Dawaa Qalbii
6.61K subscribers
1.19K photos
20 videos
10 files
1.9K links
Kayyoon:-Barnoota Diinii hanga beeknu waliif qoodudha akkasumas kan idilee akka itti jabaannu walgorsuudha
Gorsa bifa gabaaban dhihessuu
Tarii Ergaan asiin dabarsinu nama fayyaddi.
Join godhi hiriyyoota keetis affeeri.
@Sammaan
Yaadaf ↓↓↓↓↓↓

@Rabbiiftai
Download Telegram
ODUU AMMEE!

Hoggansi Waraana Sudaan Ministira Mummee biyyatti Abdallaa Hamdook to'annoo jala oolche
---------------

Ministirri Mummee Sudaan Abdallaa Hamdook hoggansi waraana biyyattiitin hidhaa dhaabbiirra akka turan godhamu isaani miidiyaaleen biyyatti gabaasaa jiru.

Hoggansi waraanaa Sudaan Janaraal Alburhaanin durfamu MM Hamdook dabalataan anga'oota olaanoo biroos to'annoo jala oolchu himameera.

Tibba kana Sudaan keessatti hiriira mormii bulchiinsa waraanaa biyyatti mormu gaggeeffame akka ture ni yaadatama.

@Gadaapost
@Sammaan
Majliisni haaraan Islaama tokkichaan alatti maxxantoota kaan hinbeeku, ittis hin fayyadamu” -Sheek Hajii Ibraahim Tufaa.

Qaamootni yeroo ammaa gara hoggansa Majliisaatti dhufan waggoota dheeraadhaaf warroota tokkummaa amantichaa cimsuuf dhama’aa turaniin kan guutame ta’uu Pirezdaantiin Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa Sheek Hajii Ibraahim Tufaa ibsaniiru.

Hoggansi Majliisaa haaraa filatame yeroo ammaa walharkaa fuudhiinsa biiroofi meeshaalee garaa garaa taasisaa jiraachuu Bariisatti kan himan Pirezdaantichi, qaamota hoggansa duraa keessaa kanneen biiroofi qabeenya deebisan akkuma jiran, warreen sababa garagaraatiin hanga ammaatti qabeenya harkasaanii jiru hindeebifneef immoo xalayaa barreessaa jiraachuu dubbatu.EPA

@tikvahethafaanoromoo
@Sammaan
#BEEKSISA
12/06/2016

Hoggansa Barnootaa , Barsiisota , Maatii Barattoofi Barattoota kutaa 6ffaafi 8ffaa Oromiyaa hundaaf.
Akkam Jirtan?

#Qormmaata_Kutaa_6ffaafi_8ffaa_bara_barnootaa_2016_kennamu ilaalchisee gamanummaa qophiin akka taasiftan isin beeksifna.

#A- Bara Barnootaa 2016 akka Naannoo Oromiyaatti,
#Barattootni_kutaa_6ffaa;
Dhiirri - 386,703,
Dubartiin - 345,540,
waliigala barattootni kutaa 6ffaa 732,243 yeroo duraatiif qoruumsa Naannoo ni fudhatu.
Biiroon Barnoota Oromiyaa hir'ina dhiyeessii kitaabaafi muuxannoo dhabuu barattootni qormaatichaarratti qaban yaada keessa galchuu, bara kanaaf akka shaakalaaf(ka'umsaaf) ta'u bara duraa kanaaf qofa Qoruumsi Naannoo Kutaa 6ffaa Gosa Barnoota Shan qofa akka ta’uufi qabiyyeen isaas kutaa 6ffaa keessaa qofa kan qophaa'u ta’uu isin beeksisina .

#Gosa_Barnootaa_Qormaatn_Kutaa_6ffaa_keessaa_qophaa'u;
1.Afaan Dhalootaa
2. Afaan Ingilizii
3.Herrega
4.Saayinsii Naannoo
5. (Barnoota Gadaafi Safuu )
#Yeroon_Qoruumsaa immoo, #Caamsaa 26-30/2016 ta’a.

#B- Barattoota #Kutaa_8ffaa_Bara_Barnootaa 2016 Qormaata Naannoo Fudhatan Ilaalchisee;
Barattootni Qormaata Fudhatan
- Dhiirri 347,313
- Dubartiin 323,963
Waliigala barattooni 671,276 qoruumsa naannoo bara 2016 ni fudhatu jedhamee eegama.
Qoruumsi kutaa 8ffaatis qabiyeen isaa kan kutaa 8ffaa keessaa qofa kan qophaa'u yoo ta'u ,
#Yeroon_qorumsaa
#Waxabajjii 3-7/2016 ta’a .

#Gosa_Barnootaa_Qorumsi Kutaa_8ffaa keessaa_qophaa'us;
1.Afaan Dhalootaa
2.Afaan Lammaffaa
3.Afaan Ingilizii
4.Herrega
5.Saayinsii Hawaasaa
6.Saayinsii Waliigalaa
7.Barnoota gosoota hunda galaa (Gadaa fi Lammummaa ) ta'uu gamanumaa isin beeksifna.
Maatiin, Barsiistoniifi hoggansi barnootaa kana beektanii barattoota keenya akka qopheessitan dursinee isin hu bachiisaa, barattootnis haaluma kanaan qoohii akka gootan
Isin hubachiifna.
maddi👇👇👇👇👇
Biiroo Barnootaa Oromiyaa.
Guraandhala 12/2016
FINFINNEE

@Sammaan
​QORMATA BARA 2016

#1_Caamsaa 26-30/2016 #Kutaa_6ffaafi
#2_Waxabajjii 3-7/2016 #Kutaa_8ffaaf ni kennama.
-------------------
BBO-Ebla 30/2016
#1_Qormaatni kutaa 6ffaa Naannoo Oromiyaa kan qophaa'e gosoota barnoota kutaa 6ffaa keessaa qofa yoo ta'u,
Gosootni Barnootaas;
1.Afaan Oromoo/Amaariffa
2. Afaan Ingilizii
3.Herrega
4.Saayinsii Naannoo
5. Barnoota Gadaa 50%fi i Safuu 50% .

#2_Qormaatni kutaa 8ffaa Naannoo Oromiyaa kan qophaa'e; gosoota barnootaa kutaa 8ffaa keessaa qofa yoo ta'u,
Gosootni Barnootaas;
1-Afaan Oromoo/Amaariffa
2-Afaan Ingilizii
3- Herrega
4- Saayinsii Hawaasaa
5- Saayinsii Waliigalaa
6- Barnoota Gadaa 50%fi Lammummaa 50% ta'a

#DHAAMSA!
#_Gumiin Tiraansiformeeshinii Barnootaa (GTB) hordoffiin keessan daran cimuu qaba,
#_Barsiisotni keenya barattootaaf deeggarsi taasifamaa jiru itti haa fufu,
#_Hoggansi manneen barnootaa haala mijaawaa irratti of kennitanii hojjachuu qabdu,
#_Maatiin barattootaa ijoollee keessaniif xiyyeeffannoon keessan daran haa dabalu,
#_Hundaa'ol #barattootni_keenya_Addunyaa_Iftuu_Egeree_arguuf har'a #ciminaan_qo'achuufi #tasgabbiin_qprmaataaf_of_qopheessuu_qabdu kan jedhu dhaamsa BBO ti.

#CARRAA_GAARII !!
BBO

🔔 You Tube Official 🔔 - https://www.youtube.com/@Oromiaeducationbureau. | 👍 Facebook  Official 👍 - https://www.facebook.com/biiroobarnootaaoromiyaa/
📖 New curriculum 📖 - https://t.me/oeb_book_store
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM