Turullee Dhugatu Mo'ata
11.6K subscribers
537 photos
141 videos
118 files
432 links
Sobni miseensa guddaa qabaatuun yeroo dheerefatun ni malaa, garuu dhugaa hinjifatuu ammoo gonkumaa hin danda'u.
Download Telegram
#Yesuusii #Waaqa jechuun ‼️yookaa #Yesuusii fi #Waaqni #wol #qixa jechuun ‼️, nama sammuun isaa waa yaadduuf ni mala jettuu⁉️
#Kutaa #1️⃣ffaa 👇🏻👇🏻👇🏻
🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀
Nama #sammuu #nagahaa Ragaan tokkoo ni gahaa, mee dubbii Wangeela #Yohannis 14:28 kana wojjiin haa dubbisnuu kootta 👇🏻
🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀
#Yohannis 14:28 👇🏻👇🏻👇🏻
" 'Amma nan adeema deebi'ees isin bira nan dhufa' akkan isiniin jedhe dhageessaniittu; utuu na jaallattu taatanii, waanan gara abbaa dhaquuf in gammaddu turtan, #abbaan #na #caala'o, "

#የዮሐንስ ወንጌል 14:28 👇🏻
እኔ እሄዳለሁ ወደ እናንተም እመጣለሁ እንዳልኋችሁ ሰማችሁ። የምትወዱኝስ ብትሆኑ #ከእኔ #አብ #ይበልጣልና ወደ አብ በመሄዴ ደስ ባላችሁ ነበር።

Jallataa hunda Rabbiin haa qajeelchu.

♻️♻️♻️♻️By:XR ♻️♻️♻️
Worronni baruumsa Amantii Islaamaa fi Kiristaanaa wol bira qabuun baratu barbaaddan garee Chaanaala asii gadii tuqaa seenaa 👇

@Xaalibu6504
#Jechoonni #Baayibilii keessaa akka yaadni isaanii #wol #faallessu beektuu ⁉️
KUTAA 2️⃣ffaa 👇🏻
🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀
Mee gaafii kana eennutu uggee deebisa ⁉️
🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀
#Yommuu #Yaayiros #dhufee #Yesuusiin #argetti, #mucaan #Yaayiros jalaa duutee jirti moo dhukkubsattee du'uuf jetti?

A. #Jalaa #duutee #jirti kan jedhu ka (#Maatewos 9:18) sirridha moo?
B. #Dhukkubsattee #du'uuf #jette #malee #hin #duune kan jedhu ka (#Maarqos 5:22-23) sirriidha?
🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀
Maatewos 9:18 👇🏻
" Yesus utuu kana isaanitti dubbachaa jiruu, kunoo, warra geggeessituu keessaa tokko dhufee isaaf sagadee, "#Mucaan #koo #ammuma #na #duraa #duute, ati garuu kottuutii harka kee ishee irra kaa'i, isheenis deebitee in jiraatti" jedhe."

#Maarqos 5:22-23 👇🏻
22 Yommus warra geggeessituu mana sagadaa keessaa tokko, maqaan isaa Yaayiros kan jedhamu dhufee, Yesusin argee, miilla isaa jalatti kufee,
23 "#Mucaan #koo #dhukkubsattee #du'uuf #jetti, akka isheen fayyitee jiraattuuf hadaraa kottuutii harka kee ishee irra kaa'i!" jedhee jabeessee kadhate.

#Qalbiidhaan #dubbisaa 👆

Macaafni Qulqulluun jecha Waaqaati worri jedhu, sanuu maqaa #'Qulqulluu' ka moggaasan, jechi Waaqaa ka Qulqulluu, ka barreesitoonni isaallee hafuura Qulqulluun deeggaraman barreessan #duuba #akkamitti #jechi #isa #keessa jiru #wol #faallessa?jechi Macaafa Qulqulluu wol hin faallessu worri yaaddan mee kamtu sirri jettu?👇

A. Yommuu Yaayiros dhufee Yesuusiin argetti mucaan Yaayiros jalaa duute ka jedhutuu sirri moo?
B. Yommuu Yaayiros dhufee Yesuusiin argetti mucaan Yaayiros dhukkubsattee du'uuf jette ka jedhutuu sirri moo?
C.Ija dunuufadha jechoota wol faallessulle mormii malee rakkoo hin qabu jedhaa bira kutaa ka jedhu (yaada worroonni Kiristaanaa kennantu) sirri laata?

Jechi Waaqaa akka wol hin faallessine namuu ima beekaa, kanaafuu #jechoonni #jecha #Waaqaa #hin #taane #kumaatamaan #Macaafa #Qulqulluu isa jedhamu #keessa #jiraatuu hoo meeqa keennatu beeka?

Jallataa hunda Rabbiin haa qajeelchu.

♻️♻️♻️♻️By:XR ♻️♻️♻️
Worronni baruumsa Amantii Islaamaa fi Kiristaanaa wol bira qabuun baratu barbaaddan garee Chaanaala asii gadii tuqaa seenaa 👇

@Xaalibu6504
KUTAA 7ffaa

Fayyisaan dhugaa Waaqa moo Yesuus?

Dogongorri kan kitaaba (Macaafa Qulqulluu) ti moo kan worra kitaaba hordofna jedhuuti laata?

Kitaabni kan jedhu, fayyisaan Waaqa, kan rakkoo kamuu nama irraa furuu danda’uu jedha.

Worroonni amantii Kiristaanaa ni hordofnaa ufiin jedhan ammoo dubbiin kitaabaa sirrii mitii fayyisaan Waaqaa osoo hin taane Yesuus jedhu. Kanaafuu eenyutuu dogongore haa jennu?
Mee ragaawwan armaan gadii 3n wojjiin haa dubbisnuu:-

Ibroota 5:7 👇🏻
" Yesus biyya lafaa kana irra yeroo jiraachaa turetti, sagalee guddaadhaan #imimmaaniin, #kadhataa fi #waammata #gara #isa #du'a #isa #oolchuu #danda'uutti #dhi'eesse ; sababii inni ulfina Waaqayyoof gad of deebisee, isatti of kennateefis, kadhanni isaa in dhaga'ameef." (#Yesuus)
ወደ ዕብራውያን 5:7 እርሱም በስጋው ወራት #ከሞት #ሊያድነው #ወደሚችል #ከብርቱ #ጩኸትና #ከእንባ #ጋር #ጸሎትንና #ምልጃን #አቀረበ፥ እግዚአብሔርንም ስለ መፍራቱ ተሰማለት፤

2⃣ Yohannis 12:27👇🏻
" #Yesus #itti #fufee, "#Amma #lubbuun #koo #dhiphatteetti; egaa, #Yaa #abbaa #yeroottii #kana #na #oolchi!' jedhu moo ree? Garuu sababiidhuma kanaaf ani immoo gara yerottii kanaa dhufe."
የዮሐንስ ወንጌል 12:27 አሁን ነፍሴ ታውካለች ምንስ እላለሁ? #አባት #ሆይ#ከዚህ #ሰዓት #አድነኝ። ነገር ግን ስለዚህ ወደዚህ ሰዓት መጣሁ።
🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀
3⃣ Macaafa Isaayaas Raajichaa 43:10-11 👇🏻
10 Waaqayyo, "Yaa saba nana, isin dhuga-baatuu koo ti, garbichi ani fo'adhes isinuma, isin akka beektaniif akka amantanitti, isa kana kan godhe ana Waaqayyo akka ta'e akka hubattanitti, ana dura Waaqayyo kan biraa hin turre, ana booddees Waaqayyo kan biraa hin jiraatu.
11 #Ana #duwwaatu #Waaqayyoodha, #ana #malee #fayyisaan #kan #biraa #hinjiru.
ትንቢተ ኢሳይያስ 43 10፤ ታውቁና ታምኑብኝ ዘንድ እኔም እንደሆንሁ ታስተውሉ ዘንድ፥ እናንተ የመረጥሁትም ባሪያዬ ምስክሮቼ ናችሁ ይላል እግዚአብሔር፤ ከእኔ በፊት አምላክ አልተሠራም ከእኔም በኋላ አይሆንም።
11፤ #እኔ#እኔ #እግዚአብሔር #ነኝ#ከእኔ #ሌላም #የሚያድን #የለም

Qabxiiwwan ijoon nuti ragaawwan asii olitti dhiyaatan 3n irraa hubannu:-

1ffaa- Yesuus nama fayyiisuuf dandeettii fi aangoo tokkollee akka hin qabne, inumaayuu Rabbii waa hunda irratti dandeetti qabuuf booyichaan akka du’a isa oolchuuf Rabbii fayyisuus ta’ee du’a oolchu dandeetti qabu kadhataa yookaa waamataa akka ture ifatti muldhisa.

2ffaa- Yesuus sababa inni aangoo fi dandeettiin hundi kan Rabbii ta’uu beekuuf Rabbii isaatiif of gad deebisee Rabbitti of kennee imimaaniin isa kadhateef Rabbiinillee isaa awwaatu mudhisa.

3ffaa- Rabbiin fayyisaan dhugaa isa jalqabaa kan wonti tokkoo isa dura hin turin, akkasumas isa xumuraa kan wonti tokkoo isa booda hin taane san ta’uu mirkaneessa. Waaqni fayyisaan dhugaa sun kan waa hundaa fayyisu kan Yesuusiinillee fayyise ta’uu nuuf addeessa.

4ffaa. Akkuma wolii galaatti worroonni Yesuus fayyisaadhaa jedhanii dhaadatan, Yesuus ufiifuu gaafa rakkatu akka Rabbiin (Waaqni) waan hundaa danda’u rakkoo Isa oolchuuf ( isa fayyisuuf ) akka isaa birmatuuf kadhataa turuu fi dabalataanis Waaqni ana malee fayyisaan biroo hin jiruu jedhee jira. Kanaafuu yoo dubbiin Macaafa Isaayaas Raajichaa 43:10-11 sirrii mitii, yookaa dubbiin Waaqni dubbate sirrii mitii jechuu taate malee, Fayyisaan dhugaa kan Yesuusii fi uumama hundaatuu Waaqa qofa ta’uu beektanii Yesuus fayyisa jechi jedhu dubbii sirrii akka hin taane ifatti mirkaneefattuu jechu.

Jallataa hunda Rabbiin haa qajeelchu.
♻️♻️♻️♻️By:XR ♻️♻️♻️
Worronni baruumsa Amantii Islaamaa fi Kiristaanaa wol bira qabuun baratu barbaaddan garee Chaanaala asii gadii tuqaa seenaa 👇
https://t.me/Xaalibu6504
#Turullee #dhugatuu #irra #aana

🥦🥦🥦🥦🥦🥦
#Kutaa #6ffaa
🥦🥦🥦🥦🥦🥦

#Hojii #manaa
👇👇👇

Ragaa Wangeela Yohannis 14:24 dubbisuun, gaafii itti aanee dhufuuf, deebii sirrii ta'e filadhuu deebisi.
🍇🍇🍇🍇🍇🍇

Yohannis 14:24
“Namni ana hin jaallanne immoo dubbii koo hundumaa hin raawwatu, #dubbiin #isin #dhageessan kunis #kan #abbicha isa #na #ergee ti malee, #kan #koo #miti" jedheen.”

#Gaafii 👇👇👇
Akka Wangeela Yohannis 14:24 tti, Yesuus;
eennutu dubbii koo hin raawwatu jedhe?
dubbiin ilmi nama dhagahee raawwatu hoo dubbii eennuti jedhe?
Inni ammoo maal ta'uu ufi ibse?

#A.
Namni na hin jaalanne jedhe.
ka abbicha na ergeeti malee kan koo miti jedhe.
ergamaa ta'uu ufi ibse.

#B.
Namni na jaalatu jedhe.
kiyya jedhe.
ergamaa akka hin taane ufii mirkaneesse.

#C.
Namni na hin jaalanne jedhe.
ka abbicha isa na ergeetii miti jedhe.
ergamaa osoo hin taane aangoo dhossaa qabaatuu ufi ibse.

🥦🥦🥦🥦🥦🥦

#Yesuus akka dubbii Wangeela kanaatti #qabxii ijoo #sadi(3) dubbate:

I. Namni ana(#Yesuus) #hin #jaallanne dubbii koo hundumaa #hin #raawwatu jedhe (fkn ani Waaqa qabaa osoo inni jedhu, atuu Waaqa ka ati nuuf himtu hin feenuu jechuu).

II. #Dubbiin inni #dubbatee barsiisaa ture (fkn Waaqni tokko ta’uun) ka #Waaqaa #isa #ergee malee ka isaa akka hin taane.

III. #Kan #abbicha #na #erge yeroo jedhu, Yesuus #ergamaa #Waaqaa ta'uun ifatti mirkaneesse.

🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦

#Worroota #Amanti Kiristaanaatiif;
1 #Tasaloniiqee 5:21
" Garuu waan hundumaa qoraa, #isa #gaarii #jabeessaatii #qabadhaa! "
1ኛ ወደ ተሰሎንቄ ሰዎች 5:21 ሁሉን ፈትኑ #መልካሙንም #ያዙ👆👆👆dhaamsa jedhu isinii dhaamaa.

hawaasni keenna ammoo, "#sababa #keetiin #namni "tokko "qajeeluun, #gaala #diddiimaa #karaa #Rabbii #keessatti #kennatu #siif #caala, ka Nabiyyiin Rabbii (nagahaa fi Rahmanni Rabbii isaan irratti haa jiraatu), jedhanii Aliyyiif dhaaman siif dhaama. Sheer taasisuun sin kafalchiisu, lammiiwwan keenna beektu hundaa ergii, toltuu guyyaa boruutti si fayyaddu guduunfadhu.

Jallataa hunda Rabbiin haa qajeelchu.
♻️♻️♻️♻️By:XR ♻️♻️♻️
Gaafii fi yaada baruumsa kana irratti qabdan kamuu, eddoo #'leave a comment' jedhu tuquun bareessuu hin dagatinaa.
Namoonni miseensa asiin dura hin ta'in, baruumsa fakkata kanaa, ka asiin dura #kennamaa #turanii fi kana boodas #kennaman argachuu yoo barbaaddan, linkii  asii gadii tuquun, garee Telegiraamaa seenaa nu hordofaa 👇

https://t.me/Xaaliburidallah
#Turullee #dhugatuu #irra #aana

🥦🥦🥦🥦🥦🥦
#Kutaa #10ffaa
🥦🥦🥦🥦🥦🥦

#Hojii #manaa
👇👇👇

Ragaa Wangeela #Yohannis #14: 28 dubbisuun, gaafii itti aanee dhufuuf, deebii sirrii ta'e filadhuu deebisi.

🍇🍇🍇🍇🍇🍇

Yohannis 14: 28
" 'Amma #nan #adeema deebi'ees isin bira #nan #dhufa' akkan isiniin jedhe dhageessaniittu; #utuu na jaallattu taatanii, waanan gara #abbaa #dhaquuf in gammaddu turtan, abbaan #na #caala'o, "

Gaafii 👇👇👇

Akka Yohannis 14: 28 Keessatti dubbatametti, hima kamtuu sirriidha?

A. Yesuus lamuu gara dachiitti deebi'ee hin dhufu.
B. Worroonni Yesuus gara Waaqaatti deemutti gammadu, worroota Yesuus jaalatu.
C. Yesuusii fi Waaqni wol qixa.
D. Deebiin hin jiru.

🥦🥦🥦🥦🥦🥦

Qabxiin ijoon nuti ragaa Wangeela #Yohannis 14: 28 irraa barannu;

1ffaa- #Yesuus akka gara #dachiitti #deebi'ee dhufu. Kun ammoo wonti mirkaneessu:

I. Waaqni foon uffatee dhufee yaadni jedhu olola ta'uu.

II. Yesuus cubbuu keennaaf duraa gara dachii dhufeen dubbii kijibaa ta'uu.

III. Ilma ilma kiyya irraa dhaladhee isin fayyisa Waaqni jedheen, dubbii fudhatama hin qabne ta'uu.

IV. Yesuus akkuma uumamni kamuu du'utti gara dachii deebi'ee kan du'u ta'uu nuuf mirkaneessa jechuudha.

2ffaa- #Utuu #na #jaallattu taatanii waanani #gara #abbaa #dhaquuf in gammaddu turtan yeroo jedhu ammoo, Qabxiiwwan itti aanee dhufuu nuuf ibsa.

I. Worroota Yesuus hin jaalanetu, Yesuus gara Rabbii ol fuudhamuu kijibsiisee olola du'ee haasawu.

II. Yesuus gara abbaa dhaqa jedhe malee Waaqa waan tureef, turtii koo fixadhee gara samiitti galaa jiraa akka hin jenne.

III. Waan gara abbaa #dhaquuf jechuun, qaama lamaa gara garaa ka itti dhaqamuu fi ka itti dhaqu akka jiru, akkasumas Yesuus Waaqatti geeddaramuu ka hin dubbanne fi geeddaramuulle akka hin dandeenne ta'uu ifatti mudhisaa jechuudha.

3ffaa- #abbaan #na #caala'o yeroo jedhu:

I. Dubbiin Yesuus fakkeessuu akka hin taane, dhugaan jirtu Waaqni waan kamuu (Yesuusillee dabalatee) caaluu.

II. Worroonni dubbiin tun isaanii liqimsamuu diddu, worrota Yesuusiin ittiin daldalatuuf malee dubbii isaa fudhatuuf fedhii takkaa hin qabne ta'uu ifatti mirkaneessa.

🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦

#Worroota #Amanti Kiristaanaatiif;
1 #Tasaloniiqee 5:21
" Garuu waan hundumaa qoraa, #isa #gaarii #jabeessaatii #qabadhaa! "
1ኛ ወደ ተሰሎንቄ ሰዎች 5:21 ሁሉን ፈትኑ #መልካሙንም #ያዙ👆👆👆dhaamsa jedhu isinii dhaamaa.

hawaasni keenna ammoo, "#sababa #keetiin #namni "tokko "qajeeluun, #gaala #diddiimaa #karaa #Rabbii #keessatti #kennatu #siif #caala, ka Nabiyyiin Rabbii (nagahaa fi Rahmanni Rabbii isaan irratti haa jiraatu), jedhanii Aliyyiif dhaaman siif dhaama. Sheer taasisuun sin kafalchiisu, lammiiwwan keenna beektu hundaa ergii, toltuu guyyaa boruutti si fayyaddu guduunfadhu.

Jallataa hunda Rabbiin haa qajeelchu.
♻️♻️♻️♻️By:XR ♻️♻️♻️
Gaafii fi yaada baruumsa kana irratti qabdan kamuu, eddoo #'leave a comment' jedhu tuquun bareessuu hin dagatinaa.
Namoonni miseensa asiin dura hin ta'in, baruumsa fakkata kanaa, ka asiin dura #kennamaa #turanii fi kana boodas #kennaman argachuu yoo barbaaddan, linkii  asii gadii tuquun, garee Telegiraamaa seenaa nu hordofaa 👇

https://t.me/Xaaliburidallah
#Turullee #dhugatuu #irra #aana

🥦🥦🥦🥦🥦🥦
#Kutaa #14ffaa
🥦🥦🥦🥦🥦🥦

#Hojii #manaa
👇👇👇

Ragaa Macaafa #Isaayaas Raajichaa #49:5 dubbisuun, gaafii itti aanee dhufuuf, deebii sirrii ta'e filadhuu deebisi.
🍇🍇🍇🍇🍇🍇

Macaafa #Isaayaas Raajichaa #49:5
“Ammas ani #garbicha isaa akkan ta'uuf, Yaaqoobin gara isaa akkan fiduuf, Israa'elinis isa biratti akkan walitti qabuuf, #Waaqayyo #garaa #haadha #koo #keessatti #na #tolchee fuula isaa duratti #ulfina anaaf #kennee #jabinas anaaf ta'eera.”

Gafii 👇👇👇
Akka ragaa Macaafa #Isaayaas Raajichaa #49:5 keessatti dubbatametti, hima kamtuu sirriidha.
A. Yesuus ilma Waaqa akka ta'uuf, Yaaqoobin gara isaa akka fiduuf, Israa'elinis isa biratti akka walitti qabuuf ergamee jedhe.
B. Yesuus garaa haadha koo keessa seenee bahee jedhe.
C.Yesuus fuula Waaqa duratti, ulfina aangoo isaatiin argatee fi jabinna qabu mudhifate.
D. Deebiin hin jiru.

🥦🥦🥦🥦🥦🥦

Worroonni Amantii Kiristaanaa nuuf deebisaa.

hawaasni keenna ammoo worroota Amantii Islaamummaatiin ala jiran biraan gahaa haqa jiru hubachiisaa.

Qabxiiwwan ijoon nuti ragaa Macaafa #Isaayaas Raajichaa #49:5 irraa argannu (akka #raajii #Isaayyaasiitti jechuudha):

1ffaa- Yesuus #garbicha #Rabbii ta’uu mirkaneesse. ( #Ani #gabricha isaa akkan ta'uuf jechuun isaa.)

2ffaa- Yesuus ergamaa Rabbii waan ta'eef, gaheen hojii isaa galmaan gahuuf, Yaaqoobin gara Waaqaatti fiduu fi Israa'elinis Waaqa biratti walitti qabuuf akka ajajame ibse.

3ffaa- Yesuus waaqaa foon uffatee dhufe osoo hin taane (akka worroonni Kiristaanaa jedhutti), uumama Rabbiin garaa haadha isaa keessatti ta'iidhaan isa argamsiise ta'uu mirkaneesse. (#Waaqayyo #garaa #haadha #koo #keessatti #na #tolchee yeroo jedhu.)

4ffaa- Yesuusii #ufitti #ulfinnaa fi #jabinnalle kan #hin #qabne ta'uu, garuu #Waaqni fuula isaa duratti #ulfina isaa akka #kennee fi ammas #jabinas isaaf akka ta'e hubanna.

Jallataa hunda Rabbiin haa qajeelchu.
♻️♻️♻️♻️By:XR ♻️♻️♻️
Baruumsa fakkata kanaa, ka asiin dura #kennamaa #turanii fi kana boodas #kennaman argachuu yoo barbaaddan, linkii asii gadii tuquun, garee Telegiraamaa seenaa nu hordofaa 👇

https://t.me/Xaalibu6504
#Turullee #dhugatuu #irra #aana

🥦🥦🥦🥦🥦🥦
#Kutaa #19ffaa
🥦🥦🥦🥦🥦🥦

#Hojii #manaa
👇👇👇

Ragaa Yohannis 12:49-50 dubbisuun, gaafii itti aanee dhufuuf, deebii sirrii ta'e filadhuu deebisi.
🍇🍇🍇🍇🍇🍇

Wangeela Yohannis 12:49-50
Abbicha #isuma #na #ergetu ofii isaatii #waanan #dubbadhu #na #abboome malee, ani #ofuma #kootiin #hin #dubbanne. Dubbiin inni na abboomes, jireenya bara baraaf akka ta'e ani beeka; egaa #waanan #jedhu, akka #abbaan #anatti #himettan #dubbadha" jedhe.
#እኔ #ከራሴ #አልተናገርሁምና፤ ነገር ግን #የላከኝ አብ እርሱ የምለውን የምናገረውንም #ትእዛዝ #ሰጠኝ። ትእዛዙም የዘላለም ሕይወት እንደ ሆነች አውቃለሁ። ስለዚህ #እኔ የምናገረውን #አብ #እንደ ነገረኝ እንዲሁ እናገራለሁ።

Gafii 👇👇👇
Akka ragaa Yohannis 12:49-50 keessatti dubbatametti, hima kamtuu sirriidha?
A. Yesuus Waaqni na erge malee ofii isaatii waanan dubbadhu na hin abboomnee ( na hin ajajnee) jedhe.
B. Yesuus ani waan gooftaa ta'eef ofuma kootiin waan dubbachuu qabu dubbadhaa jedhe.
C. Yesuus dubbiin ani ufi irraa kaasee dubadhu jireenya bara baraati jedhe.
D. Yesuus wanta kamuu ajaja Waaqatiin osoo hin taane akka ufii fedhetti dubbadhaa jedhe.
E. Deebiin hin jiru.

🥦🥦🥦🥦🥦🥦

Worroonni Amantii Kiristaanaa nuuf deebisaa.

hawaasni keenna ammoo worroota Amantii Islaamummaatiin ala jiran biraan gahaa dirqama keessan bahaa.

Qabxiiwwan ijoon nuti ragaa Yohannis 12:49-50 irraa argannu;

1ffaa- Yesuusiin Rabbiin akka isa erge fi inni ergamaa Rabbii ta’uu ifatti mirkaneesse (#Abbicha #isuma #na #ergetu yeroo jedhu).

2ffaa- Yesuusiin Rabbiin yeroo isa ergu, bilaashumatti yookaa kaayoo malee isa hin erginee, waan inni dubbatuu qabulle isa ajaje (#Abbicha #isuma #na #ergetu #ofii #isaatii #waanan #dubbadhu #na #abboome #malee yeroo jedhu).

3ffaa- Yesuus wonti inni ufi irraa kaasee dubbatu tokkoo akka hin jirree fi wonti inni dubbatu kamuu waan Waaqaan ajajame qofa akka ta'e ifatti mudhise (#ani #ofuma #kootiin #hin #dubbanne yeroo jedhu).

4ffaa- Jireenni bara baraa kan argamuun, ajaja Rabbiin Yesuusiin ajajee inni namatti geesse ilmi namaallee raawwatuun qofaan akka taate, ajajni Phaawuloos kennuu mitii ka Yesuusuu ufi irraa kaasee kennuun jireenni bara baraa akka hin argamne ifatti mirkaneesse (#dubbiin #inni #na #abboomes, #jireenya #bara #baraaf #akka #ta'e ani beeka yeroo jedhu).

5ffaa- Wanti Yesuus dubbatu kamuu akka fedhii isaatti waan dubbate osoo hin taane, akka Rabbiin isa ajaje qofatti akka ta'e ifa baase (#waanan #jedhu, #akka #abbaan #anatti #himettan #dubbadha yeroo jedhu).

Jallataa hunda Rabbiin haa qajeelchu.
♻️♻️♻️♻️By:XR ♻️♻️♻️
Gaafii fi yaada baruumsa kana irratti qabdan kamuu, eddoo #'leave a comment' jedhu tuquun bareessuu hin dagatinaa.
Namoonni miseensa asiin dura hin ta'in, baruumsa fakkata kanaa, ka asiin dura #kennamaa #turanii fi kana boodas #kennaman argachuu yoo barbaaddan, linkii asii gadii tuquun, garee Telegiraamaa seenaa nu hordofaa 👇

https://t.me/Xaalibu6504
#Turullee #dhugatuu #irra #aana

🥦🥦🥦🥦🥦🥦
#Kutaa #22 ffaa
🥦🥦🥦🥦🥦🥦

#Hojii #manaa
👇👇👇

Ragaa #Maatewos #27:46
dubbisuun, gaafii itti aanee dhufuuf, deebii sirrii ta'e filadhuu deebisi.
🍇🍇🍇🍇🍇🍇

Maatewos 27:46
" Gara sa'aatii salgaffaatti #Yesus sagalee guddaadhaan, "#Elii, #Elii lamaa sabaktanii?" jedhee waammate; kunis, "#Waaqayyoko, #Waaqayyoko maaliif na dhiifte?" jechuutti in hiikama. "
27:46 በዘጠኝ ሰዓትም #ኢየሱስ#ኤሎሄ #ኤሎሄ ላማ ሰበቅታኒ? ብሎ በታላቅ ድምፅ ጮኸ። ይህም። #አምላኬ #አምላኬ፥ ስለ ምን ተውኸኝ? ማለት ነው።

Gafii 👇👇👇
Akka ragaa #Maatewos 27:46 keessatti dubbatametti, hima kamtuu sirrii miti?

A. Yesuus sagalee guddaadhaan Rabbitti iyyate.
B. Yesuus ani Waaqayyoo keessan jedhee sagalee guddaadhaan dubbate.
C. Yesuus Waaqayyo koo, Waaqayyoo koo jedhee Waaqa qabaatuu ifatti ragaa bahe.
D. Hunduu hima sirrii miti.

🥦🥦🥦🥦🥦🥦

Worroonni Amantii Kiristaanaa nuuf deebisaa.

hawaasni keenna ammoo worroota Amantii Islaamummaatiin ala jiran biraan gahaa haqa jiru hubachiisaa.

Qabxiiwwan ijoon nuti ragaa #Maatewos 27:46 irraa argannu;

1ffaa- Yesuus sagalee guddaadhaan Rabbitti akka isaa tumsuuf iyyatuu, kun ammoo Yesuus uumaa Rabbitti hajamu, ka namaa tumsuu mitii ofii isaatiityu tumsa hin dandeenne ta'uu isaa. (#Yesus sagalee guddaadhaan, "#Elii, #Elii lamaa sabaktanii?" jedhee waammate yeroo jedhu).

B. Yesuus Waaqa osoo hin taane, uumama akkuma uumama kamuu waaqa qabu ta'uu isaa ifatti ragaa bahuu isaa ("#Waaqayyoko, #Waaqayyoko yeroo jedhu).

C. Yesuus cubbuu nama tokkootiifuu akka fannifamuufi, fedhiisi ta'ee karoora hin qabnee mudhisuu isaa (#Waaqayyo #koo #Waaqayyoo #koo #maaliif #na #dhiifte? Yeroo jedhu).

Jallataa hunda Rabbiin haa qajeelchu.
♻️♻️♻️♻️By:XR ♻️♻️♻️
Gaafii fi yaada baruumsa kana irratti qabdan kamuu, eddoo #'leave a comment' jedhu tuquun bareessuu hin dagatinaa.
Namoonni miseensa asiin dura hin ta'in, baruumsa fakkata kanaa, ka asiin dura #kennamaa #turanii fi kana boodas #kennaman argachuu yoo barbaaddan, linkii asii gadii tuquun, garee Telegiraamaa seenaa nu hordofaa 👇

https://t.me/Xaalibu6504
#Turullee #dhugatuu #irra #aana

🥦🥦🥦🥦🥦🥦
#Kutaa #34ffaa
🥦🥦🥦🥦🥦🥦

Gilgaala: Hubannoo yaada sammuu keessaa qabnuu fi ragaawwan jiru wol bira qabuun ittiin dhugaa madaallu:

Yesuus fi Waaqni tokko jedhamuun, dhugama akka namoonni tokko tokko yaadanitti, Yesuusfi Waaqni wol qixa yookaa Yesuus Waaqa jechuu agarsiisaa laata⁉️

🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦
Ragaawwan asii gadii keessa, isa kamtu #tokko dubbiin jedhu, #wol #qixa jechuu agarsiisa?

A. #Yohannis 10:29-30
#Abbaan koo inni anatti isaan kenne, #hundumaa #irra #guddaa dha; homtinuus harka abbaa koo keessaa isaan butachuu hin danda'u. Abbaanii fi ani tokko isaaniin jedhe.❞ የሰጠኝ አባቴ #ከሁሉ #ይበልጣል፥ ከአባቴም እጅ ሊነጥቃቸው ማንም አይችልም። እኔና አብ አንድ ነን።
Yesuus anaa fi Abbaan tokko jechuun duratti boqonnama namoonni tokko tokko ragaa taasifatan keessatti maal dubbate? "#Abbaan koo inni anatti isaan kenne, #hundumaa #irra #guddaadha" jedhe. Kanaafuu, Yesuus fi Waaqni wol qixa jechuun hin danda'amu.

B. #Yohannis 17:22
❝Akkuma nuyi tokko taane, #isaanis #tokko #haa #ta'aniif (#hordoftoonni #Yesuus #12ni jechuudha) , ulfina ati anaaf kennite isaaniif kenneera.❞ እኛም አንድ እንደ ሆንን #አንድ #ይሆኑ #ዘንድ፤ የሰጠኸኝን ክብር እኔ ሰጥቻቸዋለሁ፤
Akkuma Yesuus fi Waaqni tokko ta'anitti, hordoftoonni Yesuus 12ni tokko haa ta'anii jechuun, Yesuus fi Waaqni wol qixa ta'anii jiruu kanaafuu hordoftoonni Yesuus 12ni wol qixa haa ta'anii jechuu miti.

C. #1 #Qorontos 3:6-8
Ani nan dhaabe, Apholos bishaan obaase, Waaqayyo garuu in guddise. Waaqayyo isa guddisu sana malee, inni dhaabu, inni bishaan obaasus homaa miti. #Inni #dhaabe #isa #bishaan #obaasee #wajjin #tokko; adduma addaanis akka dadhabbii isaatti miindaa ofii isaatii in fudhata. እኔ ተከልሁ አጵሎስም አጠጣ ነገር ግን እግዚአብሔር ያሳድግ ነበር፤ እንግዲያስ የሚያሳድግ እግዚአብሔር እንጂ የሚተክል ቢሆን ወይም የሚያጠጣ ቢሆን አንዳች አይደለም። #የሚተክልና #የሚያጠጣ #አንድ #ናቸው፥ ነገር ግን እያንዳንዱ እንደ ራሱ ድካም መጠን የራሱን ደመወዝ ይቀበላል።
Yaadni "#Inni #dhaabe #isa #bishaan #obaasee #wajjin #tokko" jedhu wol qixa jechuu akka hin taane ifa.

D. #Yohannis 14:28
“'Amma nan adeema deebi'ees isin bira nan dhufa' akkan isiniin jedhe dhageessaniittu; utuu na jaallattu taatanii, waanan gara abbaa dhaquuf in gammaddu turtan, #abbaan #na #caala'o,” እኔ እሄዳለሁ ወደ እናንተም እመጣለሁ እንዳልኋችሁ ሰማችሁ። የምትወዱኝስ ብትሆኑ #ከእኔ #አብ #ይበልጣልና ወደ አብ በመሄዴ ደስ ባላችሁ ነበር።
Boqannaan kun hurrii namoota tokko tokko keessatti hafe, ka Rabbiin qajeelluma isaa hin feene malee ifa baase (#abbaan #na #caala'o/ #ከእኔ #አብ #ይበልጣልና" Yeroo jedhu).

E. Deebiin hin jiru.
🥦🥦
Qabxiiwwan ijoon nuti ragaawwan asii olii irraa argannu:

1ffaa- Yesuus afaanuma isaatiin dubbii wol diigu yeroo tokkotti ni dubbata jechuun waan hin malleef, dubbiin Yesuus boqannaa #Yohannis 10:29 ❝#Abbaan #hundumaa #irra #guddaadha" jedhu hubanno sirrii, yaada boqannama kana keessatti 30 irratti dubbatamee ni ta'aa jechuudha. Sunis, Waaqni waa hundaa irra guddaa ta'e sanii, Yesuus ergamaa isaa waan ta'eef, ergaan Yesuus qabatee deemuu sun ta Waaqatiin tokkoo ( tama Waaqaa sanii jechuudha).

2ffaa- Akkuma Yesuus fi Waaqni tokko ta'anitti, hordoftoonni Yesuus 12ni tokko haa ta'anii jechuun, Yesuus akkuma fedhii Waaqaa gegeessun kaayoo tokkoof (kaayoon fedhii isaa barsiisuu fi hojachuu hin taanee) jiraatutti, hordoftoonni Yesuus 12nisi kaayoo tokkoon (Waaqa tokkoof gabroottan ta'anii isa gabbaruu irratti) osoo gara gari hin baane, tokkoomanii haa jiraatanii jechuudha.

3ffaa- Yaadni "#Inni #dhaabe #isa #bishaan #obaasee #wajjin #tokko" jedhu ammoo, ka dhaabuu fi obaasulle kaayoo yookaa hawwii tokko qabuu. Sunis, biqiltuun isaan dhaaban sun guddattee galma geettee boru isaan hundaa fayyaduu (Inni tokko biqiltuun hin guddatin jedhee kuun haa guddattu miti, inni kuun boru biqiltuun sun akka na fayyadduuf dhaabee, kuun ammoo akka nan fayyadne hawwii jedhu karoorfatee mitii jechuudha).

4ffaa- Akkuma wolii galaatti, Yesuusimmaan "#abbaan #na #caala'o/ #ከእኔ #አብ #ይበልጣልና" jedhe gaabbee, Anaa fi Waaqni wol qixa jechuudhaaf, anaa fi Waaqni tokko jedhe jedhanii yaaduu fi haasawu irra, anaa fi Waaqni tokko jechuun, kaayoon tiyyaa fi Waaqaa tokkoo (kaayoon ani gegeessa jiru ta Waaqni na ajaje qofa) jechuu akka taate mirkaneessa.

https://t.me/Xaaliburidallah