Dawaa Qalbii
8.09K subscribers
1.36K photos
24 videos
12 files
2.06K links
Kayyoon:-Barnoota Diinii hanga beeknu waliif qoodudha akkasumas kan idilee akka itti jabaannu walgorsuudha
Gorsa bifa gabaaban dhihessuu
Tarii Ergaan asiin dabarsinu nama fayyaddi.
Join godhi hiriyyoota keetis affeeri.
@Sammaan
Yaadaf ↓↓↓↓↓↓

@Rabbiiftai
Download Telegram
👌#BaaleCiisni Ta Durii Miti !
#Guyyaa_Saditu_Hafe
#Dhimma_Yuunivarsiitii_Baalee

Marii Bal'aa Fi Sochii cimaa Koreen Dhimma Jaami'aa International Baaleetiif Socho'aa Turan Hedduu Galateeffanna .
Dhugumatti Hojii Guddaan Hojjataa Turan .
Kanaaf ...
Sanbata Xiqqaan 25/7/2013 Guyyaa Sagantaa Bal'aa Deeggarsi Jaami'aa itti Gaggeeffamuu dha .
Baale Baazaarii Qopheeffattee Kallattii Hundarraa Keessummaa Simatuu Irratti Argamti .
Arsiin Lameen ,Jimma , Harar , Adaamaa ,Finfinnee Oromiyaan Hunduu Gara Baalee Fuula Deebisaa Jira .
Waan Qabaniin Lukkuu Hanga Lubbuutti Qabatanii Dhufaa Jiru .
Hamilee Guddaan Keessummaa Simannee Nagaan Haa Goolabnu .

Akka Durin Se'in Tole Biyyi Keennaa
Jaami'aa Xummuruuf Sanbata Wal Geenna .

Baale Ciisni Ta Durii Hin Se'in Jedhan Sheekni Keenna .

Maqaa Fi Maqaamni Kee Har'a Adda Baafama.
#Cimii_Of_Mul'isi !!!
Guyyaa 3 Qofatu Hafe !

#Bale_International_University

.
#Guyyaa_Juma'aatiif

Qaama keessan qulqulleeffadha

Uffaata qulqulluu uffaadha

Urgooftuu (Shittoo) Fayyadama (dhiiraa qofaf)

Suwaaka (Rigaa) fayyadama

Yeroon gara Masjiida Deema

Salaawata Nabii keenya irraatti buusu bayyisaa

Sallallaahuu Aleehim wossalaam

Suuratul-Khafin Qara'aa

Du'aa'ii Bayyisaa

Zikrii Heddumeessa

Sadaqaa kennadha

Keeyriiwaan fi ibaadawaan Allaah biraati jaalatama ta'e dalagadha

Nagayan oola
T.me/Sammaan
Forwarded from AL-RISALA HUMANITY CENTER (Sáìd leader)
#Guyyaa Qur'aanaa ti
Wal dorgommii hifzii qur'aanaa idil Addunyaa kan guyyaa har'aa biyya keenyatti gaggeeffame irratti 1ffaa kan bahe obboleessa keenya kana biyya Ordon irraa
1ffaa ordon
2ffaan yaman
3ffaan suudan
Hundumtuu muslima waan tahaniif nu gammachiisa
Allaahu akbar
@Alrisala1
👉Galmeen Barattoota Manneen Barnootaa Ifa Boruu Bultii Addaafi WMO Galuu Barbaadaniif    
        Ulaagaaleefi Guyyaan Galmee Beekameera.

Barattootni Bara 2014 Qorumsa Naannoo  Kutaa 8ffaa fudhatan Magaalaa Finfinneetti Afaan Oromootiin Barataa kan turan dabalatee gara  kutaa 9ffaa Qabxii olaanaadhaan  darban Manneen Barnoota Ifa Boruu Bultii Addaafi WMO galuuf galmaa'uu  barbaadan ulaagaaleen guutuu qaban asii gaditti tarreeffameefii jira
#- Qorumsa Kutaa Naannoo 8ffaa Qabxii Giddu Galeessa:
Dhiiraaf 90%fi ol
Shamarraniif 87%fi ol kanneen galmeessisan;
- Tiraanskiriiptii Kutaa 7ffaafi 8ffaa qabxii giddu galeessa:
Dhiiraaf 85%fi ol
Shamarraniif 75%fi ol
- Tiransikriiptiin Kutaa 7ffaa fi 8ffaa Gosa Barnootaa Afaan Ingiliziifi Herregaa  qofaatti shalagamee qabxii giddu galeessi:
Dhiiraaf 75%fi ol
Shamarraniif 70%fi ol kanneen qaban;
#- Naannoo Horsiisee Bulaaf
Qorumsa Naannoo Kutaa 8ffaa qabxii giddu galeessa:
Dhiiraaf 87%fi ol
Dhamarraniif 84%fi ol
- Tiraansikriiptii kutaa 7ffaa fi 8ffaa qabxii giddu galeessa:
Dhiiraaf 85%fi ol
Shamarraniif 75%fi ol
- Tiraansikriiptii Kutaa 7ffaa fi 8ffaa Gosa Barnootaa Afaan Ingilizii fi Herregaa qofaatti Shallagamuun qabxii giddu galeessa:
Dhiiraaf 75%fi ol
Shamarraniif 70%fi ol
#- Barattoota Qaama Miidhamtootaaf
Qorumsa Naannoo Kutaa 8ffaa qabxii giddu galeessa:
Dhiiraaf  87%fi ol
Shamarraniif 84%fi ol
- Tiraansikriiptii Kutaa 7ffaa fi 8ffaa qabxii giddu galeessa:
Dhiiraaf 85%fi ol
Shamarraniif 75%fu ol
- Tiraansikriiptii Kutaa 7ffaa fi 8ffaa Gosa Barnootaa Afaan Ingilizii fi Herregaa qoffatti shalagamuun qabxii giddu galeessa:
Dhiiraaf 75%fi ol
Shamarraniif 70%fi ol ta'uun beekameera.
#Guyyaa_Galmee:- Fulbaana  03 hanga 07/2015
#Bakka_Galmee:- Waajiraalee Barnootaa Aanaa Waajjiraalee Barnoota Magaalotaa Oromiyaa Finfinnee dabalatee galmeen ni geggeeffama.


SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA
📡MIIDIYAA📡JOIN👇SHARE
@ABDII_SABAA1
@ABDII_SABAA1

📚KITAABA BARATAA📚

https://t.me/+G5ZeAWrgdBswODU0


➦ Hiriyyoota keef hiruu hin dagatin.
#Guyyaa_Jummaa #kana_beeytuu_laata‼️

arra guyyaan jummadhaa salawaata buusaa jachuuf obboleessa waan guyyaa kanaa sirritti nibeeytaa⁉️

Guyyaa jummaa wantoota hedduutu guyyoota hafaniin adda isa godha wantoota kana dubbisii hubadhu.
✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️

1️⃣Guyyaa Rabbiin ummata muhammad badhaase,
2️⃣irra caalaa guyyaa aduun isa keessatti baatee isa keessatti dhiitu,
3️⃣guyyaa uumaan samii fii dachii raawwatame,
4️⃣guyyaa abbaan ilma namaa Aadam uumame,
5️⃣Guyyaa abbaan keenya Aadam jannata seeneefii guyyaa jannata irraa baafame, 6️⃣guyyaa jalqaba duniyaa fii xumura duniyaa,
7️⃣Guyyaa ayyaana muslimaa kan torbaanii,8️⃣guyyaa araaramaa, 9️⃣guyyaa qaraatiifii zikrii, 🔟guyyaa salaataafii salawaataa,
1️⃣1️⃣/guyyaa bareeffannaa,
1️⃣2️⃣/ guyyaa du'aaii fii da'awaa,
1️⃣3️⃣/guyyaa warri jannataa isa keessatti rabbiin ziyaaran,
1️⃣4️⃣/ guyyaa ulfina isaatiif rabbiin quraana isaa keessatti suuraa maqaan suuratul jum'aa
jadhamtee waamamtu buuse.

#Obboleeyyan_kiyya
Rabbiin guyyaa kana keessatti #salaataa fii #salawaata keessan #du'aaii fii #da'awaa teessan
isiniif haa qeebalu.

Galatooma
Jum'aa milkaa'inaa isinif haat'uu
t.me/faayaislamummaa.
@Umar_Ali.
#Eenyutu Leylatul Qadriin argata?!
﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩

#Guyyaa sana beekuuf beekuu dhabuu miti dubbiin, Kurnan xumuuraa  keeyritti cimuudha malee.

#Namni halkan san niyyaa tolfatee tattaafate kamuu badhaasa kana ni goonfata!

#Dhukkubsataan hospitaala siree gubbaa jirus.

#Imalaan imala irra jirus Namuu bakka jirutti halkan kana zikrii fii waan shari'aan hojjachuu isaaf hayyamte yoo hojjate ni argata!

#Halkan kana maaltu hojjatama?!
﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩

#Salaata (Magribarraa qabee hanga subhiitti,salaata sunnaalees)
#Qur'aaana qara'uu
#Zikrii heddummeessuu.
#Sadaqaa kennachuu.

#wanta keyri jedhame, hundaa hanga danda'ameen godhuu dha!

Du'aa'ii halkan leeylatal qadrii jedhamtu
ाााााााााााााााााााााााााााााााााााा

سألَتْهُ صلى اللهُ عليهِ وسلَّمَ عائشةُ رضي الله عنها : إنْ وافقتُها فبِمَ أدعو؟ قال قولي : اللهمَّ إنك عفوٌ تحبُّ العفوَ فاعفُ عني.

🏷Allaahumma innaka afuwwun, tu hibbu al-afwa fa'afu annii.

Yaa rabbii kiyya ati irra namaaf dabraadha, irra namaaf dabruus jaallatta, irra naa darbi.
​​Sirna Barnootaa Haaraa Hojiirra Oolchuuf Kutannoon Barsiisaa Hundaa Ol Murteessaadha Jedhame.
----------------
BBO- Fulbaana 6/2016 Leenjiin Leenjistootaa Sirna Barnootaa Haaraa Manneen Barnoota Sad. 2ffaa guyyaa lamaaf irratti mari'atamaa ture har'a xumurameera.
Leenjii kenname irratti hirmaattotni garee gareen qoodamanii marii taasisaa kan turan yoo ta'u, marii kana keessatti Sirna Barnootaa Haaraa hojiirra oolchuun dhaloota gahumsa qabu oomishuu keessatti kutannoon barsiisaa hundaa ol murteessaa ta'uu ibsaniiru.
Barsiisaan dhaloota egeree gahumsa itti horuun hawaasa qaroome arguuf of kennee kutannoon yoo hojjate malee galma barbaadame gahuun rakkisaa ta'a, kan jedhan hirmaattotni mootummaanis kitaaba barataa hattatamaan dhaqqabsiisuu akka qabu himaniiru.
Yaadni waliigalaa hirmaattotaa irraa ka'es;
-Kitaaba barataa yeroon maxxansiisanii dhiheessuu irratti qaamni hundi xiyyeeffannoo kennee irratti hirmaachuu akka qabu,
-Leenjiin kun sadarkaan caasaa gara gadiifis haluma walfakkaatuun kennamuu akka qabu marii gareen gaggeeffame keessatti akka ijootti qabxii ka'e ta'uu,
- Gahumsa barsiisotaa irrattis ciminaan hojjatamuu qaba, keessattuu barnoota sadarkaa 2ffaa Afaan barnootni qophaa'een(Ingiliffaan) barsiisuu irratti hanqinni waan jiruuf irratti hojjatamuu akka qabu,
-Barnoota Sadarkaa 1ffaa keessatti barsiisotni Afaan Oromootiin barreessuu irratti rakkatan waan hedduu ta'aniif keessattuu barsiisota kutaa 1- 4 barsiisan kanneen Afaan Oromootiin barreessuu rakkatan irratti hojjachhuu qabna kan jedhan hirmaattotni, rakkoo kana hiikuuf leenjiin walirra hin cinne keenuufii akka qabaniif hordoffii barbaachisaa ta'e gochuun akka isaan irraa eegamu akka yaada walii galaatti kaasaniiru.

Leenjitootni guyyaa lamaaf leenji'an kunnin guyyaa boruu 07/01/2016 irraa jalqabanii hanga 12/01/2016 hanga mana barnootaa gadi buusuu akka qaban qajeelfamni kennameefiira.
Meeshaan itti leenjisanis qajeelfamoota Imaammata Barnootaa Haaraa, maanuwaalii Imaammataa, kitaaba mala ittiin barsiisanii, maanuwaalii karoora boqonnaa(Unit Plan), viidiyoo haala sirna barnootaa haaraa ittiin barsiisaniifi  barreeffamoota 'Softcopy' adda addaa akka ittiin leenjisan kennameefii jira.

Dhumarratti, akka Biiroo Barnootaa Oromiyaatti guyyaa 07-12/01/2016 Torban Barnootaa kabajamuu qaban I/A hoggantuu Biiroo Barnootaa Oromiyaa adde Magartuu Mahaammadiin ifa taasifamee jira.
Guyyootni Kunniinis;
07/01/2016, #Guyyaa_Safuu
08/01/2016, #Guyyaa_Saayinsiifi_Teeknoloojii
09/01/2016, #Guyyaa_Barreessuu_Dubbisuu, Lakkoofsa QoyyabachuufiHerreguu,
10/01/2016,
#Guyyaa\Tajaajila Lammummaa,
11/01/2016, #Guyyaa_Daa'imman Hundi Gara Mana Barnootaatti Deebi'an
12/01/2016, #Guyyaa_Madaqsina Sirna Barnootaa Haaraa jedhaman Biiroo Barnootaa Oromiyaa irraa kaasee hanga manneen barnootaatti haala ho'aa ta'een akka kabajaman ergaan darbeera.
Haaluma wal fakkaatuun guyyaa manneen barnootaa banaman 14/01/2016 irraa eegalee torban 6f kan turu #Duulli_Dubbisuu_Barreessuu_Lakkoofsota_qoyyabachuufi_Herreguu dandeessisuu barattoota kutaa 1-4 jiraniif taasifamu kan itti fufu ta'uu qaba kan jedhan adde Magartuun, dhumarratti, Hojii qulqullina barnootaa mirkaneessuuf hojjannus ta'ee, leenjii Sirna Barnootaa Haaraa irratti guyyaa lamasf ture kana galmaan gahuuf kutannoon dursa sadarkaa jirru irraa jalqabamuu waan qabuuf galtanii akka hojiirra oolchitan jechuun leenjiin xumuramuu ibsaniiru.
#Hubachiisa:- Manneen Barnootaa Kan Adeemsa Baruufi Barsiisuu kan eegalan/Banaman #Fulbaana_14/2016, Ganama Sa'aatii 2:00 irraa ta'a.

maddi👇
Oromiaeducationbureau
t.me/Sammaan
Forwarded from Turullee Dhugatu Mo'ata
#Magaalaa_Alii

#Godina_Baalee, #Magaalaa_Aliitti, Markaza Daaral Hijrateeyni, #Guyyaa 24/04/2024 or 16/08/2016tti, Urjii Rabbiin Oromiyaa keenna badhaase, kan dhaloota xurree hundaan qaruun (Diinii fi Baruumsa Idilee), barsiisuun seenaa biyya keenna keessatti asiin dura hin argaminiif hin beekkamne hojjachuun dhaloota xurree hundaan qaroome qaree baasuun beekkamu Shek Qamar ziyaaruun, Sagantaan leenjii  #Islaamummaan #Addunyaaf jedhu turtii sa'aa sadii (3) kennuun, gammachuu guddaan du'aa'ii Hayyuu keennaa Shek Qamar fudhachuun milkiidhaan goolabnee, gara magaalaa birootti imallee jirraa. Imalli keenna kan Baalee akka milkii guddaa ta'u du'aa'ii keessaniin nu faanaa jiraadhaa. Hawaasa keenna kan rafe hunda Rabbiin nuuf haa dammaqsuu. Amiiiin


https://t.me/Xaaliburidallah
Forwarded from Turullee Dhugatu Mo'ata
#Magaalaa_Arba_Goona
Marsaa lammaffaaf
#Namoota_225 tuu #Islaamummaa_fudhate.

#Naannoo_Sidaamaa
#Magaalaa_Arba_Goonaatti #Guyyaa 18/06/2024 or 11/10/2016tti Jilli da'awaa Shek Habiib Leencaatiin dursamu sochii taasiseen, dhiiraa 195 fi dubartoota 30, wolumaa galatti #namoota_225 gara Amantii Dhaloota isaanitti deebi'anii jiruu. Masjid nuuf ijaaraa, nama nu barsiisu nuuf qacaraa, sana booda waan Ummanni Sidaamoo ta'uu jiru nu laalaa. Namni Islaamummaa irraa duubatti deebi'u tokkoo hin jiruu jedhan. Faaruun kan Rabbii keennaatii. Alhamdulillah. Tuun tanaa tuun ganaa. Inshaa Allah. Hawaasni keenna maal jettu mee dubbii tana irraatti? Yaada keessan nuuf bareessaa.

https://t.me/Xaaliburidallah
#BEEKSISA_WAAMICHA_GALMEE_BARATTOOTAA
Biiroon Barnootaa Oromiyaa Barattoota Qormaata naannoo kutaa 8ffaa Bara 2016 fudhatanii qabxii ol'aanaa fidanii gara kutaa 9ffaatti darban qormaata seensaa keennee Manneen Barnootaa Ifa Boruu Bultii Addaa Sad.2ffaafi Manneen Barnootaa Addaa Sad.2ffaatti barsiisuuf beeksisa ulaagaa galmee baasee jira.
#Haaluma_Kanaan;

Ulaagaa Simannaa Barattoota Kutaa 9ffaa Manneen Barnoota Addaafi Bultii Addaa Bara 2017
#Ulaagaalee_Galmee
Qormaata naannoo kutaa 8ffaatiin #qabxiin #giddugaleessaa (Average) #dhiiraaf 85%fi isaa ol, #Shamarraniif 82%fi isaa ol kan qaban
#Tiraaniskiriiptii kutaa 7ffaa fi 8ffaa giddugaleessaan #dhiiraaf 85%fi isaa ol, #Shamarraniif 75%fi isaa ol;
#Tiraaniskiriiptii gosa barnootaa #Afaan _Ingilizii fi #Herregni qofaatti shallagamee kan kutaa 7ffaa fi 8ffaa giddugaleessaan #dhiiraaf 75%fi isaa ol, akkasumas #Shamarraniif 70% fi isaa ol kanneen qaban.
#Naannoo_Horsiisee_Bulaaf- #Qabxii G/Galeessaa Qormaata kutaa 8ffaa Dhi- % 82 Dub- %80
#Tiraaniskiriiptii_kutaa 7ffaa fi 8ffaa giddugaleessaan #dhiiraaf 85%fi isaa ol, #Shamarraniif 75%fi isaa ol;
#Tiraaniskiriiptii gosa barnootaa Afaan #Ingiliziifi_Herregni qofaatti shallagamee kan kutaa 7ffaa fi 8ffaa giddugaleessaan #dhiiraaf 75%fi isaa ol, akkasumas #Shamarraniif 70% fi isaa ol kan qaban
#Qaama Miidhamtootaaf- #Qabxii G/Galeessaa Qormaata kutaa 8ffaa #Dhi- %82 #Dub- %80
#Tiraaniskiriiptii kutaa 7ffaa fi 8ffaa giddugaleessaan #dhiiraaf 85%fi isaa ol, #Shamarraniif 75%fi isaa ol;
#Tiraaniskiriiptii gosa barnootaa Afaan #Ingiliziifi #Herregni qofaatti shallagamee kan kutaa 7ffaa fi 8ffaa giddugaleessaan dhiiraaf 75%fi isaa ol, akkasumas Shamarraniif 70% fi isaa ol kan qaban.
Umrii yeroo kutaa 9ffaa seenu waggaa 16 kan hin caalle
#Guyyaa_Galmeefi #Bakki_Galmeen Itti Geggeeffamu:
#Guyyaa_Galmee: #Hagayya 06 hanga 10/2016 ta' a.
#Iddoo_Galmee: Wajjira Barnoota #Aanaaleefi Bul/Magaalotaa Oromiyaa hundaafi Waajjira Barnoota Kutaalee Magaalaa Shaggariifi Finfinnee keessatti ta'ee qormaanni barreeffamaa jiddugala 24 irratti kan kennamu ta’ee  iddoon isaa Godinaaleefi Magaalotaaf keessaan kan beeksisnu ta'a.
#Guyyaa_Qormaataa- #Hagayya 24/2016
Waraqaa eenyummaa isaan ibsu qabachuun bufata qormaataatti argamuu qabu
Qabxii ittiin darbamu
80% Qabxii qormaata barreeffamaa
15% qabxii ministrii
5% qabxi Transkriiptii
#Iddoo_Ramaddii: Barattootni Qabxii darbinsaa fiduun darban Manneen barnootaa bultii addaa BBOfi WMOn ramadutti barachuuf qophii kan qabu/du ta’ee kanneen hafan qabxii darbinsaa Biiroon murteessee beeksisuun MBA Yunivarsiitii, Godinaaleefi Magaalotaan bulaniifi isaanitti dhiyoo ta’anitti galmaa’uun barachuu kan danda’an ta’uu ni hubachiifna.

BBO irraa