Turullee Dhugatu Mo'ata
12.2K subscribers
546 photos
184 videos
120 files
475 links
Sobni miseensa guddaa qabaatuun yeroo dheerefatun ni malaa, garuu dhugaa hinjifatuu ammoo gonkumaa hin danda'u.
Download Telegram
#Rabbiin_gaafa_si #milkeessuu_barbaadu, #Ulamaa'ii fi #barattoota_diin ofii bareeche wojjiin si oolchaa.

#Godina_Arsii_Bahaa, #Aanaa_Jajuutti Halqaa Shek #AhimadTijaan_Koloobaa (barattoota 1500 olii) fi Godina Arsii Lixaa, magaalaa Asaasaatti Halqaa shek #Ahimad_Qumbii (barattoota 2000 olii) keessatti argamu #Guyyaa 27 fi 28/05/2024 or 19 fi 20/09/2016tti ziyaaruun, badhaasa birriin Biiliyoonaa hin binne (duaa'ii) badhaafamnee gallee jirraa. Alhamdulillaah. Hunda worroota Rabbiif jecha jaalannuu fi Rabbiif jecha nu jaalatuu qooda kana keessa Rabbiin haa oolchuu. Hiree Ulamaa'ii keenna ziyaaruu hunda keessanii Rabbiin haa hiruu. Amiiiiiiiin


https://t.me/Xaaliburidallah
#Magaalaa_Arba_Goona
#Namoota_80_olituu #Islaamummaa_fudhate.

#Naannoo_Sidaamaa
#Magaalaa_Arba_Goonaatti, Jillii Shek Habiib Leencaa fi Ustaaz Qamar Huseeniin dursamu, #Guyyaa 31/05/2024 or 23/09/2016tti, namoota 80 ol gara Amantii Dhaloota isaanitti deebi'anii jiruu. Faaruun kan Rabbii keennaatii. Alhamdulillah. Tuun tanaa tuun ganaa. Inshaa Allah.


https://t.me/Xaaliburidallah
#Magaala_Irbaa_Muudaa
#Namni_Shani (5) Islaamummaa qabatan.

Faaruun kan Rabbiitii,
#Godina_Gujii_Bahaa
#Aanaa_Sorroo, Magaalaa #Irbaa_Muudaa, #Guyyaa 01/06/2024 or 24/09/2016tti, namoonni Shani Amantii Dhaloota isaanitti deebi'anii jiruu. Faaruun kan Rabbii keennaatii guyyaa hara'aalle boojuun nu galche. Alhamdulillah. Tuun tanaa tuun ganaa. Inshaa Allah.


https://t.me/Xaaliburidallah
#Magaala_Boqojjii
#Yoo_Rabbiin_namaa_tumse, Namni nama mo'atuu danda'u kamuu hin jiru.

Faaruun kan Rabbii faarfamuu haqa taasifatuutii, sagantaa #Guyyaa 02/06/2024 or 25/09/2016tti magaalaa Boqojjii irraatti karoorfamee ture tola Rabbii keennaatiin, erga sanaa duaa'ii hawaasa badhaatii fi tattaaffii #Dargaggootaa_Godina #Arsii_Bahaa, keessattuu #Magaalaa_Maraarootii fi hoggantoota Koree sagantaatiin, sagantaan keenna milkaahee haala bareedaan geggeessinee xumurree gallee jirraa. Alhamdulillah. Hunda worra kaayyoo tana milkeessuuf ifaajee, mindaa keessan Rabbiin duniyaa fi Aakeratillee isinii haa kafalu. Akkasumas Dargaggootaa Magaalaa Boqojjii fi Hawaasa Magaalaa Boqojjii dhiiraa fi dhalaan, kabajaa fi jaalalli isin naaf agarsiiftan jechaan ibsuu hin danda'u, Rabbiin qananii Ganda lameenii isinii haa kennuu. Amiiiiiiiin

https://t.me/Xaaliburidallah
#Nageellee_Arsii
#Dhaabbata_Dargaggoota Nageellee Arsii

Sagantaa xumura waagaa kanaa, kan dargaggootaa #guyyaa_02/10/2016 yookaa 09/06/2024 gegeeffame irraatti hirmaatuun koo hedduu na gammachiisee. Dhaloota amaanaa itti kenname
#Islaamummaa_Addunyaadhaaf leenjii jedhu fudhataa turan gara hojitti jijjiruun,  amaanaan ergamaa Rabbii Masjid qofa keessatti hafuu hin qabu jechuun, #da'awaa_karaa_irraatti bahanii lallabuun, yoo xinnaata #namoota_soddomaa_ol #kufrii_keessaa gara #amantaa_dhaloota_isaanii fiduun bu'aa bareeda fiduu danda'anii jiruu. #Rabbiin hojii bareedaan isaan carraaqan #isaan_irraa_haa_jaalatu. Dargaggoota akkanaa eddoo maratti Rabbiin nuuf haa heddummeessu. Amiiiiiiiin

https://t.me/Xaaliburidallah
#Magaalaa_Arba_Goona
Marsaa lammaffaaf
#Namoota_225 tuu #Islaamummaa_fudhate.

#Naannoo_Sidaamaa
#Magaalaa_Arba_Goonaatti #Guyyaa 18/06/2024 or 11/10/2016tti Jilli da'awaa Shek Habiib Leencaatiin dursamu sochii taasiseen, dhiiraa 195 fi dubartoota 30, wolumaa galatti #namoota_225 gara Amantii Dhaloota isaanitti deebi'anii jiruu. Masjid nuuf ijaaraa, nama nu barsiisu nuuf qacaraa, sana booda waan Ummanni Sidaamoo ta'uu jiru nu laalaa. Namni Islaamummaa irraa duubatti deebi'u tokkoo hin jiruu jedhan. Faaruun kan Rabbii keennaatii. Alhamdulillah. Tuun tanaa tuun ganaa. Inshaa Allah. Hawaasni keenna maal jettu mee dubbii tana irraatti? Yaada keessan nuuf bareessaa.

https://t.me/Xaaliburidallah
#Shashamannee #Galma_Siitii_paarkiitti

Sagantaa marii Muslimoota moo Kiristaanotatu Jannata seena? (Namoonni Jannataa seenan isaannan kami? Namoonni jahannam seenan hoo isaannan kami? ጀነት የሚገቡት ሰዎች የትኞቹ ናቸው? ጀሀነም የሚገቡት ሰዎች የትኞቹ ናቸው?) mata duree jedhuun mariin guyyaa #Guyyaa_22/06/2024 or 15/10/2016tti taasifamaa ture, Kitaabaa Warroota Amantii Kiristaanaa keessatti, Amantiin Kiristaanaa namni qabate Jannata seena jedhuu mitii, kiristaanummaan Amantii waaqaati jechi jedhuu kitaaba keessaa eddoo tokkoo akka hin jirre amanuun ol aantummaa haqaatiin goolabamee jiraa. Alhamdulillah. Tuun tana tuun ganaa. Inshaa Allah

https://t.me/Xaaliburidallah
#Qarsaa + #Maraaroo + #Boqojjii
#Magaalaa_3_guyyaa_tokkotti

Gaafaa Rabbiin siif laaffisee wonti namatti jabaatu hin jiru. Faaruun kan Rabbii keennaatii, #hawaasa_qaroome, #karaa_tole, #teknolojii_fooyya'e Rabbiin nu badhaasuun, guyyaa tokkotti (#Guyyaa_22/06/2024 or 15/10/2016tti), magaalaa sadi irraatti, magaalaa #Qarsaa #baniinsa_mana Barnoota (wirtuu oomisha dhaloota boruu), Magaalaa #Maraaroo #irraatti_Eebba_Nashiidaa (hamileessuu bakka buutota biyyaa fi biyyee) fi #Boqojjii #Leenjii gabaabaa #Islaamummaa_Addunyaadhaaf jedhu gegeessinee, nagahaan kalattii keenna gara biyyaatte taasisaa jirraa. Wonti Rabbiin namaa laaffise wonti jabaatu hin jiruun isa kanaa. Nama garii wonti akkanaa raajii. Nuuf ammaa xinnatullee hojii. Alhamdulillah. Suuroleen #3ni_duraa_Qarsaa, #3ni_itti_aanu_Maraaroo, #3ni_boodaa_Boqojjii ta'uu nuuf hubadhaa. Tuun tana tuun ganaa. Inshaa Allah.

https://t.me/Xaaliburidallah
#Magaalaa_Wolisoo

#Godina_Shawaa_Kibba_Lixaa
#Magaalaa_Wolisoottii
#Guyyaa 28/06/2024 or 21/10/2016tti Salaata Juma'aa boodaa fi Salaata Asraa Booda hubannoo gabaabaa akkaataa #Islaamummaa_Addunyaan itti geessuu danda'an irraatti hubannoo bareeda kennuun, leenjii guddaan Akka wolitti deebi'uu qabnu wolii galuun sagantaan keenna haala bareedan goolabnee gara sagantaa itti aanutti ceenee jirraa. Alhamdulillaah. Tuun tana tuun ganaa. Inshaa Allah


https://t.me/Xaaliburidallah
#Magaalaa_Wolqixxee

Hawaasa jiraattota #Magaalaa_Wolqixxee (sabaa fi sablammoota gara garaa ta'aniif)
#Guyyaa 29/06/2024 or 22/10/2016tti Salaata zuhrii boodaa fi Salaata Asraa Booda hubannoo gabaabaa akkaataa #Islaamummaa_Addunyaan itti geessuu danda'an irraatti hubannoo bareeda kennuun, leenjii guddaan Akka wolitti deebi'uu qabnu wolii galuun sagantaan keenna haala bareedan goolabnee gara sagantaa itti aanutti ceenee jirraa. Alhamdulillaah. Tuun tana tuun ganaa. Inshaa Allah

https://t.me/Xaaliburidallah
#Magaalaa_Guruuraa
Hawaasa jaalala diinii eddoo ta'uu dhabe jedhee hin galle, kan dhaabbate nama hordofu galanni keessan Firdoosiin haa ta'u.

#Godina_Shawaa_Kibba_Lixaa
#Aanaa_Gooroo, #Magaalaa_Guruuraa
#Guyyaa 30/06/2024 or 23/10/2016tti ganama sa'aa 3:30 irraa eegalee hanga Salaata Zuhriitti Leenjii #Islaamummaa_Addunyaaf jedhu kennuun, leenjii guddaa kana dachaa warroota Amantii biroollee ofi keessatti ammatu qopheessuuf waadaan galamuun imala marsaa kanaa haala bareedaan goolabnee gara biyyaatti nagahaan deebinee jirraa Alhamdulillaah.
#Barsiisaa_Galaanii fi #Maatii isaanii kan guyyaa ani Godina san seene irraa kidmaa koo wojjiin dhama'aa turaniif akkasumas Majlisaa Godinaatii fi Magaalaa Wolisoo kan sagantaa kana irraatti hirmaatan hamilee natti godhan Rabbiin duniyaa fi Aakeratillee isaan naa haa milkeessu jechuu barbaada.

https://t.me/Xaaliburidallah
#Naannoo_Sidaamaa #Godina_Daayyeetti seenaa Boonsaan Hojjatame. Alhamdulillaah

#Naannoo_Sidaamaa Gandootaa Lamaa keessatti
#Aanaa_Boonaa #Ganda_Boceessaatti #Guyyaa_04/07/2024 ykn 27/10/2016 namoonni #78 olii fi  #Ganda_Bokkonniisaatti #Guyyaa_05/07/2024 ykn 28/10/2016 nama #270 olii, Abbaa Gadaa
Ganda_Boceessa fi Paastara Mana Amantii 37 hoogganu dabalatee, Wolumaa galatti #namni_348 olii gara Amantii dhaloota isaanii Islaamummaa deebi'anii jiruu Alhamdulillaah. Tuun tanaa tuun ganaa. Inshaa Allah

https://t.me/Xaaliburidallah
#Naannoo_Sidaamaa #Godina_Cirooneetti Alhamdulillah hara'allee Rabbiin nu milkeesse.

#Naannoo_Sidaamaa
#Godina_Ciroone magaalaa Cirooneetti #Guyyaa_14/07/2024 ykn 07/11/2016 namoonni dhiirri 18 fi dhalaa 6 wolumaa galaatti #namoonni_24 Amantii dhaloota isaanii Islaamummaa deebi'anii jiruu Alhamdulillaah. Tuun tanaa tuun ganaa. Inshaa Allah

https://t.me/Xaaliburidallah
#Magaalaa_Ciroo

Hawaasa fakkeenya jaalalaa fi Tokkummaa keessatti hangafaa ta'an hawaasa Harargee, jiraattota #Magaalaa_Ciroo guyyoota lamaaf
#Guyyaa 18 fi 19/07/2024 or 12 fi 13/11/2016tti Salaata Magriibaa fi Ishaa'ii jidduu akkaataa #Islaamummaa_Addunyaa ittiin gahuu danda'an irraatti hubannoo bareeda kennuun, leenjii guddaan Akka wolitti deebi'uu qabnu wolii galuun sagantaan keenna haala bareedan goolabnee gara biyyaatti guyyaa hara'a nagahaan gallee jirraa Alhamdulillaah. Tuun tana tuun ganaa. Inshaa Allah

https://t.me/Xaaliburidallah
#Magaalaa_Adaamaa

Deebii imala sagantaa Ciroo irraatti, masjiidota magaalaa Adaamaa keessatti argaman muraasaa (keessattu #Masjiida_Barakaa) Ziyaaraa #Guyyaa 21 fi 22/07/2024 or 14 fi 15/11/2016tti Salaata Zuhrii kan eegalle Salaata Subhii irraatti odeefannoo gaggabaabaa waa'ee dirqama Hawaasa Muslimaatii fi akkaataa #Islaamummaa_Addunyaa gahuun danda'amu irraatti hubannoo bareeda kennuun, haala bareedan Alhamdulillaah goolabnee jirraa . Tuun tana tuun ganaa. Inshaa Allah

https://t.me/Xaaliburidallah
#Naannoo_Sidaamaa #Godina_Malgaa, Ganda Abake Xoorsheetti namoonni 655 Islaamummaa fudhatan. Alhamdulillah hara'allee Rabbiin nu milkeesse.

#Naannoo_Sidaamaa #Godina_Malgaa, #Ganda_Abake_Xoorsheetti #Guyyaa_01/08/2024 ykn 25/11/2016 #namoonni_655 Amantii dhaloota isaanii Islaamummaa deebi'anii jiruu Alhamdulillaah. Tuun tanaa tuun ganaa. Inshaa Allah

https://t.me/Xaaliburidallah
#Magaalaa_Gugumaa
#namoonni_483 Islaamummaa fudhatan.

#Naannoo_Sidaamaa #Magaalaa_Gugumaatti #Guyyaa_15/08/2024 ykn 09/12/2016 Dhiiraa 399 fi dubartoota 84 wolumaa galatti #namoonni_483 Islaamummaa faaruun kan Rabbiitii fudhatanii jiru. Tuun tanaa tuun ganaa. Inshaa Allah

https://t.me/Xaaliburidallah
#Magaalaa_Asallaatti
#Seenaa_garaa_nama_nyaatu

#Sagantaa_Rufeeydota
#Magaalaa_Asallaatti
#Guyyaa 25/08/2024 or 19/12/2016tti  #Islaamummaa_Addunyaaf jedhu gegeeffame irraatti, lammiin keenna tokko kan Amantaa Kiristaanaa (Ortodoksii), waa'ee Peenxee guyyaan dhagahaa, garuu waa'ee Islaamummaa guyyaa tokkoo hin dhageennee mee naaf himaa jechuun, qalbii nama iimaana qabuu madeessee, hanga hawaasni Muslimaa diin Islaamaa barsiisuu keessatti duuba jiru nuuf himuun, seenaa yoomuu hin daganne qalbii keessatti nu darbee. Rabbiin hirriba hamaa kana keessaa nu haa kaasuu. Amiiiiiiiin

https://t.me/Xaaliburidallah
#Magaalaa_Qarsaa

Hawaasa jiraattota #Magaalaa_Qarsaa, hawaasa seenaa guddaa diin keessatti na wojjiin woreegama guddaa kafalaa Ture, Amma Seenaa bareeda
#Guyyaa 28/10/2024 or 17/02/2017tti Sa'aa 5:00 boodaa eegale hanga halkan sa'aa 2:30 itti fufuun hubannoo gabaabaa akkaataa #Islaamummaa_Addunyaan itti geessuu danda'an irraatti fi dhaamsa wolii galaa hubannoo bareeda kennuun, leenjii guddaan Akka wolitti deebi'uu qabnu wolii galuun sagantaan keenna haala bareedan goolabnee jirraa. Alhamdulillaah. Tuun tana tuun ganaa. Inshaa Allah

https://t.me/Xaaliburidallah