Turullee Dhugatu Mo'ata
11K subscribers
514 photos
129 videos
110 files
414 links
Sobni miseensa guddaa qabaatuun yeroo dheerefatun ni malaa, garuu dhugaa hinjifatuu ammoo gonkumaa hin danda'u.
Download Telegram
Kutaa 8ffaa

Waaqni ati waaqeffattu (gabbartu) Waaqa qaba moo hin qabu?

Waaqni Gooftaa yookaa Waaqaa isaa olii ni qabaata jettee yaadda?
Waaqni mootii waa hundaa ta’e Waaqaa isaa olii yooka Gooftaa isaa olii qaba osoo siin jedhanii sammuun kee si fudhataa?

Yesuus Waaqa qabaatuu ammoo namni shakku jiraa?
Yesuus gaafa dachii tana gubbaa turee fi gaafa gara samiitti ol bahellee akka Waaqa (Rabbiin) qabu fi Waaqni ammoo akka Waaqaa (Rabbiin) hin qabne beektuu?
Mee gaafiiwwaan asii olitti argamaniif deebii quubsaa argachuuf ragaawwan asii gadii haa ilaalluu:-

1- Yohannis 20:17👇🏻
" Yesus immoo, "Ana hin qabin! Ani amma iyyuu gara abbaatti ol hin baane; gara obboloota koo dhaqii, 'Ani gara #abbaa #kootii fi #abbaa #keessaniitti, gara #Waaqayyo #kootii fi #Waaqayyo #keessanitti ol nan ba'a' jedhii isaanitti anaaf himi!" jedhee ishee abboome."
የዮሐንስ ወንጌል 20:17 ኢየሱስም። ገና ወደ አባቴ አላረግሁምና አትንኪኝ፤ ነገር ግን ወደ ወንድሞቼ ሄደሽ። እኔ ወደ #አባቴና ወደ #አባታችሁ ወደ #አምላኬና ወደ #አምላካችሁ ዓርጋለሁ ብለሽ ንገሪአቸው አላት።

2- Maarqoos 12:29 👇🏻
" Yesus deebisee, "Inni hundumaa irra caalu, 'Dhaga'i, yaa Israa'el! Gooftichi #Waaqayyo #keenya #kophaa #isaa #gooftaa dha. "
የማርቆስ ወንጌል 12:29 ኢየሱስም መልሶ እንዲህ አለው። ከትእዛዛቱ ሁሉ ፊተኛይቱ። እስራኤል ሆይ፥ ስማ፤ #ጌታአምላካችን #አንድጌታ ነው፥

3- Maatewos 27:46 👇🏻
" Gara sa'aatii salgaffaatti #Yesus sagalee guddaadhaan, "#Elii, #Elii lamaa sabaktanii?" jedhee waammate; kunis, "#Waaqayyoko, #Waaqayyoko maaliif na dhiifte?" jechuutti in hiikama. "
27:46 በዘጠኝ ሰዓትም ኢየሱስ። #ኤሎሄ #ኤሎሄ ላማ ሰበቅታኒ? ብሎ በታላቅ ድምፅ ጮኸ። ይህም። #አምላኬ #አምላኬ፥ ስለ ምን ተውኸኝ? ማለት ነው።

Qabxiiwwan ijoon Yohannis 20:17, Maarqoos 12:29 fi Maatewos 27:46 irraa nuti hubannu:-

1ffaa- Yesuus Waaqayyoo kootii fi Waaqayyoo keessanii Yeroo jedhu ifatti akka Waaqa akkuma namuu qabu innillee qabaachuu mudhisa, keessattuu ‘kootii’ (Waaqayyoo kootii) jecha jettuun adda baasee addeesse. Kanaafuu Yesuus Waaqa qabaatuu fi Waaqni akka Waaqa hin qabne namni sammuun nagahaa kamuu ifatti beekaa jechu.

2ffaa- Keessattuu ragaan Maarqoos 12:29 akka ibsutti, Yesuus afaan isaatiin Waaqayyo keenya kophaa isaa goofta jedhee qabxii 2 ijoo ilma namaatii hime. Ta duraa Waaqayyoo keenya Yeroo jedhu, Waaqni uumaa birootii Waaqaa isaafis akka Waaqa ta’eef kan lammaffaa immoo Waaqni Yesuusiinille dabalate uumaa hundaa Waaqaa akka kophama isaatti (kan Yesuusille isa wojji gooftaa hin taane) goofta akka ta’e ifatti muldhisa jechu.

3ffaa- Yesuus gaafa Yahuudunni isa ajjeesuuf jettu akka Waaqni isaa birmatuuf Waaqayyoo koo jedhaa akka Waaqa isaa tumsuu danda’utti iyyata turee fi Waaqa Waaqefatuu fi gaafa rakkoo tumsa irra barbaadu qabaatuu ifatti mirkaneessa jechuuudha


Eega gara samiitti ol bahee booda hoo Yesuus Waaqa qaba moo hin qabu laata? Mee ragaawwan armaan gadii haa ilaallu:-

4️⃣ Mul’ata Yohannis 3:2
" Ka'i, dammaqaas ta'i! Wanta hafee du'uuf jedhus jabeessi! Ani fuula #Waaqayyo #koo duratti hojiin kee fiixaan ba'uu isaa hin argine. "
የዮሐንስ ራእይ 3:2 ሥራህን #በአምላኬ ፊት ፍጹም ሆኖ አላገኘሁትምና የነቃህ ሁን፥ ሊሞቱም ያላቸውን የቀሩትን ነገሮች አጽና።
🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀
5️⃣ ↪️ Mul’ata Yohannis 3:12👇🏻
" Isa mo'u sana mana qulqullummaa #Waaqayyo #koo keessatti utubaa nan godha; isa keessaas matumaa hin baafamu. Maqaa #Waaqayyo #kootii, maqaa mandara #Waaqayyo #kootii, Yerusaalem ishee haaraa ishee Waagayyo koo biraa waaqa keessaa gad buutu, maqaa koo isa haaraas utubaa kana irratti nan caafa."
የዮሐንስ ራእይ 3:12 ድል የነሣው #በአምላኬ መቅደስ ዓምድ እንዲሆን አደርገዋለሁ፥ ወደ ፊትም ከዚያ ከቶ አይወጣም፤ #የአምላኬን ስምና የአምላኬን ከተማ ስም፥ ማለት ከሰማይ ከአምላኬ ዘንድ የምትወርደውን አዲሲቱን ኢየሩሳሌምን፥ አዲሱንም ስሜን በእርሱ ላይ እጽፋለሁ።

Qabxiin ijoon Mul’ata Yohannis 3:2 fi 3:12 irraa hubannu, Yesuus erga gara samiitti Rabbiin ol isa fuudhee boodalle akka mul’ata kanaatti (mul’ata Yohannis jechuudhaa) akka Waaqa qabuu ifatti nama hubachiisa. Mul’anni Yohannis seenaan inni dubbatu waan eega Yesuus gara samiitti ol bahe ta’uun beekamaadha waan ta’eef.

Jallataa hunda Rabbiin haa qajeelchu.
♻️♻️♻️♻️By:XR ♻️♻️♻️
Worronni baruumsa Amantii Islaamaa fi Kiristaanaa wol bira qabuun baratu barbaaddan garee Chaanaala asii gadii tuqaa seenaa 👇
https://t.me/Xaalibu6504