Firii Qulqulloota
1.46K subscribers
19 photos
1 video
83 links
🔈"Warrii #Waaqayyoo_abdiidhaan eegatan garuu #humni isaanii ni #haareffama ;akka joobiraas baalleedhan #ol ni ka'u , ni #fiigu hin dadhaban, ni #adeemu garuu hin dadhaban" Isaa 40:31
Download Telegram
🌹🌹🌹🌹#Room 12:1"#Waaqayyoof_ofii keessan Arsaa #Qulqulluu Taasisatii of dhiyyeessa"

🙏#Bara_Tajaajila keenya keessatii kennaan #Waaqayyoof_kenninu qabnu isaaf dabrsinee of keennuudha.

🎧#Maal_yoo_raawwaanee_qaama_keenyaa #Waaqayyoof arsaa #qulqulluu taasisne dhiyyeesina????

Yoh 15:-13 “#Namni tokko firoota isaatiif #jireenya isaa dabarsee kennuu irra kan caalu, #jaalala_guddaa qabaachuu #hin danda'u.”

#Kanafphaawuloos erga isaa irraatii waa'ee l#tajaajila akkasiti ibsa:-

🙏#Fakkeenya_jireenya_bara isa darbu kanaa #duukaa hin bu'inaa. #Jaalalli_Waaqayyoo isa kam akka ta'e #gargar_baasuudhaaf, yaada garaa keessanii haareffachuudhaan of diddiiraa. #JaalalliWaaqayyoo immoo waan $gaarii ta'e, waan isa duratti #fudhatamaa ta'e, waan akeeka isaa #fiixaan baasus hubachuu dha.

🙏#Ayyaana isa anaaf #kennameen namni waan #yaaduun isaaf ta'u caalaatti akka of hin yaadne, tokkon tokkon keessanitti nan hima; garuu adduma addaan akka #amantii isaaf #kennameetti akka of ilaaluun ta'uufitti, haa yaadu.

#Nuyi_dhagna tokkotti bu'aa dhagnaa baay'ee qabna; bu'aan dhagnaa hundinuu immoo hojii adda addaa qabu. Akkasuma #nus immoo utuma baay'ee taanee jirruu, Kristositti dhagna tokko; #nuyis bu'aa dhagna walii ti.

🙏#Akka_ayyaana_Waaqayyoo isa nuuf kennameetti #kennaa garaa garaa qabna; kennaan isaa waan Waaqayyo namatti ibsu dubbachuu yoo ta'e, akka amantichaa wajjin waliif galutti dubbachuu dha.

🙏#Kennaan keenya #hojiidhaan nama gargaaruu yoo ta'e, #hojiidhaan nama gargaaruutti in jabaanna. #Barsiisuu yoo ta'e barsiisichatti haa jabaatu!

🙏 #Kennaan isaa #nama gorsuu yoo ta:e, gorsuutti haa jabaatu. Inni #namaaf kennu, garaa qulqulluudhaan haa kennu. Inni dura bu'us dhimmee haa geggeessu.Namni namaa oo'us #fuula_ifaadhaan haa hojjetu Jedha.

➡️kunii bara #Tajaajila umurii keenya dabrsine Waaqayyoof yoo kennine isaan kanneen taasisuu akkaa #dirqaama_keenyati fudhane hojana.

# Garuu nutii #waaqayyoof qaama keenyaa enyuutu Arsaa #Qulqulluu taasisee of dhiyyeessuf qophaa'e?????

🆕Mee of gaafanuu bara haara kanatii eenyuudha lata Waaqayyoof ofii isaa Arsaa Qulqulluu taasisee of qopheessuf kan murteesse?????

🆕🎤Nutii #Yaa_obboollota Koo bara Tajaajila keenya kanatii

🙏Jireenya daangaa qabu jiraacha jirta? daangaan kee bakka kami? Moo akka daangaa hin qabnetti yaada?

🙏Ega bari jireenyi kee daangaa qabati. Innis namaan osoo hin taanee waaqan daangaa'ee. Daangaa kan keessas batee jiraachuu hin dandeessu.

🙏Waaqni hunduma keenyaaf hanga biyya lafaa kana keessa jiraannuti jireenya keenyati daangaa godheera. Kanaaf yeroo siif kennamte kanatti fayyaadamii.

🙏Carraa hojiif ati qabdu ammadha. Amma male bor hin beektu. Itti gaafatamummaa kee bahachuu kan dandeessu bara siif daangoofte kana qofati.

🙏Du'a booda bu'a har'a teesse dhamdhamta male yeroo itti gaafatamumma batu miti.

🙏Ati gaafuma addunyaa kana irratti dhalattee hojii itti gaafatamummaa qabu wajjin dhalatte. Waaqayyo gaafa Addaamiin Uumu itti gaafatamumma wajjin isa uume.(Ser.Um 2:17)

🙏#Anaafi Isiinifis itti gaafatamumma wajjin uume. Namni itti gaafatamumma male uumame hin jiru. Garuu namni itti gaafatamumma isa bahatu murasa qofadha.

⁉️Ati isa ganaa itti gaafatamumma kee hubatuudha moo isa itti gaafatamumma isaa beeke bahacha jirudha?

🙏Barri waaqayyo itti gaafatamumma wajjin siif kenne murta'adha. Kanaaf dafii yeroo siif kennamte keessatti itti gaafatamumma kee bahadhu. Yeroon fayyinaa Ammaati.

🌹 Waaqayyoo Kadhaana Fi araarsummaan Abbaa keenya #Abune Gabra Manfas Qidduusif jedhee bara #Tajaajila keenya nuf Yaa eebbisu.Ameen

Fuula chaanalii keenyaa
👇👇👇👇👇👇👇👇

https://t.me/firiqulqulloota

"Wantumaa hundaaf_Waaqayyoof galanii haa ta'uu"
#Abbooliin_Keenya_Akkas_Jedhu!

#1. #Kadhannaan gaariin " Yaa #Gooftaa ati hunda ni beekta kan #eeyyama kee naaf raawwadhu" jechudha.
#Baayitawii_Teewufin

#2. "#Jaalalli Waaqayyo #cubbamootaf qabu jaalala #qulqulloonni Waaqayyoof qaban ni caalaa"

#Abba_Arsaaniyoos

#3. Nan #bayyada jedhanii cabsuun akka hin jirree #gaabbiin nan gala jedhanii #cubbuu hojjechuun sirrii miti"

#Maari_Yisihaq

#4. "#Hangam nama gara gaabbiitti deebiste? #Tajaajilli jechaan yk #oduun miti, #tajaajilli tokkoo #aarsaa inni nama biraaf kennu malee"

#Abbaa_Shinoodaa

#5. #Rakkoon akka ofii #kadhannuu nu kakaasa, #jaalalli garuu #nama_biraaf akka #kadhannuu nu #kakaasa.

#Qulqulluu_Yohaannis_Afaan_Warqee.

#6. #Laphee kee #qajeelumman jiraachis,  #hundumaa gadiifi tajaajila hundaa ta'uuf jabaadhu, #dubbii ma'i hin baasneef duudafi dhibaawa ta'i, haa ta'u garuu #jechoota kitaaba #Qulqulluu beekuuf, dhaga'uuf #gamna ta'i fayyina kan kennaniiti.

#Baasiliyoos_Qisaariyaa_isa_Guddichaa

#7. "#Wanti baay'ee barbaachisaan #eenyummaa nuti yeroo #kitaaba_Afuurummaa dubbisnutti qabnu #osoo hin taane, #eenyummaa nuti dubbisnee yeroo #xumurrutti qabaannuu dha"

#Abbootarra

https://t.me/firiqulqulloota
🌹"#Yaa_Qulqulleeti_Dubroo_Maariyaam kanaaf si jaalanaa" 💯❤️
#Qulqulluu_Abbaa_Hiriyaaqos

#Sababnii_Nuti_Ishee_jaalanuuf:-

#Waaqayyoo Waan deessef
#Ifaa Waan deessef
#Budeena jireenya Waan deessef
#Tiksee dhugaa Waan deessef

Isheen #balballii gannata nuf baname Waan ta'eef
Wanta #kiristoos jedhee hundaa raawwaadha jettee kitaaba Qulqulluu jecha tokkoon gunduunfite nu #gorsiiiti Waan ta'eef
#Kennaa(wabbii) waaqayyo nuf kennee Waan ta'atef

➡️#Jireenya isheen dabarsitee #hundaa irraa Waan barannuf
Mana waaqayyoo keessa jiraachuu ishee irraa
Kitaaba Qulqulluu dubbisa turu ishee irraa
#Godaansa isheen biyyaa biyyati taasifte nuf wabbii Fi ragaa teenyadha.

Fak 31:29 "#Dubartoota baay'eetu wanta ba'eessa(gaarii) hojjeta, ati garuu hunduma isaanii in caalta"

🆕 #Mootummaa waaqayyoo akkaa dhaluuf #abdii Fi #wabbii keenyaa Waan ta'atef

🛅#Wanta_hundumaa Kara isheen furmaata argana

❤️❤️❤️ #Yaa_Qulqulleeti_Dubroo_Maariyaam Waan Kan hunduumaaf si jaalanaa 🌹🌹🌹🌹🌹

🔔🔔🔔🔔🔔#Yaa_waaqayyoo haadha Kee #Durboo_Maariyaamiif jedhii nutii araaramii, #Dhifaama nuf godhii. Ameen🙏

"#Wantumaa hundaaf Waaqayyoof galanii haa ta'uu""

https://t.me/firiqulqulloota
#Baga_geessan 🙏🙏🙏
🌹Iya 5:14 "#Ani amma #hangafa_loltuu #Waaqayyoo ta'een dhufe"

#Ergamaa_Qulqulluu_Mikaaeel #Iyyaasuu gargaruf yeroo dhufuu #jecha ittii dubbatedha .

#Kanaf #Ergamaa_Qulqulluu Mikaa'eel nama gargaruf Kan #ergamu dha

🌹 #Ummaata_isra'eelis galana yeroo ce'an Kan gargare #Ergamaa_Qulqulluu_Mikaaeel dha.

S.Ba'u. 13:21-22 "#Waaqayyo akka isaan #halkanii fi #guyyaa adeemuu danda'aniif, #guyyaa utubaa #duumessaatiin isaan dura adeemee #karaa isaanitti argisiise, #halkan immoo utubaa #ibiddaatiin isaaniif ibse; akkasitti isaan ni geggeesse.

🌹#Guyyaa utubaan duumessaa, #halkan immoo utubaan #ibiddaa fuula jaraa duraa hin dhabamne ture.
#Ummaata isra'eelis Kan dures garbuuma Jala baase #Qulqulluu_Ergamaa_Mikaa'eel dha.

#Seera_Bahu 23:20_23 "#Kunoo, ani #karaa irratti akka si #eeguuf, iddoo ani qopheessettis akka si #geessuuf_ergamaa si dura nan erga.

#Atis_of_eeggadhu, dubbii isaa dhaggeeffadhu. #Maqaan koo isa keessa waan jiruuf, inni #irra-daddarbaa kee #siif hin dhiisu, ati isaan #mormitee irratti hin ka'in.

#Dubbii isaa ba'eessa gootee yoo #dhaggeeffatte, waan ani sitti dubbadhu hundumaas yoo #goote, ani #diina keetti #diina nan ta'a, #warra siin mormaniinis nan# morma.
#Ergamaan_koo si #dura ni #adeema

#Eyyee Wanta dhala #namaaf hin danda'amne #waaqayyoof salphadha wanta ta'eef galana #ertira ce'anii garbuuma Jala #bilisa bahan.

🌹#Waaqayyoo har'as #biyyaa keenyaaf #Qulqulluu_Mikaa'eel nuf erge #nageenya akkaa nuf buusu #fedha Fi #jàalalaa isaa nuf haa ta'uu.

#Nutis_Ergamaa_Qulqulluu Mikaa'eel nu # gargaruf Waan #Ergamuuf yeroo hundaa isaa waamana.

#Yaa_Qulqulluu_Eragamaa Mikaa'el har'as #dafii Nuuf #Kootu....

🔔🔔🔔🔔🔔#Yaa_waaqayyoo #Ergamoota Kee nuf ergiite #nageenya akkaa nuf keennitu Fi #Laphee_Ergamoota Kee waamatu akkaa nuf keennitu #fedhaf_jaalala Kee nuf Yaa ta'uu.

https://t.me/firiqulqulloota

"#Wantumaa hundaaf #Waaqayyoof galanii haa ta'uu."
#Abbaa_Takla_hayimaanoot

#Qulqulluu_Abuna_Takla_Hayimaanoot kan dhalatan Shawaa Tsilaalish, iddoo Ittisaa Mikaa’el jedhamtutti. Abbaan isaaniis, Tsaggaa Za’aab, haati isaanii ammoo, Egzi Hariyaa jedhamu. Guyyaan itti dhalatanis #Muddee, 24 bara 1197 DH.K.B.

Abbaa fi haati isaanii dhala dhabuun yeroo dheeraaf gaddaa turan. Keessumattuu, haati isaanii Igziiharayaan Mootii-Lammii Mooti jedhamuun booji’amtee, abbaa warraa isheen addaan baatee fudhatamtee turte.

Bakka fudhatamtettis mootichi ishee fuudhuudhaaf qopheeffatee osoo jiru, Waaqayyo ergamaa isaa ergee, dinqii adda ta’een gara abbaa warraa ishee Tsaggaaza’aabitti deebise. Mootichis, ishee bira hin geenye ture. Erga gara abbaa warraa isheetti nagayaan deebitee booda, #Abuna_Takla_Hayimaanootis dhalachuu danda’aniiru.
Raajaan Eermiyaas akkuma dubbate, Waaqayyo gadaamessa haadha kee keessan si filadhe akkuma jedhu, Abuna Teklehayimaanootis dhalatanii guyyaa sadaffaa isaanitti “#Abbaan Tokkichi Qulqulluu; #Ilmi Tokkichi Qulqulluu; #Afuura Qulqulluu Tokkichis Qulquulluudha” jedhanii galateeffataniiru. Kanarraayis, afuurri Waaqayyoo kan irra buleefi Waaqayyo jalqabumarraa tajaajilaaf akka isaan filate hubanna.

Warri isaa maqaa isaa #Fisihaa_Tsiyoon jedhanii moggaasan. Fisihaa Tsiyoon jechuun Gaammachuu Xiyoon jechuudha. Ijoollummaadhanis, baruumsa amantaa baratanii waggaa 15 yemmuu guutan, phaaphaasii Masriirraa dhufan Abuna Qeerloos jedhaman irraa diyaaqonummaa fudhatanii jiru. Akkasuma ammoo, baruumsa ijoolleen yeroo sana baratan waan akka farda gulufsiisuu, bineensa adamsuu ni raawwatus ture. #Abuna_Takla Hayimaanoot, yeroo daa’imummaa isaanitti ajaa’ibawwan garaa garaa raawwataniiru, ajaa’ibni isaan raawwatan hedduunis, kitaaba qabsuura isaanii keessatti barraa’eera.

Ajaa’iba isaan raawwatan keessaas tokko, warri isaanii ayyaana qulqulluu Mikaa’el waggaa waggaadhaan ni yaadatu ture. Kan beela’e nyaachisaa kan dheebotes obaasaa turan. Haa ta’u malee, bara sana beelli hamaan ka’ee wanta qophii ayyaanichaaf nama nyaachisan, hiyyeessa beela baasan dhaban. Yemmuu kana, haati isaa “egaa hanga yoonaallee yaadannoo hangafa ergamootaa Qulqulluu Mikaa’el addaan kutee hin beeku; amma garuu, addaan na jalaa cituufii” jettee yaaddoftee, ayyaanni yaadannoo kun addaan cituuf deemuu isaatti gadditee boo’aa turte.

Yeroo kana, boo’uu ishee kan arge Abuna Teklehayimaanoot gara manaa akka ol seentu erga itti agarsiisee booda, qamadii xiqqoo inqibiirra jiru tuquudhaan baay’atee inqibii 9 akka ta’u taasiseera.Akkasumas, meeshaa dhadhaa, dammaa fi meeshaa barbaachisu hunduma yoo tuqu, kan guutan ta’anii argamaniiru. Kanaaf, bara sanas nama beela’e hunduma guyyaa sanatti waamuudhaan yaadannoo qulqulluu Mikaa’eel, kan baatii Bitootessaa haala adda ta’een kabajataniiru. Ajaa’ibni inni biraa ammoo, yemmu diyaqonummaa fudhatanii deebi’an itti dhiite mana namaatti goran. “Nagaan Waaqayyo siniif haa ta’u” jedhanii gaafatan. Yeroo kana abbaan manichaa “maal gochaa as dhufte?” jedhee jecha arrabsoon deebiseefi; fuula isaanii kabale.

#Abuna_Takla_hayimaanootis, gara gooftatti yemmuu kadhatan, #qulqulluu Mikaa’eel namicha isaan kabalan sana irra keessatti qilleensarratti hidhee reebaa buleera. Booda garuu, namtichi sun wanta hojjetetti waan gaaabbeef, gaabbuu isaa erga arganii booda, Abuna #Takla_hayimaanoot kadhannaa gochuun akka hidhaarraa bu’u taasisaniiru.

Guyyaa tokkos, yemmuu adamoof bosona deemanitti, Gooftan itti muldhatee, “ani duuk bu’aa haaraan si taasisa; maqaan kees ‘Takle Hayimaanoot’ jedhama”, jedheen. Takle Hayimanoot jechuun firii amantaa jechuudha. Abuna Tekle Hayimaanoot yemmuu dubbii kana dhagahus ,akkuma qabsuura isaanii irratti ibsametti “Yaa gooftaa fayyisaa koo Iyyasuus kiristoos akka karra samii Iyyarusaalem anaaf bantuuf; anis kunoo karra koo banaatti siif dhiiseera; dadhabaa kanan ta’e ana si malee kan na jabeessu hin jiru; kanan kufuuf ka’e anis naman itti hirkadhu hin qabu; kanan gadde ana kanaaf si malee kan na tasgabeessu hin jiru; hiyyeessa kanan ta’e anaaf si malee itti hirkatni koo hin jiru” jedhee kadhannaa taasisee guyyuma sana gara taajaajilaatti
#Yeroon_boqonnaa_Durboo_Maariyaam_cidhaa fakkaata."
#Qulqulluu_Yaared

#Sababnii_isaa
#1ffaa .Waaqayyoo galataa Fi kabaja gara Ishee wanta dhufeef

#2ffaa. Ergaamoonni (Samii) Fi dhalii nama(lafa) Tokkummaa Ishee galaatteefataniru

#3ffaa. #si'oolii fi #Gannat keessa kan jiran tokkummaan Ishee #galaatteefataniru.....

Kanaf #cidhaa fakkaata guyyaan #boqonnaa harmee keenyaa #Durboo_Maariyaam

#Araarsummaa Isheef jedhii Yaa waaqayyoo hir'u keenyaa hundaa nuuf guuti...

https://t.me/firiqulqulloota

"#Wantumaa_hundaaf #waaqayyoof galanii haa ta'uu."
#Haadha_jireenyaa kan jireenya deesse; #aduu kan deesse;#haadha ifaa; #Duuti ishee nama ajaa'ibsiisa. (#Qulqulluu_Yaareed)

"#Addaamii_fi_Hewaan har'a #mucaan isaanii walitti dhufee waan ta'eef gammadan... Guyyaa kana #Daawit guddichi intala isaa #gonfoo bareedduu mataa isaa irra kaa'atte argee gammade...

#Guyyaa kana durba raajichi isheef." #Isaayyaas raajii dubbatee ture bakka warra du'anii isa daawwachuuf dhufe...

#Guyyaa kana, #raajonni hundi #awwaala isaanii irraa ifa isaan irratti ibsu argan.#Mataa ol kaasanii...#Ariyaan faarfannaa mi'aawaa sanaan guutamte kan #ergamootaa, lafti boo’icha #ergamoota gaddaan guutamaniin guutamte. Warri du'anii fi jiraan #Yeedalloo [garaa garaa] ibsuu hin dandeenye, #namni fi #ergamoonni guyyaa sana waliin #faarfatani"
(Qulqulluu #Yaaqoob Zesrug).

https://t.me/firiqulqulloota
"#Jechoota_Abbootaa "

#Dammaqqiin_yaada garaa , of-beekuu fi of-qabuun #geggeessitoota lubbuu ti.

#Abbaa_Pheemeen

#Lubbuu keenya hojii gaarii caalchisanii hojjechuutiin haa faaynu malee , #foon keenya faayuu hinqabnu

#Yohaannis_Afawarqii

# Luba_abbaa_gaabbii jechuun , yommuu isa ilaaltu nama #Waaqayyoonii fi abboommiisaa si yaadachiisu jechuu dha
#Abune Shinooda

Waa'ee #irradaddarba keenyaaf adabbii kamiyyuu utuu hin fudhannu ta'ee tii #Waaqayyo murteessaa abbaa murtii amma sammuu ga'u keessoo keenyatti hin #uumu ture
#Qulqulluu_Atinaatewoos

#Nan_supha jedhanii cabsuun akkuma sirrii hintaane , gaabbiin gala jedhanii #cubbuu hojjechuunis sirrii miti.

#Maar_Yiisihaaq

#Namni hin kadhanne biyya #dallaa kellaa hinqabne fakkaataa akkuma sana eenyumtuu seenee saamu , innis #kennaa ayyaanaa isaaf kenname dhaba.

#Maar_Yiisihaaq

#Namni haloo qabatu kadhannaanni kadhatuu fi oomishni qote bulaan galaanarra facaasee galchatu qixxee dha.

#Maar _Yiisihaaq

#Eebbii_Abboota Hundumaa keenyaa #waliin haa ta'uu 🙏🙏🙏
https://t.me/firiqulqulloota

"#Wantumaa hundaaf #Waaqayyoof_galanii haa ta'uu."
"#Hin_sodaatiin;#Ani_gaachan_keeti"(Uumama 15:1)

Situ waa hunda sodaata

#Dheebu keef maaf sodaatta inni Gammoojjii #goggogaa
garmalee keessatti #bishaan_dhagaa keessaa burqisiise#dheebuu baase si waliin jira mitii.

#Diinnis natti baay’atee nadhaqqabe jettee maaf sardamta,#Waaqni kee Waaqa
#Fardeen Fara’oonotaa galaana Ertiraatti fixe miti?

#Waaqayyo ati kadhattu kan #Geediyoon waliin ture miti?
(Abboota Murtee 6:11). Ati maaf sodaattaa?
#Dubbiin koos hin dhagahamu maaf jettaa Inni #Musee filatee harka fara’oonotaa jabduuu taate #jalaa Israa’eloota #baraare si #wajjin mitii.

#Waaqni Hizqiyaasif umurii #dhumte dabale(Isa 38:5)

kan #Minaases dogoogoo #sibiilaa keessatti yaadate miti Waaqni kee
Atumti maaf sodaattaa,#diinni hanga fedheyyuu yoo #baay’ate,#beellis hanga fedheyyuu biyya lafaa yoo

argate,#dhukkubni hamaanis yoo ka’e,#godaanisi biyyattiirratti yoo ta’e, sababa #amantaa keetifis yoo

sidaddarbanii hamaatti si kennan

yoo #sobaan sirratti #murteessanis,waa’ee #amantaa keetii yoo ibsattus atumtimaaf sodaattaa #Gooftaan ati #Waaqa koo jettuun jabaan Jabaa caalu kan kana hunda jalaa nama baasu miti?

#Nan beela’a jettee sodaatta taanan #Gooftaa_Qurxummuu
lamaa fi buddeen shaniin nama gabaa #shan quubse
gooftan #siwaliin Jiraati(Yoh 6:9).

#Gooftaan ergamootni#samii uummamni hundis rom’aniifiin Waaqa Koo jettee jirta; kanaaf ati #ilma_mootii#Moototaa Ilma Gooftaa #Gooftotaati kanaaf maaf sodaattaa?

#Ati maaf #sodaatta
#Qulqulluu_Mikaaeel Inni samiirraa #seexana jawwee jedhame sana gadi darbate isa loltoonni isaas #lakkaawamne hin dhumne(Mul’ata 12:7) waliin jiran si waliin jiraa miti.

Inni #Sanaakireem Qaanesse,inni Afaan #Leencotaa cufee# Daani’eel qarqaare, Inni #Baahiraan #xalayaa du’aa isaa kukkute,Inni #Afoomiyaa hudhaa seexanaa jalaa baase #sun si wajjin jira miti?

#Atumti maaf sodaattaa? #Qulqulluu Gabri’ee inni samii
#Raamaa kan #Ijoolle sadan #ibiddaa keessaa baase
kan misiraachoo guddaa dubrootti hime(Lu 1:36) #Qiirqoos fi #Iyyaluxaas kan baraare #abidda labooba bishaan taasise si wajjin mitii

#Ati maaf sodaatta #iccitii koos eenyumattan himadhakaa maaf jettee cinqamta? #Dubroo_Maariyaam kan #dookimaasiif (Yoh 2:1) qaanii hamaarraa #oolchite,kadhannaan #ishee #yeroo_hunduma si waliin jira miti?

#Ati maaf #sodaattaa duuka bo’ootni ajaa’iba gara garaa raawwatan,kan #uffataa fi #gaaddiduu isaaniitiin illee fayyissan#araarsummaa isaanitti ni amanta miti
kanaaf isaan #siwajjin jiru mitiree

Ajaa’iba #xixinnoo_jabana kana #shakkitoonni gocha #jiraniin
maaf akkas #dinqamta? #Raajan_Eeliyas inni samiin rooba akka hin kennine taasisee, #Yoonas inni Guyyaa sadi#garaacha qurxummuu guddaa #keessa bule(Kitaaba
Yonaas),#Raajan_Eelsaa Inni du’aa #nama kaase seenaa isaani ni beekta miti?

#Atumti maaf sodaattaa #sugni qulqullootaa#siwaliin jira miti?

#Atumti maaf sodaattaa #Qulqulluu_Giyoorgisiin abbaan
fardaa,kan #Beeruktayiti Jawwee jala baraare
#amantaa kee keessatti yaadatama mitiree?

#Maal kana qofa ….hedduudha #danuudhas…..
#garuu hin sodaatin #kophaa kee hin jirtu,#Waaqayyos kan Waaqayyoon#filates #dhugumatti si wajjin #jiruuti hin sodaatin.

#Waaqayyoo_iddoo hundumaati #nu waliin ta'eef #galanii Fi #ulfinii bara bara isaaf haa ta'uu.

https://t.me/firiqulqulloota

"#Wantumaa hundaaf #Waaqayyoof_galanii haa Ta'uu.
"#Boqonnaa_Qulqulloota_waaqayyoo fuldurati Kan #kabajameedha."🌹Faars 115:6

Abbaan keenyaa #Abuna_Gabra_Manfas_Qidduus #muddee 29 Abbaa isaanii #Simi'oonii Fi #Aqleesiyaa irraa dhalatan. Isaaniis erga Wal fudhanii waggaa 30 booda sila'atiin (wareegan) si'ilii Abbaa Keenyaa #Sillaasee irraa Qulqullumaan isaa akkaa ergaama #Qulqulluu Mikaa'eela Fi Gabri'eel Kan ta'e, lubbuumman isaa akkaa malkaa tsadiqii Kan ta'e, akkaa #yohaanis cuuphaa Fi akka raaja #Ermiyaas Kan ta'e, ni deessa" sagalee jedhuu dhageessee akkasumas ni ta'eef .

Isaaniis #akkuma dhalatanii Abbaaf galanii haa ta'uu Ilmaaf galanii haa ta'uu Afuura Qulqulluuf galanii haa ta'uu jedhanii galateefatan.

Har'a nuti #eenyuudha isaan irraa baratee galatefacha jiraa moo seena isaanii qofaa kaasa jiraa

Isaan #gibxii keessa waggaa 300
Ergaa jiraatanii gara #Ethiopia dhufanii waggaa 262 erga jiraatanii boqotan waluman galatii #waggaa 562 jiraatan.

Ergaa #qorumsaa hedduu dabarsanii Fi mo'atanii booda #bitooteessa 5 boqotan. Guyyaa boqonnaa isaanii Kun Garuu Baay'ee ajaa'ibsiidha.

#Guyyaa_kan_Gooftaan_keentaa_kiristoos_Qulquulleeeti_Durbee_maariyaam_ergaamoota_samii_raajonnis_qulqulloota_hundaa_wajiin_dhufanii_abbaa_keenyaa_Abuna_gabra_manfas_qidduus_kabajaniiru.

#Kiristaanoota kabajnii Kan caale eessa illee hin jiru.
#Dabalatan guyyaa kana ammoo #waadaniis galamefira. Innis kanneen maqaa kee waaman Fi #hojii keeti amananiif si kabajan...... #Maqaa keef jecha mootummaa Koo Nan Kee naf Kan jedhuu Fi #waaada biraas hedduu galameeraf....

#Waaqayyoo waada Abbaa keenyaa #Abuna_Gabra_Manfas_Qidduusif jedhee biyyaa keenyaa, #waldaa keenyaa, Saba #kiristaanaa hundaa nu haa eebbiissuu 🙏 Ameen

https://t.me/firiqulqulloota

#Wantumaa hundaaf #Waaqayyoof galanii haa ta'uu 🙏🙏🙏
"#Raawwaateera ( xumureera) #ተፈጸም"Yoh 19:30
#Bitootessaa_27
🌹Gooftaan keenyaa #Iyyasuus_kiristoos jecha innii guyyaa #jimaata_fannoo irraatii jecha yeroo dhumaaf dubbaatedha.

#Wanti_raawwaatee

#1.#Waadan_Addaamif galamee
(Sanyii sanyii Keerraa dhaladhen si fayyisa Kan jedhuu)raawwateera.

#2. #Baruumsii raajonii fannifamuu isaaf dubbaacha Turan raawwateera

Isaa 53:4_5 "Inni garuu dhugumaan dhiphina keenya of irra in kaa'e, muddama keenyas in baate; nuyi garuu akka waan Waaqayyo dha'icha isatti fidee, akka waan inni isa rukutee gad isa deebisettis in lakkoofne.

Inni garuu balleessaa keenyaaf in waraaname, sababii yakka keenyaafis reebamee in caccabsame; nuyi nagaa akka argannuuf inni ni adabame, madaa'uu isaatiinis fayyinni nuuf ni argame". Raawwateera

#3.#Duuti mo'aameera

“Akkuma #cubbuun karaa du'aa mo'e, ayyaannis karaa gooftaa keenyaa #Iyyasuus_Kiristos gara jireenya bara baraatti nu geessuudhaaf qajeelummaadhaan ni mo'e"

#4. #Ganaanii banameera si'oolii keessa #lubbuuwwaan bahaniiru.

Luq 23 :43_44 "#Mootummaa keetiin yommuu dhuftu na yaadadhu" jedhe inn #mirga isaati faanifame xiixoos.

Gooftaan keenyaa #Iyyasuus immoo, "#Dhuguman sitti hima har'a anaa wajjin gannata keessatti ni galta" jedheen.

1Phe 3:18_19
"#Kiristoos immoo gara #Waaqayyootti isin fiduudhaaf jedhee, yeroo hundumaaf akka ta'utti al tokkicha, #cubbuu namoota baay'eetiif dhiphateera; inni qajeelaan #foon uffatee, qooda warra jal'ootaa ajjeefame, hafuuraan jiraachifameera.

#Afuuruma sanaanis dhaqee hafuurota warra mana hidhaa(si'oolii) keessa jiranitti lallabe.

5. #Iccitii ittiin #mootummaa isaa galuu nuf kenname.

Cuuphaa (akkaa nu cuuphamnuf cinaachi isaa yeroo waraanamu bishaan bahe )
Yoh 3:5 "#lammaaffaa_Bishaani Fi Afuura #Qulqulluu irraa yoo cuuphaamtan malee mootummaa Koo hin argitan)

Fi Qurbaana(foonii Fi dhiiga isaa nuf kenne)

Yoh 6:54" #foonii Fi #dhiiga Koo yoo nyaatanii Fi Dhugaan malee mootummaa Koo hin galatan.

Kanas nuf kennneeraa Wan ta'ef raawwateera jedhee.

#6. #Haadha keenyaa #Durboo_Maariyaam nuf kennneeraa Wan ta'ef #raawwateera jedhee. Karaa yohaanisin.

Yoh 19:27 " #kinoo_haadha_Kee"
Inniis yeroo sana eegalee gara #Mana isaatii ishee fudhate.

Nutis #Dhaloota dha gara #Mana keenyaa nuf haa seentu #Durboo_Maarimaam

Kanaf kennaa keenyaa qabanee Hanga dhumaatii akkaa dhabanu #fedha Fi #jàalalaa Isaa nuf haa ta'uu. Ameen 🙏🙏🙏

https://t.me/firiqulqulloota

"#Wantumaa hundaaf #Waaqayyoof galanii haa ta'uu". Ameen 🙏🙏🙏
#ደብረ_ምጥማቅ (Tulluu #Miixmaaq)

🙏 #Caamsaa_21 kabajama. Guyyaa kanatti haati keenyi qulqulleettiin #Dubroo_Maariyaam biyya Gibxi tulluu #mixmaaq jedhamuu irratti gululaata bataskaana maqaa #isheen ijaaramte irratti markaba #ifa fakkaatuun guyyaa itti muldhattedha.

#Namootni baay'een warreen #Kiristaana ta'aaniif warreen amantaa biroo ishee ilaalaniiru. Ishee waliiniis #ergamootnii fi #qulqullootnii ni jiru ture.

#Ergamootnis akkas jechaa #galateeffatuun ture, "#Waaqayyoo_Abbaan samii irra ta'ee ilaalee, kan akka kee ta'u garuu hin arganne; #ilma isaa tokkicha gara kee erge,innis sirraa #nama ta'e."

#Qulqullootni_wareegamtoonni hunduu gara ishee dhufanii kabaja #isheef ni sagadu ture.

#Warreen achi turanis isheedhaan #eebbifamaa turan, kan #abbaa fi #haati jalaa du'e, gara ishee dhufanii #haadha koo ykn abbaa koo nuuf agarsiisi yeroo jedhan ni agarsiistiin turte. #Maarraba isaanii gara haadha keenyaa kanneen darbataniis jiru ture. #Isheeniis kan jaallatte ofitti fudhachaa deebistee kennitiif ture. Isaaniis eebbaaf ni hiratu ture.

#Haaluma kanan guyyaa #shaniif Kiristaanootnii fi warreen amantaa biroo ishee ilaalaniiru. #Muldhatni haadha keenya tulluu #mixmaaq jedhamutti muldhatte kun agarsiisa #araarsummaa haadha keenyaa fi namoota #ilma ishee #Kiristoosiin amananiif #abdii kan itti agarsiistedha.

#Warreen ishee arganiis akkuma #Qulqulluu_Daawiit faarfatee, ishee dhaan akkas jedhanii galateefataniiru.

🌹🌹🌹Faarf. 87፥2-3 "#Waaqayyo iddoo buufata Yaa'iqoop hunduma caalaa mandara Tsiyoon karra ishee wajjin ni #jaallata. Yaa mandara Waaqayyoo,
#wanti_ulfina-qabeessi waa'ee keef ni dubbatama."

Har'as #Araarsumaa fi #Eebbii haadha keenyaa Dubroo Maariyaam Hundumaa keenyaa waliin haa ta'uu.

https://t.me/firiqulqulloota

"#Wantumaa hundaaf #Waaqayyoof_galanii haa ta'uu."
#Waaqayyo_gooftaan sagalee gammachuutiin, sagalee #fiinootiinis ol #ba'eera.(#አምላክ በእልልታ፥ #እግዚአብሔር #በመለከት ድምፅ #ዐረገ።)Faarfannaa 47: 5

"#Samiirraa irraa #humna hamma argattanitti #Iyyeerusalem keessa turaa" Luq 24:49

#Gooftaan keenyaa #Iyyasuus_kiristoos guyyaa 40 ti yeroo #olbahuu duuka bu'oota isaati dubbate.

Bakkaa nu turruu qabnu #iyyaarusalem ta'uu nuti himeera
➡️#Iyyeerusalem Kan jedhamte

#1ffaa
#Mana_kiristaana :Kunis wanta #kiristoos raawwadha jedhee of keessaati qabate jirti waan ta'efi
Abbas #inxooniyoos akkas jedhu
"#Namnii #Mana_kiristaana #haadha hin godhane #waaqayyoo_Abbaa hin ta'uuf" jedhuu.

#Qulqulluu_yohaanis_afaan_warqees
"#Mana_kiristaana alaa #fayyinii hin jiruu" jedhuu

Kanafuu nutis #jireenya #kiristaana keenya Mana #kiristaana keessa ta'uu qaba

➡️#2ffaa #Qulqulleeti_Dubroo_Maariyaamii :#Iyyeerusalem jadhamti..
Duuka bu'oonnii #Qulqulleeti_Dubroo_Maariyaam qabatan Waan turanif afuurii qulqulluu akkaa bu'eef ni argana.

H/erg 1:14“#Duuka bu'oonnii hundinuu dubartoota tokkoo wajjin, #Maariyaam haadha #Iyyasuus, laphee tokkoon kadhataaf of kennanii turan.”

Kanaf #ishee qabane akkaa duuka bu'oota eebbaa Fi kennaa #afuura_qulqulluu ni argan.

#Ishee is #dhaloonii_hunduu na galateffatuu Waan jette...#Nuti ni #galattefana.

Maatii #waaqayyoo Hanga dhumaatii #Iyyeerusalem keessa ture tajaajiltota Mana isaa nu has taasifatu.

https://t.me/firiqulqulloota

#Wantumaa hundaaf #waaqayyoof galanii haa ta'uu 🙏
"#Isin_ifa_biyya_lafaati (#እናንተ_የዓለም_ብርሃን_ናችሁ)
Maat 5:14

#Ibsaawwan_Addunyaa_Pheexiroos_fi_Phaawuloos

Bu'uura seera mana kiristaanaa keenyaan golabni #sooma duukaa bu'ootaa #Adoolessa 5, boqonnaa "#Ibsaawwan_addunyaa #Pheexiroos fi #Phaawuloos" yaadachuun haala ho'aan ni kabajama. Keessumaa mana kiristaanaa taabonni isaanii jiruu fi mana kiristaanaa taabonni abbaa keenya Aabboo [Abune Gebre menfes Qidduus] argamutti taabonni kakuu Waaqayyo bahuun ni kabajama. Sababni ayyaanni yaadannoo boqonnaa isaanii kun bakka tokkotti kabaajamuuf immoo, boqonnaan qulqulloota kana lamaanii Adoolessa 5, #bara 67 tti akka ta'e kitaabni qabsuuraa isaanii ni dubbata.

#Qulqulluu_Pheexiroos

Kan dhalate #galaana_Galiilaa cinaatti kan argamtu bakka '#Beetesaayidaa' jedhamtuttidha. Abbaan isaa #Yoonaa jedhama. #Waggaa 5 irraa eegalee magaala Qifirnaahomitti guddate. Erga jabaatee boodas obboleessa isaa #Indiriyaas wajjin galaana Galiilaa keessa hojii qurxummii qabuu irratti bobba'e. Gooftaa wajjin kan bu'es, bakkuma kanarraa osoo #qurxummii kiyyeessuu Gooftaan, 'na #duukaa bu'i' gaafa jedhu kiyyoo qurxummii iittiin qabu gatee kiyyoo nama ittiin qabu [gara dhugaatti deebisu] fudhachuuf Gooftaa wajjin bu'e. Yeroo kana umuriin isaa #55 ture.

#Maqaa isaa jalqabaa 'Simi'oon' jedhama ture. Kunis, haati isaa qomoo Simi'oon waan turteef akka isheen moggaaste ni dubbatama. Maqaa dabalataa '#Keefaa' jedhamus qaba ture. Maqaa '#Pheexiroos' jedhu kana garuu Gooftaatu moggaaseef. Kanas magaala Qisaariiyaatti kan moggaaseef yoo ta'u, kunis yammuu #gooftaan, "Namooti Ilma namaa eenyu jedhu' jedhee gaafate, #Pheexiroos immoo, "#Ati_Ilma_Waaqayyoo isa_jiraataati" jedhee yeroo deebise sana ture. #Pheexiroos jechuun afaan warra #laatiniitiin "#Kattaa" jechuudha.
Maat.16:16.

#Haaluma kanaan waggoota #sadiif akkuma duukaa bu'oota warreen kaanii Gooftaa wajjin erga turee booda, erga gooftaan ol bahees wangeela missiraachoo barsiisuun addunyaaf ibseera. Keessumatti magaala Room keessatti waggoota #25f hangafa Phaaphaasii ta'uun barsiiseera. Duukaa bu'aan isaas "#Qelemenxoos" ture. Kitaaba Qulqulluu keessatti ergaa lama barreesseera. Isa jalqabaa bara #54tti Baabiloonitti barreesse. isa lammaffaa immoo bara #60tti magaala Roomitti barreesse.

#Seenaa_Boqonnaa_Isaa

#Qulqulluu_Pheexiroos fi #Phaawuloos waggaa tokkoof waliin ta'anii Room keessatti waan barsiisaniif #amantoonni ni baay'atan. Keessumatti iyyuu haati warraawwan mootota Albinoosii fi Agiriiphaa amanuun isaanii moototaa fi qondaaltota biyyatti aarse.

#Bara_54tti mootiin Neeroon Qeesaar jedhamu kan amalli isaa gaarii fakkaatu tokko aangootti bahe. Waggaa booda garuu mootiin kun #hamaa ta'uu jalqabe. Sababa kanaafis gochaawwan hadhaawaa hedduu raawwachuu eegale. Isaan keessaas bara #64tti magaala Roomitto ofumaa #ibidda qabsiise. Waan ta'e kanatti namoonni baay'ee aaran. Inni garuu kiristaanotatu gube jechuun dubbii isaanitti nannesse! Kunis karaa lama odeeffamuu jalqabe. Tokko, waaqolii Roomaatu kiristaanotatti aaree gube jedhu. Inni biraan, #kiristaanotatu gube jedhu. Kanarraa ka'uun Room keessatti #kiristaanota adamsanii ajjeesuu eegalan! Yeroo kanatti #dubartoonni mootota amananii #Qulqulluu_Pheexiroosiin ati nuuf hafuu qabda jechuun guuboo keessa kaa'anii funyoodhaan dallaa Roomaa irraan lafa buusanii akka inni gara bosonaatti baqatu godhan. Yeroo kana #Pheexiroos daandii gara Hoppiyaam geessu qabatee imala isaa eegale.

Yeroo kana dargaggeessi diimaan tokko isatti dhufe. Yoo hubatee ilaalu #Gooftaa_Keenya_Iyyasuus Kiristoosidha. Innis fuldura isaatti kufee, "Yaa #Gooftaa eessa deemta?" jedhee gaafate. #Gooftaanis, "Yeroo #lammaffaaf Roomitti fannifamuuf deemaan jira" jedhe. #Qulqulluu_Pheexiroos isa Gooftaan Yoh 21:18 " du'a akkamiin akka inni du'uu qabu..." itti hime sana yaadatee boo'e. Isa booda 'hin ta'u #Gooftaa' anatu #fannifamuu qaba jechuun magaala Room keessa osoo isa barbaadaa jiranii waltajjii irra dhaabbatee waa'ee #Gooftaa dhugaa bahuu isaa itti fufe.
#Loltoonnis isa qabanii #Adoolessa 5, bara #67tti yeroo #fannisuuf jedhan gadi gombisaa na fannisaa jechuudhaan gadi gombifamee #fannifamuun wareegame.
Yeroo san Qulqulluun #Phaawuloos mana hidhaa ture. Isas achii baasanii guyyuma sana #morma isaa kutanii wareegame.

#Qulqulluu_Phaawuloos

#Israa'el qomoo #Biiniyaam irraa magaalaa Tarseesitti dhalate. Maqaan isaa jalqabaa 'Saa'ul' jedhama ture. Kunis '#kennaa_Waaqayyoo' jechuudha. Akkasuma Room yeroo sana warreen bittaa ishee jala turaniif lammummaa kennaa waan turteef lamummaa Roomis qaba ture. #Phaawuloos waggaa 15 yammuu guutu Tarsesii gara biyyaatti deebi'ee hayyuu Gamaaliyaal iraa barumsa seera Yihoodotaa hanga #waggaa_30tti barate. Innis jalqaba yammuu Gooftaan barsiisu #Iyyerusaalmem keessa ture. Sababa kanaaf Yibuudotaaf inaafuun kiristaanota arii'achaa, ajjeesaa ture. HDB 8:1.

#Waamamuu_Isaa

#Inaaffaa_seera_Ayihuudiif qabu kanarraa kan ka'es #waggaa_32ffaa isaatti xalayaa eeyyamaa qabatee #Iyyerusaalemii gara #Damasqoo deemee kiristaanota ajjeesuuf karaa eegale. Gara #Damasqoo gahee yammuu magaalittii seenuuf jedhu Gooftaan mallattoo sodaachisaatiin isatti mul'achuun 'Saa'ul, Saa'ul maaliif na arii'atta' ittiin jedhe. HDB 9:4. #Saa'ulis, 'ati eenyu' yoo jedhu Gooftaan 'Ani #Iyyasuus isa Naazreet' jedheen. Isa booda gara luba #Hanaaniyaa jedhamu akka deemu itti himamee, innis deemee isa biratti cuuphamuun kiristaana ta'e. #Lammaffaas hojii isaa duraatti hin deebine. Gal.1:12. Erga #cuuphamee boodas gara biyyoota #Arabaatti godaane. Booda garuu [waggoota #sadi? Booda] gara #Damasqootti deebi'e.
Gal1:17.

#Qulqulluu_Phaawuloos warra kaanirraa wanti adda isa godhu warra #ormootaa hedduuf lallabuu isaati. Sababa kanaaf, "#Meeshaa_filatamaa" jedhameera. Wangeela lallabuufis gidiraa baay'ee fudhateera. Kitaaba Qulqulluu keessatti ergaawwan 14 barreessee arganna.

#Boqonnaa_Isaa

#Bara_65tti, bara sababa #gubachuu Roomaatiin #Neeroon Qeesaar kiristaanota rakkisaa turetti, Qulqulluu#Phaawuloos osoo magaala Niqoophiliyoon jedhamutti barsiisuu qabamee mana hidhaa gale. Waggaa #lamaaf baatii #jaha erga mana hidhaa keessa turee booda guyyaadhuma Qulqulluu#Pheexiroos fannifametti morma isaa kutanii wareegame. Sababa kanaan Ayyaanichi ayyaana "#Ibsaawwan_Addunyaa_Pheexiroos_fi_Phaawuloos" jedhamuun yaadatama.

#Neeroon bara #68tti hojjetaa isaa tokkoon #seefidhaan kutamee foon isaatiin du'a fokkisaa du'e; #lubbuusaatiinis jireenya hin arganne!; Qulqulluu #Pheexiroos fi #Phaawuloos garuu du'a isaaniitiin #Waaqayyoon kabajan; lubbuu isaaniitiin jireenya bara baraa argatan. "#Addunyaan hunduu ni darba; #fedhiin fooniis ni bada; #seera_Waaqayyoo kan raawwatu garuu #bara baraaf ni jiraata!"

#Sugaa fi #kadhannaan isaanii nu waliin haa ta'u.

https://t.me/firiqulqulloota

#Wantumaa hundaaf #Waaqayyoof_galanii haa ta'uu 🙏