasne jechuudha.

https://t.me/Xaaliburidallah
#Turullee #dhugatuu #irra #aana

🥦🥦🥦🥦🥦🥦
#Kutaa #44ffaa
🥦🥦🥦🥦🥦🥦

#Gilgaala: Hubannoo duraan sammuu keessaa qabnuu fi ragaawwan dubbisnu wol bira qabuun, kallattii dhugaa  ittiin madaallu:


🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦

Wal dhabbii fi shakkiin worroonni Yesuus nuuf jecha du'ee jedhan keessa jiran inni Sadaffaan;

3ffaa-  Sa'aan Yesuus itti fannifame jedhamu (akka worra Kiristaanaatti), sa'aa meeqa⁉️

3🅰️. Yesuusiin yeroo fannisan bari'ee sa'aatii sadii (3) ture ka jedhu ka #Maarqos 15:25 ttu sirriidha moo?

3🅱️. Yeroo Philaaxos Yesuusiin gad baasee barcuma firdii irra taa'e murteessuuf jedhu yeroon gara sa'aa ja'affatti ture. Sana booda (sa'aa jaha booda), akka inni fannifamuuf dabarsee kennee jedha. Kun ammoo yeroo murteen akka fannifamuuf kennamu, sa'aa 6 booda (jechuun ka fannifame jedhamu gara sa'aa 9) ttu sirriidha?

Isa kamtuu sirriidha?

🅰️. #Maarqos 15:24-25
Yommus jarri isa in fannisan; uffata isaa immoo hiranii eenyu isa kam akka fudhatu baruudhaaf muka itti buufatan. Yeroon #isa #fannisanis #bari'ee #sa'aatii #sadiitti tore.   
#የማርቆስ #ወንጌል 15:25 ሰቀሉትም፥ ልብሱንም ማን ማን እንዲወስድ ዕጣ ተጣጥለው ተካፈሉ።#በሰቀሉትም #ጊዜ #ሦስት #ሰዓት ነበረ።

     VS (#contradict #with)

🅱️. #Yohannis 19:13-16
Philaaxos dubbii kana dhaga'ee Yesusin gad baasee, iddoo dhagaa buufamaa isa afaan Ibraayisxiitti "Gabataa" jedhamutti, barcuma firdii irra taa'e.Kunis guyyaa qophee Faasiikaa #gara #sa'aatii #ja'affaatti ture. Philaaxos yommus Yihudqotaan, "Ilaa mootii keessan" jedhe. Isaanis iyyanii, "Balleessi, balleessi, isa #fannisi!" jedhan. Philaaxos immoo, mootii keessan #fannisuu #ree?" ittiin jedhe. Luboonni warri angafoonni immoo deebisanii, "Nuyi Qeesaar mootii warra, Roomaa malee mootii hin qabnu" jedhan. Yommus #akka #inni #fannifamuuf #dabarsee #isaanitti isa #kenne; isaan akkasitti #Yesusin #fuudhanii #adeeman.
የዮሐንስ ወንጌል 19:13-16 ጲላጦስም ይህን ነገር ሰምቶ ኢየሱስን ወደ ውጭ አወጣው፥ በዕብራይስጥም ገበታ በተባለው ጸፍጸፍ በሚሉት ስፍራ በፍርድ ወንበር ተቀመጠ። ለፋሲካም የማዘጋጀት ቀን ነበረ፤ #ስድስት #ሰዓትም የሚያህል ነበረ፤ አይሁድንም። እነሆ ንጉሣችሁ አላቸው። እነርሱ ግን። አስወግደው፥ አስወግደው፥ ስቀለው እያሉ ጮኹ። ጲላጦስም። ንጉሣችሁን ልስቀለውን? አላቸው። የካህናት አለቆችም። ከቄሣር በቀር ሌላ ንጉሥ የለንም ብለው መለሱለት። ስለዚህ በዚያን ጊዜ እንዲሰቀል አሳልፎ ሰጣቸው።

🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦

Wal dhabbii fi shakkiin worroonni Yesuus nuuf jecha du'ee jedhan keessa jiran inni afraffaan;

4ffaa- Jechi xumuraa kan Yesuus ajjeefamuun dura dubbate jedhamu isa kami⁉️

4🅰️. Yesus, "Yaa abbaa ko, hafuura koo harka keettan kennadha!" jedhe, kan jedhutu sirriidha moo⁉️

4🅱️. Yesuus, "Fiixaan ba'eera" jedhe; kan jedhutuu sirriidha⁉️

Isa kamtuu sirriidha?

🅰️. #Luqaas 13:46 “Yesus yommus sagalee guddaadhaan iyyee, "#Yaa #abbaa #ko, #hafuura #koo #harka #keettan #kennadha!" jedhe. Utuu inni kana dubbatuus hafuurri isaa keessaa yaa'e.”
#የሉቃስ #ወንጌል 23:46 ኢየሱስም በታላቅ ድምፅ ጮኾ። #አባት #ሆይ#ነፍሴን #በእጅህ #አደራ #እሰጣለሁ #አለ። ይህንም ብሎ ነፍሱን ሰጠ።

VS (#contradict #with)

🅱️. Yohannis 19:30
“Yesus daadhii dhangaggaa'aa sana erga afaaniin qabee booddee, "#Fiixaan #ba'eera" jedhe; mataa isaa jal'isee hafuura isaa kenne.”
#የዮሐንስ #ወንጌል 19:30 ኢየሱስም ሆምጣጤውን ከተቀበለ በኋላ። #ተፈጸመ #አለ፥ ራሱንም አዘንብሎ ነፍሱን አሳልፎ ሰጠ።

🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦

Qabxiiwwan ijoon nuti ragaawwan asii olii irraa argannu:

1ffaa- Kitaabuma worroonni Yesuus cubbuu keennaaf du'ee, nuuf fannifamee jedhan keessatti, eddoo tokkotti #Yesuus #bari'ee #sa'aa #saditti #fannifame jedhaa, eddoo birootti #murteen #akka #fannifamu #yeroo #itti #kennamu, #sa'aa 6 booda (#gara #sa'aa 9) jechuun, #akkasumas #jechi #xumuraa kan #Yesuus #dubbate #jedhamu, eddoo tokkotti #yaa #abbaa #koo #hafuura #koo #harka #keettan #kennadha, gara birootti ammoo #fiixaan #ba'eera #jedhe jechuun isaa, dubbiin Rabbiin suuraa 4:157 keessatti dubbate (wol dhabbii fi shakkii worra dubbatuu) dhugaa ta'uu agarsiisa.

2ffaa- #Wol #dhabbiin (#contradiction), kitaaba Macaafa Qulqulluu jedhamu keessatti, dhimma Yesuus du'e jedhu irratti argamuun, worroonni dubbatan ragaa qabatamaa akka hin qabne fi shakkiin akka haasawaa turan, ragaawwan asii olitti laalle, ragaa ifa baasaa haasofni Yesuus du'ee jedhu dubbii fudhatama hin qabne ta'uu mirkaneessan hedduu keessaa, tokko ta'uu qabatamaan mirkaneessaa jechuudha.

♻️♻️♻️♻️By:XR ♻️♻️♻️

https://t.me/Xaaliburidallah
#Turullee #dhugatuu #irra #aana

🥦🥦🥦🥦🥦🥦
#Kutaa #45ffaa
🥦🥦🥦🥦🥦🥦

#Gilgaala: Hubannoo duraan sammuu keessaa qabnuu fi ragaawwan dubbisnu wol bira qabuun, kallattii dhugaa  ittiin madaallu:


🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦

Wal dhabbii fi shakkiin worroonni Yesuus nuuf jecha du'ee jedhan keessa jiran inni Shanaffaa;

5ffaa- Guyyaan Yesuus fannifamee jedhamu, eega guyyaan Faasiikaa dabree booda moo guyyaa Faasiikaa dura⁉️

5🅰️. Eega guyyaan Faasiikaa dabree booda kan jedhu ka #Wangeela #Yohannis 19:13-16 ttu sirriidha moo?

5🅱️. Ka guyyaa Faasiikaa dura jedhu ka Wangeela #Maarqos 14:12-18 ttu sirriidha?

Isa kamtuu sirriidha?

🅰️. #Wangeela #Yohannis 19:13-16
13. Philaaxos dubbii kana dhaga'ee Yesusin gad baasee, iddoo dhagaa buufamaa isa afaan Ibraayisxiitti "Gabataa" jedhamutti, barcuma firdii irra taa'e.
14. #Kunis #guyyaa #qophee #Faasiikaa gara sa'aatii ja'affaatti ture. Philaaxos yommus Yihudqotaan, "Ilaa mootii keessan" jedhe.


16. Yommus akka inni fannifamuuf dabarsee isaanitti isa kenne; isaan akkasitti Yesusin fuudhanii adeeman.
የዮሐንስ ወንጌል 19:
13. ጲላጦስም ይህን ነገር ሰምቶ ኢየሱስን ወደ ውጭ አወጣው፥ በዕብራይስጥም ገበታ በተባለው ጸፍጸፍ በሚሉት ስፍራ በፍርድ ወንበር ተቀመጠ።
14. #ለፋሲካም #የማዘጋጀት #ቀን ነበረ፤ ስድስት ሰዓትም የሚያህል ነበረ፤ አይሁድንም። እነሆ ንጉሣችሁ አላቸው።


16.ስለዚህ በዚያን ጊዜ እንዲሰቀል አሳልፎ ሰጣቸው።

     VS (#contradict #with)

🅱️. #Maarqos 14:12-18 Jalqaba ayyaana Maxinootti, #namoonni #hoolaa #Faasiikaa #erga #qalanii #booddee, bartoonni isaa, "#Hoolaa #Faasiikaa akka #nyaattuuf eessa dhaqnee akka qopheessinu barbaadda?" jedhanii Yesusin gaafatan. Yommus inni bartoota isaa keessaa lama ergee, "Mandarichatti lixaa! Namni okkotee bishaanii baatu tokkos isinitti in dhufa; isa duukaa dhaqaa! Manuma namichi itti galuttis abbaa manaatiin, 'Manni keessummaa kan ani bartoota koo wajjin keessatti #irbaata #Faasiikaa #nyaadhu #eessa? siin jedha #barsiisaan' ittiin jedhaa!Namichi yommus mana mana irraa keessaa kutaa bal'aa, mi'a manaatiin guutee afame tokko, isinitti in argisiisa. #Achitti #nuuf #qopheessaa!" jedhe. Bartoonni sun ka'anii gara mandaraa dhaqan; akkuma inni isaanitti himettis argatanii, achitti #irbaata #Faasiikaa #qopheessan. Yommuu galgalaa'e #Yesus bartoota isaa kudha lamaanii wajjin in dhufe. Maaddiitti taa'anii #nyaachaa #utuu #jiraniis #Yesus, "Dhuguman isiniin jedha, isin keessaa, #inni #anaa #wajjin #nyaachuutti #jiru #tokko, dabarsee na kennuuf jira" jedhe.
#የማርቆስ #ወንጌል   14:12-18 ፋሲካን በሚያርዱበት በቂጣ በዓል መጀመሪያ ቀን ደቀ መዛሙርቱ። #ፋሲካን #ትበላ #ዘንድ ወዴት ሄደን ልናሰናዳ ትወዳለህ? አሉት። ከደቀ መዛሙርቱም ሁለት ላከ እንዲህም አላቸው። ወደ ከተማ ሂዱ፥ ማድጋ ውኃ የተሸከመ ሰውም ይገናኛችኋል፤ ተከተሉት፥ የሚገባበትንም የቤቱን ጌታ። #መምህሩ#ከደቀ #መዛሙርቴ #ጋር #ፋሲካን #የምበላበት የእንግዳ ቤት ወዴት ነው? ይላል በሉት። እርሱም በደርብ ላይ ያለውን የተሰናዳና የተነጠፈ ታላቅ አዳራሽ ያሳያችኋል፤ በዚያም አሰናዱልን። ደቀ መዛሙርቱም ወጡ ወደ ከተማም ሄደው እንዳላቸው አገኙ፥ #ፋሲካንም #አሰናዱ። በመሸም ጊዜ #ከአሥራ #ሁለቱ #ጋር #መጣ። ተቀምጠውም ሲበሉ ኢየሱስ። እውነት እላችኋለሁ፥ ከእናንተ አንዱ፥ እርሱም #ከእኔ #ጋር #የሚበላው አሳልፎ ይሰጠኛል አለ።

🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦

Qabxiiwwan ijoon nuti ragaawwan asii olii irraa argannu:

1ffaa- Kitaabuma worroonni Yesuus cubbuu keennaaf du'ee, nuuf fannifamee jedhan keessatti, eddoo tokkotti #Yesuus #eega guyyaan #Faasiikaa #dabree #booda #ajjefamee jedhaa , eddoo birootti ammoo #Yesuus #guyyaa #Faasiikaa #dura #ajjefame jechuun isaa , dubbii Rabbiin Qura'anaa isaa suuraa 4:157 keessatti dubbate (worroonni Yesuus ajjefame jedhan, #dubbii #wol #dhabbii fi #shakkii keessatti #dubbataa jiran jedhe) dhugaa ta'uu agarsiisa.

2ffaa- #Wol #dhabbiin (#contradiction), kitaaba Macaafa Qulqulluu jedhamu keessatti, dhimma Yesuus du'e jedhu irratti argamuun, worroonni dubbatan ragaa qabatamaa akka hin qabne fi shakkiin akka haasawaa turan, ragaan asii olitti laalle, ragaa ifa baasaa haasofni Yesuus du'ee jedhu dubbii fudhatama hin qabne ta'uu mirkaneessan hedduu keessaa, tokko ta'uu qabatamaan mirkaneessaa jechuudha.

🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦

#Worroota #Amanti Kiristaanaatiif;
1 #Tasaloniiqee 5:21
" Garuu waan hundumaa qoraa, #isa #gaarii #jabeessaatii #qabadhaa! "
1ኛ ወደ ተሰሎንቄ ሰዎች 5:21 ሁሉን ፈትኑ #መልካሙንም #ያዙ👆👆👆dhaamsa jedhu isinii dhaamaa.


Jallataa hunda Rabbiin haa qajeelchu.
♻️♻️♻️♻️By:XR ♻️♻️♻️

https://t.me/Xaaliburidallah