Turullee Dhugatu Mo'ata
11K subscribers
514 photos
129 videos
110 files
414 links
Sobni miseensa guddaa qabaatuun yeroo dheerefatun ni malaa, garuu dhugaa hinjifatuu ammoo gonkumaa hin danda'u.
Download Telegram
#Islaamummaan Amantiin haqaa, ta Rabbiin abbaa ufii jaalate fi filatee keennu, #Amantii #eennu #irratti #jiraataa #ture?
Hedduun ilma nama, ka kufrii keessa jiru jechuudhaa, akka Amantii inni irra jiru karaa jallinnaa ta'uu namni itti hin beekneef jecha, maqaa nabiyyoota Rabbii jijjiruun (fkn Nabi Ibraahim Abraham jedhuun, Nabi Muusaan Muusee jechuun, Nabi Iisaan Yesuus jechuun kkf ) nuti isaan hordofnaa, Amantii keenna ka Isaan itti nu ajajanii yookaa karaa isaan irra turanii jedhanii fakkeessuun jallatanii namas jallisu.
Wonti nama raajee nama hin dhiifne Biiliyoonni ilma nama ka maqaa Nabiyyootaatiin kufrii daldalu keessaa namuma tokko (ka Islaamummaan ala jiru keessa jechuu) ka Amantiin inni karaa Nabiyyoota maqaa jijjiranii waamanii nu isaan hordofna jedhanii fakkeessanii ta'uu ragaan siif ibsu gonkumaa hin argamnelle hin argamulle.
Fakkeenna tokko yoo fudhanne, irra hedduun Amantii addunyaa tana irratti argamuu Nabi Ibraahimiin (Abraham), nama Rabbiin isa filate, nama Rabbii isaatii ajajamaa ta'e (Nabiyyii Rabbii ta'uu) hedduun ilma nama ni amanuu. Abbaa iimaana keessatti hangafaa (father of faith) jedhanii waamu. Dabalataanis nama karaan isaa karaa qajeelaa ture, nama Rabbiin isa filate, nama ajaja Rabbii fudhate ta'uu hedduun namaa osoma amanu garuu rakkoon jiru hawaasa Muslimaatiin ala nama jiru keessaa namuma tokko ka Amantii Nabi Ibraahim ragaadhaan siif himu gonkumaa hin argitu. Rabbiin waa'ee Nabiyyii isaa Nabi Ibraahim yeroo dubbatu akka Inni Amantii haqaa, Amantii Rabbiin worrota gaggaarii irratti isaan jiraachise irratti jiraataa ture haala armaan gadii kanaan ibsa
🍇🍇🍇🍇🍇🍇🍇
Suuraa Al-Imraan 3:67 👇🏻
مَا كَانَ إِبۡرَٰهِيمُ يَهُودِيّٗا وَلَا نَصۡرَانِيّٗا
وَلَٰكِن كَانَ حَنِيفٗا مُّسۡلِمٗا
وَمَا كَانَ مِنَ ٱلۡمُشۡرِكِينَ
#Ibraahiim #yahuudas #kiristaanas #hin #taane Garuu inni #Muslima qajeelaa ture Inni #mushrikoota irraas #hin #taane.
🍇🍇🍇🍇🍇🍇🍇
Suuraa Haji 22:78
وَجَٰهِدُواْ فِي ٱللَّهِ حَقَّ جِهَادِهِۦۚ
هُوَ ٱجۡتَبَىٰكُمۡ وَمَا جَعَلَ عَلَيۡكُمۡ
فِي ٱلدِّينِ مِنۡ حَرَجٖۚ مِّلَّةَ أَبِيكُمۡ إِبۡرَٰهِيمَۚ هُوَ سَمَّىٰكُمُ ٱلۡمُسۡلِمِينَ
مِن قَبۡلُ وَفِي هَٰذَا
لِيَكُونَ ٱلرَّسُولُ شَهِيدًا عَلَيۡكُمۡ
وَتَكُونُواْ شُهَدَآءَ عَلَى ٱلنَّاسِۚ
فَأَقِيمُواْ ٱلصَّلَوٰةَ وَءَاتُواْ ٱلزَّكَوٰةَ
وَٱعۡتَصِمُواْ بِٱللَّهِ هُوَ مَوۡلَىٰكُمۡۖ
فَنِعۡمَ ٱلۡمَوۡلَىٰ وَنِعۡمَ ٱلنَّصِيرُ
Qabsoo Isaaf malu (Karaa) Rabbii keessatti qabsaa’aa; #Inni #isin #filateera; amantii keessatti dhiphina tokkollee isin irratti hin goone #Karaa #abbaa #keessan #Ibraahiim (deemaa) Akka ergamaan Rabbii isin irratti ragaa ba’uufi isinis namoota irratti ragaa baataniif Isatu (#Rabbitu) #kana #duraafi (Qur’aana) kana keessattis #Muslimoota #isin #moggaase Kanaaf salaata dhaabaa; zakaa kennaa; Rabbiin ciminaan qabadhaa Inni jaalalloo keessani Jaalallee ta'uuf waa tolee! Gargaaraa ta'uufis waa tole!
🍇🍇🍇🍇🍇🍇🍇
*Qabxiiwwan ijoon 👇
1ffaa- Fakkeenni gaariin hawaasa Muslimaa (roll model) Nabiyyoota Rabbii yoo ta'uu, ka worrota Islaamumman ala jiru garuu yoo maqaa Nabiyyoota jijjiraa ittiin daldaluu taate malee akka homaa hin jirre (yoo sheeyxaana taate malee ) ta'uu hubanna.
2ffaa- Amantiin Islaamaa, Amantii Rabbiin jaalate/filate fi worrota filatamoo ta'ee gubbaa haga jalaatti badhaase ta'uu hubanna.
3ffaa- Islaamumman Amantii guyyaa keessaa namaan moggaafame osoo hin taane Amantii Rabbiin ilma nama irratti uume ka Nabiyyoonni gaggaariin hedduun namaa isaan jaalatu fi maqaa isaanii jijjiree waamu irratti jiraataa turan ta'uu hubanna.Wolumaa galatti Islaamumman Amantii Rabbiin jaalate/filate, ilma namaa irratti nama uume, kara Nabiyyoonni Rabbii irratti jiraataa turan ta'uu hubannee, karaa jaalatamaa Rabbiin worrota isaan jaalate irratti jiraachise san irratti jiraanne akka milkoofnu, Amantii guyyaa keessa namaan moggaafame ka ragaa (ka wobii tokkoo hin qabne) hunda irraa akka fagaannu dhaamsa jedhu isiniif dabarsuu barbaada.
Namni Amantii Rabbiin jaalate/filate tana hordofuu dide guyyaa boruu maal akka ta'uu hedu hoo beektuu? kutaa itti aanu nu eegadha.
♻️♻️♻️♻️By:XR ♻️♻️♻️


https://t.me/Xaaliburidallah
KUTAA 7ffaa

Fayyisaan dhugaa Waaqa moo Yesuus?

Dogongorri kan kitaaba (Macaafa Qulqulluu) ti moo kan worra kitaaba hordofna jedhuuti laata?

Kitaabni kan jedhu, fayyisaan Waaqa, kan rakkoo kamuu nama irraa furuu danda’uu jedha.

Worroonni amantii Kiristaanaa ni hordofnaa ufiin jedhan ammoo dubbiin kitaabaa sirrii mitii fayyisaan Waaqaa osoo hin taane Yesuus jedhu. Kanaafuu eenyutuu dogongore haa jennu?
Mee ragaawwan armaan gadii 3n wojjiin haa dubbisnuu:-

Ibroota 5:7 👇🏻
" Yesus biyya lafaa kana irra yeroo jiraachaa turetti, sagalee guddaadhaan #imimmaaniin, #kadhataa fi #waammata #gara #isa #du'a #isa #oolchuu #danda'uutti #dhi'eesse ; sababii inni ulfina Waaqayyoof gad of deebisee, isatti of kennateefis, kadhanni isaa in dhaga'ameef." (#Yesuus)
ወደ ዕብራውያን 5:7 እርሱም በስጋው ወራት #ከሞት #ሊያድነው #ወደሚችል #ከብርቱ #ጩኸትና #ከእንባ #ጋር #ጸሎትንና #ምልጃን #አቀረበ፥ እግዚአብሔርንም ስለ መፍራቱ ተሰማለት፤

2⃣ Yohannis 12:27👇🏻
" #Yesus #itti #fufee, "#Amma #lubbuun #koo #dhiphatteetti; egaa, #Yaa #abbaa #yeroottii #kana #na #oolchi!' jedhu moo ree? Garuu sababiidhuma kanaaf ani immoo gara yerottii kanaa dhufe."
የዮሐንስ ወንጌል 12:27 አሁን ነፍሴ ታውካለች ምንስ እላለሁ? #አባት #ሆይ#ከዚህ #ሰዓት #አድነኝ። ነገር ግን ስለዚህ ወደዚህ ሰዓት መጣሁ።
🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀
3⃣ Macaafa Isaayaas Raajichaa 43:10-11 👇🏻
10 Waaqayyo, "Yaa saba nana, isin dhuga-baatuu koo ti, garbichi ani fo'adhes isinuma, isin akka beektaniif akka amantanitti, isa kana kan godhe ana Waaqayyo akka ta'e akka hubattanitti, ana dura Waaqayyo kan biraa hin turre, ana booddees Waaqayyo kan biraa hin jiraatu.
11 #Ana #duwwaatu #Waaqayyoodha, #ana #malee #fayyisaan #kan #biraa #hinjiru.
ትንቢተ ኢሳይያስ 43 10፤ ታውቁና ታምኑብኝ ዘንድ እኔም እንደሆንሁ ታስተውሉ ዘንድ፥ እናንተ የመረጥሁትም ባሪያዬ ምስክሮቼ ናችሁ ይላል እግዚአብሔር፤ ከእኔ በፊት አምላክ አልተሠራም ከእኔም በኋላ አይሆንም።
11፤ #እኔ#እኔ #እግዚአብሔር #ነኝ#ከእኔ #ሌላም #የሚያድን #የለም

Qabxiiwwan ijoon nuti ragaawwan asii olitti dhiyaatan 3n irraa hubannu:-

1ffaa- Yesuus nama fayyiisuuf dandeettii fi aangoo tokkollee akka hin qabne, inumaayuu Rabbii waa hunda irratti dandeetti qabuuf booyichaan akka du’a isa oolchuuf Rabbii fayyisuus ta’ee du’a oolchu dandeetti qabu kadhataa yookaa waamataa akka ture ifatti muldhisa.

2ffaa- Yesuus sababa inni aangoo fi dandeettiin hundi kan Rabbii ta’uu beekuuf Rabbii isaatiif of gad deebisee Rabbitti of kennee imimaaniin isa kadhateef Rabbiinillee isaa awwaatu mudhisa.

3ffaa- Rabbiin fayyisaan dhugaa isa jalqabaa kan wonti tokkoo isa dura hin turin, akkasumas isa xumuraa kan wonti tokkoo isa booda hin taane san ta’uu mirkaneessa. Waaqni fayyisaan dhugaa sun kan waa hundaa fayyisu kan Yesuusiinillee fayyise ta’uu nuuf addeessa.

4ffaa. Akkuma wolii galaatti worroonni Yesuus fayyisaadhaa jedhanii dhaadatan, Yesuus ufiifuu gaafa rakkatu akka Rabbiin (Waaqni) waan hundaa danda’u rakkoo Isa oolchuuf ( isa fayyisuuf ) akka isaa birmatuuf kadhataa turuu fi dabalataanis Waaqni ana malee fayyisaan biroo hin jiruu jedhee jira. Kanaafuu yoo dubbiin Macaafa Isaayaas Raajichaa 43:10-11 sirrii mitii, yookaa dubbiin Waaqni dubbate sirrii mitii jechuu taate malee, Fayyisaan dhugaa kan Yesuusii fi uumama hundaatuu Waaqa qofa ta’uu beektanii Yesuus fayyisa jechi jedhu dubbii sirrii akka hin taane ifatti mirkaneefattuu jechu.

Jallataa hunda Rabbiin haa qajeelchu.
♻️♻️♻️♻️By:XR ♻️♻️♻️
Worronni baruumsa Amantii Islaamaa fi Kiristaanaa wol bira qabuun baratu barbaaddan garee Chaanaala asii gadii tuqaa seenaa 👇
https://t.me/Xaalibu6504