Turullee Dhugatu Mo'ata
11K subscribers
514 photos
129 videos
110 files
414 links
Sobni miseensa guddaa qabaatuun yeroo dheerefatun ni malaa, garuu dhugaa hinjifatuu ammoo gonkumaa hin danda'u.
Download Telegram
#Turullee #dhugatuu #irra #aana

🥦🥦🥦🥦🥦🥦
#Kutaa #40ffaa
🥦🥦🥦🥦🥦🥦

#Gilgaala: Hubannoo duraan sammuu keessaa qabnuu fi ragaawwan dubbisnu wol bira qabuun, kallattii dhugaa  ittiin madaallu:

#Yesuus (Nabi Iisaan nageenni Rabbii isa irratti haa jiraatu) #du'ee du'aa ka'e dubbiin jedhu, akka #dubbii #dogongoraa ta'e hubatuu yoo barbaaddan, kitaabuma kakuu haarawaa keessaa mee ragaa takka haa ilaalluu koottaa.

🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦

#Maatewos 12:40
" Akkuma Yoonaas garaa qurxummii guddichaa keessa #guyyaa #sadii fi #halkan #sadii ture, ilmi namaas  akkasuma #guyyaa #sadii fi #halkan #sadii garaa lafaa keessa turuuf jira."
#የማቴዎስ #ወንጌል  12:40 ዮናስ በዓሣ አንባሪ ሆድ ሦስት ቀንና ሦስት ሌሊት እንደ ነበረ፥ እንዲሁ #የሰው #ልጅ #በምድር #ልብ #ሦስት #ቀንና #ሦስት #ሌሊት ይኖራል።

🍇🍇🍇🍇🍇🍇🍇

Nama sammuun nagaha ragaan tokkoo ni gahaa waan taateef, mee worrota Yesuus ajjefamee fannifame du'ee du'aa ka'ee jedhan,  ragaa kitaaba isaanii ka wangela #Maatewos 12:40 asii olitti tuqame irratti hundaahuun, gaafilee armaan gadii irratti, namni uggee nuuf deebisu eennu⁉️

1ffaa- Yesuus Yahuudonni ajeesuudhaaf yaaluun duratti, akka Wangeela #Maatewos 12:40tti jechuudha, #guyyaa #sadii fi #halkan #sadi (sa'aa 72 jechuudha) #garaa #dachii keessa tura jedhee dubbate jedhama. Dhugaa jechi kun kama Yesuus dubbatee⁉️
A. Ee Yesuusimatu dubbate.
B. Waa Yesuus hin dubbanne.

2ffaa- Yoo dhugaa dubbiin Wangeela Maatewos 12:40 kun, dubbii Yesuus dubbate taate, dubbii dhugaati moo soba?
A. Dubbii dhugaati.
B. Dubbii sobaati.

3ffaa- Yoo raajii dhugaate ka jedhamu taate, raajiin dubbatame sun guuttame moo hin guuttamne?
A. Guuttamee jira.
B. Hin guuttamne.

4ffaa- Yoo raajii dubbatame raajii dhugaati ka jedhamu taate, raajiin dubbatame qabatamaan guuttamu qaba waan taateef, kanaafuu #guyyaan #3 fi #halkan #3 Yesuus #garaa #dachii keessa akka raajii kanaattii tura jedhe sun, guyyoota fi halkan isaa adda addaan kamiin fa'a⁉️ Namni nuuf himuu danda’u jiraa⁉️

Deebiin gonkumaa namni guyyaa sadii fi halkan sadii (sa'aa 72 jechuudhaa) mirkaneessu hin argamu. Sababni isaa, waan dubbiin Yesuus du'ee du'aa ka'e jettu, dubbii ragaa hin qabne, ta malaan haasawamtu taateef jecha. Akkamitti yoo ka jettanii, qabxii tokko tokkoon isinii mirkaneessa qaama fi qalbiin na hordofaa;

🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦

Akka ragaan Wangeela #Yohannis 19:31-42 ibsutti, guyyaan awwaalaame #Sanbata (Saturday) akka ta'e agarsiisa 👇
A. #Yohannis 19:31 "Guyyaan sun #guyyaa #itti #qophaa'an; guyyaan #Sanbata isatti aanus guyyaa guddaa ture. Kanaaf dhagna warra fannifamanii, guyyaa Sanbataatti fannoo irra akka hin oolle gochuudhaaf, lafeen miillan isaanii cabsamanii fannoo irraa akka gad buufamaniif, warri Yihudootaa Philaaxosin gaafatan".

#Yohannis 19:42 "Guyyaa warri Yihudootaa itti qophaa'an (#Sanbata) ta'e, awwaalichi dhi'ootti waan argameef, #Yesusin #achi #keessa #kaa'an".

🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦

A. #Maarqos 16:9
“Yesus jalqaba torbanii, [#guyyaa #Sanbata #guddaa] #ganama barii #yommuu #du'aa #ka'e, dura Maariyaam ishee Magdalaatti mul'ate; Maariyaam kun ishee inni hafuurota hamoota torba keessaa baasee turee dha.”
 
B. #Yohannis 20:1 “Guyyaa jalqaba torbaniitti, [gaafa #Sanbata #guddaa,] #utuu #dukkanaa'uutti #jiruu #obboroodhaan, Maariyaam isheen Magdalaa gara awwaalichaa dhuftee, dhagichi awwaalicha ittiin cufanii turan, awwaalicha irraa akka fuudhame argite.”

Hubannoo dabalataa yoo barbaaddan, Maarqos 16:2-6 fi Luqaas 24:1-7 dubbisuu dandeettu.

🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦

Qabxiiwwan ijoon nuti ragaawwan asii olii irraa argannu:

1ffaa- #Hubadhaa:  Guyyaan Yesuus du'e jedhamu Jimaata sa'aa 6 booda (naanno sa'aa 9 tti), ka awwalame jedhamu #Sanbata Xinna, guyyaan du'aa ka'e jedhamu Sanbata guddaa ganama (#guyyaa #tokkooo fi #halkan #tokko ta'aa jechuudha). Kanaafuu, guyyaan 3 fi halkan 3 raajiin Yesuus dubbate jedhamu, hin guuttamnee jechuudha.

2ffaa- Akka ragaa kanaatti yookaa Yesuusituu dubbii sobaa dubbate jechuu qabuu yookaa Wangeela kanatu waan Yesuus hin dubbanne, dubbate jedhee sobaan bareesse  jechuuf deemuu jechu. Lameenuu dubbii isaan hin baasne. Kanaafuu, Yesuus du’ee du'aa ka'eenille dubbii isaan hin baasne jechuudha.

https://t.me/Xaaliburidallah