Firii Qulqulloota
1.46K subscribers
19 photos
1 video
83 links
πŸ”ˆ"Warrii #Waaqayyoo_abdiidhaan eegatan garuu #humni isaanii ni #haareffama ;akka joobiraas baalleedhan #ol ni ka'u , ni #fiigu hin dadhaban, ni #adeemu garuu hin dadhaban" Isaa 40:31
Download Telegram
#Abbooliin_Keenya_Akkas_Jedhu!

#1. #Kadhannaan gaariin " Yaa #Gooftaa ati hunda ni beekta kan #eeyyama kee naaf raawwadhu" jechudha.
#Baayitawii_Teewufin

#2. "#Jaalalli Waaqayyo #cubbamootaf qabu jaalala #qulqulloonni Waaqayyoof qaban ni caalaa"

#Abba_Arsaaniyoos

#3. Nan #bayyada jedhanii cabsuun akka hin jirree #gaabbiin nan gala jedhanii #cubbuu hojjechuun sirrii miti"

#Maari_Yisihaq

#4. "#Hangam nama gara gaabbiitti deebiste? #Tajaajilli jechaan yk #oduun miti, #tajaajilli tokkoo #aarsaa inni nama biraaf kennu malee"

#Abbaa_Shinoodaa

#5. #Rakkoon akka ofii #kadhannuu nu kakaasa, #jaalalli garuu #nama_biraaf akka #kadhannuu nu #kakaasa.

#Qulqulluu_Yohaannis_Afaan_Warqee.

#6. #Laphee kee #qajeelumman jiraachis,  #hundumaa gadiifi tajaajila hundaa ta'uuf jabaadhu, #dubbii ma'i hin baasneef duudafi dhibaawa ta'i, haa ta'u garuu #jechoota kitaaba #Qulqulluu beekuuf, dhaga'uuf #gamna ta'i fayyina kan kennaniiti.

#Baasiliyoos_Qisaariyaa_isa_Guddichaa

#7. "#Wanti baay'ee barbaachisaan #eenyummaa nuti yeroo #kitaaba_Afuurummaa dubbisnutti qabnu #osoo hin taane, #eenyummaa nuti dubbisnee yeroo #xumurrutti qabaannuu dha"

#Abbootarra

https://t.me/firiqulqulloota
🌹#Baga_geessan 🌹

🌹"Ani Kiristoosiif Misiroodha"

πŸ™Guyyaan har'a guyyaa #Qulqulleeti #Arseeman Kiristoosiif ragaa Waan baatef mormaa ishee muraanii wareegamu ittii fudhatedha.

➑️#Qulqulleeti&Arseeman wareegamuma fudhachuu irraa ishee Kan duubati ishee deebiifne:-
βœ… #Qabeenya hedduun yeroo kennamuf ishee hin dogogorsine.

#Nuti Qabeenyaf jennee meeqa keenyatuu #ajjaaja waaqayyoo #diige laata ❓❓❓❓
Mee of ilaaluπŸ™Š

βœ… #Bareedina&ishee
Kunis bareedinii Kee ni bada yeroo jedhamtu gara duubati hin deebine #amantaa isheen

#Ijaa Fi #ilkaan ishee Yeroo baasan ishee garuu caalatii cimtee #Kiristoosiif ragaa baha turte.

πŸ™ˆHar'a garuu waa'een #bareedina keenya yoo kaafame of #waaqessuu caalaa meeqa keenyatuu akkaa #Arseema of irraatii murteesse #Kiristoosiif dabrse of keenna laata ❓❓❓

βœ…#Gorsii_Namoota Kiristoosiif #amanamura gara boodati #ishee hin deebiifne

πŸ™ˆHar'a garuu meeqa keenyadha #gorsaa namootan ykn dhiibbaa #hiriyyan ajjaaja waaqayyoo Kan #diiga jiruu
Mee dhabbanee of haa ilaaluu❓❓❓❓❓

βœ…#Umriin(27) isheen irraa jirtuu #fedha_Foonii isheef bakkaa hin lanee.

πŸ™ˆ Har'a garuu #meeqa keenyadha Kan #umurii dardarguumatii jennee kaan sababa dhiiyyeessu Kan #dogogoraf Kara bana jira mitiiree❓❓❓

πŸ†• #Qulqulleeti_Arseeman_Kiristoosiif ragaa bahun ishee har'a nuf wabbii Fi ragaa teenyadha.

"#Namoota gara ajjaaja waaqayyoo akkaa eeganiti fi #mootumaa isaa akkaa dhalan taasisuun #Mana kiristaana ijaaru ni caalaa""

Mat. 10:32-33
"#Eenyu illee #namoota duratti eenyu akkan ta'e dhugaa ba'ee yoo mul'ise, anis #abbaa koo isa #Samii irra jiru duratti #dhugaa nan ba'aaf. #Eenyu illee #namoota duratti yoo na gane garuu, anis immoo abbaa koo isa Samii irra jiru duratti isa nan #gana"

βœ…#Yaa_Qulqulleeti&Arseeman waada #waaqayyoo sif galee jedhii #laphee Hanga dhumaatii #dhugaaf dhaabbate nuf kenniii.

πŸ””πŸ””πŸ””πŸ””πŸ”” #Waaqayyoo jaalala #Qulqulleeti_Arseemaf jedhee #Misiroota isaa akkaa tanu nu haa gargaruu. Ameen!!!

"#Wantumaa hundaaf #Waaqayyoof_galanii haa ta'uu"

https://t.me/firiqulqulloota
#DABRA_QUSQUAM

#Dabra Qusqu'am jechuun #Tulluu_qusquam jechuu dha.

Haati keenyaa #Dubreen_Maariyaam #godaansa irraa yeroo deebitu bakka itti #boqatte dha.

Akkuma Mat.2α₯13 irratti
#Ergamaan Gooftaa abjuu dhaan #Yoseefitti mul'atee, "Ka'ii, #mucichaa fi #haadha isaa fudhadhuutii gara biyya #Gibxiitti baqadhu."
Heeroods mucicha #ajjeesuudhaaf waan barbaaduuf, hamma ani sitti himutti #achuma_turi!" ittiin jedhe.” Jedhamee barreessame sana haati keenyi #Qulqulleettiin_Dubreen_Maariyaam Ilma ishee Isa addunyaan otoo hin uumamiin dura ture sana,
#Ilma_ishee Isa #Ishee_uume sana daa'imummaa isaatiin isa battee #Yooseefiif #Saloomee duukaa gara biyya missiritti #godaantee_waggaa_sadiif ji'a ja'a achi turte.
Mul.12α₯14

#Iyyasuus_kiristoos inni #haadha isaa duukaa ari'atame kun #abdii warra ari'atamaniiti.

Haati keenyaa #Dubreen_Maariyaam Yooseefii fi Saloomee duukaa kan isaan #godaanani abdii warra ari'ataman kanaa waliini dha ture.

#Takka takka kunoo akkasitti utuma #Waaqayyo si #waliin jiruu ni ariatamta.

Ari'atamuun kee ammoo fedha #Waaqayyoodha erga ta'ee ameen jedhii galataan fudhadhu malee maaliif jettee #Waaqa irratti #hingumgumiin!

#Tarii maaltu beeke #Waaqayyo baabiloon keessatti afaan #leencootaa_cuftee,
Abidda dirrisee boba'u #amantiidhaan dhaamsitee, #namoota warra hin amaniin gidduutti hojii ajaa'iba ta'e hojjettee ittiin #ulfinakee muldhisuudhaaf barbaadeera yoo ta'e hoo???
Dan.3α₯22-29
Dan.6α₯22

#Takka takka akkaatuma kanaan utuma #Waaqayyo si #waliin jiruu ari'atamuu waan dandeessuuf ari'atamuukee #galataan_fudhadhu.

#Haati keenyaa #Dubreen_Maariyaamis abdii warra ari'atamanii kan ta'e ilma ishee #Iyyasuus_kiristoos duukaa gara biyya gibxitti godaante.

#Innis_Haadha Isaa duukaa gara #gibxiiti ari'atamuun fedha isaa ta'e.

Ari'atamuu isaa kanaanis biyya #gibxi keessaa #waaqayyoolii tolfamoo ulee aangoo isaatiin #burkuteessee #angoof taayitaa guddaadhaan gara biyya isaa #naazireetitti deebi'eera.

#Atis yeroo ari'atamtu bakka ari'atamte sanatti hojiiwwan #gurguddoo akkasii kana akka hojjettuudhaaf ta'uu danda'aatii ari'atamuun kee yoo Waaqa irraati ta'e #laphee_guutuudhaan amanii fudhadhu.

#Gara dubbii keenya isa jalqabaatti gaafa deebinu bara #godaansaa_waggaa_sadiif ji'a ja'aa booda #Heeroods inni Gooftaadhaan ajjeesuudhaa barbaadu ufiiyyuu du'ee awwaalame.

#Yeroo_Heeroods du'e kanattis #ergamaan Gooftaa biyya #Gibxiitti abjuudhaan #Yoseefitti mul'atee,
"Warri lubbuu #mucichaa barbaadan du'aniiruutii, ka'ii, #mucichaa_fi_haadha isaa fudhadhuutii biyya #Israa'eltti deebi'i" ittiin jedhe.
Mat.2α₯19-20


#Haati keenyaa #Dubreen_Maariyaamis ilma ishee duukaa guyyaa hardhaa kanatti godaansa irraa deebite.

Yeroo #godaansa irraa deebi'an kanattis dadhabbii godaansicha irratti isaan mudate irraa kan boqatan #Dabra_qusquam tulluu jedhamutti waan ta'eef guyyichis #QUSQUAM jedhamee waamame.

#Guyyaa kanattis #Ergamootni bakka dabra #qusquam jedhamu kanatti Ilma ishee #Iyyasuus_Kiristoosiif_Dubree #Maaryaam irratti marsanii galateeffataniiru.

"#Wantumaa hundaaf #Waaqayyoof galanii haa ta'uu." πŸ™πŸ™

https://t.me/firiqulqulloota

Ayyaana gaarii!
#Baga_geessan πŸ™πŸ™πŸ™
🌹Iya 5:14 "#Ani amma #hangafa_loltuu #Waaqayyoo ta'een dhufe"

#Ergamaa_Qulqulluu_Mikaaeel #Iyyaasuu gargaruf yeroo dhufuu #jecha ittii dubbatedha .

#Kanaf #Ergamaa_Qulqulluu Mikaa'eel nama gargaruf Kan #ergamu dha

🌹 #Ummaata_isra'eelis galana yeroo ce'an Kan gargare #Ergamaa_Qulqulluu_Mikaaeel dha.

S.Ba'u. 13:21-22 "#Waaqayyo akka isaan #halkanii fi #guyyaa adeemuu danda'aniif, #guyyaa utubaa #duumessaatiin isaan dura adeemee #karaa isaanitti argisiise, #halkan immoo utubaa #ibiddaatiin isaaniif ibse; akkasitti isaan ni geggeesse.

🌹#Guyyaa utubaan duumessaa, #halkan immoo utubaan #ibiddaa fuula jaraa duraa hin dhabamne ture.
#Ummaata isra'eelis Kan dures garbuuma Jala baase #Qulqulluu_Ergamaa_Mikaa'eel dha.

#Seera_Bahu 23:20_23 "#Kunoo, ani #karaa irratti akka si #eeguuf, iddoo ani qopheessettis akka si #geessuuf_ergamaa si dura nan erga.

#Atis_of_eeggadhu, dubbii isaa dhaggeeffadhu. #Maqaan koo isa keessa waan jiruuf, inni #irra-daddarbaa kee #siif hin dhiisu, ati isaan #mormitee irratti hin ka'in.

#Dubbii isaa ba'eessa gootee yoo #dhaggeeffatte, waan ani sitti dubbadhu hundumaas yoo #goote, ani #diina keetti #diina nan ta'a, #warra siin mormaniinis nan# morma.
#Ergamaan_koo si #dura ni #adeema

#Eyyee Wanta dhala #namaaf hin danda'amne #waaqayyoof salphadha wanta ta'eef galana #ertira ce'anii garbuuma Jala #bilisa bahan.

🌹#Waaqayyoo har'as #biyyaa keenyaaf #Qulqulluu_Mikaa'eel nuf erge #nageenya akkaa nuf buusu #fedha Fi #jàalalaa isaa nuf haa ta'uu.

#Nutis_Ergamaa_Qulqulluu Mikaa'eel nu # gargaruf Waan #Ergamuuf yeroo hundaa isaa waamana.

#Yaa_Qulqulluu_Eragamaa Mikaa'el har'as #dafii Nuuf #Kootu....

πŸ””πŸ””πŸ””πŸ””πŸ””#Yaa_waaqayyoo #Ergamoota Kee nuf ergiite #nageenya akkaa nuf keennitu Fi #Laphee_Ergamoota Kee waamatu akkaa nuf keennitu #fedhaf_jaalala Kee nuf Yaa ta'uu.

https://t.me/firiqulqulloota

"#Wantumaa hundaaf #Waaqayyoof galanii haa ta'uu."
"#Maaliif_dhaabbaatanii_Samii keessa ilaaltu"? H/erg 1:11

Jecha Kana Kan dubbate #ergaamota. Kunis guyyaa ol baay'insa #Kiristoos jechudha.

H/erg 1:11"#Ergamoonis Isin namoota Galiilaa, maaliif dhaabattanii #Samii keessa ilaaltu? Iyyaasus inni isin biraa gara #Samiiti olbahe kun, akkuma amma gara samii olbahu isaa argitan kanatti immoo, deebi'ee in dhufa" jedhaniin .

🌹@#Ergaamonnii_Waaqayyoo Maaliif dhaabachuu duuka bu'oota gaafatanii?

➑️#Kiristoos olbahu isaa akkaa lalaabaniif
#Ergaamoonii akkuuma du'aa ka'uumsa isaa dursaa lalaban olbahinsaa isaa lalabaanii akkaa lalabamuu taasisaniiru

Mat. 28:6-7
🌹#Ergaamoonii akkaas jedhanii "#Inni as hin jiru, akkuma jedhe ka'eera; kottaa iddoo reeffi isaa ka'ame ture iyyuu ilaalaa.

Ammas #dafaa dhaqaa bartoota isaatti, 'Inni du'aa ka'eera, kunoo, inni isin dura #Galiilaa in dhaqa, achitti isaa ni argitu jedhaatii himaa. Kunoo, #ani isinitti himeera" jedhanii.

Kanaf #Ergamooni_duuka bu'ootaf akkuuma #lalaban yeroo kamiiyyuu nu #dursuun isaanii nuf ragaadha.

S.bahu 23:20"#Kunoo, ani karaa irratti akka si eeguuf, #iddoo ani qopheessettis akka si geessuuf #ergamaa si dura nan erga.”

➑️#Addunyaa guututi deemanii akkaa lallabaniif
βœ… Isaanis Kan gidduu isaanii hir'ate bakkaa buusun #tajaajila isaanii adduunyaa guutu geesisan.
Bakkaa yihudaa #Maatiyaas buusun #tajaajila isiin caalatii ciman.

Mat 28:19β€œ#Egaa dhaqaa, maqaa #abbaa , #ilmaafi kan #afuura qulqulluutin isaan cuuphuudhaan, saba #hundumaa_bartoota koo godhaa”jedheniirre #kiristoosis

Kanaf maatii #waaqayyoo nuti #amantaa keenya keessatii dhaabachaa jira moo wanta jedhamne akkaa #duuka bu'oota raawwacha jira???

Nuti har'a
βœ…#Gaabbii galaa
βœ…#Icciiti raawwadha
βœ…#kadhaana jabbaadha
βœ…#sagalee waaqayyoo
dhagaahaa
βœ…Kan #sagalee waaqayyoo hin dhageenyee dhaagesisaa
yoo jedhamne dhaabachaa jira moo raawachuf ariifacha jira???

🌹#Duuka bu'oonnii yoo dhaabbatanile hara #Samii ol ilaalu ture jechuu #yaadni isaa waa'ee kiristoos ture .

#Nuti hoo #eessaa ilaala Jira laata???
#Abboonii yeroo hundaa yaada #laphee keessan #Samii taasifadha jedhuu.
"Kan #waaqayyoo Kan ta'e #sagalee waaqayyoo ni dhagaha"

#Waaqayyoo laphee sagalee isaa #dhagahu nuf haa kennuu.

https://t.me/firiqulqulloota

#Wantumaa hundaaf #Waaqayyoof_galanii haa ta'uu."
"#Sanyii_Facaasudhaaf ba'e" Maat 13:-3

#1ffaa Inni utuu #facaasuu kaan #karaa bukkee bu'an, #simbirroonni immoo dhufanii #funaananii nyaatan.

#2ffaa Kaan immoo #lafa_dhagaa, lafa biyyoo baay'ee hin qabne irra bu'an; #lafti isaan irra bu'anis #biyyoo gad fagoo waan hin qabneef dafanii biqilan.

Yommuu #aduun itti baate garuu in #coollagan; #hidda gad fagoo waan hin godhatiniifis in #gogan.

#3ffaa Kaan #qoree keessa bu'an; #qoreewwan guddatanii isaa #hudhan ykn akkaa #firrii hin #bufne taasisan.

#4ffaa Kaan garuu #biyyoo_gaarii irra bu'anii #ija godhatan, #iji isaaniis kaan dachaa #dhibba, kaan dachaa #jaatama, kaanis dachaa #soddoma ta'e."Maat 13:4-8

#Gooftaan_keenyaa_Iyyasuus #kiristoos yeroo fakkeenya kana #hiike barsiisu akkaas jedhe

🌹"#Egaa fakkeenyi namicha #sanyii_facaasuu maalitti akka hiikamu dhaggeeffadhaa".πŸ›…

Akkuma #sanyiin_karaa bukkeetti facaafame ta'e, eenyu illee #dubbii mootummichaa dhaga'ee yoo hubachuu dhaabaate, inni #hamaan dhufee dubbicha isa garaa isaa keessatti facaafame in butata ykn kan hin #yaadanee ta'a.

Akkuma #sanyiin lafa #dhagaa keessatti facaafame ta'e, akkasuma #namni dubbicha dhaga'ee achumaan #gammachuudhaan ni fudhata.

Inni #yeroodhaaf malee #hundee hin qabu; sababii dubbichaatiif #rakkinni yookiis ari'atamuun yommuu ka'u achumaan in gufata.

Akkuma #sanyiin_qoree keessa bu'e ta'e, akkasuma #namni dubbicha in dhaga'a; kana booddees #yaaddoon biyya #lafaa; #gowwoomsaan soorumaa dubbicha in #hudha, #ija utuu hin #godhatinis in hafa.

✍Akkuma #sanyiin lafa #gaariitti_facaafame ta'e immoo, akkasuma #namni_dubbicha ni dhaga'a ni #hubatas; ija godhatees, inni tokko #dhibba, inni tokko #jaatama inni kaanis #soddoma ni godhaata" jedheMaat. 13:18-24

➑️#As keessatii nuti #hubachuu Kan qabnu
βœ…#Qotee_bulaan _kanneen #sagalee waaqayyoo #barsiisanii
βœ…#sanyiin______#Sagalee waaqayyoo
βœ…#Iddoo_Sanyin irraa qubaate___#laphee namoota #sagalee waaqayyoo sana dhaganii hojii hin hiikne, osoo #ajjaaja_waaqayyoo beekanu jaalala aduunyaatif ykn qabeenya #adduunyaatif dursaa kanneen Kennanan, kanneen #qorumsaa darbuu dadhabanii kufaan Fi kanneen #Sagalee waaqayyoo dhagaa'anii #hojiiti hiikaniif #fakkeenya Kan barsiisedha.

πŸ†•πŸŽ€#Yaa_maatii_waaqayyoo nutii hoo har'a kanneen #Sagalee_guyyaa guyyaati Kan dhaageenyuu #sanyii bakkaa #afran bu'an keessa nuti Kan akkaa isaa #kamiitii laata #laphen keenyaa ❓❓❓❓
Mee of haa gaafannuu.

2Qor13:5"#Yeroo_amantadha yoo jirtan #of_qoraadha" Mee nutis of #Yaa barbaanu isaa Kam akkaa tane.

πŸ””Yaa #waaqayyoo_sagalee kee dhageenyee #laphee ittin #hojiiti hiiknu nuf #kennii.

https://t.me/firiqulqulloota

"#Wantumaa hundaaf #waaqayyoof_galanii haa ta'uu"