Dawaa Qalbii
6.67K subscribers
1.23K photos
20 videos
10 files
1.94K links
Kayyoon:-Barnoota Diinii hanga beeknu waliif qoodudha akkasumas kan idilee akka itti jabaannu walgorsuudha
Gorsa bifa gabaaban dhihessuu
Tarii Ergaan asiin dabarsinu nama fayyaddi.
Join godhi hiriyyoota keetis affeeri.
@Sammaan
Yaadaf ↓↓↓↓↓↓

@Rabbiiftai
Download Telegram
#BEEKSISA
12/06/2016

Hoggansa Barnootaa , Barsiisota , Maatii Barattoofi Barattoota kutaa 6ffaafi 8ffaa Oromiyaa hundaaf.
Akkam Jirtan?

#Qormmaata_Kutaa_6ffaafi_8ffaa_bara_barnootaa_2016_kennamu ilaalchisee gamanummaa qophiin akka taasiftan isin beeksifna.

#A- Bara Barnootaa 2016 akka Naannoo Oromiyaatti,
#Barattootni_kutaa_6ffaa;
Dhiirri - 386,703,
Dubartiin - 345,540,
waliigala barattootni kutaa 6ffaa 732,243 yeroo duraatiif qoruumsa Naannoo ni fudhatu.
Biiroon Barnoota Oromiyaa hir'ina dhiyeessii kitaabaafi muuxannoo dhabuu barattootni qormaatichaarratti qaban yaada keessa galchuu, bara kanaaf akka shaakalaaf(ka'umsaaf) ta'u bara duraa kanaaf qofa Qoruumsi Naannoo Kutaa 6ffaa Gosa Barnoota Shan qofa akka ta’uufi qabiyyeen isaas kutaa 6ffaa keessaa qofa kan qophaa'u ta’uu isin beeksisina .

#Gosa_Barnootaa_Qormaatn_Kutaa_6ffaa_keessaa_qophaa'u;
1.Afaan Dhalootaa
2. Afaan Ingilizii
3.Herrega
4.Saayinsii Naannoo
5. (Barnoota Gadaafi Safuu )
#Yeroon_Qoruumsaa immoo, #Caamsaa 26-30/2016 ta’a.

#B- Barattoota #Kutaa_8ffaa_Bara_Barnootaa 2016 Qormaata Naannoo Fudhatan Ilaalchisee;
Barattootni Qormaata Fudhatan
- Dhiirri 347,313
- Dubartiin 323,963
Waliigala barattooni 671,276 qoruumsa naannoo bara 2016 ni fudhatu jedhamee eegama.
Qoruumsi kutaa 8ffaatis qabiyeen isaa kan kutaa 8ffaa keessaa qofa kan qophaa'u yoo ta'u ,
#Yeroon_qorumsaa
#Waxabajjii 3-7/2016 ta’a .

#Gosa_Barnootaa_Qorumsi Kutaa_8ffaa keessaa_qophaa'us;
1.Afaan Dhalootaa
2.Afaan Lammaffaa
3.Afaan Ingilizii
4.Herrega
5.Saayinsii Hawaasaa
6.Saayinsii Waliigalaa
7.Barnoota gosoota hunda galaa (Gadaa fi Lammummaa ) ta'uu gamanumaa isin beeksifna.
Maatiin, Barsiistoniifi hoggansi barnootaa kana beektanii barattoota keenya akka qopheessitan dursinee isin hu bachiisaa, barattootnis haaluma kanaan qoohii akka gootan
Isin hubachiifna.
maddi👇👇👇👇👇
Biiroo Barnootaa Oromiyaa.
Guraandhala 12/2016
FINFINNEE

@Sammaan
Qormaata_Kutaa_6ffaafi_8ffaa Naannoo Oromiyaa #Guyyoota_60_Qofatu_Hafe
----------
BBO - Bitootessa 26/2016 Qormaatni Naannoo Oromiyaa kutaa 6ffaafi 8ffaa bara 2016  kennamu Gosoota Barnootaa Qormaatni Irraa Qophaa'e:
A - #Kutaa_6ffaaf
----------------
Qormaatni kan qophaa'u barnoota kutaa 6ffaa irraa qofa yoo ta'u, isaanis;
1.Afaan Oromoo/Amaariffa
2. Afaan Ingilizii
3.Herrega
4.Saayinsii Naannoo
5. Barnoota Gadaa 50%fi i Safuu 50%
#Guyyaan_Qormaata_kutaa_6ffaa
#Caamsaa 26-30/2016, ji'oota 2 ykn Guyyoota 60 qofatu hafe.

B- #Kutaa_8ffaaf
-----------------
Qormaatni kutaa 8ffaa kan qophaa'u barnoota kutaa 8ffaa irraa qofa yoo ta'u, Gosootni Barnootaas;
1-Afaan Oromoo/Amaariffa
2-Afaan Ingilizii
3- Herrega
4- Saayinsii Hawaasaa
5- Saayinsii Waliigalaa
6- Barnoota Gadaa 50%fi Lammummaa 50%  ta'a.
#Guyyaan_Qormaataa_immoo #Waxabajjii  03-07/2016, ji'a lamaafi guyyoota 8 qofa ykn #Guyyoota_68_qofatu_hafe.

Kanaafuu, Barattootnifi Barsiisotni keenya akkasumas,  Maatiim Barattootaa ji'oota lamaan hafan kana barattootni gara hundaan qormaataaf akka qophaa'an gargaarsi barbaachisu haa taasifamu kan jedhu dhaamsa keenya ta'a.

BBO

🔎 Exam Questions 🔎 - https://t.me/Sammaan
Forwarded from Oromia Education Bureau (BIIROO BARNOOTAA OROMIYAA(2016 E.C))
22/09/2016
#Hubachiisa

#Qormaata_kutaa_6ffaafi_8ffaairratti dhimmoota #xiyyeeffannoo_barbaadan:-
----------------------

Biiroon Barnootaa Oromiyaa seenaa keessatti isa jalqabaafi adda ta'e barattoota miiliyoona 1.4 ol ta'aniif qormaata Naannoo kennuuf qophii xumureera.
Qormaata Naannoo kan fudhatan barattoota #kutaa_6ffaa 731,955 #kutaa_8ffaan immoo, 672,500, #walitti_barattoota 1,404.455 yoo ta'an,
#Caamsaa 29-30/2016fi #Waxabajjii 4-5/2016tti walduraa duubaan qormaata kan kennu ta'uun beekameera.

#Baay'inni #barattoota_qormaata_fudhachuuf_qophaa'anii (kutaa 6fi 8 qofti) lakkoofsa biyyoota addunyaa hedduu(#Jibuutii_dabalatee_baay'ina #ummata_biyyoota_70 ol ta'an kan caaludha.

Akka naannootti barattoota heddummina hanganaa qaban qoruu jechuun humna namaa, maallaqaafi meeshaalee hedduun kan irratti dhangala'e ta'uun beekamaadha.

Kanaafuu, Qormaatni kun akka galma gahu hawaasni, maatiin baratttootaa, caasaan mootummaa sadarkaan jiru, qaamni nageenyaa sadarkaan jiru, abbootiin Gadaa, haadholiin Siinqee, abbootiin amantii, caasaan barnootaa sadarkaan jiru, qaamni waraqaa qormaataa geejjibsaa jiru, qaamni waraqaa qormaataafi iddoo qormaataa hordofu hundi #firiin_barattoota_keenyaa_akka_jalaa_hin_qisaasamne qormaatni raabsamee, kennameefi waraqaan deebii qormaataa hanga Biiroo Barnootaatti deebi'utti, #keessattuu_Gumiin_Tiraansiformeeshiinii_Barnootaa_Oromiyaa_sadarkaan_jirru_hundi_xiyyeeffannoo_olaana_kennuun_hordofuu qabna.

#Xiyyeeffannoowwan;
#Waraqaan_qormaataa_yeroo geejjibamu_konkolaataa irratti/bakka kuufamutti roobni akka hin tuqne, bakka wanti waraqaa nyaatu hinjirre(hantuuta),fi kkf hin jirre taa'uu qaba.
#Qormaatni_hannaaf_akka_hin-saaxilamne,
#Iddoon_Qormaatni_itti_kennamu nagaa kan qabuufi waca hin qabne.
#Qormaata_booda,_waraqaan_deebii of eeggannoon saamsamee gara BBO akka dhufu hordoffii wal irraa hincinne gochuu milkaa'inaaf haa hojjannu..

#CARRAA_GAARII !

-BBO-

🔔 You Tube Official 🔔 - https://www.youtube.com/@Oromiaeducationbureau. |

👍 Facebook  Official 👍 - https://www.facebook.com/biiroobarnootaaoromiyaa/

📖 New curriculum 📖 - https://t.me/oeb_book_store