Dawaa Qalbii
6.45K subscribers
1.09K photos
18 videos
10 files
1.78K links
Kayyoon:-Barnoota Diinii hanga beeknu waliif qoodudha akkasumas kan idilee akka itti jabaannu walgorsuudha
Gorsa bifa gabaaban dhihessuu
Tarii Ergaan asiin dabarsinu nama fayyaddi.
Join godhi hiriyyoota keetis affeeri.
@Sammaan
Yaadaf ↓↓↓↓↓↓

@Rabbiiftai
Download Telegram
#Ramadaanaa_Akkamitti_simanna ??

#كيف_نستقبل_شهر_رمضان؟؟


١-النية الخالصة.
1⃣ Niyyaa qulqulluun.
Ji'a ramadaanaa haalaa rabbii keenna irratti herreegataa taaneen niyyaa qulqulluun simatuu qabna

٢-الرجوع الى الله.
2⃣ Gama rabbii deebi'uu.
Dilii dalayne hundaa irraa gama rabbii seenooynee gaabbinee deebi'uun xurii ma'asiyaa hunda irraa qulqullaahuun.
Akkasuma ulaagaa Towbaa guutuun
1-Dilii hojjataa jirru dhiisuun
2-Waan dur dalaynee dabarsine irratti seenahuun
3-Itti hin deebi'uu jennee muratuun

٢-بالتعلم احكام رمضان.
3⃣ Seera ramadaanaa baratuun.
Namni muslimaa tokko rabbii isaa akkaataa itti gabbaru baratuu qaba
Akkasuma akkaataa ramadaana itti soomuu  waajibaata isaa, wanta sooma nama jalaa balleessu hundaa baratuun dirqama isaati.

٤-العفو للناس.
4⃣ Namaaf irra dabruun.
Ramadaana kana keessa nama itti mufanne, zannii itti banne hundaaf dhiifama goonee laphee teenna nama hundaa haala diriirsaa taaneen simatuu qabna.

٥-العزم والهمة العالية.
5⃣ Murannoofii kaayyoo jabaa.
Murannoo jabaan kaayyoo kaayyeeffannee akkataa ji'a kana keessa boojuu fii badhaasa guddaa rabirraa argannuun kan akka salaataa kan akka Qiraatii qur'aanaa kan akka I'itikaafaa, Sadaqaa, karoorfannee itti seenuu qabna.

٦-شكر نعمة بلوغ رمضان.
6️⃣ Qananii Ramadaana gahuu galatoomfatuu.
Ramadaana dabre soomtee carraa argatte ka baranaatiin wal gahuu keetiif rabbii kee galatoomfadhu, tola sitti oolee waggaa itti si naanneessuu isaatiif, meeqaa kami ka ji'a kabajamaa kana osoo hawwuu lubbuun dabarte atis waggaa dhufu hin deebitaaf hin deebituu kee waan him beeyneef keeyrii keessa dalagadhu obboleeyyan tee si bira godaananis araaramaan yaadadhu.


اللهم بلغنا رمضان...

Yaa rabbi ji'a Ramadaanaa nuun gahi.

By✍🏾Fares Muhammed
   

Share waliif gochuu hin irraanfatinaa

https://t.me/Sammaan
Forwarded from Gali Ababor Official
6/Arjoomuu fi qur'aana qara'uu:
Quraana qara'uu fi arjoomuun yeroo hundaa jaallatamaa dha. Garuu sooma keessa caalaatti jaalatama.
روى البخاري عن ابن عباس رضي الله عنهما قال: كان رسول الله صلى الله عليه وسلم أجود الناس، وكان أجود ما يكون في رمضان حين يلقاه جبريل، وكان يلقاه في كل ليلة من رمضان فيدارسه القرآن فلرسول الله صلى الله عليه وسلم أجود بالخير من الريح المرسلة
Abdallah bin Abbaas irraa akka odeffametti Rasuulli (SAW) nama hunda irra arjaa turani. Yeroo hundarra kan isaan arjaa ta'an ramadaana keessa yeroo jibriil isaan qunnamu. Halkan ramadaanaa cufa jibriil rasuula bira dhufee quraana wajjin qara'a. ogga sana Ergamaan Rabbii (SAW) qilleensa biyya tokko balleessuuf arifattu caalaa khayritti arifatu. Bukhaaritu gabaase.

7/ Kurnan dhumaa keessa ibaadaatti jabaachuu:
روى البخاري ومسلم عن عائشة رضي الله عنها أن النبي صلى الله عليه وسلم: " كان إذا دخل العشر الاواخر أحيى الليل، وأيقظ أهله، وشد المئزر ".
Aa’ishaa irraa akka odeefaametti Rasuulli(SAW) “yeroo kurnan dhumaa seene halkan ibaadaan fayyisu, maatii isaanii dammaqsu, marxoo isaanii jabeeffatu" Bukhaarii Fi Muslimtu gabaasan.

8/ Namootan faxarsiisuu: inni kun akkuma nama cufa birattuu beekamu namni nama soomu faxirsiise miindaan soomichaa isaafis Rabbiin biratti ni barreeffama.
SEERA 10 JIREENYA GAARIIDHAAF
••••••••••••••••••••••••••••••••••••

1. Yoomiyyuu nama hin jibbin,onnee tee qulqulleessi.

2. Hin yaaddawin,Rabbitti irkadhu.

3. Jireenya salphaa jiraadhu,jiruun siif salphata fedhii rabbiitiin.

4. Xiqqoo eeggadhu,waanuma argattetti gammadi, Alhamdulillaah jedhi.

5. Hedduu kennitu hedduu argatta,ni badhaafamta fedhii rabbiitiin.

6. Yeroo hundaa seeqadhu,seequun sadaqaadha, namoonni birootis yoo si wajjiin jiran ni gammaduutii.

7. Jaalalaan jiraadhu,namoota birootis rabbiif jecha jaaladhu.

8. Adaduma hedduu salaattuun,hedduu badhaafamta.

9. Beekkumsa kee namaaf qoodi,yoo kan aayata tokkollee qur`aana keessaa kan beektu taate.

10. Yeroo hundaa rabbii kee yaadadhu, waan hafe onneen kee ni barbaddiitii.

JECHA HAYYICHA KEENYA DR ZAAKIR NAAYIKI.

https://t.me/derajemea
T.me/Sammaan
Forwarded from Fursaan Media
#Ramadaaniyyaat...
#رمضانيات...
Kutaa6⃣ffaa

#Namoota_sooma_furuun_hayyamamuuf

1⃣Nama dhukkubsate
       👉🏽Yoo dhibeen ka isa hinjifattu taate guyyaa san furee guyyaa biraa deebisa (qadaa kafala)
       👉🏽Yoo nama dhibee irraa fayyuun isaa hin kajeelamne tahe sooma furee guyyaa furu hundaa muskiina nyaachisa.

2⃣Nama Imala deeme
      👉🏽Nama imala baheef sooma furuun isaa hayyamamee jira yoo soomuu dandahee soomes bareeda yoo kan hin dandeenne tahee fures bareeda guyya fure kana qadaa ni deebisa.

3⃣ Nama maanguddoome
      👉🏽Namni yoo maanguddoome humna ittiin soomu waan hin qabneef guyyaa sooma fure hundaa ni nyaachisa sooma deebisuun isaarra hin jiru .
قال إبن عباس رضي الله عنه "رخص للشيخ الكبير أن يطعم عن كل يوم مسكينا ولا قضاء عليه"

4⃣ Dubartii Ulfaa fii Hoosistu.
      👉🏽Dubartiin ulfaa fii hoosistu lubbuu  isiitiifii daa'ima garaa qabdu irratti yoo sodaatte sooma ni furti gaafa sooma soomuun isii miijjaahe guyyaawwan furtee san deebisaa Miskiina tokko nyaachisti

5⃣Dubartii dhiiyni dhalaatiifii dhiiyni ji'aa irra jiru.
     👉🏽Dubartiin dhiiynii dhalaatiifii dhiiyni ji'aa ( Laguun ) irra jiru sooma ni furti guyyaa qulqullooyte qadaa deebisti.
                 Itti fufa...

Kutaa7️⃣ffaa
Wantoota Ramadaana keessa dalaguun sirraa eeggamu
Mata duree jedhuun nu eegaa.

Obboleeyyan keessaniif Share godhaa

@Fursaan_Media
     @Fursaan_Media

http://t.me/Fursaan_Media
Forwarded from Nuuralhudaa (TU)
Walloon nu waamaa jirti!

Waraana ummata Walloo irratti baname waan salphatti laaluu qabnuu miti. Hawaasni hundi bakka hundaa dammaqee waan kana mormachuu qaba. Imaamonni masjiidaa, majliisni naannoleetiifi hoggantoonni majliisa federaalaa, dhimma kanarratti waan danda’an hunda godhuu qaban. Osoo hawaasni Walloo dhumu, osoo miidhaan jechaan ibsuun hin danda’amne isaan irra gahu cal’isuun hin taatu. Hundi dammaqee mootummaa irratti dhiibbaa godhee, hawaasa kanaaf dirmannaan akka taasifamu godhuu qaba. ummanni Walloo qaama keenya. Miidhamni isaanii miidhama keenya. Roorroo walirratti laaluun hin taatu. Bakka jirruu waliif dirmachuu qabna.

Ummata Walloo irraa waraanni dhaabbatee hin beeku. Ta’us yeroo Ramadaanaa eeguudhaan obboloota keenya irratti gocha gara jabeenyaa hedduu raawwachuu irratti argaman. Kun ammoo waan akka tasaa mudate osoo hin taane waan itti yaadamee hojjatamaa jiruudha. Kanaafuu bara baraan rakkoo deemaa jirtu tana dhaabsisuudhaaf namuu bakka jiruu dammaqinaan hirmaachuu barbaachisa.

Waraana hamaa yeroo ammaa godina Walloo keessatti gaggeeffamaa jiruun, namoonni madaawan wal’aansa gahaa argachutti hin jiran. Gara Magaalaa Adaamaa deemanii akka hin wal’aanames karaa cufaadha. Imala dheeraa baasii guddaa gaafatuun namoonni muraasni gara magaalaa Adaamaa deemuun tajaajila wal’aansaa muraasa argachaa jiran. Warri carraa argatee gara magaalaa Adaamaa imale kunis gargaarsa nurraa barbaada. Nuti hundi bakka jirrurraa wal gurmeessinee, namoota wal’aansaaf gara Adaamaa deeman kana bira dhaabbachuu qabna. Waan qabnu walitti buusnee obboleewwan keenyaaf tumsuun dirqama Islaamummaati.

Rabbiin ummata Wallootiif haa dirmatu. Tumsa isaatiin isaan bira dhaabbatee nasriin isaan haa gammachiisu
Islaamummaa xiqqeessuun sarara diimaa tuquudha > Majlisa Oromiyaa

Spider Media: Bitootessa 27/2016
Ergaa mana maree dhimmoota Islaamummaa naannoo Oromiyaa
~~
Assalaamu Aleykum Warahmatullah!!

Namooti hedduun dhiphina Diiniidhaaf qaban irratti hundaa'uun "Majliisni Namoota Amantaa keenya xureessan akkam cal jedhee ilaalaa" jedhanii gaafataa jiru. Nuti akka Majlisa Oromiyaa - የኦሮሚያ መጅሊስ - Oromia Mejlis tti dhimmaa laaffisnee ilaallees hin jirru. Garuu akkamiin kallattii seeraatiin namootiin kun itti gaafatamummaa fudhatu isa jedhu irratti hojjetaa jirra. Isinis Ragaalee fi teessoo namoota kanaa karaa keessoon nuu erguun deeggarsa barbaachisaa godha.

Nuuf Islaamummaa keenya xiqqeessuun sarara diimaa ta'uun ifa galaadha waan ta'eef Mootummmaanis nu faana dhaabbatee Namoota nageenya booressuufi Amantaafi Amantaa walitti buusuuf deeman kana adabbii isaani malu akka argatan ni gaafanna.

Nagaa nuuf taha!!
#Majlisa_Oromiyaa

Nu hordofaa
YouTube https://youtube.com/@Spidermedia1
Facebook https://www.facebook.com/SpiderMedia01
Telegram channel https://t.me/spidermediaa
Tik Tok https://www.tiktok.com/@spidermultimedia?_t=8bvc1u3btiv&_r=1
WhatsApp
https://whatsapp.com/channel/0029VaAgkUd8fewqlY5Jlb3I
Umma Life https://ummalife.com/Spidermedia
>#SpiderMedian
@Sammaan
Forwarded from Fu'ee Hassan
As wr wb
Dhaabbanni keenya,
Salaanni keenya,
Qaraatiin qur'aana keenyaa,
Sadaqaan keenya, walumaa galattuu ibaadaan nuti ji'a Ramadaanaa keessa hojjataa turre nurraa qeebalamuufi qeebalamuu dhabuun isiidhaa kan ittiin addaan baafannu ragaa nijira
Yoo ibaadaa soomana keessa hojjataa salaanni salaataa turte haluma sanaan yoo itti fufte mallattoo soomanni kee sirraa qeebalamuuti, kana tahuu baatee ibaadaan kee kan ji'a Ramadaanaa qofa salaatuu, sadaqatuu, taha taanan "AKKA WAAN JI'A GABBARUU NUJALAA FAKKAATA " Yaa ikhwaani fillaahi kanaaf haa jabaannu yeroo hundaa rabbiin ima gabbaramaa.
'Kheeyriitti wal haawaamnuu. '❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️💫❣️
Hanga feete gaariis taatu; hundaa ol bareedinnas qabaattu.. nama sababa tokko malee si jibbu hin dhabdu.
maaliif na jibban jettee hin rifatin.
Hunda dura waa barachuu beekaa tahi... garuu dubbataa dhumaa tahi...!
Yaada mormuu dandeessa... garuu nama yaada san qindeesse hin falmin.
Humnaa ol hin abjatin... hanga abjuun ati keessa seente, iddoo jirtu si dagachiisu takka jechuudha..
bakki ati jirtuu fi haalli ati keessa jirtus akka sin hiine,... hanga abjuu fi kaayyoo manaa baateef dagattu takka.
hundaa giddugaleessa godhachuu qabda.
Yoo ta jaalatte fuudhuu dadhabde... ta fuute jaaladhu... kaayyoo ati kufte sana isheen harka keessaa hin qabdu waan taheef...!
Wantoota osoo ol baasii dalagi siin jedhanii dalaguu saalfattu tokko, maaf dhoksitee akka dalagdu uf gaafadhu mee__?!
Hin sodaatin.. wantoonni sodaannu gariin nutti dhufuu dhabuus danda'a waan taheef...!

@Ibro
👇
https://t.me/Tafakkur
Forwarded from Oromia Education Bureau (BIIROO BARNOOTAA OROMIYAA(2016 E.C))
24/08/2016
#Hatattamaan_Haa_Raawwatu!

Waajjira Barnotaa #Godinaalee_21fi Waajjira Barnootaa #Magaalotaa_23 tiif
B.J.
----------------
#Lafa_Mana_Jireenyaa_Barsiisotaa yeroo gabaabaa keessatti akka kennamuuf Bul. Mootummaa Naannoo Oromiyaa Qajeelfama dabarsee ture irratti hundaa'un Magaalotni muraasni qajeelfama mootummaa kabajuun kan raawwatan yoo ta'u, magaalotni hedduun ammas rincicaa jiru.

Kanaafuu, Waajjirri Barnootaa Godinaalee 21fi Waajjirri Barnootaa Bul. Magaalota 23 dhimma kan qaama dhimmi ilaalu waliin ta'uun hordoffii wal irraa hin cinne taasisuun akka raawwachiistan xalayaan isin gaheera.

🔔 You Tube Official 🔔 - https://www.youtube.com/@Oromiaeducationbureau. |

👍 Facebook  Official 👍 - https://www.facebook.com/biiroobarnootaaoromiyaa/

📖 New curriculum 📖 - https://t.me/oeb_book_store
​QORMATA BARA 2016

#1_Caamsaa 26-30/2016 #Kutaa_6ffaafi
#2_Waxabajjii 3-7/2016 #Kutaa_8ffaaf ni kennama.
-------------------
BBO-Ebla 30/2016
#1_Qormaatni kutaa 6ffaa Naannoo Oromiyaa kan qophaa'e gosoota barnoota kutaa 6ffaa keessaa qofa yoo ta'u,
Gosootni Barnootaas;
1.Afaan Oromoo/Amaariffa
2. Afaan Ingilizii
3.Herrega
4.Saayinsii Naannoo
5. Barnoota Gadaa 50%fi i Safuu 50% .

#2_Qormaatni kutaa 8ffaa Naannoo Oromiyaa kan qophaa'e; gosoota barnootaa kutaa 8ffaa keessaa qofa yoo ta'u,
Gosootni Barnootaas;
1-Afaan Oromoo/Amaariffa
2-Afaan Ingilizii
3- Herrega
4- Saayinsii Hawaasaa
5- Saayinsii Waliigalaa
6- Barnoota Gadaa 50%fi Lammummaa 50% ta'a

#DHAAMSA!
#_Gumiin Tiraansiformeeshinii Barnootaa (GTB) hordoffiin keessan daran cimuu qaba,
#_Barsiisotni keenya barattootaaf deeggarsi taasifamaa jiru itti haa fufu,
#_Hoggansi manneen barnootaa haala mijaawaa irratti of kennitanii hojjachuu qabdu,
#_Maatiin barattootaa ijoollee keessaniif xiyyeeffannoon keessan daran haa dabalu,
#_Hundaa'ol #barattootni_keenya_Addunyaa_Iftuu_Egeree_arguuf har'a #ciminaan_qo'achuufi #tasgabbiin_qprmaataaf_of_qopheessuu_qabdu kan jedhu dhaamsa BBO ti.

#CARRAA_GAARII !!
BBO

🔔 You Tube Official 🔔 - https://www.youtube.com/@Oromiaeducationbureau. | 👍 Facebook  Official 👍 - https://www.facebook.com/biiroobarnootaaoromiyaa/
📖 New curriculum 📖 - https://t.me/oeb_book_store
Forwarded from Jechoota Gaggaarii️️
Biyyoota dhihaa keessatti yeroo kabajaan Qur'aanaa salphatu Pirezidaantiin Iraan Ibraahim Ra'iisii n Yaa'ii walii-galaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii irratti dhihaachuun Qur'aana olkaasanii dhungatanii akkas jechuun mootummoota biyyoota dhihaatti dhaadatan:-

"Kuni (Qur'aanni) waan hundaa keenya waan ta'eef salphisuuf hin yaalinaa! Kuni sarara diimaa keenya dha!!" jechuun dubbatan.


Odeessaalee keenya hordofaa, Share gochuun hiriyoota keessaniif qoodaa.

Telegram:- https://t.me/JechotaGaggaarii
Forwarded from Spider Media
#Breaking
Xiyyaarri Perezidaantii Itti Aanaa Maalaawiifi haadha manaa isaanii akkasumas qondaalota biroo 9 fe'ee ture baduun erga barbaadamaa ture booda kufe caccabuufi lubbuun namoota xiyyaaricha keessa turan hundaa darbuunis ibsame


Spider Media: Zul-Hijjah 5/1445

Xiyyaarri Perezidaantii Itti Aanaa Maalaawiifi haadha manaa isaanii dabalatee namoota 9 fe'ee imalaa ture kufee caccabuun lubbuun namoota xiyyaaricha keessa turan hundaa darbuunis ibsame


Xiyyaarri Pireezidantii Ittaanaa Maalaawii Saawulos Chilimaafi aanga’oota biroo sagal fe’ee ture kaleessa achi buuteen dhabamuun barbaadamaa erga turee booda naannoo gaara Chikangawaa jedhamutti kufee akka cacabe Daily Mirror gabaaseera.

© Amar Temam

Nu hordofaa:
YouTube https://youtube.com/@Spidermedia1
Facebook https://www.facebook.com/SpiderMedia01
Telegram channel https://t.me/spidermediaa
Tik Tok https://www.tiktok.com/@spidermultimedia?_t=8bvc1u3btiv&_r=1
WhatsApp
https://whatsapp.com/channel/0029VaAgkUd8fewqlY5Jlb3I
>#SpiderMedia