Firii Qulqulloota
1.42K subscribers
19 photos
1 video
79 links
πŸ”ˆ"Warrii #Waaqayyoo_abdiidhaan eegatan garuu #humni isaanii ni #haareffama ;akka joobiraas baalleedhan #ol ni ka'u , ni #fiigu hin dadhaban, ni #adeemu garuu hin dadhaban" Isaa 40:31
Download Telegram
"#Iyerusaalemii hin ba'inaa"(#αŠ¨αŠ’α‹¨αˆ©αˆ³αˆŒαˆ-αŠ α‰΅α‹αŒ‘)
H/er 1:4

"#Abdii_abbaan koo isiniif kenne, isa ani #isinitti hime sana eeggadhaa malee, #iyerusaalemii hin ba'inaa"
H/er 1:4

#Karaa_Deemtoni_Emaahusis #iyerusaalemiti deebi'ani jiruu...Nutis gara Mana waaqayyoti haa deddebinu

Luq 24:14"#Jarri karaatti waa'ee waan #gidduu sana ta'e hundumaa kaasanii, haasa'aa in adeemu turan.
βœ… #Utuu isaan haasa'aa, irrattis #dudubbachaa adeemanii, #Iyyasuus ofii isaa isaan bira ga'ee, isaanii wajjinis adeeme.

#Iji isaanii garuu, isa akka hin hubanneef ittifamee ture.
Yommus #Iyyasus, "Inni #isin walii wajjin haasa'aa adeemtan kun, maali?" jennaan, #nyaara guuranii achuma dhaabatan. Isaan, keessaa inni #Qileyophaa jedhamu, tokko deebisee

"Warra #Iyerusaalem jiraatan keessaa waan gidduu kana mandaricha keessatti ta'e kan hin beekne, 'Si'uma# duwwaa dhaa?" jedhe.

Inni, "#Waan attamii ti?" isaaniin jennaan, isaan immoo, "Waa'ee #Iyyasuus nama #Naazireet, isa gochatti dubbiittis #Waaqayyoo fi namoota duratti raajii aango-qabeessa ture sana,
akka luboonni warri angafoonni, warri biyya seerratanis duuni itti haa faradamuuf dabarsanii isa kennan, akka isa fannisanis.

βœ… #Nuyi garuu kan Israa'elin furu isa, jennee #abdannee turre; eyyee, kana hundumaa irratti iyyuu immoo kun erga ta'e har'a guyyaa #sadaffaa isaa ti.

βœ…Kana malees, warra gara keenyaa keessaa #dubartoonni ganama obboroo iddoo awwaalichaa dhaqan tokko, akka abjuu nu godhan.
Isaan achii deebi'anii reeffa isaa awwaalicha keessaa akka dhaban, garuu #ergamoonni_Waaqayyoo itti mul'atanii, '#Iyyasuus_jiraataa dha' akka ittiin jedhan nutti himan.

βœ… "#Warra nuu wajjin turan keessaas kaan gara awwaalichaa dhaqanii, akkuma dubartoonni sun jedhan ta'uu isaa baran, isa garuu hin argine" jedhanii itti himan.
Inni immoo, "#Isin gowwoota attamii ti, waan raajonni jedhan hundumaas amanuudhaaf yaadni garaa keessanii attam daagii dha.

βœ…#Kiristoos kun kana hundumaa dhiphatee ulfina isaatti akka galu, barbaachisaa hin turre moo ree?' isaaniin jedhe. Innis macaafa #Musee fi macaafota raajotaa hundumaa keessatti iddoo itti waa'ee isaatiif dubbatu hundumaa isaaniif hiike.

βœ… Gara ganda jarri lamaan itti adeemaa turanittis dhi'aannaan, #Iyyasuus akka waan darbee adeemuu fedheetti aggaame.
Isaan garuu, "Nu biras buli, galgalaa'ee #aduunis gad sokkiteetti" jedhanii jabeessanii isa kadhatan; kanaaf isaan bira turuudhaaf duukaa ol gale.

βœ… Jaraa wajjin #nyaatatti yeroo dhi'aates, #buddeenicha fuudhee, eebbisee, cabsees isaaniif kenne.
Yommus #iji isaanii ittifamee kan ture gad dhiifame, hubatanis, inni garuu isaan duraa miliqe.

βœ…Isaan immoo, "Yeroo inni karaatti nutti dubbachaa, macaafa keessatti kan caafames nuu #ibsaa dhufe garaan keenya ni raafame, mitii ree?" waliin jedhan.

#Yeroodhuma sanattis ka'anii #iyerusaalemitti deebi'an; achitti immoo bartoota kudha tokkon, warra isaan biraa wajjin walitti qabamanii argan.

#Warri walitti qabaman sun,"#Gooftichi_dhuguma du'aa ka'eera, #Simoonittis mul'ateera" ni jedhu turan.
Yommus jarreen #lamaan waan karaatti ta'e hundumaa, yeroo inni #buddeena cabsetti attamitti akka isa #baranis odeessan.

#Nutis_iyeerusaalem kan ta'ate gara mana amnataati dedebi'uuf maal haa goonu..

🌹#1.Akkaa isaanii waa'ee giddiira #kiristoos irraa ga'e yaadachuu . Isaas walii walii keenya hubachisu...
Yeroo sana #kiristoos gidduu keenyaati arjumaa isaan ni argama.

Maat 18:20
β€œIddoo namoonni #lama yookiis #sadii maqaa kootiin walitti qabamanitti, ani achitti isaan gidduutti nan argama" jedheraa kiristoos .

#2.#Akkaa isaanii nutis barumsaa #raajotaa , duuka bu'oota fi #abboota barachuufi gaafachuun hubachuu qabna. Isaan erga hubatanii laphee isaanii waa'ee #kiristoos gubacha ture wan ta'ef.

🌹#3.Akkaa #isaanii nu waliin bulii jennee kadhachuun. Isaanif #ijii isaanii kan ifeefi #waaqumaa #kiristoosfi du'a ka'umsaa isaa kan hubaatan yeroo innii #buddeena cabsee kennuufi ture.

Nutis #buddeena bara bara kan ta'ee gaabbii galee #foonii fi #dhiiga isaa yeroo fudhaanu ijii laphee keenya nuf banama


https://t.me/firiqulqulloota

"#Wantumaa hundaaf #Waaqayyoof galanii haa ta'uu."
"#Namoonni_hojii keessan isa #gaarii arganii, #abbaa keessan isa samii irraaf #ulfina akka kennaniif #ifni keessan akkuma kanaatti #namoota duratti haa ifu." Mat 5:16

Isaa #Kalleessaa caala har'a hu boonsite Atileet #Latasanbat_Gidey

#Kabaja nama Irraa kabaja #waaqayyotu caala

#Kennaa biyyaa lafa irraa kan #samiitu caala

Ammaas Fiigichaa afuurawaa
Dn Fissihaa Kiroos waliin waaqayyoo bara keessan isiinif haa eebbisuu πŸ™

https://t.me/firiqulqulloota

"#Wantumaa hundaaf #waaqayyoof galanii haa ta'uu."
#α‹°α‰₯ረ_ምαŒ₯αˆ›α‰… (Tulluu #Miixmaaq)

πŸ™ #Caamsaa_21 kabajama. Guyyaa kanatti haati keenyi qulqulleettiin #Dubroo_Maariyaam biyya Gibxi tulluu #mixmaaq jedhamuu irratti gululaata bataskaana maqaa #isheen ijaaramte irratti markaba #ifa fakkaatuun guyyaa itti muldhattedha.

#Namootni baay'een warreen #Kiristaana ta'aaniif warreen amantaa biroo ishee ilaalaniiru. Ishee waliiniis #ergamootnii fi #qulqullootnii ni jiru ture.

#Ergamootnis akkas jechaa #galateeffatuun ture, "#Waaqayyoo_Abbaan samii irra ta'ee ilaalee, kan akka kee ta'u garuu hin arganne; #ilma isaa tokkicha gara kee erge,innis sirraa #nama ta'e."

#Qulqullootni_wareegamtoonni hunduu gara ishee dhufanii kabaja #isheef ni sagadu ture.

#Warreen achi turanis isheedhaan #eebbifamaa turan, kan #abbaa fi #haati jalaa du'e, gara ishee dhufanii #haadha koo ykn abbaa koo nuuf agarsiisi yeroo jedhan ni agarsiistiin turte. #Maarraba isaanii gara haadha keenyaa kanneen darbataniis jiru ture. #Isheeniis kan jaallatte ofitti fudhachaa deebistee kennitiif ture. Isaaniis eebbaaf ni hiratu ture.

#Haaluma kanan guyyaa #shaniif Kiristaanootnii fi warreen amantaa biroo ishee ilaalaniiru. #Muldhatni haadha keenya tulluu #mixmaaq jedhamutti muldhatte kun agarsiisa #araarsummaa haadha keenyaa fi namoota #ilma ishee #Kiristoosiin amananiif #abdii kan itti agarsiistedha.

#Warreen ishee arganiis akkuma #Qulqulluu_Daawiit faarfatee, ishee dhaan akkas jedhanii galateefataniiru.

🌹🌹🌹Faarf. 87α₯2-3 "#Waaqayyo iddoo buufata Yaa'iqoop hunduma caalaa mandara Tsiyoon karra ishee wajjin ni #jaallata. Yaa mandara Waaqayyoo,
#wanti_ulfina-qabeessi waa'ee keef ni dubbatama."

Har'as #Araarsumaa fi #Eebbii haadha keenyaa Dubroo Maariyaam Hundumaa keenyaa waliin haa ta'uu.

https://t.me/firiqulqulloota

"#Wantumaa hundaaf #Waaqayyoof_galanii haa ta'uu."
"#Kiyyoo keessan #Gara_mirgaatin #darbaadha ni #argatu"Yoh 21:6

kanas kan dubbaate #kiristoos erga du'a ka'e booda yeroo #sadaffaa yeroo isaaniti mula'atedha.

Yoh. 21:1-6

🌹Kana booddee #Iyyasuus ciisa bishaan #Xiberiyaados bukkeetti ammas #bartootatti of mul'ise; akka kanatti aanee jirutti of mul'ise.

🌹#Simoon_Phexros, #Toomaas inni "Diidimos" jedhamu, #Naataanaa'el inni Qaanaa Galiilaa, ilmaan Zabdewos lamas bartoota warra kaan keessaa walii wajjin turan.

🌹Yommus Simoon Phexros, "#Ani_qurxummii qabuu nan dhaqa" isaaniin jedhe; isaanis, "#Nuyis sii wajjin ni #dhaqna" jedhaniin; gad ba'anii bidiruu yaabbatan. #Halkan sana garuu waan tokko hin qabne.

🌹Erga barii'e immoo #Iyyasuus qarqara bishaanii dhaabatee ture; #bartoonni garuu #Iyyasuus ta'uu isaa hin barre.

🌹 #Iyyaasuus yommus, "#ljoollee_Qurxummii waa of biraa hin qabdanii?" isaaniin jedhe; isaan immoo,"#Waawuu"ykn hin qabnu jedhanii deebisaniif.

🌹Inni immoo, "#Bidiricha bukkee gara #mirgaatiin kiyyoo #darbadhaa ni#argattus" isaaniin jedhe. #Isaanis kiyyicha darbatanii, baay'ina #qurxummii irraa kan ka'es isa #harkisuu dadhaban."

Gara #mirgaatin_darbaadha jechuun #yaada keessan #ana irraati #gata ykn anati #amana jechuudha. #Isaanis amananii #qurxumii barbaada bulan yeruuma #tokkicha argata.

1Phe 5:6-7
Β―Β―Β―Β―Β―Β―Β―Β―Β―Β―
🌹 #Waaqayyo yeroon isaa yommuu ga'u akka ol isin qabutti, #harka isaa isa #aango-qabeessa jalatti gad of deebisaa.

🌹Inni #isiniif waan yaaduuf, #yaaddoo keessan #hundumaa #Waaqayyotti #gataatii dhiisaa."

#Dhugumaati baratooni isaa yeroo #yaada isaani isaa irraati gataaniti ykn #amananiti_kiyyoon isaani #guute ol $fuudhu dadhabani jedha.

Maatii #waaqayyoo har'a nutis #yaada keenya hundaa #waaqayyoo irraati yoo gane inni #wanta nuf barbaachisu nuf kennaa.

#Waaqayyoo_baratoota isaaf #akkaa_of mul'ise har'as #arjumaa ,#jaalala fi #nageenya isaa #nuf haa kennuu.

https://t.me/firiqulqulloota

"#Wantumaa hundaaf #Waaqayyoof_galanii haa ta'uu ."
#Naa_Duuka_Bu'ii #α‰°αŠ¨α‰°αˆ‹αŠ)
Yoh 21:19


#erga du'a ka'e boodadha
Yoh. 21:15-

🌹Simoon #Phexrosiin, "#Simoon ilma #Yohannis isa warri kun na #jaallatan caalaa ana jaallattaa ree?" jedhe; #inni immoo, "Eeyyee #gooftaa Akkan si #jaalladhu atuu in beekta" jedheen. #Iyyasus deebisee, "#Ilmoolee koo bobbaasii" jedhe.

🌹Si'a #lammaffaas #Iyyaasus
"Simoon ilma #Yohannis, ana jaalattaa ree?" jedheen; yommusis inni, "Eeyyee #gooftaa Akkan si #jaalladhu atuu in beekta" jedhee deebiseef. #Iyyasuus immoo, "#korbeesota koo eegi" jedheen.

🌹 Si'a #sadaffaas_Iyyasus "Simoon ilma #Yohannis, ana jaalattaa ree?" jedheen. #Phexros immoo waan inni si'a #sadaffaa "#Ana _aalattaa ree" ittiin jedheef in gadde; deebisee immoo, "#Gooftaa, ati waan hundumaa ni beekta; akkan si #jaalladhus atuu ni hubatta" jedheen; #Iyyasus immoo, "#Hoolota_koo bobbaasi"

🌹Kanas #Iyyasus_kiristoos #fakkeenyuman isaati dubaate...

A.#ilmoollee kan jedhaman
➑️kanneen #amanta isaaniin gana #jabaacha jiran ykn gara #kiristoos_amanutii dhufaanii eegu akkaa qabu ibsaa

B.#Korbeessota kan jedhaman ➑️kanneen #amantan jabaatan eeguun akkaa eegun barbaachisadha.

C.#Hoollota kan jedhaman kanneen #jireenya isaanii guututi #kiristoos taasisata bobbaasu akkaa isaa barbaachisuu hubachise....

🌹Karraa biran ammoo #ilmoollee , #korbeessota fi #hoollota kan jedhaman #dubartoota 36, #ardiiti 72, #duuka bu'uuta 12....eegu fi bobbaasu akkaa isaa barbaachisu #waaqayyoo #pheexiroosiiti dubbaate..... kun ammoo har'af fakkeenya fi barumsaa nu haa ta'uf...

🌹Nutis har'a #dhuguumatii #Iyyasus_kiristoos yoo jaalanee #hoollota isaa eegu fi bobbaasu akkaasumas kaanneen #hoollota isaa hin tannee hoollota isaa taasisu qaban jechudha.

Yoh 14:15 "#Isin yoo na #jaallattan abboommota ykn ajjaajota koo ni eega” jedha #kiristoos kanaf wanta innii #eega jedhee fi #raawwadha jedhee raawwcha jiraree nuti????......#dhugumaati mee gaaffii kan ofii keessanii #ofii deebisa.....

#Qulqulleeti_Dubaroo_Maariyaamiis akkaas nun jettii
Yoh 2:5"#Wanta innii #isiin jedhee #hundaa raawwadha" .....

#Waaqayyoo nuti #ijoolleen isaa #ajjaaja isaa eegneefi raawwannee #tajaajiltu mana isaa akkaa tanu fedha fi #jaalala isaa nuf haa ta'u.

https://t.me/firiqulqulloota

#Wantumaa_hundaaf #Waaqayyoof galanii haa ta'uu πŸ™
Jaalalli Kan Kee
F/taa Naatnaa'eel Boggaalaa
Jaalalli kankee /αα‰…αˆ­αˆ… αˆ›αˆ¨αŠ¨αŠ/
Jaalalli kankee  booji'eera jireenyako
Waaqayyoon anaaf qorichakoo
Jaalalli kanke booji'eera barootakoo

Dhiiga qulqullu ken bitameera
Addunyaa dhiise sin tajaajila
Duutike jireenya naaf ta'eera
Dhiphachuu keetin bayyanadheera
Kabaja keetif ka'een faarfadha
Hanga humnako ol siqabadha
Kabaja keetif ka'een faarfadha
Hanga humnako ol siqabadha

Laftiifi samiin haa ililchani
Galannii sif haa gahuu jedhanii
Qulqullumma kef fakkatti hin qabdu
Goofta nabiraa galata hin dhabdu
Qubnikoo bagana sif tarreessa
Halkanif guyyaa an sin waaqessa
Qubnikoo bagana sif tarreessa
Halkanif guyyaa an sin waaqessa

Si'iin ilaale sodaate diinni
Fuula kee kufu sif sagadanii
Akkana kuno Goofta jechuuni
Hunduma moota ati jaalalaani
Si'iin of jajne uuma keenyani
Oolcha kan ta'ee mootidha inni
Si'iin of jajne uuma keenyani
Oolcha kan ta'ee mootidha inni
           
β€œ#Waaqayyo_gooftaan sagalee gammachuutiin, sagalee #fiinootiinis ol #ba'eera.(#αŠ αˆαˆ‹αŠ­ α‰ αŠ₯αˆαˆα‰³α₯ #αŠ₯αŒα‹šαŠ α‰₯αˆ”αˆ­ #α‰ αˆ˜αˆˆαŠ¨α‰΅ α‹΅αˆα… #α‹αˆ¨αŒˆα’)Faarfannaa 47: 5

"#Samiirraa irraa #humna hamma argattanitti #Iyyeerusalem keessa turaa" Luq 24:49

#Gooftaan keenyaa #Iyyasuus_kiristoos guyyaa 40 ti yeroo #olbahuu duuka bu'oota isaati dubbate.

Bakkaa nu turruu qabnu #iyyaarusalem ta'uu nuti himeera
➑️#Iyyeerusalem Kan jedhamte

βœ…#1ffaa
#Mana_kiristaana :Kunis wanta #kiristoos raawwadha jedhee of keessaati qabate jirti waan ta'efi
Abbas #inxooniyoos akkas jedhu
"#Namnii #Mana_kiristaana #haadha hin godhane #waaqayyoo_Abbaa hin ta'uuf" jedhuu.

#Qulqulluu_yohaanis_afaan_warqees
"#Mana_kiristaana alaa #fayyinii hin jiruu" jedhuu

Kanafuu nutis #jireenya #kiristaana keenya Mana #kiristaana keessa ta'uu qaba

➑️#2ffaa #Qulqulleeti_Dubroo_Maariyaamii :#Iyyeerusalem jadhamti..
Duuka bu'oonnii #Qulqulleeti_Dubroo_Maariyaam qabatan Waan turanif afuurii qulqulluu akkaa bu'eef ni argana.

H/erg 1:14β€œ#Duuka bu'oonnii hundinuu dubartoota tokkoo wajjin, #Maariyaam haadha #Iyyasuus, laphee tokkoon kadhataaf of kennanii turan.”

Kanaf #ishee qabane akkaa duuka bu'oota eebbaa Fi kennaa #afuura_qulqulluu ni argan.

#Ishee is #dhaloonii_hunduu na galateffatuu Waan jette...#Nuti ni #galattefana.

Maatii #waaqayyoo Hanga dhumaatii #Iyyeerusalem keessa ture tajaajiltota Mana isaa nu has taasifatu.

https://t.me/firiqulqulloota

#Wantumaa hundaaf #waaqayyoof galanii haa ta'uu πŸ™
"#Maaliif_dhaabbaatanii_Samii keessa ilaaltu"? H/erg 1:11

Jecha Kana Kan dubbate #ergaamota. Kunis guyyaa ol baay'insa #Kiristoos jechudha.

H/erg 1:11"#Ergamoonis Isin namoota Galiilaa, maaliif dhaabattanii #Samii keessa ilaaltu? Iyyaasus inni isin biraa gara #Samiiti olbahe kun, akkuma amma gara samii olbahu isaa argitan kanatti immoo, deebi'ee in dhufa" jedhaniin .

🌹@#Ergaamonnii_Waaqayyoo Maaliif dhaabachuu duuka bu'oota gaafatanii?

➑️#Kiristoos olbahu isaa akkaa lalaabaniif
#Ergaamoonii akkuuma du'aa ka'uumsa isaa dursaa lalaban olbahinsaa isaa lalabaanii akkaa lalabamuu taasisaniiru

Mat. 28:6-7
🌹#Ergaamoonii akkaas jedhanii "#Inni as hin jiru, akkuma jedhe ka'eera; kottaa iddoo reeffi isaa ka'ame ture iyyuu ilaalaa.

Ammas #dafaa dhaqaa bartoota isaatti, 'Inni du'aa ka'eera, kunoo, inni isin dura #Galiilaa in dhaqa, achitti isaa ni argitu jedhaatii himaa. Kunoo, #ani isinitti himeera" jedhanii.

Kanaf #Ergamooni_duuka bu'ootaf akkuuma #lalaban yeroo kamiiyyuu nu #dursuun isaanii nuf ragaadha.

S.bahu 23:20"#Kunoo, ani karaa irratti akka si eeguuf, #iddoo ani qopheessettis akka si geessuuf #ergamaa si dura nan erga.”

➑️#Addunyaa guututi deemanii akkaa lallabaniif
βœ… Isaanis Kan gidduu isaanii hir'ate bakkaa buusun #tajaajila isaanii adduunyaa guutu geesisan.
Bakkaa yihudaa #Maatiyaas buusun #tajaajila isiin caalatii ciman.

Mat 28:19β€œ#Egaa dhaqaa, maqaa #abbaa , #ilmaafi kan #afuura qulqulluutin isaan cuuphuudhaan, saba #hundumaa_bartoota koo godhaa”jedheniirre #kiristoosis

Kanaf maatii #waaqayyoo nuti #amantaa keenya keessatii dhaabachaa jira moo wanta jedhamne akkaa #duuka bu'oota raawwacha jira???

Nuti har'a
βœ…#Gaabbii galaa
βœ…#Icciiti raawwadha
βœ…#kadhaana jabbaadha
βœ…#sagalee waaqayyoo
dhagaahaa
βœ…Kan #sagalee waaqayyoo hin dhageenyee dhaagesisaa
yoo jedhamne dhaabachaa jira moo raawachuf ariifacha jira???

🌹#Duuka bu'oonnii yoo dhaabbatanile hara #Samii ol ilaalu ture jechuu #yaadni isaa waa'ee kiristoos ture .

#Nuti hoo #eessaa ilaala Jira laata???
#Abboonii yeroo hundaa yaada #laphee keessan #Samii taasifadha jedhuu.
"Kan #waaqayyoo Kan ta'e #sagalee waaqayyoo ni dhagaha"

#Waaqayyoo laphee sagalee isaa #dhagahu nuf haa kennuu.

https://t.me/firiqulqulloota

#Wantumaa hundaaf #Waaqayyoof_galanii haa ta'uu."
"#Ani_Ergaama_Koo_Fuldaara Keeti #sifan erga("αŠ₯αŠ” #αˆ˜αˆαŠ αŠ­αŠ• α‰ αŠα‰΅αˆ… #αŠ₯αˆ°α‹΅α‹³αˆˆαˆ")seera bahuu 23:20

🌹Faarsa 34:7 β€œ#Ergamaan Waaqayyoo naannoo warra #Waaqayyoon sodaatanii ni buufata, inni isaan ni #oolchas(ni #eegas).

🌹Seera Bahuu 23:20_22 "#Kunoo, ani #karaa irratti akka si #eeguuf, iddoo ani qopheessettis akka si geessuuf #ergamaa Koo si dura nan erga.

✍#Atis_of_eeggadhu, dubbii isaa dhaggeeffadhu. #Maqaan_koo isa keessa waan jiruuf, inni #irra-daddarbaa kee siif hin #dhiisu, ati isaan mormitee irratti hin ka'in.

πŸ‘#Dubbii_isaa ba'eessa gootee yoo #dhaggeeffatte, #waan_ani sitti #dubbadhu_hundumaas yoo goote, #ani_diina_keetti #diina_nan_ta'a, warra siin mormaniinis nan morma.

#Hangaftii_Ergaamota_Qulqulluu_Mikaa'eel

#Baahiraaniif xalayaa du'aa #if jechuun gara #jireenyatii akkuma jijjiire....

#Afoomiyaan_si'ilii keen qorumsaa #Seexanan reebamuu irraa akkuma oltee.....

#Yaa_Ergaama_Qulqulluu #Mikaa'eel jireenya keenyaa keessatii #qorumsaa nu mudaatu hundaa irraa akkaa nu eeguu fedha Fi jaalala #waaqayyoo nuf haa ta'uu.

https://t.me/firiqulqulloota

"#Wantumaa hundaaf Waaqayyoof galanii haa ta'uu."

Baga geeessan

#Ayyaana_Gaarii
Surraansaa guddaadha
F/taa Falmataa Shibirruu
✝ Surran isaa gudda
Surran saa guddadha na gargaaruuf dhufe
maqaa isaa osoo waammin ani yoomin rafe
Mika'eli jennaan jireenyi koo ife X2

Naanno koodhaabdertaa utubaa ifaakee
Dukanni Adunyaa akkamiin na danqe
Mika'eel eegaakoo koottumee garakoo
Sihiin narra dabra xoofoon dhiphina koo

Xalayaa badiisaa kan bahiraanini
Situu jijjireefi siwaliin deemnanii
Har'as kan si waamuuf ati wajjiniin jirta
Xalayaa badiisaa jireenyati jijirta

Ittisaa kan turte saboota Isra'eeli
Har'as hoo sin waama koottu Mika'eeli
Albeekee qabadhu cinaakoo dhaabbadhu
Humna Saxina'elii ati narra ifadhu
"#Yaada_Tokkoo #Kadhaanaf ni #jabaatu ture" H/erg 1:14

#Gooftaan keenyaa #Iyyasuus_kiristoos erga isaan bira #olbahe bakkaa tokkooti (#Mana haadha #marqoositi ) Waliiti qabamun #Kadhaana jabaacha turan.

#Isaaniis:-
#Haadha keenyaa #Durboo_Maariyaam
#Duuka bu'oota
#Dubartoota_Qulqulloota
# Ardiiti_torbaatamii laman ta'anii yaada #Tokkoo Kadhaanaf ni jabaatu ture.

#Tokkummaan_yaada_tokkoon #Kadhachuu isaaniin.

#1. #Gidduu isaanii #wanta hir'aate guutataniiru.

H/erg 1:26 #Bakkaa #Yihudaa #Maatiyaas filataniiru.

#2. #Afuurii_Qulqulluun ni bu'eef

H/erg 2:1_4"#Ayyaanni guyyaa #shantammaffaa inni "#Phenxeqostee" jedhamee beekame yommuu ga'e, #hundinuu_iddoo_tokkotti walitti qabamanii turan.

πŸ™ #Dingatas_huursaan samii irraa akka #bubbee bubbisuutti dhaga'amee, #manicha isaan keessa jiranis #guute.

πŸ™#Arraba_ibiddaa kan fakkaatan isaanitti mul'atan, gargar tamsa'aniis, #wanti akka arraba #ibiddaa kun tokkon tokkon isaanii irra taa'an.

πŸ™Yommus #hundumti_isaanii_hafuura_qulqulluudhaan_guutaman; akka hafuurri dubbachuu isaa isaaniif kennetti, afaan garaa garaa dubbachuu jalqaban.

#3. Kanneen hin #amane_amansiisaniiru

H/erg 2:37_47 "#Namoonnis kana dhaga'anii garaan isaanii amanee; #Pheexiroos fi #ergamoota warra kaaniin, "Yaa #obboloota nana maal goonu ree?" jedhan.

πŸ™ #Pheexiroos immoo, "#Yaada_garaa_keessanii_geddaradhaa; cubbuun keessan akka isiniif dhiifamuuf, tokko tokkon keessan maqaa #Iyyasuus Kristositti #cuuphamaa; kennaa hafuura qulqulluus in fudhattu.

πŸ™Abdiin #Waaqayyo abdachiise #isinii fi #ijoollee keessaniif, warra fagaatanii jiraataniif, #Waaqayyo keenya #gooftichi itti waamu hundumaafis" jedhee deebiseef.

πŸ™Kana malees #Pheexiros kan biraa dubbii baay'eedhaan #dhugaa isaanitti ba'e, "#Adaba dhaloota jal'aa kanatti dhufu jalaa oolaa! jedhee, #cimsee isaan gorse.

πŸ™#Warri dubbii isaa fudhatan ni #cuuphaman; kanaaf guyyaa sanatti akki lubbuu #3000 isaanitti in dabalaman.

#Waluma_galatii_yaadan_tokkoo yoo tanee

#Wanta nu hir'aate ni guuna
#kennaa #Afuura_Qulqulluu nuf kennaama
#Namoota hin hubbaane hubaachisne #Mana isaa keessaati ni waaman....

πŸ™πŸ‘Kanaf isaan kanneen argachuuf Yaa #kiristaanota #tokkummaan Fi #jaalaliii keenyaa #Jechaan ,#uffaatan fi iddoo qofaa osoo hin taane #yaad_laphee keenyan tokkoo ta'uu qabna.

#Tokkummaa keenya ammoo Kan samiira jiranii (#ergaamoota)Fi lafara jiraanii(#Qulqulloota) waliin ta'uu beeku qabna.

πŸ™#Yaa_Waaqayyoo_laphee iitti #Yaada_Tokkummaa qabne #mana_Kee kessaa jiraanu nuf kennii. AmenπŸ™πŸ™πŸ™

https://t.me/firiqulqulloota

"#Wantumaa hundaaf #Waaqayyoof galanii haa ta'uu"
"Afaan meesha ittiin waliigalluudha malee kan ittiin wal biraa galluu miti" liqa lisaanat B/sa Taammirat
"#Dhaloonii_Hundiinu_Na_Galateeftu" Luq 1:48

#Waxabajjii 21 (#Sanee #Golgootaa)

#Sanee #Golgootaa kan jedhameef haati keenya #Qulqulleettii #Dubroo #Maariyaamiin,Ergaa Gooftaan keenya du'a mo’ee ol ba'ee,iddoo Awwaala isaa #Golgootaa jedhamuu ganamaaf,galgala deemtee Waaqayyoon kadhachaa turte .
#kadhannaan ishee cubbamtoota akka Ilmi ishee fayyisuuf ture.
#yeroo kanaas Ilmii ishee Goftaan keenya Iyyesuus Kiristoos Qulqulloota isaa wajjin samii irraa gadi-bu'ee fedhiin harmee isa maal akka ta'ee gaafatee waadaa seeneef

#Waadaa inni seenee kunis ፦...
➦#Maqaa keetiin nama naa #kadhate,
➦Nama #beela'e kan beela basee,
➦kan #dheebote kan dheebuu basee,
➦kan #daare kan uwwisee fi kkf kan godhe sif nan Fayisaa jedhee waadaa seeneef .
Akkuma Farfannaa Dawit jedhuu--
#Farfannaa 89:3 #kanaan filadhe waliin waadaa seeneera .
#Eega Walumaa galatti #Waxxabajjii 21 guyyaa itti Gooftaan keenya hadhaa isaa dubroo #Maariyaamiifi_waadaa itti seeneedha .

#Tokkos ፦#Guyyaa #Gooftaan #keenya #Mana #Qulqullummaa itti Eebbise dha.!
#Farfannaa Daawit 77α₯69 # Mana #Qulqullummaa #isaa #Iddoowwan #Ol-ka’ootti #ni #ijaare.)
#Waxabajjii gafaa 20 guyyaa itti Goftaan keenya dhagaa sadii irra mana Qulqullummaa ijaruun, #Waxabajjii gafaa 21 immoo guyyaa inni itti Eebbisee, bartoota isaaf qurbaana laateefidha.

#Gabaabumatti Guyyaa kanaa(#Waxabajjii_21 #Goftaan keenya hadhaa isaa Taabota taasise ofii isa luba tokkoffaa ta'ee,luba lammaffaa immoo #Pheexiroosiin taasise,#Isxifaanosiin Daaqunii tokkoffaa taasise manicha Eebbisuun #qurbaana isaaniif latee.
Mana #Qulqullummaa sanas maqaa Giiftii keenya Dubroo #Maariyaamiin yaadannoo ishee taasise.
#Raajichi #Isaayaas 56 α₯5 ) irratti " #Maqaa bara baraan hin badne dallaa mana kooti keessatti seenaa isan ittiin yadataman isiniifa nan kennaa"

#Eega yaa Obboloota koo #Deessu_Waaqayyoo miti ,
#Maariyaam isheen #Magdalaawitii umurii ishee gutuu cubbuu dalagaa turtee guyyaa tokkittii tiin Qalbii ishee jijiraten, cubbu isheef millaa Iyyasuus ti kufte kadhateen,
Goftaan keenya mal jedheen? " #Gutummaa_biyya_lafaatti iddoo dhuma #Wangeelli itti lallabameetti seenaan ishe ni yadatama isaaniin jedhe"

#kanafuu Qulqullootnii Waaqayyoo #warra umurii isanii gutuu waaqayyoof Qulqullaa’aanif yadannoon ni barbachisaa jechaadha.

#Araarsumaan Haadha keenyaa Dubroo #Maariyaam hundumaa keenyaa waliin haa ta'uu

#Nutis_dhaloota tanee akkaa Ishee galateefanuu fedhaa Fi Jaalalaa #Gooftaa_keenyaa #Iyyasuus_kiristoos Nuf Haa Ta'uu.Ameen πŸ™πŸ™πŸ™πŸ™

https://t.me/firiqulqulloota

#Wantumaa_hundaaf #Waaqayyoof galanii haa ta'uu πŸ™ πŸ™πŸ™
β›ͺ Faayidaawwan Soomaa

H/H simi'akone mala'ik akka barreessanitti!

πŸ‘‰1. Soomidhaan mootummaan Waaqayyoo ni dhaalamti.kanas Waaqni Nageenyaa Gooftan keenya Iyyasuus Kiristoos akkas jedheera:-
"Waa'ee qulqullummaaf jedhanii har'a kan beela'an isaan eebbifamoodha, booda ni quufuuti"
Maat 5:6
πŸ‘‰2. Soomidhaan dheekkamsi biyyarratti ajajame ni fagaata.
Ummanni Nannawwee baruumsa Raajicha Yoonaas dhagahanii guyyaa sadiif sooman.boodas ibiddi isaan gubuuf ture mukkeen dhedheeroo fiixee fiixee isaanii gubee deebi'eera. Raaj.Yon 3
πŸ‘‰3. Soomidhan seexanni ni injifatama. Gooftanis kana yoo mirkaneessu.
"Seexanni waliin guddataan akkanaa soomaa fi kadhannaa malee hin bahu" Maat 17 :21
πŸ‘‰ 4. Soomiin Qoruumsa fi gidiraa irraa nama oolcha!
Raajan Daani'eel soomidhan afaan leencotaa irraa ooleera. Daan.6
Soosinnaanis ragaa sobaan ajjeefamuu irraa oolteerti.kitaaba Soosinnaa boq.1 Qulqulloonni biroos akkasuma..
πŸ‘‰ 5. Soomiin Umrii namaaf dheeressa.
soomiin bu'uura hojii gaarii waan ta'eef umrii namaaf dheeressa.Abbaan keenya Qulqullichi Abbaan Gabramanfas Qidduus soomiidhaan qabsuura jiraataniiru.kanaanis waggaa 562 jiraataniiru.qulqulloonni biroos akkasuma.
πŸ‘‰ 6. Soomidhan iccitiin namaaf ibsama. Kanaaf Izraa sutu'eel fakkeenya gaaridha. Bara kitaabni qulqulluun mummuramee badee turetti raajan Izraa sutu'eel soomii fi kadhannaan jabaatee waan tureef ergamaan qulqulluun Uraa'eel xofoo iccitii ogummaa obaase kitaabilee kakuu duraa(moofaa)46'n deebisee barreesseera. Izraa sutu.13:36-41
πŸ‘‰ 7. Soomidhaan cubbun namaaf dhiifama. Kanas qulqullichi Yaared
"Soomii fi kadhannaadhan cubbuun ni haqama(dhiisifama)"
πŸ‘‰ 8. Soomiidhan Waaqayyoo waliin dubbachuuf kabaja argachuun ni danda'ama.Qulqullichi Museen halkan 40 fi guyyaa 40 soomee Waaqayyoo waliin fuulledhaan dubbateera.
S.K.D 9:9-15
Raajichi Eeliyaasis akkasuma
1Moot 17:2
πŸ‘‰ 9.Soomidhaan kadhaannaan keenya deebii ni argata
Ummanni Israa'eel soomiidhan kadhannaan isaanii isaanif deebi'eera.1 Saam 7 :6-14
Qulqulloonni baay'eenis akkasuma soomidhaan Waaqayyoorraa deebii argataniiru.

βœ” Soomni kennaa hafuuraa namaaf argamsiisuun dabalataan fayyaa foonifillee baay'ee fayyada.
Fakkeenyaf:-
βœ” Soomni hamma sukkaara qaama keenyaa ni to'ata.
βœ” sochii sammuu keenyaa ni ariifachiisa.
βœ” hamma kolestrolii(cooma) qaama keenyaa ni hir'isa.
βœ” Sirna bullaa'insa nyaataa ni sirreessa.
βœ”.fi kkf dha

πŸ™ Soomiirra eebba nu haa
hirmaachisu!!!