Dawaa Qalbii
6.5K subscribers
1.1K photos
20 videos
10 files
1.8K links
Kayyoon:-Barnoota Diinii hanga beeknu waliif qoodudha akkasumas kan idilee akka itti jabaannu walgorsuudha
Gorsa bifa gabaaban dhihessuu
Tarii Ergaan asiin dabarsinu nama fayyaddi.
Join godhi hiriyyoota keetis affeeri.
@Sammaan
Yaadaf ↓↓↓↓↓↓

@Rabbiiftai
Download Telegram
Forwarded from Oromia Education Bureau (BIIROO BARNOOTAA OROMIYAA(2016 E.C))
22/09/2016
#Hubachiisa

#Qormaata_kutaa_6ffaafi_8ffaairratti dhimmoota #xiyyeeffannoo_barbaadan:-
----------------------

Biiroon Barnootaa Oromiyaa seenaa keessatti isa jalqabaafi adda ta'e barattoota miiliyoona 1.4 ol ta'aniif qormaata Naannoo kennuuf qophii xumureera.
Qormaata Naannoo kan fudhatan barattoota #kutaa_6ffaa 731,955 #kutaa_8ffaan immoo, 672,500, #walitti_barattoota 1,404.455 yoo ta'an,
#Caamsaa 29-30/2016fi #Waxabajjii 4-5/2016tti walduraa duubaan qormaata kan kennu ta'uun beekameera.

#Baay'inni #barattoota_qormaata_fudhachuuf_qophaa'anii (kutaa 6fi 8 qofti) lakkoofsa biyyoota addunyaa hedduu(#Jibuutii_dabalatee_baay'ina #ummata_biyyoota_70 ol ta'an kan caaludha.

Akka naannootti barattoota heddummina hanganaa qaban qoruu jechuun humna namaa, maallaqaafi meeshaalee hedduun kan irratti dhangala'e ta'uun beekamaadha.

Kanaafuu, Qormaatni kun akka galma gahu hawaasni, maatiin baratttootaa, caasaan mootummaa sadarkaan jiru, qaamni nageenyaa sadarkaan jiru, abbootiin Gadaa, haadholiin Siinqee, abbootiin amantii, caasaan barnootaa sadarkaan jiru, qaamni waraqaa qormaataa geejjibsaa jiru, qaamni waraqaa qormaataafi iddoo qormaataa hordofu hundi #firiin_barattoota_keenyaa_akka_jalaa_hin_qisaasamne qormaatni raabsamee, kennameefi waraqaan deebii qormaataa hanga Biiroo Barnootaatti deebi'utti, #keessattuu_Gumiin_Tiraansiformeeshiinii_Barnootaa_Oromiyaa_sadarkaan_jirru_hundi_xiyyeeffannoo_olaana_kennuun_hordofuu qabna.

#Xiyyeeffannoowwan;
#Waraqaan_qormaataa_yeroo geejjibamu_konkolaataa irratti/bakka kuufamutti roobni akka hin tuqne, bakka wanti waraqaa nyaatu hinjirre(hantuuta),fi kkf hin jirre taa'uu qaba.
#Qormaatni_hannaaf_akka_hin-saaxilamne,
#Iddoon_Qormaatni_itti_kennamu nagaa kan qabuufi waca hin qabne.
#Qormaata_booda,_waraqaan_deebii of eeggannoon saamsamee gara BBO akka dhufu hordoffii wal irraa hincinne gochuu milkaa'inaaf haa hojjannu..

#CARRAA_GAARII !

-BBO-

🔔 You Tube Official 🔔 - https://www.youtube.com/@Oromiaeducationbureau. |

👍 Facebook  Official 👍 - https://www.facebook.com/biiroobarnootaaoromiyaa/

📖 New curriculum 📖 - https://t.me/oeb_book_store