Firii Qulqulloota
1.46K subscribers
19 photos
1 video
83 links
🔈"Warrii #Waaqayyoo_abdiidhaan eegatan garuu #humni isaanii ni #haareffama ;akka joobiraas baalleedhan #ol ni ka'u , ni #fiigu hin dadhaban, ni #adeemu garuu hin dadhaban" Isaa 40:31
Download Telegram
#DABRA_QUSQUAM

#Dabra Qusqu'am jechuun #Tulluu_qusquam jechuu dha.

Haati keenyaa #Dubreen_Maariyaam #godaansa irraa yeroo deebitu bakka itti #boqatte dha.

Akkuma Mat.2፥13 irratti
#Ergamaan Gooftaa abjuu dhaan #Yoseefitti mul'atee, "Ka'ii, #mucichaa fi #haadha isaa fudhadhuutii gara biyya #Gibxiitti baqadhu."
Heeroods mucicha #ajjeesuudhaaf waan barbaaduuf, hamma ani sitti himutti #achuma_turi!" ittiin jedhe.” Jedhamee barreessame sana haati keenyi #Qulqulleettiin_Dubreen_Maariyaam Ilma ishee Isa addunyaan otoo hin uumamiin dura ture sana,
#Ilma_ishee Isa #Ishee_uume sana daa'imummaa isaatiin isa battee #Yooseefiif #Saloomee duukaa gara biyya missiritti #godaantee_waggaa_sadiif ji'a ja'a achi turte.
Mul.12፥14

#Iyyasuus_kiristoos inni #haadha isaa duukaa ari'atame kun #abdii warra ari'atamaniiti.

Haati keenyaa #Dubreen_Maariyaam Yooseefii fi Saloomee duukaa kan isaan #godaanani abdii warra ari'ataman kanaa waliini dha ture.

#Takka takka kunoo akkasitti utuma #Waaqayyo si #waliin jiruu ni ariatamta.

Ari'atamuun kee ammoo fedha #Waaqayyoodha erga ta'ee ameen jedhii galataan fudhadhu malee maaliif jettee #Waaqa irratti #hingumgumiin!

#Tarii maaltu beeke #Waaqayyo baabiloon keessatti afaan #leencootaa_cuftee,
Abidda dirrisee boba'u #amantiidhaan dhaamsitee, #namoota warra hin amaniin gidduutti hojii ajaa'iba ta'e hojjettee ittiin #ulfinakee muldhisuudhaaf barbaadeera yoo ta'e hoo???
Dan.3፥22-29
Dan.6፥22

#Takka takka akkaatuma kanaan utuma #Waaqayyo si #waliin jiruu ari'atamuu waan dandeessuuf ari'atamuukee #galataan_fudhadhu.

#Haati keenyaa #Dubreen_Maariyaamis abdii warra ari'atamanii kan ta'e ilma ishee #Iyyasuus_kiristoos duukaa gara biyya gibxitti godaante.

#Innis_Haadha Isaa duukaa gara #gibxiiti ari'atamuun fedha isaa ta'e.

Ari'atamuu isaa kanaanis biyya #gibxi keessaa #waaqayyoolii tolfamoo ulee aangoo isaatiin #burkuteessee #angoof taayitaa guddaadhaan gara biyya isaa #naazireetitti deebi'eera.

#Atis yeroo ari'atamtu bakka ari'atamte sanatti hojiiwwan #gurguddoo akkasii kana akka hojjettuudhaaf ta'uu danda'aatii ari'atamuun kee yoo Waaqa irraati ta'e #laphee_guutuudhaan amanii fudhadhu.

#Gara dubbii keenya isa jalqabaatti gaafa deebinu bara #godaansaa_waggaa_sadiif ji'a ja'aa booda #Heeroods inni Gooftaadhaan ajjeesuudhaa barbaadu ufiiyyuu du'ee awwaalame.

#Yeroo_Heeroods du'e kanattis #ergamaan Gooftaa biyya #Gibxiitti abjuudhaan #Yoseefitti mul'atee,
"Warri lubbuu #mucichaa barbaadan du'aniiruutii, ka'ii, #mucichaa_fi_haadha isaa fudhadhuutii biyya #Israa'eltti deebi'i" ittiin jedhe.
Mat.2፥19-20


#Haati keenyaa #Dubreen_Maariyaamis ilma ishee duukaa guyyaa hardhaa kanatti godaansa irraa deebite.

Yeroo #godaansa irraa deebi'an kanattis dadhabbii godaansicha irratti isaan mudate irraa kan boqatan #Dabra_qusquam tulluu jedhamutti waan ta'eef guyyichis #QUSQUAM jedhamee waamame.

#Guyyaa kanattis #Ergamootni bakka dabra #qusquam jedhamu kanatti Ilma ishee #Iyyasuus_Kiristoosiif_Dubree #Maaryaam irratti marsanii galateeffataniiru.

"#Wantumaa hundaaf #Waaqayyoof galanii haa ta'uu." 🙏🙏

https://t.me/firiqulqulloota

Ayyaana gaarii!
#Loltoonnis isa qabanii #Adoolessa 5, bara #67tti yeroo #fannisuuf jedhan gadi gombisaa na fannisaa jechuudhaan gadi gombifamee #fannifamuun wareegame.
Yeroo san Qulqulluun #Phaawuloos mana hidhaa ture. Isas achii baasanii guyyuma sana #morma isaa kutanii wareegame.

#Qulqulluu_Phaawuloos

#Israa'el qomoo #Biiniyaam irraa magaalaa Tarseesitti dhalate. Maqaan isaa jalqabaa 'Saa'ul' jedhama ture. Kunis '#kennaa_Waaqayyoo' jechuudha. Akkasuma Room yeroo sana warreen bittaa ishee jala turaniif lammummaa kennaa waan turteef lamummaa Roomis qaba ture. #Phaawuloos waggaa 15 yammuu guutu Tarsesii gara biyyaatti deebi'ee hayyuu Gamaaliyaal iraa barumsa seera Yihoodotaa hanga #waggaa_30tti barate. Innis jalqaba yammuu Gooftaan barsiisu #Iyyerusaalmem keessa ture. Sababa kanaaf Yibuudotaaf inaafuun kiristaanota arii'achaa, ajjeesaa ture. HDB 8:1.

#Waamamuu_Isaa

#Inaaffaa_seera_Ayihuudiif qabu kanarraa kan ka'es #waggaa_32ffaa isaatti xalayaa eeyyamaa qabatee #Iyyerusaalemii gara #Damasqoo deemee kiristaanota ajjeesuuf karaa eegale. Gara #Damasqoo gahee yammuu magaalittii seenuuf jedhu Gooftaan mallattoo sodaachisaatiin isatti mul'achuun 'Saa'ul, Saa'ul maaliif na arii'atta' ittiin jedhe. HDB 9:4. #Saa'ulis, 'ati eenyu' yoo jedhu Gooftaan 'Ani #Iyyasuus isa Naazreet' jedheen. Isa booda gara luba #Hanaaniyaa jedhamu akka deemu itti himamee, innis deemee isa biratti cuuphamuun kiristaana ta'e. #Lammaffaas hojii isaa duraatti hin deebine. Gal.1:12. Erga #cuuphamee boodas gara biyyoota #Arabaatti godaane. Booda garuu [waggoota #sadi? Booda] gara #Damasqootti deebi'e.
Gal1:17.

#Qulqulluu_Phaawuloos warra kaanirraa wanti adda isa godhu warra #ormootaa hedduuf lallabuu isaati. Sababa kanaaf, "#Meeshaa_filatamaa" jedhameera. Wangeela lallabuufis gidiraa baay'ee fudhateera. Kitaaba Qulqulluu keessatti ergaawwan 14 barreessee arganna.

#Boqonnaa_Isaa

#Bara_65tti, bara sababa #gubachuu Roomaatiin #Neeroon Qeesaar kiristaanota rakkisaa turetti, Qulqulluu#Phaawuloos osoo magaala Niqoophiliyoon jedhamutti barsiisuu qabamee mana hidhaa gale. Waggaa #lamaaf baatii #jaha erga mana hidhaa keessa turee booda guyyaadhuma Qulqulluu#Pheexiroos fannifametti morma isaa kutanii wareegame. Sababa kanaan Ayyaanichi ayyaana "#Ibsaawwan_Addunyaa_Pheexiroos_fi_Phaawuloos" jedhamuun yaadatama.

#Neeroon bara #68tti hojjetaa isaa tokkoon #seefidhaan kutamee foon isaatiin du'a fokkisaa du'e; #lubbuusaatiinis jireenya hin arganne!; Qulqulluu #Pheexiroos fi #Phaawuloos garuu du'a isaaniitiin #Waaqayyoon kabajan; lubbuu isaaniitiin jireenya bara baraa argatan. "#Addunyaan hunduu ni darba; #fedhiin fooniis ni bada; #seera_Waaqayyoo kan raawwatu garuu #bara baraaf ni jiraata!"

#Sugaa fi #kadhannaan isaanii nu waliin haa ta'u.

https://t.me/firiqulqulloota

#Wantumaa hundaaf #Waaqayyoof_galanii haa ta'uu 🙏