Firii Qulqulloota
1.46K subscribers
19 photos
1 video
83 links
🔈"Warrii #Waaqayyoo_abdiidhaan eegatan garuu #humni isaanii ni #haareffama ;akka joobiraas baalleedhan #ol ni ka'u , ni #fiigu hin dadhaban, ni #adeemu garuu hin dadhaban" Isaa 40:31
Download Telegram
#Baga_geessan 🙏🙏🙏
🌹Iya 5:14 "#Ani amma #hangafa_loltuu #Waaqayyoo ta'een dhufe"

#Ergamaa_Qulqulluu_Mikaaeel #Iyyaasuu gargaruf yeroo dhufuu #jecha ittii dubbatedha .

#Kanaf #Ergamaa_Qulqulluu Mikaa'eel nama gargaruf Kan #ergamu dha

🌹 #Ummaata_isra'eelis galana yeroo ce'an Kan gargare #Ergamaa_Qulqulluu_Mikaaeel dha.

S.Ba'u. 13:21-22 "#Waaqayyo akka isaan #halkanii fi #guyyaa adeemuu danda'aniif, #guyyaa utubaa #duumessaatiin isaan dura adeemee #karaa isaanitti argisiise, #halkan immoo utubaa #ibiddaatiin isaaniif ibse; akkasitti isaan ni geggeesse.

🌹#Guyyaa utubaan duumessaa, #halkan immoo utubaan #ibiddaa fuula jaraa duraa hin dhabamne ture.
#Ummaata isra'eelis Kan dures garbuuma Jala baase #Qulqulluu_Ergamaa_Mikaa'eel dha.

#Seera_Bahu 23:20_23 "#Kunoo, ani #karaa irratti akka si #eeguuf, iddoo ani qopheessettis akka si #geessuuf_ergamaa si dura nan erga.

#Atis_of_eeggadhu, dubbii isaa dhaggeeffadhu. #Maqaan koo isa keessa waan jiruuf, inni #irra-daddarbaa kee #siif hin dhiisu, ati isaan #mormitee irratti hin ka'in.

#Dubbii isaa ba'eessa gootee yoo #dhaggeeffatte, waan ani sitti dubbadhu hundumaas yoo #goote, ani #diina keetti #diina nan ta'a, #warra siin mormaniinis nan# morma.
#Ergamaan_koo si #dura ni #adeema

#Eyyee Wanta dhala #namaaf hin danda'amne #waaqayyoof salphadha wanta ta'eef galana #ertira ce'anii garbuuma Jala #bilisa bahan.

🌹#Waaqayyoo har'as #biyyaa keenyaaf #Qulqulluu_Mikaa'eel nuf erge #nageenya akkaa nuf buusu #fedha Fi #jàalalaa isaa nuf haa ta'uu.

#Nutis_Ergamaa_Qulqulluu Mikaa'eel nu # gargaruf Waan #Ergamuuf yeroo hundaa isaa waamana.

#Yaa_Qulqulluu_Eragamaa Mikaa'el har'as #dafii Nuuf #Kootu....

🔔🔔🔔🔔🔔#Yaa_waaqayyoo #Ergamoota Kee nuf ergiite #nageenya akkaa nuf keennitu Fi #Laphee_Ergamoota Kee waamatu akkaa nuf keennitu #fedhaf_jaalala Kee nuf Yaa ta'uu.

https://t.me/firiqulqulloota

"#Wantumaa hundaaf #Waaqayyoof galanii haa ta'uu."
"#Hin_sodaatiin;#Ani_gaachan_keeti"(Uumama 15:1)

Situ waa hunda sodaata

#Dheebu keef maaf sodaatta inni Gammoojjii #goggogaa
garmalee keessatti #bishaan_dhagaa keessaa burqisiise#dheebuu baase si waliin jira mitii.

#Diinnis natti baay’atee nadhaqqabe jettee maaf sardamta,#Waaqni kee Waaqa
#Fardeen Fara’oonotaa galaana Ertiraatti fixe miti?

#Waaqayyo ati kadhattu kan #Geediyoon waliin ture miti?
(Abboota Murtee 6:11). Ati maaf sodaattaa?
#Dubbiin koos hin dhagahamu maaf jettaa Inni #Musee filatee harka fara’oonotaa jabduuu taate #jalaa Israa’eloota #baraare si #wajjin mitii.

#Waaqni Hizqiyaasif umurii #dhumte dabale(Isa 38:5)

kan #Minaases dogoogoo #sibiilaa keessatti yaadate miti Waaqni kee
Atumti maaf sodaattaa,#diinni hanga fedheyyuu yoo #baay’ate,#beellis hanga fedheyyuu biyya lafaa yoo

argate,#dhukkubni hamaanis yoo ka’e,#godaanisi biyyattiirratti yoo ta’e, sababa #amantaa keetifis yoo

sidaddarbanii hamaatti si kennan

yoo #sobaan sirratti #murteessanis,waa’ee #amantaa keetii yoo ibsattus atumtimaaf sodaattaa #Gooftaan ati #Waaqa koo jettuun jabaan Jabaa caalu kan kana hunda jalaa nama baasu miti?

#Nan beela’a jettee sodaatta taanan #Gooftaa_Qurxummuu
lamaa fi buddeen shaniin nama gabaa #shan quubse
gooftan #siwaliin Jiraati(Yoh 6:9).

#Gooftaan ergamootni#samii uummamni hundis rom’aniifiin Waaqa Koo jettee jirta; kanaaf ati #ilma_mootii#Moototaa Ilma Gooftaa #Gooftotaati kanaaf maaf sodaattaa?

#Ati maaf #sodaatta
#Qulqulluu_Mikaaeel Inni samiirraa #seexana jawwee jedhame sana gadi darbate isa loltoonni isaas #lakkaawamne hin dhumne(Mul’ata 12:7) waliin jiran si waliin jiraa miti.

Inni #Sanaakireem Qaanesse,inni Afaan #Leencotaa cufee# Daani’eel qarqaare, Inni #Baahiraan #xalayaa du’aa isaa kukkute,Inni #Afoomiyaa hudhaa seexanaa jalaa baase #sun si wajjin jira miti?

#Atumti maaf sodaattaa? #Qulqulluu Gabri’ee inni samii
#Raamaa kan #Ijoolle sadan #ibiddaa keessaa baase
kan misiraachoo guddaa dubrootti hime(Lu 1:36) #Qiirqoos fi #Iyyaluxaas kan baraare #abidda labooba bishaan taasise si wajjin mitii

#Ati maaf sodaatta #iccitii koos eenyumattan himadhakaa maaf jettee cinqamta? #Dubroo_Maariyaam kan #dookimaasiif (Yoh 2:1) qaanii hamaarraa #oolchite,kadhannaan #ishee #yeroo_hunduma si waliin jira miti?

#Ati maaf #sodaattaa duuka bo’ootni ajaa’iba gara garaa raawwatan,kan #uffataa fi #gaaddiduu isaaniitiin illee fayyissan#araarsummaa isaanitti ni amanta miti
kanaaf isaan #siwajjin jiru mitiree

Ajaa’iba #xixinnoo_jabana kana #shakkitoonni gocha #jiraniin
maaf akkas #dinqamta? #Raajan_Eeliyas inni samiin rooba akka hin kennine taasisee, #Yoonas inni Guyyaa sadi#garaacha qurxummuu guddaa #keessa bule(Kitaaba
Yonaas),#Raajan_Eelsaa Inni du’aa #nama kaase seenaa isaani ni beekta miti?

#Atumti maaf sodaattaa #sugni qulqullootaa#siwaliin jira miti?

#Atumti maaf sodaattaa #Qulqulluu_Giyoorgisiin abbaan
fardaa,kan #Beeruktayiti Jawwee jala baraare
#amantaa kee keessatti yaadatama mitiree?

#Maal kana qofa ….hedduudha #danuudhas…..
#garuu hin sodaatin #kophaa kee hin jirtu,#Waaqayyos kan Waaqayyoon#filates #dhugumatti si wajjin #jiruuti hin sodaatin.

#Waaqayyoo_iddoo hundumaati #nu waliin ta'eef #galanii Fi #ulfinii bara bara isaaf haa ta'uu.

https://t.me/firiqulqulloota

"#Wantumaa hundaaf #Waaqayyoof_galanii haa Ta'uu.
"#Yaada_Tokkoo #Kadhaanaf ni #jabaatu ture" H/erg 1:14

#Gooftaan keenyaa #Iyyasuus_kiristoos erga isaan bira #olbahe bakkaa tokkooti (#Mana haadha #marqoositi ) Waliiti qabamun #Kadhaana jabaacha turan.

#Isaaniis:-
#Haadha keenyaa #Durboo_Maariyaam
#Duuka bu'oota
#Dubartoota_Qulqulloota
# Ardiiti_torbaatamii laman ta'anii yaada #Tokkoo Kadhaanaf ni jabaatu ture.

#Tokkummaan_yaada_tokkoon #Kadhachuu isaaniin.

#1. #Gidduu isaanii #wanta hir'aate guutataniiru.

H/erg 1:26 #Bakkaa #Yihudaa #Maatiyaas filataniiru.

#2. #Afuurii_Qulqulluun ni bu'eef

H/erg 2:1_4"#Ayyaanni guyyaa #shantammaffaa inni "#Phenxeqostee" jedhamee beekame yommuu ga'e, #hundinuu_iddoo_tokkotti walitti qabamanii turan.

🙏 #Dingatas_huursaan samii irraa akka #bubbee bubbisuutti dhaga'amee, #manicha isaan keessa jiranis #guute.

🙏#Arraba_ibiddaa kan fakkaatan isaanitti mul'atan, gargar tamsa'aniis, #wanti akka arraba #ibiddaa kun tokkon tokkon isaanii irra taa'an.

🙏Yommus #hundumti_isaanii_hafuura_qulqulluudhaan_guutaman; akka hafuurri dubbachuu isaa isaaniif kennetti, afaan garaa garaa dubbachuu jalqaban.

#3. Kanneen hin #amane_amansiisaniiru

H/erg 2:37_47 "#Namoonnis kana dhaga'anii garaan isaanii amanee; #Pheexiroos fi #ergamoota warra kaaniin, "Yaa #obboloota nana maal goonu ree?" jedhan.

🙏 #Pheexiroos immoo, "#Yaada_garaa_keessanii_geddaradhaa; cubbuun keessan akka isiniif dhiifamuuf, tokko tokkon keessan maqaa #Iyyasuus Kristositti #cuuphamaa; kennaa hafuura qulqulluus in fudhattu.

🙏Abdiin #Waaqayyo abdachiise #isinii fi #ijoollee keessaniif, warra fagaatanii jiraataniif, #Waaqayyo keenya #gooftichi itti waamu hundumaafis" jedhee deebiseef.

🙏Kana malees #Pheexiros kan biraa dubbii baay'eedhaan #dhugaa isaanitti ba'e, "#Adaba dhaloota jal'aa kanatti dhufu jalaa oolaa! jedhee, #cimsee isaan gorse.

🙏#Warri dubbii isaa fudhatan ni #cuuphaman; kanaaf guyyaa sanatti akki lubbuu #3000 isaanitti in dabalaman.

#Waluma_galatii_yaadan_tokkoo yoo tanee

#Wanta nu hir'aate ni guuna
#kennaa #Afuura_Qulqulluu nuf kennaama
#Namoota hin hubbaane hubaachisne #Mana isaa keessaati ni waaman....

🙏👏Kanaf isaan kanneen argachuuf Yaa #kiristaanota #tokkummaan Fi #jaalaliii keenyaa #Jechaan ,#uffaatan fi iddoo qofaa osoo hin taane #yaad_laphee keenyan tokkoo ta'uu qabna.

#Tokkummaa keenya ammoo Kan samiira jiranii (#ergaamoota)Fi lafara jiraanii(#Qulqulloota) waliin ta'uu beeku qabna.

🙏#Yaa_Waaqayyoo_laphee iitti #Yaada_Tokkummaa qabne #mana_Kee kessaa jiraanu nuf kennii. Amen🙏🙏🙏

https://t.me/firiqulqulloota

"#Wantumaa hundaaf #Waaqayyoof galanii haa ta'uu"