Firii Qulqulloota
1.46K subscribers
19 photos
1 video
83 links
🔈"Warrii #Waaqayyoo_abdiidhaan eegatan garuu #humni isaanii ni #haareffama ;akka joobiraas baalleedhan #ol ni ka'u , ni #fiigu hin dadhaban, ni #adeemu garuu hin dadhaban" Isaa 40:31
Download Telegram
"#Isin_ifa_biyya_lafaati (#እናንተ_የዓለም_ብርሃን_ናችሁ)
Maat 5:14

#Ibsaawwan_Addunyaa_Pheexiroos_fi_Phaawuloos

Bu'uura seera mana kiristaanaa keenyaan golabni #sooma duukaa bu'ootaa #Adoolessa 5, boqonnaa "#Ibsaawwan_addunyaa #Pheexiroos fi #Phaawuloos" yaadachuun haala ho'aan ni kabajama. Keessumaa mana kiristaanaa taabonni isaanii jiruu fi mana kiristaanaa taabonni abbaa keenya Aabboo [Abune Gebre menfes Qidduus] argamutti taabonni kakuu Waaqayyo bahuun ni kabajama. Sababni ayyaanni yaadannoo boqonnaa isaanii kun bakka tokkotti kabaajamuuf immoo, boqonnaan qulqulloota kana lamaanii Adoolessa 5, #bara 67 tti akka ta'e kitaabni qabsuuraa isaanii ni dubbata.

#Qulqulluu_Pheexiroos

Kan dhalate #galaana_Galiilaa cinaatti kan argamtu bakka '#Beetesaayidaa' jedhamtuttidha. Abbaan isaa #Yoonaa jedhama. #Waggaa 5 irraa eegalee magaala Qifirnaahomitti guddate. Erga jabaatee boodas obboleessa isaa #Indiriyaas wajjin galaana Galiilaa keessa hojii qurxummii qabuu irratti bobba'e. Gooftaa wajjin kan bu'es, bakkuma kanarraa osoo #qurxummii kiyyeessuu Gooftaan, 'na #duukaa bu'i' gaafa jedhu kiyyoo qurxummii iittiin qabu gatee kiyyoo nama ittiin qabu [gara dhugaatti deebisu] fudhachuuf Gooftaa wajjin bu'e. Yeroo kana umuriin isaa #55 ture.

#Maqaa isaa jalqabaa 'Simi'oon' jedhama ture. Kunis, haati isaa qomoo Simi'oon waan turteef akka isheen moggaaste ni dubbatama. Maqaa dabalataa '#Keefaa' jedhamus qaba ture. Maqaa '#Pheexiroos' jedhu kana garuu Gooftaatu moggaaseef. Kanas magaala Qisaariiyaatti kan moggaaseef yoo ta'u, kunis yammuu #gooftaan, "Namooti Ilma namaa eenyu jedhu' jedhee gaafate, #Pheexiroos immoo, "#Ati_Ilma_Waaqayyoo isa_jiraataati" jedhee yeroo deebise sana ture. #Pheexiroos jechuun afaan warra #laatiniitiin "#Kattaa" jechuudha.
Maat.16:16.

#Haaluma kanaan waggoota #sadiif akkuma duukaa bu'oota warreen kaanii Gooftaa wajjin erga turee booda, erga gooftaan ol bahees wangeela missiraachoo barsiisuun addunyaaf ibseera. Keessumatti magaala Room keessatti waggoota #25f hangafa Phaaphaasii ta'uun barsiiseera. Duukaa bu'aan isaas "#Qelemenxoos" ture. Kitaaba Qulqulluu keessatti ergaa lama barreesseera. Isa jalqabaa bara #54tti Baabiloonitti barreesse. isa lammaffaa immoo bara #60tti magaala Roomitti barreesse.

#Seenaa_Boqonnaa_Isaa

#Qulqulluu_Pheexiroos fi #Phaawuloos waggaa tokkoof waliin ta'anii Room keessatti waan barsiisaniif #amantoonni ni baay'atan. Keessumatti iyyuu haati warraawwan mootota Albinoosii fi Agiriiphaa amanuun isaanii moototaa fi qondaaltota biyyatti aarse.

#Bara_54tti mootiin Neeroon Qeesaar jedhamu kan amalli isaa gaarii fakkaatu tokko aangootti bahe. Waggaa booda garuu mootiin kun #hamaa ta'uu jalqabe. Sababa kanaafis gochaawwan hadhaawaa hedduu raawwachuu eegale. Isaan keessaas bara #64tti magaala Roomitto ofumaa #ibidda qabsiise. Waan ta'e kanatti namoonni baay'ee aaran. Inni garuu kiristaanotatu gube jechuun dubbii isaanitti nannesse! Kunis karaa lama odeeffamuu jalqabe. Tokko, waaqolii Roomaatu kiristaanotatti aaree gube jedhu. Inni biraan, #kiristaanotatu gube jedhu. Kanarraa ka'uun Room keessatti #kiristaanota adamsanii ajjeesuu eegalan! Yeroo kanatti #dubartoonni mootota amananii #Qulqulluu_Pheexiroosiin ati nuuf hafuu qabda jechuun guuboo keessa kaa'anii funyoodhaan dallaa Roomaa irraan lafa buusanii akka inni gara bosonaatti baqatu godhan. Yeroo kana #Pheexiroos daandii gara Hoppiyaam geessu qabatee imala isaa eegale.

Yeroo kana dargaggeessi diimaan tokko isatti dhufe. Yoo hubatee ilaalu #Gooftaa_Keenya_Iyyasuus Kiristoosidha. Innis fuldura isaatti kufee, "Yaa #Gooftaa eessa deemta?" jedhee gaafate. #Gooftaanis, "Yeroo #lammaffaaf Roomitti fannifamuuf deemaan jira" jedhe. #Qulqulluu_Pheexiroos isa Gooftaan Yoh 21:18 " du'a akkamiin akka inni du'uu qabu..." itti hime sana yaadatee boo'e. Isa booda 'hin ta'u #Gooftaa' anatu #fannifamuu qaba jechuun magaala Room keessa osoo isa barbaadaa jiranii waltajjii irra dhaabbatee waa'ee #Gooftaa dhugaa bahuu isaa itti fufe.