Firii Qulqulloota
1.63K subscribers
30 photos
1 video
95 links
πŸ”ˆ"Warrii #Waaqayyoo_abdiidhaan eegatan garuu #humni isaanii ni #haareffama ;akka joobiraas baalleedhan #ol ni ka'u , ni #fiigu hin dadhaban, ni #adeemu garuu hin dadhaban" Isaa 40:31
Download Telegram
🌹🌹🌹Qol 1:20 "#Fannoo irraatii #dhiiga isaa dhangalasun #nageenya buuse"πŸ’―

πŸ™#Gooftaan keenyaa #Iyyaasuus_kiristoos fayyina keenyaa raawachuuf #fannoo irraatii #dhiiga isaa dhangalasun nageenya buuse.

#Nageenyii_kiristoos nuf buuse Kun Kan #Aduunyaa kana irraa #addaadha.

Yoh 14:27 β€œ#Nagaa isin biratti nan hambisa, #nagaakoo isiniif nan kenna; #ani akka biyyi #lafaa kennuttan #isiniif kenna miti, garaan keessan #hin_raafamin,#hin_sodaatinis.” jedha

➑️#Fannoo irraatii #kiristoos fannoifamu isaan #kennaawan nuf #kennamanii nageenya buusan

#1ffaa ❀️ #Qulqulleeti_Dubroo_Maariyaam

Yoh 19:27 "#Ilaa_haadha_kee" jedhe; #yohaanisis yeroo sanaa jalqabee gara mana ofii isaatti ishee fudhate.”

#2ffaaβœ…#Cuuphaa_nuf_kennamera.

Kunis yeroo #cinaachi_kiristoos waraanamu #bishaanii Fi #dhiigni baahera Kunis Kan mootumaa isaa ittin galu nuf ta'era.
Yoh 3:3 "#Dhuguma, dhuguman sitti hima, #eenyu illee olii yoo dhalachuu dhaabaate, #mootummaa Waaqayyoo arguu iyyuu hin danda'u."

#3ffaaβœ…#Foonii Fi #dhiiga isaa nuf kennee.

Yoh 6:56 β€œFoon koo kan nyaatu, dhiiga koos kan dhugu ana keessa in jiraata, anis isa keessa nan jiraadha.”

Kanaf nu Kan kiristoos tane jiraachuf kennaawan sadan Kana qabaachuun ittii jiraachuu qabna.

πŸ†•#Enyuudha_kennaawan Kan qabatee Kan jiraacha jiruu......???
Mee of haa ilaalu kiristaanoota

πŸ™#Icciti Kan hubbaate #mootiin_illeen_fannoo Gooftaan keenyaa #Iyyaasuus_kiristoos irraatii fannifame ayihuudoonii awwaalan argachuu Kadhaana ishee jabaate dhaabate booda argate.

πŸ™#Manguddoo_kirakoos iddoo ayidoonii #fannoo_Gooftaa keenyaa Iyyaasuus kiristoos #waggaa_300 gata addaa addaa irraatii gatanii awwaalan isheeti himee.

πŸ™#Isheenis abboota amantaa waliiti qabdee damara gubbani Fi ixaana arsaanii iddoo Fannon jiruu baranii #fulbaana_17 qotanii baasu qotu eeegalanii #bitooteesa_10 baasan.

πŸ™#fannoo argame #ifaan gutamte naannoo sun .

➑️#Yaa_Kiristaanota ilaa hubadha ilaala.

πŸ™#Waggaa_hedduuf fannoo irraatii gata Gatun ifaa kennuu #fannoo_kiristoos hin dhorkine.

#Nutis_Cuubbuu keessa yeroo hedduu jiraachuu keenya #Gaabbii yeroo galee #dhifaama argachuu keenya #ibsa.

🌹Gal 6:14 β€œ#Ani garuu #fannoo_gooftaa keenya #Iyyaasuus_Kristoos isa ittiin biyyi #lafaa ana irraa fannifame, #anis biyya lafaa jalaa #fannifame sanaan malee, waan biraatiin of jajuun #matumaa_anaaf hin ta'u.”

πŸ””πŸ””πŸ””πŸ””πŸ””# Waaqayyoo akkas #mootiiti illeenif #icciiti_fannoo ibseef #nufis icciiti #jaalala_fannoo isaa nuf #ibsun fedhaf jaalala isaa nuf haa ta'u.

"#Wantumaa hundaaf #Waaqayyoof galanii haa ta'uu."Ameen πŸ™

https://t.me/firiqulqulloota
"#Dhalachuun Iyyasuus kiristoos #dinqiidha"πŸ’

#Baga_geessan

#waada_addaamii galee raawwachuf dhalate kitaaba Qalamanxoos 2:3 "Guyyaa shaniif walakaati sanyii sanyii keerra dhaladheen sii fayyisa " kan jedhu raawwachuf waaqnii dhalate.

#Waggaa 5500n booda jechuudha. 2phex 3:8" #Guyyaan tokkoo akkaa waggaa #kumaati waaqayyoo biraatii"
Kanaf guyyaan waada kan arguuf abboonii hedduun hawwaa tura kan afuura qulqulluun durfamanii dhalachuu isaa arganii raajii Hedduu dubbatan.

Raaja Isaayas 7:14 waggaa 700 dura "#Durboo durbumaan #Ulfoofte_durbumaaan ni deesii " jedhee
Isaa 9:6" #ilmii_dhiira nuf kenname " jechuu waayyee dhalachuu #kiristoos raajii dubbaate

Faarfannaa 86:5 " #Namnii_Haadhateenya #tsiyoon jedhanii ishee keessayis #namnii dhalatera"jechuun dhaloota kiristois dura waggaa #1000 dura afuura qulquulluun hubate raajii dubbate.

Gal 4:4"#Bara isaa yeroo gahetii #durba irraa dhalatee"

#dhugummaati maatii #waaqayyoo dinqiidha. Dhugummaati dhalachuun #kiristoos dinqiidha.
Kunis #waaqni uumamtoota hundaa uume iddoon hin dagoofne #betaaliyeemiiti dhalachuun isaa #ajaa'ibadha.

#Wantii dhalachuu #kiristoos_dinqii taasiisu

1.#Durboo_Maariyaam irraa #durbummaa ishee osoo hin jijjiri #dhalachuu isaa (mat1:18,luq1:35, hizq 44:1_3 isaa7:14)

2.#Waaqnii wanta hundaa uume #iddoo ti dhalatuu #dhabuu isaa

luqas 2:7"#Iddoo itti deesu hin #argane "

3.#Waaqni wanta hundaa uume fi #ibidaa tahe #uffanii itti #uwwiifamun isaa

luqas 2:7" #huccuudhan_maratee "

4. #Waaqa_hundaa kan uume tahe osoo jiru akka #homaa hin qabneti #moora horii keessaatii #dhalachuun isaafi

5.#Mootummoonii,namoonii #beekamoodha ofiin jedhan osoo jiranuu iccitii dhalachuu isaa #bineeldotati(harree fi sawwaanii) fi #Tikisootatii muli'isu isaa dinqiidha.

Har'as kana isaa barbaadan ni argatu......
Yaa waaqayyooti gara Kee dhufnerati
icciiti Kee Nuuf ibsii

#Wantumaa hundaaf #waaqayyoof galanii haa ta'uu πŸ™πŸ’

https://t.me/firiqulqulloota

Ayyaana Gaarii!
"#Boqonnaa_Qulqulloota_waaqayyoo fuldurati Kan #kabajameedha."🌹Faars 115:6

Abbaan keenyaa #Abuna_Gabra_Manfas_Qidduus #muddee 29 Abbaa isaanii #Simi'oonii Fi #Aqleesiyaa irraa dhalatan. Isaaniis erga Wal fudhanii waggaa 30 booda sila'atiin (wareegan) si'ilii Abbaa Keenyaa #Sillaasee irraa Qulqullumaan isaa akkaa ergaama #Qulqulluu Mikaa'eela Fi Gabri'eel Kan ta'e, lubbuumman isaa akkaa malkaa tsadiqii Kan ta'e, akkaa #yohaanis cuuphaa Fi akka raaja #Ermiyaas Kan ta'e, ni deessa" sagalee jedhuu dhageessee akkasumas ni ta'eef .

Isaaniis #akkuma dhalatanii Abbaaf galanii haa ta'uu Ilmaaf galanii haa ta'uu Afuura Qulqulluuf galanii haa ta'uu jedhanii galateefatan.

Har'a nuti #eenyuudha isaan irraa baratee galatefacha jiraa moo seena isaanii qofaa kaasa jiraa ❓❓❓

Isaan #gibxii keessa waggaa 300
Ergaa jiraatanii gara #Ethiopia dhufanii waggaa 262 erga jiraatanii boqotan waluman galatii #waggaa 562 jiraatan.

Ergaa #qorumsaa hedduu dabarsanii Fi mo'atanii booda #bitooteessa 5 boqotan. Guyyaa boqonnaa isaanii Kun Garuu Baay'ee ajaa'ibsiidha.

#Guyyaa_kan_Gooftaan_keentaa_kiristoos_Qulquulleeeti_Durbee_maariyaam_ergaamoota_samii_raajonnis_qulqulloota_hundaa_wajiin_dhufanii_abbaa_keenyaa_Abuna_gabra_manfas_qidduus_kabajaniiru.

#Kiristaanoota kabajnii Kan caale eessa illee hin jiru.
#Dabalatan guyyaa kana ammoo #waadaniis galamefira. Innis kanneen maqaa kee waaman Fi #hojii keeti amananiif si kabajan...... #Maqaa keef jecha mootummaa Koo Nan Kee naf Kan jedhuu Fi #waaada biraas hedduu galameeraf....

#Waaqayyoo waada Abbaa keenyaa #Abuna_Gabra_Manfas_Qidduusif jedhee biyyaa keenyaa, #waldaa keenyaa, Saba #kiristaanaa hundaa nu haa eebbiissuu πŸ™ Ameen ❗❗❗

https://t.me/firiqulqulloota

#Wantumaa hundaaf #Waaqayyoof galanii haa ta'uu πŸ™πŸ™πŸ™
"#Isin_ifa_biyya_lafaati (#αŠ₯αŠ“αŠ•α‰°_α‹¨α‹“αˆˆαˆ_α‰₯αˆ­αˆƒαŠ•_αŠ“α‰½αˆ)
Maat 5:14

#Ibsaawwan_Addunyaa_Pheexiroos_fi_Phaawuloos

Bu'uura seera mana kiristaanaa keenyaan golabni #sooma duukaa bu'ootaa #Adoolessa 5, boqonnaa "#Ibsaawwan_addunyaa #Pheexiroos fi #Phaawuloos" yaadachuun haala ho'aan ni kabajama. Keessumaa mana kiristaanaa taabonni isaanii jiruu fi mana kiristaanaa taabonni abbaa keenya Aabboo [Abune Gebre menfes Qidduus] argamutti taabonni kakuu Waaqayyo bahuun ni kabajama. Sababni ayyaanni yaadannoo boqonnaa isaanii kun bakka tokkotti kabaajamuuf immoo, boqonnaan qulqulloota kana lamaanii Adoolessa 5, #bara 67 tti akka ta'e kitaabni qabsuuraa isaanii ni dubbata.

#Qulqulluu_Pheexiroos

Kan dhalate #galaana_Galiilaa cinaatti kan argamtu bakka '#Beetesaayidaa' jedhamtuttidha. Abbaan isaa #Yoonaa jedhama. #Waggaa 5 irraa eegalee magaala Qifirnaahomitti guddate. Erga jabaatee boodas obboleessa isaa #Indiriyaas wajjin galaana Galiilaa keessa hojii qurxummii qabuu irratti bobba'e. Gooftaa wajjin kan bu'es, bakkuma kanarraa osoo #qurxummii kiyyeessuu Gooftaan, 'na #duukaa bu'i' gaafa jedhu kiyyoo qurxummii iittiin qabu gatee kiyyoo nama ittiin qabu [gara dhugaatti deebisu] fudhachuuf Gooftaa wajjin bu'e. Yeroo kana umuriin isaa #55 ture.

#Maqaa isaa jalqabaa 'Simi'oon' jedhama ture. Kunis, haati isaa qomoo Simi'oon waan turteef akka isheen moggaaste ni dubbatama. Maqaa dabalataa '#Keefaa' jedhamus qaba ture. Maqaa '#Pheexiroos' jedhu kana garuu Gooftaatu moggaaseef. Kanas magaala Qisaariiyaatti kan moggaaseef yoo ta'u, kunis yammuu #gooftaan, "Namooti Ilma namaa eenyu jedhu' jedhee gaafate, #Pheexiroos immoo, "#Ati_Ilma_Waaqayyoo isa_jiraataati" jedhee yeroo deebise sana ture. #Pheexiroos jechuun afaan warra #laatiniitiin "#Kattaa" jechuudha.
Maat.16:16.

#Haaluma kanaan waggoota #sadiif akkuma duukaa bu'oota warreen kaanii Gooftaa wajjin erga turee booda, erga gooftaan ol bahees wangeela missiraachoo barsiisuun addunyaaf ibseera. Keessumatti magaala Room keessatti waggoota #25f hangafa Phaaphaasii ta'uun barsiiseera. Duukaa bu'aan isaas "#Qelemenxoos" ture. Kitaaba Qulqulluu keessatti ergaa lama barreesseera. Isa jalqabaa bara #54tti Baabiloonitti barreesse. isa lammaffaa immoo bara #60tti magaala Roomitti barreesse.

#Seenaa_Boqonnaa_Isaa

#Qulqulluu_Pheexiroos fi #Phaawuloos waggaa tokkoof waliin ta'anii Room keessatti waan barsiisaniif #amantoonni ni baay'atan. Keessumatti iyyuu haati warraawwan mootota Albinoosii fi Agiriiphaa amanuun isaanii moototaa fi qondaaltota biyyatti aarse.

#Bara_54tti mootiin Neeroon Qeesaar jedhamu kan amalli isaa gaarii fakkaatu tokko aangootti bahe. Waggaa booda garuu mootiin kun #hamaa ta'uu jalqabe. Sababa kanaafis gochaawwan hadhaawaa hedduu raawwachuu eegale. Isaan keessaas bara #64tti magaala Roomitto ofumaa #ibidda qabsiise. Waan ta'e kanatti namoonni baay'ee aaran. Inni garuu kiristaanotatu gube jechuun dubbii isaanitti nannesse! Kunis karaa lama odeeffamuu jalqabe. Tokko, waaqolii Roomaatu kiristaanotatti aaree gube jedhu. Inni biraan, #kiristaanotatu gube jedhu. Kanarraa ka'uun Room keessatti #kiristaanota adamsanii ajjeesuu eegalan! Yeroo kanatti #dubartoonni mootota amananii #Qulqulluu_Pheexiroosiin ati nuuf hafuu qabda jechuun guuboo keessa kaa'anii funyoodhaan dallaa Roomaa irraan lafa buusanii akka inni gara bosonaatti baqatu godhan. Yeroo kana #Pheexiroos daandii gara Hoppiyaam geessu qabatee imala isaa eegale.

Yeroo kana dargaggeessi diimaan tokko isatti dhufe. Yoo hubatee ilaalu #Gooftaa_Keenya_Iyyasuus Kiristoosidha. Innis fuldura isaatti kufee, "Yaa #Gooftaa eessa deemta?" jedhee gaafate. #Gooftaanis, "Yeroo #lammaffaaf Roomitti fannifamuuf deemaan jira" jedhe. #Qulqulluu_Pheexiroos isa Gooftaan Yoh 21:18 " du'a akkamiin akka inni du'uu qabu..." itti hime sana yaadatee boo'e. Isa booda 'hin ta'u #Gooftaa' anatu #fannifamuu qaba jechuun magaala Room keessa osoo isa barbaadaa jiranii waltajjii irra dhaabbatee waa'ee #Gooftaa dhugaa bahuu isaa itti fufe.
#Loltoonnis isa qabanii #Adoolessa 5, bara #67tti yeroo #fannisuuf jedhan gadi gombisaa na fannisaa jechuudhaan gadi gombifamee #fannifamuun wareegame.
Yeroo san Qulqulluun #Phaawuloos mana hidhaa ture. Isas achii baasanii guyyuma sana #morma isaa kutanii wareegame.

#Qulqulluu_Phaawuloos

#Israa'el qomoo #Biiniyaam irraa magaalaa Tarseesitti dhalate. Maqaan isaa jalqabaa 'Saa'ul' jedhama ture. Kunis '#kennaa_Waaqayyoo' jechuudha. Akkasuma Room yeroo sana warreen bittaa ishee jala turaniif lammummaa kennaa waan turteef lamummaa Roomis qaba ture. #Phaawuloos waggaa 15 yammuu guutu Tarsesii gara biyyaatti deebi'ee hayyuu Gamaaliyaal iraa barumsa seera Yihoodotaa hanga #waggaa_30tti barate. Innis jalqaba yammuu Gooftaan barsiisu #Iyyerusaalmem keessa ture. Sababa kanaaf Yibuudotaaf inaafuun kiristaanota arii'achaa, ajjeesaa ture. HDB 8:1.

#Waamamuu_Isaa

#Inaaffaa_seera_Ayihuudiif qabu kanarraa kan ka'es #waggaa_32ffaa isaatti xalayaa eeyyamaa qabatee #Iyyerusaalemii gara #Damasqoo deemee kiristaanota ajjeesuuf karaa eegale. Gara #Damasqoo gahee yammuu magaalittii seenuuf jedhu Gooftaan mallattoo sodaachisaatiin isatti mul'achuun 'Saa'ul, Saa'ul maaliif na arii'atta' ittiin jedhe. HDB 9:4. #Saa'ulis, 'ati eenyu' yoo jedhu Gooftaan 'Ani #Iyyasuus isa Naazreet' jedheen. Isa booda gara luba #Hanaaniyaa jedhamu akka deemu itti himamee, innis deemee isa biratti cuuphamuun kiristaana ta'e. #Lammaffaas hojii isaa duraatti hin deebine. Gal.1:12. Erga #cuuphamee boodas gara biyyoota #Arabaatti godaane. Booda garuu [waggoota #sadi? Booda] gara #Damasqootti deebi'e.
Gal1:17.

#Qulqulluu_Phaawuloos warra kaanirraa wanti adda isa godhu warra #ormootaa hedduuf lallabuu isaati. Sababa kanaaf, "#Meeshaa_filatamaa" jedhameera. Wangeela lallabuufis gidiraa baay'ee fudhateera. Kitaaba Qulqulluu keessatti ergaawwan 14 barreessee arganna.

#Boqonnaa_Isaa

#Bara_65tti, bara sababa #gubachuu Roomaatiin #Neeroon Qeesaar kiristaanota rakkisaa turetti, Qulqulluu#Phaawuloos osoo magaala Niqoophiliyoon jedhamutti barsiisuu qabamee mana hidhaa gale. Waggaa #lamaaf baatii #jaha erga mana hidhaa keessa turee booda guyyaadhuma Qulqulluu#Pheexiroos fannifametti morma isaa kutanii wareegame. Sababa kanaan Ayyaanichi ayyaana "#Ibsaawwan_Addunyaa_Pheexiroos_fi_Phaawuloos" jedhamuun yaadatama.

#Neeroon bara #68tti hojjetaa isaa tokkoon #seefidhaan kutamee foon isaatiin du'a fokkisaa du'e; #lubbuusaatiinis jireenya hin arganne!; Qulqulluu #Pheexiroos fi #Phaawuloos garuu du'a isaaniitiin #Waaqayyoon kabajan; lubbuu isaaniitiin jireenya bara baraa argatan. "#Addunyaan hunduu ni darba; #fedhiin fooniis ni bada; #seera_Waaqayyoo kan raawwatu garuu #bara baraaf ni jiraata!"

#Sugaa fi #kadhannaan isaanii nu waliin haa ta'u.

https://t.me/firiqulqulloota

#Wantumaa hundaaf #Waaqayyoof_galanii haa ta'uu πŸ™