Turullee Dhugatu Mo'ata
11K subscribers
514 photos
129 videos
110 files
414 links
Sobni miseensa guddaa qabaatuun yeroo dheerefatun ni malaa, garuu dhugaa hinjifatuu ammoo gonkumaa hin danda'u.
Download Telegram
#Yesuusii #Waaqa jechuun ‼️yookaa #Yesuusii fi #Waaqni #wol #qixa jechuun ‼️, nama sammuun isaa waa yaadduuf ni mala jettuu⁉️
#Kutaa #1️⃣ffaa 👇🏻👇🏻👇🏻
🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀
Nama #sammuu #nagahaa Ragaan tokkoo ni gahaa, mee dubbii Wangeela #Yohannis 14:28 kana wojjiin haa dubbisnuu kootta 👇🏻
🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀
#Yohannis 14:28 👇🏻👇🏻👇🏻
" 'Amma nan adeema deebi'ees isin bira nan dhufa' akkan isiniin jedhe dhageessaniittu; utuu na jaallattu taatanii, waanan gara abbaa dhaquuf in gammaddu turtan, #abbaan #na #caala'o, "

#የዮሐንስ ወንጌል 14:28 👇🏻
እኔ እሄዳለሁ ወደ እናንተም እመጣለሁ እንዳልኋችሁ ሰማችሁ። የምትወዱኝስ ብትሆኑ #ከእኔ #አብ #ይበልጣልና ወደ አብ በመሄዴ ደስ ባላችሁ ነበር።

Jallataa hunda Rabbiin haa qajeelchu.

♻️♻️♻️♻️By:XR ♻️♻️♻️
Worronni baruumsa Amantii Islaamaa fi Kiristaanaa wol bira qabuun baratu barbaaddan garee Chaanaala asii gadii tuqaa seenaa 👇

@Xaalibu6504
Hiikni #Gooftaa/ #Gooftumma jedhu waan uumama (dhabama irraa argamaa ta'e) hunda irratti, Yesuusillee dabalatee jechu, akka #Waaqa #jechuu #hin #taane beektuu?

Yesuus Gooftaa jedhamee kitaaba kakuu moofaa yookaa haarawa jedhamu keessatti dubbatamuun #Yesuus #Waaqa #jechuu #hin #argisiisu. Sababni isaa 'Gooftaa' jechi jedhu Waaqa waa hunda uumeef yoo taate Waaqumma yoo agarsiisu garuu wanta #uumamaa kamiifuu hiikni isaa ( #hoogganaa yookaa #ajaja yookaa #dura #ta'aa kkf gabaabinnaan waan aangoon wol qabatu ta'uu agarsiisa jechu. Mee fakkeenna muraasa fudhanne haa ilaallu koottaa 👇
🍇🍇🍇🍇🍇🍇🍇
#Yohannis 5:27
" Inni ilma namaa isa ulfina-qabeessa waan ta'eef, #abbaan isaa firdii akka inni faraduuf #gooftummaa kenneeraaf."
🍇🍇🍇🍇🍇🍇🍇
👆
Gooftummaa hiikni isaa eddoo kanatti Waaqumma jechuu osoo hin taane aangoo jechuudha.
Waaqni Yesuusii Waaqumma kenne jechuudha osoo jenne Waaqa 2 ta'aa jechu, akkasumas waaqumman aangoo ittiin nama shuuman ta'aa jirti jechuu akeeka kun ammoo sammuu nama waa yaaddu biratti akka hin taane ifa galaadha. Dabalataanis akka ifa nama ta'uu mee ragaawwan asii gadii haa ilaalluu; 👇
🍇🍇🍇🍇🍇🍇🍇
1ffaa- Maarqos 2:28
" Egaa #ilmi #namaa Sanbata irratti iyyuu #gooftaa dha" isaaniin jedhe."
እንዲሁም #የሰው #ልጅ ለሰንበት እንኳ #ጌታዋ ነው አላቸው።
Therefore the #Son of #man is #Lord also of the sabbath.
2ffaa- 1 Pheexros 3:6 👇
" #Saaraan akkas #Abrahaamiif abboomamaa, #gooftaa #koo jettees isa waamaa turte; ammas isin gaarii yoo gootan, doorsisa tokkos hin sodaattan yoo ta'e, ijoollee ishee ta'uu keessan."
እንዲሁም #ሣራ #ለአብርሃም#ጌታ ብላ እየጠራችው ታዘዘችለት፤ እናንተም ከሚያስደነግጥ ነገር አንዳች እንኳ ሳትፈሩ መልካም ብታደርጉ ልጆችዋ ናችሁ።
3ffaa- Seera Ba'uu 32:22 👇
" #Aaron immoo deebisee #Museedhaan, "Ati #gooftaan koo aartee hin boba'in, sabni kun hammeenyatti qabamee akka jiru ati iyyuu beekta; "
#አሮንም እንዲህ አለ፦ #ጌታዬ ሆይ፥ ቍጣህ አይቃጠል፤ ይህ ሕዝብ ክፋትን እንዲወድድ አንተ ታውቃለህ።
🍇🍇🍇🍇🍇🍇🍇
Wolumaa galatti, Yesuus Macaafa Qulqulluu keessatti Gooftaa jedhamuun isaa Yesuus Waaqaa jechuu miti. Sababni isaa 'Gooftaa' jedhame ka waamame kitaaba kana keessatti Yesuus qofaa miti. Yoo Yesuus Gooftaa jechuun Waaqumma isaa argisiisa ka jedhan taate namoonni Gooftaa jedhaman hundi fkn Abraham, Muuseen inumaayyu ilmi nama hundi, akka yaada kanaatti Waaqa jedhamuu qabu jechu, Kun ammo waan fudhatama hin qabne. Kanaafuu Yesuus Gooftaa jedhamuun aangoo malee Waaqumma akka hin argisiifne sammuun waan xiinxallituu fi qalbiin waa hubattu ifatti beektii jechu.

Jallataa hunda Rabbiin haa qajeelchu.
♻️♻️♻️♻️By:XR ♻️♻️♻️
Worronni baruumsa Amantii Islaamaa fi Kiristaanaa wol bira qabuun baratu barbaaddan garee Chaanaala asii gadii tuqaa seenaa 👇

https://t.me/Xaaliburidallah
#Turullee #dhugatuu #irra #aana

🥦🥦🥦🥦🥦🥦
#Kutaa #3ffaa
🥦🥦🥦🥦🥦🥦

#Hojii #manaa
👇👇👇

Ragaa Wangeela Maatewos 23:8-9 dubbisuun, gaafii itti aanee dhufuuf, deebii sirrii ta'e filadhuu deebisi.

Maatewos 23:8-9
⁸ "Isin garuu '#Barsiisaa guddaa ofiin hin jechisiisinaa! Barsiisaan keessan inni guddaan #tokkicha (#Yesuus); isin immoo hundumti keessan obboloota.
⁹ Lafa irratti nama akka abbaatti hin waammatinaa! #Abbaan #keessanoo #tokko, innis #isa #waaqa irraa ti.

🍇🍇🍇🍇🍇🍇

Akkaataa Wangeela
Maatewos 23:8-9 ibsutti, #Yesuus #gaheen isaa maali?

A. #Yesuus #barsiisaa akka ture, kan ammoo abbaa namaa kamiituu jechuun dhoorgaa ta'ee fi yaadni Wangeela Maatewos 23:8-9 #sirrii akka ta'e.

B. Yesuus barsiisaa jechuun waan fedhii worroota Amantii Kiristaanaa hordofan faallessuuf, fedhii isaaniitti akka galuuf, Yesuus Gooftaa waan jedhaniif (Gooftaa jechuun ammoo Waaqa jechutti waan hiikaniif, Waaqa jechuun ammoo abbaa waan jedhaniif) kanaafuu, Wangeelli #Maatewos 23:8-9 yaadni isaa #guutumatti yaada kana waan faallessuuf (akka worra Kiristaanaatti jechuudhaa) #soba #akka #ta'e.

🍇🍇🍇🍇🍇🍇

Qabxiin ijoon nuti asitti argannu 👇

#Yesuus #barsiisaa jechutuu (ummata Israa'eliif) dhugaa fi fudhatama malee, akka namoonni tokko tokko yaadnitti, Yesuus abbaa ilma namaati jechuun akkuma hin tolle, #Yesuus #waaqaa jechuunille #dogongora guddaa akka ta'e hubadhaa.

🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦

#Worroota #Amanti Kiristaanaatiif;
1 #Tasaloniiqee 5:21
" Garuu waan hundumaa qoraa, #isa #gaarii #jabeessaatii #qabadhaa! "
1ኛ ወደ ተሰሎንቄ ሰዎች 5:21 ሁሉን ፈትኑ #መልካሙንም #ያዙ👆👆👆dhaamsa jedhu isinii dhaamaa.

hawaasni keenna ammoo, "#sababa #keetiin #namni "tokko "qajeeluun, #gaala #diddiimaa #karaa #Rabbii #keessatti #kennatu #siif #caala, ka Nabiyyiin Rabbii (nagahaa fi Rahmanni Rabbii isaan irratti haa jiraatu), jedhanii Aliyyiif dhaaman siif dhaama. Sheer taasisuun sin kafalchiisu, lammiiwwan keenna beektu hundaa ergii, toltuu guyyaa boruutti si fayyaddu guduunfadhu.

Jallataa hunda Rabbiin haa qajeelchu.
♻️♻️♻️♻️By:XR ♻️♻️♻️
Gaafii fi yaada baruumsa kana irratti qabdan kamuu, eddoo #'leave a comment' jedhu tuquun bareessuu hin dagatinaa.
Namoonni miseensa asiin dura hin ta'in, baruumsa fakkata kanaa, ka asiin dura #kennamaa #turanii fi kana boodas #kennaman argachuu yoo barbaaddan, linkii  asii gadii tuquun, garee Telegiraamaa seenaa nu hordofaa 👇

https://t.me/Xaaliburidallah
#Turullee #dhugatuu #irra #aana

🥦🥦🥦🥦🥦🥦
#Kutaa #8ffaa
🥦🥦🥦🥦🥦🥦

#Hojii #manaa
👇👇👇

Ragaa #1 #Qorontos #11: 3 dubbisuun, gaafii itti aanee dhufuuf, deebii sirrii ta'e filadhuu deebisi.
🍇🍇🍇🍇🍇🍇

1 Qorontos 11: 3
" Amma immoo #Kristos mataa warra #dhiiraa, #abbaan #manaa mataa #haadha #manaa, #Waaqayyo mataa #Kristos ta'uu isaa, akka beektan nan barbaada. "

Gaafii 👇👇👇
Akka 1 Qorontos 11: 3 ttii hima kamtuu 🔴sirrii miti?

A. Kiristoosii (Yesuusii) fi warri dhiiraa wol qixa.
B. Abbaan manaa fi haati manaa wol qixa.
C.Waaqaa fi Yesuus (Kiristoosii) wol qixa.
D. Hunduu deebi.

🥦🥦🥦🥦🥦🥦

Akka ragaa 1 Qorontos 11: 3 irratti ibsametti, fakkeenna ifa bahaa ta'e tokkoo fi Qabxiiwwan ijoo sadi(3), argachuu dandeenna.

Fakkeenni kaahame, abbaan manaa mataa haadha manaa (abbaan manaa bulchaa yookaa hoogganaa haadha manaa) kan jedhu, ammas waan gara garaa ta'uu osoma namuu beeku ibsamuu isaa.

Qabxiiwwan ijoon tuqaman ammoo:

1ffaa- Yesuus mataa worra dhiiraa ta'uu isaa. Kana jechuun Yesuus hoogganaa yookaa barsiisaa ummata itti ergamee (Israa'el) ta'uu akeeka.

2ffaa- Waaqayyo mataa Kiristoosiitii yeroo jedhu, Yesuus ammoo Waaquma ta'ee qaama mataa hin taane ka mataa gadiitii argamuu yaada jedhu agarsiisuuf osoo hin taane , wonti ibsamuu barbaadame;

I. Waaqaa fi Yesuus waan gara garaa ta'uu (Waaqaa fi Yesuus tokkoo dubbiin jedhu olala ta'uu) isaa ifatti kaahee.

II. Waaqaa fi Yesuus wol qixallee akka hin taane (Waaqni akkuma waa kamiituu olii Yesuusille ol ta'uu) ifatti dubbatee.

III. Waaqni mataa Yesuus jechuun, Yesuus uumama tooyannoo fi hayyama Rabbiitiin jiraatu kan ta'e, gabrichaa fi ergamaa Rabbii ta'uu isaa ifatti mirkaneesse.

3ffaa- Akkuma abbaan manaatii fi haati manaa wol qixa, yookaa Yesuusii fi dhiirri wol qixa jechuun hin malle, inumaayyu Waaqaa fi Yesuus wol qixa jechuun gonkumaa hin maluu yaada jedhu ibsaa jechuudha.

🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦

#Worroota #Amanti Kiristaanaatiif;
1 #Tasaloniiqee 5:21
" Garuu waan hundumaa qoraa, #isa #gaarii #jabeessaatii #qabadhaa! "
1ኛ ወደ ተሰሎንቄ ሰዎች 5:21 ሁሉን ፈትኑ #መልካሙንም #ያዙ👆👆👆dhaamsa jedhu isinii dhaamaa.

hawaasni keenna ammoo, "#sababa #keetiin #namni "tokko "qajeeluun, #gaala #diddiimaa #karaa #Rabbii #keessatti #kennatu #siif #caala, ka Nabiyyiin Rabbii (nagahaa fi Rahmanni Rabbii isaan irratti haa jiraatu), jedhanii Aliyyiif dhaaman siif dhaama. Sheer taasisuun sin kafalchiisu, lammiiwwan keenna beektu hundaa ergii, toltuu guyyaa boruutti si fayyaddu guduunfadhu.

Jallataa hunda Rabbiin haa qajeelchu.
♻️♻️♻️♻️By:XR ♻️♻️♻️
Gaafii fi yaada baruumsa kana irratti qabdan kamuu, eddoo #'leave a comment' jedhu tuquun bareessuu hin dagatinaa.
Namoonni miseensa asiin dura hin ta'in, baruumsa fakkata kanaa, ka asiin dura #kennamaa #turanii fi kana boodas #kennaman argachuu yoo barbaaddan, linkii  asii gadii tuquun, garee Telegiraamaa seenaa nu hordofaa 👇

https://t.me/Xaaliburidallah
#Turullee #dhugatuu #irra #aana

🥦🥦🥦🥦🥦🥦
#Kutaa #10ffaa
🥦🥦🥦🥦🥦🥦

#Hojii #manaa
👇👇👇

Ragaa Wangeela #Yohannis #14: 28 dubbisuun, gaafii itti aanee dhufuuf, deebii sirrii ta'e filadhuu deebisi.

🍇🍇🍇🍇🍇🍇

Yohannis 14: 28
" 'Amma #nan #adeema deebi'ees isin bira #nan #dhufa' akkan isiniin jedhe dhageessaniittu; #utuu na jaallattu taatanii, waanan gara #abbaa #dhaquuf in gammaddu turtan, abbaan #na #caala'o, "

Gaafii 👇👇👇

Akka Yohannis 14: 28 Keessatti dubbatametti, hima kamtuu sirriidha?

A. Yesuus lamuu gara dachiitti deebi'ee hin dhufu.
B. Worroonni Yesuus gara Waaqaatti deemutti gammadu, worroota Yesuus jaalatu.
C. Yesuusii fi Waaqni wol qixa.
D. Deebiin hin jiru.

🥦🥦🥦🥦🥦🥦

Qabxiin ijoon nuti ragaa Wangeela #Yohannis 14: 28 irraa barannu;

1ffaa- #Yesuus akka gara #dachiitti #deebi'ee dhufu. Kun ammoo wonti mirkaneessu:

I. Waaqni foon uffatee dhufee yaadni jedhu olola ta'uu.

II. Yesuus cubbuu keennaaf duraa gara dachii dhufeen dubbii kijibaa ta'uu.

III. Ilma ilma kiyya irraa dhaladhee isin fayyisa Waaqni jedheen, dubbii fudhatama hin qabne ta'uu.

IV. Yesuus akkuma uumamni kamuu du'utti gara dachii deebi'ee kan du'u ta'uu nuuf mirkaneessa jechuudha.

2ffaa- #Utuu #na #jaallattu taatanii waanani #gara #abbaa #dhaquuf in gammaddu turtan yeroo jedhu ammoo, Qabxiiwwan itti aanee dhufuu nuuf ibsa.

I. Worroota Yesuus hin jaalanetu, Yesuus gara Rabbii ol fuudhamuu kijibsiisee olola du'ee haasawu.

II. Yesuus gara abbaa dhaqa jedhe malee Waaqa waan tureef, turtii koo fixadhee gara samiitti galaa jiraa akka hin jenne.

III. Waan gara abbaa #dhaquuf jechuun, qaama lamaa gara garaa ka itti dhaqamuu fi ka itti dhaqu akka jiru, akkasumas Yesuus Waaqatti geeddaramuu ka hin dubbanne fi geeddaramuulle akka hin dandeenne ta'uu ifatti mudhisaa jechuudha.

3ffaa- #abbaan #na #caala'o yeroo jedhu:

I. Dubbiin Yesuus fakkeessuu akka hin taane, dhugaan jirtu Waaqni waan kamuu (Yesuusillee dabalatee) caaluu.

II. Worroonni dubbiin tun isaanii liqimsamuu diddu, worrota Yesuusiin ittiin daldalatuuf malee dubbii isaa fudhatuuf fedhii takkaa hin qabne ta'uu ifatti mirkaneessa.

🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦

#Worroota #Amanti Kiristaanaatiif;
1 #Tasaloniiqee 5:21
" Garuu waan hundumaa qoraa, #isa #gaarii #jabeessaatii #qabadhaa! "
1ኛ ወደ ተሰሎንቄ ሰዎች 5:21 ሁሉን ፈትኑ #መልካሙንም #ያዙ👆👆👆dhaamsa jedhu isinii dhaamaa.

hawaasni keenna ammoo, "#sababa #keetiin #namni "tokko "qajeeluun, #gaala #diddiimaa #karaa #Rabbii #keessatti #kennatu #siif #caala, ka Nabiyyiin Rabbii (nagahaa fi Rahmanni Rabbii isaan irratti haa jiraatu), jedhanii Aliyyiif dhaaman siif dhaama. Sheer taasisuun sin kafalchiisu, lammiiwwan keenna beektu hundaa ergii, toltuu guyyaa boruutti si fayyaddu guduunfadhu.

Jallataa hunda Rabbiin haa qajeelchu.
♻️♻️♻️♻️By:XR ♻️♻️♻️
Gaafii fi yaada baruumsa kana irratti qabdan kamuu, eddoo #'leave a comment' jedhu tuquun bareessuu hin dagatinaa.
Namoonni miseensa asiin dura hin ta'in, baruumsa fakkata kanaa, ka asiin dura #kennamaa #turanii fi kana boodas #kennaman argachuu yoo barbaaddan, linkii  asii gadii tuquun, garee Telegiraamaa seenaa nu hordofaa 👇

https://t.me/Xaaliburidallah
#Turullee #dhugatuu #irra #aana

🥦🥦🥦🥦🥦🥦
#Kutaa #19ffaa
🥦🥦🥦🥦🥦🥦

#Hojii #manaa
👇👇👇

Ragaa Yohannis 12:49-50 dubbisuun, gaafii itti aanee dhufuuf, deebii sirrii ta'e filadhuu deebisi.
🍇🍇🍇🍇🍇🍇

Wangeela Yohannis 12:49-50
Abbicha #isuma #na #ergetu ofii isaatii #waanan #dubbadhu #na #abboome malee, ani #ofuma #kootiin #hin #dubbanne. Dubbiin inni na abboomes, jireenya bara baraaf akka ta'e ani beeka; egaa #waanan #jedhu, akka #abbaan #anatti #himettan #dubbadha" jedhe.
#እኔ #ከራሴ #አልተናገርሁምና፤ ነገር ግን #የላከኝ አብ እርሱ የምለውን የምናገረውንም #ትእዛዝ #ሰጠኝ። ትእዛዙም የዘላለም ሕይወት እንደ ሆነች አውቃለሁ። ስለዚህ #እኔ የምናገረውን #አብ #እንደ ነገረኝ እንዲሁ እናገራለሁ።

Gafii 👇👇👇
Akka ragaa Yohannis 12:49-50 keessatti dubbatametti, hima kamtuu sirriidha?
A. Yesuus Waaqni na erge malee ofii isaatii waanan dubbadhu na hin abboomnee ( na hin ajajnee) jedhe.
B. Yesuus ani waan gooftaa ta'eef ofuma kootiin waan dubbachuu qabu dubbadhaa jedhe.
C. Yesuus dubbiin ani ufi irraa kaasee dubadhu jireenya bara baraati jedhe.
D. Yesuus wanta kamuu ajaja Waaqatiin osoo hin taane akka ufii fedhetti dubbadhaa jedhe.
E. Deebiin hin jiru.

🥦🥦🥦🥦🥦🥦

Worroonni Amantii Kiristaanaa nuuf deebisaa.

hawaasni keenna ammoo worroota Amantii Islaamummaatiin ala jiran biraan gahaa dirqama keessan bahaa.

Qabxiiwwan ijoon nuti ragaa Yohannis 12:49-50 irraa argannu;

1ffaa- Yesuusiin Rabbiin akka isa erge fi inni ergamaa Rabbii ta’uu ifatti mirkaneesse (#Abbicha #isuma #na #ergetu yeroo jedhu).

2ffaa- Yesuusiin Rabbiin yeroo isa ergu, bilaashumatti yookaa kaayoo malee isa hin erginee, waan inni dubbatuu qabulle isa ajaje (#Abbicha #isuma #na #ergetu #ofii #isaatii #waanan #dubbadhu #na #abboome #malee yeroo jedhu).

3ffaa- Yesuus wonti inni ufi irraa kaasee dubbatu tokkoo akka hin jirree fi wonti inni dubbatu kamuu waan Waaqaan ajajame qofa akka ta'e ifatti mudhise (#ani #ofuma #kootiin #hin #dubbanne yeroo jedhu).

4ffaa- Jireenni bara baraa kan argamuun, ajaja Rabbiin Yesuusiin ajajee inni namatti geesse ilmi namaallee raawwatuun qofaan akka taate, ajajni Phaawuloos kennuu mitii ka Yesuusuu ufi irraa kaasee kennuun jireenni bara baraa akka hin argamne ifatti mirkaneesse (#dubbiin #inni #na #abboomes, #jireenya #bara #baraaf #akka #ta'e ani beeka yeroo jedhu).

5ffaa- Wanti Yesuus dubbatu kamuu akka fedhii isaatti waan dubbate osoo hin taane, akka Rabbiin isa ajaje qofatti akka ta'e ifa baase (#waanan #jedhu, #akka #abbaan #anatti #himettan #dubbadha yeroo jedhu).

Jallataa hunda Rabbiin haa qajeelchu.
♻️♻️♻️♻️By:XR ♻️♻️♻️
Gaafii fi yaada baruumsa kana irratti qabdan kamuu, eddoo #'leave a comment' jedhu tuquun bareessuu hin dagatinaa.
Namoonni miseensa asiin dura hin ta'in, baruumsa fakkata kanaa, ka asiin dura #kennamaa #turanii fi kana boodas #kennaman argachuu yoo barbaaddan, linkii asii gadii tuquun, garee Telegiraamaa seenaa nu hordofaa 👇

https://t.me/Xaalibu6504
#Turullee #dhugatuu #irra #aana

🥦🥦🥦🥦🥦🥦
#Kutaa #30ffaa
🥦🥦🥦🥦🥦🥦

#Gilgaala #sammuu #shaakalchiisuu

Ragaawwan boqannaa asii gadii dubbisuun, hiikkaa sirrii #gooftaa jedhu, hima ibsu filadhu.

A. Seera Ba'uu 32:22
" #Aaron immoo deebisee #Museedhaan, "Ati #gooftaan koo aartee hin boba'in, sabni kun hammeenyatti qabamee akka jiru ati iyyuu beekta; "
#አሮንም እንዲህ አለ፦ #ጌታዬ ሆይ፥ ቍጣህ አይቃጠል፤ ይህ ሕዝብ ክፋትን እንዲወድድ አንተ ታውቃለህ። Kanaafuu #Muuseen #Gooftaa/#ጌታ jedhamuun, inni #Waaqa jechuudha.

B. #1 #Pheexros 3:6
" #Saaraan akkas #Abrahaamiif abboomamaa, #gooftaa #koo jettees isa waamaa turte; ammas isin gaarii yoo gootan, doorsisa tokkos hin sodaattan yoo ta'e, ijoollee ishee ta'uu keessan." እንዲሁም #ሣራ #ለአብርሃም#ጌታ ብላ እየጠራችው ታዘዘችለት፤ እናንተም ከሚያስደነግጥ ነገር አንዳች እንኳ ሳትፈሩ መልካም ብታደርጉ ልጆችዋ ናችሁ። Kanaafuu #Abrahaam #Gooftaa/#ጌታ jedhamuun, inni #Waaqa jechuudha.

C. #Maarqos 2:28
" Egaa #ilmi #namaa Sanbata irratti iyyuu #gooftaa dha" isaaniin jedhe." እንዲሁም #የሰው #ልጅ ለሰንበት እንኳ #ጌታዋ ነው አላቸው። Kanaafuu #ilmi #namaa #Gooftaa/#ጌታ jedhamuun, inni #Waaqa jechuudha.

D. Akkuma Muuseen, Abraaham fi ilmi namaa hundi macaafa keessatti #Gooftaa/ #ጌታ jedhamuun #Waaqaa jechuu #hin #taanetti, Yesuus eddoo gara garaatti #Gooftaa/ #ጌታ jedhamuun #Waaqa #jechuu #akka #hin #taane ifatti mirkaneessa.

🥦🥦🥦🥦🥦🥦

Qabxiiwwan ijoon nuti ragaawwan asii olii irraa argannu;

1ffaa- Hiikni #Gooftaa/#ጌታ jedhu, waan uumama (dhabama irraa argamaa ta'e) hunda irratti, Yesuusillee dabalatee jechu, akka #Waaqa #jechuu #hin #taane mirkaneessa.
Fkn. #Yohannis 5:27
" Inni ilma namaa isa ulfina-qabeessa waan ta'eef, #abbaan isaa firdii akka inni faraduuf #gooftummaa kenneeraaf."

Gooftummaa hiikni isaa eddoo kanatti #Waaqumma jechuu osoo #hin #taane #aangoo jechuudha.
Waaqni Yesuusii Waaqumma kenne jechuudha osoo jenne Waaqa 2 ta'aa jechu, akkasumas waaqumman aangoo ittiin nama shuuman ta'aa jirti jechuu akeeka, kun ammoo sammuu nama waa yaaddu biratti akka hin taane ifa galaadha.

2ffaa- Yesuus Macaafa Qulqulluu keessatti Gooftaa jedhamuun isaa #Yesuus #Waaqaa #jechuu #miti. Sababni isaa '#Gooftaa' jedhame ka waamame kitaaba kana keessatti #Yesuus #qofaa #miti. Yoo Yesuus Gooftaa jechuun Waaqumma isaa argisiisa ka jedhan taate #namoonni #Gooftaa #jedhaman #hundi fkn #Abraham, #Muuseen inumaayyu #ilmi #nama #hundi, akka yaada kanaatti #Waaqa #jedhamuu #qabu jechu, Kun ammo waan fudhatama hin qabne. Kanaafuu Yesuus Gooftaa jedhamuun #aangoo malee Waaqumma akka hin argisiifne, sammuun waan xiinxallituu fi qalbiin waa hubattu ifatti beektii jechu.

3ffaa- Wolumaa galatti, Yesuus Gooftaa jedhamee kitaaba kakuu moofaa yookaa haarawa jedhamu keessatti dubbatamuun, #Yesuus #Waaqa #jechuu #hin #argisiisu. Sababni isaa 'Gooftaa' jechi jedhu Waaqa waa hunda uumeef yoo taate #Waaqumma yoo agarsiisu, garuu wanta #uumamaa kamiifuu hiikni isaa #hoogganaa yookaa #ajaja yookaa #dura #ta'aa kkf jechuu akka ta'e yookaa #waan #aangoon #wol #qabatu #qofa akka ta'e, agarsiisa jechu.

Jallataa hunda Rabbiin haa qajeelchu.
♻️♻️♻️♻️By:XR ♻️♻️♻️
Gaafii fi yaada baruumsa kana irratti qabdan kamuu, eddoo #'leave a comment' jedhu tuquun bareessuu hin dagatinaa.
Namoonni miseensa asiin dura hin ta'in, baruumsa fakkata kanaa, ka asiin dura #kennamaa #turanii fi kana boodas #kennaman argachuu yoo barbaaddan, linkii asii gadii tuquun, garee Telegiraamaa seenaa nu hordofaa 👇

https://t.me/Xaalibu6504
#Turullee #dhugatuu #irra #aana

🥦🥦🥦🥦🥦🥦
#Kutaa #34ffaa
🥦🥦🥦🥦🥦🥦

Gilgaala: Hubannoo yaada sammuu keessaa qabnuu fi ragaawwan jiru wol bira qabuun ittiin dhugaa madaallu:

Yesuus fi Waaqni tokko jedhamuun, dhugama akka namoonni tokko tokko yaadanitti, Yesuusfi Waaqni wol qixa yookaa Yesuus Waaqa jechuu agarsiisaa laata⁉️

🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦
Ragaawwan asii gadii keessa, isa kamtu #tokko dubbiin jedhu, #wol #qixa jechuu agarsiisa?

A. #Yohannis 10:29-30
#Abbaan koo inni anatti isaan kenne, #hundumaa #irra #guddaa dha; homtinuus harka abbaa koo keessaa isaan butachuu hin danda'u. Abbaanii fi ani tokko isaaniin jedhe.❞ የሰጠኝ አባቴ #ከሁሉ #ይበልጣል፥ ከአባቴም እጅ ሊነጥቃቸው ማንም አይችልም። እኔና አብ አንድ ነን።
Yesuus anaa fi Abbaan tokko jechuun duratti boqonnama namoonni tokko tokko ragaa taasifatan keessatti maal dubbate? "#Abbaan koo inni anatti isaan kenne, #hundumaa #irra #guddaadha" jedhe. Kanaafuu, Yesuus fi Waaqni wol qixa jechuun hin danda'amu.

B. #Yohannis 17:22
❝Akkuma nuyi tokko taane, #isaanis #tokko #haa #ta'aniif (#hordoftoonni #Yesuus #12ni jechuudha) , ulfina ati anaaf kennite isaaniif kenneera.❞ እኛም አንድ እንደ ሆንን #አንድ #ይሆኑ #ዘንድ፤ የሰጠኸኝን ክብር እኔ ሰጥቻቸዋለሁ፤
Akkuma Yesuus fi Waaqni tokko ta'anitti, hordoftoonni Yesuus 12ni tokko haa ta'anii jechuun, Yesuus fi Waaqni wol qixa ta'anii jiruu kanaafuu hordoftoonni Yesuus 12ni wol qixa haa ta'anii jechuu miti.

C. #1 #Qorontos 3:6-8
Ani nan dhaabe, Apholos bishaan obaase, Waaqayyo garuu in guddise. Waaqayyo isa guddisu sana malee, inni dhaabu, inni bishaan obaasus homaa miti. #Inni #dhaabe #isa #bishaan #obaasee #wajjin #tokko; adduma addaanis akka dadhabbii isaatti miindaa ofii isaatii in fudhata. እኔ ተከልሁ አጵሎስም አጠጣ ነገር ግን እግዚአብሔር ያሳድግ ነበር፤ እንግዲያስ የሚያሳድግ እግዚአብሔር እንጂ የሚተክል ቢሆን ወይም የሚያጠጣ ቢሆን አንዳች አይደለም። #የሚተክልና #የሚያጠጣ #አንድ #ናቸው፥ ነገር ግን እያንዳንዱ እንደ ራሱ ድካም መጠን የራሱን ደመወዝ ይቀበላል።
Yaadni "#Inni #dhaabe #isa #bishaan #obaasee #wajjin #tokko" jedhu wol qixa jechuu akka hin taane ifa.

D. #Yohannis 14:28
“'Amma nan adeema deebi'ees isin bira nan dhufa' akkan isiniin jedhe dhageessaniittu; utuu na jaallattu taatanii, waanan gara abbaa dhaquuf in gammaddu turtan, #abbaan #na #caala'o,” እኔ እሄዳለሁ ወደ እናንተም እመጣለሁ እንዳልኋችሁ ሰማችሁ። የምትወዱኝስ ብትሆኑ #ከእኔ #አብ #ይበልጣልና ወደ አብ በመሄዴ ደስ ባላችሁ ነበር።
Boqannaan kun hurrii namoota tokko tokko keessatti hafe, ka Rabbiin qajeelluma isaa hin feene malee ifa baase (#abbaan #na #caala'o/ #ከእኔ #አብ #ይበልጣልና" Yeroo jedhu).

E. Deebiin hin jiru.
🥦🥦
Qabxiiwwan ijoon nuti ragaawwan asii olii irraa argannu:

1ffaa- Yesuus afaanuma isaatiin dubbii wol diigu yeroo tokkotti ni dubbata jechuun waan hin malleef, dubbiin Yesuus boqannaa #Yohannis 10:29 ❝#Abbaan #hundumaa #irra #guddaadha" jedhu hubanno sirrii, yaada boqannama kana keessatti 30 irratti dubbatamee ni ta'aa jechuudha. Sunis, Waaqni waa hundaa irra guddaa ta'e sanii, Yesuus ergamaa isaa waan ta'eef, ergaan Yesuus qabatee deemuu sun ta Waaqatiin tokkoo ( tama Waaqaa sanii jechuudha).

2ffaa- Akkuma Yesuus fi Waaqni tokko ta'anitti, hordoftoonni Yesuus 12ni tokko haa ta'anii jechuun, Yesuus akkuma fedhii Waaqaa gegeessun kaayoo tokkoof (kaayoon fedhii isaa barsiisuu fi hojachuu hin taanee) jiraatutti, hordoftoonni Yesuus 12nisi kaayoo tokkoon (Waaqa tokkoof gabroottan ta'anii isa gabbaruu irratti) osoo gara gari hin baane, tokkoomanii haa jiraatanii jechuudha.

3ffaa- Yaadni "#Inni #dhaabe #isa #bishaan #obaasee #wajjin #tokko" jedhu ammoo, ka dhaabuu fi obaasulle kaayoo yookaa hawwii tokko qabuu. Sunis, biqiltuun isaan dhaaban sun guddattee galma geettee boru isaan hundaa fayyaduu (Inni tokko biqiltuun hin guddatin jedhee kuun haa guddattu miti, inni kuun boru biqiltuun sun akka na fayyadduuf dhaabee, kuun ammoo akka nan fayyadne hawwii jedhu karoorfatee mitii jechuudha).

4ffaa- Akkuma wolii galaatti, Yesuusimmaan "#abbaan #na #caala'o/ #ከእኔ #አብ #ይበልጣልና" jedhe gaabbee, Anaa fi Waaqni wol qixa jechuudhaaf, anaa fi Waaqni tokko jedhe jedhanii yaaduu fi haasawu irra, anaa fi Waaqni tokko jechuun, kaayoon tiyyaa fi Waaqaa tokkoo (kaayoon ani gegeessa jiru ta Waaqni na ajaje qofa) jechuu akka taate mirkaneessa.

https://t.me/Xaaliburidallah
#Turullee #dhugatuu #irra #aana

🥦🥦🥦🥦🥦🥦
#Kutaa #36ffaa
🥦🥦🥦🥦🥦🥦

#Gilgaala: Hubannoo duraan sammuu keessaa qabnuu fi ragaawwan dubbisnu wol bira qabuun, kallattii dhugaa ittiin madaallu:

Yesuus hojii mataa isaa yookaa waan karoora isaatiin baafate hojjataa ture moo, waan Rabbiin itti isa ajaje qofa hojjataa ture laata beektuu? Hima kamtuu, Yesuus akka hojii karoora mataa isaatiin baase akka hojjataa ture agarsiisa?

🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦

A. #Yohannis 8:29 “Inni #ana #erge #anaa #wajjin #jira; #ani yeroo #hundumaa kan #isa #gammachiisu waan #ani #hojjedhuuf, #inni #kophaatti #ana #hin #dhiifne" isaaniin jedhe.” #የዮሐንስ ወንጌል 8:29 #የላከኝም #ከእኔ #ጋር ነው፤ እኔ ደስ የሚያሰኘውን ዘወትር አደርጋለሁና #አብ #ብቻዬን #አይተወኝም አላቸው።

B. #Yohannis 5:36 “Isa Yohannis cuuphaan dhugaa ba'e irra caalaa kan dhugaa anaaf ba'u qaba; #hojiin #abbaan #koo akkan raawwadhuuf dabarsee #anatti #kenne baay'eedha; hojiin ani hojjedhu kunis #abbaan #akka #ana #erge dhugaa anaaf in ba'a.” #የዮሐንስ #ወንጌል 5:36 እኔ ግን ከዮሐንስ ምስክር የሚበልጥ ምስክር አለኝ፤ #አብ ልፈጽመው #የሰጠኝ #ሥራ፥ ይህ የማደርገው ሥራ፥ #አብ #እንደ #ላከኝ ስለ እኔ ይመሰክራልና።

C. #Yohannis 10:37 ❝Egaa #ani #hojii #abbaa #koo hin hojjedhu yoon ta'e, anatti hin amaninaa.❞ #የዮሐንስ #ወንጌል 10:37 እኔ #የአባቴን #ሥራ ባላደርግ አትመኑኝ፤

D. Deebiin hin jiru.

🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦

Qabxiiwwan ijoon nuti ragaawwan asii olii irraa argannu:

1ffaa- Yesuus dandeettii fi aangoo isaatiin tankaarfii takkaa socho'uu waan hin dandeenneef, Rabbiin hojii fi sochii isaa kamuu keessatti isa wojjiin jiraachuu (tumsa isaa akka ta'e) ifatti ragaa bahe (“#Inni #ana #erge #anaa #wajjin #jira; .... #inni #kophaatti #ana #hin #dhiifne" yeroo jedhu)

2ffaa. Yesuus yeroo kamuu hojiin inni hojjatu waan ofii fedhee fi isa gammachiisu osoo hin taane, ka Rabbiin isa filatee isa ergate gammachiisu qofa akka ta'e mirkaneesse (“#ani yeroo #hundumaa kan #isa #gammachiisu waan #ani #hojjedhuuf" yeroo jedhu).

3ffaa- Hojiin Yesuus hojjatu kamuu, akkuma karoora fi fedhii Yesuus hin taane, akkasumas Yesuus Waaqaa osoo hin taane, #ergamaa #Rabbiin #isa #ergate akka ta'e, ragaa isaaf akka bahu dubbate (#hojiin #abbaan #koo akkan raawwadhuuf dabarsee #anatti #kenne baay'eedha; hojiin ani hojjedhu kunis #abbaan #akka #ana #erge dhugaa anaaf in ba'a.” yeroo jedhu).

4ffaa- Namni tokko gaafni Yesuusitti amanuu qabu, gaafa inni hojii Waaqaa (ajaja Rabbii) qofa raawwate akka ta'e fi gaafa inni ergaa Rabbii hin geessine taate akka isatti amanuu hin qabne, ifatti barsiisaa akka ture (❝Egaa #ani #hojii #abbaa #koo hin hojjedhu yoon ta'e, #anatti #hin #amaninaa.❞ yeroo jedhu)

🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦

#Worroota #Amanti Kiristaanaatiif;
1 #Tasaloniiqee 5:21
" Garuu waan hundumaa qoraa, #isa #gaarii #jabeessaatii #qabadhaa! "
1ኛ ወደ ተሰሎንቄ ሰዎች 5:21 ሁሉን ፈትኑ #መልካሙንም #ያዙ👆👆👆dhaamsa jedhu isinii dhaamaa.

hawaasni keenna ammoo, "#sababa #keetiin #namni "tokko "qajeeluun, #gaala #diddiimaa #karaa #Rabbii #keessatti #kennatu #siif #caala, ka Nabiyyiin Rabbii (nagahaa fi Rahmanni Rabbii isaan irratti haa jiraatu), jedhanii Aliyyiif dhaaman siif dhaama. Sheer taasisuun sin kafalchiisu, lammiiwwan keenna beektu hundaa ergii, toltuu guyyaa boruutti si fayyaddu guduunfadhu.

Jallataa hunda Rabbiin haa qajeelchu.
♻️♻️♻️♻️By:XR ♻️♻️♻️
Gaafii fi yaada baruumsa kana irratti qabdan kamuu, eddoo #'leave a comment' jedhu tuquun bareessuu hin dagatinaa.
Namoonni miseensa asiin dura hin ta'in, baruumsa fakkata kanaa, ka asiin dura #kennamaa #turanii fi kana boodas #kennaman argachuu yoo barbaaddan, linkii asii gadii tuquun, garee Telegiraamaa seenaa nu hordofaa 👇

https://t.me/Xaaliburidallah