Firii Qulqulloota
1.46K subscribers
19 photos
1 video
83 links
πŸ”ˆ"Warrii #Waaqayyoo_abdiidhaan eegatan garuu #humni isaanii ni #haareffama ;akka joobiraas baalleedhan #ol ni ka'u , ni #fiigu hin dadhaban, ni #adeemu garuu hin dadhaban" Isaa 40:31
Download Telegram
🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹
🌹🌹🌹#Baga_geessan🌹🌹🌹
🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹

🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹Maat 2:13 "#Mucichaa fi #haadha isaa fudhadhuutii gara #Gibxiiti baqadhu."
(#αˆ•αƒαŠ‘αŠ•αŠ“ #αŠ₯αŠ“α‰±αŠ•αˆ α‹­α‹˜αˆ… α‹ˆα‹° #ግα‰₯ፅ ሽሽ)🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹

#Godaansi Haadha keenya #Qulqulleettii_Dubroo_Maariyaam yeroo hundaa #fulbaana 26 Hanga #sadaasa 5 niti yaadatama .

#Yeroo kanattis:-
.#Godaansa haadha keenya #Qulqulleeti_Dubroo_Maariyaam itti yaadanna.

πŸ’ kunis #Qulqulleeti_Dubroo_Maariyaam nuyiif jettee :-

#Buddeena jireenyaa baattee #beela'uu ishee,
#Bishaan jireenyaa baattee #dheebochuu ishee,
#Uffata jireenyaa baattee #qullaa ta'uu ishee , Ho'ina #Afuura_qulqulluu kan nuuf kennu Iyyasuus baattee #qorraan_rukutamuu ishee yeroo itti yaadannuu dha.
#Aduudhanni yeroo Isheen ittii dhipaatedha.
#Millaa Ishee qullaa deemun yeroo baay'ee ittii dadhabdedha. #Yeroon Kun yeroo #Ilmii_ishee #raajiiwwaan hedduu ittii raawate #Nuti ittii yaadanudha.

#Addunyaa kanarraati #dhala_nama keessa #Dubroo_Maariyaam caala kan #gaddee hin jiruu.... #Fulduratis hin jiraatu.
(#Godaansa Hanga yeroo #Ilmii Ishee yeroo#fannifaame gidiira isaa irraa gaha ture dhaabate #arguu caala #gadda maaltu jira)

Akkasumas #Addunyaa kanarraati #dhala_nama keessa #Durboo_Maariyaam caala kan #gammaades hin jiruu...... #Fulduratis hin jiraatu.
(#Waaqayyoo gadaamesa isheeti baate #dahuu hanga #harka Isheen haamachuun #harma ishee hoosiisuti Fi #Waaqayyoo waliin #Jiraachuu caala #gammachuu #maaltu Jira.....)

"#Qulqulleeti_Durboo_Maarimaam #barsiiftu Fi #Wabii jireenya keenyaati

#Yaa_obboolloa Koo har'as akkuma #yoseefin #mucaa Fi #Haadha fudhudhate gibxiideeme deebi'e #nagaa galee #nutis yoo#mucaa Fi #haadha qabne #addunyaa kana mo'ane #mootumaa isaa ni #dhaala)

Yoh 16:33 "#Anatti qabamtanii #nagaa akka qabaattaniif #ani kana hundumaa #isinitti hime; #biyya lafaatti #rakkina qabdu, #garuu_jabaadhaa! #Ani biyya #lafaa mo'eera."

#Yaa_Waaqayyoo Haadha Kee #Qulqulleeti_Dubroo_Maariyaamiif jedhii #yakkaa Fi #cubbuu keenyaa nuf dhiisi #kennaa ,#tsoma Fi #kadhaanna keenyaa fudhaadhu.......

🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹#Yeroo #Tsooma gaarii....#Nuuf haa ta'uu. Ameen🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹
https://t.me/firiqulqulloota

"#Wantumaa hundaaf #Waaqayyoof galanii haa ta'uu."
#DABRA_QUSQUAM

#Dabra Qusqu'am jechuun #Tulluu_qusquam jechuu dha.

Haati keenyaa #Dubreen_Maariyaam #godaansa irraa yeroo deebitu bakka itti #boqatte dha.

Akkuma Mat.2α₯13 irratti
#Ergamaan Gooftaa abjuu dhaan #Yoseefitti mul'atee, "Ka'ii, #mucichaa fi #haadha isaa fudhadhuutii gara biyya #Gibxiitti baqadhu."
Heeroods mucicha #ajjeesuudhaaf waan barbaaduuf, hamma ani sitti himutti #achuma_turi!" ittiin jedhe.” Jedhamee barreessame sana haati keenyi #Qulqulleettiin_Dubreen_Maariyaam Ilma ishee Isa addunyaan otoo hin uumamiin dura ture sana,
#Ilma_ishee Isa #Ishee_uume sana daa'imummaa isaatiin isa battee #Yooseefiif #Saloomee duukaa gara biyya missiritti #godaantee_waggaa_sadiif ji'a ja'a achi turte.
Mul.12α₯14

#Iyyasuus_kiristoos inni #haadha isaa duukaa ari'atame kun #abdii warra ari'atamaniiti.

Haati keenyaa #Dubreen_Maariyaam Yooseefii fi Saloomee duukaa kan isaan #godaanani abdii warra ari'ataman kanaa waliini dha ture.

#Takka takka kunoo akkasitti utuma #Waaqayyo si #waliin jiruu ni ariatamta.

Ari'atamuun kee ammoo fedha #Waaqayyoodha erga ta'ee ameen jedhii galataan fudhadhu malee maaliif jettee #Waaqa irratti #hingumgumiin!

#Tarii maaltu beeke #Waaqayyo baabiloon keessatti afaan #leencootaa_cuftee,
Abidda dirrisee boba'u #amantiidhaan dhaamsitee, #namoota warra hin amaniin gidduutti hojii ajaa'iba ta'e hojjettee ittiin #ulfinakee muldhisuudhaaf barbaadeera yoo ta'e hoo???
Dan.3α₯22-29
Dan.6α₯22

#Takka takka akkaatuma kanaan utuma #Waaqayyo si #waliin jiruu ari'atamuu waan dandeessuuf ari'atamuukee #galataan_fudhadhu.

#Haati keenyaa #Dubreen_Maariyaamis abdii warra ari'atamanii kan ta'e ilma ishee #Iyyasuus_kiristoos duukaa gara biyya gibxitti godaante.

#Innis_Haadha Isaa duukaa gara #gibxiiti ari'atamuun fedha isaa ta'e.

Ari'atamuu isaa kanaanis biyya #gibxi keessaa #waaqayyoolii tolfamoo ulee aangoo isaatiin #burkuteessee #angoof taayitaa guddaadhaan gara biyya isaa #naazireetitti deebi'eera.

#Atis yeroo ari'atamtu bakka ari'atamte sanatti hojiiwwan #gurguddoo akkasii kana akka hojjettuudhaaf ta'uu danda'aatii ari'atamuun kee yoo Waaqa irraati ta'e #laphee_guutuudhaan amanii fudhadhu.

#Gara dubbii keenya isa jalqabaatti gaafa deebinu bara #godaansaa_waggaa_sadiif ji'a ja'aa booda #Heeroods inni Gooftaadhaan ajjeesuudhaa barbaadu ufiiyyuu du'ee awwaalame.

#Yeroo_Heeroods du'e kanattis #ergamaan Gooftaa biyya #Gibxiitti abjuudhaan #Yoseefitti mul'atee,
"Warri lubbuu #mucichaa barbaadan du'aniiruutii, ka'ii, #mucichaa_fi_haadha isaa fudhadhuutii biyya #Israa'eltti deebi'i" ittiin jedhe.
Mat.2α₯19-20


#Haati keenyaa #Dubreen_Maariyaamis ilma ishee duukaa guyyaa hardhaa kanatti godaansa irraa deebite.

Yeroo #godaansa irraa deebi'an kanattis dadhabbii godaansicha irratti isaan mudate irraa kan boqatan #Dabra_qusquam tulluu jedhamutti waan ta'eef guyyichis #QUSQUAM jedhamee waamame.

#Guyyaa kanattis #Ergamootni bakka dabra #qusquam jedhamu kanatti Ilma ishee #Iyyasuus_Kiristoosiif_Dubree #Maaryaam irratti marsanii galateeffataniiru.

"#Wantumaa hundaaf #Waaqayyoof galanii haa ta'uu." πŸ™πŸ™

https://t.me/firiqulqulloota

Ayyaana gaarii!
"#Daawwiitin dhugaa #waaqa keenya ittiin argine #Qulqulleetii_Maariyaamiidha."

Kanaf #yeroo_hundaa galateefana

Luqas 1:48"#dhaloonnii hundiinu #nagalateefatu yaa qulqulleeti nan jedhu" jechuu akka nu #galatteefanu nu gorsite haati keenya
Kanaf nutis #dhaloota ishee waan tahanef #ishee #galaateefana.

#Isheen alaati fayyini hin jiru
Kanaf #seexanii yeroo hundaa ishee #jibbaa

#Qulqulluun_Giyoorgis isaan #aasicha akkas jedhu

1ffaa #Wanti_seexanii baayyee jibbuu tokkoo innis #haadha keenya qulqulleeti #dubroo_maariyaamiidha.

2ffaa #Wantii innii baay'ee #jaalatuu namaa #kadhanna isaa addaa $kutu ykn dhiisuudha jedhu

"#Maariyaam fudhaachuuf hin #sodaatin " jedhanii #ergamooniilee waayyee ishee ni #dubbaatu ykn #dhugaa bahu maat 1:20

"#Nyaata Fi #dhugaati bara bara Waan nuf deessef Yaa #Maariyaam nuti si #galateefana"

#Waaqa ishee nuf kenneef #galanii haa ta'u. Ameen!!!

https://t.me/firiqulqulloota

#Wantumaa hundaaf #waaqayyoof galanii haa ta'uu πŸ™πŸ™πŸ™
#Haadha_jireenyaa kan jireenya deesse; #aduu kan deesse;#haadha ifaa; #Duuti ishee nama ajaa'ibsiisa. (#Qulqulluu_Yaareed)

"#Addaamii_fi_Hewaan har'a #mucaan isaanii walitti dhufee waan ta'eef gammadan... Guyyaa kana #Daawit guddichi intala isaa #gonfoo bareedduu mataa isaa irra kaa'atte argee gammade...

#Guyyaa kana durba raajichi isheef." #Isaayyaas raajii dubbatee ture bakka warra du'anii isa daawwachuuf dhufe...

#Guyyaa kana, #raajonni hundi #awwaala isaanii irraa ifa isaan irratti ibsu argan.#Mataa ol kaasanii...#Ariyaan faarfannaa mi'aawaa sanaan guutamte kan #ergamootaa, lafti boo’icha #ergamoota gaddaan guutamaniin guutamte. Warri du'anii fi jiraan #Yeedalloo [garaa garaa] ibsuu hin dandeenye, #namni fi #ergamoonni guyyaa sana waliin #faarfatani"
(Qulqulluu #Yaaqoob Zesrug).

https://t.me/firiqulqulloota
"#Raawwaateera ( xumureera) #α‰°αˆαŒΈαˆ"Yoh 19:30
#Bitootessaa_27
🌹Gooftaan keenyaa #Iyyasuus_kiristoos jecha innii guyyaa #jimaata_fannoo irraatii jecha yeroo dhumaaf dubbaatedha.

#Wanti_raawwaatee

#1.#Waadan_Addaamif galamee
(Sanyii sanyii Keerraa dhaladhen si fayyisa Kan jedhuu)raawwateera.

#2. #Baruumsii raajonii fannifamuu isaaf dubbaacha Turan raawwateera

Isaa 53:4_5 "Inni garuu dhugumaan dhiphina keenya of irra in kaa'e, muddama keenyas in baate; nuyi garuu akka waan Waaqayyo dha'icha isatti fidee, akka waan inni isa rukutee gad isa deebisettis in lakkoofne.

Inni garuu balleessaa keenyaaf in waraaname, sababii yakka keenyaafis reebamee in caccabsame; nuyi nagaa akka argannuuf inni ni adabame, madaa'uu isaatiinis fayyinni nuuf ni argame". Raawwateera

#3.#Duuti mo'aameera

β€œAkkuma #cubbuun karaa du'aa mo'e, ayyaannis karaa gooftaa keenyaa #Iyyasuus_Kiristos gara jireenya bara baraatti nu geessuudhaaf qajeelummaadhaan ni mo'e"

#4. #Ganaanii banameera si'oolii keessa #lubbuuwwaan bahaniiru.

Luq 23 :43_44 "#Mootummaa keetiin yommuu dhuftu na yaadadhu" jedhe inn #mirga isaati faanifame xiixoos.

Gooftaan keenyaa #Iyyasuus immoo, "#Dhuguman sitti hima har'a anaa wajjin gannata keessatti ni galta" jedheen.

1Phe 3:18_19
"#Kiristoos immoo gara #Waaqayyootti isin fiduudhaaf jedhee, yeroo hundumaaf akka ta'utti al tokkicha, #cubbuu namoota baay'eetiif dhiphateera; inni qajeelaan #foon uffatee, qooda warra jal'ootaa ajjeefame, hafuuraan jiraachifameera.

#Afuuruma sanaanis dhaqee hafuurota warra mana hidhaa(si'oolii) keessa jiranitti lallabe.

5. #Iccitii ittiin #mootummaa isaa galuu nuf kenname.

Cuuphaa (akkaa nu cuuphamnuf cinaachi isaa yeroo waraanamu bishaan bahe )
Yoh 3:5 "#lammaaffaa_Bishaani Fi Afuura #Qulqulluu irraa yoo cuuphaamtan malee mootummaa Koo hin argitan)

Fi Qurbaana(foonii Fi dhiiga isaa nuf kenne)

Yoh 6:54" #foonii Fi #dhiiga Koo yoo nyaatanii Fi Dhugaan malee mootummaa Koo hin galatan.

Kanas nuf kennneeraa Wan ta'ef raawwateera jedhee.

#6. #Haadha keenyaa #Durboo_Maariyaam nuf kennneeraa Wan ta'ef #raawwateera jedhee. Karaa yohaanisin.

Yoh 19:27 " #kinoo_haadha_Kee"
Inniis yeroo sana eegalee gara #Mana isaatii ishee fudhate.

Nutis #Dhaloota dha gara #Mana keenyaa nuf haa seentu #Durboo_Maarimaam

Kanaf kennaa keenyaa qabanee Hanga dhumaatii akkaa dhabanu #fedha Fi #jΓ alalaa Isaa nuf haa ta'uu. Ameen πŸ™πŸ™πŸ™

https://t.me/firiqulqulloota

"#Wantumaa hundaaf #Waaqayyoof galanii haa ta'uu". Ameen πŸ™πŸ™πŸ™
#α‹°α‰₯ረ_ምαŒ₯αˆ›α‰… (Tulluu #Miixmaaq)

πŸ™ #Caamsaa_21 kabajama. Guyyaa kanatti haati keenyi qulqulleettiin #Dubroo_Maariyaam biyya Gibxi tulluu #mixmaaq jedhamuu irratti gululaata bataskaana maqaa #isheen ijaaramte irratti markaba #ifa fakkaatuun guyyaa itti muldhattedha.

#Namootni baay'een warreen #Kiristaana ta'aaniif warreen amantaa biroo ishee ilaalaniiru. Ishee waliiniis #ergamootnii fi #qulqullootnii ni jiru ture.

#Ergamootnis akkas jechaa #galateeffatuun ture, "#Waaqayyoo_Abbaan samii irra ta'ee ilaalee, kan akka kee ta'u garuu hin arganne; #ilma isaa tokkicha gara kee erge,innis sirraa #nama ta'e."

#Qulqullootni_wareegamtoonni hunduu gara ishee dhufanii kabaja #isheef ni sagadu ture.

#Warreen achi turanis isheedhaan #eebbifamaa turan, kan #abbaa fi #haati jalaa du'e, gara ishee dhufanii #haadha koo ykn abbaa koo nuuf agarsiisi yeroo jedhan ni agarsiistiin turte. #Maarraba isaanii gara haadha keenyaa kanneen darbataniis jiru ture. #Isheeniis kan jaallatte ofitti fudhachaa deebistee kennitiif ture. Isaaniis eebbaaf ni hiratu ture.

#Haaluma kanan guyyaa #shaniif Kiristaanootnii fi warreen amantaa biroo ishee ilaalaniiru. #Muldhatni haadha keenya tulluu #mixmaaq jedhamutti muldhatte kun agarsiisa #araarsummaa haadha keenyaa fi namoota #ilma ishee #Kiristoosiin amananiif #abdii kan itti agarsiistedha.

#Warreen ishee arganiis akkuma #Qulqulluu_Daawiit faarfatee, ishee dhaan akkas jedhanii galateefataniiru.

🌹🌹🌹Faarf. 87α₯2-3 "#Waaqayyo iddoo buufata Yaa'iqoop hunduma caalaa mandara Tsiyoon karra ishee wajjin ni #jaallata. Yaa mandara Waaqayyoo,
#wanti_ulfina-qabeessi waa'ee keef ni dubbatama."

Har'as #Araarsumaa fi #Eebbii haadha keenyaa Dubroo Maariyaam Hundumaa keenyaa waliin haa ta'uu.

https://t.me/firiqulqulloota

"#Wantumaa hundaaf #Waaqayyoof_galanii haa ta'uu."
β€œ#Waaqayyo_gooftaan sagalee gammachuutiin, sagalee #fiinootiinis ol #ba'eera.(#αŠ αˆαˆ‹αŠ­ α‰ αŠ₯αˆαˆα‰³α₯ #αŠ₯αŒα‹šαŠ α‰₯αˆ”αˆ­ #α‰ αˆ˜αˆˆαŠ¨α‰΅ α‹΅αˆα… #α‹αˆ¨αŒˆα’)Faarfannaa 47: 5

"#Samiirraa irraa #humna hamma argattanitti #Iyyeerusalem keessa turaa" Luq 24:49

#Gooftaan keenyaa #Iyyasuus_kiristoos guyyaa 40 ti yeroo #olbahuu duuka bu'oota isaati dubbate.

Bakkaa nu turruu qabnu #iyyaarusalem ta'uu nuti himeera
➑️#Iyyeerusalem Kan jedhamte

βœ…#1ffaa
#Mana_kiristaana :Kunis wanta #kiristoos raawwadha jedhee of keessaati qabate jirti waan ta'efi
Abbas #inxooniyoos akkas jedhu
"#Namnii #Mana_kiristaana #haadha hin godhane #waaqayyoo_Abbaa hin ta'uuf" jedhuu.

#Qulqulluu_yohaanis_afaan_warqees
"#Mana_kiristaana alaa #fayyinii hin jiruu" jedhuu

Kanafuu nutis #jireenya #kiristaana keenya Mana #kiristaana keessa ta'uu qaba

➑️#2ffaa #Qulqulleeti_Dubroo_Maariyaamii :#Iyyeerusalem jadhamti..
Duuka bu'oonnii #Qulqulleeti_Dubroo_Maariyaam qabatan Waan turanif afuurii qulqulluu akkaa bu'eef ni argana.

H/erg 1:14β€œ#Duuka bu'oonnii hundinuu dubartoota tokkoo wajjin, #Maariyaam haadha #Iyyasuus, laphee tokkoon kadhataaf of kennanii turan.”

Kanaf #ishee qabane akkaa duuka bu'oota eebbaa Fi kennaa #afuura_qulqulluu ni argan.

#Ishee is #dhaloonii_hunduu na galateffatuu Waan jette...#Nuti ni #galattefana.

Maatii #waaqayyoo Hanga dhumaatii #Iyyeerusalem keessa ture tajaajiltota Mana isaa nu has taasifatu.

https://t.me/firiqulqulloota

#Wantumaa hundaaf #waaqayyoof galanii haa ta'uu πŸ™
"#Yaada_Tokkoo #Kadhaanaf ni #jabaatu ture" H/erg 1:14

#Gooftaan keenyaa #Iyyasuus_kiristoos erga isaan bira #olbahe bakkaa tokkooti (#Mana haadha #marqoositi ) Waliiti qabamun #Kadhaana jabaacha turan.

#Isaaniis:-
#Haadha keenyaa #Durboo_Maariyaam
#Duuka bu'oota
#Dubartoota_Qulqulloota
# Ardiiti_torbaatamii laman ta'anii yaada #Tokkoo Kadhaanaf ni jabaatu ture.

#Tokkummaan_yaada_tokkoon #Kadhachuu isaaniin.

#1. #Gidduu isaanii #wanta hir'aate guutataniiru.

H/erg 1:26 #Bakkaa #Yihudaa #Maatiyaas filataniiru.

#2. #Afuurii_Qulqulluun ni bu'eef

H/erg 2:1_4"#Ayyaanni guyyaa #shantammaffaa inni "#Phenxeqostee" jedhamee beekame yommuu ga'e, #hundinuu_iddoo_tokkotti walitti qabamanii turan.

πŸ™ #Dingatas_huursaan samii irraa akka #bubbee bubbisuutti dhaga'amee, #manicha isaan keessa jiranis #guute.

πŸ™#Arraba_ibiddaa kan fakkaatan isaanitti mul'atan, gargar tamsa'aniis, #wanti akka arraba #ibiddaa kun tokkon tokkon isaanii irra taa'an.

πŸ™Yommus #hundumti_isaanii_hafuura_qulqulluudhaan_guutaman; akka hafuurri dubbachuu isaa isaaniif kennetti, afaan garaa garaa dubbachuu jalqaban.

#3. Kanneen hin #amane_amansiisaniiru

H/erg 2:37_47 "#Namoonnis kana dhaga'anii garaan isaanii amanee; #Pheexiroos fi #ergamoota warra kaaniin, "Yaa #obboloota nana maal goonu ree?" jedhan.

πŸ™ #Pheexiroos immoo, "#Yaada_garaa_keessanii_geddaradhaa; cubbuun keessan akka isiniif dhiifamuuf, tokko tokkon keessan maqaa #Iyyasuus Kristositti #cuuphamaa; kennaa hafuura qulqulluus in fudhattu.

πŸ™Abdiin #Waaqayyo abdachiise #isinii fi #ijoollee keessaniif, warra fagaatanii jiraataniif, #Waaqayyo keenya #gooftichi itti waamu hundumaafis" jedhee deebiseef.

πŸ™Kana malees #Pheexiros kan biraa dubbii baay'eedhaan #dhugaa isaanitti ba'e, "#Adaba dhaloota jal'aa kanatti dhufu jalaa oolaa! jedhee, #cimsee isaan gorse.

πŸ™#Warri dubbii isaa fudhatan ni #cuuphaman; kanaaf guyyaa sanatti akki lubbuu #3000 isaanitti in dabalaman.

#Waluma_galatii_yaadan_tokkoo yoo tanee

#Wanta nu hir'aate ni guuna
#kennaa #Afuura_Qulqulluu nuf kennaama
#Namoota hin hubbaane hubaachisne #Mana isaa keessaati ni waaman....

πŸ™πŸ‘Kanaf isaan kanneen argachuuf Yaa #kiristaanota #tokkummaan Fi #jaalaliii keenyaa #Jechaan ,#uffaatan fi iddoo qofaa osoo hin taane #yaad_laphee keenyan tokkoo ta'uu qabna.

#Tokkummaa keenya ammoo Kan samiira jiranii (#ergaamoota)Fi lafara jiraanii(#Qulqulloota) waliin ta'uu beeku qabna.

πŸ™#Yaa_Waaqayyoo_laphee iitti #Yaada_Tokkummaa qabne #mana_Kee kessaa jiraanu nuf kennii. AmenπŸ™πŸ™πŸ™

https://t.me/firiqulqulloota

"#Wantumaa hundaaf #Waaqayyoof galanii haa ta'uu"
"#Garbicha_kee bira hin #darbin"(#ባαˆͺα‹«αˆ…αŠ•_αŠ α‰΅αˆˆαˆαŠ)
Seera Uma 18:3

#Ayyaanni_Adoollessa_7 yaadannoo Guyyaa qulqulleettii #Sillaaseen #Mana_Abrihaamitti argamanidha.
#Abrihaam abbaan isaa biyya #karaan keessatti #waaqa_tolfamaa kan waaqessuufii kan hojjettee gurgurus ture.

#Maqaan_abbaa isaas #Taaraa jeehama ture. #Abrihaam garuu waaqa tolfamaa kana irratti #qorannoo guddaa geggeessee waaqa dhugaa akka hin taane erga amanee booda waaqa #dhugaa isa ta'e uumama irraa barachuudhaan nama amaneedha. Akkuma #kitaabani qulqulluu jedhutti #Waaqayyo karaa #tokkos karaa #biraas ni barsiisa jedhu. Iyob 33:14

#Waaqayyos_amantii isaa ilaalee #biyya#karaan keessaa #kanaa'anitti ol bu'i sin #Eebbisaa yeroo ittiin jedhu waamicha Waaqayyoo kana dhaga'ee #haadha warraa isaa #Saaraa wajjiin achitti ol ba'ee kan eebba Waaqayyoo argatteedha. Seer.uum 12:1
#Abrihaam umrii mucaa namaa yoo baay'atee #wagga_300 waan ittiin jedhameef kanaaf jedhee mana hin ijaarradhu jechuudhaan #dunkaana hodhatee keessa jiraachaa nama tureedha. Bakka #dunkaana isaa itti dhaabbates #karaa wal qaxxaamuraa ta'e irratti ture. #Sababnii isaas #namoota karaa adeemanii fi keessummoota haala gaariin nama #simachaa tureedha. #Fuula_Waaqayyo fi #namaa durattis nama #yaada_qajeelaa qabu ture. Kanarraan kan ka'e #seexanni itti inaafee sababa garaa garaa #uumuudhaan akka #namoonni mana Abrihaam hin seenne taasisuudhaan

#Abrihaamii fi #nama addaa
baasa turee. Yeroo kana #Sillaaseen gaarummaa #Abrihaamiin arge isa eebbiisuuf,#hojii_seexana barbaddeessuuf ykn ifachuuf akkasumas hir'uu mana isaatti immoo guutuudhaaf #Adoolessa_7_Sillaaseen ykn Waaqa #Abbaa, Waaqaa #Ilma,Waaqaa #Afuura_qulqulluun maanguddoo fakkaatanii gara #mana isaa dhufan.
#Abrihaamis_faara tolaan #simatee isaan #keessumeesse. #Sillaaseen #haadha manaa isaaf ykn #Saaraaf mucaa #Ilmaa akka argatu waan barbaadeef #misiraachoo itti hime. Seer.uum 18:1

#Raajaan_Waaqayyoo #Isaayiyaas immoo gara #abbaa keessaanii #gara #Abrihaam, gara #Haadha keessanii #gara_Saaraa ilaalaa jedheera. Isaay 51:1-2.
Akkas jechuunis #hojii_gaarii #Abrihaam hojjete #hojjedhaa jechuudha.

#Yaa"waaqayyoo Akkaa #Arjummaa Fi #dhifaama keeti Har'as nu #ijoollee Kee biraa hin darbiin #nuu eebbisii.

#Hojii_Abrihaam hojjenne eebba #sillaasee_uumaa keenyaa akka argannuuf #waadaan abbaa keenya #Abrihaam sugni isa nu waliin haa ta'uu."

https://t.me/firiqulqulloota

#Wantumaa hundaaf #Waaqayyoof"galanii haa ta'uu"