Turullee Dhugatu Mo'ata
11.6K subscribers
537 photos
141 videos
118 files
432 links
Sobni miseensa guddaa qabaatuun yeroo dheerefatun ni malaa, garuu dhugaa hinjifatuu ammoo gonkumaa hin danda'u.
Download Telegram
#Yesuusii #Waaqa jechuun ‼️yookaa #Yesuusii fi #Waaqni #wol #qixa jechuun ‼️, nama sammuun isaa waa yaadduuf ni mala jettuu⁉️
#Kutaa #2️⃣ffaa 👇🏻👇🏻👇🏻
🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀
Nama #sammuu #nagahaa Ragaan tokkoo ni gahaa, mee dubbii #1 #Qorontos #11:3 kana wojjiin haa dubbisnuu kootta 👇🏻
🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀
#1 #Qorontos #11:3 👇🏻
" Amma immoo Kristos mataa warra dhiiraa, abbaan manaa mataa haadha manaa, Waaqayyo mataa Kristos ta'uu isaa, akka beektan nan barbaada. "

1ኛ ወደ ቆሮንቶስ ሰዎች 11:3 👇🏻
ነገር ግን የወንድ ሁሉ ራስ ክርስቶስ፥ የሴትም ራስ ወንድ፥ #የክርስቶስም #ራስ #እግዚአብሔር እንደ ሆነ ልታውቁ እወዳለሁ።

Jallataa hunda Rabbiin haa qajeelchu.

♻️♻️♻️♻️By:XR ♻️♻️♻️
Worronni baruumsa Amantii Islaamaa fi Kiristaanaa wol bira qabuun baratu barbaaddan garee Chaanaala asii gadii tuqaa seenaa 👇

@Xaalibu6504
#Turullee #dhugatuu #irra #aana

🥦🥦🥦🥦🥦🥦
#Kutaa #8ffaa
🥦🥦🥦🥦🥦🥦

#Hojii #manaa
👇👇👇

Ragaa #1 #Qorontos #11: 3 dubbisuun, gaafii itti aanee dhufuuf, deebii sirrii ta'e filadhuu deebisi.
🍇🍇🍇🍇🍇🍇

1 Qorontos 11: 3
" Amma immoo #Kristos mataa warra #dhiiraa, #abbaan #manaa mataa #haadha #manaa, #Waaqayyo mataa #Kristos ta'uu isaa, akka beektan nan barbaada. "

Gaafii 👇👇👇
Akka 1 Qorontos 11: 3 ttii hima kamtuu 🔴sirrii miti?

A. Kiristoosii (Yesuusii) fi warri dhiiraa wol qixa.
B. Abbaan manaa fi haati manaa wol qixa.
C.Waaqaa fi Yesuus (Kiristoosii) wol qixa.
D. Hunduu deebi.

🥦🥦🥦🥦🥦🥦

Akka ragaa 1 Qorontos 11: 3 irratti ibsametti, fakkeenna ifa bahaa ta'e tokkoo fi Qabxiiwwan ijoo sadi(3), argachuu dandeenna.

Fakkeenni kaahame, abbaan manaa mataa haadha manaa (abbaan manaa bulchaa yookaa hoogganaa haadha manaa) kan jedhu, ammas waan gara garaa ta'uu osoma namuu beeku ibsamuu isaa.

Qabxiiwwan ijoon tuqaman ammoo:

1ffaa- Yesuus mataa worra dhiiraa ta'uu isaa. Kana jechuun Yesuus hoogganaa yookaa barsiisaa ummata itti ergamee (Israa'el) ta'uu akeeka.

2ffaa- Waaqayyo mataa Kiristoosiitii yeroo jedhu, Yesuus ammoo Waaquma ta'ee qaama mataa hin taane ka mataa gadiitii argamuu yaada jedhu agarsiisuuf osoo hin taane , wonti ibsamuu barbaadame;

I. Waaqaa fi Yesuus waan gara garaa ta'uu (Waaqaa fi Yesuus tokkoo dubbiin jedhu olala ta'uu) isaa ifatti kaahee.

II. Waaqaa fi Yesuus wol qixallee akka hin taane (Waaqni akkuma waa kamiituu olii Yesuusille ol ta'uu) ifatti dubbatee.

III. Waaqni mataa Yesuus jechuun, Yesuus uumama tooyannoo fi hayyama Rabbiitiin jiraatu kan ta'e, gabrichaa fi ergamaa Rabbii ta'uu isaa ifatti mirkaneesse.

3ffaa- Akkuma abbaan manaatii fi haati manaa wol qixa, yookaa Yesuusii fi dhiirri wol qixa jechuun hin malle, inumaayyu Waaqaa fi Yesuus wol qixa jechuun gonkumaa hin maluu yaada jedhu ibsaa jechuudha.

🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦

#Worroota #Amanti Kiristaanaatiif;
1 #Tasaloniiqee 5:21
" Garuu waan hundumaa qoraa, #isa #gaarii #jabeessaatii #qabadhaa! "
1ኛ ወደ ተሰሎንቄ ሰዎች 5:21 ሁሉን ፈትኑ #መልካሙንም #ያዙ👆👆👆dhaamsa jedhu isinii dhaamaa.

hawaasni keenna ammoo, "#sababa #keetiin #namni "tokko "qajeeluun, #gaala #diddiimaa #karaa #Rabbii #keessatti #kennatu #siif #caala, ka Nabiyyiin Rabbii (nagahaa fi Rahmanni Rabbii isaan irratti haa jiraatu), jedhanii Aliyyiif dhaaman siif dhaama. Sheer taasisuun sin kafalchiisu, lammiiwwan keenna beektu hundaa ergii, toltuu guyyaa boruutti si fayyaddu guduunfadhu.

Jallataa hunda Rabbiin haa qajeelchu.
♻️♻️♻️♻️By:XR ♻️♻️♻️
Gaafii fi yaada baruumsa kana irratti qabdan kamuu, eddoo #'leave a comment' jedhu tuquun bareessuu hin dagatinaa.
Namoonni miseensa asiin dura hin ta'in, baruumsa fakkata kanaa, ka asiin dura #kennamaa #turanii fi kana boodas #kennaman argachuu yoo barbaaddan, linkii  asii gadii tuquun, garee Telegiraamaa seenaa nu hordofaa 👇

https://t.me/Xaaliburidallah
#Turullee #dhugatuu #irra #aana

🥦🥦🥦🥦🥦🥦
#Kutaa #34ffaa
🥦🥦🥦🥦🥦🥦

Gilgaala: Hubannoo yaada sammuu keessaa qabnuu fi ragaawwan jiru wol bira qabuun ittiin dhugaa madaallu:

Yesuus fi Waaqni tokko jedhamuun, dhugama akka namoonni tokko tokko yaadanitti, Yesuusfi Waaqni wol qixa yookaa Yesuus Waaqa jechuu agarsiisaa laata⁉️

🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦
Ragaawwan asii gadii keessa, isa kamtu #tokko dubbiin jedhu, #wol #qixa jechuu agarsiisa?

A. #Yohannis 10:29-30
#Abbaan koo inni anatti isaan kenne, #hundumaa #irra #guddaa dha; homtinuus harka abbaa koo keessaa isaan butachuu hin danda'u. Abbaanii fi ani tokko isaaniin jedhe.❞ የሰጠኝ አባቴ #ከሁሉ #ይበልጣል፥ ከአባቴም እጅ ሊነጥቃቸው ማንም አይችልም። እኔና አብ አንድ ነን።
Yesuus anaa fi Abbaan tokko jechuun duratti boqonnama namoonni tokko tokko ragaa taasifatan keessatti maal dubbate? "#Abbaan koo inni anatti isaan kenne, #hundumaa #irra #guddaadha" jedhe. Kanaafuu, Yesuus fi Waaqni wol qixa jechuun hin danda'amu.

B. #Yohannis 17:22
❝Akkuma nuyi tokko taane, #isaanis #tokko #haa #ta'aniif (#hordoftoonni #Yesuus #12ni jechuudha) , ulfina ati anaaf kennite isaaniif kenneera.❞ እኛም አንድ እንደ ሆንን #አንድ #ይሆኑ #ዘንድ፤ የሰጠኸኝን ክብር እኔ ሰጥቻቸዋለሁ፤
Akkuma Yesuus fi Waaqni tokko ta'anitti, hordoftoonni Yesuus 12ni tokko haa ta'anii jechuun, Yesuus fi Waaqni wol qixa ta'anii jiruu kanaafuu hordoftoonni Yesuus 12ni wol qixa haa ta'anii jechuu miti.

C. #1 #Qorontos 3:6-8
Ani nan dhaabe, Apholos bishaan obaase, Waaqayyo garuu in guddise. Waaqayyo isa guddisu sana malee, inni dhaabu, inni bishaan obaasus homaa miti. #Inni #dhaabe #isa #bishaan #obaasee #wajjin #tokko; adduma addaanis akka dadhabbii isaatti miindaa ofii isaatii in fudhata. እኔ ተከልሁ አጵሎስም አጠጣ ነገር ግን እግዚአብሔር ያሳድግ ነበር፤ እንግዲያስ የሚያሳድግ እግዚአብሔር እንጂ የሚተክል ቢሆን ወይም የሚያጠጣ ቢሆን አንዳች አይደለም። #የሚተክልና #የሚያጠጣ #አንድ #ናቸው፥ ነገር ግን እያንዳንዱ እንደ ራሱ ድካም መጠን የራሱን ደመወዝ ይቀበላል።
Yaadni "#Inni #dhaabe #isa #bishaan #obaasee #wajjin #tokko" jedhu wol qixa jechuu akka hin taane ifa.

D. #Yohannis 14:28
“'Amma nan adeema deebi'ees isin bira nan dhufa' akkan isiniin jedhe dhageessaniittu; utuu na jaallattu taatanii, waanan gara abbaa dhaquuf in gammaddu turtan, #abbaan #na #caala'o,” እኔ እሄዳለሁ ወደ እናንተም እመጣለሁ እንዳልኋችሁ ሰማችሁ። የምትወዱኝስ ብትሆኑ #ከእኔ #አብ #ይበልጣልና ወደ አብ በመሄዴ ደስ ባላችሁ ነበር።
Boqannaan kun hurrii namoota tokko tokko keessatti hafe, ka Rabbiin qajeelluma isaa hin feene malee ifa baase (#abbaan #na #caala'o/ #ከእኔ #አብ #ይበልጣልና" Yeroo jedhu).

E. Deebiin hin jiru.
🥦🥦
Qabxiiwwan ijoon nuti ragaawwan asii olii irraa argannu:

1ffaa- Yesuus afaanuma isaatiin dubbii wol diigu yeroo tokkotti ni dubbata jechuun waan hin malleef, dubbiin Yesuus boqannaa #Yohannis 10:29 ❝#Abbaan #hundumaa #irra #guddaadha" jedhu hubanno sirrii, yaada boqannama kana keessatti 30 irratti dubbatamee ni ta'aa jechuudha. Sunis, Waaqni waa hundaa irra guddaa ta'e sanii, Yesuus ergamaa isaa waan ta'eef, ergaan Yesuus qabatee deemuu sun ta Waaqatiin tokkoo ( tama Waaqaa sanii jechuudha).

2ffaa- Akkuma Yesuus fi Waaqni tokko ta'anitti, hordoftoonni Yesuus 12ni tokko haa ta'anii jechuun, Yesuus akkuma fedhii Waaqaa gegeessun kaayoo tokkoof (kaayoon fedhii isaa barsiisuu fi hojachuu hin taanee) jiraatutti, hordoftoonni Yesuus 12nisi kaayoo tokkoon (Waaqa tokkoof gabroottan ta'anii isa gabbaruu irratti) osoo gara gari hin baane, tokkoomanii haa jiraatanii jechuudha.

3ffaa- Yaadni "#Inni #dhaabe #isa #bishaan #obaasee #wajjin #tokko" jedhu ammoo, ka dhaabuu fi obaasulle kaayoo yookaa hawwii tokko qabuu. Sunis, biqiltuun isaan dhaaban sun guddattee galma geettee boru isaan hundaa fayyaduu (Inni tokko biqiltuun hin guddatin jedhee kuun haa guddattu miti, inni kuun boru biqiltuun sun akka na fayyadduuf dhaabee, kuun ammoo akka nan fayyadne hawwii jedhu karoorfatee mitii jechuudha).

4ffaa- Akkuma wolii galaatti, Yesuusimmaan "#abbaan #na #caala'o/ #ከእኔ #አብ #ይበልጣልና" jedhe gaabbee, Anaa fi Waaqni wol qixa jechuudhaaf, anaa fi Waaqni tokko jedhe jedhanii yaaduu fi haasawu irra, anaa fi Waaqni tokko jechuun, kaayoon tiyyaa fi Waaqaa tokkoo (kaayoon ani gegeessa jiru ta Waaqni na ajaje qofa) jechuu akka taate mirkaneessa.

https://t.me/Xaaliburidallah
#Turullee #dhugatuu #irra #aana

🥦🥦🥦🥦🥦🥦
#Kutaa #35ffaa
🥦🥦🥦🥦🥦🥦

#Gilgaala: Hubannoo duraan sammuu keessaa qabnuu fi ragaawwan dubbisnu wol bira qabuun, kallattii dhugaa ittiin madaallu:

Yesuus Waaqaa jedhanii worroota yaadanii fi morman, xurreen deebii isaanii kenninuun keessaa tokko, Waaqni hojii ofii hojjata moo ka qaama birooti? Waaqni guyyaa boruu ni nyaachisee obaasa moo (worroota isaa bule), ofii isaatii nyaatee dhuga laata⁉️ gaafii jedhu gaafatu. Mee ragaawwan asii gadii keessaa kamtuu amala Waaqaa mudhisa?

A. #Yohannis 4:34 " Yesus immoo, "#Nyaanni #kan #koo jaalala isa na #ergee #gochuudhaaf #hojii #isaa #raawwachuu dha. #የዮሐንስ #ወንጌል 4:34 "ኢየሱስም እንዲህ አላቸው። #የእኔስ #መብል #የላከኝን #ፈቃድ #አደርግ #ዘንድ #ሥራውንም #እፈጽም #ዘንድ ነው።" Amaloonni Wangeela kana keessatti argamu hundi, amala Waaqumma hin garsiisu. #Yesuus #kaayoo #Waaqaa #malee ka mataa kootii hin qabu waan jedheef.

B. #Yohannis 5:24 "Dhuguma, dhuguman isinitti hima, dubbii koo dhaga'ee #isa #ana #ergetti kan amanu jireenya bara baraa qaba; inni du'a keessaa gara jireenyaatti darbee malee, gara firdii hin dhaqu.” #የዮሐንስ #ወንጌል 5:24 እውነት እውነት እላችኋለሁ፥ ቃሌን የሚሰማ #የላከኝንም #የሚያምን #የዘላለም #ሕይወት #አለው፥ ከሞትም ወደ ሕይወት ተሻገረ እንጂ ወደ ፍርድ አይመጣም።
Akka ragaan Wangeela kanaatti, #Yesuus #natti #amanaa #hin #jenne waan ta'eef, Yesuus amala Waaqummaa akka hin qabne mirkaneesse.

C. #1 #Qorontos 15:28 "Wanti hundinuu ilma Waaqayyoo jala yommuu galfamu, #ilmi (#Yesuus) immoo ofii isaatii, #Waaqayyo #isa #waan #hundumaa #miilla #isaa #jala #galche #jala #in #gala; akkasitti Waaqayyo karaa hundumaa waan hundumaa irra in ta'a." 1ኛ #ወደ #ቆሮንቶስ #ሰዎች 15:28
ሁሉ ከተገዛለት በኋላ ግን እግዚአብሔር ሁሉ በሁሉ ይሆን ዘንድ በዚያን ጊዜ #ልጁ #ራሱ #ደግሞ #ሁሉን #ላስገዛለት #ይገዛል። Yesuus #miila #Waaqayyo #jala #gala jechuun, Yesuus gonkumaa Waaqumma hin qabu jechuu ibsa.

D. #Maatewos 26:29
“Ammaa jalqabee hamma guyyaa gaafa ani #mootummaa #abbaa #koo #keessatti isa haaraa #isinii #wajjin #dhugutti, deebi'ee daadhii waynii kanaattii akkan hin dhugne isinittan hima" jedhe. #የማቴዎስ #ወንጌል 26:29 ” ነገር ግን እላችኋለሁ፥ #በአባቴ #መንግሥት #ከእናንተ #ጋር #ከዚህ #ከወይን #ፍሬ #አዲሱን #እስከምጠጣበት እስከዚያ ቀን ድረስ ከዛሬ ጀምሬ አልጠጣውም።
Yesuus #mootummaa #Waaqaa #keessatti #ni #dhugaa jechuun, Yesuus kaleessalle fuundurattille Waaqumma hin qabu jechuu addeessa.

🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦

#Qabxiiwwan #ijoon nuti ragaawwan asii olii irraa argannu:

1ffaa- Ragaan Wangeela #Yohannis 4:34 kun wonti inni garsiisu, Yesuus #ajaja fi #fedhii #Waaqaa #qofa geessuu akka jiraata ture, kun ammoo inni(Yesuus) amala Waaqumma akka hin qabne hubanna.

2ffaa- Ragaan Wangeela
#Yohannis 5:24, Yesuus Jannata argatuu yoo barbaaddan, #Waaqatti (#isa #ana #ergetti) #amanaa jedhe malee, ani Waaqaa natti amanaa akka hin jenne hubanna. Ka dubbii kana #faallesu, faalla Jannata (#ibidda) nama seenuu barbaadu ta'uu hubanna.

3ffaa- Akka ragaa 1 #Qorontos 15:28 ammas, Yesuus Waaqa isa waa hundumaa mila isa jala galche jala ni gala jechuun, #Yesuusille ufii isaatiiyyuu Waaqaa ni #waaqeffata jechuudha. Kanaafuu #gabbaramaan #dhugaa (#Waaqni #dhugaa) isa wontu hunduu isaaf abbomu, kan Yesuusille isa waaqeffatu san ta’uu namuu beekuu qaba jechuudha.

4ffaa- Akka ragaa #Maatewos 26:29 Yesuus guyyaa boruu (#Qiyaamaa) #Jannata akka #seenuuf, #dhangaa #Jannata akka #dhugu ifa baase. Kun immoo, Yesuus kaleessalle fuundurattille gabricha Rabbii malee amala Waaqumma akka hin qabne mirkaneessee jechuudha.

Jallataa hunda Rabbiin haa qajeelchu.
♻️♻️♻️♻️By:XR ♻️♻️♻️
Gaafii fi yaada baruumsa kana irratti qabdan kamuu, eddoo #'leave a comment' jedhu tuquun bareessuu hin dagatinaa.
Namoonni miseensa asiin dura hin ta'in, baruumsa fakkata kanaa, ka asiin dura #kennamaa #turanii fi kana boodas #kennaman argachuu yoo barbaaddan, linkii asii gadii tuquun, garee Telegiraamaa seenaa nu hordofaa 👇

https://t.me/Xaaliburidallah