Firii Qulqulloota
1.46K subscribers
19 photos
1 video
83 links
🔈"Warrii #Waaqayyoo_abdiidhaan eegatan garuu #humni isaanii ni #haareffama ;akka joobiraas baalleedhan #ol ni ka'u , ni #fiigu hin dadhaban, ni #adeemu garuu hin dadhaban" Isaa 40:31
Download Telegram
"#Iyerusaalemii hin ba'inaa"(#ከኢየሩሳሌም-አትውጡ)
H/er 1:4

"#Abdii_abbaan koo isiniif kenne, isa ani #isinitti hime sana eeggadhaa malee, #iyerusaalemii hin ba'inaa"
H/er 1:4

#Karaa_Deemtoni_Emaahusis #iyerusaalemiti deebi'ani jiruu...Nutis gara Mana waaqayyoti haa deddebinu

Luq 24:14"#Jarri karaatti waa'ee waan #gidduu sana ta'e hundumaa kaasanii, haasa'aa in adeemu turan.
#Utuu isaan haasa'aa, irrattis #dudubbachaa adeemanii, #Iyyasuus ofii isaa isaan bira ga'ee, isaanii wajjinis adeeme.

#Iji isaanii garuu, isa akka hin hubanneef ittifamee ture.
Yommus #Iyyasus, "Inni #isin walii wajjin haasa'aa adeemtan kun, maali?" jennaan, #nyaara guuranii achuma dhaabatan. Isaan, keessaa inni #Qileyophaa jedhamu, tokko deebisee

"Warra #Iyerusaalem jiraatan keessaa waan gidduu kana mandaricha keessatti ta'e kan hin beekne, 'Si'uma# duwwaa dhaa?" jedhe.

Inni, "#Waan attamii ti?" isaaniin jennaan, isaan immoo, "Waa'ee #Iyyasuus nama #Naazireet, isa gochatti dubbiittis #Waaqayyoo fi namoota duratti raajii aango-qabeessa ture sana,
akka luboonni warri angafoonni, warri biyya seerratanis duuni itti haa faradamuuf dabarsanii isa kennan, akka isa fannisanis.

#Nuyi garuu kan Israa'elin furu isa, jennee #abdannee turre; eyyee, kana hundumaa irratti iyyuu immoo kun erga ta'e har'a guyyaa #sadaffaa isaa ti.

Kana malees, warra gara keenyaa keessaa #dubartoonni ganama obboroo iddoo awwaalichaa dhaqan tokko, akka abjuu nu godhan.
Isaan achii deebi'anii reeffa isaa awwaalicha keessaa akka dhaban, garuu #ergamoonni_Waaqayyoo itti mul'atanii, '#Iyyasuus_jiraataa dha' akka ittiin jedhan nutti himan.

"#Warra nuu wajjin turan keessaas kaan gara awwaalichaa dhaqanii, akkuma dubartoonni sun jedhan ta'uu isaa baran, isa garuu hin argine" jedhanii itti himan.
Inni immoo, "#Isin gowwoota attamii ti, waan raajonni jedhan hundumaas amanuudhaaf yaadni garaa keessanii attam daagii dha.

#Kiristoos kun kana hundumaa dhiphatee ulfina isaatti akka galu, barbaachisaa hin turre moo ree?' isaaniin jedhe. Innis macaafa #Musee fi macaafota raajotaa hundumaa keessatti iddoo itti waa'ee isaatiif dubbatu hundumaa isaaniif hiike.

Gara ganda jarri lamaan itti adeemaa turanittis dhi'aannaan, #Iyyasuus akka waan darbee adeemuu fedheetti aggaame.
Isaan garuu, "Nu biras buli, galgalaa'ee #aduunis gad sokkiteetti" jedhanii jabeessanii isa kadhatan; kanaaf isaan bira turuudhaaf duukaa ol gale.

Jaraa wajjin #nyaatatti yeroo dhi'aates, #buddeenicha fuudhee, eebbisee, cabsees isaaniif kenne.
Yommus #iji isaanii ittifamee kan ture gad dhiifame, hubatanis, inni garuu isaan duraa miliqe.

Isaan immoo, "Yeroo inni karaatti nutti dubbachaa, macaafa keessatti kan caafames nuu #ibsaa dhufe garaan keenya ni raafame, mitii ree?" waliin jedhan.

#Yeroodhuma sanattis ka'anii #iyerusaalemitti deebi'an; achitti immoo bartoota kudha tokkon, warra isaan biraa wajjin walitti qabamanii argan.

#Warri walitti qabaman sun,"#Gooftichi_dhuguma du'aa ka'eera, #Simoonittis mul'ateera" ni jedhu turan.
Yommus jarreen #lamaan waan karaatti ta'e hundumaa, yeroo inni #buddeena cabsetti attamitti akka isa #baranis odeessan.

#Nutis_iyeerusaalem kan ta'ate gara mana amnataati dedebi'uuf maal haa goonu..

🌹#1.Akkaa isaanii waa'ee giddiira #kiristoos irraa ga'e yaadachuu . Isaas walii walii keenya hubachisu...
Yeroo sana #kiristoos gidduu keenyaati arjumaa isaan ni argama.

Maat 18:20
“Iddoo namoonni #lama yookiis #sadii maqaa kootiin walitti qabamanitti, ani achitti isaan gidduutti nan argama" jedheraa kiristoos .

#2.#Akkaa isaanii nutis barumsaa #raajotaa , duuka bu'oota fi #abboota barachuufi gaafachuun hubachuu qabna. Isaan erga hubatanii laphee isaanii waa'ee #kiristoos gubacha ture wan ta'ef.

🌹#3.Akkaa #isaanii nu waliin bulii jennee kadhachuun. Isaanif #ijii isaanii kan ifeefi #waaqumaa #kiristoosfi du'a ka'umsaa isaa kan hubaatan yeroo innii #buddeena cabsee kennuufi ture.

Nutis #buddeena bara bara kan ta'ee gaabbii galee #foonii fi #dhiiga isaa yeroo fudhaanu ijii laphee keenya nuf banama


https://t.me/firiqulqulloota

"#Wantumaa hundaaf #Waaqayyoof galanii haa ta'uu."