Firii Qulqulloota
1.46K subscribers
19 photos
1 video
83 links
๐Ÿ”ˆ"Warrii #Waaqayyoo_abdiidhaan eegatan garuu #humni isaanii ni #haareffama ;akka joobiraas baalleedhan #ol ni ka'u , ni #fiigu hin dadhaban, ni #adeemu garuu hin dadhaban" Isaa 40:31
Download Telegram
Maat 28:6 "#แŠฅแŠ•แ‹ฐ แ‰ฐแŠ“แŒˆแˆจ #แ‰ฐแŠแˆฅแ‰ถแŠ แˆ(#Akkuma dubbaate du'aa ka'eera)" #Kiristoos โค๏ธ๐Ÿ™

Maat 16:21_ "#Iyyasuus gara #Iyyaarusalem akka dhaqan #harka_maanguddootaatiin, #harka_luboota warra angafootaa fi barsiisota seeraatiin guddaa dhiphachuun, #ajjefamuun, #guyyaa_sadaffattis_du'aa ka'uun akka isa irra jiru #bartoota isaatti mul'isuutti ka'e.

#Phexiroos immoo gara bukkeetti isa qabee, "#Waaqayyo si haa oolchu"Kun si irratti dhufuun hin ta'uuf" jedhee isa gorsuutti ka'e.

#Inni garuu garagalee Phexrosiin, "#Na_duraa turi #Seexana_nana. Ati gufuu anatti taate, #ati kan #namootaa_malee
#kan_Waaqayyoo_hin_yaaddu" jedhe.

๐ŸŒน๐ŸŒน๐ŸŒนMaat 17:22_25 "#Bartoonni Galiilaatti #Iyyasuus biratti walitti qabamnaan #Iyyasuus,
"#Ilmi_namaa harka namootaatti #dabarfamee in kennama.

Isaan isaa ni #ajjeesu, #inni garuu #guyyaa_sadaffaatti du'aa ni kaafama" isaaniin jedhe; kana irratti #bartoonni baay'ee in gaddan.

#Ergaamonis_akkaas jechuun du'aa ka'umsaa isaa #lalaban

Luq 24:5 "#Isaa_jiraataa maaliif #warra_du'an keessa barbaaddu?
#Innoo_as_hin_jiru, ka'eera."
(#แˆ•แ‹ซแ‹แŠ•_แŠจแˆ™แ‰ณแŠ• แˆ˜แŠซแŠจแˆ แˆตแˆˆ แˆแŠ• แ‰ตแˆแˆแŒ‹แˆ‹แ‰ฝแˆ? #แ‰ฐแŠแˆฅแ‰ถแŠ แˆ_แŠฅแŠ•แŒ‚ แ‰ แ‹šแˆ… แ‹จแˆˆแˆแข)

https://t.me/firiqulqulloota

"#Wantumaa hundaaf #Waaqayyoof_galanii haa ta'uu."

Ayyaana Gaarii
แŠญแˆญแˆตแ‰ถแˆต แ‰ฐแŠ•แˆฅแŠ  แŠฅแˆ™แ‰ณแŠ•
แ‰ แ‹“แ‰ขแ‹ญ แŠƒแ‹ญแˆ แ‹ˆแˆฅแˆแŒฃแŠ•
แŠ แˆ แˆฎ แˆˆแˆฐแ‹ญแŒฃแŠ•
แŠ แŒแ‹“แ‹ž แˆˆแŠ แ‹ณแˆ
แˆฐแˆ‹แˆ
แŠฅแˆแ‹ญแ‹•แ‹œแˆฐ
แŠฎแŠ
แแˆฅแˆ แ‹ˆแˆฐแˆ‹แˆ

(แŠญแˆญแˆตแ‰ถแˆต แŠจแˆ™แ‰ณแŠ• แ‰ฐแŠแˆฃ
แ‰ แ‰ณแˆ‹แ‰… แŠ€แ‹ญแˆแŠ“ แˆฅแˆแŒฃแŠ•
แ‹ฒแ‹ซแ‰ฅแˆŽแˆตแŠ• แŠ แˆฐแˆจแ‹
แŠ แ‹ณแˆแŠ• แŠแŒป แŠ แ‹ˆแŒฃแ‹
แˆฐแˆ‹แˆ
แˆ†แŠ
แ‹ฐแˆตแ‰ณแŠ“ แˆฐแˆ‹แˆ )

(#Kiristoos du'aa ka'e
Humnaa jabaaf Aangoo isaan
Seexanni hidhame
Addaam bilisaa ba'e
kana booda
Ta'ee
Nageenyii fi gammachuun.)

https://t.me/firiqulqulloota
"#N๐™–๐™œ๐™–๐™–๐™ฃ_๐™ž๐™จ๐™ž๐™ฃ๐™ž๐™ž๐™›_๐™๐™–a๐™ฉ๐™–'๐™ชu(#แˆฐแˆ‹แˆ #แˆˆแŠฅแŠ“แŠ•แ‰ฐ แ‹ญแˆแŠ•)Yoh 20:26

#Baga du'aa ka'umsa #2ffaa #nagaan geessan!!!

#Du'aa ka'umsa 2ffaaa sababni jedhameef #gooftaan keenya Iyyasuus kiristoos du'ee awwaalamee 2ffaa ka'ee osoo hin taane si'a 2ffaaf bakka qulqulluun Toomaas jirutti akkuma duraan duuka buutotatti mul'ate, marsaa 2ffaaf waan itti mul'ateefi.

#Gooftaan keenya erga man'dhee du'aa moo'ee ka'ee gaafa #guyyaa_8ffaa guyyaa sanbataa duuka buutota isaatti mul'ateera.

#Yeroo sanattis duuka buutonni isaa #Afuura_Qulqulluu isa humna jaraaf ta'u, fuula ormootaa duras dhaabbatanii dhuga baatota kiristoos akka ta'an jara jajjabeessu hin arganne waan ta'eef Ayihuudota sodaatanii jaraa mana cufatanii laphee tokkoon kadhannaan murtaa'anii jiranitti #nagaan_isiniif_hata'u" jedhee #lammata waan isaaniitti mul'ateef du'aa ka'umsa 2ffaa jedhame.

โ€œ#Guyyaa_saddeet booddees bartoonni isaa ammas walitti qabamanii mana keessa turan, #Toomaasis isaanii wajjin ture. Isaanii mana cufatanii utuu taa'anii, Iyyasuus dhufee isaan gidduu dhaabatee, "#Nagaan_isiniif haa ta'u!" isaaniin jedhe.โ€ Yoh. 20:26

#Gooftaan keenya 2ffaa maaliif mul'atee??

#Bartuu isaa #Toomaasiin du'aa
ka'umsa isaa amansiisuuf. kunis du'aa ka'umsa gooftaa #Toomaas shakkee ture.

โ€œ#Bartoonni warri kaanis, "#Goofticha_argineerra" jedhanii itti himan; inni garuu, "Iddoo #sibiilichi ure, harka isaa lamaanitti yoon arge malee, quba koos iddoo sibiilichi ure irra yoon kaa'e malee, harka koos madaa cinaacha isaa keessa yoon kaa'e malee, hin amanu'" isaaniin jedhe.โ€ Yoh. 20:25

#Kanaaf bakka #Toomaas jirutti mana cufaa keessatti argamee #toomaasiin gara koo kottu jedhee #mirkaneessuuf harkaa fi #cinaacha koo waraaname haxaayii ilaali jedheen.#Toomaasis harkaa fi cinaacha isaa waraaname haxaa'ee du'aa ka'umsa gooftaa #amaneera. Toomaas kutaan Lallaba Biyya isaas, wareegamummaa kan itti fudhates #Hindiitti ture.

โ€œKana booddee #Toomaasiin, "#Quba kee fidii as irra kaa'i, harka koo lamaan ilaali, harka kee fidiitii #madaa_cinaacha_koo_keessa_kaa'i; kan hin amanne hin ta'in,#kan_amante_ta'i malee!" jedhe.โ€ Yoh. 20:27

"#Warri osoo na hin #argin natti #amanan jarri haa gammadan"
Yoh. 20:29

https://t.me/firiqulqulloota

"#Wantumaa hundaaf #Waaqayyoof galanii haa ta'uu."
"#Amantii_dhaan_Isaan_Fakkaadhaa"(แ‰ แŠฅแˆแŠแ‰ณแ‰ธแ‹ แˆแˆฐแˆ‰แŠ แ‰ธแ‹แกแก)Ibr.13แฅ7

#Kabajamtoota maatii #Waaqayyoo!
Isin;
#Warra_amantiidhaan cimanii dhaabatan dhiistanii warra #kufanii achumaan hafan ilaaltu taanaan #kufaatiin keessan yeroo sana dha.

#Kanaafuu ol qabdanii kaasuu dhaaf yoo ta'e malee #warra kufanii achumaan hafan hin ilaaliinaa!
Akka #onnee jabaa argattaniif warra #amantii dhaan cimanii dhaabatan ilaalaa!

Warra asii gadi #dhidhimanii hafan hin ilaaliinaa!
Warra #humna_Waaqayyootiin kutanii ce'an ilaalaa!

#Warra ganan hin ilaaliinaa!
#Warra hamma dhumaatti amanamanii darban ilaalaa!

Warra #jibba babaldhisan hin ilaaliinaa!
Warra #jaalalaan jiraachaa turan ilaalaa!

Warra #biyya jeeqan hin ilaaliinaa!
Warra #nagaa lallabaa turan ilaalaa!

Warra #nama wal nyaachisan hin ilaaliinaa! Warra #biyya araarsaa turan ilaalaa!

Warra #gufatanii karaatti hafan hin ilaaliinaa!
Warra #fiigichoo afuuraa injifatanii badhaasa samii irraa #badhaafaman ilaalaa!

Warra #sobaaf miindeffamanii jiraachaa jiran hin ilaaliinaa!
Warra #dhugaa dhaaf #wareegamanii darban ilaalaa!

#Amantanis amanuudhaa baattanis ergamni keenyis #wangeelli keenyis kunoo kana dha.

Kanaafuu akka Qulqullichi #Phaawuloos dubbate kanatti jiraachuu barbaaddu taanaan;

"#Hangafoota keessan warra dubbii #sagalee Waaqayyoo isinitti himanii turan #yaadadhaa!
#Firii jireenya isaaniis akkaa ilaaltan #amantiisaaniin isaan fakkaadhaa!"
Ibr.13แฅ7

Isaan #jaalala malee jibba namaa hin qaban,

Isaan #wangeela malee wanjala hin lallabani,

Isaan #dhugaa malee soba hin beekani,

Isaan dhiigni isaanii dhangala'ee amantaa keenya babaldhisan malee dhiiga namaa dhangalaasanii bataskaana hin tajaajille.

IIsaan ofii #doorsisamanii namoota baay'ee mootummaa #Waaqayyoodhaaf qopheessan malee nama #doorsisanii bataskaana keessaa hin ari'anne.

Kanaafuu nutis #Waaqaootiin tajaajilaa jirra erga ufiin jennee #hangafoota keenya kana ilaalee #amantiidhaan isaan fakkaachuun dirqama #kiristiyaanummaa keenyaati.

https://t.me/firiqulqulloota

"Wantumaa hundaaf #waaqayyoof galanii haa ta'uu."
"#Iyerusaalemii hin ba'inaa"(#แŠจแŠขแ‹จแˆฉแˆณแˆŒแˆ-แŠ แ‰ตแ‹แŒก)
H/er 1:4

"#Abdii_abbaan koo isiniif kenne, isa ani #isinitti hime sana eeggadhaa malee, #iyerusaalemii hin ba'inaa"
H/er 1:4

#Karaa_Deemtoni_Emaahusis #iyerusaalemiti deebi'ani jiruu...Nutis gara Mana waaqayyoti haa deddebinu

Luq 24:14"#Jarri karaatti waa'ee waan #gidduu sana ta'e hundumaa kaasanii, haasa'aa in adeemu turan.
โœ… #Utuu isaan haasa'aa, irrattis #dudubbachaa adeemanii, #Iyyasuus ofii isaa isaan bira ga'ee, isaanii wajjinis adeeme.

#Iji isaanii garuu, isa akka hin hubanneef ittifamee ture.
Yommus #Iyyasus, "Inni #isin walii wajjin haasa'aa adeemtan kun, maali?" jennaan, #nyaara guuranii achuma dhaabatan. Isaan, keessaa inni #Qileyophaa jedhamu, tokko deebisee

"Warra #Iyerusaalem jiraatan keessaa waan gidduu kana mandaricha keessatti ta'e kan hin beekne, 'Si'uma# duwwaa dhaa?" jedhe.

Inni, "#Waan attamii ti?" isaaniin jennaan, isaan immoo, "Waa'ee #Iyyasuus nama #Naazireet, isa gochatti dubbiittis #Waaqayyoo fi namoota duratti raajii aango-qabeessa ture sana,
akka luboonni warri angafoonni, warri biyya seerratanis duuni itti haa faradamuuf dabarsanii isa kennan, akka isa fannisanis.

โœ… #Nuyi garuu kan Israa'elin furu isa, jennee #abdannee turre; eyyee, kana hundumaa irratti iyyuu immoo kun erga ta'e har'a guyyaa #sadaffaa isaa ti.

โœ…Kana malees, warra gara keenyaa keessaa #dubartoonni ganama obboroo iddoo awwaalichaa dhaqan tokko, akka abjuu nu godhan.
Isaan achii deebi'anii reeffa isaa awwaalicha keessaa akka dhaban, garuu #ergamoonni_Waaqayyoo itti mul'atanii, '#Iyyasuus_jiraataa dha' akka ittiin jedhan nutti himan.

โœ… "#Warra nuu wajjin turan keessaas kaan gara awwaalichaa dhaqanii, akkuma dubartoonni sun jedhan ta'uu isaa baran, isa garuu hin argine" jedhanii itti himan.
Inni immoo, "#Isin gowwoota attamii ti, waan raajonni jedhan hundumaas amanuudhaaf yaadni garaa keessanii attam daagii dha.

โœ…#Kiristoos kun kana hundumaa dhiphatee ulfina isaatti akka galu, barbaachisaa hin turre moo ree?' isaaniin jedhe. Innis macaafa #Musee fi macaafota raajotaa hundumaa keessatti iddoo itti waa'ee isaatiif dubbatu hundumaa isaaniif hiike.

โœ… Gara ganda jarri lamaan itti adeemaa turanittis dhi'aannaan, #Iyyasuus akka waan darbee adeemuu fedheetti aggaame.
Isaan garuu, "Nu biras buli, galgalaa'ee #aduunis gad sokkiteetti" jedhanii jabeessanii isa kadhatan; kanaaf isaan bira turuudhaaf duukaa ol gale.

โœ… Jaraa wajjin #nyaatatti yeroo dhi'aates, #buddeenicha fuudhee, eebbisee, cabsees isaaniif kenne.
Yommus #iji isaanii ittifamee kan ture gad dhiifame, hubatanis, inni garuu isaan duraa miliqe.

โœ…Isaan immoo, "Yeroo inni karaatti nutti dubbachaa, macaafa keessatti kan caafames nuu #ibsaa dhufe garaan keenya ni raafame, mitii ree?" waliin jedhan.

#Yeroodhuma sanattis ka'anii #iyerusaalemitti deebi'an; achitti immoo bartoota kudha tokkon, warra isaan biraa wajjin walitti qabamanii argan.

#Warri walitti qabaman sun,"#Gooftichi_dhuguma du'aa ka'eera, #Simoonittis mul'ateera" ni jedhu turan.
Yommus jarreen #lamaan waan karaatti ta'e hundumaa, yeroo inni #buddeena cabsetti attamitti akka isa #baranis odeessan.

#Nutis_iyeerusaalem kan ta'ate gara mana amnataati dedebi'uuf maal haa goonu..

๐ŸŒน#1.Akkaa isaanii waa'ee giddiira #kiristoos irraa ga'e yaadachuu . Isaas walii walii keenya hubachisu...
Yeroo sana #kiristoos gidduu keenyaati arjumaa isaan ni argama.

Maat 18:20
โ€œIddoo namoonni #lama yookiis #sadii maqaa kootiin walitti qabamanitti, ani achitti isaan gidduutti nan argama" jedheraa kiristoos .

#2.#Akkaa isaanii nutis barumsaa #raajotaa , duuka bu'oota fi #abboota barachuufi gaafachuun hubachuu qabna. Isaan erga hubatanii laphee isaanii waa'ee #kiristoos gubacha ture wan ta'ef.

๐ŸŒน#3.Akkaa #isaanii nu waliin bulii jennee kadhachuun. Isaanif #ijii isaanii kan ifeefi #waaqumaa #kiristoosfi du'a ka'umsaa isaa kan hubaatan yeroo innii #buddeena cabsee kennuufi ture.

Nutis #buddeena bara bara kan ta'ee gaabbii galee #foonii fi #dhiiga isaa yeroo fudhaanu ijii laphee keenya nuf banama


https://t.me/firiqulqulloota

"#Wantumaa hundaaf #Waaqayyoof galanii haa ta'uu."
"#Namoonni_hojii keessan isa #gaarii arganii, #abbaa keessan isa samii irraaf #ulfina akka kennaniif #ifni keessan akkuma kanaatti #namoota duratti haa ifu." Mat 5:16

Isaa #Kalleessaa caala har'a hu boonsite Atileet #Latasanbat_Gidey

#Kabaja nama Irraa kabaja #waaqayyotu caala

#Kennaa biyyaa lafa irraa kan #samiitu caala

Ammaas Fiigichaa afuurawaa
Dn Fissihaa Kiroos waliin waaqayyoo bara keessan isiinif haa eebbisuu ๐Ÿ™

https://t.me/firiqulqulloota

"#Wantumaa hundaaf #waaqayyoof galanii haa ta'uu."
#แ‹ฐแ‰ฅแˆจ_แˆแŒฅแˆ›แ‰… (Tulluu #Miixmaaq)

๐Ÿ™ #Caamsaa_21 kabajama. Guyyaa kanatti haati keenyi qulqulleettiin #Dubroo_Maariyaam biyya Gibxi tulluu #mixmaaq jedhamuu irratti gululaata bataskaana maqaa #isheen ijaaramte irratti markaba #ifa fakkaatuun guyyaa itti muldhattedha.

#Namootni baay'een warreen #Kiristaana ta'aaniif warreen amantaa biroo ishee ilaalaniiru. Ishee waliiniis #ergamootnii fi #qulqullootnii ni jiru ture.

#Ergamootnis akkas jechaa #galateeffatuun ture, "#Waaqayyoo_Abbaan samii irra ta'ee ilaalee, kan akka kee ta'u garuu hin arganne; #ilma isaa tokkicha gara kee erge,innis sirraa #nama ta'e."

#Qulqullootni_wareegamtoonni hunduu gara ishee dhufanii kabaja #isheef ni sagadu ture.

#Warreen achi turanis isheedhaan #eebbifamaa turan, kan #abbaa fi #haati jalaa du'e, gara ishee dhufanii #haadha koo ykn abbaa koo nuuf agarsiisi yeroo jedhan ni agarsiistiin turte. #Maarraba isaanii gara haadha keenyaa kanneen darbataniis jiru ture. #Isheeniis kan jaallatte ofitti fudhachaa deebistee kennitiif ture. Isaaniis eebbaaf ni hiratu ture.

#Haaluma kanan guyyaa #shaniif Kiristaanootnii fi warreen amantaa biroo ishee ilaalaniiru. #Muldhatni haadha keenya tulluu #mixmaaq jedhamutti muldhatte kun agarsiisa #araarsummaa haadha keenyaa fi namoota #ilma ishee #Kiristoosiin amananiif #abdii kan itti agarsiistedha.

#Warreen ishee arganiis akkuma #Qulqulluu_Daawiit faarfatee, ishee dhaan akkas jedhanii galateefataniiru.

๐ŸŒน๐ŸŒน๐ŸŒนFaarf. 87แฅ2-3 "#Waaqayyo iddoo buufata Yaa'iqoop hunduma caalaa mandara Tsiyoon karra ishee wajjin ni #jaallata. Yaa mandara Waaqayyoo,
#wanti_ulfina-qabeessi waa'ee keef ni dubbatama."

Har'as #Araarsumaa fi #Eebbii haadha keenyaa Dubroo Maariyaam Hundumaa keenyaa waliin haa ta'uu.

https://t.me/firiqulqulloota

"#Wantumaa hundaaf #Waaqayyoof_galanii haa ta'uu."
"#Kiyyoo keessan #Gara_mirgaatin #darbaadha ni #argatu"Yoh 21:6

kanas kan dubbaate #kiristoos erga du'a ka'e booda yeroo #sadaffaa yeroo isaaniti mula'atedha.

Yoh. 21:1-6

๐ŸŒนKana booddee #Iyyasuus ciisa bishaan #Xiberiyaados bukkeetti ammas #bartootatti of mul'ise; akka kanatti aanee jirutti of mul'ise.

๐ŸŒน#Simoon_Phexros, #Toomaas inni "Diidimos" jedhamu, #Naataanaa'el inni Qaanaa Galiilaa, ilmaan Zabdewos lamas bartoota warra kaan keessaa walii wajjin turan.

๐ŸŒนYommus Simoon Phexros, "#Ani_qurxummii qabuu nan dhaqa" isaaniin jedhe; isaanis, "#Nuyis sii wajjin ni #dhaqna" jedhaniin; gad ba'anii bidiruu yaabbatan. #Halkan sana garuu waan tokko hin qabne.

๐ŸŒนErga barii'e immoo #Iyyasuus qarqara bishaanii dhaabatee ture; #bartoonni garuu #Iyyasuus ta'uu isaa hin barre.

๐ŸŒน #Iyyaasuus yommus, "#ljoollee_Qurxummii waa of biraa hin qabdanii?" isaaniin jedhe; isaan immoo,"#Waawuu"ykn hin qabnu jedhanii deebisaniif.

๐ŸŒนInni immoo, "#Bidiricha bukkee gara #mirgaatiin kiyyoo #darbadhaa ni#argattus" isaaniin jedhe. #Isaanis kiyyicha darbatanii, baay'ina #qurxummii irraa kan ka'es isa #harkisuu dadhaban."

Gara #mirgaatin_darbaadha jechuun #yaada keessan #ana irraati #gata ykn anati #amana jechuudha. #Isaanis amananii #qurxumii barbaada bulan yeruuma #tokkicha argata.

1Phe 5:6-7
ยฏยฏยฏยฏยฏยฏยฏยฏยฏยฏ
๐ŸŒน #Waaqayyo yeroon isaa yommuu ga'u akka ol isin qabutti, #harka isaa isa #aango-qabeessa jalatti gad of deebisaa.

๐ŸŒนInni #isiniif waan yaaduuf, #yaaddoo keessan #hundumaa #Waaqayyotti #gataatii dhiisaa."

#Dhugumaati baratooni isaa yeroo #yaada isaani isaa irraati gataaniti ykn #amananiti_kiyyoon isaani #guute ol $fuudhu dadhabani jedha.

Maatii #waaqayyoo har'a nutis #yaada keenya hundaa #waaqayyoo irraati yoo gane inni #wanta nuf barbaachisu nuf kennaa.

#Waaqayyoo_baratoota isaaf #akkaa_of mul'ise har'as #arjumaa ,#jaalala fi #nageenya isaa #nuf haa kennuu.

https://t.me/firiqulqulloota

"#Wantumaa hundaaf #Waaqayyoof_galanii haa ta'uu ."
#Naa_Duuka_Bu'ii #แ‰ฐแŠจแ‰ฐแˆ‹แŠ)
Yoh 21:19


#erga du'a ka'e boodadha
Yoh. 21:15-

๐ŸŒนSimoon #Phexrosiin, "#Simoon ilma #Yohannis isa warri kun na #jaallatan caalaa ana jaallattaa ree?" jedhe; #inni immoo, "Eeyyee #gooftaa Akkan si #jaalladhu atuu in beekta" jedheen. #Iyyasus deebisee, "#Ilmoolee koo bobbaasii" jedhe.

๐ŸŒนSi'a #lammaffaas #Iyyaasus
"Simoon ilma #Yohannis, ana jaalattaa ree?" jedheen; yommusis inni, "Eeyyee #gooftaa Akkan si #jaalladhu atuu in beekta" jedhee deebiseef. #Iyyasuus immoo, "#korbeesota koo eegi" jedheen.

๐ŸŒน Si'a #sadaffaas_Iyyasus "Simoon ilma #Yohannis, ana jaalattaa ree?" jedheen. #Phexros immoo waan inni si'a #sadaffaa "#Ana _aalattaa ree" ittiin jedheef in gadde; deebisee immoo, "#Gooftaa, ati waan hundumaa ni beekta; akkan si #jaalladhus atuu ni hubatta" jedheen; #Iyyasus immoo, "#Hoolota_koo bobbaasi"

๐ŸŒนKanas #Iyyasus_kiristoos #fakkeenyuman isaati dubaate...

A.#ilmoollee kan jedhaman
โžก๏ธkanneen #amanta isaaniin gana #jabaacha jiran ykn gara #kiristoos_amanutii dhufaanii eegu akkaa qabu ibsaa

B.#Korbeessota kan jedhaman โžก๏ธkanneen #amantan jabaatan eeguun akkaa eegun barbaachisadha.

C.#Hoollota kan jedhaman kanneen #jireenya isaanii guututi #kiristoos taasisata bobbaasu akkaa isaa barbaachisuu hubachise....

๐ŸŒนKarraa biran ammoo #ilmoollee , #korbeessota fi #hoollota kan jedhaman #dubartoota 36, #ardiiti 72, #duuka bu'uuta 12....eegu fi bobbaasu akkaa isaa barbaachisu #waaqayyoo #pheexiroosiiti dubbaate..... kun ammoo har'af fakkeenya fi barumsaa nu haa ta'uf...

๐ŸŒนNutis har'a #dhuguumatii #Iyyasus_kiristoos yoo jaalanee #hoollota isaa eegu fi bobbaasu akkaasumas kaanneen #hoollota isaa hin tannee hoollota isaa taasisu qaban jechudha.

Yoh 14:15 "#Isin yoo na #jaallattan abboommota ykn ajjaajota koo ni eegaโ€ jedha #kiristoos kanaf wanta innii #eega jedhee fi #raawwadha jedhee raawwcha jiraree nuti????......#dhugumaati mee gaaffii kan ofii keessanii #ofii deebisa.....

#Qulqulleeti_Dubaroo_Maariyaamiis akkaas nun jettii
Yoh 2:5"#Wanta innii #isiin jedhee #hundaa raawwadha" .....

#Waaqayyoo nuti #ijoolleen isaa #ajjaaja isaa eegneefi raawwannee #tajaajiltu mana isaa akkaa tanu fedha fi #jaalala isaa nuf haa ta'u.

https://t.me/firiqulqulloota

#Wantumaa_hundaaf #Waaqayyoof galanii haa ta'uu ๐Ÿ™
โ€œ#Waaqayyo_gooftaan sagalee gammachuutiin, sagalee #fiinootiinis ol #ba'eera.(#แŠ แˆแˆ‹แŠญ แ‰ แŠฅแˆแˆแ‰ณแฅ #แŠฅแŒแ‹šแŠ แ‰ฅแˆ”แˆญ #แ‰ แˆ˜แˆˆแŠจแ‰ต แ‹ตแˆแ… #แ‹แˆจแŒˆแข)Faarfannaa 47: 5

"#Samiirraa irraa #humna hamma argattanitti #Iyyeerusalem keessa turaa" Luq 24:49

#Gooftaan keenyaa #Iyyasuus_kiristoos guyyaa 40 ti yeroo #olbahuu duuka bu'oota isaati dubbate.

Bakkaa nu turruu qabnu #iyyaarusalem ta'uu nuti himeera
โžก๏ธ#Iyyeerusalem Kan jedhamte

โœ…#1ffaa
#Mana_kiristaana :Kunis wanta #kiristoos raawwadha jedhee of keessaati qabate jirti waan ta'efi
Abbas #inxooniyoos akkas jedhu
"#Namnii #Mana_kiristaana #haadha hin godhane #waaqayyoo_Abbaa hin ta'uuf" jedhuu.

#Qulqulluu_yohaanis_afaan_warqees
"#Mana_kiristaana alaa #fayyinii hin jiruu" jedhuu

Kanafuu nutis #jireenya #kiristaana keenya Mana #kiristaana keessa ta'uu qaba

โžก๏ธ#2ffaa #Qulqulleeti_Dubroo_Maariyaamii :#Iyyeerusalem jadhamti..
Duuka bu'oonnii #Qulqulleeti_Dubroo_Maariyaam qabatan Waan turanif afuurii qulqulluu akkaa bu'eef ni argana.

H/erg 1:14โ€œ#Duuka bu'oonnii hundinuu dubartoota tokkoo wajjin, #Maariyaam haadha #Iyyasuus, laphee tokkoon kadhataaf of kennanii turan.โ€

Kanaf #ishee qabane akkaa duuka bu'oota eebbaa Fi kennaa #afuura_qulqulluu ni argan.

#Ishee is #dhaloonii_hunduu na galateffatuu Waan jette...#Nuti ni #galattefana.

Maatii #waaqayyoo Hanga dhumaatii #Iyyeerusalem keessa ture tajaajiltota Mana isaa nu has taasifatu.

https://t.me/firiqulqulloota

#Wantumaa hundaaf #waaqayyoof galanii haa ta'uu ๐Ÿ™
"#Maaliif_dhaabbaatanii_Samii keessa ilaaltu"? H/erg 1:11

Jecha Kana Kan dubbate #ergaamota. Kunis guyyaa ol baay'insa #Kiristoos jechudha.

H/erg 1:11"#Ergamoonis Isin namoota Galiilaa, maaliif dhaabattanii #Samii keessa ilaaltu? Iyyaasus inni isin biraa gara #Samiiti olbahe kun, akkuma amma gara samii olbahu isaa argitan kanatti immoo, deebi'ee in dhufa" jedhaniin .

๐ŸŒน@#Ergaamonnii_Waaqayyoo Maaliif dhaabachuu duuka bu'oota gaafatanii?

โžก๏ธ#Kiristoos olbahu isaa akkaa lalaabaniif
#Ergaamoonii akkuuma du'aa ka'uumsa isaa dursaa lalaban olbahinsaa isaa lalabaanii akkaa lalabamuu taasisaniiru

Mat. 28:6-7
๐ŸŒน#Ergaamoonii akkaas jedhanii "#Inni as hin jiru, akkuma jedhe ka'eera; kottaa iddoo reeffi isaa ka'ame ture iyyuu ilaalaa.

Ammas #dafaa dhaqaa bartoota isaatti, 'Inni du'aa ka'eera, kunoo, inni isin dura #Galiilaa in dhaqa, achitti isaa ni argitu jedhaatii himaa. Kunoo, #ani isinitti himeera" jedhanii.

Kanaf #Ergamooni_duuka bu'ootaf akkuuma #lalaban yeroo kamiiyyuu nu #dursuun isaanii nuf ragaadha.

S.bahu 23:20"#Kunoo, ani karaa irratti akka si eeguuf, #iddoo ani qopheessettis akka si geessuuf #ergamaa si dura nan erga.โ€

โžก๏ธ#Addunyaa guututi deemanii akkaa lallabaniif
โœ… Isaanis Kan gidduu isaanii hir'ate bakkaa buusun #tajaajila isaanii adduunyaa guutu geesisan.
Bakkaa yihudaa #Maatiyaas buusun #tajaajila isiin caalatii ciman.

Mat 28:19โ€œ#Egaa dhaqaa, maqaa #abbaa , #ilmaafi kan #afuura qulqulluutin isaan cuuphuudhaan, saba #hundumaa_bartoota koo godhaaโ€jedheniirre #kiristoosis

Kanaf maatii #waaqayyoo nuti #amantaa keenya keessatii dhaabachaa jira moo wanta jedhamne akkaa #duuka bu'oota raawwacha jira???

Nuti har'a
โœ…#Gaabbii galaa
โœ…#Icciiti raawwadha
โœ…#kadhaana jabbaadha
โœ…#sagalee waaqayyoo
dhagaahaa
โœ…Kan #sagalee waaqayyoo hin dhageenyee dhaagesisaa
yoo jedhamne dhaabachaa jira moo raawachuf ariifacha jira???

๐ŸŒน#Duuka bu'oonnii yoo dhaabbatanile hara #Samii ol ilaalu ture jechuu #yaadni isaa waa'ee kiristoos ture .

#Nuti hoo #eessaa ilaala Jira laata???
#Abboonii yeroo hundaa yaada #laphee keessan #Samii taasifadha jedhuu.
"Kan #waaqayyoo Kan ta'e #sagalee waaqayyoo ni dhagaha"

#Waaqayyoo laphee sagalee isaa #dhagahu nuf haa kennuu.

https://t.me/firiqulqulloota

#Wantumaa hundaaf #Waaqayyoof_galanii haa ta'uu."
"#Ani_Ergaama_Koo_Fuldaara Keeti #sifan erga("แŠฅแŠ” #แˆ˜แˆแŠ แŠญแŠ• แ‰ แŠแ‰ตแˆ… #แŠฅแˆฐแ‹ตแ‹ณแˆˆแˆ")seera bahuu 23:20

๐ŸŒนFaarsa 34:7 โ€œ#Ergamaan Waaqayyoo naannoo warra #Waaqayyoon sodaatanii ni buufata, inni isaan ni #oolchas(ni #eegas).

๐ŸŒนSeera Bahuu 23:20_22 "#Kunoo, ani #karaa irratti akka si #eeguuf, iddoo ani qopheessettis akka si geessuuf #ergamaa Koo si dura nan erga.

โœ#Atis_of_eeggadhu, dubbii isaa dhaggeeffadhu. #Maqaan_koo isa keessa waan jiruuf, inni #irra-daddarbaa kee siif hin #dhiisu, ati isaan mormitee irratti hin ka'in.

๐Ÿ‘#Dubbii_isaa ba'eessa gootee yoo #dhaggeeffatte, #waan_ani sitti #dubbadhu_hundumaas yoo goote, #ani_diina_keetti #diina_nan_ta'a, warra siin mormaniinis nan morma.

#Hangaftii_Ergaamota_Qulqulluu_Mikaa'eel

#Baahiraaniif xalayaa du'aa #if jechuun gara #jireenyatii akkuma jijjiire....

#Afoomiyaan_si'ilii keen qorumsaa #Seexanan reebamuu irraa akkuma oltee.....

#Yaa_Ergaama_Qulqulluu #Mikaa'eel jireenya keenyaa keessatii #qorumsaa nu mudaatu hundaa irraa akkaa nu eeguu fedha Fi jaalala #waaqayyoo nuf haa ta'uu.

https://t.me/firiqulqulloota

"#Wantumaa hundaaf Waaqayyoof galanii haa ta'uu."

Baga geeessan

#Ayyaana_Gaarii
"#Yaada_Tokkoo #Kadhaanaf ni #jabaatu ture" H/erg 1:14

#Gooftaan keenyaa #Iyyasuus_kiristoos erga isaan bira #olbahe bakkaa tokkooti (#Mana haadha #marqoositi ) Waliiti qabamun #Kadhaana jabaacha turan.

#Isaaniis:-
#Haadha keenyaa #Durboo_Maariyaam
#Duuka bu'oota
#Dubartoota_Qulqulloota
# Ardiiti_torbaatamii laman ta'anii yaada #Tokkoo Kadhaanaf ni jabaatu ture.

#Tokkummaan_yaada_tokkoon #Kadhachuu isaaniin.

#1. #Gidduu isaanii #wanta hir'aate guutataniiru.

H/erg 1:26 #Bakkaa #Yihudaa #Maatiyaas filataniiru.

#2. #Afuurii_Qulqulluun ni bu'eef

H/erg 2:1_4"#Ayyaanni guyyaa #shantammaffaa inni "#Phenxeqostee" jedhamee beekame yommuu ga'e, #hundinuu_iddoo_tokkotti walitti qabamanii turan.

๐Ÿ™ #Dingatas_huursaan samii irraa akka #bubbee bubbisuutti dhaga'amee, #manicha isaan keessa jiranis #guute.

๐Ÿ™#Arraba_ibiddaa kan fakkaatan isaanitti mul'atan, gargar tamsa'aniis, #wanti akka arraba #ibiddaa kun tokkon tokkon isaanii irra taa'an.

๐Ÿ™Yommus #hundumti_isaanii_hafuura_qulqulluudhaan_guutaman; akka hafuurri dubbachuu isaa isaaniif kennetti, afaan garaa garaa dubbachuu jalqaban.

#3. Kanneen hin #amane_amansiisaniiru

H/erg 2:37_47 "#Namoonnis kana dhaga'anii garaan isaanii amanee; #Pheexiroos fi #ergamoota warra kaaniin, "Yaa #obboloota nana maal goonu ree?" jedhan.

๐Ÿ™ #Pheexiroos immoo, "#Yaada_garaa_keessanii_geddaradhaa; cubbuun keessan akka isiniif dhiifamuuf, tokko tokkon keessan maqaa #Iyyasuus Kristositti #cuuphamaa; kennaa hafuura qulqulluus in fudhattu.

๐Ÿ™Abdiin #Waaqayyo abdachiise #isinii fi #ijoollee keessaniif, warra fagaatanii jiraataniif, #Waaqayyo keenya #gooftichi itti waamu hundumaafis" jedhee deebiseef.

๐Ÿ™Kana malees #Pheexiros kan biraa dubbii baay'eedhaan #dhugaa isaanitti ba'e, "#Adaba dhaloota jal'aa kanatti dhufu jalaa oolaa! jedhee, #cimsee isaan gorse.

๐Ÿ™#Warri dubbii isaa fudhatan ni #cuuphaman; kanaaf guyyaa sanatti akki lubbuu #3000 isaanitti in dabalaman.

#Waluma_galatii_yaadan_tokkoo yoo tanee

#Wanta nu hir'aate ni guuna
#kennaa #Afuura_Qulqulluu nuf kennaama
#Namoota hin hubbaane hubaachisne #Mana isaa keessaati ni waaman....

๐Ÿ™๐Ÿ‘Kanaf isaan kanneen argachuuf Yaa #kiristaanota #tokkummaan Fi #jaalaliii keenyaa #Jechaan ,#uffaatan fi iddoo qofaa osoo hin taane #yaad_laphee keenyan tokkoo ta'uu qabna.

#Tokkummaa keenya ammoo Kan samiira jiranii (#ergaamoota)Fi lafara jiraanii(#Qulqulloota) waliin ta'uu beeku qabna.

๐Ÿ™#Yaa_Waaqayyoo_laphee iitti #Yaada_Tokkummaa qabne #mana_Kee kessaa jiraanu nuf kennii. Amen๐Ÿ™๐Ÿ™๐Ÿ™

https://t.me/firiqulqulloota

"#Wantumaa hundaaf #Waaqayyoof galanii haa ta'uu"
"#Dhaloonii_Hundiinu_Na_Galateeftu" Luq 1:48

#Waxabajjii 21 (#Sanee #Golgootaa)

#Sanee #Golgootaa kan jedhameef haati keenya #Qulqulleettii #Dubroo #Maariyaamiin,Ergaa Gooftaan keenya du'a moโ€™ee ol ba'ee,iddoo Awwaala isaa #Golgootaa jedhamuu ganamaaf,galgala deemtee Waaqayyoon kadhachaa turte .
#kadhannaan ishee cubbamtoota akka Ilmi ishee fayyisuuf ture.
#yeroo kanaas Ilmii ishee Goftaan keenya Iyyesuus Kiristoos Qulqulloota isaa wajjin samii irraa gadi-bu'ee fedhiin harmee isa maal akka ta'ee gaafatee waadaa seeneef

#Waadaa inni seenee kunis แฆ...
โžฆ#Maqaa keetiin nama naa #kadhate,
โžฆNama #beela'e kan beela basee,
โžฆkan #dheebote kan dheebuu basee,
โžฆkan #daare kan uwwisee fi kkf kan godhe sif nan Fayisaa jedhee waadaa seeneef .
Akkuma Farfannaa Dawit jedhuu--
#Farfannaa 89:3 #kanaan filadhe waliin waadaa seeneera .
#Eega Walumaa galatti #Waxxabajjii 21 guyyaa itti Gooftaan keenya hadhaa isaa dubroo #Maariyaamiifi_waadaa itti seeneedha .

#Tokkos แฆ#Guyyaa #Gooftaan #keenya #Mana #Qulqullummaa itti Eebbise dha.!
#Farfannaa Daawit 77แฅ69 # Mana #Qulqullummaa #isaa #Iddoowwan #Ol-kaโ€™ootti #ni #ijaare.)
#Waxabajjii gafaa 20 guyyaa itti Goftaan keenya dhagaa sadii irra mana Qulqullummaa ijaruun, #Waxabajjii gafaa 21 immoo guyyaa inni itti Eebbisee, bartoota isaaf qurbaana laateefidha.

#Gabaabumatti Guyyaa kanaa(#Waxabajjii_21 #Goftaan keenya hadhaa isaa Taabota taasise ofii isa luba tokkoffaa ta'ee,luba lammaffaa immoo #Pheexiroosiin taasise,#Isxifaanosiin Daaqunii tokkoffaa taasise manicha Eebbisuun #qurbaana isaaniif latee.
Mana #Qulqullummaa sanas maqaa Giiftii keenya Dubroo #Maariyaamiin yaadannoo ishee taasise.
#Raajichi #Isaayaas 56 แฅ5 ) irratti " #Maqaa bara baraan hin badne dallaa mana kooti keessatti seenaa isan ittiin yadataman isiniifa nan kennaa"

#Eega yaa Obboloota koo #Deessu_Waaqayyoo miti ,
#Maariyaam isheen #Magdalaawitii umurii ishee gutuu cubbuu dalagaa turtee guyyaa tokkittii tiin Qalbii ishee jijiraten, cubbu isheef millaa Iyyasuus ti kufte kadhateen,
Goftaan keenya mal jedheen? " #Gutummaa_biyya_lafaatti iddoo dhuma #Wangeelli itti lallabameetti seenaan ishe ni yadatama isaaniin jedhe"

#kanafuu Qulqullootnii Waaqayyoo #warra umurii isanii gutuu waaqayyoof Qulqullaaโ€™aanif yadannoon ni barbachisaa jechaadha.

#Araarsumaan Haadha keenyaa Dubroo #Maariyaam hundumaa keenyaa waliin haa ta'uu

#Nutis_dhaloota tanee akkaa Ishee galateefanuu fedhaa Fi Jaalalaa #Gooftaa_keenyaa #Iyyasuus_kiristoos Nuf Haa Ta'uu.Ameen ๐Ÿ™๐Ÿ™๐Ÿ™๐Ÿ™

https://t.me/firiqulqulloota

#Wantumaa_hundaaf #Waaqayyoof galanii haa ta'uu ๐Ÿ™ ๐Ÿ™๐Ÿ™
"#Sanyii_Facaasudhaaf ba'e" Maat 13:-3

#1ffaa Inni utuu #facaasuu kaan #karaa bukkee bu'an, #simbirroonni immoo dhufanii #funaananii nyaatan.

#2ffaa Kaan immoo #lafa_dhagaa, lafa biyyoo baay'ee hin qabne irra bu'an; #lafti isaan irra bu'anis #biyyoo gad fagoo waan hin qabneef dafanii biqilan.

Yommuu #aduun itti baate garuu in #coollagan; #hidda gad fagoo waan hin godhatiniifis in #gogan.

#3ffaa Kaan #qoree keessa bu'an; #qoreewwan guddatanii isaa #hudhan ykn akkaa #firrii hin #bufne taasisan.

#4ffaa Kaan garuu #biyyoo_gaarii irra bu'anii #ija godhatan, #iji isaaniis kaan dachaa #dhibba, kaan dachaa #jaatama, kaanis dachaa #soddoma ta'e."Maat 13:4-8

#Gooftaan_keenyaa_Iyyasuus #kiristoos yeroo fakkeenya kana #hiike barsiisu akkaas jedhe

๐ŸŒน"#Egaa fakkeenyi namicha #sanyii_facaasuu maalitti akka hiikamu dhaggeeffadhaa".๐Ÿ›…

Akkuma #sanyiin_karaa bukkeetti facaafame ta'e, eenyu illee #dubbii mootummichaa dhaga'ee yoo hubachuu dhaabaate, inni #hamaan dhufee dubbicha isa garaa isaa keessatti facaafame in butata ykn kan hin #yaadanee ta'a.

Akkuma #sanyiin lafa #dhagaa keessatti facaafame ta'e, akkasuma #namni dubbicha dhaga'ee achumaan #gammachuudhaan ni fudhata.

Inni #yeroodhaaf malee #hundee hin qabu; sababii dubbichaatiif #rakkinni yookiis ari'atamuun yommuu ka'u achumaan in gufata.

Akkuma #sanyiin_qoree keessa bu'e ta'e, akkasuma #namni dubbicha in dhaga'a; kana booddees #yaaddoon biyya #lafaa; #gowwoomsaan soorumaa dubbicha in #hudha, #ija utuu hin #godhatinis in hafa.

โœAkkuma #sanyiin lafa #gaariitti_facaafame ta'e immoo, akkasuma #namni_dubbicha ni dhaga'a ni #hubatas; ija godhatees, inni tokko #dhibba, inni tokko #jaatama inni kaanis #soddoma ni godhaata" jedheMaat. 13:18-24

โžก๏ธ#As keessatii nuti #hubachuu Kan qabnu
โœ…#Qotee_bulaan _kanneen #sagalee waaqayyoo #barsiisanii
โœ…#sanyiin______#Sagalee waaqayyoo
โœ…#Iddoo_Sanyin irraa qubaate___#laphee namoota #sagalee waaqayyoo sana dhaganii hojii hin hiikne, osoo #ajjaaja_waaqayyoo beekanu jaalala aduunyaatif ykn qabeenya #adduunyaatif dursaa kanneen Kennanan, kanneen #qorumsaa darbuu dadhabanii kufaan Fi kanneen #Sagalee waaqayyoo dhagaa'anii #hojiiti hiikaniif #fakkeenya Kan barsiisedha.

๐Ÿ†•๐ŸŽค#Yaa_maatii_waaqayyoo nutii hoo har'a kanneen #Sagalee_guyyaa guyyaati Kan dhaageenyuu #sanyii bakkaa #afran bu'an keessa nuti Kan akkaa isaa #kamiitii laata #laphen keenyaa โ“โ“โ“โ“
Mee of haa gaafannuu.

2Qor13:5"#Yeroo_amantadha yoo jirtan #of_qoraadha" Mee nutis of #Yaa barbaanu isaa Kam akkaa tane.

๐Ÿ””Yaa #waaqayyoo_sagalee kee dhageenyee #laphee ittin #hojiiti hiiknu nuf #kennii.

https://t.me/firiqulqulloota

"#Wantumaa hundaaf #waaqayyoof_galanii haa ta'uu"
"#Anan_jiraadha #anis isin wajjiinan #jiraadha."Yoh 15:4

#Waaqayyoo nu wajjiin #jiraachuuf kan barbaachisu....

1. #Ajaaja_isaa_eegudha.

Yoh 14:23 "#Isin yoo na jaallattan #abboommota koo ni eegdu."

2. #Balbala Laphee keenyaa #waaqayyoof banuudha.

Mul Yoh 3:20 #Kunoo, ani #balbala dura dhaabadhee #balbala nan rukuta; namni sagalee koo dhaga'ee balbala yoo anaaf bane, ani ol nan lixa, isaa wajjinis maaddiitti nan dhi'aadha, innis #anaa wajjin ni nyaata."

#Waaqayyoo akkaa isaa wajjiin Jiraanuu dhifaamni Fi #arjummaa isaa nuf haa baay'atuu....

https://t.me/firiqulqulloota

#Wantumaa hundaaf #waaqayyoof galanii haa ta'uu ๐Ÿ™๐Ÿ™๐Ÿ™
#Loltoonnis isa qabanii #Adoolessa 5, bara #67tti yeroo #fannisuuf jedhan gadi gombisaa na fannisaa jechuudhaan gadi gombifamee #fannifamuun wareegame.
Yeroo san Qulqulluun #Phaawuloos mana hidhaa ture. Isas achii baasanii guyyuma sana #morma isaa kutanii wareegame.

#Qulqulluu_Phaawuloos

#Israa'el qomoo #Biiniyaam irraa magaalaa Tarseesitti dhalate. Maqaan isaa jalqabaa 'Saa'ul' jedhama ture. Kunis '#kennaa_Waaqayyoo' jechuudha. Akkasuma Room yeroo sana warreen bittaa ishee jala turaniif lammummaa kennaa waan turteef lamummaa Roomis qaba ture. #Phaawuloos waggaa 15 yammuu guutu Tarsesii gara biyyaatti deebi'ee hayyuu Gamaaliyaal iraa barumsa seera Yihoodotaa hanga #waggaa_30tti barate. Innis jalqaba yammuu Gooftaan barsiisu #Iyyerusaalmem keessa ture. Sababa kanaaf Yibuudotaaf inaafuun kiristaanota arii'achaa, ajjeesaa ture. HDB 8:1.

#Waamamuu_Isaa

#Inaaffaa_seera_Ayihuudiif qabu kanarraa kan ka'es #waggaa_32ffaa isaatti xalayaa eeyyamaa qabatee #Iyyerusaalemii gara #Damasqoo deemee kiristaanota ajjeesuuf karaa eegale. Gara #Damasqoo gahee yammuu magaalittii seenuuf jedhu Gooftaan mallattoo sodaachisaatiin isatti mul'achuun 'Saa'ul, Saa'ul maaliif na arii'atta' ittiin jedhe. HDB 9:4. #Saa'ulis, 'ati eenyu' yoo jedhu Gooftaan 'Ani #Iyyasuus isa Naazreet' jedheen. Isa booda gara luba #Hanaaniyaa jedhamu akka deemu itti himamee, innis deemee isa biratti cuuphamuun kiristaana ta'e. #Lammaffaas hojii isaa duraatti hin deebine. Gal.1:12. Erga #cuuphamee boodas gara biyyoota #Arabaatti godaane. Booda garuu [waggoota #sadi? Booda] gara #Damasqootti deebi'e.
Gal1:17.

#Qulqulluu_Phaawuloos warra kaanirraa wanti adda isa godhu warra #ormootaa hedduuf lallabuu isaati. Sababa kanaaf, "#Meeshaa_filatamaa" jedhameera. Wangeela lallabuufis gidiraa baay'ee fudhateera. Kitaaba Qulqulluu keessatti ergaawwan 14 barreessee arganna.

#Boqonnaa_Isaa

#Bara_65tti, bara sababa #gubachuu Roomaatiin #Neeroon Qeesaar kiristaanota rakkisaa turetti, Qulqulluu#Phaawuloos osoo magaala Niqoophiliyoon jedhamutti barsiisuu qabamee mana hidhaa gale. Waggaa #lamaaf baatii #jaha erga mana hidhaa keessa turee booda guyyaadhuma Qulqulluu#Pheexiroos fannifametti morma isaa kutanii wareegame. Sababa kanaan Ayyaanichi ayyaana "#Ibsaawwan_Addunyaa_Pheexiroos_fi_Phaawuloos" jedhamuun yaadatama.

#Neeroon bara #68tti hojjetaa isaa tokkoon #seefidhaan kutamee foon isaatiin du'a fokkisaa du'e; #lubbuusaatiinis jireenya hin arganne!; Qulqulluu #Pheexiroos fi #Phaawuloos garuu du'a isaaniitiin #Waaqayyoon kabajan; lubbuu isaaniitiin jireenya bara baraa argatan. "#Addunyaan hunduu ni darba; #fedhiin fooniis ni bada; #seera_Waaqayyoo kan raawwatu garuu #bara baraaf ni jiraata!"

#Sugaa fi #kadhannaan isaanii nu waliin haa ta'u.

https://t.me/firiqulqulloota

#Wantumaa hundaaf #Waaqayyoof_galanii haa ta'uu ๐Ÿ™
"#Garbicha_kee bira hin #darbin"(#แ‰ฃแˆชแ‹ซแˆ…แŠ•_แŠ แ‰ตแˆˆแˆแŠ)
Seera Uma 18:3

#Ayyaanni_Adoollessa_7 yaadannoo Guyyaa qulqulleettii #Sillaaseen #Mana_Abrihaamitti argamanidha.
#Abrihaam abbaan isaa biyya #karaan keessatti #waaqa_tolfamaa kan waaqessuufii kan hojjettee gurgurus ture.

#Maqaan_abbaa isaas #Taaraa jeehama ture. #Abrihaam garuu waaqa tolfamaa kana irratti #qorannoo guddaa geggeessee waaqa dhugaa akka hin taane erga amanee booda waaqa #dhugaa isa ta'e uumama irraa barachuudhaan nama amaneedha. Akkuma #kitaabani qulqulluu jedhutti #Waaqayyo karaa #tokkos karaa #biraas ni barsiisa jedhu. Iyob 33:14

#Waaqayyos_amantii isaa ilaalee #biyya#karaan keessaa #kanaa'anitti ol bu'i sin #Eebbisaa yeroo ittiin jedhu waamicha Waaqayyoo kana dhaga'ee #haadha warraa isaa #Saaraa wajjiin achitti ol ba'ee kan eebba Waaqayyoo argatteedha. Seer.uum 12:1
#Abrihaam umrii mucaa namaa yoo baay'atee #wagga_300 waan ittiin jedhameef kanaaf jedhee mana hin ijaarradhu jechuudhaan #dunkaana hodhatee keessa jiraachaa nama tureedha. Bakka #dunkaana isaa itti dhaabbates #karaa wal qaxxaamuraa ta'e irratti ture. #Sababnii isaas #namoota karaa adeemanii fi keessummoota haala gaariin nama #simachaa tureedha. #Fuula_Waaqayyo fi #namaa durattis nama #yaada_qajeelaa qabu ture. Kanarraan kan ka'e #seexanni itti inaafee sababa garaa garaa #uumuudhaan akka #namoonni mana Abrihaam hin seenne taasisuudhaan

#Abrihaamii fi #nama addaa
baasa turee. Yeroo kana #Sillaaseen gaarummaa #Abrihaamiin arge isa eebbiisuuf,#hojii_seexana barbaddeessuuf ykn ifachuuf akkasumas hir'uu mana isaatti immoo guutuudhaaf #Adoolessa_7_Sillaaseen ykn Waaqa #Abbaa, Waaqaa #Ilma,Waaqaa #Afuura_qulqulluun maanguddoo fakkaatanii gara #mana isaa dhufan.
#Abrihaamis_faara tolaan #simatee isaan #keessumeesse. #Sillaaseen #haadha manaa isaaf ykn #Saaraaf mucaa #Ilmaa akka argatu waan barbaadeef #misiraachoo itti hime. Seer.uum 18:1

#Raajaan_Waaqayyoo #Isaayiyaas immoo gara #abbaa keessaanii #gara #Abrihaam, gara #Haadha keessanii #gara_Saaraa ilaalaa jedheera. Isaay 51:1-2.
Akkas jechuunis #hojii_gaarii #Abrihaam hojjete #hojjedhaa jechuudha.

#Yaa"waaqayyoo Akkaa #Arjummaa Fi #dhifaama keeti Har'as nu #ijoollee Kee biraa hin darbiin #nuu eebbisii.

#Hojii_Abrihaam hojjenne eebba #sillaasee_uumaa keenyaa akka argannuuf #waadaan abbaa keenya #Abrihaam sugni isa nu waliin haa ta'uu."

https://t.me/firiqulqulloota

#Wantumaa hundaaf #Waaqayyoof"galanii haa ta'uu"