Firii Qulqulloota
1.46K subscribers
19 photos
1 video
83 links
🔈"Warrii #Waaqayyoo_abdiidhaan eegatan garuu #humni isaanii ni #haareffama ;akka joobiraas baalleedhan #ol ni ka'u , ni #fiigu hin dadhaban, ni #adeemu garuu hin dadhaban" Isaa 40:31
Download Telegram
#Loltoonnis isa qabanii #Adoolessa 5, bara #67tti yeroo #fannisuuf jedhan gadi gombisaa na fannisaa jechuudhaan gadi gombifamee #fannifamuun wareegame.
Yeroo san Qulqulluun #Phaawuloos mana hidhaa ture. Isas achii baasanii guyyuma sana #morma isaa kutanii wareegame.

#Qulqulluu_Phaawuloos

#Israa'el qomoo #Biiniyaam irraa magaalaa Tarseesitti dhalate. Maqaan isaa jalqabaa 'Saa'ul' jedhama ture. Kunis '#kennaa_Waaqayyoo' jechuudha. Akkasuma Room yeroo sana warreen bittaa ishee jala turaniif lammummaa kennaa waan turteef lamummaa Roomis qaba ture. #Phaawuloos waggaa 15 yammuu guutu Tarsesii gara biyyaatti deebi'ee hayyuu Gamaaliyaal iraa barumsa seera Yihoodotaa hanga #waggaa_30tti barate. Innis jalqaba yammuu Gooftaan barsiisu #Iyyerusaalmem keessa ture. Sababa kanaaf Yibuudotaaf inaafuun kiristaanota arii'achaa, ajjeesaa ture. HDB 8:1.

#Waamamuu_Isaa

#Inaaffaa_seera_Ayihuudiif qabu kanarraa kan ka'es #waggaa_32ffaa isaatti xalayaa eeyyamaa qabatee #Iyyerusaalemii gara #Damasqoo deemee kiristaanota ajjeesuuf karaa eegale. Gara #Damasqoo gahee yammuu magaalittii seenuuf jedhu Gooftaan mallattoo sodaachisaatiin isatti mul'achuun 'Saa'ul, Saa'ul maaliif na arii'atta' ittiin jedhe. HDB 9:4. #Saa'ulis, 'ati eenyu' yoo jedhu Gooftaan 'Ani #Iyyasuus isa Naazreet' jedheen. Isa booda gara luba #Hanaaniyaa jedhamu akka deemu itti himamee, innis deemee isa biratti cuuphamuun kiristaana ta'e. #Lammaffaas hojii isaa duraatti hin deebine. Gal.1:12. Erga #cuuphamee boodas gara biyyoota #Arabaatti godaane. Booda garuu [waggoota #sadi? Booda] gara #Damasqootti deebi'e.
Gal1:17.

#Qulqulluu_Phaawuloos warra kaanirraa wanti adda isa godhu warra #ormootaa hedduuf lallabuu isaati. Sababa kanaaf, "#Meeshaa_filatamaa" jedhameera. Wangeela lallabuufis gidiraa baay'ee fudhateera. Kitaaba Qulqulluu keessatti ergaawwan 14 barreessee arganna.

#Boqonnaa_Isaa

#Bara_65tti, bara sababa #gubachuu Roomaatiin #Neeroon Qeesaar kiristaanota rakkisaa turetti, Qulqulluu#Phaawuloos osoo magaala Niqoophiliyoon jedhamutti barsiisuu qabamee mana hidhaa gale. Waggaa #lamaaf baatii #jaha erga mana hidhaa keessa turee booda guyyaadhuma Qulqulluu#Pheexiroos fannifametti morma isaa kutanii wareegame. Sababa kanaan Ayyaanichi ayyaana "#Ibsaawwan_Addunyaa_Pheexiroos_fi_Phaawuloos" jedhamuun yaadatama.

#Neeroon bara #68tti hojjetaa isaa tokkoon #seefidhaan kutamee foon isaatiin du'a fokkisaa du'e; #lubbuusaatiinis jireenya hin arganne!; Qulqulluu #Pheexiroos fi #Phaawuloos garuu du'a isaaniitiin #Waaqayyoon kabajan; lubbuu isaaniitiin jireenya bara baraa argatan. "#Addunyaan hunduu ni darba; #fedhiin fooniis ni bada; #seera_Waaqayyoo kan raawwatu garuu #bara baraaf ni jiraata!"

#Sugaa fi #kadhannaan isaanii nu waliin haa ta'u.

https://t.me/firiqulqulloota

#Wantumaa hundaaf #Waaqayyoof_galanii haa ta'uu 🙏