Turullee Dhugatu Mo'ata
11K subscribers
514 photos
129 videos
110 files
414 links
Sobni miseensa guddaa qabaatuun yeroo dheerefatun ni malaa, garuu dhugaa hinjifatuu ammoo gonkumaa hin danda'u.
Download Telegram
Kutaa 6ffaa

Eddoon Yesuus ani Waaqaa na Waaqefadhaa jireenna bara baraa (Jannata) argattanii itti jedhe jiraa?

Akka Yesuus barsiisaa turetti worri mootummaa Waaqaa argatu nama Yesuusiin gooftaa jedhe moo nama ajaja Waaqaa raawate?

Worroonni/ Namoonni osoo yesuus na waaqiffadhaa (nagabbaraa) hin jenne isaa waaqeffatanii isaa abbomna jedhanii badhaasa moo adabbituu isaan eeggata laata?

Yesuus maqaa kiyyaan raajii dubadhaa, hojii aangoo hojjadhaa, akkasumas maqaa kiyyaan hafuurota hamoota baasaa jedhee barsiisee jiraa?

Worroonni/ Namoonni maqaa Yesuusiin waan Yesuus hin ajajin hojjatan maqaa Yesuusiin daldalan, ka ammoo Yesuus guyyaa Qiyaamaa jallatoo ta’uu isaaniitti ragaa bahu eennu beektuu? Worrota Muslimaatii
moo? Worroota Kiristaanaati?

Mee gaafiiwwan asii olii hunda isaatuu ragaadhaan haa ilaallu

I. Eddoon Yesuus afaan isaatiin ani Waaqaa na Waaqefadha jireenna bara baraa (Jannata) argattanii jedhe jiraa? Gaafii jedhuuf deebiin isaa Maatewos 15:8-9 keessatti arganna
Maatewos 15:8-9 👇🏻
"'Sabni kun afaan isaatiin ulfinaa naaf kenna,garaan isaa garuu baay'ee anattii fagoo dha;"
" #ana #waaqessuun #isaanii #akkasumaan, #abboommii #namaa #akka #seera #Waaqayyootti #barsiisu isa jedhe ba'eessa dubbate" jedhe."
15:8-9 ይህ ሕዝብ በከንፈሩ ያከብረኛል፥ ልቡ ግን ከእኔ በጣም የራቀ ነው፤ #የሰውም #ሥርዓት #የሆነ #ትምህርት #እያስተማሩ #በከንቱ #ያመልኩኛል ብሎ በእውነት ትንቢት ተናገረ።

Qabxiin ijoon Maatewos 15:8-9 irraa hubannu, Yesuus afaan isaatiin na Waaqefadhaa Jannata argattanii osoo hin taane:-
1ffaa- Namni Yesuus waaqessuu nama seeera nama fudhate (ajaja nama hordofu) malee nama seera Waaqaa hordofuu miti isaaniin jechuu isaa hubanna.

2ffaa- Namni Yesuus waaqessu nama afaaniin Yesuusiin jaalanna jedhu kan immoo garaan isaa Yesuus irraa fagaata ta’e jechu. Nama Yesuusiin irraa garaan isaa fagoo jechuuns nama barsiisa Yesuus irraa fagoo yookaa worroota haqa Rabbii irraa fagaate jechuudha.

3ffaa- Namni Yesuusiin waaqessuu nama akkasumaan galata wohii barbaaduu malee bilaasha Yesuusiin waaqessu. Nama dalagaa mindaa hin qabne worra ifaajee hoongoo ifaajuu isaaniin jedhe.

II. Akka Yesuus barsiisaa turetti Worroonni mootummaa Waaqaa argatu nama Yesuusiin goofta jedhe moo nama ajaja Waaqa raawate?
III. Worroonni/ Namoonni osoo Yesuus ana Waaqefadhaa ( ana gabbaraa) hin jennee isa Waaqeffatanii isaa abbomna jedhan badhaasa moo adabbituu isaan eeggata laata? Gaafiiwwan jedhuuf deebiin isaa Maatewos 7:21 keessatti ifattii kaayamee jira.
Maatewos 7:21 👇🏻
" Yesus, "#Jaalala #abbaa #koo #isa #waaqa #irraa #nama #hojjetutu #mootummaa #waaqaatti #gala #malee, namni, 'Yaa gooftaa, yaa gooftaa' naan jechuu (duwwaadhaan ) itti gala miti."
7:21 #በሰማያት #ያለውን #የአባቴን #ፈቃድ #የሚያደርግ #እንጂ፥ ጌታ ሆይ፥ ጌታ ሆይ፥ የሚለኝ ሁሉ መንግሥተ ሰማያት የሚገባ አይደለም።

Qabxiiwwan ijoon Maatewos 7:21 irraa hubannu:-

1ffaa- Namni mootummaa Waaqaa ( Jannata Rabbii ) barbaadu, jaalala abbaa (ajaja Rabbii) hojjatuu qofaan argata.

2ffaa- Namni ajaja Rabbii hojjatuu dhiisee Yesuusiin gooftaa jedhu kamuu Mootummaa Waaqaa ( Jannata Rabbii) hin seenu.

3ffaa- ‘duwwaadhan’ jechi jedhu jecha afaan Oromoo irratti dabalame malee, lugaawwaan biroo keessa hin jirre, tooftaa worri haqa faalu Yesuusiin maalummaa isaa dhoksuuf (Yesuus goofta jedhanii ibsuuf) fayyadaman ta’uu ibsa.

IV. Yesuus maqaa kiyyaan raajii dubadhaa, hojii aangoo hojjadhaa, akkasumas maqaa kiyyaan hafuura hamootaa baasaa jedhee barsiisee jiraa?
V. Worroonni/ Namoonni maqaa Yesuusiin waan Yesuus hin ajajin hojjatanii maqaa Yesuusiin daldalan, kan immoo Yesuus guyyaa Qiyaamaa jallatoo ta’uu isaanitti ragaa bahu eennu beektuu? Worrota Muslimaati moo worroota Kiristaanaati? Gaafiiwwan jedhuuf deebiin
Maatewos 7:22-23 keessatti argama:-
Maatewos 7:22-23 👇🏻
" Guyyaa isa dhumaa sanatti namoonni baay'een, '#Yaa #gooftaa, #yaa gooftaa, nuti maqaa keetiin raajii dubbanneerra, maqaa keetiin hafuurota hamoota baafneerra, hojii aangoos maqaa keetiin baay'ee hojjenneerra mitii?' anaan jedhu.

♻️♻️♻️♻️By:XR ♻️♻️♻️

https://t.me/Xaalibu6504
#Turullee #dhugatuu #irra #aana

🥦🥦🥦🥦🥦🥦
#Kutaa #21 ffaa
🥦🥦🥦🥦🥦🥦

#Hojii #manaa
👇👇👇

Ragaa 1 #Ximotewos 2:5
dubbisuun, gaafii itti aanee dhufuuf, deebii sirrii ta'e filadhuu deebisi.

🍇🍇🍇🍇🍇🍇

1 Ximotewos 2:5
" Waaqayyo tokkicha, inni gidduu dhaabatee Waaqayyoo fi nama #walitti #fidus #tokkicha, inni immoo Kristos Yesus isa #nama #ta'ee (mul'atee) dha."
1ኛ ወደ ጢሞቴዎስ 2:5 አንድ እግዚአብሔር አለና፥ በእግዚአብሔርና በሰውም መካከል ያለው #መካከለኛው ደግሞ አንድ አለ፥ እርሱም #ሰው #የሆነ ክርስቶስ ኢየሱስ ነው፤
1 Timothy 2:5. For there is one God, and #one #mediator between God and men, #the #man Christ Jesus;

Gafii 👇👇👇
Akka ragaa 1 #Ximotewos 2:5 keessatti dubbatametti, hima kamtuu sirriidha?

A. Waaqayyon tokkicha, Yesuus jedhamee jira.

B. Yesuus nama osoo hin taane ilma Waaqaati jedhamee jira.

C. Yesuus jechuun, isa jidduu waaqaa fi ilma namaa jiraate, Waaqaa fi namoota wolitti fidu jedhamee jira.

D. Hunduu deebii sirrii ta'e.

🥦🥦🥦🥦🥦🥦

Worroonni Amantii Kiristaanaa nuuf deebisaa.

hawaasni keenna ammoo worroota Amantii Islaamummaatiin ala jiran biraan gahaa haqa jiru hubachiisaa.

Qabxiiwwan ijoon nuti ragaa 1 #Ximotewos 2:5
irraa argannu;

1ffaa- Waaqni dhugaa tokkicha malee, waaqa lama yookaa sadi jedhamu akka hin taane (#Waaqayyo #tokkicha yeroo jedhu)

2ffaa- Yesuus jechuun isa Waaqaa fi namoota wolitti fidu (ergamaa Rabbiin ergate, ka seera Rabbiin irraa fide namatti geessuun, ilma namaa akka Rabbiin inni beeku taasisu) qofa akka ta'e (#inni #gidduu #dhaabatee #Waaqayyoo fi #nama #walitti #fidus #tokkicha yeroo jedhu).

3ffaa- Yesuus nama malee Waaqaa yookaa ilma Waaqaati dubbiin jedhu olola akka ta'e ifatti hubannaa jechuudh (#inni #immoo #Kristos #Yesus #isa #nama #ta'e Yeroo jedhu).

Jallataa hunda Rabbiin haa qajeelchu.
♻️♻️♻️♻️By:XR ♻️♻️♻️
Gaafii fi yaada baruumsa kana irratti qabdan kamuu, eddoo #'leave a comment' jedhu tuquun bareessuu hin dagatinaa.
Namoonni miseensa asiin dura hin ta'in, baruumsa fakkata kanaa, ka asiin dura #kennamaa #turanii fi kana boodas #kennaman argachuu yoo barbaaddan, linkii asii gadii tuquun, garee Telegiraamaa seenaa nu hordofaa 👇

https://t.me/Xaalibu6504