Firii Qulqulloota
1.63K subscribers
30 photos
1 video
95 links
🔈"Warrii #Waaqayyoo_abdiidhaan eegatan garuu #humni isaanii ni #haareffama ;akka joobiraas baalleedhan #ol ni ka'u , ni #fiigu hin dadhaban, ni #adeemu garuu hin dadhaban" Isaa 40:31
Download Telegram
🌹#Tsedeeniyaa_Maariyaam🌹

#Fulbaana_10

Baga ayyaana #fakkii_haadha keenya #dubroo_Maariyaam #Tsedeeniyaa_Maariyaam geessan 🙏

#Tsedeeniyaa_Maariyaamiin ayyaanoota haadha keenyaa #33n keessaa tokkodha.

#Fulbaana_10 kabajama. Tsedeeniyaa jechuun maqaa biyyaati.

#Seenaa_Sababa_Ayyaanichaa
➠Biyya#Tsedeniyaa jedhamtu kana keessa dubartiin qajeeltuun #Maartaa jedhamtu takkatu ture.#Isheenis monoksee Itoophiyaa #Teewodiroos jedhamu kan #Iyyerusaalemiin harka fuudhuuf deemuu keessumummaan bulchitee, yemmuu deebi'utti #fakkii_Dubroo_Maariyaam akka isheef fiduuf gaafatte.

#Monoksichis manashee bulee bariisaa tole jechuun gara #Iyyerusaaleem deeme. Iyyerusaaleemin harka fuudhee fakkicha dagachuun yemmuu deebi'uuf jedhuu sagalee, '#Imaanaa_dubartii sanaa maaf dagatte?' jedhu dhaga'e. Innis #yaadatee bituun yemmuu #Iyyerusaalemii deebi'u #fakkichi_gammoojjii keessatti #qoricha isaaf taa'uun #leenca jalaa baaste; #shiftaa harkas baraarte.

#Monokseen_Teewodiroos yemmuu kana argu 'qoricha too dabarsee #Maartaaf hin laadhu.' jechuun #isheerraa goree fudhatee galuuf #bidiruu yaabe. Danbalii ciimaan ka'ee bidiruu dhiibuun gara #Tsedeeniyaa geesse.Innis filaannoo biraa waan dhabeef #huccuu jijjiiratee of dhoksuun manashee bulee darbuu murteesse.Bulees deemuuf gaafa ka'u #balballi jalaa badee karaa itti bahu wallaale; deemuufis humna dhabe. #Guyyaa_sadii guutuu erga yaalee booda dhumarratti waan ta'e hunda itti himuun baasee kenneefi. #Isheennis harkaa fuutee #kabajaan keesse. #Abbaan Tewoodiroosis umriisaa guutuu fakki kanaa tajaajilaa achuma jiraate.

# Fakkiin_giiftii_keenyaa kun isa qulqulluun #Luqaas kaase yemmuu ta'u ajaa'iba garaagaraa hojjachaa ture. #Guyyaan fakkiin kun mana #Maartaatti seene #fulbaana kudhaniidha.

#Araarsummaan Dubroo Maariyaam nu wajjin haa ta'u Ameen🙏

Madda : fuula telegram Y/M/jimmaa

https://t.me/firiqulqulloota
"#Dhalachuun Iyyasuus kiristoos #dinqiidha"💝

#Baga_geessan

#waada_addaamii galee raawwachuf dhalate kitaaba Qalamanxoos 2:3 "Guyyaa shaniif walakaati sanyii sanyii keerra dhaladheen sii fayyisa " kan jedhu raawwachuf waaqnii dhalate.

#Waggaa 5500n booda jechuudha. 2phex 3:8" #Guyyaan tokkoo akkaa waggaa #kumaati waaqayyoo biraatii"
Kanaf guyyaan waada kan arguuf abboonii hedduun hawwaa tura kan afuura qulqulluun durfamanii dhalachuu isaa arganii raajii Hedduu dubbatan.

Raaja Isaayas 7:14 waggaa 700 dura "#Durboo durbumaan #Ulfoofte_durbumaaan ni deesii " jedhee
Isaa 9:6" #ilmii_dhiira nuf kenname " jechuu waayyee dhalachuu #kiristoos raajii dubbaate

Faarfannaa 86:5 " #Namnii_Haadhateenya #tsiyoon jedhanii ishee keessayis #namnii dhalatera"jechuun dhaloota kiristois dura waggaa #1000 dura afuura qulquulluun hubate raajii dubbate.

Gal 4:4"#Bara isaa yeroo gahetii #durba irraa dhalatee"

#dhugummaati maatii #waaqayyoo dinqiidha. Dhugummaati dhalachuun #kiristoos dinqiidha.
Kunis #waaqni uumamtoota hundaa uume iddoon hin dagoofne #betaaliyeemiiti dhalachuun isaa #ajaa'ibadha.

#Wantii dhalachuu #kiristoos_dinqii taasiisu

1.#Durboo_Maariyaam irraa #durbummaa ishee osoo hin jijjiri #dhalachuu isaa (mat1:18,luq1:35, hizq 44:1_3 isaa7:14)

2.#Waaqnii wanta hundaa uume #iddoo ti dhalatuu #dhabuu isaa

luqas 2:7"#Iddoo itti deesu hin #argane "

3.#Waaqni wanta hundaa uume fi #ibidaa tahe #uffanii itti #uwwiifamun isaa

luqas 2:7" #huccuudhan_maratee "

4. #Waaqa_hundaa kan uume tahe osoo jiru akka #homaa hin qabneti #moora horii keessaatii #dhalachuun isaafi

5.#Mootummoonii,namoonii #beekamoodha ofiin jedhan osoo jiranuu iccitii dhalachuu isaa #bineeldotati(harree fi sawwaanii) fi #Tikisootatii muli'isu isaa dinqiidha.

Har'as kana isaa barbaadan ni argatu......
Yaa waaqayyooti gara Kee dhufnerati
icciiti Kee Nuuf ibsii

#Wantumaa hundaaf #waaqayyoof galanii haa ta'uu 🙏💝

https://t.me/firiqulqulloota

Ayyaana Gaarii!