Firii Qulqulloota
1.46K subscribers
19 photos
1 video
83 links
🔈"Warrii #Waaqayyoo_abdiidhaan eegatan garuu #humni isaanii ni #haareffama ;akka joobiraas baalleedhan #ol ni ka'u , ni #fiigu hin dadhaban, ni #adeemu garuu hin dadhaban" Isaa 40:31
Download Telegram
"#Yaada_Tokkoo #Kadhaanaf ni #jabaatu ture" H/erg 1:14

#Gooftaan keenyaa #Iyyasuus_kiristoos erga isaan bira #olbahe bakkaa tokkooti (#Mana haadha #marqoositi ) Waliiti qabamun #Kadhaana jabaacha turan.

#Isaaniis:-
#Haadha keenyaa #Durboo_Maariyaam
#Duuka bu'oota
#Dubartoota_Qulqulloota
# Ardiiti_torbaatamii laman ta'anii yaada #Tokkoo Kadhaanaf ni jabaatu ture.

#Tokkummaan_yaada_tokkoon #Kadhachuu isaaniin.

#1. #Gidduu isaanii #wanta hir'aate guutataniiru.

H/erg 1:26 #Bakkaa #Yihudaa #Maatiyaas filataniiru.

#2. #Afuurii_Qulqulluun ni bu'eef

H/erg 2:1_4"#Ayyaanni guyyaa #shantammaffaa inni "#Phenxeqostee" jedhamee beekame yommuu ga'e, #hundinuu_iddoo_tokkotti walitti qabamanii turan.

🙏 #Dingatas_huursaan samii irraa akka #bubbee bubbisuutti dhaga'amee, #manicha isaan keessa jiranis #guute.

🙏#Arraba_ibiddaa kan fakkaatan isaanitti mul'atan, gargar tamsa'aniis, #wanti akka arraba #ibiddaa kun tokkon tokkon isaanii irra taa'an.

🙏Yommus #hundumti_isaanii_hafuura_qulqulluudhaan_guutaman; akka hafuurri dubbachuu isaa isaaniif kennetti, afaan garaa garaa dubbachuu jalqaban.

#3. Kanneen hin #amane_amansiisaniiru

H/erg 2:37_47 "#Namoonnis kana dhaga'anii garaan isaanii amanee; #Pheexiroos fi #ergamoota warra kaaniin, "Yaa #obboloota nana maal goonu ree?" jedhan.

🙏 #Pheexiroos immoo, "#Yaada_garaa_keessanii_geddaradhaa; cubbuun keessan akka isiniif dhiifamuuf, tokko tokkon keessan maqaa #Iyyasuus Kristositti #cuuphamaa; kennaa hafuura qulqulluus in fudhattu.

🙏Abdiin #Waaqayyo abdachiise #isinii fi #ijoollee keessaniif, warra fagaatanii jiraataniif, #Waaqayyo keenya #gooftichi itti waamu hundumaafis" jedhee deebiseef.

🙏Kana malees #Pheexiros kan biraa dubbii baay'eedhaan #dhugaa isaanitti ba'e, "#Adaba dhaloota jal'aa kanatti dhufu jalaa oolaa! jedhee, #cimsee isaan gorse.

🙏#Warri dubbii isaa fudhatan ni #cuuphaman; kanaaf guyyaa sanatti akki lubbuu #3000 isaanitti in dabalaman.

#Waluma_galatii_yaadan_tokkoo yoo tanee

#Wanta nu hir'aate ni guuna
#kennaa #Afuura_Qulqulluu nuf kennaama
#Namoota hin hubbaane hubaachisne #Mana isaa keessaati ni waaman....

🙏👏Kanaf isaan kanneen argachuuf Yaa #kiristaanota #tokkummaan Fi #jaalaliii keenyaa #Jechaan ,#uffaatan fi iddoo qofaa osoo hin taane #yaad_laphee keenyan tokkoo ta'uu qabna.

#Tokkummaa keenya ammoo Kan samiira jiranii (#ergaamoota)Fi lafara jiraanii(#Qulqulloota) waliin ta'uu beeku qabna.

🙏#Yaa_Waaqayyoo_laphee iitti #Yaada_Tokkummaa qabne #mana_Kee kessaa jiraanu nuf kennii. Amen🙏🙏🙏

https://t.me/firiqulqulloota

"#Wantumaa hundaaf #Waaqayyoof galanii haa ta'uu"