Turullee Dhugatu Mo'ata
12K subscribers
537 photos
163 videos
120 files
451 links
Sobni miseensa guddaa qabaatuun yeroo dheerefatun ni malaa, garuu dhugaa hinjifatuu ammoo gonkumaa hin danda'u.
Download Telegram
Kutaa 4ffaa

Yesuus eenyuuf ergame?

Yesuus nuyiif ergamee jedhanii worroonni yaadan, mee gaafii kanaaf deebii maal qabu laata?

A. isaantu worroota Israa’eliiti moo?

B. Israa’el jechutuu Addunyaa guutuu jechuudha moo?

C. Jecha Yesuusii kan Maatewos 15:24 keessatti dubbate kijiba jedhaa jiran laata?

Maatewos 15:22-24
Kunoo, dubartiin Kana'aan tokko naanna'aa biyya sanaatii dhuftee sagalee guddaadhaan, "Ilma Daawit, gooftaa koo! Intalli koo hafuura hamaadhaan qabamtee jirti, anaaf maari!" jette.
Yesus garuu sagalee tokko iyyuu isheef hin deebifne. Bartoonni isaa yommus gara isaa dhufanii, "Ishee nu booddeedhaa iyyaa adeemtu kana, waan isheen barbaaddu godhiifii of biraa deebisi!" jedhaniin.
" Inni immoo deebisee, "#Ani warra akka hoolotaa karaa irraa goranii #mana #Israa'elii badan #duwwaaf malee #hinergamne" jedheen. "

እነሆም፥ ከነናዊት ሴት ከዚያ አገር ወጥታ። ጌታ ሆይ፥ የዳዊት ልጅ፥ ማረኝ፤ ልጄን ጋኔን ክፉኛ ይዞአታል ብላ ጮኸች።እርሱ ግን አንዳች አልመለሰላትም። ደቀ መዛሙርቱም ቀርበው። በኋላችን ትጮኻለችና አሰናብታት እያሉ ለመኑት።እርሱም መልሶ። #ከእስራኤል #ቤት #ለጠፉት በጎች #በቀር #አልተላክሁም አለ።

Qabxiiwwan ijoon asi biratti hubatamuu qabu
1ffaa- Yesuus dubartii Kana’aan maaf ofirraa ari’e? Ani warra akka hoolotaa karaa irraa goranii mana Israa’eel badan duwwaf malee hin ergamne maaf jedhe? Yoo akka namoonni tokko tokko yaadanitti Yesuus addunyaaf ergame, dubartiin biyyi Kana’aan maaf keessaa hafte? Moo Yesuustu haqa dabsee nama ija qixaatiin hin tajaajille saniif akkas jedhee jechuu hedu?

Dabalataanis worroonni #Israa’el jechuun #Adduniyaa hundaa jechutti yaadan, yoo dhugama Israa’el jechuun Addunyaa jechuu taate, hordoftoota isaa maaf #Mandara #warra #Saamaariyaa fi kara #saba #Waaqayoo hin ta’inii irra goraa jedha? sunniin Addunyaa keessatti hin laakahamanii? Mee dubbii Maatewos 10:5-6 jiru wojjiin haa dubbisnuu!

Maatewos 10:5-6 ⤵️
Isaan kudha lamaan kana Yesus ergee, "Karaa #saba #Waaqayyoo warra hin ta'initti isin geessu irra hin gorinaa, mandara warra #Samaariyaa tokko illees hin lixinaa! Kanaa mannaa gara warra akka hoolotaa karaa irraa goranii #mana #Israa'elii #badanii #dhaqaa!
እነዚህን አሥራ ሁለቱን ኢየሱስ ላካቸው፥ አዘዛቸውም፥ እንዲህም አለ። #በአሕዛብ መንገድ አትሂዱ፥ ወደ #ሳምራውያንም ከተማ አትግቡ፤
10: 6 ይልቅስ #የእስራኤል #ቤት ወደሚሆኑ #ወደ #ጠፉት #በጎች #ሂዱ #እንጂ

Akkuma wolii galaatti kutaa 4ffaa baruumsa keennaa irraa qabxiiwwan ijoon nuti fudhannu:-

1ffaa- Yesuus ifatti mana Israa’elii duwwaaf ergame tahuu.

2ffaa- sababa Yesuus warra Israa’elii duwwaaf ergameef dubartii biyya Kana’aan osoo isheen itti boottu ufirraa deebisuu isaa.

3ffaa- sababa Yesuus warra Israa’eliif duwwaaf ergameef jecha Hordoftoota Isaallee biyya biroo irraa goranii akka warra Israa’elii duwwaa deeman ajajuu isaa (Yesuus) hubannaa jechu.

Jallataa hunda Rabbiin haa qajeelchu.

♻️♻️♻️♻️By:XR ♻️♻️♻️
Worronni baruumsa Amantii Islaamaa fi Kiristaanaa wol bira qabuun baratu barbaaddan garee Chaanaala asii gadii tuqaa seenaa 👇

https://t.me/Xaaliburidallah
#Turullee #dhugatuu #irra #aana

🥦🥦🥦🥦🥦🥦
#Kutaa #21 ffaa
🥦🥦🥦🥦🥦🥦

#Hojii #manaa
👇👇👇

Ragaa 1 #Ximotewos 2:5
dubbisuun, gaafii itti aanee dhufuuf, deebii sirrii ta'e filadhuu deebisi.

🍇🍇🍇🍇🍇🍇

1 Ximotewos 2:5
" Waaqayyo tokkicha, inni gidduu dhaabatee Waaqayyoo fi nama #walitti #fidus #tokkicha, inni immoo Kristos Yesus isa #nama #ta'ee (mul'atee) dha."
1ኛ ወደ ጢሞቴዎስ 2:5 አንድ እግዚአብሔር አለና፥ በእግዚአብሔርና በሰውም መካከል ያለው #መካከለኛው ደግሞ አንድ አለ፥ እርሱም #ሰው #የሆነ ክርስቶስ ኢየሱስ ነው፤
1 Timothy 2:5. For there is one God, and #one #mediator between God and men, #the #man Christ Jesus;

Gafii 👇👇👇
Akka ragaa 1 #Ximotewos 2:5 keessatti dubbatametti, hima kamtuu sirriidha?

A. Waaqayyon tokkicha, Yesuus jedhamee jira.

B. Yesuus nama osoo hin taane ilma Waaqaati jedhamee jira.

C. Yesuus jechuun, isa jidduu waaqaa fi ilma namaa jiraate, Waaqaa fi namoota wolitti fidu jedhamee jira.

D. Hunduu deebii sirrii ta'e.

🥦🥦🥦🥦🥦🥦

Worroonni Amantii Kiristaanaa nuuf deebisaa.

hawaasni keenna ammoo worroota Amantii Islaamummaatiin ala jiran biraan gahaa haqa jiru hubachiisaa.

Qabxiiwwan ijoon nuti ragaa 1 #Ximotewos 2:5
irraa argannu;

1ffaa- Waaqni dhugaa tokkicha malee, waaqa lama yookaa sadi jedhamu akka hin taane (#Waaqayyo #tokkicha yeroo jedhu)

2ffaa- Yesuus jechuun isa Waaqaa fi namoota wolitti fidu (ergamaa Rabbiin ergate, ka seera Rabbiin irraa fide namatti geessuun, ilma namaa akka Rabbiin inni beeku taasisu) qofa akka ta'e (#inni #gidduu #dhaabatee #Waaqayyoo fi #nama #walitti #fidus #tokkicha yeroo jedhu).

3ffaa- Yesuus nama malee Waaqaa yookaa ilma Waaqaati dubbiin jedhu olola akka ta'e ifatti hubannaa jechuudh (#inni #immoo #Kristos #Yesus #isa #nama #ta'e Yeroo jedhu).

Jallataa hunda Rabbiin haa qajeelchu.
♻️♻️♻️♻️By:XR ♻️♻️♻️
Gaafii fi yaada baruumsa kana irratti qabdan kamuu, eddoo #'leave a comment' jedhu tuquun bareessuu hin dagatinaa.
Namoonni miseensa asiin dura hin ta'in, baruumsa fakkata kanaa, ka asiin dura #kennamaa #turanii fi kana boodas #kennaman argachuu yoo barbaaddan, linkii asii gadii tuquun, garee Telegiraamaa seenaa nu hordofaa 👇

https://t.me/Xaalibu6504
#Turullee #dhugatuu #irra #aana

🥦🥦🥦🥦🥦🥦
#Kutaa #22 ffaa
🥦🥦🥦🥦🥦🥦

#Hojii #manaa
👇👇👇

Ragaa #Maatewos #27:46
dubbisuun, gaafii itti aanee dhufuuf, deebii sirrii ta'e filadhuu deebisi.
🍇🍇🍇🍇🍇🍇

Maatewos 27:46
" Gara sa'aatii salgaffaatti #Yesus sagalee guddaadhaan, "#Elii, #Elii lamaa sabaktanii?" jedhee waammate; kunis, "#Waaqayyoko, #Waaqayyoko maaliif na dhiifte?" jechuutti in hiikama. "
27:46 በዘጠኝ ሰዓትም #ኢየሱስ#ኤሎሄ #ኤሎሄ ላማ ሰበቅታኒ? ብሎ በታላቅ ድምፅ ጮኸ። ይህም። #አምላኬ #አምላኬ፥ ስለ ምን ተውኸኝ? ማለት ነው።

Gafii 👇👇👇
Akka ragaa #Maatewos 27:46 keessatti dubbatametti, hima kamtuu sirrii miti?

A. Yesuus sagalee guddaadhaan Rabbitti iyyate.
B. Yesuus ani Waaqayyoo keessan jedhee sagalee guddaadhaan dubbate.
C. Yesuus Waaqayyo koo, Waaqayyoo koo jedhee Waaqa qabaatuu ifatti ragaa bahe.
D. Hunduu hima sirrii miti.

🥦🥦🥦🥦🥦🥦

Worroonni Amantii Kiristaanaa nuuf deebisaa.

hawaasni keenna ammoo worroota Amantii Islaamummaatiin ala jiran biraan gahaa haqa jiru hubachiisaa.

Qabxiiwwan ijoon nuti ragaa #Maatewos 27:46 irraa argannu;

1ffaa- Yesuus sagalee guddaadhaan Rabbitti akka isaa tumsuuf iyyatuu, kun ammoo Yesuus uumaa Rabbitti hajamu, ka namaa tumsuu mitii ofii isaatiityu tumsa hin dandeenne ta'uu isaa. (#Yesus sagalee guddaadhaan, "#Elii, #Elii lamaa sabaktanii?" jedhee waammate yeroo jedhu).

B. Yesuus Waaqa osoo hin taane, uumama akkuma uumama kamuu waaqa qabu ta'uu isaa ifatti ragaa bahuu isaa ("#Waaqayyoko, #Waaqayyoko yeroo jedhu).

C. Yesuus cubbuu nama tokkootiifuu akka fannifamuufi, fedhiisi ta'ee karoora hin qabnee mudhisuu isaa (#Waaqayyo #koo #Waaqayyoo #koo #maaliif #na #dhiifte? Yeroo jedhu).

Jallataa hunda Rabbiin haa qajeelchu.
♻️♻️♻️♻️By:XR ♻️♻️♻️
Gaafii fi yaada baruumsa kana irratti qabdan kamuu, eddoo #'leave a comment' jedhu tuquun bareessuu hin dagatinaa.
Namoonni miseensa asiin dura hin ta'in, baruumsa fakkata kanaa, ka asiin dura #kennamaa #turanii fi kana boodas #kennaman argachuu yoo barbaaddan, linkii asii gadii tuquun, garee Telegiraamaa seenaa nu hordofaa 👇

https://t.me/Xaalibu6504
#Turullee #dhugatuu #irra #aana

🥦🥦🥦🥦🥦🥦
#Kutaa #31ffaa
🥦🥦🥦🥦🥦🥦

#Gilgaala #sammuu #shaakalchiisuu

Ragaawwan boqannaa asii gadii keessaa, hiikkaan sirrii #ilma #Waaqayyo jechuu, #gabricha #Waaqaa ta’uu agarsiisu hima kam?

A. #Maatewos 5:9
" Warri nagaa buusan haa gammadan, #isaan #ijoollee #Waaqayyoo in #jedhamu. የሚያስተራርቁ ብፁዓን ናቸው፥ #የእግዚአብሔር #ልጆች #ይባላሉና። Kanaafuu, ilma namaa keessaa, worroonni nagaha buusan hundi gabroota Waaqaati jechuudha.

B. #Roomaa 8:14
#Warri #hafuura #Waaqayyootiin #geggeeffaman #hundinuu #ilmaan #Waaqayyoo ti.”
#በእግዚአብሔር #መንፈስ #የሚመሩ #ሁሉ እነዚህ #የእግዚአብሔር #ልጆች ናቸውና። ። Kanaafuu, ilma namaa keessaa, Warri hafuura Waaqayyootiin geggeeffaman hundi gabroota Waaqaati jechuudha.

C. #Luqaas 3:38
" ilma Enosh, ilma Sheet, ilma Addaam, #ilma #Waaqayyoo." የመላልኤል ልጅ፥ የቃይናን ልጅ፥ የሄኖስ ልጅ፥ የሴት ልጅ፥ #የአዳም ልጅ፥ #የእግዚአብሔር ልጅ።
( #Addaam ilma #Waaqayyo jechuun, Aadam gabricha Waaqaati jechuudha).

D. #Galaatiyaa 4:4-5
Barri murameef sun yeroo guutetti garuu, Waaqayyo #ilma #isaa erge; innis yeroo ergame dubartii irraa dhalatee, seera jala galfame. Inni warra seera jala jiran furuudhaaf, #nuyis #ilmaan #Waaqayyoo #taanee akka guddifamnuuf kana godhe.
ወደ #ገላትያ #ሰዎች 4:4-5
ነገር ግን የዘመኑ ፍጻሜ በደረሰ ጊዜ እግዚአብሔር ከሴት የተወለደውን ከሕግም በታች የተወለደውን ልጁን ላከ፤#እንደ #ልጆች #እንሆን #ዘንድ፥ ከሕግ በታች ያሉትን ይዋጅ ዘንድ። (Yesuusillee gabricha Rabbiiti, nullee gabroottan Rabbiiti jechuudha).

🥦🥦🥦🥦🥦🥦

Qabxiiwwan ijoon nuti ragaawwan asii olii irraa argannu;

1ffaa - Worroonni nagaha buusan hundi, Warri hafuura Waaqayyootiin geggeeffaman hundi, Addaam ilma Waaqayyo waan jedhameef ilmaan Aadam hundi, warra seera jala jiran Yesuus fi worroonni inni itti ergamee hundi, Wolumaa galatti ilmi namaa hundi ilmaan Waaqaati jedhumuun hiika #tokko fi #tokko #qofa akka qabu, sunis #gabroottan #Rabbii ta'uu isaati. Namni yaada kana mormu yoo jiraate, namoota boqonnaan kitaabaa Macaafa Qulqulluu keessaa ragoonni kun irratti argamu ( #Maatewos 5:9, #Roomaa 8:14, #Luqaas 3:38 fi #Galaatiyaa 4:4-5) guutuun jechoota dogongora, sobaa, ololaa yookaa kijibaa jedhee nama yaaduu fi dhugaan bareeduma Islaamummaa nama hin beekne qofa ta'uu mirkaneessa.

2ffaa - Gabaabinnaan, worroonni Yesuus ilma Waaqa jedhamee dubbatame kitaaba kakuu moofaa yookaa haarawa keessatti yaada jedhuun, #hiika #sirrii #wollaalun #dogongora #hamaa #keessa #seentan, filannoo lamaan keessaa tokko qofa qabuu; yookaa #Macaafa #Qulqulluu #keessatti #jechoonni #sirrii #hin #taane, ka #fudhatama #hin #qabne, ka yaada dogongora qaban waan jiraniif, #kitaaba #cinaa malee #hunda #hin #fudhannuu jechuun Yesuus ilma Waaqaati ka jedhu qofa faarsuu, yookaa ammmo #kitaaba #amantii isaanii #kabajanii, Yesuus ilma Waaqaati jechuun #Yesuus #gabricha #Rabbii ta'uu #amaniin #fudhatu.

#HUB:
Dhaadannoon dharaa, dhugaa akka aduu iftu hin dhossuu, yoo abbaa iyyu qofa dhamaasuu taate malee

Jallataa hunda Rabbiin haa qajeelchu.
♻️♻️♻️♻️By:XR ♻️♻️♻️
Gaafii fi yaada baruumsa kana irratti qabdan kamuu, eddoo #'leave a comment' jedhu tuquun bareessuu hin dagatinaa.
Namoonni miseensa asiin dura hin ta'in, baruumsa fakkata kanaa, ka asiin dura #kennamaa #turanii fi kana boodas #kennaman argachuu yoo barbaaddan, linkii asii gadii tuquun, garee Telegiraamaa seenaa nu hordofaa 👇

https://t.me/Xaalibu6504
#Turullee #dhugatuu #irra #aana

🥦🥦🥦🥦🥦🥦
#Kutaa #37ffaa
🥦🥦🥦🥦🥦🥦

#Gilgaala: Hubannoo duraan sammuu keessaa qabnuu fi ragaawwan dubbisnu wol bira qabuun, kallattii dhugaa  ittiin madaallu:

Namoonni Yesuus Waaqa jedhanii yaadan, mee amaloota armaan gadii kan Yesuus keessaa, amala isa kamtu, kan Waaqaati osoo jedhamee, sammuun isaanii fudhatti laata⁉️

🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦

A. #Luqaas 1:31 “Kunoo, in ulfoofta ilmas in deessa, maqaa isaa immoo Yesus jedhii moggaasi!”  #የሉቃስ #ወንጌል 1:31 እነሆም፥ #ትፀንሻለሽ #ወንድ #ልጅም #ትወልጃለሽ፥ ስሙንም ኢየሱስ ትዪዋለሽ።
Gaafii: Akka Wangeela kanaatti, Maariyaam Yesuusiin ulfooftee ilma deette jedhaa, garuu Maariyaam Waaqa ulfooftee deette, sanuu Waaqa #ወንድ #ልጅ jedhamu osoo jedhamee, sammuu akkamtu fudhata⁉️

B. #Luqaas 3:23 “Yesus hojii isaa yommuu jalqabe, #dhalatee akka #waggaa #soddomaa ti; #hidda #dhaloota #isaa yeroo lakkaa'anis #ilma #Yoseef jedhaniin; Yoseef ilma Elii,”
Gaafii; Akka ragaa Wangeela kanaatti, Yesuus dhalatee, akkasumas woggaa 30tti hojii eegalee jedha, Waaqni dhalatee ammas woggaa 30tti hojii eegale jechuun taatii⁉️ Hanga saniif hoo, eennutu eddoo Waaqaa bu'ee hojjata ture jedhu laata, worroonni akkas yaadni⁉️ Hiddi dhaloota Yesuus ilma Yoseef, garuu hiddi dhaloota Waaqaa ilma Yoseef yoo jedhame fudhatama qabaa⁉️

C. #Luqaas 2:52 “Yesus immoo #Waaqayyoo fi #namoota #irraa ayyaana argachaa, #namummaadhaa fi #ogummaatti in #guddata ture.”  #የሉቃስ ወንጌል 2:52 ኢየሱስም ደግሞ #በጥበብና #በቁመት #በሞገስም በእግዚአብሔርና በሰው ፊት #ያድግ ነበር።
Gaafii:- Akka Wangeela kanaatti,Yesuus Waaqayyoo fi namoota irraa  ayyaana argachaa guddate, garuu Waaqni Yesuusii fi namoota irraa ayyaana argachaa guddate osoo jedhamee fudhatama qabaa⁉️ Akkasumas, Yesuus namummaa fi ogummaan guddate jedhaa, garuu Waaqni namummaa fi ogumman guddatee jechuun taatii⁉️

🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦

Qabxiiwwan ijoon nuti ragaawwan asii olii irraa argannu:

1ffaa- #Yesuus akkuma ilma namaa kamuu, #garaa #Maariyaam (Mariyam) #ulfaan #ji'oota 9 #oliif turee, akkuma ilma namaa kamiitti #dhalate (#argamee). Garuu amalli kun ka Yesuus malee, ulfaan garaa keessa  turuu fi akkasuma dhalatuun (#argamuun) amala Waaqa akka hin taane, akkasumas #Yesuus akka #Waaqa #hin #taane hubannaa jechuudha.

2ffaa- #Yesuus #dhalatee #woggaa 30 #hojii isaa #jalqabee, akkasumas #hiddi #dhaloota isaa ni beekkama, garuu amalli kun hundi, Waaqaan himuun gonkumaa hin malu.

3ffaa- #Yesuus #Waaqayyo fi #nama irraa ayyaana argachaa #guddate, akkasumas Yesuus #namummaa fi #ogummaan #guddate, garuu amalli kun hundi Waaqaan himuun haala kamuu keessatti hin malu. Kanaafuu, #Yesuus #Waaqa jechuun #gonkumaa #hin #maluu jechuudha.

Akkuma woliigalaatti, Yesuus kaleessa amala numammaa qabaa, amma Waaqummaatti geeddaramuu hin ooluu jedhanii worroota yaadaniif, ragaa #Ibroota 13:8 deebii quubsaa ni ta'a.👇
#Yesus #Kristos #kaleessa #isuma #ture, #har'as #bara #baraanis #isuma #sana !” #ኢየሱስ #ክርስቶስ #ትናንትና #ዛሬ #እስከ #ለዘላለምም #ያው #ነው
Jesus Christ the same yesterday, and to day, and for ever.

🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦

#Worroota #Amanti Kiristaanaatiif;
1 #Tasaloniiqee 5:21
" Garuu waan hundumaa qoraa, #isa #gaarii #jabeessaatii #qabadhaa! "
1ኛ ወደ ተሰሎንቄ ሰዎች 5:21 ሁሉን ፈትኑ #መልካሙንም #ያዙ👆👆👆dhaamsa jedhu isinii dhaamaa.

hawaasni keenna ammoo, "#sababa #keetiin #namni "tokko "qajeeluun, #gaala #diddiimaa #karaa #Rabbii #keessatti #kennatu #siif #caala, ka Nabiyyiin Rabbii (nagahaa fi Rahmanni Rabbii isaan irratti haa jiraatu), jedhanii Aliyyiif dhaaman siif dhaama. Sheer taasisuun sin kafalchiisu, lammiiwwan keenna beektu hundaa ergii, toltuu guyyaa boruutti si fayyaddu guduunfadhu.

Jallataa hunda Rabbiin haa qajeelchu.
♻️♻️♻️♻️By:XR ♻️♻️♻️
Gaafii fi yaada baruumsa kana irratti qabdan kamuu, eddoo #'leave a comment' jedhu tuquun bareessuu hin dagatinaa.
Namoonni miseensa asiin dura hin ta'in, baruumsa fakkata kanaa, ka asiin dura #kennamaa #turanii fi kana boodas #kennaman argachuu yoo barbaaddan, linkii  asii gadii tuquun, garee Telegiraamaa seenaa nu hordofaa 👇

https://t.me/Xaaliburidallah
#Turullee #dhugatuu #irra #aana

🥦🥦🥦🥦🥦🥦
#Kutaa #39ffaa
🥦🥦🥦🥦🥦🥦

#Gilgaala: Hubannoo duraan sammuu keessaa qabnuu fi ragaawwan dubbisnu wol bira qabuun, kallattii dhugaa  ittiin madaallu:

#Yesuus #eenyuuf #ergame beektuu?

Yesuus nuyiif ergamee jedhanii worroonni yaadan, mee gaafii kanaaf deebii maal qabu laata?

A. Yesuus saba Israa'elii bulchuuf ni ba'aa jedhamee (akka #Maatewos 2:6 tti), isaan Yesuus nuuf ergame jedhan, isaantu worroota Israa’elii⁉️

B. Waaqni #geeddarannaa #yaadaa fi #dhiifama #cubbuu Israa’eliif kennuudhaaf Yesuus ergee jedhaa (akka #Hojii #Ergamootaa 5:31tti), Israa’el jechuun Oromoo fi Amaara yookaa saba biroo jechuudhaa⁉️

C. Yesuus yoo Addunyaa guutuuf ergame, dubartii Kana’aan maaf ofirraa ari’e?

D. "#Ani warra akka hoolotaa karaa irraa goranii #mana #Israa'elii badan #duwwaaf malee #hinergamne" jedhee Yesuus, Jecha Yesuusii Maatewos 15:24 keessatti dubbate sobaa jechuuf, Yesuus nuuf ergame jedhaa jiran laata?

E. Dabalataanis worroonni #Israa’el jechuun #Adduniyaa hundaa jechutti yaadan, yoo dhugama  Israa’el jechuun Addunyaa jechuu taate, hordoftoota isaa maaf #Mandara #warra #Saamaariyaa fi kara #saba #Waaqayoo hin ta’inii irra goraa jedha? sunniin Addunyaa keessatti hin laakahamanii?

Mee amma ragaawwan asii gadii haa ilaalluu;

🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦

A. #Maatewos 2:6 "Ati yaa Betlihem ishee biyya Yihudaa keeessaa! Ati mandaroota gurguddoota Yihudaa hundumaa irra hin xinnaattu; si keessaa kan mo'u tokko #saba #koo #Israa'eliin #kan #bulchu #in #ba'a' kan jedhu jira" jedhan.”

B.#Hojii #Ergamootaa 13:23 “Akkuma abdachiisettis #sanyii namicha kanaa keessaa (#Daawitiin) Waaqayyo #saba #Israa'eliif #fayyisaa kaaseera inni immoo #Yesus.”
ከዚህም ሰው ዘር ( ዳዊት) እግዚአብሔር እንደ ተስፋው ቃል #ለእስራኤል መድኃኒትን እርሱም #ኢየሱስን አመጣ።

C. #Hojii #Ergamootaa 5:31 “Waaqayyo #geddarannaa yaada garaatii fi #dhiifamuu cubbuu #Israa'eliif #kennuudhaaf; abboomaa fayyisaas godhee gara mirga isaatti ol isa fuudheera.”
ይህን (#ኢየሱስን) እግዚአብሔር፥ #ለእስራኤል #ንስሐን #የኃጢአትንም #ስርየት ይሰጥ ዘንድ፥ #ራስም #መድኃኒትም አድርጎ በቀኙ ከፍ ከፍ አደረገው።

D. #Maatewos 15:22-24 Kunoo, dubartiin Kana'aan tokko naanna'aa biyya sanaatii dhuftee sagalee guddaadhaan, "Ilma Daawit, gooftaa koo! Intalli koo hafuura hamaadhaan qabamtee jirti, anaaf maari!" jette.
Yesus garuu sagalee tokko iyyuu isheef hin deebifne. Bartoonni isaa yommus gara isaa dhufanii, "Ishee nu booddeedhaa iyyaa adeemtu kana, waan isheen barbaaddu godhiifii of biraa deebisi!" jedhaniin. "Inni immoo deebisee, "#Ani warra akka hoolotaa karaa irraa goranii #mana #Israa'elii badan #duwwaaf malee #hinergamne" jedheen. "
እነሆም፥ ከነናዊት ሴት ከዚያ አገር ወጥታ። ጌታ ሆይ፥ የዳዊት ልጅ፥ ማረኝ፤ ልጄን ጋኔን ክፉኛ ይዞአታል ብላ ጮኸች።እርሱ ግን አንዳች አልመለሰላትም። ደቀ መዛሙርቱም ቀርበው። በኋላችን ትጮኻለችና አሰናብታት እያሉ ለመኑት።እርሱም መልሶ። #ከእስራኤል #ቤት #ለጠፉት በጎች #በቀር #አልተላክሁም አለ።

E. #Maatewos 10:5-6 Isaan kudha lamaan kana Yesus ergee, "Karaa #saba #Waaqayyoo warra hin ta'initti isin geessu irra hin gorinaa, mandara warra #Samaariyaa tokko illees hin lixinaa! Kanaa mannaa gara warra akka hoolotaa karaa irraa goranii #mana #Israa'elii #badanii #dhaqaa!
እነዚህን አሥራ ሁለቱን ኢየሱስ ላካቸው፥ አዘዛቸውም፥ እንዲህም አለ። #በአሕዛብ መንገድ አትሂዱ፥ ወደ #ሳምራውያንም ከተማ አትግቡ፤ ይልቅስ #የእስራኤል #ቤት ወደሚሆኑ #ወደ #ጠፉት #በጎች #ሂዱ #እንጂ

🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦

Qabxiiwwan ijoon nuti ragaawwan asii olii irraa argannu:

1ffaa- Betlihem keessaa kan mo'u, #saba #Israa'elii kan #bulchu (Yesuus) #in #ba'a' jedhamuun, Yesuus Israa’eliif ergamu akka mirkaneessu.

2ffaa- Waaqni geddarannaa yaada garaatii fi dhiifamuu cubbuu #Israa'eliif #kennuudhaaf, akkasumas fayyisuuf erge jechuun, Yesuus ifatti mana Israa’elii duwwaaf kan ergame tahuu.

3ffaa- Sababa Yesuus warra Israa’elii duwwaaf ergameef, dubartii biyya Kana’aan osoo isheen itti boottu ufirraa deebisuu isaa.

4ffaa- Ani warra akka hoolotaa karaa irraa goranii mana Israa’eel badan duwwaf malee hin ergamne jechuun Yesuus, nama ragaa kana kijbsiisu biratti malee, Yesuus worra Israa'el qofaaf ergamuu.

5ffaa- Sababa Yesuus warra Israa’eliif duwwaaf ergameef, hordoftoota isaa biyya biroo irraa goranii, akka warra Israa’elii duwwaa deeman ajajuu isaa hubannaa jechuudha.

🥦🥦BY:XR 🥦
https://t.me/Xaaliburidallah