Turullee Dhugatu Mo'ata
11K subscribers
514 photos
129 videos
110 files
414 links
Sobni miseensa guddaa qabaatuun yeroo dheerefatun ni malaa, garuu dhugaa hinjifatuu ammoo gonkumaa hin danda'u.
Download Telegram
#Turullee #dhugatuu #irra #aana

🥦🥦🥦🥦🥦🥦
#Kutaa #26ffaa
🥦🥦🥦🥦🥦🥦

#Hojii #manaa
👇👇👇

Ragaa #Luqaas 1:31-32 dubbisuun, gaafii itti aanee dhufuuf, deebii sirrii ta'e filadhuu deebisi.
🍇🍇🍇🍇🍇🍇

#Luqaas 1:31-32
Kunoo, in ulfoofta #ilmas in deessa, maqaa isaa immoo Yesus jedhii moggaasi. #Inni #guddaa #in #ta'a ilma aabbaas jedhamee in waamama, #Waaqayyo gooftaanis teessoo abaabilii isaa Daawit in kennaaf.
እነሆም፥ ትፀንሻለሽ #ወንድ #ልጅም ትወልጃለሽ፥ ስሙንም ኢየሱስ ትዪዋለሽ።
እርሱ ታላቅ ይሆናል #የልዑል #ልጅም ይባላል፥ #ጌታ #አምላክም #የአባቱን #የዳዊትን ዙፋን ይሰጠዋል፤
And, behold, thou shalt conceive in thy womb, and bring forth a son, and shalt call his name JESUS.
#He #shall #be #great, and shall be called the Son of the Highest: and the Lord God shall give unto him the throne of his father David:

Gafii 👇👇👇
Akka ragaa #Luqaas 1:31-32 keessatti dubbatametti, hima kamtuu sirriidha?

A. Maariyaam ulfooftee Waaqa maqaan isaa Yesuus jedhamu akka deettu itti himamee ture.
B. Maariyaam ulfooftee ilma Waaqa maqaan isaa Yesuus jedhamu akka deettu itti himamee ture.
C. Ilmi Maariyaam (Mariyam) ulfooftee deessu, ka osoo hin dhalatin dura guddaa ta'e akka ture himameefi.
D. Waaqni teessoo Waaqumma osoo hin taane, ka abaabilii isaa (ka Nabiyummaa) Daawit akka kennuuf itti himame.

🥦🥦🥦🥦🥦🥦

Worroonni Amantii Kiristaanaa mee waan sammuu keessaa qabdanii fi raga kana wol bira qabaa laalaa.

hawaasni keenna ammoo, worroota Amantii Islaamummaatiin ala jiran, ka dhugaa kitaabuma isaanii keessatti argamtu hubatuu dadhaban, ragaawwan asii olii kana biraan gahaa, haqa jiru hubachiisaa.

Qabxiiwwan ijoon nuti ragaa #Luqaas 1:31-32 irraa argannu;

1ffaa- Yesuus Waaqumman osoo hin taanee, #nama akka ta'e, Ingilifaan #son, Amaariffaan
#ወንድ #ልጅም, Afaan Oromootiin #ilma jedhamee akka namaa ifa ta'utti ibsamuu isaa.

2ffaa- Yesuus waan osoo hin dhalatin dura Waaqaa turee, akkasumas guddaa ture osoo hin taane, waan osoo hin dhalatin dura, waan hin jirre ta'uun isaa hubatamee, waan #erga #dhalatee #booda #guddatu yookaa #guddaa ta'u akka ta'e (#Inni #guddaa #in #ta'a yeroo jedhu) ifatti mirkaneessa.

3ffaa- Garaa garuummaa kitaabaa Macaafa Qulqulluu jedhumu keessatti jiru isa duraa, Afaan Oromootiin #Ilma #aabbaas #jedhamee, Afaan Amaariffaan ammoo #የልዑል #ልጅም #ይባላል, kan Afaan Ingilifaa yeroo dubbisnu garuu #the #son #of #the #Highest jedha, kun hundi maal dhabamsiisuuf fooyyeffama taasifame yoo jedhame, Yesuus nama dhugaa jettu dhossuu fi Waaqaa yookaa ilma Waaqaati gara jedhu ol guddisuuf (#the #son #of #the #Highest) irraa gara ilma aabbaas jedhameetti jijiiranii jechuudha.

4ffaa- Waaqni #teessoo (#aangoo) Waaqumma osoo hin taane, kan abaabilii isaa, (kan Afaan Amaariffaa irratti #abbaa #isaa), Daawit (jechuun #Nabiyummaa) akka isaa kennu ifatti mudhise.

5ffaa- Garaa garuummaa kitaabaa Macaafa Qulqulluu jedhumu keessatti jiru isa lammaffaa, (Afaan Ingilifaa the throne of #his #father #David), (Afaan Amaariffaan #የአባቱን #የዳዊትን ዙፋን ይሰጠዋል፤), garuu kan Afaan Oromoo yeroo dubbisnu #teessoo #abaabilii #isaa #Daawit in kennaaf jedha. Kun ifatti maal mudhisa yoo jedhame, tooftaa fooyessa kitaabaatiin #dhugaa #awwaaluuf taasifamu (#father- #የአባቱን- irraa gara #abaabiliitti) mirkaneessaa jechuudha.

Jallataa hunda Rabbiin haa qajeelchu.
♻️♻️♻️♻️By:XR ♻️♻️♻️
Gaafii fi yaada baruumsa kana irratti qabdan kamuu, eddoo #'leave a comment' jedhu tuquun bareessuu hin dagatinaa.
Namoonni miseensa asiin dura hin ta'in, baruumsa fakkata kanaa, ka asiin dura #kennamaa #turanii fi kana boodas #kennaman argachuu yoo barbaaddan, linkii asii gadii tuquun, garee Telegiraamaa seenaa nu hordofaa 👇

https://t.me/Xaalibu6504
#Turullee #dhugatuu #irra #aana

🥦🥦🥦🥦🥦🥦
#Kutaa #34ffaa
🥦🥦🥦🥦🥦🥦

Gilgaala: Hubannoo yaada sammuu keessaa qabnuu fi ragaawwan jiru wol bira qabuun ittiin dhugaa madaallu:

Yesuus fi Waaqni tokko jedhamuun, dhugama akka namoonni tokko tokko yaadanitti, Yesuusfi Waaqni wol qixa yookaa Yesuus Waaqa jechuu agarsiisaa laata⁉️

🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦
Ragaawwan asii gadii keessa, isa kamtu #tokko dubbiin jedhu, #wol #qixa jechuu agarsiisa?

A. #Yohannis 10:29-30
#Abbaan koo inni anatti isaan kenne, #hundumaa #irra #guddaa dha; homtinuus harka abbaa koo keessaa isaan butachuu hin danda'u. Abbaanii fi ani tokko isaaniin jedhe.❞ የሰጠኝ አባቴ #ከሁሉ #ይበልጣል፥ ከአባቴም እጅ ሊነጥቃቸው ማንም አይችልም። እኔና አብ አንድ ነን።
Yesuus anaa fi Abbaan tokko jechuun duratti boqonnama namoonni tokko tokko ragaa taasifatan keessatti maal dubbate? "#Abbaan koo inni anatti isaan kenne, #hundumaa #irra #guddaadha" jedhe. Kanaafuu, Yesuus fi Waaqni wol qixa jechuun hin danda'amu.

B. #Yohannis 17:22
❝Akkuma nuyi tokko taane, #isaanis #tokko #haa #ta'aniif (#hordoftoonni #Yesuus #12ni jechuudha) , ulfina ati anaaf kennite isaaniif kenneera.❞ እኛም አንድ እንደ ሆንን #አንድ #ይሆኑ #ዘንድ፤ የሰጠኸኝን ክብር እኔ ሰጥቻቸዋለሁ፤
Akkuma Yesuus fi Waaqni tokko ta'anitti, hordoftoonni Yesuus 12ni tokko haa ta'anii jechuun, Yesuus fi Waaqni wol qixa ta'anii jiruu kanaafuu hordoftoonni Yesuus 12ni wol qixa haa ta'anii jechuu miti.

C. #1 #Qorontos 3:6-8
Ani nan dhaabe, Apholos bishaan obaase, Waaqayyo garuu in guddise. Waaqayyo isa guddisu sana malee, inni dhaabu, inni bishaan obaasus homaa miti. #Inni #dhaabe #isa #bishaan #obaasee #wajjin #tokko; adduma addaanis akka dadhabbii isaatti miindaa ofii isaatii in fudhata. እኔ ተከልሁ አጵሎስም አጠጣ ነገር ግን እግዚአብሔር ያሳድግ ነበር፤ እንግዲያስ የሚያሳድግ እግዚአብሔር እንጂ የሚተክል ቢሆን ወይም የሚያጠጣ ቢሆን አንዳች አይደለም። #የሚተክልና #የሚያጠጣ #አንድ #ናቸው፥ ነገር ግን እያንዳንዱ እንደ ራሱ ድካም መጠን የራሱን ደመወዝ ይቀበላል።
Yaadni "#Inni #dhaabe #isa #bishaan #obaasee #wajjin #tokko" jedhu wol qixa jechuu akka hin taane ifa.

D. #Yohannis 14:28
“'Amma nan adeema deebi'ees isin bira nan dhufa' akkan isiniin jedhe dhageessaniittu; utuu na jaallattu taatanii, waanan gara abbaa dhaquuf in gammaddu turtan, #abbaan #na #caala'o,” እኔ እሄዳለሁ ወደ እናንተም እመጣለሁ እንዳልኋችሁ ሰማችሁ። የምትወዱኝስ ብትሆኑ #ከእኔ #አብ #ይበልጣልና ወደ አብ በመሄዴ ደስ ባላችሁ ነበር።
Boqannaan kun hurrii namoota tokko tokko keessatti hafe, ka Rabbiin qajeelluma isaa hin feene malee ifa baase (#abbaan #na #caala'o/ #ከእኔ #አብ #ይበልጣልና" Yeroo jedhu).

E. Deebiin hin jiru.
🥦🥦
Qabxiiwwan ijoon nuti ragaawwan asii olii irraa argannu:

1ffaa- Yesuus afaanuma isaatiin dubbii wol diigu yeroo tokkotti ni dubbata jechuun waan hin malleef, dubbiin Yesuus boqannaa #Yohannis 10:29 ❝#Abbaan #hundumaa #irra #guddaadha" jedhu hubanno sirrii, yaada boqannama kana keessatti 30 irratti dubbatamee ni ta'aa jechuudha. Sunis, Waaqni waa hundaa irra guddaa ta'e sanii, Yesuus ergamaa isaa waan ta'eef, ergaan Yesuus qabatee deemuu sun ta Waaqatiin tokkoo ( tama Waaqaa sanii jechuudha).

2ffaa- Akkuma Yesuus fi Waaqni tokko ta'anitti, hordoftoonni Yesuus 12ni tokko haa ta'anii jechuun, Yesuus akkuma fedhii Waaqaa gegeessun kaayoo tokkoof (kaayoon fedhii isaa barsiisuu fi hojachuu hin taanee) jiraatutti, hordoftoonni Yesuus 12nisi kaayoo tokkoon (Waaqa tokkoof gabroottan ta'anii isa gabbaruu irratti) osoo gara gari hin baane, tokkoomanii haa jiraatanii jechuudha.

3ffaa- Yaadni "#Inni #dhaabe #isa #bishaan #obaasee #wajjin #tokko" jedhu ammoo, ka dhaabuu fi obaasulle kaayoo yookaa hawwii tokko qabuu. Sunis, biqiltuun isaan dhaaban sun guddattee galma geettee boru isaan hundaa fayyaduu (Inni tokko biqiltuun hin guddatin jedhee kuun haa guddattu miti, inni kuun boru biqiltuun sun akka na fayyadduuf dhaabee, kuun ammoo akka nan fayyadne hawwii jedhu karoorfatee mitii jechuudha).

4ffaa- Akkuma wolii galaatti, Yesuusimmaan "#abbaan #na #caala'o/ #ከእኔ #አብ #ይበልጣልና" jedhe gaabbee, Anaa fi Waaqni wol qixa jechuudhaaf, anaa fi Waaqni tokko jedhe jedhanii yaaduu fi haasawu irra, anaa fi Waaqni tokko jechuun, kaayoon tiyyaa fi Waaqaa tokkoo (kaayoon ani gegeessa jiru ta Waaqni na ajaje qofa) jechuu akka taate mirkaneessa.

https://t.me/Xaaliburidallah
#Turullee #dhugatuu #irra #aana

🥦🥦🥦🥦🥦🥦
#Kutaa #40ffaa
🥦🥦🥦🥦🥦🥦

#Gilgaala: Hubannoo duraan sammuu keessaa qabnuu fi ragaawwan dubbisnu wol bira qabuun, kallattii dhugaa  ittiin madaallu:

#Yesuus (Nabi Iisaan nageenni Rabbii isa irratti haa jiraatu) #du'ee du'aa ka'e dubbiin jedhu, akka #dubbii #dogongoraa ta'e hubatuu yoo barbaaddan, kitaabuma kakuu haarawaa keessaa mee ragaa takka haa ilaalluu koottaa.

🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦

#Maatewos 12:40
" Akkuma Yoonaas garaa qurxummii guddichaa keessa #guyyaa #sadii fi #halkan #sadii ture, ilmi namaas  akkasuma #guyyaa #sadii fi #halkan #sadii garaa lafaa keessa turuuf jira."
#የማቴዎስ #ወንጌል  12:40 ዮናስ በዓሣ አንባሪ ሆድ ሦስት ቀንና ሦስት ሌሊት እንደ ነበረ፥ እንዲሁ #የሰው #ልጅ #በምድር #ልብ #ሦስት #ቀንና #ሦስት #ሌሊት ይኖራል።

🍇🍇🍇🍇🍇🍇🍇

Nama sammuun nagaha ragaan tokkoo ni gahaa waan taateef, mee worrota Yesuus ajjefamee fannifame du'ee du'aa ka'ee jedhan,  ragaa kitaaba isaanii ka wangela #Maatewos 12:40 asii olitti tuqame irratti hundaahuun, gaafilee armaan gadii irratti, namni uggee nuuf deebisu eennu⁉️

1ffaa- Yesuus Yahuudonni ajeesuudhaaf yaaluun duratti, akka Wangeela #Maatewos 12:40tti jechuudha, #guyyaa #sadii fi #halkan #sadi (sa'aa 72 jechuudha) #garaa #dachii keessa tura jedhee dubbate jedhama. Dhugaa jechi kun kama Yesuus dubbatee⁉️
A. Ee Yesuusimatu dubbate.
B. Waa Yesuus hin dubbanne.

2ffaa- Yoo dhugaa dubbiin Wangeela Maatewos 12:40 kun, dubbii Yesuus dubbate taate, dubbii dhugaati moo soba?
A. Dubbii dhugaati.
B. Dubbii sobaati.

3ffaa- Yoo raajii dhugaate ka jedhamu taate, raajiin dubbatame sun guuttame moo hin guuttamne?
A. Guuttamee jira.
B. Hin guuttamne.

4ffaa- Yoo raajii dubbatame raajii dhugaati ka jedhamu taate, raajiin dubbatame qabatamaan guuttamu qaba waan taateef, kanaafuu #guyyaan #3 fi #halkan #3 Yesuus #garaa #dachii keessa akka raajii kanaattii tura jedhe sun, guyyoota fi halkan isaa adda addaan kamiin fa'a⁉️ Namni nuuf himuu danda’u jiraa⁉️

Deebiin gonkumaa namni guyyaa sadii fi halkan sadii (sa'aa 72 jechuudhaa) mirkaneessu hin argamu. Sababni isaa, waan dubbiin Yesuus du'ee du'aa ka'e jettu, dubbii ragaa hin qabne, ta malaan haasawamtu taateef jecha. Akkamitti yoo ka jettanii, qabxii tokko tokkoon isinii mirkaneessa qaama fi qalbiin na hordofaa;

🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦

Akka ragaan Wangeela #Yohannis 19:31-42 ibsutti, guyyaan awwaalaame #Sanbata (Saturday) akka ta'e agarsiisa 👇
A. #Yohannis 19:31 "Guyyaan sun #guyyaa #itti #qophaa'an; guyyaan #Sanbata isatti aanus guyyaa guddaa ture. Kanaaf dhagna warra fannifamanii, guyyaa Sanbataatti fannoo irra akka hin oolle gochuudhaaf, lafeen miillan isaanii cabsamanii fannoo irraa akka gad buufamaniif, warri Yihudootaa Philaaxosin gaafatan".

#Yohannis 19:42 "Guyyaa warri Yihudootaa itti qophaa'an (#Sanbata) ta'e, awwaalichi dhi'ootti waan argameef, #Yesusin #achi #keessa #kaa'an".

🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦

A. #Maarqos 16:9
“Yesus jalqaba torbanii, [#guyyaa #Sanbata #guddaa] #ganama barii #yommuu #du'aa #ka'e, dura Maariyaam ishee Magdalaatti mul'ate; Maariyaam kun ishee inni hafuurota hamoota torba keessaa baasee turee dha.”
 
B. #Yohannis 20:1 “Guyyaa jalqaba torbaniitti, [gaafa #Sanbata #guddaa,] #utuu #dukkanaa'uutti #jiruu #obboroodhaan, Maariyaam isheen Magdalaa gara awwaalichaa dhuftee, dhagichi awwaalicha ittiin cufanii turan, awwaalicha irraa akka fuudhame argite.”

Hubannoo dabalataa yoo barbaaddan, Maarqos 16:2-6 fi Luqaas 24:1-7 dubbisuu dandeettu.

🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦

Qabxiiwwan ijoon nuti ragaawwan asii olii irraa argannu:

1ffaa- #Hubadhaa:  Guyyaan Yesuus du'e jedhamu Jimaata sa'aa 6 booda (naanno sa'aa 9 tti), ka awwalame jedhamu #Sanbata Xinna, guyyaan du'aa ka'e jedhamu Sanbata guddaa ganama (#guyyaa #tokkooo fi #halkan #tokko ta'aa jechuudha). Kanaafuu, guyyaan 3 fi halkan 3 raajiin Yesuus dubbate jedhamu, hin guuttamnee jechuudha.

2ffaa- Akka ragaa kanaatti yookaa Yesuusituu dubbii sobaa dubbate jechuu qabuu yookaa Wangeela kanatu waan Yesuus hin dubbanne, dubbate jedhee sobaan bareesse  jechuuf deemuu jechu. Lameenuu dubbii isaan hin baasne. Kanaafuu, Yesuus du’ee du'aa ka'eenille dubbii isaan hin baasne jechuudha.

https://t.me/Xaaliburidallah