Dawaa Qalbii
6.61K subscribers
1.19K photos
20 videos
10 files
1.9K links
Kayyoon:-Barnoota Diinii hanga beeknu waliif qoodudha akkasumas kan idilee akka itti jabaannu walgorsuudha
Gorsa bifa gabaaban dhihessuu
Tarii Ergaan asiin dabarsinu nama fayyaddi.
Join godhi hiriyyoota keetis affeeri.
@Sammaan
Yaadaf ↓↓↓↓↓↓

@Rabbiiftai
Download Telegram
​​Sirna Barnootaa Haaraa Hojiirra Oolchuuf Kutannoon Barsiisaa Hundaa Ol Murteessaadha Jedhame.
----------------
BBO- Fulbaana 6/2016 Leenjiin Leenjistootaa Sirna Barnootaa Haaraa Manneen Barnoota Sad. 2ffaa guyyaa lamaaf irratti mari'atamaa ture har'a xumurameera.
Leenjii kenname irratti hirmaattotni garee gareen qoodamanii marii taasisaa kan turan yoo ta'u, marii kana keessatti Sirna Barnootaa Haaraa hojiirra oolchuun dhaloota gahumsa qabu oomishuu keessatti kutannoon barsiisaa hundaa ol murteessaa ta'uu ibsaniiru.
Barsiisaan dhaloota egeree gahumsa itti horuun hawaasa qaroome arguuf of kennee kutannoon yoo hojjate malee galma barbaadame gahuun rakkisaa ta'a, kan jedhan hirmaattotni mootummaanis kitaaba barataa hattatamaan dhaqqabsiisuu akka qabu himaniiru.
Yaadni waliigalaa hirmaattotaa irraa ka'es;
-Kitaaba barataa yeroon maxxansiisanii dhiheessuu irratti qaamni hundi xiyyeeffannoo kennee irratti hirmaachuu akka qabu,
-Leenjiin kun sadarkaan caasaa gara gadiifis haluma walfakkaatuun kennamuu akka qabu marii gareen gaggeeffame keessatti akka ijootti qabxii ka'e ta'uu,
- Gahumsa barsiisotaa irrattis ciminaan hojjatamuu qaba, keessattuu barnoota sadarkaa 2ffaa Afaan barnootni qophaa'een(Ingiliffaan) barsiisuu irratti hanqinni waan jiruuf irratti hojjatamuu akka qabu,
-Barnoota Sadarkaa 1ffaa keessatti barsiisotni Afaan Oromootiin barreessuu irratti rakkatan waan hedduu ta'aniif keessattuu barsiisota kutaa 1- 4 barsiisan kanneen Afaan Oromootiin barreessuu rakkatan irratti hojjachhuu qabna kan jedhan hirmaattotni, rakkoo kana hiikuuf leenjiin walirra hin cinne keenuufii akka qabaniif hordoffii barbaachisaa ta'e gochuun akka isaan irraa eegamu akka yaada walii galaatti kaasaniiru.

Leenjitootni guyyaa lamaaf leenji'an kunnin guyyaa boruu 07/01/2016 irraa jalqabanii hanga 12/01/2016 hanga mana barnootaa gadi buusuu akka qaban qajeelfamni kennameefiira.
Meeshaan itti leenjisanis qajeelfamoota Imaammata Barnootaa Haaraa, maanuwaalii Imaammataa, kitaaba mala ittiin barsiisanii, maanuwaalii karoora boqonnaa(Unit Plan), viidiyoo haala sirna barnootaa haaraa ittiin barsiisaniifi  barreeffamoota 'Softcopy' adda addaa akka ittiin leenjisan kennameefii jira.

Dhumarratti, akka Biiroo Barnootaa Oromiyaatti guyyaa 07-12/01/2016 Torban Barnootaa kabajamuu qaban I/A hoggantuu Biiroo Barnootaa Oromiyaa adde Magartuu Mahaammadiin ifa taasifamee jira.
Guyyootni Kunniinis;
07/01/2016, #Guyyaa_Safuu
08/01/2016, #Guyyaa_Saayinsiifi_Teeknoloojii
09/01/2016, #Guyyaa_Barreessuu_Dubbisuu, Lakkoofsa QoyyabachuufiHerreguu,
10/01/2016,
#Guyyaa\Tajaajila Lammummaa,
11/01/2016, #Guyyaa_Daa'imman Hundi Gara Mana Barnootaatti Deebi'an
12/01/2016, #Guyyaa_Madaqsina Sirna Barnootaa Haaraa jedhaman Biiroo Barnootaa Oromiyaa irraa kaasee hanga manneen barnootaatti haala ho'aa ta'een akka kabajaman ergaan darbeera.
Haaluma wal fakkaatuun guyyaa manneen barnootaa banaman 14/01/2016 irraa eegalee torban 6f kan turu #Duulli_Dubbisuu_Barreessuu_Lakkoofsota_qoyyabachuufi_Herreguu dandeessisuu barattoota kutaa 1-4 jiraniif taasifamu kan itti fufu ta'uu qaba kan jedhan adde Magartuun, dhumarratti, Hojii qulqullina barnootaa mirkaneessuuf hojjannus ta'ee, leenjii Sirna Barnootaa Haaraa irratti guyyaa lamasf ture kana galmaan gahuuf kutannoon dursa sadarkaa jirru irraa jalqabamuu waan qabuuf galtanii akka hojiirra oolchitan jechuun leenjiin xumuramuu ibsaniiru.
#Hubachiisa:- Manneen Barnootaa Kan Adeemsa Baruufi Barsiisuu kan eegalan/Banaman #Fulbaana_14/2016, Ganama Sa'aatii 2:00 irraa ta'a.

maddi👇
Oromiaeducationbureau
t.me/Sammaan
🌴🌴🌴🌴🌴🌴🌴🌴🌴🌴🌴
Fulbaana 14/2016 Manneen Barnootaa Guutuu Oromiyaatti Ni Banamu.
-----------------
BBO-13/01/2016,     
Fulbaana 14/2016  ganama sa'aatii  2:00 irraa jalqabee manneen barnootaa Naannoo Oromiyaa keessatti argaman hundi hojii baruu barsiisuu ni eegalu.
Kanaafuu, maatiin barattootaa ijoollee keessan gara mana barnootaa akka ergitan dhaamsa dabarsina.
Baniinsa Manneen Barnootaatiin wal qabatee #daa'imman_kutaa 1-4 jiran #barreessuu_dubbisuu_lakkoofsota qoyyabachuufi herreguu dandeessisu #duula_torban_6f turu barsiisotaafi manneen barnootaa hunda keessatti ni gaggeeffama.
Rakkina barreessuu, dubbisuufi shallaguu barattootaa hambisuuf barsiisotni gosa barnoota barsiisaniin otuu wal hinqoodiin(#barsiisotni_hundi)  duula kanarratti hirmaachuu akka qaban qajeelchi Biiroon Barnootaa Oromiyaa baase agarsiiseera.
#Baga_Bara_Barnootaa_2016_Nagaan_Geessan!

https://t.me/oeb_book_store

https://www.youtube.com/@Oromiaeducationbureau
@Sammaan
Qormaatni Biyyoolessaa Kutaa 12ffaa bara 2016  #Sirna_Barnootaa_Durii keessaa( kutaa 9-11) irraa kan qophaa'u yoo ta'u, kutaa 12ffaan immoo Sirna Barnootaa Haaraa keessaa kan qophaa'u ta'uun beekame
-----------------
BBO- Amajjii 15/2016 Qormaatni Biyyoolessaa Kutaa 12ffaa bara 2016 akka biyyaatti kennamu Barattootni Saayinsii Uumamaa gosa barnootaa 6, haaluma walfakkaatuun Barattootni Saayinsii Hawaasaatis gosa barnootaa 6 kan qoraman ta'uun ibsameera.
1#_Gosa Barnootaa  #Barattoota_Saayinsii_Uumamaatiif kennaman
1- Afaan Ingiliizii
2- Herrega
3- Fiiziksii
4- Keemistirii
5- Baayoloojii
6- Iskoolaastiik Aptiitud Test yoo ta'an,
2#_Gosa Barnootaa #Barattoota_Saayinsii_Hawaasaatiif kennaman immoo,
1- Afaan Ingiliizii
2- Herrega
3- Seenaa
4- Ji'oograafii
5- Ikoonomiksii
6- Iskoolaastiik Aptiitud Test ta'uun beekameera.
#Qormaatni_kan_qophaa'u,
- Sirna #Barnootaa_Durii kutaa 9ffaa - 11ffaa jiru keessaa,
- Sirna Barnootaa Haaraa kutaa 12ffaa keessaa yoo ta'u,
- Qormaatni #Barnoota_Ikoonomiksii immoo, #kutaa_12ffaa_irraa_qofa akka qophaa'u Ministeerri Barnootaa Itiyoophiyaa ibseera.
Kanaafuu, Barattootniifi barsiisotni keenya gosota barnootaa, Sirna Barnootaa Qormaatni keessaa bahu, keessattuu, gosa barnootaa Ikoonomiksii irratti hir'ina barsiisaa uumame hubachuun bulchiinsa manneen barnootaafi Gumii Tiraansifoormeeshiinii sadarkaan jiru hirmaachisuun furmaata kennuun barattoota keenya ceesisuu akka dandeessan biiroon keenya dhaamsa dabarseera.

Barattootni bara 2016 Qormaata Biyyoolessaa kutaa 12ffaa fudhattan gamanuma qophii barbaachisaa gochuun qabxii olaanaa galmeessisuuf akka hojjatan, maatiin barattootaa, hawaasni keenya, caasaan mootummaa sadarkaan jiru hundi hanga humni isaa danda'een akkuma kana dura taasisaa turtan, ammas  baratoota, barsiisotaafi manneen barnootaa keenya daran akka deeggartan dhaamsa keenya ta'a.
#Qulqullinni_Barnootaa_Tumsa_Hawaasa_Keenyaatiin_Ni_Mirkanaa'a!
Via BBO
💫Join and share 💫
👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
@Gaaffilee_Qorumsa_barnootaa
@Gaaffilee_Qorumsa_barnootaa
@Gaaffilee_Qorumsa_barnootaa
💫💫💫💫💫💫💫💫💫
Qormaata_Kutaa_6ffaafi_8ffaa Naannoo Oromiyaa #Guyyoota_60_Qofatu_Hafe
----------
BBO - Bitootessa 26/2016 Qormaatni Naannoo Oromiyaa kutaa 6ffaafi 8ffaa bara 2016  kennamu Gosoota Barnootaa Qormaatni Irraa Qophaa'e:
A - #Kutaa_6ffaaf
----------------
Qormaatni kan qophaa'u barnoota kutaa 6ffaa irraa qofa yoo ta'u, isaanis;
1.Afaan Oromoo/Amaariffa
2. Afaan Ingilizii
3.Herrega
4.Saayinsii Naannoo
5. Barnoota Gadaa 50%fi i Safuu 50%
#Guyyaan_Qormaata_kutaa_6ffaa
#Caamsaa 26-30/2016, ji'oota 2 ykn Guyyoota 60 qofatu hafe.

B- #Kutaa_8ffaaf
-----------------
Qormaatni kutaa 8ffaa kan qophaa'u barnoota kutaa 8ffaa irraa qofa yoo ta'u, Gosootni Barnootaas;
1-Afaan Oromoo/Amaariffa
2-Afaan Ingilizii
3- Herrega
4- Saayinsii Hawaasaa
5- Saayinsii Waliigalaa
6- Barnoota Gadaa 50%fi Lammummaa 50%  ta'a.
#Guyyaan_Qormaataa_immoo #Waxabajjii  03-07/2016, ji'a lamaafi guyyoota 8 qofa ykn #Guyyoota_68_qofatu_hafe.

Kanaafuu, Barattootnifi Barsiisotni keenya akkasumas,  Maatiim Barattootaa ji'oota lamaan hafan kana barattootni gara hundaan qormaataaf akka qophaa'an gargaarsi barbaachisu haa taasifamu kan jedhu dhaamsa keenya ta'a.

BBO

🔎 Exam Questions 🔎 - https://t.me/Sammaan
​QORMATA BARA 2016

#1_Caamsaa 26-30/2016 #Kutaa_6ffaafi
#2_Waxabajjii 3-7/2016 #Kutaa_8ffaaf ni kennama.
-------------------
BBO-Ebla 30/2016
#1_Qormaatni kutaa 6ffaa Naannoo Oromiyaa kan qophaa'e gosoota barnoota kutaa 6ffaa keessaa qofa yoo ta'u,
Gosootni Barnootaas;
1.Afaan Oromoo/Amaariffa
2. Afaan Ingilizii
3.Herrega
4.Saayinsii Naannoo
5. Barnoota Gadaa 50%fi i Safuu 50% .

#2_Qormaatni kutaa 8ffaa Naannoo Oromiyaa kan qophaa'e; gosoota barnootaa kutaa 8ffaa keessaa qofa yoo ta'u,
Gosootni Barnootaas;
1-Afaan Oromoo/Amaariffa
2-Afaan Ingilizii
3- Herrega
4- Saayinsii Hawaasaa
5- Saayinsii Waliigalaa
6- Barnoota Gadaa 50%fi Lammummaa 50% ta'a

#DHAAMSA!
#_Gumiin Tiraansiformeeshinii Barnootaa (GTB) hordoffiin keessan daran cimuu qaba,
#_Barsiisotni keenya barattootaaf deeggarsi taasifamaa jiru itti haa fufu,
#_Hoggansi manneen barnootaa haala mijaawaa irratti of kennitanii hojjachuu qabdu,
#_Maatiin barattootaa ijoollee keessaniif xiyyeeffannoon keessan daran haa dabalu,
#_Hundaa'ol #barattootni_keenya_Addunyaa_Iftuu_Egeree_arguuf har'a #ciminaan_qo'achuufi #tasgabbiin_qprmaataaf_of_qopheessuu_qabdu kan jedhu dhaamsa BBO ti.

#CARRAA_GAARII !!
BBO

🔔 You Tube Official 🔔 - https://www.youtube.com/@Oromiaeducationbureau. | 👍 Facebook  Official 👍 - https://www.facebook.com/biiroobarnootaaoromiyaa/
📖 New curriculum 📖 - https://t.me/oeb_book_store
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM