Firii Qulqulloota
1.46K subscribers
19 photos
1 video
83 links
πŸ”ˆ"Warrii #Waaqayyoo_abdiidhaan eegatan garuu #humni isaanii ni #haareffama ;akka joobiraas baalleedhan #ol ni ka'u , ni #fiigu hin dadhaban, ni #adeemu garuu hin dadhaban" Isaa 40:31
Download Telegram
"#Amantii_dhaan_Isaan_Fakkaadhaa"(α‰ αŠ₯αˆαŠα‰³α‰Έα‹ αˆαˆ°αˆ‰αŠ α‰Έα‹α‘α‘)Ibr.13α₯7

#Kabajamtoota maatii #Waaqayyoo!
Isin;
#Warra_amantiidhaan cimanii dhaabatan dhiistanii warra #kufanii achumaan hafan ilaaltu taanaan #kufaatiin keessan yeroo sana dha.

#Kanaafuu ol qabdanii kaasuu dhaaf yoo ta'e malee #warra kufanii achumaan hafan hin ilaaliinaa!
Akka #onnee jabaa argattaniif warra #amantii dhaan cimanii dhaabatan ilaalaa!

Warra asii gadi #dhidhimanii hafan hin ilaaliinaa!
Warra #humna_Waaqayyootiin kutanii ce'an ilaalaa!

#Warra ganan hin ilaaliinaa!
#Warra hamma dhumaatti amanamanii darban ilaalaa!

Warra #jibba babaldhisan hin ilaaliinaa!
Warra #jaalalaan jiraachaa turan ilaalaa!

Warra #biyya jeeqan hin ilaaliinaa!
Warra #nagaa lallabaa turan ilaalaa!

Warra #nama wal nyaachisan hin ilaaliinaa! Warra #biyya araarsaa turan ilaalaa!

Warra #gufatanii karaatti hafan hin ilaaliinaa!
Warra #fiigichoo afuuraa injifatanii badhaasa samii irraa #badhaafaman ilaalaa!

Warra #sobaaf miindeffamanii jiraachaa jiran hin ilaaliinaa!
Warra #dhugaa dhaaf #wareegamanii darban ilaalaa!

#Amantanis amanuudhaa baattanis ergamni keenyis #wangeelli keenyis kunoo kana dha.

Kanaafuu akka Qulqullichi #Phaawuloos dubbate kanatti jiraachuu barbaaddu taanaan;

"#Hangafoota keessan warra dubbii #sagalee Waaqayyoo isinitti himanii turan #yaadadhaa!
#Firii jireenya isaaniis akkaa ilaaltan #amantiisaaniin isaan fakkaadhaa!"
Ibr.13α₯7

Isaan #jaalala malee jibba namaa hin qaban,

Isaan #wangeela malee wanjala hin lallabani,

Isaan #dhugaa malee soba hin beekani,

Isaan dhiigni isaanii dhangala'ee amantaa keenya babaldhisan malee dhiiga namaa dhangalaasanii bataskaana hin tajaajille.

IIsaan ofii #doorsisamanii namoota baay'ee mootummaa #Waaqayyoodhaaf qopheessan malee nama #doorsisanii bataskaana keessaa hin ari'anne.

Kanaafuu nutis #Waaqaootiin tajaajilaa jirra erga ufiin jennee #hangafoota keenya kana ilaalee #amantiidhaan isaan fakkaachuun dirqama #kiristiyaanummaa keenyaati.

https://t.me/firiqulqulloota

"Wantumaa hundaaf #waaqayyoof galanii haa ta'uu."