Turullee Dhugatu Mo'ata
11K subscribers
514 photos
129 videos
110 files
414 links
Sobni miseensa guddaa qabaatuun yeroo dheerefatun ni malaa, garuu dhugaa hinjifatuu ammoo gonkumaa hin danda'u.
Download Telegram
#Turullee #dhugatuu #irra #aana

🥦🥦🥦🥦🥦🥦
#Kutaa #27ffaa
🥦🥦🥦🥦🥦🥦

#Hojii #manaa
👇👇👇

Ragaa #Maarqos 11:12-14 dubbisuun, gaafii itti aanee dhufuuf, deebii sirrii ta'e filadhuu deebisi.
🍇🍇🍇🍇🍇🍇

#Maarqos 11:12-14
Borumtaas isaan Bitaaniyaadhaa yommuu ba'an, Yesus in #beela'e. Muka harbuu baala qabu tokkos fagootti argee, #ija #irraa #argadha #laataa? jedhee dhaqe. Inni mukicha bira ga'ee #baala #malee #waanuma #tokko #irraa #dhabe; yeroon isaa yeroo harbuun ija itti godhatu hin turre. Yesus yommus mukichaan, "#Homtinuu #deebi'ee #ija #si #irraa #hin #nyaatin bara baraan" jedhe; bartoonni isaas kana jechuu isaa dhaga'an.
በማግሥቱም ከቢታንያ ሲወጡ #ተራበ። ቅጠልም ያላት በለስ ከሩቅ አይቶ #ምናልባት #አንዳች #ይገኝባት እንደ ሆነ ብሎ መጣ፥ ነገር ግን የበለስ ወራት አልነበረምና መጥቶ #ከቅጠል #በቀር #ምንም #አላገኘባትም። መልሶም። #ከአሁን #ጀምሮ #ለዘላለም #ማንም #ከአንቺ #ፍሬ #አይብላ #አላት። ደቀ መዛሙርቱም ሰሙ።

Gafii 👇👇👇
Akka ragaa #Maarqos 11:12-14 keessatti dubbatametti, hima kamtuu sirriidha?

A. Yesuus waan ilma namaa ta'eef ni #beela'e.
B. Yesuus muka harbuu baala qabu tokkos fagootti argee, ana waan taateef ija irraa argadha jedhee dhaqe.
C.Yesuus muka harbuu baala qabu jedhee bira gahee, ija irraa argatee nyaate.
D. Yesuus muka harbuu baala qabu, ija irraa dhabe, ajajee yoma san ija godhattee irraa nyaate.

🥦🥦🥦🥦🥦🥦

Worroonni Amantii Kiristaanaa mee waan sammuu keessaa qabdanii fi raga kana wol bira qabaa laalaa.

hawaasni keenna ammoo, worroota Amantii Islaamummaatiin ala jiran, ka dhugaa kitaabuma isaanii keessatti argamtu hubatuu dadhaban, ragaawwan asii olii kana biraan gahaa, haqa jiru hubachiisaa.

Qabxiiwwan ijoon nuti ragaa #Maarqos 11:12-14 irraa argannu;

1ffaa- Yesus waan ilma namaa ta'eef in #beela'e. Kun ammoo maal mirkaneessa yoo ka jedhamu taate, haga worroonni Kiristaanaa, Yesuus guyyaa kana irraa eegalee guyyaa kanatti Waaqumma isaatti deebi'ee nyaata dhaabe jechuu hin dandeennetti, Yesuus namallee Waaqalle wonti jedhu dubbii ragaa hin qabne jechuu hubachiisa.

2ffaa- Yesuus muka harbuu baala qabu tokkos fagootti argee, waan Waaqummaa mitii, aangoon addaa kan ilma namaa biroo irraa adda isa taasisu (waan Rabbiin isaa kenne malee jechuudhaa), dandeettii ofii isaatiin inni handhuurfatu yookaa qabu waan hin jirreef, muka fagotti arge san irra ija #irraa #argadha #laataa? jedhee shakkiin bira dhaqe. Yesuus waan guyyaa Qiyaamaa ta'uu mitii, waan achi laalee ijaan arguu, firee ni qaba moo hin qabu jechuuyyuu adda hin beeku jechuu argisiisa. Kun ammoo amala (sifa) namaa malee kan Rabbii hin taane namni sammuun nagahaa kamuu ni beeka.

3ffaa- Yesuus mukicha bira shakkiin firee (ija) qabaatuu hin oolu jedhee bira deeme, yeroo bira ga'ee #baala #malee #waanuma #tokko #irraa #dhabe; (eddoo kanatti mukni badii tokkoo hin qabduu, sababa yeroon isaa yeroo harbuun ija itti godhatu waan hin turreef jechuudha). Garuu Yesuus osoo aangoo qabaatee, ammuma tana firii baasi jedhee ajajaa ture. Aangoo Rabbiin isaa kenne malee, aangoo mataa isaa waan hin qabneef jechuudhaa, beela isaa saniif ajajee firee argamsiisuu dadhabnaan, Yesus yommus mukichaan, "#Homtinuu #deebi'ee #ija #si #irraa #hin #nyaatin bara baraan" jedhee abaare. Wolumaa galatti, Yesuus aangoon Rabbummaa waan hin qabneef jecha, beela'e sababa waan nyaatu dhabeef, muka fagoo arge irratti shakkiin firee nyaattamu ufi irraa qabaatu hin ooluu jedhee tilmaame, faallaa tilmaa isaa taanaan, muka badii hin qabne, akkuma ilmi namaa mufatutti mufatee abaaree jechuudha.

Jallataa hunda Rabbiin haa qajeelchu.
♻️♻️♻️♻️By:XR ♻️♻️♻️
Gaafii fi yaada baruumsa kana irratti qabdan kamuu, eddoo #'leave a comment' jedhu tuquun bareessuu hin dagatinaa.
Namoonni miseensa asiin dura hin ta'in, baruumsa fakkata kanaa, ka asiin dura #kennamaa #turanii fi kana boodas #kennaman argachuu yoo barbaaddan, linkii asii gadii tuquun, garee Telegiraamaa seenaa nu hordofaa 👇

https://t.me/Xaalibu6504