Firii Qulqulloota
1.46K subscribers
19 photos
1 video
83 links
🔈"Warrii #Waaqayyoo_abdiidhaan eegatan garuu #humni isaanii ni #haareffama ;akka joobiraas baalleedhan #ol ni ka'u , ni #fiigu hin dadhaban, ni #adeemu garuu hin dadhaban" Isaa 40:31
Download Telegram
"#Hin_sodaatiin;#Ani_gaachan_keeti"(Uumama 15:1)

Situ waa hunda sodaata

#Dheebu keef maaf sodaatta inni Gammoojjii #goggogaa
garmalee keessatti #bishaan_dhagaa keessaa burqisiise#dheebuu baase si waliin jira mitii.

#Diinnis natti baay’atee nadhaqqabe jettee maaf sardamta,#Waaqni kee Waaqa
#Fardeen Fara’oonotaa galaana Ertiraatti fixe miti?

#Waaqayyo ati kadhattu kan #Geediyoon waliin ture miti?
(Abboota Murtee 6:11). Ati maaf sodaattaa?
#Dubbiin koos hin dhagahamu maaf jettaa Inni #Musee filatee harka fara’oonotaa jabduuu taate #jalaa Israa’eloota #baraare si #wajjin mitii.

#Waaqni Hizqiyaasif umurii #dhumte dabale(Isa 38:5)

kan #Minaases dogoogoo #sibiilaa keessatti yaadate miti Waaqni kee
Atumti maaf sodaattaa,#diinni hanga fedheyyuu yoo #baay’ate,#beellis hanga fedheyyuu biyya lafaa yoo

argate,#dhukkubni hamaanis yoo ka’e,#godaanisi biyyattiirratti yoo ta’e, sababa #amantaa keetifis yoo

sidaddarbanii hamaatti si kennan

yoo #sobaan sirratti #murteessanis,waa’ee #amantaa keetii yoo ibsattus atumtimaaf sodaattaa #Gooftaan ati #Waaqa koo jettuun jabaan Jabaa caalu kan kana hunda jalaa nama baasu miti?

#Nan beela’a jettee sodaatta taanan #Gooftaa_Qurxummuu
lamaa fi buddeen shaniin nama gabaa #shan quubse
gooftan #siwaliin Jiraati(Yoh 6:9).

#Gooftaan ergamootni#samii uummamni hundis rom’aniifiin Waaqa Koo jettee jirta; kanaaf ati #ilma_mootii#Moototaa Ilma Gooftaa #Gooftotaati kanaaf maaf sodaattaa?

#Ati maaf #sodaatta
#Qulqulluu_Mikaaeel Inni samiirraa #seexana jawwee jedhame sana gadi darbate isa loltoonni isaas #lakkaawamne hin dhumne(Mul’ata 12:7) waliin jiran si waliin jiraa miti.

Inni #Sanaakireem Qaanesse,inni Afaan #Leencotaa cufee# Daani’eel qarqaare, Inni #Baahiraan #xalayaa du’aa isaa kukkute,Inni #Afoomiyaa hudhaa seexanaa jalaa baase #sun si wajjin jira miti?

#Atumti maaf sodaattaa? #Qulqulluu Gabri’ee inni samii
#Raamaa kan #Ijoolle sadan #ibiddaa keessaa baase
kan misiraachoo guddaa dubrootti hime(Lu 1:36) #Qiirqoos fi #Iyyaluxaas kan baraare #abidda labooba bishaan taasise si wajjin mitii

#Ati maaf sodaatta #iccitii koos eenyumattan himadhakaa maaf jettee cinqamta? #Dubroo_Maariyaam kan #dookimaasiif (Yoh 2:1) qaanii hamaarraa #oolchite,kadhannaan #ishee #yeroo_hunduma si waliin jira miti?

#Ati maaf #sodaattaa duuka bo’ootni ajaa’iba gara garaa raawwatan,kan #uffataa fi #gaaddiduu isaaniitiin illee fayyissan#araarsummaa isaanitti ni amanta miti
kanaaf isaan #siwajjin jiru mitiree

Ajaa’iba #xixinnoo_jabana kana #shakkitoonni gocha #jiraniin
maaf akkas #dinqamta? #Raajan_Eeliyas inni samiin rooba akka hin kennine taasisee, #Yoonas inni Guyyaa sadi#garaacha qurxummuu guddaa #keessa bule(Kitaaba
Yonaas),#Raajan_Eelsaa Inni du’aa #nama kaase seenaa isaani ni beekta miti?

#Atumti maaf sodaattaa #sugni qulqullootaa#siwaliin jira miti?

#Atumti maaf sodaattaa #Qulqulluu_Giyoorgisiin abbaan
fardaa,kan #Beeruktayiti Jawwee jala baraare
#amantaa kee keessatti yaadatama mitiree?

#Maal kana qofa ….hedduudha #danuudhas…..
#garuu hin sodaatin #kophaa kee hin jirtu,#Waaqayyos kan Waaqayyoon#filates #dhugumatti si wajjin #jiruuti hin sodaatin.

#Waaqayyoo_iddoo hundumaati #nu waliin ta'eef #galanii Fi #ulfinii bara bara isaaf haa ta'uu.

https://t.me/firiqulqulloota

"#Wantumaa hundaaf #Waaqayyoof_galanii haa Ta'uu.