Dawaa Qalbii
6.46K subscribers
1.09K photos
18 videos
10 files
1.78K links
Kayyoon:-Barnoota Diinii hanga beeknu waliif qoodudha akkasumas kan idilee akka itti jabaannu walgorsuudha
Gorsa bifa gabaaban dhihessuu
Tarii Ergaan asiin dabarsinu nama fayyaddi.
Join godhi hiriyyoota keetis affeeri.
@Sammaan
Yaadaf ↓↓↓↓↓↓

@Rabbiiftai
Download Telegram
Qormaanni Kutaa 8ffaa Naannoo Oromiyaa, Waxabajjii 26, 2015 Irraa Eegalee Kan Kennamuu Ta'uu, Biiroon Barnootaa Oromiyaa Beeksise.

Qubee TV (Waxabajjii 10, 2023) Finfinnee!
Biiroo Barnootaa Oromiyaatti, Daayirektarri Qormaataafi Madaalli Barnootaa Obbo Huseen Qaasiim akka jedhanitti, qormaaticha milkeessuuf, Manneen Barnootaa, Barsiisonniifi Maatiin Barattootaa deeggarsi Barattoota keenyaaf taasisaa jirtan, cimee akka itti fufu isin yaadachiifna jedhan.

Barattoonni bara 2015 qormaata kutaa 8ffaa fudhatanis, qophii barbaachisaa akka godhan dhaaman.

Marsaalee Hawaasaa keenya kan biroon nu hordofuuf, geessituu armaan gadii fayyadamaa.
www.qubeetv.com
Youtube : https://www.youtube.com/@Qubeetv2023
Facebook: www.facebook.com/Qubeetv
Telegram : https://t.me/Qubeetv
Tiktok : https://www.tiktok.com/@Qubee_TV
''Amaanaa ilmaan kootii!''
"ልጆቼን አደራ..."
📮📮📮📮📮📮📮📮📮📮📮📮📮📮📮📮

Waggoottan dheeraaf diinii islaamaafi hawaasa muslimaa tajaajilaa ture. Hamiltan TV waggaa dheeraaf, Africa TV waggoottan 7, Jeilu TV waggoottan 6, manneen barnootaa akkaadaamii islaamaa waggoottan 12 ol tajaajilaa tureera. Miidiyaa irratti sagantoota barsiisoofi bashannansiisoo ta’an dhiheessaa manneen barnootaatti ammoo dhaloota egeree qaraa waggoottaniif onnatee hojjachaa kan ture obboleessi keenya ustaaz Mahaammad Yunuus yeroo ammaa dhukkubsatee haala baay'ee yaaddessaa keessa jira. Maatiin isaatis haala rakkisaa keessa jiru.

Ustaaz Mahaammad nama harka nama jala qabuu fedhu hin turre. Dhukkubsatullee osoo namatti hin himatin mana ofii dhiphoo sanatti galee ciisaa ture. Garuu amma humna isaatii ol ta'eera. Ofiifis dhukkubni kan itti hammaate yoo ta’u jireenyi ilmaan isaa xixiqqoo kanaas baay'ee isa yaaddessinaan hawaasa isaatti ''amaanaa ilmaan koo'' jedhee amaanaa guddaa kennate.

Namoonniifi dhaabbileen inni kana dura hojii isaaniif hojjatee kaffaltii hin fudhannes akkuma dhukkubsachuu isaa dhaga’aniin isarraa badan, bilbila isaa jin kaasanu.

Lakkoofsa Herreega maatii፡
Baankii Daldala Itiyoophiyaa :1000445523899
Sheyik Abdullaxiif Hasan Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaa: 1000052874452
Sheyik Muhaammad Raabi'i Hasan
Awash Bank
01425052937700
Abssynia Bank 52693438
Dashin Bank 2912730285311

"ልጆቼን አደራ..."
🔴🔴🔴🔴🔴

ኡስታዝ ማህሙድ ዩኑስ ከልጅነቱ ጀምሮ በዲን ኽድሚያ ላይ የኖረ ከ1985-1988 አ.ል በመርከዝ አልአንሷር ከኡስታዝ ካሚል ሸምሱ እና ኡስታዝ ኑረዲን ቃሲም ጋር አብረው ቁርአን የሀፈዘ ስሆን በአፍሪካ ቲቪ የልጆች ፕሮግራም ላይ ረዥም አመታት አረብኛ ቋንቋን በማስተማር እንዲሁም በሌሎች ኢስላማዊ ሚዳያዎች በርካታ ስራዎችን መስራት ችሏል።

በርካታ ዲናዊ ሥራዎችን በተለያዩ ትምህርት ቤቶችና መስጂዶች ሲስራ ቆይቷል...በአሁን ሰዓት ክሪቲካል የጉበት ካንሰር በሽታ አስጊ ደረጃ ላይ ደርሷል፡፡ቤተሰቦቹ ኢትዮጠቢብ ሆስፒታል አስፈላጊውን ህክምና እና እገዛ ሲያደርጉ የቆዩ ቢሆንም አሁን ላይ ከሀገር ውጭ እንድታከም በመታዘዙ ሁላችንም ህይወቱን ለማዳን የህከምና ወጪ እርዳታ በማድረግ ለኡማው ሲያበረክት የቆየውን ኽድሚያ ለማስቀጠል አሏህ አፊያውን
እንድመልስለት ዱኣ በማድረግ እጃችን በመዘርጋት ኡስታዝ መህሙድ ዩኑስን እንታደግ!
ኡስታዝ ማህሙድ የኑስ የ4 ልጆች አባት ነው።...ትልቋ ልጁ ገና የ3ኛ ክፍል ተማሪ ናት! ኡስታዝ ማህሙድ ከሀሩን ሚዲያ ጋር በነበረው ቆይታ ሳግ በተናነቀው ድምፅ "ልጆቼን አደራ" ሲል ለኡማው ተናግሯል።ጠባብ ቤት ውስጥ ቤተሰብ ቀልባቸው ተሰብሮ ተሰብስበው ጠጋኝ ይፈልጋሉና በመተጋገዝ ከአላህ በታች የኡስታዝን ጤና የቤተሰቦቹን ደስታ እንመልስ!

የቤተሰብ ሂሳብ ቁጥር፡
ንግድ ባንክ:1000445523899
ሼኽ አብዱለጢፍ ሐሰን
ኦሮሚያ ህብረት: 1000052874452
Awash Bank
01425052937700
Abssynia Bank
52693438
Dashin Bank
2912730285311
የቤተሰብ ስልክ ቁጥር፡
+251911372344/
0922987730
Ma'ahaadni Qubaa'aa marsaa 6ffaadhaaf barattoota isaa eebbisiise.


Ma'ahaadni Qubaa'aa marsaa 6ffaadhaaf barattoota isaa simatee barsiisaa ture guyyaa har'aa magaalaa Adaamaa galma Oboo yookaan Diyaaspooraatti sirna ho'aadhaan eebbisiiseera.

Sirna eebba barattootaa kana har'aa irratti hooggantoonni olaanoon majlisaa, ustaazonni, keessummoonni waamichi taasifameefi maatiin barattootaa eebbifamanii akkasumas hawaasni hedduun argamaniiru.
🌴🌴🌴🌴🌴🌴🌴🌴
https://t.me/Sammaan
🌴🌴🌴🌴🌴🌴🌴🌴🌴🌴🌴
Fulbaana 14/2016 Manneen Barnootaa Guutuu Oromiyaatti Ni Banamu.
-----------------
BBO-13/01/2016,     
Fulbaana 14/2016  ganama sa'aatii  2:00 irraa jalqabee manneen barnootaa Naannoo Oromiyaa keessatti argaman hundi hojii baruu barsiisuu ni eegalu.
Kanaafuu, maatiin barattootaa ijoollee keessan gara mana barnootaa akka ergitan dhaamsa dabarsina.
Baniinsa Manneen Barnootaatiin wal qabatee #daa'imman_kutaa 1-4 jiran #barreessuu_dubbisuu_lakkoofsota qoyyabachuufi herreguu dandeessisu #duula_torban_6f turu barsiisotaafi manneen barnootaa hunda keessatti ni gaggeeffama.
Rakkina barreessuu, dubbisuufi shallaguu barattootaa hambisuuf barsiisotni gosa barnoota barsiisaniin otuu wal hinqoodiin(#barsiisotni_hundi)  duula kanarratti hirmaachuu akka qaban qajeelchi Biiroon Barnootaa Oromiyaa baase agarsiiseera.
#Baga_Bara_Barnootaa_2016_Nagaan_Geessan!

https://t.me/oeb_book_store

https://www.youtube.com/@Oromiaeducationbureau
@Sammaan
Forwarded from Fayyaa Sammu (Mental Health ) (Feyisal)
Hawaasni keenya waa’ee dhukkuba sammuu maal yaada?

Hawaasni  baay'een  dhukkubni sammuu  abaarsan, seexanaan, cubbuutiin akka dhufuti beeka ykn hubata!!

Sababa dhukkuba sammuu kana irraa kan ka’e namoonni dhiibe sammuu dhukkubsatan fi maatiin isaanii hawaasa keessaa ala ta’u.

Namoonni dhukkuba sammuutiin qabaman maqaa balleessii sodaachuun gargaarsa barbaaduu irraa of qusatu.

Namoonni dhukkuba sammuutiin qabaman kuunis bakki isaan ofiif kennan ni hirata, naannoof gumaacha hin godhan, fi kkf dha. Kuunis hojimaata yaalaa walxaxaa ta’e keessa akka daarban isaan taasisa.

Garuu dhugaan jiru dhukkubni sammuu yaalaamu  akka danda’uu fi wal-tuquudhaan,  waliin hojjechuudhaan, abaarsan, seexanaan, cubbuutiin, yeroo waliin dabarsuudhaan namarraa namatti darbuu akka hin dandeenye beekuun nura egaama.

Kaanaf namoota dhukkuba sammuu qaban wal'aansa akka argatan gargaaruun gahee keenya haa ba'annu.

Feyisal Gelgelu . (barata yaala sammuu)

🙏Fayyaa hin dhabinaa!!🙏

Afaan keenyaan hawaasa keenya haabarsiifnu!
Dhimmi Barumsaa #garam deemaa jira

Yeroo bu'aan Qabxii barattootaa ifoomu miira heddu keessa nama galcha. Silaa hojiin Qulqullina barnootaa Qormaata irratti osoo hin ta'in adeemsa Barumsaa irraa kauu qaba ture.

Yeroo durii barataan Yeroo baratu hamilee qaba, barsiisaanis waliin barataarratti hojjatu, naannoo mana barumsaas baayyee namatti tola, Hooggansaa Fi sirnichis barumsarratti nama gargaaru. Barataan Qabxii gaarii yoo fide namni hundi waliin gammada. Yoo kufes akksumatti waliin gaddu. Barataan yunivarsity seenuuf waliin dorgomaa, wanta barate beekee ibsuuf hirriba dhab. Maatiin ilma isaa barsiisee muldhisuuf hawwii guddaa qaba. Barsiisaan barataa isa caalu baasuuf halkanii guyyaa hojjata, Bulchiinsis barattoota isaa dorgomtuu biyyaaf hojjattu omishuuf carraaqa.

Barataan barfate ni cinqama, kan Barumsa irraa oole guyyaa San ofitti gaddan, wanta Jala dabruuf ni seenaya. Yoo balleesse adabamuuf qophiidha. Wanta barate galee ilaala, harki isaa waa barreessuu jaalata osoo shaakalu qomatti qabata, Yeroo hunda akka waan qormaata taeetti dubbisa.

Yeroo ammaa barataan hamilee Fi kaayyoo hin qabu, barsiisaanis beekumsa qabu barataan biraan gahuuf hamileen dur Suni hin jiru, barataa barsiisee Bakka isaa buusuu fi barataa yaaduu keessatti akka dur hinjiru, dura bu'oonni Dhimma mana barumsichaa too'atanii haala mijeessuun barumsi akka cimee barataan dorgomaa baasuuf hojjataa muraasa. Maatiin barataa kutaa inni baratu beeku baayyee miti, akkatti oolee Fi maal akka barate namuu hin gaafatu. Ijoolleen maatiin ala Jireenya adeemsifataa jirti. Hariiroon maatii Fi mana barumsaa adda fagoo jiru. Maatiin mana barumsaa San eddoo seenee jedhu muraasa.

Waliigala dhimmi Barumsaa Dhimma akka salphatti ilaaluu miti. Yoo baranne guddanna, Qaroomnee seenaa galmeessina. Yoo barumsaan kufne waa hundaan kufna. Haalli Barumsa biyya keennaa Kuni maal akka tae rakkoo isaa gadi fageennaan qoratamee furmaannii itti Barbaadamuu qabaan dhaamsa kiyya.
Barumsi Ifaadha Wallaalli dukkana!!!
fb Ustaaz Abdulwahaab irraa fudhatame.
t.me/Sammaan
Qormaatni Biyyoolessaa Kutaa 12ffaa bara 2016  #Sirna_Barnootaa_Durii keessaa( kutaa 9-11) irraa kan qophaa'u yoo ta'u, kutaa 12ffaan immoo Sirna Barnootaa Haaraa keessaa kan qophaa'u ta'uun beekame
-----------------
BBO- Amajjii 15/2016 Qormaatni Biyyoolessaa Kutaa 12ffaa bara 2016 akka biyyaatti kennamu Barattootni Saayinsii Uumamaa gosa barnootaa 6, haaluma walfakkaatuun Barattootni Saayinsii Hawaasaatis gosa barnootaa 6 kan qoraman ta'uun ibsameera.
1#_Gosa Barnootaa  #Barattoota_Saayinsii_Uumamaatiif kennaman
1- Afaan Ingiliizii
2- Herrega
3- Fiiziksii
4- Keemistirii
5- Baayoloojii
6- Iskoolaastiik Aptiitud Test yoo ta'an,
2#_Gosa Barnootaa #Barattoota_Saayinsii_Hawaasaatiif kennaman immoo,
1- Afaan Ingiliizii
2- Herrega
3- Seenaa
4- Ji'oograafii
5- Ikoonomiksii
6- Iskoolaastiik Aptiitud Test ta'uun beekameera.
#Qormaatni_kan_qophaa'u,
- Sirna #Barnootaa_Durii kutaa 9ffaa - 11ffaa jiru keessaa,
- Sirna Barnootaa Haaraa kutaa 12ffaa keessaa yoo ta'u,
- Qormaatni #Barnoota_Ikoonomiksii immoo, #kutaa_12ffaa_irraa_qofa akka qophaa'u Ministeerri Barnootaa Itiyoophiyaa ibseera.
Kanaafuu, Barattootniifi barsiisotni keenya gosota barnootaa, Sirna Barnootaa Qormaatni keessaa bahu, keessattuu, gosa barnootaa Ikoonomiksii irratti hir'ina barsiisaa uumame hubachuun bulchiinsa manneen barnootaafi Gumii Tiraansifoormeeshiinii sadarkaan jiru hirmaachisuun furmaata kennuun barattoota keenya ceesisuu akka dandeessan biiroon keenya dhaamsa dabarseera.

Barattootni bara 2016 Qormaata Biyyoolessaa kutaa 12ffaa fudhattan gamanuma qophii barbaachisaa gochuun qabxii olaanaa galmeessisuuf akka hojjatan, maatiin barattootaa, hawaasni keenya, caasaan mootummaa sadarkaan jiru hundi hanga humni isaa danda'een akkuma kana dura taasisaa turtan, ammas  baratoota, barsiisotaafi manneen barnootaa keenya daran akka deeggartan dhaamsa keenya ta'a.
#Qulqullinni_Barnootaa_Tumsa_Hawaasa_Keenyaatiin_Ni_Mirkanaa'a!
Via BBO
💫Join and share 💫
👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
@Gaaffilee_Qorumsa_barnootaa
@Gaaffilee_Qorumsa_barnootaa
@Gaaffilee_Qorumsa_barnootaa
💫💫💫💫💫💫💫💫💫
#BEEKSISA
12/06/2016

Hoggansa Barnootaa , Barsiisota , Maatii Barattoofi Barattoota kutaa 6ffaafi 8ffaa Oromiyaa hundaaf.
Akkam Jirtan?

#Qormmaata_Kutaa_6ffaafi_8ffaa_bara_barnootaa_2016_kennamu ilaalchisee gamanummaa qophiin akka taasiftan isin beeksifna.

#A- Bara Barnootaa 2016 akka Naannoo Oromiyaatti,
#Barattootni_kutaa_6ffaa;
Dhiirri - 386,703,
Dubartiin - 345,540,
waliigala barattootni kutaa 6ffaa 732,243 yeroo duraatiif qoruumsa Naannoo ni fudhatu.
Biiroon Barnoota Oromiyaa hir'ina dhiyeessii kitaabaafi muuxannoo dhabuu barattootni qormaatichaarratti qaban yaada keessa galchuu, bara kanaaf akka shaakalaaf(ka'umsaaf) ta'u bara duraa kanaaf qofa Qoruumsi Naannoo Kutaa 6ffaa Gosa Barnoota Shan qofa akka ta’uufi qabiyyeen isaas kutaa 6ffaa keessaa qofa kan qophaa'u ta’uu isin beeksisina .

#Gosa_Barnootaa_Qormaatn_Kutaa_6ffaa_keessaa_qophaa'u;
1.Afaan Dhalootaa
2. Afaan Ingilizii
3.Herrega
4.Saayinsii Naannoo
5. (Barnoota Gadaafi Safuu )
#Yeroon_Qoruumsaa immoo, #Caamsaa 26-30/2016 ta’a.

#B- Barattoota #Kutaa_8ffaa_Bara_Barnootaa 2016 Qormaata Naannoo Fudhatan Ilaalchisee;
Barattootni Qormaata Fudhatan
- Dhiirri 347,313
- Dubartiin 323,963
Waliigala barattooni 671,276 qoruumsa naannoo bara 2016 ni fudhatu jedhamee eegama.
Qoruumsi kutaa 8ffaatis qabiyeen isaa kan kutaa 8ffaa keessaa qofa kan qophaa'u yoo ta'u ,
#Yeroon_qorumsaa
#Waxabajjii 3-7/2016 ta’a .

#Gosa_Barnootaa_Qorumsi Kutaa_8ffaa keessaa_qophaa'us;
1.Afaan Dhalootaa
2.Afaan Lammaffaa
3.Afaan Ingilizii
4.Herrega
5.Saayinsii Hawaasaa
6.Saayinsii Waliigalaa
7.Barnoota gosoota hunda galaa (Gadaa fi Lammummaa ) ta'uu gamanumaa isin beeksifna.
Maatiin, Barsiistoniifi hoggansi barnootaa kana beektanii barattoota keenya akka qopheessitan dursinee isin hu bachiisaa, barattootnis haaluma kanaan qoohii akka gootan
Isin hubachiifna.
maddi👇👇👇👇👇
Biiroo Barnootaa Oromiyaa.
Guraandhala 12/2016
FINFINNEE

@Sammaan
Forwarded from Spider Media
Maatiin guutuun gara islaamummaatti
Allaahu Akbar
~~~~
Kun maatii lammii Ameerikaa hordoftoota amantaa kiristiyaana turaniidha. Ilmaantu waa'ee amantii Islaamaa abbaa gaafata. Abbaan ammoo waa'ee waan gaafatamee kana beekumsas ta'ee hubannio gadi fagoo hin qabu. Deebii kamuu isaaniif deebisuu ofitti amanamummaa dhabe.

Kana booda waan gaafatame kana baree gaaffii ilmaan isaa deebisuuf jecha waa'ee islaamummaa qorachuu eegale.

Daandiin inni jalqabe kun gara haaqaatti isa geesse. Islaamummaa bare, amantaa dhugaa ta'uu isaa hubate. Ofiif amane, ilmaan isaa gaafficha kana isa gaafatan dabalatee maatii isaa guutuu waliin islaamummaa qabatan.

Agartee?
Gaaf gaaffii sababoota akka kanaa kana faatu manaa si baasee gara milkaa'inaatti si oofa. Gara dhugaatti si geessa. Diinii haqaa isa Rabbiin biratti jaallatamaa sanatti geessee si naqa.

Spider Media
Amar Temam
​QORMATA BARA 2016

#1_Caamsaa 26-30/2016 #Kutaa_6ffaafi
#2_Waxabajjii 3-7/2016 #Kutaa_8ffaaf ni kennama.
-------------------
BBO-Ebla 30/2016
#1_Qormaatni kutaa 6ffaa Naannoo Oromiyaa kan qophaa'e gosoota barnoota kutaa 6ffaa keessaa qofa yoo ta'u,
Gosootni Barnootaas;
1.Afaan Oromoo/Amaariffa
2. Afaan Ingilizii
3.Herrega
4.Saayinsii Naannoo
5. Barnoota Gadaa 50%fi i Safuu 50% .

#2_Qormaatni kutaa 8ffaa Naannoo Oromiyaa kan qophaa'e; gosoota barnootaa kutaa 8ffaa keessaa qofa yoo ta'u,
Gosootni Barnootaas;
1-Afaan Oromoo/Amaariffa
2-Afaan Ingilizii
3- Herrega
4- Saayinsii Hawaasaa
5- Saayinsii Waliigalaa
6- Barnoota Gadaa 50%fi Lammummaa 50% ta'a

#DHAAMSA!
#_Gumiin Tiraansiformeeshinii Barnootaa (GTB) hordoffiin keessan daran cimuu qaba,
#_Barsiisotni keenya barattootaaf deeggarsi taasifamaa jiru itti haa fufu,
#_Hoggansi manneen barnootaa haala mijaawaa irratti of kennitanii hojjachuu qabdu,
#_Maatiin barattootaa ijoollee keessaniif xiyyeeffannoon keessan daran haa dabalu,
#_Hundaa'ol #barattootni_keenya_Addunyaa_Iftuu_Egeree_arguuf har'a #ciminaan_qo'achuufi #tasgabbiin_qprmaataaf_of_qopheessuu_qabdu kan jedhu dhaamsa BBO ti.

#CARRAA_GAARII !!
BBO

🔔 You Tube Official 🔔 - https://www.youtube.com/@Oromiaeducationbureau. | 👍 Facebook  Official 👍 - https://www.facebook.com/biiroobarnootaaoromiyaa/
📖 New curriculum 📖 - https://t.me/oeb_book_store
Seenaa Kana sirritti Dubbisaa Ergamaa Rabbii Irrattiis Salawaata Buusaa

S.A.W S.A.W S.A.W S.A.W S.A.W S.A.W

📃  Seenaa nama zinaa fii kamrii naannessu.
☀️  kan garuu khaliifaan muslimtootaa, ulamaa’iinii fii sheekkotiin hedduun irratti salaatan .

✅️  Seenaan kun yaadannoo khaliifaa impaayera otomaan Turkii sulxaan Muraad Al-Raabi’ii irratti barreeffamee taa’ee jira. Seenaa kanas akkana jechuun dubbatan. Halkan guyyaa tokkoo sababa hin beekneen onnee koo irratti natti ulfaatee jennaan itti gaafaatamaa wardiyyoota kootii waamsisee ‘ka’i mee magaalaa keessa miilaan adeemnaa’ jechuun ajajeen. Imala keenya eegallee yommuu ganda tokko geenyu namni tokko daandii irratti kufee argineen. Qaama isaa sochoosuuf yaale. Namichi garuu du’ee jira. Haatahuu garuu namootni cal je’anii isa biraan dabran.

✅️   Namootnis ani eenyu akka tahe hin barreeyyu, Namootatti iyyuu eegale, “Maaliif nama du’e biraan cal jettanii dabartan? Maaliif lafaa oli hin kaafneen? Koottaa haa kaafnuunii malee. Maatiin isaa hoo eessa jiran?” Jechuun gaafadhe. ‘Ayii kuni bar nama kamrii fii nama zinaa ti.’ jechuun naaf deebisan. Anis “yoo tahe hoo? Inni ummata Muhammad s.a.w jidduu isa tokkoo mitii?” isaaniif deebise. Namicha du’e na qarqaaraa jedhee gara mana jireenyaa isaatti geessine.

✅️   Haati manaa namichaas reeffa abbaa manaa ishee argitee rifattee booyuu eegalte. Namootni reeffa baadhatanii dhufan immoo mana gadi dhiisanii deeman. Anaa fii wardiyyaan koo qofti mana ishee biratti hafne. Haati manaas “Rabbiin rahmata siif haa godhu. Ati shahida dha. Ati suhaalihoota jidduu isa tokko dha.” jechaa boossi ture. Anis na ajaa’ibe “akkamitti akkana isaan jechuu dandeesse? Namootni yommuu nama kanaan machaa’aa fii nama zinaa jechuun yaaman ati hoo maaliif suhaaliha jechuun yaamta?” jechuun ishee gaafadhe.

✅️  “Eeyyan namootni akkana akka isaan jedhan naan beeka.” naan jette. Iccitii isaas akkana jechuun dubbatte. “Abbaan manaa koo yeroo hunda galgala-galgala gara mana dhugaatii (kamrii) deemuun kamrii hanga humni isaa eeyyame bituudhaan gara mana keenyatti fida. Eegasii immoo lafatti jigsuun ‘hanga muslimtootni dhugan yoo lafatti jigse wayya, carraa kamrii dhuguu isaanii xinnoollee tahu osoo hir’isee wayya’ jechuun dubbataa ture.
☀️Dubartoota qaama ofii gurguratan deemeetiin takkatti qabee gara manaatti eega fidee booda ‘har’a mallaqa kootiin bulta’ jechuun mallaqa kenneefii balbala cufadhuu rafii lafti yoo bari’u gara deemtutti deemi jedhaan. Eegasii mana dhufuun har’a galgala cubbuu dubartii tanaa hir’isee mii, ma’asiyaa dargaggoota magaalaa keessa jiranii xinnaatus hir’isee mii jechuun dubbata.

✅️  Abbaan manaa koo yommuu yeroo hunda waan kana godhu “maaloo namootni sirratti ilaalcha badaa horatu, yoo duutes namni sirratti salaatuu fii si awwaalu tokkollee hin argattu.” jedhaanii ture. Inni garuu natti seeqataa “Hin sodaatin. Ani yoo du’e kaliifaa muslimtootaa, ulamaa’ii gurguddaa fii suwaalihootatu narratti salaata’ jechuun naaf deebise.” Jechuun nuuf himte. Subhaanallah.

☀️Anis of to’achuu dadhabee imimmaan dhangalaase. “Eeyyan dhugaa isaa dubbate. Ani kaliifaa muslimtootaa ti. Boru dhiiqnee irratti salaatna” jedheen.
☀️ Sirna awwaalcha isaa irrattis Kaalifaan Muslimtootaa kan ture sulxan Muraad, ulamaa’iinii fii suhaalihootni akkasumas ummatni hedduun irratti argamuu danda’aniiru.

           ☀️  Subhaanallah!!!

⭐️   Dalagaan toltuun nuti Rabbiif jecha dalagnu maaf xinnoo hin tahin Rabbiin biratti sadarkaa guddoo nu gonfachiifti. Rabbiin warra waan dhageenye irraa waa barannu nu haa taasisu
Forwarded from Oromia Education Bureau (BIIROO BARNOOTAA OROMIYAA(2016 E.C))
22/09/2016
#Hubachiisa

#Qormaata_kutaa_6ffaafi_8ffaairratti dhimmoota #xiyyeeffannoo_barbaadan:-
----------------------

Biiroon Barnootaa Oromiyaa seenaa keessatti isa jalqabaafi adda ta'e barattoota miiliyoona 1.4 ol ta'aniif qormaata Naannoo kennuuf qophii xumureera.
Qormaata Naannoo kan fudhatan barattoota #kutaa_6ffaa 731,955 #kutaa_8ffaan immoo, 672,500, #walitti_barattoota 1,404.455 yoo ta'an,
#Caamsaa 29-30/2016fi #Waxabajjii 4-5/2016tti walduraa duubaan qormaata kan kennu ta'uun beekameera.

#Baay'inni #barattoota_qormaata_fudhachuuf_qophaa'anii (kutaa 6fi 8 qofti) lakkoofsa biyyoota addunyaa hedduu(#Jibuutii_dabalatee_baay'ina #ummata_biyyoota_70 ol ta'an kan caaludha.

Akka naannootti barattoota heddummina hanganaa qaban qoruu jechuun humna namaa, maallaqaafi meeshaalee hedduun kan irratti dhangala'e ta'uun beekamaadha.

Kanaafuu, Qormaatni kun akka galma gahu hawaasni, maatiin baratttootaa, caasaan mootummaa sadarkaan jiru, qaamni nageenyaa sadarkaan jiru, abbootiin Gadaa, haadholiin Siinqee, abbootiin amantii, caasaan barnootaa sadarkaan jiru, qaamni waraqaa qormaataa geejjibsaa jiru, qaamni waraqaa qormaataafi iddoo qormaataa hordofu hundi #firiin_barattoota_keenyaa_akka_jalaa_hin_qisaasamne qormaatni raabsamee, kennameefi waraqaan deebii qormaataa hanga Biiroo Barnootaatti deebi'utti, #keessattuu_Gumiin_Tiraansiformeeshiinii_Barnootaa_Oromiyaa_sadarkaan_jirru_hundi_xiyyeeffannoo_olaana_kennuun_hordofuu qabna.

#Xiyyeeffannoowwan;
#Waraqaan_qormaataa_yeroo geejjibamu_konkolaataa irratti/bakka kuufamutti roobni akka hin tuqne, bakka wanti waraqaa nyaatu hinjirre(hantuuta),fi kkf hin jirre taa'uu qaba.
#Qormaatni_hannaaf_akka_hin-saaxilamne,
#Iddoon_Qormaatni_itti_kennamu nagaa kan qabuufi waca hin qabne.
#Qormaata_booda,_waraqaan_deebii of eeggannoon saamsamee gara BBO akka dhufu hordoffii wal irraa hincinne gochuu milkaa'inaaf haa hojjannu..

#CARRAA_GAARII !

-BBO-

🔔 You Tube Official 🔔 - https://www.youtube.com/@Oromiaeducationbureau. |

👍 Facebook  Official 👍 - https://www.facebook.com/biiroobarnootaaoromiyaa/

📖 New curriculum 📖 - https://t.me/oeb_book_store
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM