Dawaa Qalbii
6.98K subscribers
1.26K photos
21 videos
10 files
1.98K links
Kayyoon:-Barnoota Diinii hanga beeknu waliif qoodudha akkasumas kan idilee akka itti jabaannu walgorsuudha
Gorsa bifa gabaaban dhihessuu
Tarii Ergaan asiin dabarsinu nama fayyaddi.
Join godhi hiriyyoota keetis affeeri.
@Sammaan
Yaadaf ↓↓↓↓↓↓

@Rabbiiftai
Download Telegram
Kadhimamtoota sagantaa digirii jalqabaa 2014 simataman.pdf
8.7 MB
#Beeksisa

Barattoonni Digirii Jalqabaa KBB addaaddaatti ramadamtan iddoo ramaddii keessanii ilaallattanii gaafa 22-24/09/2014tti KBB itti ramadamtanitti argamuun akka galmooftan isin beeksisna


◈ ━━━━━━━━ ● ━━━━━━━━ ◈
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA
📡MIIDIYAA📡JOIN👇SHARE
@ABDII_SABAA1
@ABDII_SABAA1
@ABDII_SABAA1

📚KITAABA BARATAA📚
https://t.me/+G5ZeAWrgdBswODU0


➦ Hiriyyoota keef hiruu hin dagatin,

◈ ━━━━━━━ ⸙ ━━━━━━ ■
#Beeksisa_Hojii
#Barsiisota_117_Barbaada
Barsiisota Yuunivarsitii Appilaayidii Irraa Eebbifamaniif!!

Gosa Barnootaa:-
Ingiliffa,
Herreega,
Seenaa,
Ji'ogiraafii,
Fiiziksii,
A/Amaaraa, ICT,
A/Oromoo fi
Og-artii irratti Qacaruuf!
Guyyaan galmeee 15-24/2/2015tti.

Waajjira Barnootaa G/H/Lixaa


SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA
📡MIIDIYAA📡JOIN👇SHARE
@ABDII_SABAA1
@ABDII_SABAA1

📚KITAABA BARATAA📚

https://t.me/+G5ZeAWrgdBswODU0
Forwarded from ʀᴀғɪɪǫᴜʟ ɪsʟᴀᴀᴍ ᴡᴀᴠᴇʀ
#Beeksisa_Dhuunfaa

Carraa DV Ameerikaa isiniif guunna!(DV-2025)

➙ Xumuramuuf Guyyaa 10 qofatu hafe!

DV-2025 kana nu biratti qulqullinaan akka isiniif guutamu kan feetan karaa #OroDV2025 nu qunnamaa:
Forwarded from ABDII SABAA
#Beeksisa

Barattoota Qormaata Irra Deebii(Re-Exam) fudhattanu maraaf:-

Qormaata bahuumsaa Gurraandhala 6/2016'tti kennamu qoramuuf eega kan jirtan, qoramtoonni hunduu lakkoofsa iccitii ittiin qormatan(password) akkaataa asii gadiin ibsameen argachuu dandeessu.

1.Yeroo galmooftan email keessan guuttaniin.

2.https://exam.ethernet.edu.et irra seenuun Transaction Number kaffaltii ittiin raawwattan guutuun.

3. Yuunivarsitii itti qormatan deemuun Yuunivarsitiicha irraa argachuu dandeessu.

#Hubachiisa
Barattoonni marsaa jalqabaaf qormaata bahuumsaa fudhattanu martuu lakkoofsa iccitii keessanii ittiin qormatan Yuunivarsitii keessan Dura bu'aa Muummee keessanii biraa kan argattanu ta'a.

Qormaanni Moodeela haga Gurraandhala 5/2016'tti kennama.

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

📚ODEEFFANNOO BARNOOTAAF 📚
@ABDIISABAA 📚
#BEEKSISA
12/06/2016

Hoggansa Barnootaa , Barsiisota , Maatii Barattoofi Barattoota kutaa 6ffaafi 8ffaa Oromiyaa hundaaf.
Akkam Jirtan?

#Qormmaata_Kutaa_6ffaafi_8ffaa_bara_barnootaa_2016_kennamu ilaalchisee gamanummaa qophiin akka taasiftan isin beeksifna.

#A- Bara Barnootaa 2016 akka Naannoo Oromiyaatti,
#Barattootni_kutaa_6ffaa;
Dhiirri - 386,703,
Dubartiin - 345,540,
waliigala barattootni kutaa 6ffaa 732,243 yeroo duraatiif qoruumsa Naannoo ni fudhatu.
Biiroon Barnoota Oromiyaa hir'ina dhiyeessii kitaabaafi muuxannoo dhabuu barattootni qormaatichaarratti qaban yaada keessa galchuu, bara kanaaf akka shaakalaaf(ka'umsaaf) ta'u bara duraa kanaaf qofa Qoruumsi Naannoo Kutaa 6ffaa Gosa Barnoota Shan qofa akka ta’uufi qabiyyeen isaas kutaa 6ffaa keessaa qofa kan qophaa'u ta’uu isin beeksisina .

#Gosa_Barnootaa_Qormaatn_Kutaa_6ffaa_keessaa_qophaa'u;
1.Afaan Dhalootaa
2. Afaan Ingilizii
3.Herrega
4.Saayinsii Naannoo
5. (Barnoota Gadaafi Safuu )
#Yeroon_Qoruumsaa immoo, #Caamsaa 26-30/2016 ta’a.

#B- Barattoota #Kutaa_8ffaa_Bara_Barnootaa 2016 Qormaata Naannoo Fudhatan Ilaalchisee;
Barattootni Qormaata Fudhatan
- Dhiirri 347,313
- Dubartiin 323,963
Waliigala barattooni 671,276 qoruumsa naannoo bara 2016 ni fudhatu jedhamee eegama.
Qoruumsi kutaa 8ffaatis qabiyeen isaa kan kutaa 8ffaa keessaa qofa kan qophaa'u yoo ta'u ,
#Yeroon_qorumsaa
#Waxabajjii 3-7/2016 ta’a .

#Gosa_Barnootaa_Qorumsi Kutaa_8ffaa keessaa_qophaa'us;
1.Afaan Dhalootaa
2.Afaan Lammaffaa
3.Afaan Ingilizii
4.Herrega
5.Saayinsii Hawaasaa
6.Saayinsii Waliigalaa
7.Barnoota gosoota hunda galaa (Gadaa fi Lammummaa ) ta'uu gamanumaa isin beeksifna.
Maatiin, Barsiistoniifi hoggansi barnootaa kana beektanii barattoota keenya akka qopheessitan dursinee isin hu bachiisaa, barattootnis haaluma kanaan qoohii akka gootan
Isin hubachiifna.
maddi👇👇👇👇👇
Biiroo Barnootaa Oromiyaa.
Guraandhala 12/2016
FINFINNEE

@Sammaan
#BEEKSISA_WAAMICHA_GALMEE_BARATTOOTAA
Biiroon Barnootaa Oromiyaa Barattoota Qormaata naannoo kutaa 8ffaa Bara 2016 fudhatanii qabxii ol'aanaa fidanii gara kutaa 9ffaatti darban qormaata seensaa keennee Manneen Barnootaa Ifa Boruu Bultii Addaa Sad.2ffaafi Manneen Barnootaa Addaa Sad.2ffaatti barsiisuuf beeksisa ulaagaa galmee baasee jira.
#Haaluma_Kanaan;

Ulaagaa Simannaa Barattoota Kutaa 9ffaa Manneen Barnoota Addaafi Bultii Addaa Bara 2017
#Ulaagaalee_Galmee
Qormaata naannoo kutaa 8ffaatiin #qabxiin #giddugaleessaa (Average) #dhiiraaf 85%fi isaa ol, #Shamarraniif 82%fi isaa ol kan qaban
#Tiraaniskiriiptii kutaa 7ffaa fi 8ffaa giddugaleessaan #dhiiraaf 85%fi isaa ol, #Shamarraniif 75%fi isaa ol;
#Tiraaniskiriiptii gosa barnootaa #Afaan _Ingilizii fi #Herregni qofaatti shallagamee kan kutaa 7ffaa fi 8ffaa giddugaleessaan #dhiiraaf 75%fi isaa ol, akkasumas #Shamarraniif 70% fi isaa ol kanneen qaban.
#Naannoo_Horsiisee_Bulaaf- #Qabxii G/Galeessaa Qormaata kutaa 8ffaa Dhi- % 82 Dub- %80
#Tiraaniskiriiptii_kutaa 7ffaa fi 8ffaa giddugaleessaan #dhiiraaf 85%fi isaa ol, #Shamarraniif 75%fi isaa ol;
#Tiraaniskiriiptii gosa barnootaa Afaan #Ingiliziifi_Herregni qofaatti shallagamee kan kutaa 7ffaa fi 8ffaa giddugaleessaan #dhiiraaf 75%fi isaa ol, akkasumas #Shamarraniif 70% fi isaa ol kan qaban
#Qaama Miidhamtootaaf- #Qabxii G/Galeessaa Qormaata kutaa 8ffaa #Dhi- %82 #Dub- %80
#Tiraaniskiriiptii kutaa 7ffaa fi 8ffaa giddugaleessaan #dhiiraaf 85%fi isaa ol, #Shamarraniif 75%fi isaa ol;
#Tiraaniskiriiptii gosa barnootaa Afaan #Ingiliziifi #Herregni qofaatti shallagamee kan kutaa 7ffaa fi 8ffaa giddugaleessaan dhiiraaf 75%fi isaa ol, akkasumas Shamarraniif 70% fi isaa ol kan qaban.
Umrii yeroo kutaa 9ffaa seenu waggaa 16 kan hin caalle
#Guyyaa_Galmeefi #Bakki_Galmeen Itti Geggeeffamu:
#Guyyaa_Galmee: #Hagayya 06 hanga 10/2016 ta' a.
#Iddoo_Galmee: Wajjira Barnoota #Aanaaleefi Bul/Magaalotaa Oromiyaa hundaafi Waajjira Barnoota Kutaalee Magaalaa Shaggariifi Finfinnee keessatti ta'ee qormaanni barreeffamaa jiddugala 24 irratti kan kennamu ta’ee  iddoon isaa Godinaaleefi Magaalotaaf keessaan kan beeksisnu ta'a.
#Guyyaa_Qormaataa- #Hagayya 24/2016
Waraqaa eenyummaa isaan ibsu qabachuun bufata qormaataatti argamuu qabu
Qabxii ittiin darbamu
80% Qabxii qormaata barreeffamaa
15% qabxii ministrii
5% qabxi Transkriiptii
#Iddoo_Ramaddii: Barattootni Qabxii darbinsaa fiduun darban Manneen barnootaa bultii addaa BBOfi WMOn ramadutti barachuuf qophii kan qabu/du ta’ee kanneen hafan qabxii darbinsaa Biiroon murteessee beeksisuun MBA Yunivarsiitii, Godinaaleefi Magaalotaan bulaniifi isaanitti dhiyoo ta’anitti galmaa’uun barachuu kan danda’an ta’uu ni hubachiifna.

BBO irraa