Firii Qulqulloota
1.46K subscribers
19 photos
1 video
83 links
πŸ”ˆ"Warrii #Waaqayyoo_abdiidhaan eegatan garuu #humni isaanii ni #haareffama ;akka joobiraas baalleedhan #ol ni ka'u , ni #fiigu hin dadhaban, ni #adeemu garuu hin dadhaban" Isaa 40:31
Download Telegram
"#Nπ™–π™œπ™–π™–π™£_π™žπ™¨π™žπ™£π™žπ™žπ™›_𝙝𝙖a𝙩𝙖'π™ͺu(#αˆ°αˆ‹αˆ #ለαŠ₯αŠ“αŠ•α‰° α‹­αˆαŠ•)Yoh 20:26

#Baga du'aa ka'umsa #2ffaa #nagaan geessan!!!

#Du'aa ka'umsa 2ffaaa sababni jedhameef #gooftaan keenya Iyyasuus kiristoos du'ee awwaalamee 2ffaa ka'ee osoo hin taane si'a 2ffaaf bakka qulqulluun Toomaas jirutti akkuma duraan duuka buutotatti mul'ate, marsaa 2ffaaf waan itti mul'ateefi.

#Gooftaan keenya erga man'dhee du'aa moo'ee ka'ee gaafa #guyyaa_8ffaa guyyaa sanbataa duuka buutota isaatti mul'ateera.

#Yeroo sanattis duuka buutonni isaa #Afuura_Qulqulluu isa humna jaraaf ta'u, fuula ormootaa duras dhaabbatanii dhuga baatota kiristoos akka ta'an jara jajjabeessu hin arganne waan ta'eef Ayihuudota sodaatanii jaraa mana cufatanii laphee tokkoon kadhannaan murtaa'anii jiranitti #nagaan_isiniif_hata'u" jedhee #lammata waan isaaniitti mul'ateef du'aa ka'umsa 2ffaa jedhame.

β€œ#Guyyaa_saddeet booddees bartoonni isaa ammas walitti qabamanii mana keessa turan, #Toomaasis isaanii wajjin ture. Isaanii mana cufatanii utuu taa'anii, Iyyasuus dhufee isaan gidduu dhaabatee, "#Nagaan_isiniif haa ta'u!" isaaniin jedhe.” Yoh. 20:26

#Gooftaan keenya 2ffaa maaliif mul'atee??

#Bartuu isaa #Toomaasiin du'aa
ka'umsa isaa amansiisuuf. kunis du'aa ka'umsa gooftaa #Toomaas shakkee ture.

β€œ#Bartoonni warri kaanis, "#Goofticha_argineerra" jedhanii itti himan; inni garuu, "Iddoo #sibiilichi ure, harka isaa lamaanitti yoon arge malee, quba koos iddoo sibiilichi ure irra yoon kaa'e malee, harka koos madaa cinaacha isaa keessa yoon kaa'e malee, hin amanu'" isaaniin jedhe.” Yoh. 20:25

#Kanaaf bakka #Toomaas jirutti mana cufaa keessatti argamee #toomaasiin gara koo kottu jedhee #mirkaneessuuf harkaa fi #cinaacha koo waraaname haxaayii ilaali jedheen.#Toomaasis harkaa fi cinaacha isaa waraaname haxaa'ee du'aa ka'umsa gooftaa #amaneera. Toomaas kutaan Lallaba Biyya isaas, wareegamummaa kan itti fudhates #Hindiitti ture.

β€œKana booddee #Toomaasiin, "#Quba kee fidii as irra kaa'i, harka koo lamaan ilaali, harka kee fidiitii #madaa_cinaacha_koo_keessa_kaa'i; kan hin amanne hin ta'in,#kan_amante_ta'i malee!" jedhe.” Yoh. 20:27

"#Warri osoo na hin #argin natti #amanan jarri haa gammadan"
Yoh. 20:29

https://t.me/firiqulqulloota

"#Wantumaa hundaaf #Waaqayyoof galanii haa ta'uu."