Turullee Dhugatu Mo'ata
12.2K subscribers
546 photos
184 videos
120 files
475 links
Sobni miseensa guddaa qabaatuun yeroo dheerefatun ni malaa, garuu dhugaa hinjifatuu ammoo gonkumaa hin danda'u.
Download Telegram
Hedduun namaa ufiif nama biroo jeequu, maallummaa Yesuus qajeelatti hin beeku.

Mee namoonni Yesuus gooftaadhaa jettan gaafiiwwan muraasa tanniin deebistanii?

Kutaa 1ffaa

Yesuus ilma namaati moo ilma Waaqaati?

Yesuus nama moo Waaqa?

Yesuus nama ta’uu fi ilma namaa ta’uu namni shakku ni jiraa ⁉️

Mee worroonni Yesuus nama yookaa ilma namaa ta’uu shakkii qaban ragaawwan armaan gadii kanaan maal jedhu laata? ⤵️

1⃣ Maatewos 17:22 👇🏻
" Bartoonni Galiilaatti Yesus biratti walitti qabamnaan Yesus, "Ilmi namaa harka namootaatti dabarfamee in kennama."

2⃣ Luqaas 12:8 👇🏻
" "Ani isinittan hima, eenyu illee namoota duratti eenyu akkan ta'e dhugaa ba'ee yoo mul'ise, anis ilmi namaa ergamoota Waaqayyoo duratti akkasuma dhugaa nan ba'aaf."

3⃣ Hojii Ergamootaa 2:22👇🏻
" "Isin yaa warra Israa'el, dubbii kana dhaggeeffadhaa, Waaqayyo harka Yesus nama Naazireet kanaan, hojii aangoo isaa, dinqiidhaa fi milikkita garaa garaa kan isin beektan, isin gidduutti hojjechuu isaatiin fudhatamaa isa godhe."

Qabxiiwwan asii olii irraa wonti hubannu:-

1ffaa- Yesuus ilma namaati jechuun nama jechuu akka ta’ee fi Yesuus nama jechuun ilma namaa jechuu akka ta’e ifatti nuuf ibsa.

2ffaa- Yesuus nama ta’uu fi ilma namaallee ta’uu amanaa, ammoo waaqalle yookaa ilma Waaqaatille jedhee namni yaadu, nama Yesuusiin yookaa Waaqa dhabama irraa isa argamsiise akka gaararraatti fakkeessu jechu. Maaliif yoo jedhame Yesuus haalli isaa waan dhaabbata tokkoo mitii ni jijjiramaa yookaa Waaqni waan haala tokko irratti ta’uu mitii ni geeddaramaa jedhee worra yaadu qofatu waan kana dubbata. Wonti dinqii ammo worroota akkasitti dubbatu saniin osoo Waaqni akka gaararraa geeddaramaa jettee gaafatte hin fudhatan garuu Yesuus namalle Yeroo garii Waaqalle jedhanii dubbatu. Kanaafuu gaafiin gabaabduun nuti gaafannu:-

A. Yesuusii nama turetuu Waaqatti geeddarame moo?

B. Waaquma dura Waaqa turetuu namatti geeddarame laata?

Mee ragaawwan asii gadii haa laalluu

1️⃣ ↪️ Macaafa Hose’aa Raajichaa 11:9 👇🏻
" Ani dheekkamsa koo isa boba'aa gad hin dhiisu, deebi'ee Efreemin hin balleessu; #ani #Waaqayyoodha #malee, #nama #miti; ani isa qulqulluu si gidduu jiruu dha, ani ija aariitiin hin dhufu."
🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀
2️⃣ ↪️ Macaafa Milkiyaas Raajichaa 3:6 👇🏻
" Itti fufees, "#Ani #Waaqayyo #waanan #ta'eef, #hingeddaramu; kanaaf yaa ilmaan Yaaqoob isin raawwattanii hin badne."

Dhugaan jirtu, namni Waaqaa hin ta’uu, Waaqnille nama hin ta’u.
Sababni isaalle Waaqni waan hin geeddaramneef.

Kanaafuu, Yesuus nama fi ilma namaati malee, Waaqallee miti ilma Waaqaatiillee mitii jechu.

Jallataa hunda Rabbiin haa qajeelchu.

♻️♻️♻️♻️By:XR ♻️♻️♻️
Worronni baruumsa Amantii Islaamaa fi Kiristaanaa wol bira qabuun baratu barbaaddan garee Chaanaala asii gadii tuqaa seenaa 👇

https://t.me/Xaaliburidallah
#Turullee #dhugatuu #irra #aana

🥦🥦🥦🥦🥦🥦
#Kutaa #19ffaa
🥦🥦🥦🥦🥦🥦

#Hojii #manaa
👇👇👇

Ragaa Yohannis 12:49-50 dubbisuun, gaafii itti aanee dhufuuf, deebii sirrii ta'e filadhuu deebisi.
🍇🍇🍇🍇🍇🍇

Wangeela Yohannis 12:49-50
Abbicha #isuma #na #ergetu ofii isaatii #waanan #dubbadhu #na #abboome malee, ani #ofuma #kootiin #hin #dubbanne. Dubbiin inni na abboomes, jireenya bara baraaf akka ta'e ani beeka; egaa #waanan #jedhu, akka #abbaan #anatti #himettan #dubbadha" jedhe.
#እኔ #ከራሴ #አልተናገርሁምና፤ ነገር ግን #የላከኝ አብ እርሱ የምለውን የምናገረውንም #ትእዛዝ #ሰጠኝ። ትእዛዙም የዘላለም ሕይወት እንደ ሆነች አውቃለሁ። ስለዚህ #እኔ የምናገረውን #አብ #እንደ ነገረኝ እንዲሁ እናገራለሁ።

Gafii 👇👇👇
Akka ragaa Yohannis 12:49-50 keessatti dubbatametti, hima kamtuu sirriidha?
A. Yesuus Waaqni na erge malee ofii isaatii waanan dubbadhu na hin abboomnee ( na hin ajajnee) jedhe.
B. Yesuus ani waan gooftaa ta'eef ofuma kootiin waan dubbachuu qabu dubbadhaa jedhe.
C. Yesuus dubbiin ani ufi irraa kaasee dubadhu jireenya bara baraati jedhe.
D. Yesuus wanta kamuu ajaja Waaqatiin osoo hin taane akka ufii fedhetti dubbadhaa jedhe.
E. Deebiin hin jiru.

🥦🥦🥦🥦🥦🥦

Worroonni Amantii Kiristaanaa nuuf deebisaa.

hawaasni keenna ammoo worroota Amantii Islaamummaatiin ala jiran biraan gahaa dirqama keessan bahaa.

Qabxiiwwan ijoon nuti ragaa Yohannis 12:49-50 irraa argannu;

1ffaa- Yesuusiin Rabbiin akka isa erge fi inni ergamaa Rabbii ta’uu ifatti mirkaneesse (#Abbicha #isuma #na #ergetu yeroo jedhu).

2ffaa- Yesuusiin Rabbiin yeroo isa ergu, bilaashumatti yookaa kaayoo malee isa hin erginee, waan inni dubbatuu qabulle isa ajaje (#Abbicha #isuma #na #ergetu #ofii #isaatii #waanan #dubbadhu #na #abboome #malee yeroo jedhu).

3ffaa- Yesuus wonti inni ufi irraa kaasee dubbatu tokkoo akka hin jirree fi wonti inni dubbatu kamuu waan Waaqaan ajajame qofa akka ta'e ifatti mudhise (#ani #ofuma #kootiin #hin #dubbanne yeroo jedhu).

4ffaa- Jireenni bara baraa kan argamuun, ajaja Rabbiin Yesuusiin ajajee inni namatti geesse ilmi namaallee raawwatuun qofaan akka taate, ajajni Phaawuloos kennuu mitii ka Yesuusuu ufi irraa kaasee kennuun jireenni bara baraa akka hin argamne ifatti mirkaneesse (#dubbiin #inni #na #abboomes, #jireenya #bara #baraaf #akka #ta'e ani beeka yeroo jedhu).

5ffaa- Wanti Yesuus dubbatu kamuu akka fedhii isaatti waan dubbate osoo hin taane, akka Rabbiin isa ajaje qofatti akka ta'e ifa baase (#waanan #jedhu, #akka #abbaan #anatti #himettan #dubbadha yeroo jedhu).

Jallataa hunda Rabbiin haa qajeelchu.
♻️♻️♻️♻️By:XR ♻️♻️♻️
Gaafii fi yaada baruumsa kana irratti qabdan kamuu, eddoo #'leave a comment' jedhu tuquun bareessuu hin dagatinaa.
Namoonni miseensa asiin dura hin ta'in, baruumsa fakkata kanaa, ka asiin dura #kennamaa #turanii fi kana boodas #kennaman argachuu yoo barbaaddan, linkii asii gadii tuquun, garee Telegiraamaa seenaa nu hordofaa 👇

https://t.me/Xaalibu6504