Firii Qulqulloota
1.46K subscribers
19 photos
1 video
83 links
πŸ”ˆ"Warrii #Waaqayyoo_abdiidhaan eegatan garuu #humni isaanii ni #haareffama ;akka joobiraas baalleedhan #ol ni ka'u , ni #fiigu hin dadhaban, ni #adeemu garuu hin dadhaban" Isaa 40:31
Download Telegram
"#Raawwaateera ( xumureera) #α‰°αˆαŒΈαˆ"Yoh 19:30
#Bitootessaa_27
🌹Gooftaan keenyaa #Iyyasuus_kiristoos jecha innii guyyaa #jimaata_fannoo irraatii jecha yeroo dhumaaf dubbaatedha.

#Wanti_raawwaatee

#1.#Waadan_Addaamif galamee
(Sanyii sanyii Keerraa dhaladhen si fayyisa Kan jedhuu)raawwateera.

#2. #Baruumsii raajonii fannifamuu isaaf dubbaacha Turan raawwateera

Isaa 53:4_5 "Inni garuu dhugumaan dhiphina keenya of irra in kaa'e, muddama keenyas in baate; nuyi garuu akka waan Waaqayyo dha'icha isatti fidee, akka waan inni isa rukutee gad isa deebisettis in lakkoofne.

Inni garuu balleessaa keenyaaf in waraaname, sababii yakka keenyaafis reebamee in caccabsame; nuyi nagaa akka argannuuf inni ni adabame, madaa'uu isaatiinis fayyinni nuuf ni argame". Raawwateera

#3.#Duuti mo'aameera

β€œAkkuma #cubbuun karaa du'aa mo'e, ayyaannis karaa gooftaa keenyaa #Iyyasuus_Kiristos gara jireenya bara baraatti nu geessuudhaaf qajeelummaadhaan ni mo'e"

#4. #Ganaanii banameera si'oolii keessa #lubbuuwwaan bahaniiru.

Luq 23 :43_44 "#Mootummaa keetiin yommuu dhuftu na yaadadhu" jedhe inn #mirga isaati faanifame xiixoos.

Gooftaan keenyaa #Iyyasuus immoo, "#Dhuguman sitti hima har'a anaa wajjin gannata keessatti ni galta" jedheen.

1Phe 3:18_19
"#Kiristoos immoo gara #Waaqayyootti isin fiduudhaaf jedhee, yeroo hundumaaf akka ta'utti al tokkicha, #cubbuu namoota baay'eetiif dhiphateera; inni qajeelaan #foon uffatee, qooda warra jal'ootaa ajjeefame, hafuuraan jiraachifameera.

#Afuuruma sanaanis dhaqee hafuurota warra mana hidhaa(si'oolii) keessa jiranitti lallabe.

5. #Iccitii ittiin #mootummaa isaa galuu nuf kenname.

Cuuphaa (akkaa nu cuuphamnuf cinaachi isaa yeroo waraanamu bishaan bahe )
Yoh 3:5 "#lammaaffaa_Bishaani Fi Afuura #Qulqulluu irraa yoo cuuphaamtan malee mootummaa Koo hin argitan)

Fi Qurbaana(foonii Fi dhiiga isaa nuf kenne)

Yoh 6:54" #foonii Fi #dhiiga Koo yoo nyaatanii Fi Dhugaan malee mootummaa Koo hin galatan.

Kanas nuf kennneeraa Wan ta'ef raawwateera jedhee.

#6. #Haadha keenyaa #Durboo_Maariyaam nuf kennneeraa Wan ta'ef #raawwateera jedhee. Karaa yohaanisin.

Yoh 19:27 " #kinoo_haadha_Kee"
Inniis yeroo sana eegalee gara #Mana isaatii ishee fudhate.

Nutis #Dhaloota dha gara #Mana keenyaa nuf haa seentu #Durboo_Maarimaam

Kanaf kennaa keenyaa qabanee Hanga dhumaatii akkaa dhabanu #fedha Fi #jΓ alalaa Isaa nuf haa ta'uu. Ameen πŸ™πŸ™πŸ™

https://t.me/firiqulqulloota

"#Wantumaa hundaaf #Waaqayyoof galanii haa ta'uu". Ameen πŸ™πŸ™πŸ™