Turullee Dhugatu Mo'ata
11.6K subscribers
537 photos
141 videos
118 files
432 links
Sobni miseensa guddaa qabaatuun yeroo dheerefatun ni malaa, garuu dhugaa hinjifatuu ammoo gonkumaa hin danda'u.
Download Telegram
*#Islaamummaa Bareedduu #gochi isii hundi #ragaa #qabdu Rabbiin worrota hin argatiniille haa hiruu.*
👇🏻👇🏻👇🏻

*Suraa An-Nur 24:61* 👇

فَإِذَا دَخَلۡتُم بُيُوتٗا فَسَلِّمُواْ عَلَىٰٓ أَنفُسِكُمۡ تَحِيَّةٗ مِّنۡ عِندِ ٱللَّهِ مُبَٰرَكَةٗ طَيِّبَةٗۚ
Yeroo manneen seentan of irratti nagaa buusaa Kabajaa Rabbi biraa taate, barakeeffamtuu, qulqulluu taate (of irratti buusaa)
🍇🍇🍇🍇🍇🍇🍇
وعن أبي هريرة رضي الله عنه قال‏:‏ قال رسول الله صلى الله عليه وسلم ‏:‏ ‏"‏لا تدخلوا الجنة حتى تؤمنوا ولا تؤمنوا حتى تحابوا أولا أدلكم على شيء إذا فعلتموه تحاببتم‏؟‏ أفشوا السلام بينكم‏"
‏ ‏(‌‏(‏رواه مسلم ‏)‌‏)‌‏.‏
Abuu Hurayraah irraa odeeffame (RA) ni jedhe. Ergamaan Rabbii (S.A.W) ni jedhe. "Hanga amantanitti jannata hin seentan. Hanga wal jaalattanittis hin amantan. Sila waan yoo isa hojjattan wal jaalattan isinitti akeekuu? *#Nagaa #wal #gaafachuu #baay'isaa."*

[Muslim].

Riyad as-Salihin
(The Book of Greetings)
Book 6, Hadith 848
🍇🍇🍇🍇🍇🍇🍇
*Luqaas 10:5* 👇
Mana tokko yommuu lixxan, duraan dursaatii ' *#Nagaan #mana #kanaaf #haa #ta'u!* ' jedhaa.
የሉቃስ ወንጌል 10:5 ወደምትገቡበት ቤት ሁሉ አስቀድማችሁ። *#ሰላም $ለዚህ #ቤት #ይሁን* በሉ።
John 1:15
Luke 10 5. And into whatsoever house ye enter, first say, *#Peace #be to this #house.*
🍇🍇🍇🍇🍇🍇🍇
*Luqaas 24:36* 👇
Jarreen lamaan kana utuu himaa jiranii Yesus ofii isaa isaan gidduu dhaabatee, *#Nagaan #isiniif #haa #ta'u!* isaaniin jedhe.
የሉቃስ ወንጌል 24 36 ይህንም ሲነጋገሩ ኢየሱስ ራሱ በመካከላቸው ቆሞ። *#ሰላም #ለእናንተ #ይሁን* አላቸው።

*Yohaannis 20:19/ Yohaannis 20:26*
🍇🍇🍇🍇🍇🍇🍇
*Yohannis Isa Sadaffaan 1:15* 👇
*#Nagaan #siif #haa ta'u,* firoonni kee nagaa siif ergu; tokkuma tokkoon maqaa dha'iitii firoota keenyatti nagaa nuuf himi!
3ኛ የዮሐንስ መልእክት 1 [15] *#ሰላም #ለአንተ #ይሁን።* ወዳጆች ሰላምታ ያቀርቡልሃል። ወዳጆችን በየስማቸው እየጠራህ ሰላምታ አቅርብልኝ።
🍇🍇🍇🍇🍇🍇🍇
Nageenni Rabbii isin irratti haa jiraatu jechuun seeraa kitaabota Amantii hundaa keessatti argamuu, akkam #bultan/#ooltan jedhanii nagaha wol gaafatuu yoo #aadaa taate malee #Amantii #kamuu keessatti waan jiruu mitii jechu.

Kanaafuu ' *#As-salaamu #Aleeykum'* (#Nageenni #Rabbii #sirratti #haa #jiraatu) Hawaasni Muslimaa woliin gaafatu, akkaataa Nabiyyoonni Rabbii #Yesuusille (#Iisaa nageenni Rabbii isa irratti haa jiraatu) dabalatee ittiin wol gaafataa turan ta'uu hubanna.

Worroonni maqaa Nabiyyii Rabbiitiin daldalu (Yesuus) ufii isa hordofna jedhuu ufii akkata inni nagaha itti nama gaafatuun nagaha wol gaafachuuyyu hin dandeenne.

Islaamumma seeraa fi gochi isiille wol simatu Rabbiin worrota hin argannee haa kennu.

Jallataa hunda Rabbiin haa qajeelchu.

♻️♻️♻️♻️By:XR ♻️♻️♻️
Worronni baruumsa Amantii Islaamaa fi Kiristaanaa wol bira qabuun baratu barbaaddan garee Chaanaala asii gadii tuqaa seenaa .

https://t.me/Xaaliburidallah
Akka worroonni olola haasawutti osoo ta'ee mee isa kamtuu sirriidha? moo yaaduma kitaaba isaanii keessa jiruu isaan quba hin qaban ta'innuu⁉️
Mee gaafiiwwan asii gadii ragaa kitaaba Macaafa Qulqulluu jedhamu keessatti argamu irratti hundaahuun worroonni Yesuus du'e jedhanii amanan haa deebii barbaadatanii biraan nuuf gahaa; Dursa mee dubbii Maatewos 26:39 wojji haa ilaallu koottaa 👇
🍇🍇🍇🍇🍇🍇🍇
#Maatewos 26:39
" Xinnoos irraa hiiqee #adda #isaatiin #gombifamee, 'Yaa abbaa, ko! In danda'ama yoo ta'e #xoofoon #dhiphinaa #kun #ana #irra #haa #darbu, garuu akka jaalala koo miti, akka jaalala kee haa ta'u malee" jedhee kadhate. "
ጥቂትም ወደ ፊት እልፍ ብሎ በፊቱ #ወደቀና ሲጸልይ። አባቴ፥ ቢቻልስ፥ #ይህች #ጽዋ #ከእኔ #ትለፍ፤ ነገር ግን አንተ እንደምትወድ ይሁን እንጂ እኔ እንደምወድ አይሁን አለ።
🍇🍇🍇🍇🍇🍇🍇
Akka wangeela Maatewos 26:39 asii olii keessatti ibsutti Yesuus du'uun duratti Waaqa waa hundaa danda'aa ta'eef adda isaatiin gombifamee kadhataa ture. Eddoo kanatti gaafii gurguddoo 3 ka worroonni Yesuus du'e jedhanii yaadan deebisuu qabantu jira,sunisi;
1ffaa ➡️ Eega akka worroonni Kiristaanaa yaadutti Yesuus cubbuu ilma namaatiif ajjeefamuu fedhii qabaate maaf waaqaa adda isaatiin gombifamee kadhate ree⁉️
2ffaa ➡️ Eega Yesuus homa fedheefuu haa ta'uu du'a ooluu barbaadee Waaqa kadhate, Waaqni kadhaa isaa dhagaheef (awwaateef) moo kadhaa isaa harkatti dide? Yoo kadhaa Yesuus Waaqni dhagaheef ka jedhamu taate maaf du'a hin oolchin ree⁉️ yoo kadhaa Yesuus Waaqni harkatti ka didu taate maaf awwaatuufii dide? Moo Waaqni du'a oolchuu dandeetti dhabe?
3ffaa ➡️ Waaqni osoo Yesuus itti boohu isaa birmatuu didee kaayoo diinota Yesuus (yihuudotaa) galmaan gaheef jechuudha? Akka worroonni Kiristaanaa yaaddanitti (osoo Waaqni Yesuus ka hin tumsine jennu taatee) Yesuusiin caalaa Waaqni Yihuudota jaalata jechuu⁉️ ka Yesuusi tumsuu dideef?
🍇🍇🍇🍇🍇🍇🍇
Haasofni Yesuus du'e jedhu dubbii kijibaa ta'uu ragaan asii olii akkuma jirutti ta'ee mee dabalataanis ragaa biroo ka haasofni isaa wol faallessu haa laalluu koottaa; 👇
🍇🍇🍇🍇🍇🍇🍇
#Maarqos 15:24-25
Yommus jarri isa in fannisan; uffata isaa immoo hiranii eenyu isa kam akka fudhatu baruudhaaf muka itti buufatan. Yeroon #isa #fannisanis #bari'ee #sa'aatii #sadiitti tore.
ሰቀሉትም፥ ልብሱንም ማን ማን እንዲወስድ ዕጣ ተጣጥለው ተካፈሉ።#በሰቀሉትም #ጊዜ #ሦስት #ሰዓት ነበረ።
#VS
#Yohannis 19:13-16
Philaaxos dubbii kana dhaga'ee Yesusin gad baasee, iddoo dhagaa buufamaa isa afaan Ibraayisxiitti "Gabataa" jedhamutti, barcuma firdii irra taa'e.Kunis guyyaa qophee Faasiikaa #gara #sa'aatii #ja'affaatti ture. Philaaxos yommus Yihudqotaan, "Ilaa mootii keessan" jedhe. Isaanis iyyanii, "Balleessi, balleessi, isa #fannisi!" jedhan. Philaaxos immoo, mootii keessan #fannisuu #ree?" ittiin jedhe. Luboonni warri angafoonni immoo deebisanii, "Nuyi Qeesaar mootii warra, Roomaa malee mootii hin qabnu" jedhan.Yommus #akka #inni #fannifamuuf #dabarsee #isaanitti isa #kenne; isaan akkasitti Yesusin fuudhanii adeeman.
🍇🍇🍇🍇🍇🍇🍇
Mee ragaa Maarqos 15:24-25 jiruu fi Yohannis 19:13-16 irratti hundaahuun;
4ffaa ➡️ Sa'aan Yesuus itti fannifame jedhamee yaaddamu keessaa isa kamtu sirriidha?
🅰️. Yesuusiin yeroo fannisan bari'ee sa'aatii sadii (3) ture ka jedhu ka Maarqos 15:25 ttu sirriidha moo?
🅱️. Yeroo Philaaxos Yesuusiin gad baasee barcuma firdii irra taa'e murteessuuf jedhu yeroon gara sa'aa ja'affatti ture. Sana booda sa'aa jaha (6) booda akka inni fannifamuuf dabarsee kennee jedha. Kun ammoo yeroo murteen akka fannifamuuf kennamu sa'aa 6 booda jechuun ka fannifame jedhamu gara sa'aa 9 jedhama. Kanaafuu ka sa'aa 3 Yesuus fannifamee jedhu moo ka sa'aa 6 booda (sa'aa 9) jedhutu sirriidha?

Kun hundi ragaa ifa baasaa haasofni Yesuus du'ee jedhu olola hundee hin qabne ta'uu garsiisan kumaatama keessaa muraasa jechu.

Jallataa hunda Rabbiin haa qajeelchu.
♻️♻️♻️♻️By:XR ♻️♻️♻️
Worronni baruumsa Amantii Islaamaa fi Kiristaanaa wol bira qabuun baratu barbaaddan garee Chaanaala asii gadii tuqaa seenaa 👇

https://t.me/Xaaliburidallah
*#Lubbuun #takkaa #cubbuu #nama #biroo akka #hin #baadhanne beektuu?* 👇
Yesuus cubbuu ilma namaatiif jecha fannifameen olola ifa jiru. sababni isaalle lubbuun takkaa ta dilii nama biroo baadhattu hin jirtu waan taateef jecha. Kana mirkaneefachuu yoo feetan ragaawwan asii gadii qalbiidhaan dubbisaa;
🍇🍇🍇🍇🍇🍇🍇
1ffaa ➡️*AZ-ZUMAR 39:7* 👇
إن تكفروا فإن الله غني عنكم ولا يرضى لعباده الكفر وإن تشكروا يرضه لكم ولا تزر وازرة وزر أخرى ثم إلى ربكم مرجعكم فينبئكم بما كنتم تعملون إنه عليم بذات الصدور
Yoo kafartanis, dhugumatti Rabbiin isin irraa dureessa Garuu gabroota Isaatiif kufrii hin jaallatu Yoo (Isa) galateeffattan isa isiniif ni jaallata(Lubbuun) dilii hojjattu tokko #dilii (nama) #biraa #hin #baadhattu Ergasii deebiin keessan gara Gooftaa keessaniiti Innis waan isin dalagaa turtan isinitti odeessa Dhugumatti, Inni beekaa waan qoma keessaati.
አል-ዙመር - 39:7
ብትክዱ አላህ ከእናንተ የተብቃቃ ነው፡፡ ለባሪያዎቹም ከህደትን አይወድም፡፡ ብታመሰግኑም፤ እርሱን ይወድላችኋል፡፡ ማንኛይቱም ኃጢኣትን ተሸካሚ ነፍስ #የሌላይቱን #ኃጢኣት #አትሸከምም፡፡ ከዚያም መመለሻችሁ ወደ ጌታችሁ ነው፡፡ ትሠሩት የነበራችሁትንም ይነግራችኋል፡፡ እርሱ በልቦች ውስጥ ያሉትን ዐዋቂ ነውና፡፡

2ffaa➡️ *#AL-ISRAA 17:15* 👇
مَّنِ اهْتَدَىٰ فَإِنَّمَا يَهْتَدِي لِنَفْسِهِ ۖ وَمَن ضَلَّ فَإِنَّمَا يَضِلُّ عَلَيْهَا ۚ وَلَا تَزِرُ وَازِرَةٌ وِزْرَ أُخْرَىٰ ۗ وَمَا كُنَّا مُعَذِّبِينَ حَتَّىٰ نَبْعَثَ رَسُولًا
Namni qajeele, kan inni qajeelu matuma ofiitiif qofa Namni jallates, kan inni jallatu ofuma irratti #Lubbuun #ba’aa #baadhattu #kamilleen #ba’aa #lubbuu #biraa #hin #baadhattu Hanga ergamaa erginutti kan adabnus hin taane.
(ሱረቱ አል-ኢስራእ - 15) የተመራ ሰው የሚመራው ለራሱ ብቻ ነው፡፡ የተሳሳተም ሰው የሚሳሳተው (ጉዳቱ) በእርሷ ላይ ነው፡፡ ተሸካሚም (ነፍስ) #የሌላይቱን #ኃጢኣት #አትሸከምም፡፡ መልዕክተኛንም እስከምንልክ ድረስ የምንቀጣ አይደለንም፡፡
🍇🍇🍇🍇🍇🍇🍇
3ffaa ➡️ *#Macaafa #Hisqi'el #Raajichaa 18:20* 👇
❝Lubbuun isa cubbuu hojjetuu haa du'u! #Ilmi #yakka #abbaa #hin #baatin! #Abbaanis #yakka #ilmaa #hin #baatin! Qajeelinni nama qajeelaa isumaaf haa lakkaa'amu! Jal'inni nama jal'aas isuma irraa haa barbaadamu!❞
(ሕዝ 18: 20)
ኃጢአትን የምትሠራ ነፍስ እርስዋ #ትሞታለች#ልጅ የአባቱን #ኃጢአት አይሸከምም፥ #አባትም የልጁን #ኃጢአት #አይሸከምም፤ የጻድቁ ጽድቅ #በራሱ ላይ ይሆናል፥ የኃጢአተኛውም ኃጢአት በራሱ ላይ ይሆናል።"

4ffaa ➡️ *#Macaafa #Ermiyaas #Raajichaa 31:30* 👇
❝"Garuu namni ija waynii dhangaggaa'aa nyaate hundinuu, ilkaanumti ofii isaatii in hadooda; #namni #yakke #hundinuu #yakkuma #ofii #isaatiitiif in #du'a.❞
(ኤር 31: 30)
" ነገር ግን ሰው ሁሉ #በገዛ #በደሉ #ይሞታል፤ መራራውን የወይን ፍሬ የሚበላ ሁሉ ጥርሶቹ ይጠርሳሉ።"

5ffaa ➡️ *#Seera #Keessa #Deebii 24:16* 👇
#Namni #adduma #addaan #cubbuu #ofii #isaatiif #haa #ajjeefamu #malee, abboonni ilmaan isaaniif hin ajjeefamin, ilmaanis abboota isaaniif hin ajjeefamin!❞
(ዘዳግ 24: 16) #አባቶች ስለ ልጆች #አይገደሉ#ልጆችም ስለ አባቶች #አይገደሉ፤ ነገር ግን ሁሉ እያንዳንዱ #በኃጢአቱ ይገደል።"
🍇🍇🍇🍇🍇🍇🍇
Ragaawwan asii olitti argaman shanan lubbuun tamuu ( ta Yesuusiille osoo taate jechuudhaa) ta cubbuu nama biroo baadhattu tamuu akka hin jirre ifatti mudhisa. Kanaafuu Yesuus cubbuu ilma namaatiif jecha du'een yookaa fannifameen olola hundee hin qabne ta'uu ifatti mirkaneessa jechu.

Jallataa hunda Rabbiin haa qajeelchu.
♻️♻️♻️♻️By:XR ♻️♻️♻️
Worronni baruumsa Amantii Islaamaa fi Kiristaanaa wol bira qabuun baratu barbaaddan garee Chaanaala asii gadii tuqaa seenaa 👇

https://t.me/Xaaliburidallah
#Turullee #dhugatuu #irra #aana

🥦🥦🥦🥦🥦🥦
#Kutaa #25ffaa
🥦🥦🥦🥦🥦🥦

#Hojii #manaa
👇👇👇

Ragaa #Maatewos 26:39 dubbisuun, gaafii itti aanee dhufuuf, deebii sirrii ta'e filadhuu deebisi.
🍇🍇🍇🍇🍇🍇

#Maatewos 26:39
" Xinnoos irraa hiiqee #adda #isaatiin #gombifamee, 'Yaa abbaa, ko! In danda'ama yoo ta'e #xoofoon #dhiphinaa #kun #ana #irra #haa #darbu, garuu akka jaalala koo miti, #akka #jaalala #kee haa ta'u malee" jedhee #kadhate. "
ጥቂትም ወደ ፊት እልፍ ብሎ #በፊቱ #ወደቀና ሲጸልይ። አባቴ፥ ቢቻልስ፥ #ይህች #ጽዋ #ከእኔ #ትለፍ፤ ነገር ግን #አንተ #እንደምትወድ #ይሁን እንጂ #እኔ #እንደምወድ #አይሁን አለ።
And he went a little farther, and #fell #on #his #face, and #prayed, saying, O my Father, if it be possible, let this cup pass from me: nevertheless not as I will, but as thou wilt.

Gafii 👇👇👇
Akka ragaa #Maatewos 26:39 keessatti dubbatametti, hima kamtuu sirriidha?

A. Yesuus adda isaatiin gombifamee, xoofoo dhiphinnaa (du'a) na oolchiif Waaqaa kadhate.

B. Yesuus adda isaatiin gombifamee, akka cubbuu ilma namaatiif du'u barbaadu Waaqatti hime.

C. Yesuus adda isaatiin gombifamee, yaa abbaa, akka jaalala fi aangoo kootti (kiyyaatti) , xoofoon dhiphinnaa kun ana irra dabruu qabaa jedhe.

D. Hunduu deebii sirriiti.


🥦🥦🥦🥦🥦🥦

Worroonni Amantii Kiristaanaa mee waan sammuu keessaa qabdanii fi raga kana wol bira qabaa laalaa.

hawaasni keenna ammoo, worroota Amantii Islaamummaatiin ala jiran, ka dhugaa kitaabuma isaanii keessatti argamtu hubatuu dadhaban, ragaawwan asii olii kana biraan gahaa, haqa jiru hubachiisaa.

Qabxiiwwan ijoon nuti ragaa #Maatewos 26:39 irraa argannu;

1ffaa- Yesuus adda isaatiin gombifamee #kadhataa/#sagadaa akka ture. ( #በፊቱ #ወደቀና #ሲጸልይ /#fell #on #his #face and #prayed) . Kun ammoo maal agarsiisa yoo jedhame, Waaqummaa mitii, hafuurri aangoo waan takkatu, akka harka isaa keessa hin jirree fi gabricha Rabbii ka rakkoo keessatti Rabbiin irraa tumsa hajamu, ta'uu isaa ifatti mirkaneessa.

2ffaa- Yesuus adda isaatiin gombifamee, #xoofoo #dhiphinnaa (#du'a) ana irra haa darbu ( #ይህች #ጽዋ #ከእኔ #ትለፍ፤) yeroo jedhu, karoora Yahuudonni natti baastee na ajjeesuuf jettu kana na oolchiif akka Waaqaa kadhate mudhisa. Yaada kana irraa qabxiin ijoon nuti fudhannu, Yesuus cubbuu ilma namaatiif jecha fannifameen, haasawa ololaa ta'uu, sababni isaalle osoo akka namoonni tokko tokko yaadan taate, waan karoora isaatiin raawwatuu hedu tokkotti, Waaqaan na oolchi jedhee, sanuu addaan gombifamee hin kadhatu ture.

3ffaa- Yesuus adda isaatiin gombifamee, yeroo #xoofoo #dhiphinnaa (#du'a) na oolchiif Waaqaa kadhatu, akka aangoo kiyyaatti yookaa akka fedha kiyyaatti jedhee osoo hin taane, 'Yaa abbaa, ko! In danda'ama yoo ta'e, akka jaalala koo miti, #akka #jaalala #keetti (fedha kee yoo taate, aangoo kiyyaa mitii aangoo keetiin) du'a na oolchi jedhe. Kun maal mirkaneessa yoo ka jedhamu taate? Yesuus aangoo ilma namaa biroo du'a ittiin oolchuu mitii, aangoo ufuu baraaruun akka hin qabnee fi akkasumas, wonti Rabbiin hojjatu, fedha Yesuus irratti hundaahee yookaa marii isaatiin osoo hin taane, akkuma Rabbiin tokko ta'e, waan hojjatu kamuu, fedha isaa qofaan, fedhii nama tokkootiin ala jechuudhaa (Yesuusillee dabalatee), akka raawwatu ifatti mudhisa.

Jallataa hunda Rabbiin haa qajeelchu.
♻️♻️♻️♻️By:XR ♻️♻️♻️
Gaafii fi yaada baruumsa kana irratti qabdan kamuu, eddoo #'leave a comment' jedhu tuquun bareessuu hin dagatinaa.
Namoonni miseensa asiin dura hin ta'in, baruumsa fakkata kanaa, ka asiin dura #kennamaa #turanii fi kana boodas #kennaman argachuu yoo barbaaddan, linkii asii gadii tuquun, garee Telegiraamaa seenaa nu hordofaa 👇

https://t.me/Xaalibu6504
#Turullee #dhugatuu #irra #aana

🥦🥦🥦🥦🥦🥦
#Kutaa #34ffaa
🥦🥦🥦🥦🥦🥦

Gilgaala: Hubannoo yaada sammuu keessaa qabnuu fi ragaawwan jiru wol bira qabuun ittiin dhugaa madaallu:

Yesuus fi Waaqni tokko jedhamuun, dhugama akka namoonni tokko tokko yaadanitti, Yesuusfi Waaqni wol qixa yookaa Yesuus Waaqa jechuu agarsiisaa laata⁉️

🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦
Ragaawwan asii gadii keessa, isa kamtu #tokko dubbiin jedhu, #wol #qixa jechuu agarsiisa?

A. #Yohannis 10:29-30
#Abbaan koo inni anatti isaan kenne, #hundumaa #irra #guddaa dha; homtinuus harka abbaa koo keessaa isaan butachuu hin danda'u. Abbaanii fi ani tokko isaaniin jedhe.❞ የሰጠኝ አባቴ #ከሁሉ #ይበልጣል፥ ከአባቴም እጅ ሊነጥቃቸው ማንም አይችልም። እኔና አብ አንድ ነን።
Yesuus anaa fi Abbaan tokko jechuun duratti boqonnama namoonni tokko tokko ragaa taasifatan keessatti maal dubbate? "#Abbaan koo inni anatti isaan kenne, #hundumaa #irra #guddaadha" jedhe. Kanaafuu, Yesuus fi Waaqni wol qixa jechuun hin danda'amu.

B. #Yohannis 17:22
❝Akkuma nuyi tokko taane, #isaanis #tokko #haa #ta'aniif (#hordoftoonni #Yesuus #12ni jechuudha) , ulfina ati anaaf kennite isaaniif kenneera.❞ እኛም አንድ እንደ ሆንን #አንድ #ይሆኑ #ዘንድ፤ የሰጠኸኝን ክብር እኔ ሰጥቻቸዋለሁ፤
Akkuma Yesuus fi Waaqni tokko ta'anitti, hordoftoonni Yesuus 12ni tokko haa ta'anii jechuun, Yesuus fi Waaqni wol qixa ta'anii jiruu kanaafuu hordoftoonni Yesuus 12ni wol qixa haa ta'anii jechuu miti.

C. #1 #Qorontos 3:6-8
Ani nan dhaabe, Apholos bishaan obaase, Waaqayyo garuu in guddise. Waaqayyo isa guddisu sana malee, inni dhaabu, inni bishaan obaasus homaa miti. #Inni #dhaabe #isa #bishaan #obaasee #wajjin #tokko; adduma addaanis akka dadhabbii isaatti miindaa ofii isaatii in fudhata. እኔ ተከልሁ አጵሎስም አጠጣ ነገር ግን እግዚአብሔር ያሳድግ ነበር፤ እንግዲያስ የሚያሳድግ እግዚአብሔር እንጂ የሚተክል ቢሆን ወይም የሚያጠጣ ቢሆን አንዳች አይደለም። #የሚተክልና #የሚያጠጣ #አንድ #ናቸው፥ ነገር ግን እያንዳንዱ እንደ ራሱ ድካም መጠን የራሱን ደመወዝ ይቀበላል።
Yaadni "#Inni #dhaabe #isa #bishaan #obaasee #wajjin #tokko" jedhu wol qixa jechuu akka hin taane ifa.

D. #Yohannis 14:28
“'Amma nan adeema deebi'ees isin bira nan dhufa' akkan isiniin jedhe dhageessaniittu; utuu na jaallattu taatanii, waanan gara abbaa dhaquuf in gammaddu turtan, #abbaan #na #caala'o,” እኔ እሄዳለሁ ወደ እናንተም እመጣለሁ እንዳልኋችሁ ሰማችሁ። የምትወዱኝስ ብትሆኑ #ከእኔ #አብ #ይበልጣልና ወደ አብ በመሄዴ ደስ ባላችሁ ነበር።
Boqannaan kun hurrii namoota tokko tokko keessatti hafe, ka Rabbiin qajeelluma isaa hin feene malee ifa baase (#abbaan #na #caala'o/ #ከእኔ #አብ #ይበልጣልና" Yeroo jedhu).

E. Deebiin hin jiru.
🥦🥦
Qabxiiwwan ijoon nuti ragaawwan asii olii irraa argannu:

1ffaa- Yesuus afaanuma isaatiin dubbii wol diigu yeroo tokkotti ni dubbata jechuun waan hin malleef, dubbiin Yesuus boqannaa #Yohannis 10:29 ❝#Abbaan #hundumaa #irra #guddaadha" jedhu hubanno sirrii, yaada boqannama kana keessatti 30 irratti dubbatamee ni ta'aa jechuudha. Sunis, Waaqni waa hundaa irra guddaa ta'e sanii, Yesuus ergamaa isaa waan ta'eef, ergaan Yesuus qabatee deemuu sun ta Waaqatiin tokkoo ( tama Waaqaa sanii jechuudha).

2ffaa- Akkuma Yesuus fi Waaqni tokko ta'anitti, hordoftoonni Yesuus 12ni tokko haa ta'anii jechuun, Yesuus akkuma fedhii Waaqaa gegeessun kaayoo tokkoof (kaayoon fedhii isaa barsiisuu fi hojachuu hin taanee) jiraatutti, hordoftoonni Yesuus 12nisi kaayoo tokkoon (Waaqa tokkoof gabroottan ta'anii isa gabbaruu irratti) osoo gara gari hin baane, tokkoomanii haa jiraatanii jechuudha.

3ffaa- Yaadni "#Inni #dhaabe #isa #bishaan #obaasee #wajjin #tokko" jedhu ammoo, ka dhaabuu fi obaasulle kaayoo yookaa hawwii tokko qabuu. Sunis, biqiltuun isaan dhaaban sun guddattee galma geettee boru isaan hundaa fayyaduu (Inni tokko biqiltuun hin guddatin jedhee kuun haa guddattu miti, inni kuun boru biqiltuun sun akka na fayyadduuf dhaabee, kuun ammoo akka nan fayyadne hawwii jedhu karoorfatee mitii jechuudha).

4ffaa- Akkuma wolii galaatti, Yesuusimmaan "#abbaan #na #caala'o/ #ከእኔ #አብ #ይበልጣልና" jedhe gaabbee, Anaa fi Waaqni wol qixa jechuudhaaf, anaa fi Waaqni tokko jedhe jedhanii yaaduu fi haasawu irra, anaa fi Waaqni tokko jechuun, kaayoon tiyyaa fi Waaqaa tokkoo (kaayoon ani gegeessa jiru ta Waaqni na ajaje qofa) jechuu akka taate mirkaneessa.

https://t.me/Xaaliburidallah
#Turullee #dhugatuu #irra #aana

🥦🥦🥦🥦🥦🥦
#Kutaa #42ffaa
🥦🥦🥦🥦🥦🥦

#Gilgaala: Hubannoo duraan sammuu keessaa qabnuu fi ragaawwan dubbisnu wol bira qabuun, kallattii dhugaa  ittiin madaallu:

🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦

#Yesuus (Nabi #Iisaan nageenni Rabbii isa irratti haa jiraatu), akka inni #hin #ajjeefamin fi  #cubbuu #ilma #nama #tokkootiifille #hin #fannifamin #beekuu #yoo #feetan, Maatewos 26:39 dubbisuun, gaafiiwwan itti aanee dhufu deebisaa. 👇

🍇🍇🍇🍇🍇🍇🍇

#Maatewos 26:39
" Xinnoos irraa hiiqee #adda #isaatiin #gombifamee, 'Yaa abbaa, ko! In danda'ama yoo ta'e #xoofoon #dhiphinaa #kun #ana #irra #haa #darbu, garuu akka jaalala koo miti, akka jaalala kee haa ta'u malee" jedhee kadhate. "
ጥቂትም ወደ ፊት እልፍ ብሎ በፊቱ #ወደቀና ሲጸልይ። አባቴ፥ ቢቻልስ፥ #ይህች #ጽዋ #ከእኔ #ትለፍ፤ ነገር ግን አንተ እንደምትወድ ይሁን እንጂ እኔ እንደምወድ አይሁን አለ።

🍇🍇🍇🍇🍇🍇🍇

Akka wangeela #Maatewos 26:39 asii olii keessatti ibsutti, #Yesuus #ajjeefamuu yaadamuun #duratti #Waaqa #waa #hundaa #danda'aa #ta'eef adda isaatiin gombifamee #kadhataa #ture. Eddoo kanatti gaafii gurguddoo 5, ka worroonni Yesuus du'e jedhanii yaadan deebisuu qabantu jira. Sunisi:

1ffaa- Eega akka worroonni Kiristaanaa yaadutti Yesuus cubbuu ilma namaatiif ajjeefamuu fedhii qabaate, #maaf #Waaqaa #adda #isaatiin #gombifamee #kadhate⁉️

2ffaa- Eega #Yesuus homa fedheefuu haa ta'uu #du'a #ooluu #barbaadee #Waaqa #kadhate, Waaqni kadhaa isaa dhagaheef (#awwaateef) moo kadhaa Yesuus #hin #awwanneef⁉️

3ffaa- Yoo kadhaa Yesuus Waaqni dhagaheef ka jedhamu taate, maaf Waaqni Yesuusiin du'a hin oolchin ree⁉️ yoo kadhaa Yesuus Waaqni harkatti ka didu taate, maaf awwaatuufii dide? Moo Waaqni du'a oolchuu dandeetti dhabe⁉️

4ffaa-: Waaqni osoo Yesuus itti boohu isaa birmatuu didee, #kaayoo #diinota #Yesuus (#Yihuudotaa) #galmaan #gaheef #jechuudhaa⁉️

5ffaa- Akka worroonni Kiristaanaa yaaddanitti, osoo Waaqni Yesuusii hin tumsine ka jennu taatee, Yesuusiin caalaa Waaqni Yihuudota jaalata jechuudhaa⁉️ (ka Yesuusi tumsuu dideef⁉️)

🍇🍇🍇🍇🍇🍇🍇

Qabxiiwwan ijoon nuti ragaawwan asii olii irraa argannu:

1ffaa- Rabbiin/ Waaqni Yihuudotaa caalaa Yesuusiin jaalata, kanaafuu kadhaa Ergamaan isaa Yesuus kadhataa ture harkatti hin didu waan taateef isaa awwaatee, diinota Yesuusii (Yihuudotaa) jalaa baraaree du'a isa oolchee, Rabbiin Nabiyyi isaa gara isaatti isa fudhatee jechuudhaa.

2ffaa- Eega hin ajjeefamin akkasumas hin fannifamin akkam ta'e ree worroota jettaniif, namni Rabbiin irra dhugaa namatti himu hin jiruu, dubbii Rabbiin Qura'anaa isaa keessatti nuuf hime irraa, deebii quubsaa argattuu dubbisaa. 👇

🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦

#An-Nisaa 4:157 Ammas waan isaan “nuti Masiih Iisaa ilma Maryam, ergamaa Rabbii, ajjeefnee jirra” jedhaniif (isaan abaarre) #Isaaniitti #fakkeeffame #malee #isa #hin #ajjeefne; #hin #fannisnes Dhugumatti, isaan isa keessatti wal dhaban isa irraa shakkii keessa jiru. Yaada hordofuu malee isa irratti beekumsa homaatuu hin qaban Qabatamaatti isaan isa hin ajjeefne.
4:157 - «እኛ የአላህን መልክተኛ የመርየምን ልጅ አልመሲሕ ዒሳን ገደልን» በማለታቸውም (ረገምናቸው)፡፡ #አልገደሉትም #አልሰቀሉትምም፡፡ ግን ለእነሱ (የተገደለው ሰው በዒሳ) ተመሰለ፡፡ እነዚያም በእርሱ ነገር የተለያዩት ከእርሱ (መገደል) በመጠራጠር ውስጥ ናቸው፡፡ ጥርጣሬን ከመከተል በስተቀር በእርሱ ነገር ምንም ዕውቀት የላቸውም፡፡ #በእርግጥም #አልገደሉትም፡፡
An-Nisaa 4:158 Dhugumatti #Rabbiin #gara #isaatti #ol #isa #fuudhe Rabbiin injifataa, ogeessa ta'e.
4:158 - ይልቁንስ አላህ (ኢሳን) #ወደርሱ #አነሳው፡፡ አላህም አሸናፊ ጥበበኛ ነው፡፡

🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦
👆
Ibsi quubsaan, dubbii Rabbii caalu hin jiruu, qalbiin ragaa asii olii xiinxallaa.

#Worroota #Amanti Kiristaanaatiif;
1 #Tasaloniiqee 5:21
" Garuu waan hundumaa qoraa, #isa #gaarii #jabeessaatii #qabadhaa! "
1ኛ ወደ ተሰሎንቄ ሰዎች 5:21 ሁሉን ፈትኑ #መልካሙንም #ያዙ👆👆👆dhaamsa jedhu isinii dhaamaa.

hawaasni keenna ammoo, "#sababa #keetiin #namni "tokko "qajeeluun, #gaala #diddiimaa #karaa #Rabbii #keessatti #kennatu #siif #caala, ka Nabiyyiin Rabbii (nagahaa fi Rahmanni Rabbii isaan irratti haa jiraatu), jedhanii Aliyyiif dhaaman siif dhaama. Sheer taasisuun sin kafalchiisu, lammiiwwan keenna beektu hundaa ergii, toltuu guyyaa boruutti si fayyaddu guduunfadhu.

Jallataa hunda Rabbiin haa qajeelchu.
♻️♻️♻️♻️By:XR ♻️♻️♻️

Garee Telegiraamaa seenaa nu hordofaa 👇

https://t.me/Xaalibu6504
Although Christianity today is a major world religion, having more followers than any other religion, it began as a small branch of Judaism, #founded #by a #Jewish #rabbi who taught radical and anti-imperial ideas.

https://study.com/learn/lesson/christianity-origin-teachings-beliefs-history.html

A/O= Kiristaanummaan har’a amantii addunyaa guddaa ta’us, amantii kamiyyuu caalaa hordoftoota baay’ee kan qabu ta’us, damee xiqqaa amantii Yihudootaa ta’ee kan jalqabe yoo ta’u, #raabii #Yihudootaa #yaada #hundee #qabuu fi farra impaayera barsiisuun #hundeeffame.

A/A= ምንም እንኳን ክርስትና ዛሬ ከየትኛውም ሀይማኖት የበለጠ ተከታዮች ያሉት ዋና የአለም ሀይማኖት ቢሆንም #የጀመረው #በአይሁድ #ረቢ #የተመሰረተ እና አክራሪ እና ፀረ-ንጉሠ ነገሥታዊ አስተሳሰቦችን በሚያስተምር ትንሽ የአይሁድ ቅርንጫፍ ነው።
🌲🌲🌲🌲🌲🌲🌲🌲🌲

Aal-e-Imran 3:19
إِنَّ ٱلدِّينَ عِندَ ٱللَّهِ ٱلْإِسْلَٰمُۗ 

Dhugumatti #amantiin #Rabbiin biratti [#fudhatama #qabu] #Islaama #qofa.

አላህ ዘንድ (#የተወደደ) #ሃይማኖት #ኢስላም #ብቻ ነው፡፡

Indeed, the #religion in the #sight of #Allah is #IsLam.

🌲🌲🌲🌲🌲🌲🌲🌲🌲

Amantii Rabbiin namaaf jaalatee filate dhiisanii, #amantii #ilma #namaatiin #hundeeffamte hordofuu irraa #Rabbiin #nu #haa #fageessu.

አላህ ለሰው ልጆች የመረጠውን ሀይማኖት ትተን #የሰው #ልጅ #ያቋቋመውን/ #የመሠረተውን ሀይማኖት ከመከተል #አላህ #ይጠብቀን

https://t.me/Xaaliburidallah
https://vm.tiktok.com/ZMMW5aECf/


#Tana_Quba_Qabduu‼️

Woggaa Muraasa keessatti #Hawaasa_Boorana_hunda #ni_kafarsiifnaa (#Miseensa_Yeessoo_taasifna) tooftaa jedhuun, birrii Biiliyoon 390 ol baajatni qabamee hojitti seenamuu quba qabduu laata⁉️

Dubbii amanuun ishee ulfaatu (#raajii‼️), ka #dhageeffatuun nama Rabbitti amane hunda irratti #dirqama_taatu, hundi hawaasa keennaa dhagahaa, nama hin dhageenne hunda biraan sheer taasisaa nuuf gahaa. #Kaayyoo_badduu diin Rabbii irratti fi hawaasa Musilmaa irratti baatu, #Rabbiin dandeettii isaatiin #haa_diiguu. Amiiiin
Media is too big
VIEW IN TELEGRAM
#Tana_Quba_Qabduu‼️

Woggaa Muraasa keessatti #Hawaasa_Boorana_hunda #ni_kafarsiifnaa (#Miseensa_Yeessoo_taasifna) tooftaa jedhuun, birrii Biiliyoon 390 ol baajatni qabamee hojitti seenamuu quba qabduu laata⁉️

Dubbii amanuun ishee ulfaatu (#raajii‼️), ka #dhageeffatuun nama Rabbitti amane hunda irratti #dirqama_taatu, hundi hawaasa keennaa dhagahaa, nama hin dhageenne hunda biraan sheer taasisaa nuuf gahaa. #Kaayyoo_badduu diin Rabbii irratti fi hawaasa Musilmaa irratti baatu, #Rabbiin dandeettii isaatiin #haa_diiguu. Amiiiin

https://t.me/Xaaliburidallah
Media is too big
VIEW IN TELEGRAM
#Tana_Quba_Qabduu‼️
#Kutaa_2ffaa

Woggaa Muraasa keessatti #Hawaasa_Boorana_hunda #ni_kafarsiifnaa (#Miseensa_Yeessoo_taasifna) tooftaa jedhuun, birrii Biiliyoon 390 ol baajatni qabamee hojitti seenamuu quba qabduu laata⁉️

Dubbii amanuun ishee ulfaatu (#raajii‼️), ka #dhageeffatuun nama Rabbitti amane hunda irratti #dirqama_taatu, hundi hawaasa keennaa dhagahaa, nama hin dhageenne hunda biraan sheer taasisaa nuuf gahaa. #Kaayyoo_badduu diin Rabbii irratti fi hawaasa Musilmaa irratti baatu, #Rabbiin dandeettii isaatiin #haa_diiguu. Amiiiin

https://t.me/Xaaliburidallah
Media is too big
VIEW IN TELEGRAM
#Tana_Quba_Qabduu‼️
#Kutaa_3ffaa

Woggaa Muraasa keessatti #Hawaasa_Boorana_hunda #ni_kafarsiifnaa (#Miseensa_Yeessoo_taasifna) tooftaa jedhuun, birrii Biiliyoon 390 ol baajatni qabamee hojitti seenamuu quba qabduu laata⁉️

Dubbii amanuun ishee ulfaatu (#raajii‼️), ka #dhageeffatuun nama Rabbitti amane hunda irratti #dirqama_taatu, hundi hawaasa keennaa dhagahaa, nama hin dhageenne hunda biraan sheer taasisaa nuuf gahaa. #Kaayyoo_badduu diin Rabbii irratti fi hawaasa Musilmaa irratti baatu, #Rabbiin dandeettii isaatiin #haa_diiguu. Amiiiin

https://t.me/Xaaliburidallah
This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
#Isaan (#Warroonni_baaxilaa) akkanatti wolii tumsuu. #Hawaasni_keenna, sagantaa nu hojjanne #sheer_taasisuunuu isaanitti ulfaata‼️

#Namni_haqxi_Rabbii_ol #haa #ta'uu_fedhii_qabduu fi Islaamummaan ol ta'uun si gammachiisuu, #liinkii_asii_gadii kana sheer taasisuun, baruumsa kana hawaasaa hedduu bira haa geessinuu.

👇

https://t.me/Xaaliburidallah