Firii Qulqulloota
1.46K subscribers
19 photos
1 video
83 links
🔈"Warrii #Waaqayyoo_abdiidhaan eegatan garuu #humni isaanii ni #haareffama ;akka joobiraas baalleedhan #ol ni ka'u , ni #fiigu hin dadhaban, ni #adeemu garuu hin dadhaban" Isaa 40:31
Download Telegram
Ibroo 13:7 "#Warra isin geggeessanii, #dubbii Waaqayyoo isinitti himanii turan #yaadadhaa. #Attamitti akka #jiraatan akka du'anis, #jireenya isaanii keessaa wanta argames #ilaalaa, #fakkeenya amantii isaanii #fudhadhaa duukaa bu'aa." (#የእግዚአብሔርን_ቃል የተናገሩአችሁን #ዋኖቻችሁን_አስቡ፥ የኑሮአቸውንም ፍሬ #እየተመለከታችሁ #በእምነታቸው ምሰሉአቸው)

#Fakkeenyummaa Fi #firii ilaaluu kan qaban Abbaa Keenyaa #Abuna_Takla_Hayimaanoti #kadhaanna isaanii #Hundumaa keenyaa waliin haa ta'uu Ameen 🙏🙏🙏

"#Wantumaa hundaaf #waaqayyoof galanii haa ta'uu" 🙏🙏🙏

https://t.me/firiqulqulloota
#Abbaa_Takla_hayimaanoot

#Qulqulluu_Abuna_Takla_Hayimaanoot kan dhalatan Shawaa Tsilaalish, iddoo Ittisaa Mikaa’el jedhamtutti. Abbaan isaaniis, Tsaggaa Za’aab, haati isaanii ammoo, Egzi Hariyaa jedhamu. Guyyaan itti dhalatanis #Muddee, 24 bara 1197 DH.K.B.

Abbaa fi haati isaanii dhala dhabuun yeroo dheeraaf gaddaa turan. Keessumattuu, haati isaanii Igziiharayaan Mootii-Lammii Mooti jedhamuun booji’amtee, abbaa warraa isheen addaan baatee fudhatamtee turte.

Bakka fudhatamtettis mootichi ishee fuudhuudhaaf qopheeffatee osoo jiru, Waaqayyo ergamaa isaa ergee, dinqii adda ta’een gara abbaa warraa ishee Tsaggaaza’aabitti deebise. Mootichis, ishee bira hin geenye ture. Erga gara abbaa warraa isheetti nagayaan deebitee booda, #Abuna_Takla_Hayimaanootis dhalachuu danda’aniiru.
Raajaan Eermiyaas akkuma dubbate, Waaqayyo gadaamessa haadha kee keessan si filadhe akkuma jedhu, Abuna Teklehayimaanootis dhalatanii guyyaa sadaffaa isaanitti “#Abbaan Tokkichi Qulqulluu; #Ilmi Tokkichi Qulqulluu; #Afuura Qulqulluu Tokkichis Qulquulluudha” jedhanii galateeffataniiru. Kanarraayis, afuurri Waaqayyoo kan irra buleefi Waaqayyo jalqabumarraa tajaajilaaf akka isaan filate hubanna.

Warri isaa maqaa isaa #Fisihaa_Tsiyoon jedhanii moggaasan. Fisihaa Tsiyoon jechuun Gaammachuu Xiyoon jechuudha. Ijoollummaadhanis, baruumsa amantaa baratanii waggaa 15 yemmuu guutan, phaaphaasii Masriirraa dhufan Abuna Qeerloos jedhaman irraa diyaaqonummaa fudhatanii jiru. Akkasuma ammoo, baruumsa ijoolleen yeroo sana baratan waan akka farda gulufsiisuu, bineensa adamsuu ni raawwatus ture. #Abuna_Takla Hayimaanoot, yeroo daa’imummaa isaanitti ajaa’ibawwan garaa garaa raawwataniiru, ajaa’ibni isaan raawwatan hedduunis, kitaaba qabsuura isaanii keessatti barraa’eera.

Ajaa’iba isaan raawwatan keessaas tokko, warri isaanii ayyaana qulqulluu Mikaa’el waggaa waggaadhaan ni yaadatu ture. Kan beela’e nyaachisaa kan dheebotes obaasaa turan. Haa ta’u malee, bara sana beelli hamaan ka’ee wanta qophii ayyaanichaaf nama nyaachisan, hiyyeessa beela baasan dhaban. Yemmuu kana, haati isaa “egaa hanga yoonaallee yaadannoo hangafa ergamootaa Qulqulluu Mikaa’el addaan kutee hin beeku; amma garuu, addaan na jalaa cituufii” jettee yaaddoftee, ayyaanni yaadannoo kun addaan cituuf deemuu isaatti gadditee boo’aa turte.

Yeroo kana, boo’uu ishee kan arge Abuna Teklehayimaanoot gara manaa akka ol seentu erga itti agarsiisee booda, qamadii xiqqoo inqibiirra jiru tuquudhaan baay’atee inqibii 9 akka ta’u taasiseera.Akkasumas, meeshaa dhadhaa, dammaa fi meeshaa barbaachisu hunduma yoo tuqu, kan guutan ta’anii argamaniiru. Kanaaf, bara sanas nama beela’e hunduma guyyaa sanatti waamuudhaan yaadannoo qulqulluu Mikaa’eel, kan baatii Bitootessaa haala adda ta’een kabajataniiru. Ajaa’ibni inni biraa ammoo, yemmu diyaqonummaa fudhatanii deebi’an itti dhiite mana namaatti goran. “Nagaan Waaqayyo siniif haa ta’u” jedhanii gaafatan. Yeroo kana abbaan manichaa “maal gochaa as dhufte?” jedhee jecha arrabsoon deebiseefi; fuula isaanii kabale.

#Abuna_Takla_hayimaanootis, gara gooftatti yemmuu kadhatan, #qulqulluu Mikaa’eel namicha isaan kabalan sana irra keessatti qilleensarratti hidhee reebaa buleera. Booda garuu, namtichi sun wanta hojjetetti waan gaaabbeef, gaabbuu isaa erga arganii booda, Abuna #Takla_hayimaanoot kadhannaa gochuun akka hidhaarraa bu’u taasisaniiru.

Guyyaa tokkos, yemmuu adamoof bosona deemanitti, Gooftan itti muldhatee, “ani duuk bu’aa haaraan si taasisa; maqaan kees ‘Takle Hayimaanoot’ jedhama”, jedheen. Takle Hayimanoot jechuun firii amantaa jechuudha. Abuna Tekle Hayimaanoot yemmuu dubbii kana dhagahus ,akkuma qabsuura isaanii irratti ibsametti “Yaa gooftaa fayyisaa koo Iyyasuus kiristoos akka karra samii Iyyarusaalem anaaf bantuuf; anis kunoo karra koo banaatti siif dhiiseera; dadhabaa kanan ta’e ana si malee kan na jabeessu hin jiru; kanan kufuuf ka’e anis naman itti hirkadhu hin qabu; kanan gadde ana kanaaf si malee kan na tasgabeessu hin jiru; hiyyeessa kanan ta’e anaaf si malee itti hirkatni koo hin jiru” jedhee kadhannaa taasisee guyyuma sana gara taajaajilaatti
galeera.

Biyya katataa jedhamtuttis, ‘kiristaanummaa fudhaa; wangeelatti amanaa’ jedhanii yoo barsiisan, uummanni naannichaa “lakki nuti muka itti bullu qabna, kan yoo rakkanne, dhukubsannes itti fayyinu’ ittiin jedhan. Abuna Takle Hayimaanootis deebisanii, “Eegasuu anis isin waliin deeme nan sagadaaf na fuudhaa deema” jedhee isas fuudhanii deemaniin. Yemmuu iddoo mukichi jirutti dhiyaatanis, seexanni mukicharraa iyye. Uuummannis, mukichi iyyuu agarraan #Abuna_Takla Hayimaanootiin “ati nuuf haaradha achuma turi” jedhaniin.Yemmuu kana, maqaa Waaqayyootin mukatin kaatee akka gara isaanii dhuftu taasisan. Seexanichas qulqulluu Mikaa’eel akka alangee ibiddaan ari’u taasisaniiru. Yemmuu mukichi buqqa’u sana, muka jalatti namoonni du’an waan turaniif, isaan dabalatee namoota 15 kan sana dura du’an du’aa ni kaase. Kanaanis, kitila saddeet kan caalu guyyuma sanatti amananii cuuphamaniiru.

Sana boodas, gara Daamot deeman. Mootichi Mootii-lammii ture. Mootichis Abuna Tekle Hayimaanootiin “Eessaa dhufte?” jedhee gaafate. Isaanis, “waaqarkee namtolchee kee kana ballessuufan dhufe jedhaniin. Yeroo kana, gaagura keessa godhee gara hallayyaa gadi isaan darbe, qulqulluu Mikaa’eel ergamaan dhaqqabee ni oolche, yeroo lamaa sadi haala adda addaatiin yaale, boodarras, eeboo harkaa qabuun isaan waraanuf yemmuu darbatu, eeboon harkarratti hafte. Dhukkubin itti dhagahamnaan mootichi ni iyye, luboota waaq-harkeen na fayyisaa jedheen. Isaan garuu, mooticha dhukkuba isaa kanarraa fayyisuu hin dandeenye. Abuna Takle Hayimaanoot garuu, mooticha ni fayyise. Dursee Motolomiin kun haadha isaa Igzihaariyaa fuudhuu barbaadee kan ishee booji’e yoo ta’u, yemmuu ergamaan ishee tasa jalaa butee mootilamii fuulduraa fudhatu, naasurraan kan ka’e sammuun isaa itti naannoftee waan turteef, yeroo tokko tokko “ajjeesaa “yeroo tokko tokko ammoo, “qillensarratti mana naa ijaaraa” yeroo tokko tokko ammoo, “lafa jalatti sanyii facaasaa” jechaa waan tureef, kana hundumarraa ni fayyisan. #Motolomiinis ni amane. Luboota waaq-harkee sana garuu, hunduma isaanii mootichi ni ajjeese.

#Abuna_Takla_hayimanot gara Walloos deemuudhaan, kawaala Gool jedhamutti waggoota 10 barsiisaniiru; holqa soofudhanis bataskaana ajaa’iba ijaaraniiru, ummata hedduus barsiisaniiru. Gara Walaayittaafi Salaalettis tajaajila baldhaa taasisaniiru. Uummata hedduu kan mukaa fi waaq-harkee garaa garaatti bulaa turan, gara Waaqayyootti deebisaniiru. Abuna #Takla_Hayimaanot gara Hayiq Isxifaanos deemanii harka Iyyasuus Mo’aattii monokosaniiru; achi keessas waggoota 10 turan. Yeroo sanatti, Hayiq Isxifaanoos iddoo baruumsa hafuurawaa guddaan itti kennamu, baruumsa amantaa fi ogummaa harkaallee kan itti baratan, barattoota gara 800 kan qabatte akka turte, barreeffamonni ni ibsu. Hayiq irrayis erga ba’anii booda, gara dabra Daamoo deemuudhaan, baruumsawwan monoksummaa fi ogummaa Abuna Yohaanii biraa barataniiru. Dabra Daamonis, akkasuma yeroo sanatti iddoo monoksoonni hedduun itti walitti qabaman turte. Sana boodas, waggoota shaniif gadaamota Tigraay keessa erga naanna’anii booda, gara #Iyyaruusaaleem dhaqanii deebi’aniiru, achi erga deebi’aniis, #waggoota 10 ol Shawaa fi kibba biyyattii uummatoota jiran barsiisanii cuuphaniiru. Yemmuu gara Iyyeruusaalem deemanis, gammoojjii Eertitaa keessatti nama du’e argan. Nama du’e kanaanis, “ati namni duute kun ka’i” erga du’aa kaasanii booda, “maal taatee duute” jedhanii yemmuu namicha gaafatanitti, gara Iyyaruusaaleem yemmuun deemu dheebuu fi beelli natti hammateen du’e jedheen. Waliin deemanii Iyyaruusaaleem salaammatanii deebi’aniiru.

Sana boodas, akkuma Dabra Daamoo fi Hayiq, isaanis barttoota qabatanii dhufanii fi barttoota haaraa waliin Kawaala Dabra Asbootti galanii, barumsa monoksummaa babaldhisaniiru. Ogummaa barsiisaa, qonnas qotuudhan, ofiif uummata naanichaa akka gargaaran taasisan. Dabra Asboottis dhuma irratti, kadhannaa guddaa gochuutti; ka’an dheerina kadhanna irraa kan ka’es, #lukti isaanii irraa cittee luka takkaan waggaa torbaaf kadhannaa taasisaniiru.
Yemmuu guyyaan #boqonnaa isaanii gahus, #monoksoota walitti qabanii “ijoollee koo, kan monokkose hundi gara jannataa seena jechuu miti; biyya lafaa kana dhugumaan kan tuffate malee. Jalqaba Waaqayyoon biratti waan gaarii hojjechuu filadhaa, kadhannaa fi sooma baay’isaa; tokkoon tokkoon keessan wal wal jaaladhaa, abboommii Waaqayyoos jabeessaa eegaa” jedhanii abbooman.

#Abuna_Takla_Hayimaanoot tajaajila isaanii xumuranii, #bara 1296 boqotan. Haaluma kanaan, manni kiristaanaa keenyas guyyaa dhaloota isaanii #Muddee 24, guyyaa Filsata lafee isaanii #Caamsaa, 12 fi guyyaa boqonnaa #Hagayya, 24 ni kabajji.

#Wantumaa hundaaf #Galanni #Waaqayyoof haa ta’u; #sugni abbaa keenyas nu waliin haa ta’u.Ameem🙏🙏🙏

Maddi isa Kitaaba Yaadannoo Qulqullootaa

https://t.me/firiqulqulloota