Dawaa Qalbii
6.62K subscribers
1.19K photos
20 videos
10 files
1.9K links
Kayyoon:-Barnoota Diinii hanga beeknu waliif qoodudha akkasumas kan idilee akka itti jabaannu walgorsuudha
Gorsa bifa gabaaban dhihessuu
Tarii Ergaan asiin dabarsinu nama fayyaddi.
Join godhi hiriyyoota keetis affeeri.
@Sammaan
Yaadaf ↓↓↓↓↓↓

@Rabbiiftai
Download Telegram
Obsaan akkasuma Xiinxallaan Dubbisi👇👇👇👇
#DHAAMSA_BARATTOOTAAF
◇◇◇◇◇◇◇◇◇◇◇◇◇◇

Assalaamu Aleeykum warahmatullaahi wabarakaatuhu

Barattoonni dhiyeenya kana qormaata biyyooleessaa seensa Yuniversiitii (entrance) fadhattan ergaa kana xiinxalaa waliifis share godhaa!!!

Obboloota koo kabajamoo fi jaalatamoo, ati nama muslimaati, nama fedhii Rabbii isaatiif butamedha, jireenyi addunyaa kanaa bu'aa fii bahii hedduun guutamaadha. Qormaanni diinii fi duniyaa sirratti dabaree eeggata. Hammuma ati cimtee kaayyoo kee galmaan ga'uuf imala fageeffattuun gufuun sitti heddummaata. Qormaanni duniyaa dhuma hin qabu, gaddi ykn kufaatiin tokko gammachuu ykn milkaa'ina birootiif karra saaqa. Rabbiin balbala tokko yoo sijalaa cufe balbala biraa siif bana.

Ati qormaataa entrance darbuu dadhabde jechuun kana booda Yuniversiitii hin seentu jechuu miti. Inumayyuu hunda caalaa hanqina kee fooyyeeffattee fuulduraaf onnattee jabaatta. Hiriyoonni kee kanneen harra qormaata darban irra caalatti hin ciman taanan bor deebi'anii galu. Kanaafuu ati abdii hin kutin, nama jabaa tahi, olola ganda keessaa sirratti haasa'amuuf gurra hin kennin, hariiroo siifii Rabbii kee gidduu jiru jabeeffadhu. Kaayyoo kee sana irra deddeebi'ii ilaali, karaa ittiin milkeeffachuu dandeessu xiinxalii tarreessi. Wanti Rabbiin fide hunduu kheeyrumaafi waan ta'eef yeroo bilisa(free) harkaa qabdu tana akka itti fayyadamtu yaadi. Murtee Rabbii jaaladhu. Irra deddeebi'ii Rabbii kee gargaarsa kadhadhu, aqiidaa keetis qajeelfadhu. Inshaa Allaah waggoota muraasa booda bakka gaarii geessee si argina.

Atis yaa kan Rabbiin si gargaaree qormaata kana darbite, gammachuu kee daangaa itti godhi. Rabbii carra kana siif mijeessetti faallaa hin deebi'in . Yuniversiitii seenuun #Jannata seenuu miti, inumaa mooraa sheeyxanaan guutame, Kan jallinni keessatti heyyamamee fi nama gaarii ta'uun akka haraamaatti ilaalamudha. Ati hawaasa Muslimaa bakka buutee Yuniversiitii deemta waan ta'eef ofii keetiif ajajaa tahi, ofii kee, maatii kee, ganda kee, akkasumas guutuu hawaasa Muslimaa tajaajiluuf qophaa'i. Qormaanni sheeyxaanaa fi ciminni barnootaa of duuba si deebisuu fi si gufachiisuu hin qabu.

Obboleessa koo ati obboleettii too
Ba'aa guddoo dhalootaa dhalootatti darbetu gateettii keessan irra jira, barattanii qabxii bareedaan eebbifamtanii, rakkoolee nam-tolchee fi uumamaa hawaasni Muslimaa qabu kana furuuf ammumaan qophaawaa.

Jama'aatti maxxanaa, Rabbitti hirkadhaa, onnadhaa, karoorfadhaa, Du'aa'II fi zikrii galaa godhadhaa!!! Inshaa Allaah warra milkaa'ina ummata keenyaatiif sababa tahu taatanii argamtu!! Rabbiin gargaarsa isaatiin isin bira haa dhaabbatu!!!!

Ergaa kana share godhaa

@kennaapost
@Sammaan
#DHAAMSA:Ajaayibaa Raayyaa Abbaamacca!💌
-Oromoo ta'ee namni amantii an hordofu hin hordofne, amantiirraa kan hafe waan hunda na biraa qaba. Namummaa, sabummaa, hidda, lafaa fi lafee na biraa qaba!

-Yoon of ta'en eenyummaa nama kaanii kabajee waliin jiraadha. Kunimmoo duudhaa amantii kootiiti.
Amantiima kootu rakkoo hawaasaa akkan dubbadhu na ajaja.
-Baran ABO'tti galuuf Obbo Nadhii Gammadaa bira deeme, maal yaadda jedhanii na gaafatan. Anis deebiseen, hamma gaafa haati shawaa naannawa magaa Finfinnee kana keessa jirtu kaboota dugdatti baachuurraa gara harreetti fe'achuutti tarkaanfattuutti akkan itti rafu hinqabun jedheen.

-Isaanis umurii kanaan erga waan akkanaa yaaddee bakka guddaa geessa Abshir’ naan jedhan.
-Kanaaf amantiima kootu namoomaaf, bineensaaf, biqiltuuf uumama hundaaf akkan yaadu na dirqamsiisa” dubbii ajaayibaa fi barsiisaa hawa qofaan guute kana hayyuu Oromoo Raayyaa Abbaa Maccaatu nuuf dhaame. Haa galatoomu!
https://www.facebook.com
Seenaa Jimjimoo

@Sammaan
GORSA

Nama si miidhe RABBIIN nama isa miidhu itti godha!
Nama si boochise guyyaa tokko RABBIIN boochisuuf taa'a!
Yoo akkas nama gootes akkas ta'uuf teessa!

Qalbiin dhiifama beektu: tasgabbii dhugdee qananiiti.
Sammuun murtii RABBII jaalatte: ifaa gammachuutiin guutamti!
Yaa ALLAAH jedhaa rafi. Ganama kolfaa Al-Hamdulillaah jedhaa dammaqxaa!

Hangam geessus boolla biyyee keessatti awwaalamuuf deemta!
Ilmi namaa akka waan ati takkaa hin dhalatinitti si irraanfachuuf taa'u!
Hojii gaarii fi amala gaarii qofatu addunyaa kanarratti sirraa hafa!
Qaama caala seenaa kee hin dagatin!

Yoo hiriyyoomte: nama iccitii kee eegu. Hanqina kee guutu. Gaarii kee raabsu. Dogoggora kee maree dhoksu maletti hin hiriyyoomin. Yoo dhabde of qofatti hiriyyoomi!

Gadhee fi gadiin namaa: nama yoo siin wal dhabu gaarii kee wakkatuu dha.
Ammoo jabaa fi gaariin namaa: kan yoo siin wal dhabes gumaacha kee hin dagannee dha.
Kaan nurraa qabee
Kaan nutti haa qabu!

Jaalalleen osoo wajjiin jiraattu tasa sitti jijjiiramee si iddu: duraanuu bofa suuraa namaatiin si wajjiin jiraatuu dha.
Garuu dandeettii fakkeessee jiraachuu haala adda taheen danda'a waan ta'ee si daguu danda'e malee!
Bofa afaa jalaa RABBIIN nu haa baraaru!

Nama si miidhee hamilee kee cabse: daftee irraa kafalachutti hin deemin!
Irraa achi siqii waan RABBI isa godhu laali!
RABBIIN gaafa namaaf kafalu nama quubsa!
Garaa bobahe RABBIIN haa qabbaneessu !

Nama badaa fi jallataa yoo RABBIIN ol fuudhe hin ajaa'ibsiifatin!
Wanti ol fuudhuuf ol fageessee gaafa lafaan rukutu akka inni caccabuufi!
Adeemsi RABBII nama dhiba!

Namni duubaan si waraanu nama akkaan sitti dhiyaatu tahuu hin dagatin!
Saniif fuula dhokfatee jiruu tee duubaan waraane!
Of eeggadhu !
Buutii akkasii RABBIIN waliin nun gahin!

Namni hedduu siif obsee si danda'u: gaafa garaan cite lammata hin deebi'u!
Namni akkasii hedduu waan hin argamneef hin qisaasin!

Inni maaf na gate? Inni maaf nan gaafanne?! Jettee namarra of hin eegin!
Namni dhugaan si jaalatu si gatuu fi si dagatuu hin danda'u waan ta'eef!

Qabeenyi si boonsu: hiyyummaa dha
Beekumsi si koorsu: harrummaa dha!
Bareedumni si goobsu: jazbummaa dha!
Join https://t.me/Alrisala1
Oduu!
Uffanni Ka'abaa guyyaa kaleeysaa jijjiirameera. Uffanni Ka'abaa duraan Kan jijjiiramu ji'a Zulhijjaa keessa Yoo tahu waggaa arraa irraa eegalee, ji'a Muharram keessa jijjiiramti ja'ameera. Waa'ee jijjiiraa Uffata Ka'abaa isiniif qooduu?!

- Uffanni Ka'abaa kun irra Qaalii uffata Addunyaa Yoo tahu waggaa arraa dooraala Miliyoona 6.5 tu itti baafame.

- Uffanni kun Wagga Waggaan King Abdulaziiziin irraa jijjiirama. Hojjattoota 200 oltu itti hirmaata.

- Uffanni kun ulfaatinni isaa 850 Kg nitaha. Waggaa arraatiis Uffanni kun Nama hedduun daawwatameera!

Amata dhufu Nama Ka'abaa tana jala dhaabbatee Labbeeyka ja'u Rabbi sihaa godhu!
From https://t.me/Alrisala1

T.me/Sammaan
Forwarded from AL-RISALA HUMANITY CENTER (said Leader)
Dhiifama namaa godhuu baradhu,garuu miidhama kee irraanfattee,yeroo lama akka hin iddamne uf tiksi, Biyyi lafaa tuni,nama kufe irra ijjattee dabarti malee, uf duuba garagaltee,harka qabdee,nama hin kaaftuu hubadhu!

ila
Rakkoo hin sodaatin,rakkattu malee rakkoo keessaa hin baatuu xiinxalli,rakkoo ija isii waraantee hinjifattu malee,ija kee waraantee sijaamsitii quba qabaadhu.

Ekaa
“Miila deemeefi nama deegetu waa arga”jedha Oromoon,ati kan biyya kee jirtu kun,joollee bahratti dhumaa jirturraa waa baradhu,hiyyummatti harka kennuu diddaaf,lubbuu takkitti qaban qabdii kennanii, abbaa biyyaatiin kokkee wal-qabaa hojjatanii,maatii ufii jiraachisaa jiruu,maa al tokkoo gadi laalii xiinxalli.

Jaaloo
Miidhama keetiif mataa keettu itti gaafatamaa beeki, laalaa kee,namni sii laalatu hinjiruu ufitti himi,seequu ormaa,dhugaa hin sehin,”Filiitii”raammoo ajjeesuuf oomishamerra “fotoo” jiru sana jaalalaaf gubbatti hin fannifnee taajjabi,lubbuu isii balleessina laalii summii kana nurraa biti jedhanii sitti himuuf,summii filiitii irratti, suuraa arraabbii”bararoo”fannisanii argi!

Obbolaa
ija namaa keessa laaluu dhiisii,waan harkaa qabdu guddifadhu,haati manaa kee,nama bultii hin qabneef hawwiidhaa beeki,Joolleen tee,nama ilmoo dhabeef hawwiidhaa argi,manni kee,nama mana kiraa galuuf hawwiidhaa laali,hujiin kee,nama hujii hin qabneef hawwiidhaa xiinxalli,fayyaan kee,nama siree irra ciisuuf hawwiidhaa taajjabi,imalli kee,nama mana hidhaa jiruuf hawwiidhaa uf qusadhu.

Hey
Rooba dheettee,aduu jalaa gortee,humna qusattee, ufitti qoosaa,bilbila qabattee gurri si ho’aa bulaa,falli ati argattu hinjiruu,muldhii kee hidhadhuu,hujii kee hojjadhuu,nama tahi.

Hojohoo
Namni ati eeggattuufi erkataa taatee komattu sun, walumaan guddattee,waliin ooltee bultee,si biraa kutee,atis kutadhuu hujii keetitti bobba’ii nama tahi malee,weedduu komii keetiitiif,namni gurra sii laatu hinjiruu,abdii kutii,hiyyummaa kee keessaa bahi!

Namana
Ardiin baldhoon deemtee fixuu hin dandeenne tuni, wanti sitti dhiphatteef,yaada keettu dhiphaadhaa, yaada kee baldhifadhuu laali! Santu Seera!
https://t.me/Alrisala1
Forwarded from AL-RISALA HUMANITY CENTER (said Leader)
القبر باب كل الناس داخل
QABRIIN BALBALA ILMI NAMAA HUNDUU SEENU
🌴Gandi Duniyaa Ganda Jalqabni Isii Booyichaa , Walakkaan Isii Ciinqaa Xummurri Isii Dhabamiinsaati .
🛎Duniyaa Keessatti Hanga Feetes Turtu Ni Dhabamta , Hanga Feetes Guddattu Ni Dhokatta , Hanga Feetes Gabbattu Ni Nyaatamta .
Duniyaan Ganda Itti Jiruu Aakiraa Itti Dalagatan .
Duniyaan Ganda Jiruu Aakiraatiif Keessa Dabran .
Duniyaan Ganda Dalagaati Aakiraan Ganda Galataati .

🌴Namni Duniyaa Keessatti Rakkatus , Qananiin Jiraatus Xummurri Ilma Namaa Hunduu Qabrima .
Qabriin Balbala Ilmi Namaa Hunduu Irra Dhufuun Isaa Hin Hafneedha .
لماذا نتكلم عن الموت
📝Waa’ee Du’aa Maaliif Dubbanna ?!
لأن كل مخلوق يموت ، ولا يبقى إلا ذو العزة والجبروت ، والليل مهما طال فلا بد من طلوع الفجر ، العمر مهما طال فلا بد من لزوم القبر ، فإذا حملت الى القبور جنازة فاعلم بأنك بعدها محمول .

🌛Waa’ee Du’aa Wanni Nu Dubbachiise , Wanti Rabbiin Uume Hunduu Ni Du’a , Rabbi Uumamtoota Argamsiise Qofatu Jiraataa Dha .
🌓Halkan Hanga Fedhes Turu Bari’uun Isaa Hin Oolamu ,
💪🏾 Umriin Ilma Namaas Hanga Fedhes Dheeratu Qabrii Seenuun Isaa Hin Oolamu .
Ati Gara Qabrii Nama Du’e Yoo Baatte .. Boru Situ Gara Qabrii Baatamaa Beeki !

الإنسان بضعة ايام كل ما انقضا يوم انقضا بضع منه ، إذا فأنت زمن ، أو رأس مالك هو الزمن ، لذا أقسم الله بالزمن ( والعصر إن الإنسان لفي خسر اي خاسر ، فال سائل لما الخسارة يا الله قال : لأن مضيع زمنه وحده يستهلكه إذا فأنت زمن ،
🌔 Ilmi Namaa Cittu Guyyaa Irraa Taate , Hunda Yeroo Guyyaan Tokko Darbuu Umriin Kee Dhumaa Deemaa , Kanaaf Ati Guyyaa Dha Jedhame.
Kanaaf irra caalaan wanti ati handhuurfattuu yeroo dha . kanaaf rabbiin yeroodhaan kakate
( والعصر إن الإنسان لفي خسر اي خاسر )
yeroon irra guddaa qabeenya ati handhuurfattuuti .

Yeroo kee hin balleessin umrii kee balleessutti jirta .
sagantaa itti aanu keessatti Nu eeggadhaa
@Alrisala1
share waliif godhaa Hojii gaggaarii du'a booda isin fayyadduf ittiin gorfamaa .
https://t.me/Alrisala1
liinkii kana kutaa itti aanu hordofaa !!
https://www.youtube.com/channel/UC0lfP1IZwIMrUmXpFpxLX7g
​QORMATA BARA 2016

#1_Caamsaa 26-30/2016 #Kutaa_6ffaafi
#2_Waxabajjii 3-7/2016 #Kutaa_8ffaaf ni kennama.
-------------------
BBO-Ebla 30/2016
#1_Qormaatni kutaa 6ffaa Naannoo Oromiyaa kan qophaa'e gosoota barnoota kutaa 6ffaa keessaa qofa yoo ta'u,
Gosootni Barnootaas;
1.Afaan Oromoo/Amaariffa
2. Afaan Ingilizii
3.Herrega
4.Saayinsii Naannoo
5. Barnoota Gadaa 50%fi i Safuu 50% .

#2_Qormaatni kutaa 8ffaa Naannoo Oromiyaa kan qophaa'e; gosoota barnootaa kutaa 8ffaa keessaa qofa yoo ta'u,
Gosootni Barnootaas;
1-Afaan Oromoo/Amaariffa
2-Afaan Ingilizii
3- Herrega
4- Saayinsii Hawaasaa
5- Saayinsii Waliigalaa
6- Barnoota Gadaa 50%fi Lammummaa 50% ta'a

#DHAAMSA!
#_Gumiin Tiraansiformeeshinii Barnootaa (GTB) hordoffiin keessan daran cimuu qaba,
#_Barsiisotni keenya barattootaaf deeggarsi taasifamaa jiru itti haa fufu,
#_Hoggansi manneen barnootaa haala mijaawaa irratti of kennitanii hojjachuu qabdu,
#_Maatiin barattootaa ijoollee keessaniif xiyyeeffannoon keessan daran haa dabalu,
#_Hundaa'ol #barattootni_keenya_Addunyaa_Iftuu_Egeree_arguuf har'a #ciminaan_qo'achuufi #tasgabbiin_qprmaataaf_of_qopheessuu_qabdu kan jedhu dhaamsa BBO ti.

#CARRAA_GAARII !!
BBO

🔔 You Tube Official 🔔 - https://www.youtube.com/@Oromiaeducationbureau. | 👍 Facebook  Official 👍 - https://www.facebook.com/biiroobarnootaaoromiyaa/
📖 New curriculum 📖 - https://t.me/oeb_book_store
Forwarded from AL-RISALA HUMANITY CENTER (said Leader)
💕GUYYAA GUDDAA
❤️SANBATA
🧶Baalee Roobee
☘️Eebba Barattoota Hifzii Qur'aanaa Waggaa 2f Markaza Hamzaa ibnu A/Muxxalib Keessaatti Barataa Turan
Barattoota kennaa fi Dandeettii addaa Horatan Ifaajee isaanii kan Waggaa Lamaa Gaafa Guyyaa Sanbata #Muharram /14/1446 Magaalaa Roobee Masjida Hamzaa Keessaatti Qophii Adda ta'een Bakka Ulamaa'onni Hedduu argamanitti Gammachuun Ni Eebbisa !
🌿#Eebbi Eebba Qur'aana Olii hin jiru Eebba Duniyaa fi Aakiraati
📍Baga itti Geettan !!!
🙏#Rabbiin Qur'aana kanaan Abbaa Fedhee ol fuudha jedhan Rasuulli .
🌼#Jabaadhaa Qur'aanaa Ol wanni Irratti Hirmaannu hin jiru .
#Wal argaan #Sanbata Baalee Roobeetti .
🌱Namni Waan ofii kana lafa Buusa Jabeessaa Guyyaa Kana Qur'aana Urgeessaa .
https://t.me/Alrisala1